Konkolaattonnii fi Gonfoon Si Eegu
“Kunis yoo isin guutummaatti sagalee Waaqayyo gooftaa keessaniitiif abboomamtan taʼa.”—ZAK. 6:15.
1, 2. Mulʼanni Zakaariyaas inni torbaffaan yommuu xumurame, haalli Yihudoota Yerusaalem keessa turanii maal fakkaata ture?
MULʼANNI Zakaariyaas inni dhumaa yommuu xumuramu, raajichi wanta irratti yaadu hedduu qaba. Yihowaan gocha hamaa namoonni amanamoo hin taane hojjetaniif akka isaan gaafatu wabii kennee ture. Abdiin kun Zakaariyaasiin jajjabeessee akka ture hin shakkisiisu. Taʼus wanti jijjiirame tokko illee hin jiru. Amanamummaa dhabuu fi gochawwan hamoo kan biraan amma iyyuu jiru; ijaarsi mana qulqullummaa Yihowaa inni Yerusaalem keessa jirus amma iyyuu hin xumuramne. Yihudoonni hojii Waaqayyo isaaniif kenne yeruma sana dhiisuu kan dandaʼan akkamitti? Gara biyya isaanitti kan deebiʼan fedhii mataa isaanii qofa raawwachuuf turee?
2 Yihudoonni gara Yerusaalemitti deebiʼan dhiirotaa fi dubartoota amantii qaban akka turan Zakaariyaas beeka ture. Namoonni kun, tasgabbii mana isaanii keessatti qabanii fi hojii isaanii dhiisanii akka deeman, warra ‘Waaqayyo yaada isaanii kaase’ turan. (Iz. 1:2, 3, 5) Biyya baayʼeen isaanii ijaan illee arganii hin beekne dhaquuf biyya beekan gadhiisanii baʼaniiru. Mana qulqullummaa Yihowaa deebisanii ijaaruuf bakka guddaa hin kennan utuu taʼee, daandii buʼaa baʼii taʼe keessa karaa kiilomeetira 1,600 deemsa rakkisaa hin deeman turan.
3, 4. Yihudoota deebiʼan gufuuwwan akkamiitu isaan mudate?
3 Adeemsi isaanii sun maal fakkaata ture? Yihudoonni deemaa yeroo turanitti, waaʼee mana isaanii isa haaraa yaaduudhaan saʼaatii hedduu akka dabarsan beekamaa dha. Magaalli Yerusaalem yeroo tokko baayʼee bareedduu akka turte dhagaʼanii turan. Maanguddoonni isaan gidduu jiran ulfina manni qulqullummaa inni duraa qabu arganiiru. (Iz. 3:12) Ati utuu isaanii wajjin deemaa turte taʼee, Yerusaalem mana kee isa haaraa yeroo jalqabaatiif yommuu argitu maaltu sitti dhagaʼama ture? Gamoowwan diigamanii fi margi irratti biqile yommuu argitu ni gaddita turtee? Dallaa Baabilon warra gugguddaa dachaa lamaan ijaaraman, dallaa Yerusaalem warra caccabanii fi bakka karrii fi masaraan eegumsaa turetti afaan banaa taʼanii wajjin wal bira qabdee ilaaltaa? Taʼus namoonni sun onnatoo turan. Adeemsa dheeraa gara biyya isaanitti godhan irratti eegumsa harki Yihowaa isaaniif godhe arganiiru. Yeroo achi gaʼan wanti isaan jalqaba hojjetan, bakka mana qulqullummaa duraaniitti iddoo aarsaa deebisanii dhaabuu fi guyyaa guyyaadhaan aarsaa dhiheessuu ture. (Iz. 3:1, 2) Akka gammachuu isaanii isa duraatti wanti abdii isaan kutachiisu tokko illee waan hin jirre fakkaata.
4 Israaʼeloonni mana qulqullummaa ijaaruu malees, magaalota isaanii deebisanii ijaaruu qabu turan. Manneen deebisanii ijaaruu, maasii isaanii misoomsuu fi nyaata maatii isaaniif barbaachisu dhiheessuu qabu. (Iz. 2:70) Hojiin isaan eeggatu humnaa ol fakkaata. Achiis mormiin ulfaataa fi yeroo hin kennine isaanitti dhufe. Jalqaba irratti ejjennoo cimaa kan fudhatan taʼus, mormiin waggoota 15f itti fufe abdii isaan kutachiise. (Iz. 4:1-4) Dh.K.D. bara 522tti mootiin Faares ijaarsi Yerusaalem keessa jiru akka dhaabatu yommuu dhorketti immoo, wanti caalaatti abdii kutachiisu isaan mudate. Haalli magaalattii gara fuulduraa abdii kan hin qabne fakkaata ture.—Iz. 4:21-24.
5. Yihowaan sabni isaa yommuu hojii dhaaban maal godhe?
5 Yihowaan wantoota saba isaatiif barbaachisan beeka. Waaqayyo Yihudoota akka jaallatuu fi hojii isaan hamma yeroo sanaatti hojjetan hunda akka dinqisiifatu mirkaneessuuf, akkasumas gara hojii isaatti yoo deebiʼan eegumsa akka isaaniif godhu isaan hubachiisuuf mulʼata isa xumuraa Zakaariyaasitti argisiise. Mana qulqullummaa deebisanii ijaaruu wajjin haala wal qabateen Yihowaan, “Kunis yoo isin guutummaatti sagalee Waaqayyo gooftaa keessaniitiif abboomamtan taʼa” jedhee abdachiise.—Zak. 6:15.
MALEEKOTA ABBOOTII FARDAA TAʼAN
6. (a) Mulʼanni Zakaariyaas inni saddeettaffaan akkamitti jalqaba? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Fardeen sun bifa adda addaa kan qabaatan maaliifi?
6 Mulʼata Zakaariyaas saddeettan keessaa inni dhumaa hunda caalaa amantii namaa kan jabeessu dha. (Zakaariyaas 6:1-3 dubbisi.) Mee haala isaa yaadaan ilaali: Konkolaattonni afur tarii waraanaaf qophaaʼanii taʼuu dandaʼa, “tulloota sibiila boorrajjii lama gidduudhaan” as baