BOQONNAA 8
“Ani Tiksee Tokko . . . Nan Kaasa”
YAADA IJOO: Raajiiwwan Masiihicha ilaalchisee dubbatamanii fi Kiristoos irratti raawwataman afur
1-3. Hisqiʼel baayʼee kan gadde maaliifi? Raajiin inni yeroo kanatti barreesse hoo maali dha?
HISQIʼEL boojiʼamee erga fudhatamee waggaa jaʼa taʼeera.a Raajichi waaʼee bulchiinsa hamaa Yihudaa ishii bakka dhalootaa isaa taatee fi kiilomeetira hedduu fagaattee argamtuu yommuu yaadu baayʼee gaddeera. Bulchitoonni adda addaas yommuu bulchan argeera.
2 Hisqiʼel kan dhalate walakkeessa bulchiinsa Yosiyaas Mootichaa isa amanamaa ture keessa dha. Hisqiʼel, Yosiyaas fakkiiwwan bocaman balleessuu fi waaqeffannaa qulqulluu Yihudaa keessatti deebisee hundeessuuf duula inni geggeessee ture yommuu beeku baayʼee gammadee taʼuu qaba. (2 Sen. 34:1-8) Haa taʼu malee, mootonni isa booda dhufan hedduun waaqolii tolfamoo waaqeffachuu isaanii waan itti fufaniif, carraaqqiin inni haaromsa kana raawwachuuf godhe yeroo dheeraadhaaf itti hin fufne. Sabichi dhiibbaa mootota hamoo kanaatiin kan kaʼe yeroodhaa gara yerootti karaa hafuuraa fi karaa naamusaa mancaʼaa deemuun isaa nama hin dinqisiisu. Maarree kana booda abdii hin qaban jechuu dhaa? Matumaa akkas jechuu miti!
3 Yihowaan raajiin isaa inni amanamaan Masiihicha isa gara fuulduraatti Bulchaa fi Tiksee taʼu, akkasumas waaqeffannaa qulqulluu deebisee hundeessuu fi hoolota Yihowaatiif gaarummaadhaan kunuunsa godhu ilaalchisee raajiiwwan dubbataman hedduu keessaa isa jalqabaa akka barreessu isa kakaaseera. Raawwiin raajiiwwan kanaa jireenya bara baraa gara fuulduraatti argannuu wajjin waan wal qabataniif, raajiiwwan kana sirriitti qoʼachuun keenya gaarii dha. Mee amma raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbatamanii fi kitaaba Hisqiʼel keessatti argaman afur haa ilaallu.
“Latii Haaraa” “Muka Gaattiraa Guddaa” Taʼe Tokko
4. Hisqiʼel raajii akkamii dubbate? Yihowaan hoo raajii kana Hisqiʼelitti himuu kan jalqabe akkamitti?
4 Dhaloota Kiristoos Dura naannoo bara 612tti “dubbiin Yihowaa” gara Hisqiʼel kan dhufe yeroo taʼu, innis raajii waaʼee bulchiinsa Masiihichaa ibsuu fi Mootummaa isaatti amanamuun barbaachisaa taʼuu isaa argisiisu dubbateera. Yihowaan raajii kana kan jalqabe Hisqiʼel namoota boojiʼamanii jiranitti hibboo raajii qabatee fi bulchitoonni Yihudaa amantii akka hin qabne argisiisu, akkasumas barbaachisummaa Masiihicha isa bulchaa taʼe sanaa addeessu akka dubbatu isa ajajuudhaan ture.—His. 17:1, 2.
5. Yaanni ijoon hibboo sanaa maali dha?
5 Hisqiʼel 17:3-10 dubbisi. Yaanni ijoo hibboo sanaa kana dha: “Risaa guddaan” tokko latii fiixee muka gaattiraa irra jiru kutee “magaalaa daldaltootaa tokko keessa” isa dhaabe. Achiis risaan kun “sanyii biyyattii keessaa muraasa fuudhee” maasii gabbataa “bishaan baayʼee” qabu tokko keessa dhaabe. Sanyichis ni lalise, akkasumas ‘muka wayinii dalga babalʼatu’ taʼee guddate. Achiis “risaa guddaan” inni lammaffaan ni dhufe. Hiddi muka wayinii sanaa bakka bishaan gaʼaan jirutti dhaabamuu waan barbaadeef, “hawwii guddaadhaan” gara risaa isa lammaffaatti ni diriire. Haa taʼu malee, Yihowaan hiddi wayinichaa akka ciramuu fi ‘guutummaatti akka gogu’ dubbachuudhaan wanta wayinichi godhe balaaleffateera.
