BOQONNAA 14
“Seerri Mana Qulqullummaa Kana Dha”
YAADA IJOO: Mulʼanni waaʼee mana qulqullummaa ibsu barumsa gaarii namoota bara Hisqiʼelitti turaniifis taʼe yeroo harʼaa jiraannuuf dabarsu
1, 2. (a) Boqonnaa darbe irratti mana qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan arge ilaalchisee barumsa akkamii arganne? (b) Boqonnaa kana keessatti gaaffiiwwan akkamii lama irratti mariʼanna?
HISQIʼEL mana qulqullummaa hafuuraa isa guddaa Phaawulos ergamaan jaarraawwan hedduu booda ibse mulʼataan hin argine. Boqonnaa darbe irratti waaʼee kanaa baranneerra. Kana malees, kaayyoon mulʼata kanaa ulaagaaleen Waaqayyo waaqeffannaa qulqulluutiif baase barbaachisoo taʼuu isaanii saba Waaqayyoo barsiisuuf akka taʼe baranneerra. Sabichi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu haareffachuu kan dandaʼu ulaagaalee kana yoo hordofe qofa dha. Yihowaan caqasa tokko keessatti yaada, “Seerri mana qulqullummaa kana dha” jedhu siʼa lama dubbachuudhaan ulaagaaleen isaa barbaachisoo taʼuu isaanii kan addeesse kanaafi.—Hisqiʼel 43:12 dubbisi.
2 Amma gaaffiiwwan dabalataa lama qoruun nu barbaachisa. Tokkoffaa, Yihudoonni bara Hisqiʼelitti turan mulʼata waaʼee mana qulqullummaa ibsu kana irraa ulaagaalee Yihowaan waaqeffannaa qulqulluutiif baase ilaalchisee barumsa akkamii argatanii taʼuu dandaʼa? Deebiin gaaffii kanaa gaaffii, ‘Mulʼanni kun guyyoota dhumaa rakkisoo taʼan kana keessatti nuuf hiika maalii qaba?’ jedhuuf deebii argachuuf nu gargaara.
Bara Duriitti Mulʼatichi Barumsa Akkamii Dabarsee Ture?
3. Manni Yihowaa gaara dheeraa tokko irratti argamuun isaa sabichi akka qaanaʼan kan godhe akkamitti taʼuu dandaʼa?
3 Gaaffii jalqabaatiif deebii argachuuf, wantoota ajaaʼibsiisoo mulʼata mana qulqullummaa sana keessatti argaman tokko tokko irratti haa xiyyeeffannu. Gaara guddaa. Sabichi bakka Hisqiʼel mulʼataan arge kana, raajii gammachiisaa Isaayyaas waaʼee haaromsaa dubbatee wajjin wal qabsiisee taʼuu hin oolu. (Isa. 2:2) Haa taʼu malee, mana Yihowaa gaara dheeraa taʼe kana irratti arguun isaanii maal isaan barsiiseera? Waaqeffannaa qulqulluun ol kaafamuu fi warra kaan hunda caalee mulʼachuu akka qabu isaan barsiiseera. Dhugaa dha, waaqeffannaa qulqulluun qophii qaamni, “waaqolii kaan hundumaa caalaa baayʼee ol qabame” godhe waan taʼeef, duruma iyyuu kan ol kaafame dha. (Far. 97:9) Taʼus sabichi gaʼee isaa raawwachaa hin turre. Jaarraawwan hedduudhaaf irra deddeebiʼanii waaqeffannaa qulqulluun akka tuffatamu, akka dagatamuu fi akka mancaʼu godhaniiru. Namoonni garaa qajeelaa qaban manni Waaqayyoo inni qulqulluun ol qabamuu isaa, akkasumas ulfinaa fi iddoo guddaa isaaf malu argachuu isaa yommuu argan qaanaʼanii akka turan beekamaa dha.
4, 5. Namoonni Hisqiʼeliin dhaggeeffachaa turan karrawwan dhedheeroo mana qulqullummaa irraa barumsa akkamii argatanii taʼuu dandaʼa?
