Waaqayyoof Abboomamuudhaan Kakuusaarraa Faayidaa Argadhaa
“Waaqayyo . . . ittiin kakachuudhaaf kan isa irra caalu waan hin jirreef, ofii isaatiin kakate.”—IBR. 6:13.
1. Wanti Yihowaan dubbate, dubbii ilmaan namootaa cubbamoo taʼanirraa adda kan taʼe akkamitti?
YIHOWAAN ‘Waaqa dhugaati.’ (Far. 31:5, hiika bara 1899) Ilmaan namootaa cubbamoo waan taʼaniif yeroo hunda amanamoo taʼuu hin dandaʼan. ‘Waaqayyo garuu soba dubbachuun isaaf hin dandaʼamu.’ (Ibr. 6:18, hiika bara 1899; Lakkoobsa 23:19 dubbisi.) Abdiin inni ilmaan namootaatiif kenne yeroo hunda ni raawwatama. Fakkeenyaaf, Waaqayyo wanti inni tokkoon tokkoon jalqaba guyyaa uumamaatti dubbate hundi “akkasuma in taʼe.” Kanaaf, xumura guyyaa uumamaa isa jaʼaffaatti, “Waaqayyo waanuma hojjete hundumaa in ilaale; kunoo, innis baayʼee gaarii ture.”—Uma. 1:6, 7, 30, 31.
2. Guyyaan boqonnaa Waaqayyoo maalidha? Waaqayyo guyyaa kana ‘qulqulluu kan godhe’ maaliifi?
2 Yihowaan wantoota hunda erga uumee booda, gaafa guyyaa torbaffaatti wantoonni inni uume hundi gaarii akka taʼan dubbate. Guyyaan kun guyyaa dheerina saʼaatii 24 qabu utuu hin taʼin, yeroo dheeraa Waaqayyo wantoota lafarraa uumee erga raawwatee booda itti boqotedha. (Uma. 2:2) Guyyaan boqonnaa Waaqayyoo ammayyuu hin xumuramne. (Ibr. 4:9, 10) Macaafni Qulqulluun guyyaa boqonnaan kun itti jalqabe kallattiidhaan hin ibsu. Guyyaan kun kan jalqabe, Hewwaan haati manaa Addaam erga uumamtee booda, jechuunis waggaa 6,000 duradha. Bulchiinsi Yesus Kiristos Waggaa Kumaa dhiheenyatti kan jalqabu yommuu taʼu, yeroo kanatti Waaqayyo lafti barabaraaf jannata akka taatu gochuudhaan, ilmaan namootaa mudaa hin qabneen akka guutamtu godha. (Uma. 1:27, 28; Mul. 20:6) Abdii gammachiisaa akkasii akka qabdu mirkanaaʼoo taʼuu dandeessaa? ‘Waaqayyo guyyaa torbaffaa sana eebbisee waan qulqulleesseef,’ mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeessa. Kun, rakkinni hin eegamne utuu gaʼeeyyuu, kaayyoon Waaqayyoo dhuma guyyaa boqonnaasaatti utuu hin raawwatamin akka hin hafne wabii nuu taʼa.—Uma. 2:3.
3. (a) Guyyaan boqonnaa Waaqayyoo erga jalqabee booda fincila akkamiitu kaʼe? (b) Yihowaan akkaataa fincila kaʼe itti balleessu ilaalchisee maal jedhe?
3 Haataʼu malee, guyyaan boqonnaa Waaqayyoo akkuma jalqabeen rakkinni guddaan ni uumame. Ergamaafi ilma Yihowaa kan taʼe Seexanni waaqeffatamuu barbaade. Soba jalqabaa dubbachuudhaan Hewwaaniin kan gowwoomse siʼa taʼu, isheenis abboommii Yihowaa cabsite. (1 Xim. 2:14) Achiis abbaan manaashee abboommii Yihowaa cabsuudhaan akka ishee deggeru goote. (Uma. 3:1-6) Uumama cufa keessatti amanamummaa Waaqayyoorratti gaaffii cimaan yeroo kaʼettillee, Yihowaan wanti inni abdachiise kan raawwatamu taʼuusaatiif kakuudhaan mirkaneessuun isa hin barbaachisne. Kanaa mannaa, raajii hiiknisaa yeroo Waaqayyo murteessetti hubatamu akkas jechuudhaan dubbateera: “Ani sii [Seexana] fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa; inni [Sanyiin abdachiifame] mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita.”—Uma. 3:15; Mul. 12:9.
