Humna Jabaadhaa
“Isin warri . . . wanta raajonni dubbatan dhageessan humna jabaadhaa.”—ZAKAARIYAAS 8:9.
1, 2. Macaafa Haageefi Zakaariyaasiif xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi?
RAAJIIN Haageefi Zakaariyaas waggoota 2,500 dura kan barreeffaman yoo ta’anillee barumsa si fayyadan qabataniiru. Yaanni macaafota Haageefi Zakaariyaas keessatti argaman seenaa qofa miti. Macaafonni kun, kutaa ‘caaffata qulqullaa’oo nu barsiisuuf caafamanidha.’ (Roomaa 15:4) Yeroo baay’ee yaadawwan achi keessatti argaman, bara 1914 asitti jechuunis Mootummichi erga hundeeffamee kaasee wantoota raawwatamaa jiran kan argisiisanidha.
2 Phaawulos wantoota Yihudoota bara sanatti turanirra ga’e caqasuudhaan akkas jedhee barreesseera: “Wanti kun hundinuu warra kaan qoqqobachuudhaaf isaanitti dhufe, nuyi warra dhumni barichaa irra ga’eef immoo barumsa akka nuuf ta’uuf caafame.” (1 Qorontos 10:11) Haata’u malee, ‘Macaafonni Haageefi Zakaariyaas raajii bara keenyaaf ta’u akkamii qabataniiru?’ jettee gaafatta ta’a.
3. Haageefi Zakaariyaas maalirratti xiyyeeffatan?
3 Kutaa duraarratti akkuma ibsame, raajiin Haageefi Zakaariyaas Yihudoonni boojuu Baabilonii gara biyya Waaqayyo isaanii kenneetti deebi’usaanii kan ibsanidha. Raajonni lamaanuu mana qulqullummaa deebisanii ijaaruurratti xiyyeeffatu. Yihudoonni, mana qulqullummaa ijaaruudhaaf bu’uura kan kaa’an Dh.K.D bara 536tti ture. Yihudoonni dullooman tokko tokko wantoota dur raawwatamerratti kan xiyyeeffatan ta’uyyuu, namoonni hedduun garuu “sagaleesaanii ol fudhatanii gammaduu isaanii” dhageessisaniiru. Dhugaasaa dubbachuuf bara keenyatti wanti kana caalu raawwatameera. Akkamitti?—Izraa 3:3-13.
4. Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda utuu baay’ee hin turin maaltu raawwatame?
4 Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda utuu baay’ee hin turin, dibamtoonni boojuu Baabilon Guddittii jalaa ba’aniiru. Kunimmoo gargaarsa Yihowaa qabaachuusaanii kan argisiisu ture. Isa dura geggeessitoonni amantiifi namoonni siyaasaa hojii lallabaafi barsiisuu Barattoonni Macaafa Qulqulluu hojjetan waan dhaabsisan fakkaatee ture. (Izraa 4:8, 13, 21-24) Haata’u malee, Yihowaan gufuuwwan hojiin lallabuufi bartoota taasisuurratti uumaman balleesseera. Bara 1919 kaasee hanga har’aatti, hojiin Mootummichaa guddachaa akka hin adeemne homtinuu dhaabuu hin dandeenye.
5, 6. Zakaariyaas 4:7 waa’ee raawwii raajii isa kamii ibsa?
5 Hojiin lallabaafi barsiisuu tajaajiltoota Yihowaatiin bara keenyatti hojjetamus, gargaarsa Yihowaatiin akka guddachaa adeemu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Zakaariyaas 4:7 akkas jedha: “Yommuu inni dhagaa isa itti ijaaranii xumuran lafaa ol fuudhu, ‘Attam gaarii dha! Attam gaarii dha! jedhanii namoonni in iyyu.’” Haata’u malee, raajiin kun hojii guddaa bara keenyatti raawwatamu kamiin argisiisa?