4 Karrawwan dhedheeroo. Hisqiʼel yommuu mulʼaticha arguu jalqabetti, maleekaan isa daawwachiisaa ture sun karrawwan sana yommuu safaru argee ture. Karrawwan sun dheerinni isaanii gara meetira 30 ture. (His. 40:14) Karaa gara mana qulqullummaatti ittiin seenamu irras kutaawwan waardiyyaa jiru turan. Wanti kun hundi warra pilaanicha qoʼatan maal hubachiisee taʼuu dandaʼa? Yihowaan Hisqiʼeliin “Karaa gara mana qulqullummaatti ittiin seenamuuf . . . xiyyeeffannaa kenni” jedheera. Maaliif? Sababiin isaas sabichi namoota “garaa isaanii fi foon isaanii dhaqna hin qabanne” gara mana waaqeffannaa Waaqayyoo isa qulqulluutti fidaa turan. Kun hoo maal geessise? Yihowaan, “Isaan mana qulqullummaa koo ni xureessu” jedheera.—His. 44:5, 7.
5 Namoonni “foon isaanii dhaqna hin qabanne” sun ajaja Waaqayyoo isa ifa taʼee fi bara Abrahaamii jalqabee kennameef utuu hin ajajamin hafaniiru. (Uma. 17:9, 10; Lew. 12:1-3) Warri ‘garaa isaanii dhaqna hin qabanne’ garuu kana caalaa rakkina qabu turan. Namoonni kun taʼe jedhanii finciltoota taʼaniiru, qajeelfama Yihowaas utuu hin fudhatin hafaniiru. Namoonni akkanaa gara mana waaqeffannaa Yihowaa isa qulqulluutti akka seenan isaaniif heyyamamuu hin qabu! Yihowaan fakkeessaa ni jibba; sabni isaa garuu fakkeessaan mana isaa keessatti akka babalʼatu heyyamanii turan. Karrawwanii fi kutaawwan waardiyyaa mana qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan arge sana keessatti ibsaman kana booda wanti akkasii akka hin jiraanne barumsa ifa taʼe dabarsaniiru. Gara mana Waaqayyootti seenuuf ulaagaalee ol aanoon eegamuu qabu. Yihowaan waaqeffannaa sabni isaa dhiheessan kan eebbisu kun yoo taʼe qofa dha.
6, 7. (a) Yihowaan saba isaatiif ergaa dabarsuuf dallaa gamoo mana qulqullummaatti marsee jirutti kan fayyadame akkamitti? (b) Sabichi kanaan dura mana Yihowaa akkamitti qabaa turan? (Miiljalee ilaali.)
6 Dallaa itti marsee jiru. Mana qulqullummaa mulʼataan argame sana ilaalchisee wanti nama ajaaʼibsiisu kan biraan immoo dallaa isatti marsee jiru dha. Hisqiʼel dallaan sun kallattii hundumaatiin shomboqqoo 500 ykn meetira 1555, jechuunis gara kiilomeetira 1.6 akka dheeratu dubbateera. (His. 42:15-20) Haa taʼu malee, gamoonii fi mooraan mana qulqullummaa sanaa kallattii arfaniinuu dhundhuma 500 ykn meetira 259 dheerata ture. Kanaafuu, manni qulqullummaa bakka balʼaadhaan, akkasumas dallaa isa alaatiin marfamee jira ture.a Maaliif?
7 Yihowaan “Ammas isaan sagaagalummaa karaa hafuuraa raawwatanii fi reeffa mootota isaanii ana irraa haa fageessan; anis bara baraaf isaan gidduu nan jiraadha” jedheera. (His. 43:9) Yaanni, “reeffa mootota isaanii” jedhu waaqolii tolfamoo kan argisiisu taʼuu hin oolu. Kanaafuu iddoo balʼaa mana qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan argetti fayyadamuudhaan karaa biraatiin, “Wantoota xuraaʼan kana hundumaa fageessaa, ofittis hin dhiheessinaa” isaaniin jechaa ture. Akka kanaan waaqeffannaan isaanii qulqulluu taʼee akka itti fufu yoo godhan Yihowaan isaan gidduutti argamee isaan eebbisa.
8, 9. Gorsa cimaa Yihowaan namoota itti gaafatamummaa qabaniif kenne irraa sabichi maal baratee taʼuu dandaʼa?
8 Gorsa cimaa namoota itti gaafatamummaa qabaniif kenname. Yihowaan namoota saba isaa gidduutti itti gaafatamummaa guddaa qabaniif gorsa cimaa taʼe, garuu immoo jaalala irratti hundaaʼe kenneera. Yihowaan yeroo sabni isaa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu jalqabanitti Leewwota isa irraa goraniif sirreeffama cimaa kenneera; ilmaan Saadoq warra ‘yeroo Israaʼelonni isa irraa fagaatanii turanitti itti gaafatamummaa iddoo qulqulluu isaa irratti qaban raawwachaa turan’ garuu galateeffateera. Gareewwan kana lamaan akka gocha isaaniitti haqaa fi gara laafinaan qabeera. (His. 44:10, 12-16) Haaluma wal fakkaatuun Yihowaan geggeessitoota Israaʼeliifis sirreeffama cimaa kenneera.—His. 45:9.
9 Yihowaan namoonni itti gaafatamummaa qaban akkaataa itti gaafatamummaa isaanii itti raawwatan ilaalchisee deebii akka isaaf kennan karaa ifa taʼeen ibseera. Isaanis gorsa, sirreeffamaa fi adaba argachuu qabu turan. Haa taʼu malee, ulaagaalee Yihowaa deggeruu irrattis dursa fudhachuu qabu.
10, 11. Namoonni boojuudhaa deebiʼan tokko tokko mulʼata Hisqiʼel irraa barumsa akka argatan wanti argisiisu maali dha?
10 Namoonni boojuudhaa deebiʼan kun barumsawwan mulʼata Hisqiʼel keessatti argaman hojii irra oolchaniiruu? Dhugaa dha, dhiironnii fi dubartoonni amanamoon bara sana turan, waaʼee mulʼata dinqisiisaa taʼe kanaa maal yaadaa akka turan sirriitti hin beeknu. Taʼus, Dubbiin Waaqayyoo wanta warri boojuudhaa deebiʼan raawwatanii fi ilaalcha isaan Waaqeffannaa qulqulluutiif qaban akka gaariitti nutti hima. Maarree namoonni kun dhugaawwan buʼuuraa mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsaman hojii irra oolchaniiruu? Abbootii isaanii warra finciltoota taʼanii fi boojuu Baabilon dura turanii wajjin yommuu wal bira qabamanii ilaalaman, hamma tokko hojii irra oolchanii turan jechuun ni dandaʼama.
11 Namoonni amanamoon kanneen akka Haagee fi Zakkaariyaas warri raajota taʼan, Izraan inni lubaa fi garagalchituu kitaabaa taʼe, akkasumas Nahimiyaan inni bulchaa taʼe, sabicha dhugaawwan buʼuuraa mulʼata mana qulqullummaa Hisqiʼel arge keessatti argamanii wajjin wal fakkaatu barsiisuuf carraaqqii godhaniiru. (Iz. 5:1, 2) Namoonni kun waaqeffannaa qulqulluun ol ol qabamuu, akkasumas dhimma foonii fi dhimma dhuunfaa caalaa iddoo guddaan kennamuufii akka qabu sabicha barsiisaniiru. (Hag. 1:3, 4) Ulaagaaleen waaqeffannaa qulqulluu irratti hirmaachuuf barbaachisan kabajamuu akka qaban cimsanii ibsaniiru. Fakkeenyaaf, Izraa fi Nahimiyaan sabichi haadhotii manaa isaanii warra namoota biyya ormaa taʼanii fi karaa hafuuraa isaan dadhabsan akka ariʼan cimsanii gorsaniiru. (Izraa 10:10, 11 dubbisi; Nah. 13:23-27, 30) Waaqolii tolfamoo waaqeffachuu ilaalchisee hoo maal godhan? Sabichi cubbuu yeroo baayʼee seenaa isaanii keessatti kiyyoo itti taʼe kana dhuma irratti waan jibbe fakkaata. Luboonnii fi bulchitoonni hoo? Akkuma mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsame, Yihowaan isaaniifis gorsaa fi sirreeffama kenneera. (Nah. 13:22, 28) Namoonni gad of qaban hedduunis gorsa sana fudhataniiru.—Iz. 10:7-9, 12-14; Nah. 9:1-3, 38.
