Waaqayyo Duratti Fudhatama Argachuun Jireenya Barabaraa Argamsiisa
“Yaa Waaqayyo, ati nama qajeelaa in eebbifta, tolli kees [‘si duratti fudhatama argachuunis,’ NW] karaa hundumaa gaachana in taʼaaf.”—FAR. 5:12.
1, 2. Eliyaas haati hiyyeessaa Saraaphtaa jirtu maal akka gootu ishee gaafate? Maal isheedhaa mirkaneesse?
DUBARTIIN biyya Saraaphtaa jirtuufi ilmishee beelaʼaniiru, raajiin Waaqayyoos beelaʼeera. Haati hiyyeessaa kun, ibidda ittiin nyaata bilcheeffattu bobeessuuf qophaaʼaa utuu jirtuu, Eliyaas raajichi bishaaniifi buddeena akka isaa kennitu ishee gaafate. Wanta dhugu kan isaaf kennite yoo taʼeyyuu, nyaanni isheen qabdu garuu, “daakuu konyee tokkittii huuroo keessa jirtuu fi dhadhaa ejersaa muraasa cuggee keessa jirtu” qofa ture. Nyaata gaʼaa waan hin qabneef, raajichaaf kennuu akka hin dandeenye kan isheetti dhagaʼame siʼa taʼu, kana gochuu akka hin dandeenye isatti himte.—1 Mot. 17:8-12.
2 Eliyaas garuu, “Wanta qabdu irraa dura bixxillee xinnoo ishee tolchii anaaf fidi! Kana booddees ofii keetiif, ilma keetiifis immoo waa tolchi! Waaqayyo gooftichi Israaʼel, ‘. . . Daakichi huuroo keessaa hin dhumu, dhadhaan ejersaas cuggee keessaa hin dhabamu jedhaʼ” isheedhaan jedhe.—1 Mot. 17:13, 14.
3. Gaaffii guddaa akkamiitu nuu dhihaate?
3 Dhimmi haadha hiyyeessaa sana duratti dhihaate, nyaata xinnoo hafte sana maal gochuu akka qabdu murteessuu caalaa wanta cimaa taʼe tokko kan of keessaa qabu ture. Yihowaan isheefi mucaashee akka oolchu isatti amanamtimoo, Waaqayyo duratti fudhatama argachuufi isaa wajjin michoomuu caalaa wanta karaa foonii ishee barbaachisuuf dursa kenniti? Hunda keenyaaf gaaffiin akkasii dhihaateera. Caalaatti kan nu yaaddessu wanta karaa foonii nu barbaachisumoo Waaqayyo duratti fudhatama argachuudha? Waaqayyotti amanamuufi isa tajaajiluuf sababii hedduu qabna. Waaqayyo duratti fudhatama argachuuf fedhii qabaachuufi fudhatama argachuuf tarkaanfiiwwan fudhachuu qabnus jiru.
‘Waaqeffannaa Fudhachuun Siif In Taʼa’
4. Yihowaa waaqeffachuun keenya kan isaaf malu maaliifi?
4 Yihowaan namoonni karaa fudhatama qabuun akka isa tajaajilan isaanirraa eeguuf mirga qaba. Gareen tajaajiltootasaa samii keessa jiranii tokkoo, “Ati waan hundumaa waan uumteef, isaanis jaalala keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniif, gooftaa keenyaa! Waaqayyo keenyaa! Guddina, ulfina, aangoos fudhachuun siif in taʼa” jechuudhaan kun dhugaa taʼuusaa mirkaneesseera. (Mul. 4:11) Yihowaan waan hundumaa waan uumeef isa waaqeffachuun keenya kan isaaf maludha.