6 Zakaariyaas 4:7, yeroo itti waaqeffannaan dhugaa mana qulqullummaasaa hafuuraa isa lafarratti argamu keessatti gara sadarkaa gonkummaarra ga’u kan argisiisudha. Manni qulqullummaa hafuuraa kun, aarsaa Yesusitti amanuudhaan Yihowaatti akka dhihaannuuf qophii godhame kan argisiisudha. Dhugaadha, manni qulqullummaa hafuuraa kunis Dh.K.B jaarraa jalqabaatii kaasee hundeeffameera. Haata’u malee, waaqeffannaa dhugaan inni lafarratti argamu sadarkaa gonkummaarra ga’uu kan danda’u gara fuulduraattidha. Waaqeffattoonni dhugaan miliyoonaan lakkaa’aman yeroo ammaatti mana qulqullummaa hafuuraa isa lafarratti argamu keessatti tajaajilaa jiru. Warri kunis ta’an namoonni hedduun du’aa ka’an, Bulchiinsa Kiristos Isa Waggaa Kumaa keessatti sadarkaa gonkummaarra ga’u. Waggaa kuma tokko booda, namoonni lafa qulqulloofterratti hafan waaqeffattoota dhugaa qofa ta’u.
7. Bara keenyatti Yesus waaqeffannaa dhugaa gara gonkummaatti fiduurratti ga’ee akkamii qaba? Kana beekuun keenya kan nu jajjabeessu akkamitti?
7 Bulchaa kan ture Zarubaabeliifi Hangafa Lubootaa kan ture Iyaasuun, Dh.K.D bara 515tti manni qulqullummaa yeroo ijaaramee xumuramu ijaan arganiiru. Zakaariyaas 6:12, 13 waaqeffannaa dhugaa gara gonkummaatti geessisuurratti ga’ee Yesus qabu ilaalchisee raajii dubbateera. Caqasichi akkas jedha: “Waaqayyo gooftaan maccaa: ‘Kunoo namni maqaan isaa Latii jedhamu tokko as jira; inni iddoo jiru sanatti damee in godhata, Waaqayyoofis mana qulqullummaa in ijaara. . . . Inni surraa uffatee teessoo isaa irra taa’ee in mo’a; lubni tokkos teessoo isaa bukkee in jiraata [teessoosaarrattis luba in ta’a, 1899].’” Hojiin lallabaafi namoota bartoota taasisuu mana qulqullummaa hafuuraa keessatti geggeeffamu, Yesus isa samiirratti argamuufi sanyiin hidda moototaa sanyii Daawit keessaa akka latu godhuun kan deggeramu waan ta’eef hojii kana eenyutu dhaabsisuu danda’a? Eenyuyyuu hin danda’u. Kana hubachuun keenya, bu’aa ba’ii jireenyaa nu mudataniin utuu duubatti hin jedhiin tajaajila keenya akka itti fufnu nu hin jajjabeessuu?
Wanta Dursi Kennamuufii Qabu
8. Hojii mana qulqullummaa hafuuraatti hojjetamuuf dursa kennuu kan qabnu maaliifi?
8 Gargaarsaafi eebba Yihowaa argachuuf, yeroo hundumaa hojii mana qulqullummaa hafuuraa keessatti hojjetamuuf dursa kennuu qabna. Yihudoota, ‘Yeroonsaa hin geenye’ jedhanirraa haala adda ta’een, “guyyoota gara dhumaa” keessa akka jirru hubachuu qabna. (Haagee 1:2; 2 Ximotewos 3:1) Yesus duuka buutonnisaa warri amanamoon misiraachoo Mootummaa kana akka lallabaniifi namoota bartoota akka taasisan raajii dubbateera. Mirga tajaajilarratti hirmaachuuf arganneef akka dantaa hin dhabne of eeggannoo gochuu qabna. Hojiin lallabaafi barsiisuu, mormii biyyi lafaa kaaseen yeroo muraasaaf dhaabatee ture, bara 1919tti deebi’ee jalqabameera; ammas guutummaatti kan hin raawwatamne ta’us raawwachuunsaa hin hafu!
