BOQONNAA 18
“Aariin Koo Inni Guddaan Ni Bobaʼa”
YAADA IJOO: Haleellaan Goog aarii Yihowaa kakaasa; Yihowaan yeroo waraana Armaagedoonitti saba isaatiif ni lola
1-3. (a) ‘Aariin Yihowaa inni guddaan’ maal geessisa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Boqonnaa kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?
DHIIRONNI, dubartoonnii fi ijoolleen waliin dhaabbatanii faarfannaa Mootummichaa faarfachaa jiru. Achiis jaarsi gumii tokko Yihowaan eegumsa akka isaaniif godhu kadhannaa garaadhaa madde dhiheesse. Obboloonnii fi obboleettonni gumicha keessa jiran hundi Yihowaan kunuunsa akka isaaniif godhu amanannaa kan qaban taʼus, amma iyyuu jajjabinni isaan barbaachisa. Alaa sagaleen waraanaa ni dhagaʼama. Armaagedoon jalqabeera!—Mul. 16:14, 16.
2 Yeroo waraana Armaagedoonitti Yihowaan ‘aarii guddaadhaan’ namoota ni ajjeesa. (Hisqiʼel 38:18 dubbisi.) Aarii isaa kan dhangalaasu raayyaa ykn saba tokko irratti qofa utuu hin taʼin, namoota addunyaa maratti argaman hedduu irratti dha. Guyyaa sanatti warri Yihowaan ajjeese “andaara lafaa isa tokko irraa hamma andaara lafaa isa kan biraatti ni argamu.”—Er. 25:29, 33.
3 Yihowaan inni Waaqa jaalalaa taʼe, akkasumas ‘araara qabeessa, gara laafessaa’ fi “aariidhaaf suuta kan jedhu” akka taʼetti ibsame ‘aarii guddaadhaan’ kakaʼee tarkaanfii akkanaa akka fudhatu kan isa kakaasu maali dha? (Bau. 34:6; 1 Yoh. 4:16) Mee deebiin gaaffii kanaa jajjabina guddaa kan nuuf argamsiisu, ija jabina kan nuu kennuu fi hojii lallabaa yeroo ammaatti hojjechaa jirruuf kan nu kakaasu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
‘Aarii Yihowaa Isa Guddaa’ kan Kakaasu Maali Dha?
4, 5. Aariin Waaqayyoo aarii namoota mudaa qabanii irraa adda kan taʼe akkamitti?
4 Duraan dursee aariin Yihowaa akka aarii namoota mudaa qabanii akka hin taane hubachuu qabna. Namni tokko aariin isaa dabalaa deemee tarkaanfii yommuu fudhatu, yeroo baayʼee gochi isaa toʼannaadhaa ala taʼa, buʼaa gaariis hin argamsiisu. Fakkeenyaaf, ilma angafaa Addaam kan taʼe Qaayin yommuu Yihowaan aarsaa isaa fudhachuu didee kennaa Abeel immoo fudhatetti ‘aaree bobaʼee’ ture. Maarree buʼaan isaa maal ture? Qaayin obboleessa isaa isa qajeelaa taʼe ajjeese. (Uma. 4:3-8; Ibr. 11:4) Mee waaʼee Daawit isa Yihowaan nama akka garaa isaa akka taʼetti ibsees haa ilaallu. (HoE. 13:22) Namni gaarii taʼe kun illee yommuu sooressi abbaa lafaa Naabaal jedhamu tokko isaa fi namoota isaa arrabsetti yakka guddaa raawwachuu jala gaʼee ture. Daawitii fi loltoonni isaa baayʼee aaranii Naabaal isa galata hin qabne kana qofa utuu hin taʼin dhiira mana isaa keessa jiru hundumaa ajjeesuuf yaaduudhaan “goraadee isaanii ni hidhatan.” Kan nama gammachiisu garuu haadha manaa Naabaal kan taate Abigaayil Daawitii fi namoonni isaa haaloo akka hin baane isaan amansiisuu dandeesseetti. (1 Sam. 25:9-14, 32, 33) Yihowaan, Yaaqoob geggeessaa hafuura qulqulluutiin, “Dheekkamsi namaa qajeelummaan Waaqayyoo akka raawwatamu hin godhu” jedhee akka barreessu gochuun isaa sirrii dha.—Yaq. 1:20.