5. Jaalalli Waaqayyoo akka isa tajaajillu nu kakaasuu kan qabu maaliifi?
5 Sababiin Yihowaa tajaajiluu itti qabnu inni garabiraanimmoo, eenyuyyuu caalaa kan nu jaallatu taʼuusaati. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi dubartii isaan uume” jechuudhaan ibsa. (Uma. 1:27) Waaqayyo, namni yaaduufi filannaa gochuuf, akkasumas murtoo gochuuf dandeettii akka qabaatu godhee uume. Yihowaan jireenya nuu kennuudhaan ilmaan namootaatiif Abbaa taʼeera. (Luq. 3:38) Akkuma abbaan gaariin tokko godhu, ijoolleensaa jireenyatti akka gammadaniif wanta barbaachisu hunda isaanii godheera. ‘Aduusaa kan baasu, bokkaasaas kan roobsu,’ Lafti nyaata gaʼaa akka kennituuf qofa utuu hin taʼin bareedduus akka taatuufidha.—Mat. 5:45.
6, 7. (a) Addaam ijoolleesaa hundarratti miidhaa akkamii fideera? (b) Aarsaan Kiristos warra Waaqayyo duratti fudhatama argachuu barbaadaniif maal godha?
6 Yihowaan miidhaa guddaa cubbuun fidurraas nu oolcha. Akkuma namni qumaara taphatu tokko araadasaa kana baʼuudhaaf yeroo baayʼee maatiisaa jalaa hatu, Addaamis cubbuu hojjechuudhaan wanta kanaa wajjin wal fakkaatu raawwateera. Addaam Yihowaarratti kaʼuudhaan ijoolleensaa barabaraaf gammachuudhaan akka hin jiraanne godheera. Ofittummaansaa ilmaan namootaa cubbuudhaaf garboota akka taʼan godheera. Kanaaf, ilmaan namootaa hundi kan dhukkubsatan, kan gaddaniifi dhumarrattis kan duʼan taʼaniiru. Garba tokko bilisa baasuun kaffaltii kan gaafatu siʼa taʼu, Yihowaanis gatii rakkina guddaa cubbuun fidurraa nu oolchuu dandaʼu nuu kaffaleera. (Roomaa 5:21 dubbisi.) Yesus fedha Abbaasaa wajjin haala walsimuun “lubbuu isaa furii namoota baayʼeedhaaf” kenneera. (Mat. 20:28) Warri Waaqayyo duratti fudhatama argatan, yeroo dhihootti furii kaffalame kanarraa guutummaatti fayyadamu.
7 Uumaan keenya Yihowaan, jireenya gammachiisaa taʼeefi kaayyoo qabu akka jiraannuuf wanta eenyuyyuu hin goone nuu godheera. Yihowaa duratti fudhatama waan arganneef, miidhaa ilmaan namootaarra gaʼe hunda hambisuuf akkamitti akka hojjetu arguu dandeenya. Yihowaan, akkamitti “warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennu” dhuunfaatti nutti argisiisuusaa itti fufa.—Ibr. 11:6.
“Namoonni Kee Jaalala Isaaniitiin Of In Dhiʼeessu”
8. Muuxannoon Isaayaas, Waaqayyoon tajaajiluu ilaalchisee maal nu barsiisa?
8 Waaqayyo duratti fudhatama argachuun, mirga filannaa keenyatti karaa sirrii taʼeen fayyadamuu dabalata. Sababiinsaas Yihowaan namni kamiyyuu akka isa tajaajilu hin dirqisiisu. Bara Isaayaasitti Waaqayyo, “Eenyunan erga? Eenyutus ergaa nuuf dhaqa?” jedhee gaafatee ture. Yihowaan mirga raajichi murtoo gochuuf qabu fudhachuudhaan isa kabajeera. Isaayaas “Kunoo, ani jira, ana ergi!” yommuu jedhu gammachuun akkamii itti dhagaʼamee akka ture yaadi.—Isa. 6:8.
9, 10. (a) Waaqayyoon kan tajaajillu ilaalcha akkamiitiin taʼuu qaba? (b) Garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluun keenya sirrii kan taʼe maaliifi?