9, 10. Eebba Yihowaa argachuun keenya maalirratti kan hundaa’edha? Kun nuuf hiika maalii qaba?
9 Hanga dandeenye hojii kana raawwachuu keenya yoo itti fufne, dhuunfaattis ta’e gareedhaan ni eebbifamna. Kana nuuf mirkaneessuuf abdii Yihowaan kenne qalbeeffadhu. Yihudoonni hundee mana qulqullummaa kana dhaabuuf garaa guutuudhaan carraaqqii yeroo godhanii kaasee Yihowaan: “Ani har’aa jalqabee isin nan eebbisa” jechuudhaan dubbateera. (Haagee 2:19) Guutummaatti eebbasaa argatu. Ammammoo, Waaqayyo isaan eebbisuuf abdii akkamii akka kenne qalbeeffadhu: “Yommus sanyiin faca’ee nagaatti in guddata, mukti wayniis ija in godhata, lafti midhaan in baasa, waaqnis fixeensa gad in roobsa; ani kana hundumaa haftee saba kanaatiif dhaala godhee nan kenna.”—Zakaariyaas 8:9-13.
10 Yihowaan akkuma Yihudoota karaa hafuuraafi karaa foonii eebbise, hojii inni nuu kennes hojjechuuf carraaqqii yoo goone nuunis nu eebbisa. Eebbawwan kunis, nagaafi tasgabbii gidduu keenyatti argamu, badhaadhummaafi guddina karaa hafuuraa argamu kan dabalatudha. Haata’u malee, Waaqayyo nu eebbisuusaa kan itti fufu hojii mana qulqullummaasaa isa hafuuraa keessatti hojjetamu karaa inni barbaaduun yoo hojjenne qofadha.
11. Wantoota dursa kennaafii jirru hubachuuf of gamaaggamuu kan dandeenyu akkamitti?
11 Yeroon kun, yeroo ‘wanta nurra ga’aa jiru itti ilaaluu’ qabnudha. (Haagee 1:5, 7) Hundumti keenya wantoota dursa kennaafii jirru gamaaggamuu qabna. Yeroo har’aatti Yihowaan kan nu eebbisu, maqaasaa ol ol yoo gooneefi hojii mana qulqullummaasaa isa hafuuraa keessatti hojjetamu babal’isuuf carraaqqii yoo goone qofadha. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Wantoonni ani dursa kennuuf jijjiiramaniiruu? Hinaaffaan ani amma Yihowaadhaaf, dhugaasaatiifi hojiisaatiif qabu hinaaffaan yeroon cuuphametti qabuu wajjin tokkodhaa? Jireenya keessa ba’aa jiraachuuf fedhiin ani qabu, xiyyeeffannaa ani Yihowaafi Mootummaasaatiif kennaa jirurratti dhiibbaa fidaa jiraa? Namoota yookiin ilaalcha gadhee namoonni tajaajila keenyaaf qaban sodaachuudhaan, Yihowaafi Mootummaasaarratti akka hin xiyyeeffanne na gochaa jiraa?’—Mul’ata 2:2-4.
12. Haagee 1:6, 9rratti akka ibsametti Yihudoonni haala akkamii keessatti argamu turan?
12 Hojii maqaasaatiif ulfina fidu hojjechuu dagachuudhaan gonkumaa eebba Yihowaa dhabuu hin barbaannu. Akka Haagee 1:9rratti ibsametti, Yihudoonni biyyasaaniitti deebi’an, hojii mana qulqullummaa hinaaffaadhaan ijaaruu erga jalqabanii booda, hojicha dhiisanii ‘adduma addaan waa’ee manasaaniitiif asiifi achi fiiguu’ jalqabuusaanii yaadadhu. Wanta isaan barbaachisu qofarratti xiyyeeffachuu jalqabanii turan. Kanaan kan ka’es, ‘wanti isaan galfatan muraasa’ waan tureef, nyaanniifi dhugaatiin isaan argatan xiqqoo yeroo ta’u, uffannaa isaanitti ho’us argachuu hin dandeenye. (Haagee 1:6) Yihowaan eebbasaa isaan dhowwatee ture. Barumsi kanarraa argannu jiraa?