6. Hiika hibboo sanaa ibsi.
6 Hibboon kun hiika maalii qaba? (Hisqiʼel 17:11-15 dubbisi.) Dhaloota Kiristoos Dura bara 617tti mootiin Baabilon Nebukadnezaar (“risaa guddaan” inni jalqabaa) Yerusaalemitti marse. Achiis mootii Yihudaa kan taʼe Yehoyaaqiimiin (‘latii fiixee irra jiru’) teessoo isaa irraa kaasee gara Baabilonitti (‘magaalaa daldaltootaatti’) isa fide. Nebukadnezaar, Zedeeqiyaa (isa ‘sanyii moototaa biyyattii’ keessaa tokko taʼe) Yerusaalem irratti ni moosise. Akkasumas mootiin Yihudaa inni haaraan kun isaaf amanamaa akka taʼu maqaa Waaqayyootiin isa kakachiise. (2 Sen. 36:13) Haa taʼu malee, Zedeeqiyaan kakuu kana tuffachuudhaan Baabilon irratti fincile, akkasumas gargaarsa waraanaa argachuuf mootii Gibxii (“risaa guddaa” isa lammaffaa) kan gaafate taʼus buʼaa hin arganne. Yihowaan gocha gantummaa Zedeeqiyaan kakuu sana cabsuudhaan raawwate balaaleffateera. (His. 17:16-21) Dhuma irrattis Zedeeqiyaan aangoo isaa irraa kan buʼe yeroo taʼu, mana hidhaa Baabilon keessatti duʼeera.—Er. 52:6-11.
7. Hibboo raajii qabate kana irraa maal barachuu dandeenya?
7 Hibboo raajii qabate kana irraa maal barachuu dandeenya? Tokkoffaa, namoota waaqeffannaa qulqulluu dhiheessinu waan taaneef, wanta dubbanne raawwachuu qabna. Yesuus, “Dubbiin keessan ‘Eeyyee’ yoo taʼe eeyyee, ‘Lakki’ yoo taʼe lakki haa taʼu” jedheera. (Mat. 5:37) Mana murtiitti yommuu ragaa baanu dhugaa dubbachuuf Waaqayyo duratti kakachuun yoo nu barbaachise, kakuun akkasii dhimma cimaa akka taʼetti ilaalla. Lammaffaa, qaama sirrii hin taanetti akka hin amanamne of eeggachuu qabna. Kitaabni Qulqulluun, “Bulchitootatti, ilmaan namootaa warra fayyina argamsiisuu hin dandeenyettis hin amanaminaa” jechuudhaan nu akeekkachiisa.—Far. 146:3.
8-10. Yihowaan Bulchaa Mootummaa Masiihichaa gara fuulduraa kan ibse akkamitti? Raajiin kun hoo kan raawwatame akkamitti? (Saanduqa “Raajiiwwan Waaʼee Masiihichaa Dubbataman—Muka Gaattiraa Guddaa” jedhus ilaali.)
8 Haa taʼu malee bulchaan guutummaatti itti amanamuu dandeenyu tokko jira. Yihowaan hibboo raajii qabatee fi waaʼee latii deebiʼee dhaabamee ibsu erga dubbatee booda, Masiihicha isa bulchaa taʼuu fi gara fuulduraatti dhufu ibsuufis fakkeenya wal fakkaatutti fayyadameera.