9 Ilmaan namootaa Waaqayyoon tajaajiluufis taʼe isa tajaajiluu dhiisuuf filachuu dandaʼu. Yihowaan fedha keenyaan akka isa tajaajillu barbaada. (Iyaasuu 24:15 dubbisi.) Namoonni garaa duuba Waaqayyoon tajaajilan isa gammachiisuu hin dandaʼan; Waaqayyos waaqeffannaa namoonni warra kaan gammachiisuuf jedhanii isaaf dhiheessan hin fudhatu. (Qol. 3:22) Dhimmawwan biyya lafaa waaqeffannaa keenya gidduu akka galan heyyamnee “garaa guutuudhaan” Waaqayyoon tajaajiluu yoo dhiisne, isa duratti fudhatama hin argannu. (Far. 119:2) Yihowaan garaa guutuudhaan isa tajaajiluun keenya nuuf gaarii akka taʼu beeka. Museen Israaʼeloonni ‘Waaqayyoon gooftaasaanii jaallachuu, sagaleesaa dhagaʼuufi isatti maxxanuudhaan’ jireenya akka filatan isaan jajjabeessee ture.—Kes. 30:19, 20.
10 Mootii Israaʼel durii kan taʼe Daawit, “Guyyaa ati macca kee geggeessitutti, namoonni kee jaalala isaaniitiin of in dhiʼeessu; dargaggoonni kees akka fixeensa barii ganamaatti simboo qulqulluudhaan siif in baʼu” jechuudhaan faarfateera. (Far. 110:3) Namoonni yeroo harʼaa jiran baayʼeen, qarshii argachuufi of gammachiisuuf iddoo guddaa kennu. Namoonni Yihowaa jallatan garuu hunda caalaa iddoo guddaa kan kennan tajaajilasaaniitiifi. Hinaaffaan isaan misraachoo lallabuurratti argisiisan, wanti isaan dursa kennaniif maal akka taʼe mirkaneessa. Yihowaan wanta guyyaa guyyaadhaan isaan barbaachisu isaanii kennuu akka dandaʼu amantii guutuu qabu.—Mat. 6:33, 34.
Aarsaawwan Waaqayyo Duratti Fudhatama Qaban
11. Israaʼeloonni Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuudhaan faayidaawwan akkamii arganna jedhanii abdatu turan?
11 Sabni Waaqayyoo kakuu Seerichaa jala turan, isa duratti faara tolaadhaan ilaalamuuf aarsaa fudhatama qabu dhiheessu turan. Lewwoonni 19:5, “Aarsaa qalma araaraa ana Waaqayyoof yeroo dhiʼeessitan, akka isiniif fudhatamutti dhiʼeessaa!” jedha. Macaafuma kanarratti, “Aarsaa galataa ana Waaqayyoof yommuu dhiʼeessitan, akka inni isiniif fudhatamutti dhiʼeessaa!” kan jedhu dubbisna. (Lew. 22:29) Israaʼeloonni aarsaa horii fudhatama qabu Yihowaadhaaf iddoo aarsaasaarratti yommuu dhiheessan, aarri isa keessaa ol baʼu Waaqa dhugaadhaaf akka ‘foolii garaa ciibsuu’ taʼa ture. (Lew. 1:9, 13) Jaalalli waaqeffattoonnisaa isatti argisiisan kun isa gammachiisa, akkasumas isatti tola ture. (Uma. 8:21) Seera kana keessatti seera buʼuuraa yeroo harʼaatiif hojjetu arganna. Namoonni aarsaa fudhatama qabu isaaf dhiheessan Yihowaa duratti fudhatama argatu. Aarsaawwan Yihowaa duratti fudhatama qaban kan akkamiiti? Kallattii jireenya keenyaa lama, jechuunis amalaafi dubbii keenya haa qorru.
12. ‘Namummaa keenya aarsaa goonee yeroo dhiheessinu’ aarsaan keenya Waaqayyo duratti jibbisiisaa akka taʼu kan godhu maalidha?