Yihowaan yeroo hundumaa aarii isaa ni toʼata, maaliif akka aares hubachuu dandeenya
5 Yihowaan namoota irraa haala adda taʼeen yeroo hundumaa aarii isaa ni toʼata, maaliif akka aares sirriitti hubachuu dandeenya. Aarii guddaa yommuu aarutti illee qajeelummaadhaan tarkaanfii fudhata. Yommuu diina isaa loluttis matumaa “isa qajeelaa isa hamaa wajjin” hin balleessu. (Uma. 18:22-25) Kana malees Yihowaan yeroo aarutti illee sababa qajeelaa taʼe qaba. Mee sababiiwwan lamaa fi barumsa isaan irraa argachuu dandeenyu haa ilaallu.
6. Yihowaan yommuu maqaan isaa arrabsamu maaltu itti dhagaʼama?
6 Sababa: Yommuu maqaan Yihowaa arrabsamu. Warri Yihowaa akka bakka buʼan dubbatan, garuu immoo wanta hamaa raawwatan maqaa isaa balleessu, kun immoo aarii isaa kakaasa. (His. 36:23) Akkuma boqonnaawwan kitaaba kanaa darban irratti ibsame, sabni Israaʼel maqaa Yihowaa irratti arrabsoo guddaa fidaniiru. Dhuguma iyyuu ilaalchii fi gochi sabichaa Yihowaa aarsuun isaa nama hin dinqisiisu. Haa taʼu malee, Yihowaan matumaa aarii isaa toʼachuu dadhabee hin beeku; saba isaas hamma isaaniif malu qofa malee matumaa sana caalaa isaan hin adabne. (Er. 30:11) Yihowaan aarii isaatiin kaayyoo isaa erga raawwatee booda haaloo hin qabatu.—Far. 103:9.
7, 8. Akkaataa Yihowaan Israaʼelota itti qabe irraa maal baranna?
7 Barumsa argannu: Akkaataan Yihowaan Israaʼelota itti qabe akeekkachiisa cimaa nuuf taʼa. Akkuma Israaʼelota bara durii nutis maqaa Yihowaatiin waamamuuf mirga arganneerra. Nuti Dhugaa Baatota Yihowaa ti. (Isa. 43:10) Dubbiin keenyaa fi gochi keenya ilaalcha namoonni Yihowaadhaaf qaban irratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. Matumaa taʼe jennee wanta sirrii hin taane raawwachuu fi maqaa Yihowaa irratti arrabsoo fiduu hin barbaannu. Fakkeessaan akkasii aarii Yihowaa ni kakaasa; innis dhiheenyatti ykn yeroo booda maqaa isaa eeguuf tarkaanfii ni fudhata.—Ibr. 3:13, 15; 2 Phe. 2:1, 2.
8 Yihowaan aarii guddaa aaruu akka dandaʼu akeekkachiisni kenname isatti akka hin dhihaanne nu dhowwuu qabaa? Lakki. Yihowaan obsa qabeessaa fi dhiifama kan godhu akka taʼe beekna. (Isa. 55:7; Rom. 2:4) Haa taʼu malee, yeroo barbaachisaa taʼutti akka adabus ni hubanna. Aariin isaa warra daandii cubbuu irra deemuu isaanii itti fufan irratti akka bobaʼuu fi namoonni kun saba isaa gidduu akka jiraatan kan isaaniif hin heyyamne taʼuu isaa beekuun keenya isaaf ulfina kennuuf nu kakaasa. (1 Qor. 5:11-13) Yihowaan wanti isa aarsu maal akka taʼe ifatti nutti himeera. Amalawwanii fi gochawwan isa aarsan irraa fagaachuu fi dhiisuun filannoo keenya dha.—Yoh. 3:36; Rom. 1:26-32; Yaq. 4:8.
9, 10. Yihowaan yeroo sabni isaa warri amanamoo taʼan balaadhaaf saaxilamanitti tarkaanfii akkamii fudhata? Fakkeenya kenni.