13, 14. Barumsa Haagee 1:6, 9rraa arganne akkamitti hojiirra oolchuu dandeenya? Kun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
13 Eebba Yihowaa argachuu keenya itti fufuuf, hanga Yihowaadhaaf ulfina laachuu dadhabnutti dhimma dhuunfaa keenya hordofuurraa of qusachuu akka qabnu isinitti hin dhaga’amuu? Qabeenyaa argachuuf jecha qarshii walitti qabachuuf, hojiiwwan yeroo gabaabaa keessatti nama sooromsu jedhaman hojjechuuf, sirna kana keessatti bakka guddaa argachuuf, barumsa sadarkaa olaanaa dadhabbii guddaa gaafatuufi yeroo dheeraa fudhatu barachuu dabalatee, sagantaawwan fedhii ofii guutuuf gargaaru jedhaman hordofuuf dhiibbaa nurra ga’u mo’uu qabna.
14 Wantoota olitti ibsaman kana gochuun cubbuu ta’uu baatus, jireenya bara baraa argachuu wajjin yeroo waliin ilaalamu ‘hojii du’atti geessudha’ jechuu danda’ama. (Ibroota 9:14) Kan akkas jennu maaliifi? Wantoonni kun karaa hafuuraa kan du’an, kan gatii hin qabneefi kan ija hin qabnedha. Namni tokko wantoota kana gochuurratti kan xiyyeeffatu yoo ta’e, karaa hafuuraa du’uunsaa hin oolu. Bara ergamootaatti, rakkinni kun Kiristiyaanota dibamoo tokko tokkorra ga’ee ture. (Filiphisiiyus 3:17-19) Bara keenyattis namoota tokko tokkorra haalli wal fakkaatu ga’eera. Namoota suutuma suuta sochiiwwan Kiristiyaanummaafi gumiirraa fagaatanii yeroo ammaatti gara tajaajila Yihowaatti deebi’uuf fedhii hin qabne beekta ta’a. Namoonni akkasii kun gara Yihowaatti akka deebi’an abdannus, ‘hojii du’atti geessu’ hordofuun eebbaafi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu akka nu dhabsiisu hubachuu qabna. Wantoota kana hordofuun miidhaa guddaa akka qabu hubachuu dandeessa. Hojiiwwan akkasii kun ija hafuura qulqulluu kan ta’an gammachuufi nagaa nu dhabsiisu. Obbolummaa Kiristiyaanummaa keessaa ba’uun gadda akkamii nurraan ga’uu akka danda’u mee yaadaa!—Galaatiyaa 1:6; 5:7, 13, 22-24.
15. Waaqeffannaa keenyaaf bakka guddaa kennuu akka qabnu Haagee 2:14rraa hubachuu kan dandeenyu akkamitti?
15 Kun dhimma bakki guddaan kennamuufidha. Yihudoonni kallattiidhaanis ta’e fakkeenyaan mana waaqeffannaa Yihowaa dhiisanii ofiisaaniitiif mana miidhagaa keessa ijaarrachuu yeroo jalqabanitti, wanta Yihowaatti dhaga’ameefi Haagee 2:14rratti ibsamerraa dhimmi kun akka laayyootti kan hin ilaalamne ta’uusaa hubachuu dandeenya. Caqasichi akkas jedha: “‘Sabni kun, namoonni kunis ana duratti akkasuma wanti isaan harka isaaniitiin hojjetan, wanti isaan iddoo sanatti dhi’eessanis akkasuma xuraa’aa dha; kana Waaqayyotu dubbate.’” Yihudoonni waaqeffannaa dhugaatiif dantaa waan dhabaniif, bakka aarsaa yeroodhaaf Yerusaalemitti ijaaramerratti aarsaan isaan dhiheessan kamiyyuu fudhatama hin qabu ture.—Izraa 3:3.