KAKUU KARAA SEERAA FAAYIDAA ARGAMSIISU
4, 5. Abrahaam wanta seeraan fudhatama qabu kamitti fayyadame?
4 Addaamiifi Hewwaan cubbuu raawwachuusaanii dura, wanta tokko dhugaa taʼuusaa mirkaneessuuf kakachuun hin beekamu ture. Uumamawwan mudaa hin qabne, Waaqayyoon jaallataniifi fakkeenyasaa hordofan kakuu galuun isaan hin barbaachisu. Yeroo hundumaa dhugaa dubbatu; akkasumas hundisaanii wal amanu. Taʼus, ilmaan namootaa cubbuu raawwachuudhaan mudaa kan qaban yommuu taʼanitti haallisaa ni jijjiirame. Yeroo booda, namoonni wal sobuufi wal gowwoomsuu yommuu jalqaban dhimmoota barbaachisaa taʼan ilaalchisee wanti dubbatan dhugaa taʼuusaa mirkaneessuuf kakachuun baramaa taʼaa dhufe.
5 Abrahaam yoo xinnaate siʼa sadii kakuu seeraan fudhatama qabutti fayyadameera. (Uma. 21:22-24; 24:2-4, 9) Fakkeenyaaf yeroo mootii Elaamiifi warra isa gargaaran moʼee deebiʼetti kakuu galeera. Yeroo kanatti mootonni Saalemiifi Sodoom, Abrahaamiin simachuuf itti baʼan. Malkiisedeq mootiin Saalem ‘luba Waaqayyo isa Hundumaa Gararraa jiruu’ ture. Kanaaf mootiin kun Abrahaamiin ni eebbise; Waaqa isa surraa isaaf kennuudhaan Abrahaam diinotasaa akka moʼu godhes ni galateeffate. (Uma. 14:17-20) Sana booda, Abrahaam namoota mootii Sodoom weerartoota harkaa waan oolcheef mootichi isa badhaasuuf yommuu turetti akkas jedhe: “Ani harka koo gara Waaqayyo gooftaa isa hundumaa gararraa jiruu fi isa waaqaa fi lafa uumetti ol nan kaasa; kanaanis ati, ‘Anatu Abraamin sooromse’ akka hin jenneef, waanuma kan kee taʼe keessaa foʼaa yookiis teepha ittiin kophee hidhatan illee akkan hin fudhanne kakadhee sitti nan hima.”—Uma. 14:21-23.
KAKUU YIHOWAAN ABRAHAAMIIF GALE
6. (a) Abrahaam fakkeenya akkamii nuuf taʼa? (b) Abrahaam Yihowaadhaaf abboomamuunsaa faayidaa kan nuuf argamsiisu akkamitti?
6 Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoota taʼaniif faayidaa argamsiisuuf, “Ani jiraataa dha jedha Waaqayyo Gooftaan” jedhee kakateera. (His. 17:16, hiika bara 1899) Macaafni Qulqulluun, Yihowaan yeroo garaagaraatti al 40 ol kakuu galee akka ture ibsa. Kakuun hunda caalaa beekamaa taʼe, kakuu inni Abrahaamiif gale taʼuu hin oolu. Yihowaan waggoota dheeraa keessatti Abrahaamiif kakuu hedduu kan gale yommuu taʼu, Sanyichi abdachiifame karaa hidda dhalootaa Abrahaam, jechuunis karaa ilmasaa Yisihaq kan dhufu taʼuusaa dubbatee ture. (Uma. 12:1-3, 7; 13:14-17; 15:5, 18; 21:12) Achiis Yihowaan, Abrahaam ilmasaa isa jaallatu aarsaa godhee akka isaaf dhiheessu ajajuudhaan isa qoreera. Abrahaamis yeruma sana kan abboomame siʼa taʼu, ergamaan Waaqayyoo utuu isa hin dhowwine taʼee, Yisihaqiin aarsaa gochuuf jedhee ture. Sana booda Waaqayyo akkas jechuudhaan kakuu gale: “Ati kana waan gooteef, ilma kee isa tokkicha anaaf waan hin mararsiifatiniif, ani maqaa kootiin kakadheera; ani eebba kootiin sin eebbisa, sanyii kees akka urjoota waaqaa, akka cirracha qarqara galaanaas guddisee nan baayʼisa; sanyiin kees karaa kellaa diinota isaa qabatee, mandaroota isaanii kan isaa in godhata. Ati waan anaaf abboomamteef, sabni biyya lafaa irraa hundinuu sanyii keetiin in eebbifamu.”—Uma. 22:1-3, 9-12, 15-18.