9 Raajichi maal jedha? (Hisqiʼel 17:22-24 dubbisi.) Yeroo kanatti tarkaanfii kan fudhatu risaa guddaa sana utuu hin taʼin Yihowaa dha. Yihowaan “fiixee muka gaattiraa isa dheeraa taʼe sanaa irraa” latii haaraa tokko kutee “gaara dheeraa fi ol kaʼaa taʼe tokko irra isa [ni] dhaaba.” Latiin kunis ni dagaaga, akkasumas “muka gaattiraa guddaa” “akaakuun simbirrootaa hundi” jala jiraatan ni taʼa. Achiis “mukeetiin dirree hundi,” mukti guddaan kun akka dagaagu kan godhe Yihowaa taʼuu isaa ni hubatu.
10 Raajiin kun kan raawwatame akkamitti? Yihowaan Ilma isaa Yesuus Kiristoosiin mootota sanyii Daawit (“gaattiraa isa dheeraa”) taʼan irraa kutee Gaara Xiyoon (“gaara dheeraa fi ol kaʼaa taʼe”) irra isa dhaabeera. (Far. 2:6; Er. 23:5; Mul. 14:1) Kanaafuu Yihowaan Ilma isaa isa diinota isaa biratti “namoota hundumaatii gad taʼe” fuudhee “teessoo abbaa isaa Daawit” isaaf kennuudhaan ol isa kaaseera. (Dan. 4:17; Luq. 1:32, 33) Yesuus Kiristoos inni mootii Mootummaa Masiihichaa taʼe samii irra taaʼee guutummaa lafaa ni bulcha, akkasumas warra isa jalatti bulan hundaaf eebba argamsiisa. Dhuguma iyyuu inni Bulchaa itti amanamuu dandeenyu dha. Bulchiinsa Mootummaa Yesuus jalatti namoonni ajajamoon guutummaa lafaa irra jiran hundi ‘tasgabbiidhaan jiraatu, balaan nu irra gaʼa jedhaniis hin jeeqaman.’—Fak. 1:33.
11. Raajii waaʼee “latii haaraa” isa yeroo booda “muka gaattiraa guddaa” taʼee dubbatu irraa barumsa barbaachisaa akkamii arganna?
11 Raajii kana irraa maal baranna? Raajii dinqisiisaan “latii haaraa” “muka gaattiraa guddaa” taʼe ilaalchisee dubbatame gaaffii barbaachisaa, ‘Eenyutti amanamna?’ jedhuuf deebii argachuuf nu gargaara. Bulchiinsa ilmaan namootaattii fi humna waraanaa isaaniitti amanamuun gowwummaa dha. Tasgabbii dhugaa argachuuf Yesuus Kiristoos isa mootii Mootummaa Masiihichaa taʼetti guutummaatti amanamuun keenya ogummaa dha. Abdiin ilmaan namootaa bulchiinsa samii irratti argamuu fi Kiristoos isa dandeettii qabuun geggeeffamu kana qofa dha.—Mul. 11:15.
‘Isa Mirga Seeraa Qabu’
12. Yihowaan kakuu Daawitii wajjin gale akka hin dhiisne ifa kan godhe akkamitti?
12 Hisqiʼel, Zedeeqiyaan inni hidda dhalootaa Daawit irraa dhufee fi mootii gantuu taʼe, teessoo irraa akka buʼuu fi boojiʼamee gara Baabilonitti akka geeffamu ibsa Waaqayyo hibboo raajii qabatee fi risaawwan lamaan ilaalchisee kenne irraa hubateera. Tarii raajichi, ‘Maatii Daawit keessaa mootiin bara baraaf bulchu tokko akka dhufu kakuun Waaqayyo Daawitii wajjin gale hoo akkam taʼa?’ jedhee yaadee taʼuu dandaʼa. (2 Sam. 7:12, 16) Hisqiʼel gaaffii akkasii irratti yaadeera yoo taʼe, utuma baayʼee hin turin deebii argateera. Dhaloota Kiristoos Dura naannoo bara 611tti, jechuunis Yihudoonni boojiʼamanii waggaa torbaffaatti utuu Zedeeqiyaan Yihudaa keessa taaʼee bulchaa jiruu “dubbiin Yihowaa” gara Hisqiʼel dhufe. (His. 20:2) Yihowaan, Hisqiʼel Masiihicha ilaalchisee raajii Waaqayyo kakuu Daawitii wajjin gale akka hin dhiisne ifa godhu kan biraa akka dubbatu godheera. Raajiin inni dubbate gara fuulduraatti Mootummaa Masiihichaa keessatti inni bulchaa taʼu dhaaltuu Daawit taʼee bulchuuf mirga seeraa akka qabu kan ibsu ture.