12. Warri boojiʼaman gara biyya isaaniitti erga deebiʼanii booda Yihowaan kan isaan eebbise karaawwan kamiini?
12 Kanaan kan kaʼes Yihowaan saba isaa eebbiseera. Sabichis Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu dandaʼeera; fayyaa fi nagaa yeroo dheeraadhaaf argatee hin beeknes argateera. (Iz. 6:19-22; Nah. 8:9-12; 12:27-30, 43) Maaliif? Sababiin isaas sabichi dhuma irratti ulaagaalee qajeelinaa Yihowaan waaqeffannaa qulqulluutiif baase hordofuu waan jalqabeefi. Namoonni garaa qajeelaa qaban hedduun barumsa mulʼata waaʼee mana qulqullummaa ibsu sana irraa argamu hojii irra oolchaniiru. Walumaa galatti mulʼanni Hisqiʼel mana qulqullummaa ilaalchisee arge karaa guguddaa lamaan warra boojiʼaman fayyadeera. (1) Mulʼanni kun waaʼee ulaagaalee waaqeffannaa qulqulluu, akkasumas ulaagaalee kana akkamitti hojii irra oolchuu akka qaban barumsa gaarii isaaniif kenneera. (2) Raajii amansiisaa taʼe qabateera. Mulʼanni kun waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamuu fi sabichi waaqeffannaa qulqulluu dhiheessuu isaanii yoo itti fufan Yihowaan akka isaan eebbisu ibseera. Nutis gaaffii, ‘Yeroo harʼaatti mulʼanni kun ni raawwatamaa?’ jedhuuf deebii argachuu barbaanna.
Mulʼanni Hisqiʼel Yeroo Harʼaatti Maal Nu Barsiisa?
13, 14. (a) Mulʼanni Hisqiʼel mana qulqullummaa ilaalchisee arge bara keenyattis raawwatamaa akka jiru akkamitti beekna? (b) Yeroo harʼaatti mulʼanni kun karaawwan akkamii lamaan nu fayyada? (Saanduqa 13A, “Mana Qulqullummaa Adda Addaa, Barumsa Adda Addaa” jedhus ilaali.)
13 Mulʼanni Hisqiʼel mana qulqullummaa ilaalchisee arge yeroo harʼaatti nuuf akka hojjetu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenyaa? Eeyyee ni dandeenya. Mulʼanni Hisqiʼel manni Waaqayyoo inni qulqulluun “gaara baayʼee dheeraa taʼe tokko” irratti argee fi raajiin Isaayyaas ‘gaarri mana Yihowaa fiixee gaarotaa gararraatti jabaatee akka dhaabbatu’ dubbate akka wal fakkaatu yaadadhaa. Isaayyaas raajiin isaa kun “guyyoota dhumaatti” akka raawwatamu adda baasee ibseera. (His. 40:2; Isa. 2:2-4; dabalataanis Miikiyaas 4:1-4 ilaali.) Raajiiwwan kun guyyoota dhumaa keessa, jechuunis bara 1919 irraa jalqabee yeroo waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee hundeeffamettii fi akka waan gaara dheeraa taʼe tokko irra taaʼeetti yommuu ol kaafametti raawwii isaa argateera.b
14 Kanaafuu mulʼanni Hisqiʼel waaqeffannaa qulqulluu yeroo harʼaatti argamuufis akka hojjetu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Mulʼanni kun akkuma Yihudoota bara duriitti boojiʼamanii turan fayyade, nuunis yeroo harʼaatti karaawwan lamaan nu fayyada. (1) Ulaagaalee Yihowaan waaqeffannaa qulqulluutiif baase akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeenyu nu barsiisa. (2) Raajii waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamuu fi eebba Yihowaa akka argannu nuu mirkaneessu qabateera.
Ulaagaalee Waaqeffannaa Qulqulluu Yeroo Harʼaa Jiran
15. Mana qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan arge irraa yommuu barannu maal yaadachuu qabna?
15 Mee amma qabiyyeewwan mulʼata Hisqiʼel keessatti argaman tokko tokko haa ilaallu. Mana qulqullummaa dinqisiisaa Hisqiʼel mulʼataan arge sana isaa wajjin daawwachaa akka jirtan godhaa yaadaa. Mana qulqullummaa hafuuraa isa guddaa daawwachaa akka hin jirre yaadadhaa; kanaa mannaa, barumsawwan yeroo harʼaatti waaqeffannaa keenya irratti hojii irra oolchuu dandeenyu barachaa jirra. Barumsawwan akkamii argachuu dandeenya?