9 Sababa: Yeroo sabni Yihowaa amanamoo taʼan balaadhaaf saaxilamanitti. Yihowaan diinonni yommuu namoota amanamoo taʼanii fi dahoo isaa isa eegumsa argamsiisu jala galuu barbaadan miidhanitti ni dheekkama. Fakkeenyaaf, Israaʼelonni biyya Gibxiitii erga baʼanii booda, Faraʼoonii fi loltoonni isaa warri jajjaboon gara namoota gargaarsa kan hin qabne fakkaatanii fi qarqara Galaana Diimaatti walitti qabamanii dhufan. Haa taʼu malee, yommuu loltoonni humna guddaa qaban kun galaana goge sana keessa Israaʼelota ariʼanitti Yihowaan geengoo gaarii fardaa isaanii bubuqqisuudhaan warri Gibxii galaanichaan akka fudhataman godhe. “Isaan keessaa namni tokko illee hin oolle.” (Bau. 14:25-28) Aariin Yihowaa warra Gibxii irratti kan bobaʼe, inni saba isaatiif ‘jaalala amanamaa’ waan qabuufi.—Baʼuu 15:9-13 dubbisi.
10 Haaluma wal fakkaatuun jaalalli Yihowaan saba isaatiif qabu bara Hisqiyaas Mootichaatti tarkaanfii akka fudhatu isa kakaaseera. Raayyaan waraanaa Asoor inni bara sanatti humna guddaa qabuu fi gara jabeessa taʼe gara magaalaa Yerusaalemitti duule. Tajaajiltoonni Yihowaa warri amanamoo taʼan weerara kanaan kan kaʼe suutuma suuta duʼa nama suukanneessu duʼuuf jedhu turan. (2 Mot. 18:27) Yeroo kanatti Yihowaan maleekaa tokko ni erge; maleekaan kunis halkanuma tokkotti loltoota diinaa 185,000 ajjeese. (2 Mot. 19:34, 35) Borumtaa isaa ganama buufata Asoorotaa keessa haalli akkamii akka ture yaadi. Eeboon, gaachannii fi goraadeen faayidaa irra hin oolle. Sagaleen malakataa namoota kana dammaqsu hin jiru. Qaamni loltoonni kun akka hiriiran ajaju hin jiru. Yeroo kaan irraa haala adda taʼeen buufata sana keessaa sagaleen dhagaʼamu hin jiru; reeffis bakka hundumaa ciciisee jira.
11. Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu Yihowaan yommuu sabni isaa balaadhaaf saaxilamanitti tarkaanfii akkamii akka fudhate ibsan irraa jajjabinaa fi ija jabina akkamii arganna?
11 Barumsa argannu: Fakkeenyonni Yihowaan yommuu sabni isaa balaadhaaf saaxilamanitti tarkaanfii akkamii akka fudhatu argisiisan kun diinota keenyaaf akeekkachiisa cimaa taʼu; yommuu dheekkamsi Yihowaa kakaʼu, “harka Waaqa jiraataa keessatti kufuun wanta nama sodaachisu dha.” (Ibr. 10:31) Fakkeenyonni kun jajjabina nuu kennu. Diina keenya isa guddaa kan taʼe Seexanni akka isaaf hin milkoofne beekuun nu jajjabeessa. Dhiheenyatti bulchiinsi isaa inni ‘yeroo gabaabduudhaaf’ turu ni xumurama. (Mul. 12:12) Hammasitti garuu namni, dhaabbanni ykn mootummaan kam iyyuu fedha Waaqayyoo akka hin raawwanne nu dhowwuu akka hin dandeenye amanannaa qabaachuudhaan ija jabinaan Yihowaa tajaajiluu dandeenya. (Faarfannaa 118:6-9 dubbisi.) Phaawulos ergamaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin, “Waaqayyo nuu wajjin yoo taʼe, eenyutu nu mormuu dandaʼa?” jechuudhaan amanannaa qabnu ibseera.—Rom. 8:31.