13, 14. Yaanni ijoon raajii Hisqiʼel 21:25-27 irratti argamuu maali dha? Raajiin kun kan raawwatame hoo akkamitti?
13 Raajichi maal jedha? (Hisqiʼel 21:25-27 dubbisi.) Yihowaan karaa Hisqiʼel, ‘geggeessaa Israaʼel isa hamaa’ isa adabamuuf jedhu sanatti ifatti dubbateera. Yihowaan ‘maranni’ isaa fi ‘gonfoon’ isaa (mallattoon aangoo mootummaa argisiisu) isa irraa akka fuudhamu bulchaa hamaa kanatti himeera. Achiis bulchitoonni ‘gad deebiʼan’ ol kaafamu, kan ‘ol kaʼan’ immoo gad ni deebifamu. Bulchitoonni ol kaafaman “hamma inni mirga seeraa qabu sun dhufutti” qofa bulchuu isaanii itti fufu, sana booda Yihowaan Mootummicha isa mirga seeraa qabu sanaaf ni kenna.
14 Raajiin kun kan raawwatame akkamitti? Dhaloota Kiristoos Dura bara 607tti yommuu warri Baabilon Yerusaalemiin balleessanii fi Zedeeqiyaa Mooticha aangoo irraa buusanii yommuu boojuudhaan fudhatanitti mootummaan Yihudaa inni ‘ol kaʼee’ fi Yerusaalem keessa ture gad deebifameera. Sana booda mootiin karaa sanyii Daawit dhufu Yerusaalem keessa waan hin turreef, mootummoonni saba Waaqayyoo hin taanee fi warri ‘gad deebiʼan’ ol kaafamaniiru; kanaan kan kaʼes mootummoonni kun lafa kana toʼachuu jalqabaniiru, kan toʼatan garuu yeroo murtaaʼeef qofa dha. “Barri sabootaaf murteeffame” kan raawwatame yommuu Yihowaan bara 1914tti Yesuus Kiristoosiif mootummaa kennetti dha. (Luq. 21:24) Yesuus sanyii Daawit Mootichaa waan taʼeef Bulchaa Mootummaa Masiihichaa taʼuuf “mirga seeraa” qaba.b (Uma. 49:10) Kanaafuu Yihowaan waadaa Daawitiif dhaaltuu Mootummaa bara baraa tokko kennuuf gale karaa Yesuus raawwateera.—Luq. 1:32, 33.
15. Yesuus Kiristoos isa mootii taʼe irratti amanannaa guddaa qabaachuu kan dandeenye maaliifi?
15 Raajii kana irraa maal baranna? Yesuus Kiristoos isa mootii taʼe irratti amanannaa guddaa qabaachuu ni dandeenya. Maaliif? Bulchitoota addunyaa namootaan filataman ykn humnaan aangoo qabatan irraa haala adda taʼeen, Yesuusiin kan filate Yihowaa dha, akkasumas Yesuus mirga seeraa waan qabuuf ‘mootummaan isaaf kennameera.’ (Dan. 7:13, 14) Dhuguma iyyuu Mootii Yihowaan ofii isaatii muude kana irratti amanannaa qabaachuun keenya kan isaaf malu dha!
“Tajaajilaan Koo Daawit” ‘Tiksee Isaanii ni Taʼa’
16. Yihowaan hoolota isaa ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama? ‘Tiksitoonni Israaʼel’ bara Hisqiʼelitti turan hoolota kana kan qaban akkamitti?