16. Mulʼata Hisqiʼel keessatti wantoonni hundi safaramuu isaanii irraa maal barachuu dandeenya? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
16 Wantoonni hundi kan safaraman maaliifi? Hisqiʼel maleekaan bifti isaa sibiila diimaa fakkaatu dallaawwan, karrawwan, kutaawwan waardiyyootaa, mooraa sanaa fi iddoo aarsaa sana dabalatee mana qulqullummaa sana guutummaatti yommuu safaru argeera. Ibsi balʼaan kenname nama dubbisu tokko nuffisiisuu dandaʼa. (His. 40:1–42:20; 43:13, 14) Haa taʼu malee, qabxiiwwan barbaachisoo ibsa balʼaa kana irraa argachuu dandeenyu yaadaa. Yihowaan ibsa balʼaa kanatti fayyadamuudhaan ulaagaaleen isaa barbaachisoo taʼuu isaanii cimsee ibseera. Ulaagaalee kana kan baase nama utuu hin taʼin, isa dha. Namoonni Waaqayyo karaa kamiin iyyuu yoo waaqeffatame rakkina hin qabu jedhan baayʼee dogoggoraniiru. Kana malees Yihowaan mana qulqullummaa sana tokko tokkoon safaruudhaan waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee hundeeffamuun isaa akka hin oolle mirkaneesseera. Abdiin Waaqayyo kenne raawwatamuun isaa akkuma safartuuwwan sirrii taʼan sanaatti mirkanaaʼaa dha. Kanaafuu Hisqiʼel guyyoota dhumaa kanatti waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee hundeeffamuun isaa waan hin oolle akka taʼe mirkaneesseera.
17. Dallaan mana qulqullummaatti marsee jiru yeroo harʼaatti maal nu yaadachiisa?
17 Dallaa itti marsee jiru. Akkuma kanaan dura ilaalle, Hisqiʼel manni qulqullummaa mulʼataan arge sun dallaadhaan marfamuu isaa argeera. Kun sabni Waaqayyoo xuraaʼummaa amantii hundumaa waaqeffannaa qulqulluu irraa akka fageessanii fi matumaa mana Waaqayyoo akka hin faalle yaadachiisa cimaa isaaniif taʼa. (Hisqiʼel 43:7-9 dubbisi.) Yeroo harʼaattis gorsi wal fakkaatu baayʼee nu barbaachisa! Sabni Waaqayyoo jaarraawwan hedduudhaaf karaa hafuuraa boojuu Baabilon Guddittii jala turaniiru; erga boojuu jalaa baʼanii boodas bara 1919tti Kiristoos garbicha amanamaa fi ogeessa muudeera. Sabni Waaqayyoo keessumaa yeroo sanaa jalqabee barumsawwan, akkasumas gochawwan waaqolii tolfamoo waaqeffachuu fi waaqeffannaa sobaa wajjin walitti dhufeenya qaban kana irraa fagaachuuf carraaqqii cimaa godhaniiru. Nutis waaqeffannaa qulqulluu xuraaʼummaa hafuuraa irraa fageessuuf carraaqqii gochuu qabna. Kana malees wantoota daldalaa wajjin walitti dhufeenya qaban Galmawwan Walgaʼii keenya keessatti raawwachuu hin qabnu; dhimmoota akkasii waaqeffannaa keenya irraa adda baasuu qabna.—Mar. 11:15, 16.
18, 19. (a) Karrawwan dhedheeroo mana qulqullummaa mulʼataan argaman irraa maal barachuu dandeenya? (b) Namoota ulaagaalee Yihowaa ol aanoo taʼan laaffisuu barbaadaniif deebii akkamii kennuu qabna? Fakkeenya kenni.
18 Karrawwan dhedheeroo. Karrawwan dhedheeroo Hisqiʼel arge irratti yommuu xiinxallu barumsa akkamii irraa argachuu dandeenya? Mulʼanni waaʼee mana qulqullummaa ibsu kun Yihowaan ulaagaalee naamusaa ol aanoo taʼan akka qabu Yihudoota boojiʼamanii jiran barsiisee taʼuu qaba. Bara duriitti haalli isaa akkana yoo taʼe yeroo harʼaatti hoo? Mana qulqullummaa hafuuraa Yihowaa isa guddaa keessatti waaqeffachaa jirra. Maarree amalli qajeelaan fakkeessaa irraa walaba taʼe yeroo ammaatti caalaatti barbaachisaa mitii? (Rom. 12:9; 1 Phe. 1:14, 15) Guyyoota dhumaa kanatti Yihowaan sabni isaa ulaagaalee inni naamusaaf baase sirriitti akka hordofan irraa jalaan isaan barsiisaa jira.c Fakkeenyaaf, namoonni cubbuu hojjetanii yaada hin geddaranne gumii keessaa ni baafamu. (1 Qor. 5:11-13) Kana malees kutaawwan waardiyyaa karrawwan sana duratti argaman namni Waaqayyo biratti fudhatama hin qabne kam iyyuu mana qulqullummaa hafuuraa sanatti seenuun akka isaaf hin heyyamamne nu yaadachiisu. Fakkeenyaaf, namni jireenya bifa lamaa jiraatu tokko gara Galma Walgaʼiitti ni seena taʼa; haa taʼu malee wanta Waaqayyo isa irraa barbaadu hin raawwatu taanaan Yihowaa biratti fudhatama argachuu hin dandaʼu. (Yaq. 4:8) Yeroo mancaʼaa fi naamusaan ala taʼe kanatti kun waaqeffannaa qulqulluudhaaf eegumsa guddaa dha!