12. Yeroo rakkina guddaatti aariin Yihowaa akka bobaʼu kan godhu maali dha?
12 Yihowaan akkuma yommuu warri Gibxii Israaʼelota kiyyoo keessa galchanitti, akkasumas yommuu warri Asoor Yihudoota Yerusaalem keessa turanitti marsanitti godhe yeroo rakkina guddaattis nu oolchuuf tarkaanfii fudhata. Yommuu diinonni keenya nu balleessuuf yaalii godhanitti jaalalli guddaan Yihowaan nuuf qabu aariin isaa akka bobaʼu godha. Warri gowwummaadhaan kakaʼanii nu miidhan akkuma qaroo Yihowaa tuqaniitti ilaalama. Innis yeroo kanatti hatattamaa fi kutannoodhaan tarkaanfii fudhata. (Zak. 2:8, 9) Kanaan kan kaʼes namoonni hammana hin jedhamne ni ajjeefamu. Haa taʼu malee diinonni Waaqayyoo yommuu Yihowaan dheekkamsa isaa isaan irratti dhangalaasutti dinqisiifamuuf sababa gaʼaa hin qabaatan. Maaliif?
Yihowaan Akeekkachiisa Akkamii Kenneera?
13. Yihowaan akeekkachiisa akkamii kenneera?
13 Yihowaan “aariidhaaf suuta kan jedhu” waan taʼeef warra isa mormanii fi saba isaa doorsisaniif akeekkachiisa gaʼaa kenneera. (Bau. 34:6, 7) Raajota kanneen akka Ermiyaas, Hisqiʼel, Daaniʼelii fi Kiristoos Yesuus, akkasumas ergamoota kanneen akka Pheexiros, Phaawulosii fi Yohaannis jiranitti fayyadamuudhaanis waraana guddaa gara fuulduraatti geggeeffamu ilaalchisee akeekkachiisa kenneera.—Saanduqa “Akeekkachiisa Yihowaan Waraana Guddaa Gara Fuulduraatti Dhufu Ilaalchisee Kenne” jedhu ilaali.
14, 15. Yihowaan hojii akkamii raawwateera? Maaliif?
14 Yihowaan akeekkachiisni kun Dubbii isaa keessatti akka galmeeffamu godheera. Kana malees Kitaabni Qulqulluun addunyaa irratti baayʼinaan akka hiikamuu fi akka raabsamu godheera. Addunyaa marattis raayyaa fedhiidhaan of dhiheessanii fi warri kaan Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaatan gargaaran, akkasumas waaʼee ‘guyyaa Yihowaa isa guddaa’ akeekkachiisan kaaseera. (Sef. 1:14; Far. 2:10-12; 110:3) Sabni isaa afaanota dhibbaan lakkaaʼamaniin barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran akka hiikan, akkasumas waaʼee abdiiwwanii fi akeekkachiisawwan Dubbii isaa keessatti argamanii dubbachuudhaan waggaa waggaadhaan saʼaatii miliyoona dhibbaan lakkaaʼamu akka dabarsan kakaaseera.
15 Yihowaan hojiin kun hundi akka raawwatamu kan godhe, ‘hundumtuu yaada akka geddarataniif malee, namni tokko illee akka badu waan hin barbaanneefi.’ (2 Phe. 3:9) Waaqa keenya isa jaalala qabeessaa fi obsa qabeessa taʼe bakka buʼuun, akkasumas ergaa isaa babalʼisuu irratti gaʼee xinnoo qabaachuun keenya mirga guddaa dha. Haa taʼu malee, warri akeekkachiisa kanaaf xiyyeeffannaa hin kennine yeroo muraasa booda jijjiirama barbaachisu gochuuf carraa hin argatan.
Aariin Yihowaa kan ‘Bobaʼu’ Yoomi?
16, 17. Yihowaan guyyaa waraanni dhumaa itti geggeeffamu murteesseeraa? Ibsi.
16 Yihowaan guyyaa waraanni dhumaa itti geggeeffamu murteesseera. Inni yeroo saba isaa irratti haleellaan banamu dursee beeka. (Mat. 24:36) Yihowaan yeroo itti diinonni isaa haleellaa banan kan beeku akkamitti?
17 Akkuma boqonnaa kitaaba kanaa darbe irratti ilaalle Yihowaan Googiin, ‘Ani mangaagaa keetti hookkoo nan kaaʼa’ jedheera. Yihowaan saboonni waraana murteessaa taʼe tokko keessa akka seenan godha. (His. 38:4) Kana jechuun waraana kana kan kakaasu Yihowaa dha jechuu miti; ykn warri isa morman mirga filannoo isaaniitti akka hin fayyadamne godha jechuu miti. Kanaa mannaa yaanni kun Yihowaan garaa namootaa dubbisuu akka dandaʼu, akkasumas diinonni isaa haala taʼe tokko keessatti tarkaanfii akkamii akka fudhatan beekuu akka dandaʼu argisiisa.—Far. 94:11; Isa. 46:9, 10; Er. 17:10.