7, 8. (a) Waaqayyo Abrahaamiif kan kakate kaayyoo maaliitiif ture? (b) ‘Hoolonni kan biraan’ kakuu Waaqayyo galerraa faayidaa kan argatan akkamitti?
7 Waaqayyo abdiin inni kenne akka raawwatamu Abrahaamiif kan kakate maaliifi? Namoonni kutaa lammaffaa “sanyii” abdachiifamee taʼan, Kiristosii wajjin akka dhaalan isaanii mirkaneessuufi amantiisaanii jabeessuuf ture. (Ibroota 6:13-18 dubbisi; Gal. 3:29) Phaawulos ergamaan, Yihowaan, “Kakaadhaan isa cimse. Waaqayyo abdii fi kakaa hin geddaramne sobnis keessa hin jirre kana lamaaniin jajjabina cimaa akka argannu barbaade; nuyi . . . abdii isa nu dura kaaʼame kana jabeessinee in qabanna” jechuudhaan ibseera.
8 Kakuu Waaqayyo Abrahaamiif galerraa faayidaa kan argatan Kiristiyaanota dibamoo qofa miti. Yihowaan, “Sabni biyya lafaa irraa hundinuu sanyii keetiin in eebbifamu” jechuudhaan Abrahaamiif kakateera. (Uma. 22:18) Namoonni eebbifaman kun, warra Kiristosiif abboomaman, jechuunis “hoolota kan biraa” lafa jannata taaturra barabaraaf jiraachuuf abdii qabanis kan dabalatudha. (Yoh. 10:16) Abdiin keenya gara samii dhaquus taʼe barabaraaf lafarra jiraachuu, Waaqayyoof abboomamuu keenya itti fufuudhaan abdii kana ‘jabeessinee qabachuu’ qabna.—Ibroota 6:11, 12 dubbisi.
KAKUU WAAQAYYO GALE GARABIRAA
9. Waaqayyo, sanyiin Abrahaam garbummaa Gibxii jala ennaa turanitti kakuu akkamii galeef?
9 Yihowaan abdii armaan olitti kenne jabeessuuf jecha jaarraa hedduu booda saba hidda dhalootaa Abrahaam taʼaniifi yeroo sana garbummaa Gibxii jala turanitti akka dubbatu Musee erge. (Bau. 6:6-8) Waaqayyo wanta yeroo sana ture ilaalchisee, “Gaafan Israaʼeliin foʼadhe . . . biyya Gibxii keessaa isaan baasee, gara biyya isa hundumaa caalaa miidhaguutti, isa aannanii fi damma baasutti, isa ani isaaniif ilaalee qopheessetti isaan galchuudhaaf harka koo ol fuudhee isaaniif nan kakadhe” jedheera.—His. 20:5, 6.
10. Waaqayyo, Israaʼeloota garbummaa Gibxii jalaa erga baasee booda abdii akkamii kenneef?
10 Yihowaan, Israaʼeloonni garbummaa Gibxii jalaa erga baʼanii booda kakuu garabiraa akkas jedhu galeef: “Biyyi lafaa guutummaatti kan koo waan taʼeef, isin anaaf yoo dhageessan, kakuu koos yoo eegdan, saba hundumaa keessaa addumaan dhuunfaa koo in taatu. Isin luboota mootii waaqaa fi lafaa ti, saba qulqullaaʼaa anaaf in taatu.” (Bau. 19:5, 6) Mirgi Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne kun baayʼee addadha. Yihowaan, Israaʼeloonni utuu isaaf abboomamaniiru taʼee, namoota luba mootummaa taʼuudhaan ilmaan namootaatiif eebba argamsiisan sabicha keessaa filata ture. Yeroo booda Yihowaan Israaʼeloota ilaalchisee akka fakkeenyaatti, “Si kaadhimadhee ati kan koo taatee sii wajjin kakuutti galeera” jechuudhaan dubbateera.—His. 16:8.