19 Kitaabni Qulqulluun addunyaan kun dhumni dhufuu isaa dura mancaʼaa akka deemu dubbateera. “Hamoonnii fi fakkeessitoonni dogoggorsuu fi dogoggoruudhaan isa gadhee irraa gara isa caalaatti gadhee taʼetti” akka deeman dubbata. (2 Xim. 3:13) Yeroo harʼaatti namoonni hedduun ulaagaaleen Yihowaa warri ol aanoon bilisummaa kan nama dhowwatan, yeroon kan itti darbe ykn dogoggora akka taʼan yaaduudhaan gowwoomfamaa jiru. Maarree isin hoo ni gowwoomfamtuu? Fakkeenyaaf, namni tokko ulaagaalee Waaqayyo saalqunnamtii namoota saala wal fakkaatan gidduutti raawwatamu ilaalchisee baase dogoggora akka taʼe isin amansiisuuf yoo yaale yaada isaa irratti walii galtuu? Moo Yihowaa isa Dubbiin isaa namoonni wanta akkasii raawwatan warra ‘wanta qaanessaa hojjetan’ akka taʼan ibsu irratti walii galtu? Waaqayyo gocha naamusaan ala taʼe akka hin deggerre nu akeekkachiisa. (Rom. 1:24-27, 32) Yommuu dhimmoonni akkanaa nu mudatan mana qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan argee fi karra dhedheeroo qabu yaadaan ilaaluu, akkasumas ilaalcha addunyaan kun wanta sirrii fi dogoggora taʼeef qabu kan jijijjiiramu taʼus, Yihowaan ulaagaalee qajeelinaa isaa akka hin laaffisne yaadachuu qabna. Maarree Abbaa keenya isa samii ni deggerraa? Wanta sirrii taʼe cinaa hoo ni dhaabbannaa?
Waaqeffannaa qulqulluu irratti yommuu hirmaannu “aarsaa galataa” dhiheessina
20. “Tuutni uummataa guddaan” mulʼata Hisqiʼel irraa yaadachiisa nama jajjabeessu akkamii argatu?
20 Mooraawwan. Hisqiʼel mooraa mana qulqullummaa isa alaa balʼaa taʼe yommuu argu, waaqeffattoonni Yihowaa gammadoo taʼan hammamii achitti wal gaʼuu akka dandaʼan yaaduudhaan gammadee taʼuu qaba. Yeroo harʼaatti Kiristiyaanonni iddoo kana caalaa qulqulluu taʼetti waaqeffachaa jiru. “Tuutni uummataa guddaan” mooraa mana qulqullummaa hafuuraa Yihowaa isa alaa keessatti waaqeffatan, mulʼata Hisqiʼel irraa yaadachiisa nama jajjabeessu argatu. (Mul. 7:9, 10, 14, 15) Hisqiʼel mooraawwan sun kutaawwan nyaataatiin marfamuu isaanii argeera; achi keessattis waaqeffattoonni aarsaawwan gamtaa fidanii dhufan waliin ni nyaatu turan. (His. 40:17) Karaa biraatiin namoonni kun Yihowaa wajjin nyaata nyaachaa jiru jechuu dha; kun immoo isaa wajjin michummaa uumuu isaanii argisiisa. Yeroo harʼaatti nuti aarsaawwan Yihudoonni Seera Musee jala turan dhiheessan hin dhiheessinu. Kanaa mannaa walgaʼiiwwan keenya irrattis taʼe tajaajila dirree irratti amantii keenya ibsuudhaan waaqeffannaa qulqulluu irratti yommuu hirmaannu “aarsaa galataa” dhiheessina. (Ibr. 13:15) Kana malees nyaata hafuuraa Yihowaan qopheessu soorachaa jirra. Akkuma ilmaan Qoraa warra, “Guyyaa kuma bakka kan biraa jiraachuu irra guyyuma tokko mooraa kee keessa ooluu wayya” jechuudhaan Yihowaa faarfatanii nutti dhagaʼamuun isaa nama hin dinqisiisu.—Far. 84:10.