18. Ilmaan namootaa Isa Hundumaa Dandaʼu wajjin waraana keessa kan galan maaliifi?
18 Maarree Yihowaan waraana kana kan hin jalqabsiisne ykn mormitoonni isaa waraanatti akka seenan kan hin dirqisiisne erga taʼee, namoonni Isa Hundumaa Dandaʼu wajjin kan wal lolan maaliifi? Sababiin inni tokko yeroo kanatti namoonni kun Waaqayyo hin jiru ykn dhimma ilmaan namootaa keessa hin seenu jedhanii waan of amansiisaniif taʼuu hin oolu. Tarii akkana jedhanii kan yaadan dhaabbilee amantii sobaa lafa irratti argaman hundumaa haxaaʼanii waan balleessaniif taʼuu dandaʼa. Waaqayyo jira utuu taʼee dhaabbilee akka isa bakka buʼan dubbatan kana ni oolcha ture jedhanii yaadu taʼa. Haa taʼu malee, namoonni kun amantiiwwan Waaqa bakka buuna jechaa wanta sirrii hin taane raawwatan akka balleessan yaada kana garaa isaanii keessa kan kaaʼe iyyuu Waaqayyo taʼuu isaa hin hubatan.—Mul. 17:16, 17.
19. Amantiin sobaa erga balleeffamee booda maaltu taʼuu dandaʼa?
19 Amantiin sobaa erga badee yeroo muraasa booda Yihowaan sabni isaa ergaa cimaa kitaaba Mulʼataa keessatti cabbii guddaa tokkoon tokkoon isaa gara kiilogiraama 20 ulfaatuu wajjin wal fakkaatu akka lallaban godha taʼa. (Mul. 16:21, milj.) Ergaan kun tarii labsii sirni siyaasaa fi daldalaa baduuf akka jedhu ibsu taʼuu dandaʼa; kun immoo warra ergaa kana dhagaʼan waan dhiphisuuf hamma Waaqayyoon arrabsuutti gaʼu. Saboonni yeroo dhumaatiif saba Waaqayyoo cal jechisiisuuf humna isaanii guutuudhaan haleellaa akka banan kan isaan kakaasu ergaa kana taʼuu hin oolu. Nuti eegumsa kan hin qabnee fi salphaatti kan balleeffamnu akka taane godhanii yaadu. Kun garuu dogoggora guddaa dha!
Yihowaan Aarii Isaa kan Ibsu Akkamitti?
20, 21. Goog eenyu dha? Wanti isa irra gaʼu hoo maali dha?
20 Akkuma Boqonnaa 17ffaa kitaaba kanaa keessatti ibsame Hisqiʼel saboota gamtaa uumanii haleellaa nu irratti banan ibsuuf maqaa, “Goog isa biyya Maagoog” jedhutti fayyadameera. (His. 38:2) Haa taʼu malee, tokkummaan miseensota gamtaa uuman kanaa cimaa hin taʼu. Tokkummaa kan qaban fakkaatanis wal morkiin, koorrii fi sabboonummaan isaan gidduu jiraachuu isaa itti fufa. Yeroo kanatti tokkoon tokkoon namaa goraadee isaa “obboleessa isaa irratti” akka kaasu gochuun Yihowaadhaaf salphaa taʼa. (His. 38:21) Haa taʼu malee badiisni saboota irra gaʼu balaa nam-tolcheetiin kan dhufu miti.
21 Diinonni keenya baduu isaanii dura mallattoo Ilma namaa ni argu; kunis humna guddaa Yihowaa fi Yesuus qaban kan argisiisu taʼuu hin oolu. Mormitoonni kun wantoota baayʼee akka dhiphatan isaan taasisu ni argu. Akkuma Yesuus dursee dubbate, “namoonni wantoota addunyaatti dhufan sodaachuu fi eeguudhaan kan kaʼe ni gaggabu.” (Luq. 21:25-27) Saba Yihowaa irratti haleellaa banuun isaanii dogoggora akka taʼe ni hubatu. Yihowaan Uumaa, ajajaa waraanaa fi Gooftaa raayyaa taʼuu isaa beekuufis ni dirqamu. (Far. 46:6-11; His. 38:23) Yihowaan tajaajiltoota isaa warra amanamoo taʼan eeguu fi diinota isaa balleessuuf raayyaa samiittii fi humnoota uumamaatti akka fayyadamu hin shakkisiisu.—2 Pheexiros 2:9 dubbisi.