12 Phaawulos ergaa warra Roomaatiif ergerratti, “Namummaan keessan qulqullaaʼaadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka taʼutti, aarsaa jiraatu gootanii akka isa dhiʼeessitan isin nan gorsa; akkasittis hafuuraan Waaqayyoof in sagaddu” jechuudhaan barreesseera. (Rom. 12:1) Namni tokko Waaqayyo duratti fudhatama argachuu yoo barbaade, namummaansaa isa duratti fudhatama akka argatu gochuu qaba. Sijaaraa xuuxuu, jimaa qamaʼuu, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu ykn dhugaatii alkoolii garmalee dhuguudhaan yoo of xureesse garuu aarsaan inni dhiheessu gatii hin qabu. (2 Qor. 7:1) Kana malees, ‘namni halaleen dhagna isaatti cubbuu waan hojjetuuf’ amalli kanaa wajjin wal qabate kamiyyuu, aarsaan inni dhiheessu Yihowaa duratti jibbisiisaa akka taʼu godha. (1 Qor. 6:18) Namni tokko Waaqayyoon gammachiisuuf, ‘adeemsasaa hundumaan qulqulluu’ taʼuu qaba.—1 Phe. 1:14-16.
13. Yihowaa jajachuun keenya kan nuuf taʼu maaliifi?
13 Aarsaan Yihowaa gammachiisu gara biraanimmoo dubbii keenyaa wajjin kan wal qabatedha. Namoonni Yihowaa jaallatan, manasaaniittis taʼe namoota biratti yeroo hundaa waaʼeesaa waan gaarii dubbataniiru. (Faarfannaa 34:1-3 dubbisi.) Faarfannaa 148-150 dubbisiitii, faarfannaawwan sadan kun Yihowaa akka jajannu hammam irra deddeebiʼanii akka nu jajjabeessan ilaali. Dhugumayyuu, “Waaqayyoon jajachuun warra qajeelotaaf in taʼa.” (Far. 33:1) Yesus Kiristos inni Fakkeenya nuu taʼes, misraachoo lallabuudhaan Waaqayyoon jajachuun barbaachisaa taʼuusaa jabeessee ibseera.—Luq. 4:18, 43, 44.
14, 15. Hoseʼaan Israaʼeloonni aarsaawwan akkamii akka dhiheessan isaa jajjabeessee ture? Yihowaanoo maal godhe?
14 Hinaaffaadhaan lallabuun keenya, Yihowaadhaaf jaalala akka qabnuufi isa duratti fudhatama argachuu akka barbaannu argisiisa. Fakkeenyaaf, Hoseʼaa raajichi Israaʼeloota waaqeffannaa sobaa hordofuudhaan Waaqayyo duratti fudhatama dhabaniif gorsa akkamii akka kenne ilaali. (Hos. 13:1-3) Hoseʼaan, “Yakka keenya guutummaatti nu irraa fuudhi, gaariitti nu simadhu! Galata afaan keenyaas akka qalma jibootaatti aarsaa siif in dhiʼeessina” jedhanii akka kadhatan isaanitti himeera.—Hos. 14:1, 2.
15 Horii namni Israaʼel tokko Yihowaadhaaf aarsaa gochuu dandaʼu keessaa gatii guddaa kan qabu jibicha ture. Kanaaf, ‘galanni afaan keenyaa qalma jibichaatti’ fakkeeffame, jechoota Waaqa dhugaa jajachuuf garaarraa maddaniifi itti yaadamanii dubbataman kan argisiisudha. Yihowaan namoota aarsaa akkasii dhiheessaniif ilaalcha akkamii qaba ture? “Fedha garaa kootiin isaan nan jaalladha” jedheera. (Hos. 14:4) Yihowaan namoonni aarsaawwan galataa akkasii dhiheessan dhiifama akka argatan, akkasumas isa duratti fudhatama akka argataniifi michootasaa akka taʼan godheera.
16, 17. Namni tokko amantii Waaqayyorratti qabuun kakaʼee yommuu misraachicha lallabu, Yihowaan galata namni kun dhiheessu kan fudhatu akkamitti?