21. Kiristiyaanonni dibamoon luboota mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsaman irraa maal barachuu dandaʼu?
21 Lubummaa. Hisqiʼel karrawwan luboonnii fi Leewwonni gara mooraa isa keessaatti ittiin seenan, karrawwan gosoonni luboota hin taane gara mooraa isa alaatti ittiin seenanii wajjin akka wal fakkaatan argeera. Kun immoo namoonni kutaa lubootaa taʼan sunis ulaagaalee Yihowaan waaqeffannaa qulqulluutiif baase guutuu akka qaban akka gaariitti kan isaan yaadachiisu dha. Keessumaa yeroo harʼaatti kana irraa faayidaa kan argatan eenyu faʼi? Yeroo harʼaatti tajaajiltoota Waaqayyoo gidduu lubummaan dhaalaan argamu hin jiru; haa taʼu malee Kiristiyaanonni dibamoon “sanyii filatamaa, luboota mootota taʼan” jedhamaniiru. (1 Phe. 2:9) Luboonni Israaʼel durii keessa turan mooraa adda taʼe keessatti waaqeffatu turan. Yeroo harʼaatti Kiristiyaanonni dibamoon iddoo waaqeffattoota kaan irraa adda taʼe keessatti hin waaqeffatan; haa taʼu malee, akka ijoollee isaa taʼuudhaan Yihowaa wajjin walitti dhufeenya adda taʼe qabu. (Gal. 4:4-6) Kana malees, Kiristiyaanonni dibamoon mulʼata Hisqiʼel irraa yaadachiisa gaarii argachuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, akkuma luboota bara durii Kiristiyaanonni dibamoonis gorsii fi adabni akka isaaniif kennamu ni hubatu. Hundi keenya ‘tiksee tokko’ jalatti “tuuta tokko” taanee akka tajaajillu yaadachuun keenya gaarii dha.—Yohaannis 10:16 dubbisi.
22, 23. (a) Jaarsoliin Kiristiyaanota taʼan geggeessaa mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsame irraa barumsa akkamii argachuu dandaʼu? (b) Gara fuulduraatti maaltu taʼuu dandaʼa?
22 Geggeessaa. Mulʼata Hisqiʼel keessatti geggeessaan tokko nama aangoo guddaa qabu ture. Inni gosa lubootaa keessaa waan hin dhufneef, hojii mana qulqullummaa keessatti hojjetamuu wajjin haala wal qabateen qajeelfama lubootaatiif bitamuu qaba ture. Haa taʼu malee, sabicha gidduutti akka ilaaltuu ol aanaa taʼee tajaajila ture; aarsaawwan dhiheessuu irrattis sabicha gargaara ture. (His. 44:2, 3; 45:16, 17; 46:2) Kanaafuu geggeessaan kun dhiirota Kiristiyaanota taʼanii fi gumii keessatti itti gaafatamummaa guddaa qabaniif fakkeenya gaarii taʼa. Daawwattoota ol aanoo dabalatee jaarsoliin Kiristiyaanota taʼan garbicha amanamaa dibame kanaaf bitamuu isaanii itti fufuu qabu. (Ibr. 13:17) Jaarsoliin sabni Waaqayyoo gumii Kiristiyaanaa irrattis taʼe tajaajila irratti aarsaawwan galataa akka dhiheessan isaan gargaaruuf carraaqqii cimaa ni godhu. (Efe. 4:11, 12) Kana malees jaarsoliin geggeessitoonni Israaʼel karaa sirrii hin taaneen aangoo isaaniitti fayyadamuu isaaniitiin kan kaʼe Yihowaan isaan adabuu isaa beeku. (His. 45:9) Haaluma wal fakkaatuun jaarsoliinis gorsii fi sirreeffamni akka isaan barbaachisu beeku. Tiksitootaa fi ilaaltota ol aanoo buʼa qabeeyyii akka taʼaniif qophii Yihowaan isaan qulqulleessuuf godhu kamiif iyyuu bakka guddaa kennu.—1 Pheexiros 5:1-3 dubbisi.