16 Yihowaan inni tiksee ol aanaa taʼe nageenya hoolota isaatiif, jechuunis waaqeffattoota isaa warra lafa irratti argamaniif garaadhaa ni yaada. (Far. 100:3) Hoolota isaa namoota Kiristoos jalatti tiksitoota taʼanitti, jechuunis warra aangoo qabanitti imaanaadhaan yommuu kennu, akkaataa isaan hoolota isaa itti qaban xiyyeeffannaadhaan hordofa. “Tiksitoota Israaʼel” warra bara Hisqiʼelitti turan ilaalchisee Yihowaatti maaltu akka dhagaʼame mee yaadaa. Geggeessitoonni kun qaanii tokko malee “gara jabinaa fi hamminaan” bulchaniiru. Kanaan kan kaʼes hoolonni sun rakkinaaf saaxilamaniiru, namoonni hedduunis waaqeffannaa qulqulluu dhiisaniiru. (His. 34:1-6)
17. Yihowaan hoolota isaa kan oolche akkamitti?
17 Maarree Yihowaan maal godha? Bulchitoota Israaʼel warra gara jabeeyyii taʼan ilaalchisee, ‘Hoolota kootiif isaan nan gaafadha’ jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Hoolota koo afaan isaaniitii nan buusa” jechuudhaan waadaa galeera. (His. 34:10) Yihowaan yeroo hunda wanta dubbate ni raawwata. (Iya. 21:45) Dhaloota Kiristoos Dura bara 607tti Baabilonota warra weerartoota taʼanitti fayyadamee, bulchiinsa tiksitoota ofittoo taʼan sanaa balleessuudhaan hoolota isaa oolcheera. Waggaa torbaatama boodas, waaqeffattoota isaa warra hoolotatti fakkeeffaman Baabilon keessaa baasee gara biyya isaaniitti deebiseera; isaanis achitti waaqeffannaa dhugaa deebisanii hundeessaniiru. Haa taʼu malee, hoolonni Yihowaa toʼannaa mootummoota addunyaa jala jiraachuu isaanii waan itti fufaniif, amma iyyuu balaadhaaf kan saaxilaman turan. Sababiin isaas “barri sabootaaf murteeffame” jaarraawwan hedduudhaaf itti fufa.—Luq. 21:24.
18, 19. Hisqiʼel Dh.K.D. bara 606tti raajii akkamii dubbate? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
18 Dhaloota Kiristoos Dura bara 606tti, jechuunis Yerusaalem erga baddee gara waggaa tokkoo booda, akkasumas Israaʼelonni boojuu Baabilonii deebiʼuu isaanii waggoota hedduu dura Yihowaan, Hisqiʼel raajii Tiksee Ol Aanaan nageenya bara baraa hoolota isaatiif hammam garaadhaa akka yaadu argisiisu tokko akka dubbatu isa kakaaseera. Raajiin inni dubbate Bulchaan Mootummaa Masiihichaa akkamitti hoolota Yihowaa akka tiksu ibsa.
19 Raajichi maal jedha? (Hisqiʼel 34:22-24 dubbisi.) Waaqayyo “tiksee tokko” ni kaasa, isas “tajaajilaa koo Daawit” jechuudhaan waameera. Jechoonni qeenxeen ‘tiksee tokkoo’ fi “tajaajilaa” jedhan kun Bulchaan sun dhaaltuu bara baraa mootummaa Daawit akka taʼe argisiisu. Bulchaan tiksee taʼe kun hoolota Waaqayyoo ni soora, akkasumas “isaan gidduutti geggeessaa ni taʼa.” Yihowaan hoolota isaa wajjin ‘kakuu nagaa ni gala.’ ‘Eebbi akka bokkaatti [isaan irratti] ni rooba’ tasgabbii fi badhaadhinas ni argatu. Nagaan namoota gidduutti qofa utuu hin taʼin namootaa fi bineensota gidduuttis ni dagaaga!—His. 34:25-28.
20, 21. (a) Raajiin Yihowaan “tajaajilaa koo Daawit” jechuudhaan dubbate kan raawwatame akkamitti? (b) Wanti Hisqiʼel “kakuu nagaa” ilaalchisee dubbate waaʼee gara fuulduraa maal nu hubachiisa?