11. Waaqayyo, Israaʼeloonni isaa wajjin kakuu akka galan yommuu isaan afeere maal godhan?
11 Yeroo sanatti Yihowaan, Israaʼeloonni isaaf abboomamuuf dirqamaan kakuu akka galan ykn humnaan isaa wajjin hariiroo akka qabaatan hin goone. Kanaa mannaa filannaasaaniitiin, “Wanta Waaqayyo jedhe hundumaa in goona” jedhanii turan. (Bau. 19:8) Guyyaa sadii booda, Yihowaan sabni inni ofiif filate kun maal gochuu akka qabu Israaʼelootaaf ibse. Jalqaba, Abboommiiwwan Kurnan ni dhaggeeffatan; achiis Museen abboommiiwwan dabalataa Baʼuu 20:22 hanga Baʼuu 23:33rra jiran ibseef. Maarree Israaʼeloonni deebii akkamii kennan? “Sagalee tokkichaan deebisanii ‘Nuyi dubbii Waaqayyo dubbate kana hundumaa in goona’ jedhan.” (Bau. 24:3) Achiis, Museen seerawwan sana “macaafa kakuu[rratti]” erga barreessee booda guutummaan sabichaa lammata akka dhagaʼuuf sagaleesaa guddisee dubbise. Sana booda sabichi siʼa sadaffaatiif, “Wanta Waaqayyo dubbate hundumaa in dhageenya, in goonas” jedhan.—Bau. 24:4, 7, 8.
12. Kakuu seerichaa wajjin haala wal qabateen Yihowaan maal godhe? Israaʼeloonnihoo?
12 Yihowaan gamasaatiin kakuu Seerichaa raawwachuuf yeruma sana sochii kan jalqabe yommuu taʼu, kanaanis ilmaan namootaa cubbamoo taʼan isatti dhihaachuu akka dandaʼan gochuuf godoo qulqullummaafi luboota qopheesse. Karaa garabiraammoo, Israaʼeloonni Waaqayyoof kan of murteessan taʼuusaanii yeruma sana irraanfachuudhaan, ‘isa Qulqulluu kan Israaʼel in aarsan.’ (Far. 78:41) Fakkeenyaaf, yeroo Museen qajeelfama dabalataa fudhachuuf Tulluu Siinaarra baʼetti, Israaʼeloonni obsa kan dhaban siʼa taʼu, Museen akka isaan dhiise yaaduudhaan amantiinsaanii laafee ture. Kanaaf dibicha warqeerraa hojjetame tolchuudhaan, “Yaa Israaʼel Waaqayyo kee inni biyya Gibxii si baase isa kana” jedhan. (Bau. 32:1, 4) Achiis, “Ulfina gooftichaatiif guyyaa ayyaanaa haa taʼu!” jechuudhaan bifa fakkeenyaa hojjetaniif sagaduufi aarsaa dhiheessuuf walitti qabaman. Yihowaan gochasaanii kana erga argee booda Museedhaan, “Karaa ani isaan abboome irraa dafanii goran” jedheera. (Bau. 32:5, 6, 8) Kan nama gaddisiisu sana boodas, Israaʼeloonni wareega Waaqayyoof galan irra deddeebiʼanii diiganiiru.—Lak. 30:2.
KAKUU DABALATAA LAMA
13. Waaqayyo Daawit Mootichaaf kakuu akkamii gale? Kunoo Sanyicha abdachiifamee wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba?
13 Yihowaan yeroo bulchiinsa Daawit Mootichaatti, namoonni isaaf abboomaman hundi faayidaa akka argataniif kakuu dabalataa lama galeera. Tokkoffaa, teessoon Daawit barabaraaf akka turu isaaf kakateera. (Far. 89:35, 36; 132:11, 12) Kana jechuun, Sanyiin abdachiifame “ilma Daawit” jedhamee waamama jechuudha. (Mat. 1:1; 21:9) Kiristos aboo olaanaa waan qabaatuuf, Daawit gad of deebisuudhaan sanyiisaa gara fuulduraatti teessoosaa dhaalu kana “gooftaa koo” jedhee waameera.—Mat. 22:42-44.