16 Namoota duratti Yihowaa jajachuun, yeroo hundaa waaqeffannaa dhugaa keessatti iddoo guddaa qaba. Waaqa dhugaa ol ol gochuun faarfatichaaf iddoo guddaa kan qabu waan tureef, “Yaa Waaqayyo, galata ani akka aarsaatti afaan kootiin jaalladhee siif dhiʼeessu fudhachuun sitti haa tolu!” jechuudhaan isa kadhateera. (Far. 119:108) Yeroo harʼaahoo? Namoota tuuta guddaa taʼaniifi yeroo harʼaa jiraatan ilaalchisee Isaayaas, “Galata Waaqayyoos in himu. . . . Isaan [kennaawwansaanii] hundinuu aarsaa fudhatamoo taʼanii iddoo aarsaa isa kan Waaqayyoo irratti in dhiʼeeffamu” jechuudhaan raajii dubbateera. (Isa. 60:6, 7) Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman, ‘aarsaa galataa Waaqayyoof dhihaatuufi maqaa isaa beeksisuuf afaansaanii keessaa baʼu’ Waaqayyoof dhiheessuudhaan raajii kana raawwachaa jiru.—Ibr. 13:15.
17 Atoo, aarsaawwan fudhatama qaban Waaqayyoof dhiheessaa jirtaa? Kana gochaa hin jirtu yoo taʼe, jijjiirama barbaachisu gochuudhaan Yihowaa namoota duratti jajachuu jalqabuu dandeessaa? Amantiinkee misraachicha lallabuu akka jalqabdu yommuu si kakaasu, aarsaan ati dhiheessitu, ‘korma caalaa Waaqayyotti kan tolu’ taʼa. (Faarfannaa 69:30, 31 dubbisi.) Aarsaan galataa ati dhiheessitu “akka foolii garaa namaa ciibsuutti” Yihowaa bira akka gaʼuufi isa duratti fudhatama akka siif argamsiisu mirkanaaʼaa taʼi. (His. 20:41) Gammachuun yeroo kanatti sitti dhagaʼamu hangana kan hin jedhamne taʼa.
‘Waaqayyo Nama Qajeelaa In Eebbisa’
18, 19. (a) Namoonni yeroo harʼaa jiran baayʼeen waaʼee Waaqayyoon tajaajiluu ilaalcha akkamii qabu? (b) Waaqayyo duratti fudhatama dhabuun maal geessisa?
18 Namoonni yeroo harʼaa jiran baayʼeen, akkuma namoota bara Miilkiyaas turan tokko tokkoo, “Waaqayyoof hojjechuun akkasumaan; . . . wanta inni abboome eeguun keenya maal waaʼee baasa?” jedhanii isaanitti dhagaʼama. (Mil. 3:14) Hawwii qabeenyaatiin waan geggeeffamaniif, kaayyoo Waaqayyoo bira gaʼuun akka hin dandaʼamneefi seerrisaa yeroo harʼaatti akka hin hojjenne isaanitti dhagaʼama. Misraachoo lallabuu jechuun, isaaniif yeroo balleessuufi wanta nama aarsuu gochuu jechuudha.
19 Ilaalchi akkasii kan jalqabe dhaaba Eeden keessatti ture. Hewwaan faayidaa dinqisiisaa jireenyi Yihowaan isheedhaa kenne qabu akka tuffattuufi Isa duratti fudhatama argachuuf bakka guddaa akka hin kennine kan ishee amansiise Seexana ture. Yeroo harʼaas Seexanni, fedha Waaqayyoo raawwachuun faayidaa akka hin qabne namoota amansiisuuf yaalii godha. Haataʼu malee, Hewwaaniifi abbaan manaashee Waaqayyo duratti fudhatama dhabuun jireenya dhabuu akka taʼe hubataniiru. Namoonni yeroo harʼaa fakkeenyasaanii hordofanis, Waaqayyo duratti fudhatama dhabuu jechuun jireenya dhabuu jechuu akka taʼe dhiheenyatti ni hubatu.—Uma. 3:1-7, 17-19.
20, 21. (a) Haati hiyyeessaa Saraaphtaa jiraattu maal goote? Kana gochuunshee kan ishee fayyade akkamitti? (b) Fakkeenya haadha hiyyeessaa Saraaphtaa jiraattuu hordofuu kan qabnu akkamitti? Maaliif?