20 Raajiin kun kan raawwatame akkamitti? Waaqayyo Bulchaa kanaan “tajaajilaa koo Daawit” jechuudhaan waaʼee Yesuus isa sanyii Daawit taʼee fi bulchuuf mirga seeraa qabuu raajiidhaan dubbateera. (Far. 89:35, 36) Yesuus yeroo lafa irra turetti ‘hoolota isaatiif jedhee’ lubbuu isaa dabarsee kennuudhaan “tiksee gaarii” taʼuu isaa argisiiseera. (Yoh. 10:14, 15) Amma garuu inni Tiksee samii irratti argamu dha. (Ibr. 13:20) Bara 1914tti Waaqayyo Yesuusiin Mootii godhee muudeera, akkasumas hoolota Waaqayyoo warra lafa irratti argaman akka tiksuu fi akka sooru itti gaafatamummaa isaaf kenneera. Utuma baayʼee hin turin bara 1919tti Mootii haaraan muudame kun “maatii” isaa, jechuunis waaqeffattoota amanamoo samii irra ykn lafa irra jiraachuuf abdii qaban akka sooruuf ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ muudeera. (Mat. 24:45-47) Garbichi amanamaan kun qajeelfama Kiristoos kennuun hoolota Waaqayyoo nyaata hafuuraa akka gaariitti sooruu isaa itti fufeera. Nyaanni kun immoo jannata hafuuraa amma babalʼachaa jiru keessatti nagaa fi tasgabbii akka qabaatan isaan gargaareera.
21 Wanti Hisqiʼel “kakuu nagaa” fi eebba akka bokkaatti roobu ilaalchisee dubbate waaʼee gara fuulduraa maal nutti hima? Addunyaa haaraa dhufu keessatti namoonni lafa irra jiraatanii fi waaqeffannaa qulqulluu Yihowaa hordofan eebbawwan ‘kakuun nagaa’ sun fidu guutummaatti ni argatu. Lafa jannata taatu keessatti namoonni amanamoo taʼan waraana, yakka, beela, dhukkuba ykn bineensota matumaa hin sodaatan. (Isa. 11:6-9; 35:5, 6; 65:21-23) Lafa jannata taatu irratti, jechuunis bakka hoolonni Waaqayyoo ‘eenyu iyyuu utuu isaan hin sodaachisin tasgabbiidhaan itti jiraatan’ keessatti jireenya bara baraa akka argannu abdiin kenname si hin gammachiisuu?—His. 34:28.
22. Yesuus hoolota isaa ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama? Warri isa jalatti tiksitoota taʼanii tajaajilan hoolota isaatiif kunuunsa gochuudhaan isa fakkaachuu kan dandaʼan hoo akkamitti?
22 Raajii kana irraa maal baranna? Yesuus akkuma Abbaa isaa nageenya hoolota isaatiif garaadhaa ni yaada. Mootiin tiksee taʼe kun hoolonni Abbaa isaa karaa hafuuraa akka gaariitti akka sooratanii fi jannata hafuuraa keessatti nagaa fi tasgabbii akka argatan godha. Kunuunsa Bulchaa akkanaa argachuun nama hin jajjabeessuu? Warri Yesuus jalatti tiksitoota taʼanii tajaajilan hoolota isaatiif kunuunsa gochuudhaan isa fakkaachuu qabu. Jaarsoliin “fedhii” fi “hawwii guddaadhaan” hoolota tiksuu, akkasumas fakkeenya isaaniif taʼuu qabu. (1 Phe. 5:2, 3) Jaarsi tokko matumaa hoolaa Yihowaa miidhuu hin barbaadu! Wanta Yihowaan ‘Hoolota kootiif isaan nan gaafadha’ jechuudhaan tiksitoota Israaʼel warra gara jabeeyyii taʼanii fi bara Hisqiʼel turanitti dubbate yaadadhaa. (His. 34:10) Tikseen inni ol aanaanis taʼe Ilmi isaa akkaataa hoolonni isaanii itti qabaman xiyyeeffannaadhaan ilaalu.