Yihowaan Waaqeffattootasaa Gargaaruuf Waadaa Galeera
16. Mul’ata Zakaariyaas argerraa ka’uudhaan Yihudoonni waa’ee maalii mirkanaa’oo ta’uu danda’u turan?
16 Yihudoonni ajajamoon hojii mana qulqullummaa deebisanii ijaaruurratti hirmaatan, mul’anni Zakaariyaas arge saddeettan Waaqayyo hojiisaanii eebbisaa akka jiru isaaniif mirkaneessee ture. Mul’anni jalqabaa, Yihudoonni ajajamoo ta’uudhaan hojii isaanitti kenname yoo hojjetan, hojiin ijaarsa mana qulqullummaa akka xumuramuufi Yerusaalemis taate Yihudaan badhaadhina akka argatan isaaniif mirkaneesseera. (Zakaariyaas 1:8-17) Mul’anni inni lammaffaammoo, mootummoonni waaqeffannaa dhugaa jibban hundi akka badan kan mirkaneessu ture. (Zakaariyaas 1:18-21) Mul’anni warri kaanimmoo, yeroo mana qulqullummaa sana ijaaranitti eegumsa Waaqayyoo akka argatan, hojiin ijaarsaa kun yeroo xumuramuttimmoo namoonni saba garagaraa keessaa gara mana qulqullummaa Yihowaatti akka dhufan, nagaafi tasgabbii dhugaa akka argatan, gufuuwwan hojii Waaqayyo isaaniif kennerratti dhufan akka balleeffaman, jal’inni akka badu, qajeelfamaafi eegumsa ergamootaa akka argatan kan isaaniif mirkaneessu ture. (Zakaariyaas 2:5, 11; 3:10; 4:7; 5:6-11; 6:1-8) Ragaawwan Waaqayyo akka isaan eegu mirkaneessan kana hundumaa waan argataniif, Yihudoonni ajajamoo ta’an haala jireenyasaanii sirreessanii xiyyeeffannaasaanii kaayyoo Waaqayyo biyya Baabilonii walaba isaan baaserratti gochuunsaanii barbaachisaa ture.
17. Abdii gara fuulduraatti nuu kennamerraa ka’uudhaan gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna?
17 Haaluma wal fakkaatuun, waaqeffannaan dhugaa akka injifannoo argatu abdiin amansiisaa ta’e nuuf kennamuunsaa, hojiidhaaf nu kakaasuufi waa’ee mana waaqeffannaa Yihowaa akka gaariitti akka yaannu nu gochuu qaba. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Yeroon kun yeroo itti lallabnuufi namoota bartoota taasisuu qabnu ta’uusaa nan amana yoon ta’e, kaayyoofi akkaataan jireenyakoo wanta kanatti akkan amanu kan argisiisudhaa? Raajii Sagalee Waaqayyoorratti xiyyeeffachuufi Sagaleesaa kana qayyabachuudhaan obbolootaa wajjinis ta’e namootan tajaajilarratti argadhuu wajjin mari’achuuf yeroo ga’aa nan ramadaa?’
18. Akka Zakaariyaas boqonnaa 14rratti ibsametti gara fuulduraatti maaltu nu eega?
18 Macaafni Zakaariyaas badiisa Baabilon Guddittii booda, waraanni Armaagedoon akka ta’u dubbata. Caqasichi akkas jedha: “Guyyaan biraa tokko in ta’a; isas Waaqayyotu beeka, gaafas yeroo galgalaa’u ifatu ta’a malee, guyyaan hin ta’u, halkanis hin ta’u.” Dhugumayyuu, guyyaan Yihowaa diinotasaa warra lafarratti argamaniif dukkanaafi duumessa ta’a! Namoota amanamummaadhaan isa waaqeffataniif garuu ifaafi waan gaariitu ta’a. Kana malees, Zakaariyaas addunyaa haaraa keessatti wanti hundinuu akkamitti qulqullummaa Yihowaa akka labsu nutti hima. Waaqeffannaan yeroo sanatti lafarra jiraatu, mana qulqullummaa Waaqayyoo isa hafuuraafi isa guddaa keessatti geggeeffamu qofa ta’a. (Zakaariyaas 14:7, 16-19) Dhugumayyuu abdii dinqisiisaa mitii? Wanti dursee raajiidhaan dubbatame yeroo raawwatamuufi olaantummaan Yihowaa yeroo mirkanaa’u ija keenyaan argina. Guyyaan sun Yihowaadhaaf guyyaa addaa ta’a!