22, 23. Saba Waaqayyootiif eegumsa kan godhan eenyu faʼi? Waaʼee hojii isaanii hoo miirri akkamii isaanitti dhagaʼamuun isaa hin oolu?
22 Yesuus adda durummaadhaan diinota Waaqayyoo irratti haleellaa banuu fi warra Abbaa isaa jaallatanii fi tajaajilan immoo eeguuf hawwii akkamii akka qabu mee yaadaa. Akkasumas yeroo sanatti miira dibamtootatti dhagaʼamu yaadaa. Waraanni Armaagedoon jalqabuu isaa dura yeroo taʼe tokkotti namoonni 144,000 taʼan hundi Yesuusii wajjin waraana kana irratti hirmaachuu akka dandaʼaniif dibamtoota lafa irratti hafan keessaa warri dhumaa duʼaa kaʼanii jireenya samii ni argatu. (Mul. 17:12-14) Dibamtoonni hedduun miseensota hoolota kan biroo warra guyyoota dhumaatti waliin hojjechaa turanii wajjin michummaa cimaa akka uuman homaa hin shakkisiisu. Yeroo waraana Armaagedoonitti dibamtoonni kun warra yeroo rakkina isaaniitti amanamummaadhaan isaan deggeran eeguuf aangoos taʼe humna qabu.—Mat. 25:31-40.
23 Maleekonnis kutaa raayyaa samii Yesuus keessaa tokko taʼu. (2 Tas. 1:7; Mul. 19:14) Isaan kanaan dura Seexanaa fi jinniiwwan samii keessaa ariʼuu irratti isa gargaaraniiru. (Mul. 12:7-9) Namoota Yihowaa waaqeffachuu barbaadan lafa irratti walitti qabuu irrattis hirmaachaa turan. (Mul. 14:6, 7) Kanaafuu Yihowaan maleekonni warra amanamoo taʼan kana akka eegan heyyamuun isaa sirrii dha. Hunda caalaa garuu warri raayyaa Yihowaa keessa jiran hundi diinota isaa balleessuu irratti gargaarsa gochuudhaan maqaa isaa qulqulleessuu fi himata irraa walaba gochuu dandaʼuu isaanii akka ulfina guddaatti ilaalu.—Mat. 6:9, 10.
Guyyaa Yihowaa ilaalchisee beekumsi arganne maal gochuuf nu kakaasuu qaba?
24. Tuuta uummataa guddaa hoolota kan biroo taʼanitti maaltu dhagaʼama?
24 Tuutni uummataa guddaan hoolota kan biroo taʼan raayyaan isaan eeguuf humnaa fi fedhii guddaa qabu waan jiruuf sababa itti sodaatan hin qaban. Kanaa mannaa namoonni kun ‘fayyinni isaanii waan dhihaateef, kaʼanii dhaabbatu, mataa isaaniis ol qabatu.’ (Luq. 21:28) Maarree guyyaan Yihowaa dhufuu isaa dura, hamma nuuf dandaʼametti namoonni hedduun Abbaa keenya isa araara qabeessa taʼee fi eegumsa godhu akka beekan, akkasumas akka jaallatan gargaaruun keenya baayʼee barbaachisaa mitii?—Sefaaniyaa 2:2, 3 dubbisi.
25. Boqonnaa itti aanu keessatti waaʼee maalii ilaalla?
25 Waraanni ilmaan namootaa erga xumuramee booda jeequmsaa fi badiisa guddaatu taʼa. Kana irraa haala adda taʼeen garuu waraana Armaagedoon booda nagaanii fi gammachuun ni jiraata. Aariin Yihowaa erga dhaabbatee, loltoonni isaa goraadee isaanii manʼee isaatti erga deebisanii fi waraanni guddaan kun erga xumuramee booda haalli isaa maal fakkaata? Boqonnaa itti aanu keessatti waaʼee wanta dinqisiisaa gara fuulduraatti dhufu kanaa ilaalla.