“Tajaajilaan Koo Daawitis Bara Baraaf Geggeessaa Isaanii ni Taʼa”
23. Yihowaan saba Israaʼel tokko gochuu ilaalchisee waadaa akkamii gale? Waadaa kana kan raawwate hoo akkamitti?
23 Yihowaan waaqeffattoonni isaa tokkummaadhaan akka isa tajaajilan barbaada. Waaqayyo raajii Israaʼelonni biyya isaaniitti akka deebiʼan ilaalchisee dubbate keessatti saba isaa, jechuunis mootummaa Yihudaa isa gosoota lama qabatee fi mootummaa Israaʼel isa gosoota kudhan qabate, akka waan “ulee” lama walitti qabsiisuudhaan “tokko” godhuutti “saba tokko” isaan gochuudhaan akka walitti isaan qabu waadaa galeera. (His. 37:15-23) Waaqayyo sabni Israaʼel inni tokko taʼe Dh.K.D. bara 537tti gara Biyyattii Abdachiifamteetti akka deebiʼu gochuudhaan raajiin kun akka raawwatamu godheera.c Haa taʼu malee tokkummaan kun tokkummaa guddaa fi bara baraa isa gara fuulduraatti dhufuuf fakkeenya qofa ture. Yihowaan Israaʼeliin tokko akka godhu waadaa erga galee booda, Hisqiʼel Bulchaan gara fuulduraatti dhufu waaqeffattoota dhugaa addunyaa maratti argaman hidhaa tokkummaa bara baraatiin akkamitti akka walitti isaan qabu raajii akka dubbatu godheera.
24. Yihowaan Bulchaa Mootummaa Masiihichaa kan ibse akkamitti? Bulchiinsi Mootii kanaa hoo maal fakkaata?
24 Raajichi maal jedha? (Hisqiʼel 37:24-28 dubbisi.) Yihowaan Bulchaa Mootummaa Masiihichaa sana irra deebiʼuudhaan ‘tajaajilaa koo Daawit,’ “tiksee tokko,” akkasumas “geggeessaa” jedhee kan waame yeroo taʼu, amma garuu Isa Abdachiifame kana “mootii” jedhee waameera. (His. 37:22) Bulchiinsi Mootii kanaa maal fakkaata? Bulchiinsi isaa bara baraaf itti fufa. Jechi “bara baraaf” jedhu eebbi karaa bulchiinsa Mootii kanaa dhufu dhuma akka hin qabne argisiisa.d Bulchiinsi isaa tokkummaadhaan beekama. Namoonni amanamummaadhaan ‘mootii tokkicha’ kana jalatti bulan heera wal fakkaatu ni hordofu, akkasumas tokkummaadhaan ‘biyyattii keessa ni jiraatu.’ Bulchiinsi Mootichaa warri isa jalatti bulan caalaatti gara Yihowaatti akka dhihaatan godha. Yihowaan warra bulchiinsa kana jalatti bulanii wajjin “kakuu nagaa” ni gala. Inni Waaqa isaanii ni taʼa, isaanis saba isaa ni taʼu. Iddoo qulqulluun isaas “bara baraaf isaan gidduu” ni taʼa.
25. Raajiin Mootii Mootummaa Masiihichaa ilaalchisee dubbatame kan raawwatame akkamitti?
25 Raajiin kun kan raawwatame akkamitti? Bara 1919tti dibamtoonni amanamoo taʼan “tiksee” isaanii isa ‘tokkicha,’ jechuunis Yesuus Kiristoos isa mootii Mootummaa Masiihichaa taʼe jalatti tokko taʼaniiru. Boodas, “tuutni uummataa guddaan” warri “saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufan” dibamtoota michoota isaanii taʼanii wajjin tokko taʼaniiru. (Mul. 7:9) Isaan ‘tiksee tokko’ jalatti “tuuta tokko” taʼaniiru. (Yoh. 10:16) Abdiin isaanii samii irras taʼe lafa irra jiraachuu, hundi isaanii heerawwan Yihowaatiif ni ajajamu. Kanaan kan kaʼes addunyaa maratti obboloota tokkummaa qaban taʼanii jannata hafuuraa keessa waliin ni jiraatu. Yihowaan nagaa isaaniif kennuudhaan isaan eebbiseera; iddoo qulqulluun isaa inni waaqeffannaa qulqulluu bakka buʼus isaan gidduu jira. Yihowaan Waaqa isaanii ti, isaanis ammas taʼe bara baraaf waaqeffattoota isaa taʼuu isaaniitiin ni boonu!