Eebbawwan Bara Baraa
19, 20. Zakaariyaas 14:8, 9 kan nama jajjabeessu akkamitti?
19 Wanti nama dinqisiisu kun erga raawwatamee booda, Seexanniifi hafuuronni hamoon gara lafa jalaatti galanii waan hidhamaniif sochii gochuu hin danda’an. (Mul’ata 20:1-3, 7) Kana booda, Bulchiinsi Kiristos inni Waggaa Kuma Tokkoo ilmaan namootaatiif eebbawwan gurguddaa argamsiisa. Zakaariyaas 14:8, 9 akkas jedha: “Guyyaa sanatti Yerusaalem keessaa bishaan jireenyaa in burqa; walakkaan isaa gara galaana ba’a-biiftuutti, walakkaan isaa immoo gara galaana lixa-biiftuutti bonaa fi ganna in yaa’a. Yommus Waaqayyo guutummaa biyya lafaa irratti mootii in ta’a; gaafas Waaqayyo isuma tokkicha, maqaan isaas tokkichuma.”
20 “Bishaan jireenyaa” yookiin ‘lagni bishaan jireenyaa’ qophii Yihowaan ilmaan namaatiif jireenya bara baraa kennuuf qopheesse kan argisiisu yommuu ta’u, bishaanichis bakka teessoo Mootummaa Masiihichaa kan taate “Yerusaalem ishee waaqarraa” keessaa utuu walirraa hin citin yaa’a. (Mul’ata 22:1, 2) Tuutni sonaan baay’een waraana Armaagedoonirraa kan oolaniifi Yihowaa kan waaqeffatan, du’a abaarsaa Addaamirraa dhaalanirraa walaba ba’uudhaan qophii kanarraa faayidaa argatu. Kan du’anis du’aa ka’anii qophii kanarraa faayidaa argatu. Akka kanaan bulchiinsi Yihowaa inni haaraan guutummaa biyya lafaa bulchuu jalqaba. Ilmaan namootaa hundi, Uumama Cufarratti Olaantummaa kan qabuufi Waaqni waaqeffatamuu qabu inni Tokkichi Yihowaa qofa ta’uusaa hubata.
21. Murtoon keenya maal ta’uu qaba?
21 Raajiin Haageefi Zakaariyaas dubbataniifi wantoota raawwataman tilmaama keessa galchuudhaan, hojii Yihowaan mana qulqullummaasaa isa hafuuraafi lafarratti argamu keessatti akka hojjennuuf nuu kenne hojjechuu keenya itti fufuuf sababii ga’aa qabna. Hanga waaqeffannaan dhugaa kun sadarkaa gonkummaarra ga’utti, hundumti keenyayyuu dhimmawwan Mootummichaatiif dursa kennuuf carraaqqii haa goonu. Zakaariyaas 8:9: “Isin warri . . . wanta raajonni dubbatan dhageessan humna jabaadhaa” jechuudhaan nu jajjabeessa.
Ni Yaadattaa?
• Wanti bara Haageefi Zakaariyaasitti raawwatame raajii bara keenyatti raawwatamuu wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?
• Wantoota dursa kennuufii qabnu ilaalchisee, Haageefi Zakaariyaasirraa barumsa maalii arganna?
• Waa’ee raajii Haageefi Zakaariyaas barachuun keenya, wanta gara fuulduraatti dhufu abdiidhaan eeggachuuf kan nu gargaaru akkamitti?