14. Yihowaan, Sanyicha abdachiifame ilaalchisee kakuu akkamii gale? Nuhoo kanarraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
14 Lammaffaa, Mootiin adda taʼe kun Angafa Lubaa taʼee ilmaan namootaa akka tajaajilu Daawit geggeessaa hafuuraatiin akka dubbatu Yihowaan isa kakaaseera. Saba Israaʼel keessatti mootii taʼuuniifi lubummaan guutummaatti garaagara ture. Luboonni gosa Lewwii keessaa, mootonnimmoo gosa Yihudaa keessaa filatamu turan. Taʼus, Daawit sanyii gara fuulduraatti mootummaasaa dhaalu ilaalchisee akka jedheera: “Waaqayyo gooftaa kootiin, ‘Diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti, ati gara mirga koo taaʼi!’ jedhe. Waaqayyo, ‘Akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, ati luba bara baraa ti’ jedhee kakateera; inni kana hin gaabbu.” (Far. 110:1, 4) Raawwii raajii kanaa wajjin haala walsimuun, Sanyiin abdachiifame, jechuunis Yesus Kiristos yeroo ammaa samiirra taaʼee bulchaa jira. Akkasumas, Angafa Lubaa taʼee ilmaan namootaa tajaajiluudhaan namoonni qalbii geddaratan Waaqayyo duratti fudhatama akka argatan gargaaraa jira.—Ibroota 7:21, 25, 26 dubbisi.
ISRAAʼEL WAAQAYYOO ISA HAARAA
15, 16. (a) Israaʼeloonni lamaan Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman kamfaʼi? Yeroo harʼaa eebba Waaqayyoo argachaa kan jiru isa kamidha? (b) Kakachuu ilaalchisee Yesus duuka buutotasaatiif abboommii akkamii kenne?
15 Sabni Israaʼel, Yesus Kiristosiin fudhachuu waan didaniif, dhumarratti Waaqayyo duratti mirga “luboota mootii waaqaa fi lafaa” taʼuuf qaban dhabaniiru. Yesus geggeessitoota Yihudootaatiin, ‘Egaa mootummaan Waaqayyoo isinirraa fudhatamee, saba ijasaa godhatuuf in kennama’ jedheera. (Mat. 21:43) Sabni haaraan kun kan dhalate, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee yommuu hafuurri Waaqayyoo bartoota Yesus gara 120 taʼaniifi Yerusaalemitti walitti qabamanirratti dhangalaʼetti ture. Namoonni kun, “Israaʼel Waaqayyoo” jedhamanii kan waamaman siʼa taʼu, utuu hin turin kuma hedduutti kan lakkaaʼamaniifi saba hundumaa addunyaa mara jirurraa kan walitti qabaman taʼan.—Gal. 6:16.
16 Namoota dhalootaan Israaʼel taʼanirraa haala adda taʼeen, warri haaraan karaa hafuuraa saba Waaqayyoo taʼan, isaaf abboomamuudhaan ija gaarii godhachuusaanii itti fufaniiru. Abboommii miseensonni saba haaraa kanaa eeguu qaban keessaa tokko kakuu galuudha. Yeroo Yesus lafarra turetti, namoonni sobaan ykn barbaachisaa utuu hin taʼin kakachuudhaan karaa sirrii hin taaneen kakuutti fayyadamu turan. (Mat. 23:16-22) Yesus, “Raawwattanii hin kakatinaa! . . . Dubbii keessan keessatti eyyeen keessan eyyee haa taʼu, waawuun keessanis waawuu haa taʼu! Kana irraa kan hafe kan isa hamaa ti” jechuudhaan duuka buutotasaa barsiiseera.—Mat. 5:34, 37.
Abdiin Yihowaan kenne yeroo hunda ni raawwatama
17. Mataduree qayyabannaa ittaanurratti waaʼee maalii qoranna?
17 Akkas jechuun garuu, kakachuun yeroo hunda dogoggoradha jechuudhaa? Kana malees, ‘Eyyeen’ keenya ‘Eyyee’ akka taʼu gochuun maal kan dabalatudha? Gaaffiiwwan kana mataduree qayyabannaa ittaanurratti qoranna. Dubbii Waaqayyoorratti xiinxaluu keenya yommuu itti fufnu, Yihowaadhaaf abboomamuuf kan nu kakaasu haataʼu. Akkas yoo goone, Yihowaan akkuma kakuu galetti barabaraaf nu eebbisa.