26. Tokkummaa jannata hafuuraatiif gumaacha gochuu kan dandeessu akkamitti?
26 Raajii kana irraa maal baranna? Obboloota addunyaa maratti Yihowaadhaaf waaqeffannaa qulqulluu dhiheessanii wajjin tokko taʼuuf mirga arganneerra. Haa taʼu malee mirgi kun itti gaafatamummaas qaba; tokkummaa kanaaf gumaacha gochuu qabna. Kanaafuu hundi keenya amantii fi gochi keenya akka walsimu gochuuf gaʼee keenya raawwachuu qabna. (1 Qor. 1:10) Kana gochuuf immoo nyaata hafuuraa wal fakkaatu sooranna, ulaagaalee naamusaa Kitaaba Qulqulluu wal fakkaatan hordofna, akkasumas hojii wal fakkaataa waaʼee Mootummichaa lallabuu fi barattoota gochuu isa baayʼee barbaachisaa taʼe irratti ni hirmaanna. Taʼus wanti tokkummaadhaaf barbaachisaa taʼe inni guddaan jaalala dha. Jaalalaa fi amaloota jaalalaa wajjin wal qabatan kanneen akka, rakkina warra kaanii akka kan ofiitti ilaaluu, gara laafinaa fi dhiifama gochuu jiran horachuuf carraaqqii gochuudhaan tokkummaa keenyaaf gumaacha goona. Kitaabni Qulqulluun, “Jaalalli tokkummaadhaan namoota walitti hidha” jedha.—Qol. 3:12-14; 1 Qor. 13:4-7.
27. (a) Raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbatamanii fi kitaaba Hisqiʼel keessatti argaman ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? (b) Boqonnaawwan kanatti aananii jiran keessatti waaʼee maalii mariʼanna?
27 Raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbatanii fi kitaaba Hisqiʼel keessatti argamaniif baayʼee galateeffanna! Raajiiwwan kana dubbisuu fi irratti xiinxaluun keenya Yesuus Kiristoos inni mootii keenya isa jaallatamaa taʼe, amanannaan keenya akka isaaf malu, bulchuuf mirga seeraa akka qabu, jaalalaan akka nu tiksuu fi hidhaa tokkummaa bara baraatiin tokko taanee akka jiraannu akka godhu hubachuuf nu gargaara. Namoota Mootii Mootummaa Masiihichaa jalatti bulan taʼuun keenya mirga guddaa dha! Raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbataman kunneen dhaamsa ijoo waaʼee haaromsaa dubbatuu fi Kitaaba Hisqiʼel keessatti ibsame keessaa tokko akka taʼe haa yaadannu. Yihowaan saba isaa kan walitti qabu, akkasumas waaqeffannaa qulqulluu isaan gidduutti deebisee kan hundeessu Yesuusitti fayyadamee ti. (His. 20:41) Boqonnaawwan kitaaba kanaa warra itti aanan keessatti dhaamsa waaʼee haaromsaa dubbatuu fi dhaamsi kunis kitaaba Hisqiʼel keessatti akkamitti akka ibsame ilaalla.
a Waggaan boojuu Yihudootaa inni jalqabaa kan eegale Dh.K.D. bara 617 yeroo Yihudoonni jalqabaa gara Baabilonitti geeffaman ture. Kanaafuu waggoonni jaʼan sun Dh.K.D. bara 612tti jalqaban.
b Hiddi dhalootaa Yesuus karaa Daawit kan dhufe taʼuu isaa Wangeelota geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman keessatti ifatti galmeeffameera.—Mat. 1:1-16; Luq. 3:23-31.
c Raajiin Hisqiʼel waaʼee ulee lamaa dubbatuu fi akkamitti akka raawwatame Boqonnaa 12ffaa kitaaba kanaa keessatti ibsama.
d Jecha Afaan Ibrootaa “bara baraaf” jedhamee hiikame ilaalchisee barreeffamni tokko akkana jedheera: “Jechi kun dheerina yeroo ibsuu irra darbees itti fufiinsa kan qabu, kan turu, kan hin diigamne, kan hin jijjiiramnee fi dhaabbataa kan taʼe yaada jedhu dabarsa.”