23 Yihowaan Jannata dhufu keessattis ilaaltota ol aanoo gaʼumsa qabanii fi jaalala qabeeyyii taʼan nuu kennuu isaa itti fufa. Yeroo harʼaatti jaarsolii hedduun akkamitti warra kaan gargaaruu fi tiksitoota gaʼumsa qaban taʼuu akka dandaʼan leenjii argachaa jiru jechuun ni dandaʼama. (Far. 45:16) Addunyaa haaraa keessatti namoonni kun eebba guddaa akka taʼan yaaduun kan nama gammachiisu mitii? Akkuma raajiiwwan waaʼee haaromsaa ibsan kaanii, hubannaan nuti mulʼata Hisqiʼel irratti qabnu yeroo Yihowaan murteessetti caalaatti ifa taʼuu dandaʼa. Tarii raajiiwwan kana keessaa tokko tokko gara fuulduraatti raawwii dinqisiisaa yeroo ammaatti hubatamuu hin dandeenye ni argatu. Waaʼee kanaa gara fuulduraatti beekna.
Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu ni Eebbisa
24, 25. Mulʼanni Hisqiʼel Yihowaan sabni isaa waaqeffannaa qulqulluu yoo deggeran akka isaan eebbisu kan argisiisu akkamitti?
24 Dhuma irratti taʼee guddaa mulʼata Hisqiʼel keessatti raawwatame irra deebinee haa ilaallu. Yihowaan gara mana qulqullummaa isa mulʼataan argame sanaa dhufuudhaan sabni isaa ulaagaalee inni waaqeffannaa qulqulluutiif baase amanamummaadhaan yoo deggeran isaan gidduu akka jiraatu waadaa isaaniif galeera. (His. 43:4-9) Yihowaan achitti argamuun isaa saba isaatiifis taʼe biyyattiidhaaf buʼaa akkamii argamsiisa?
25 Mulʼatichi raajiiwwan nama jajjabeessan lamatti fayyadamuudhaan sabichi eebba Yihowaa akka argatu ibseera: (1) Lagni tokko iddoo qulqulluu mana qulqullummaa keessaa yaaʼuudhaan biyyattiidhaaf jireenyaa fi oomisha gaarii argamsiisa; akkasumas (2) biyyattiin karaa seera qabeessa taʼeen qixxeetti qoqqoodamti; manni qulqullummaa fi bakki manni qulqullummaa itti argamus biyyattii gidduu jiraata. Yeroo harʼaatti yaadawwan kana akkamitti hubachuu dandeenya? Kan jiraannu yeroo itti Yihowaan sirna waaqeffannaa qulqulluu hunda irra caalu, jechuunis mana qulqullummaa hafuuraa isa guddaa qulqulleessee fi fudhate keessa dha. (Mil. 3:1-4) Raajiiwwan lamaan kana Boqonnaa 19 hanga 21 keessatti ilaalla.
a Yihowaan kana irraa haala faallaa taʼeen akkaataa sabni isaa kanaan dura mana isaa isa qulqulluu itti qabaa turan ilaalchisee akkana jedheera: “Isaan anaa fi isaan gidduu girgiddaa tokko qofa dhaabuudhaan gubanii balbalaa isaanii gubanii balbalaa kootti, maqaanii isaaniis maqaanii kootti aansanii kaaʼuudhaan, wantoota jibbisiisoo raawwataniin maqaa koo isa qulqulluu xureessaniiru.” (His. 43:8) Yerusaalem durii keessatti mana qulqullummaa Yihowaa fi mana namootaa gidduu girgiddaa tokko qofatu jira ture. Sabichi ulaagaalee qajeelinaa Yihowaa irraa yommuu fagaatanitti xuraaʼummaa isaanii fi waaqolii tolfamoo isaanii gara mana Yihowaatti fidanii turan. Kun cubbuu guddaa ture!
b Manni qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan arge raajiiwwan waaʼee haaromsaa ibsanii fi guyyoota dhumaatti raawwii isaanii argatan kaanii wajjinis walitti dhufeenya qaba. Fakkeenyaaf, walitti dhufeenya caqasawwan armaan gadii gidduu jiru qalbeeffadhaa: Hisqiʼel 43:1-9 fi Miilkiyaas 3:1-5; Hisqiʼel 47:1-12 fi Yooʼel 3:18.
c Manni qulqullummaa hafuuraa kan jalqabe Dh.K.B. bara 29tti yeroo Yesuus cuuphamettii fi Luba Ol Aanaa taʼuudhaan hojii isaa jalqabetti ture. Haa taʼu malee, ergamoonni Yesuus erga duʼanii booda jaarraawwan hedduudhaaf waaqeffannaa qulqulluun lafa irratti dagatamee ture. Keessumaa bara 1919 irraa jalqabee garuu waaqeffannaa dhugaan ol kaafamaa jira.