20 Haala gaddisiisaa Addaamiifi Hewwaanirra gaʼe, wanta Eliyaasiifi haati hiyyeessaa Saraaphtaa olitti caqasaman argatanii wajjin walbira qabii ilaali. Dubartittiin jajjabina Eliyaas isheedhaa kenne erga dhageessee booda, nyaata xinnoo qabdu sana tolchitee dura Eliyaas raajichaaf kennite. Sana booda Yihowaan, abdiin inni karaa Eliyaas isheedhaaf kenne akka raawwatamu godhe. Seenaansaa, “Isheen, warri mana ishee keessaas nyaata guyyaa baayʼeedhaaf isaan gaʼu in argatan. Waaqayyo karaa Eliyaas raajichaa akkuma dubbate, daakichi huuroo keessaa hin dhumne, dhadhaan ejersaas cuggee keessaa hin dhabamne” jedha.—1 Mot. 17:15, 16.
21 Haati hiyyeessaa Saraaphtaa jiraattu sun, wanta namoonni biliyoonaan lakkaaʼamaniifi yeroo harʼaa jiran gochuu hin barbaanne gooteetti. Waaqayyo isa fayyisaa taʼetti guutummaatti kan amanamte siʼa taʼu, innis ishee hin dhiisne. Seenaan kuniifi seenaawwan Macaafa Qulqulluu keessa jiran kaan, Yihowaatti amanamuun keenya kan isaaf malu akka taʼe mirkaneessu. (Iyaasuu 21:43-45; 23:14 dubbisi.) Jireenyi Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo harʼaa jiranii, Yihowaan warra isa duratti fudhatama argatan matummaa akka hin gatne ragaa dabalataa kenna.—Far. 34:6, 7, 17-19.a
22. Utuu hin turin Waaqayyo duratti fudhatama argachuuf barbaaduun keenya ariifachiisaa kan taʼe maaliifi?
22 Guyyaan firdii Waaqayyoo inni “namoota guutummaa biyya lafaa irra jiraatan hundumaa irra” gaʼu dhufuunsaa kan hin oolledha. (Luq. 21:34, 35) Guyyaa kana jalaa bakki itti miliqan hin jiru. Qabeenyi ykn qananiin qabeenyi argamsiisu kamiyyuu, wanta Abbaan Firdii inni Waaqayyoon muudame, “Isin yaa warra abbaa kootiin eebbifamtanii, kottaa! Mootummaa isaa isa uumama biyya lafaatii jalqabee isiniif qophaaʼetti galaa!” jechuudhaan dubbate dhagaʼuu caalaa gatii hin qabu. (Mat. 25:34) Eeyyee, ‘Waaqayyo nama qajeelaa in eebbisa, tollisaas [‘isa duratti fudhatama argachuunis,’ NW] karaa hundumaa gaachana in taʼaaf.’ (Far. 5:12) Kanaafuu, Waaqayyo duratti fudhatama argachuuf barbaaduu hin qabnuuree?
[Miiljalee]
a Masaraa Eegumsaa, Bitootessa 15, 2005, fuula 13, keeyyata 15fi Hagayya 1, 1997, fuula 20-25 ilaali. (Amaariffa)
Ni Yaadattaa?
• Garaa guutuudhaan Yihowaa waaqeffachuun keenya kan isaaf malu maaliifi?
• Yihowaan yeroo harʼaa aarsaawwan akkamii fudhata?
• ‘Galanni afaan keenyaa qalma jibichaatti’ fakkeeffame maal argisiisa? Galata akkasii Yihowaadhaaf dhiheessuu kan qabnu maaliifi?
• Waaqayyo duratti fudhatama argachuuf barbaaduu kan qabnu maaliifi?
[Fakkii fuula 13]
Raajiin Waaqayyoo haati hiyyeessaa tokko murtoo akkamii akka gootu ishee gaafate?
[Fakkii fuula 15]
Yihowaadhaaf aarsaa galataa dhiheessuudhaan faayidaa akkamii arganna?
[Fakkii fuula 17]
Garaadhaa Yihowaatti kan amanamtu yoo taʼe, inni matumaa si hin dhiisu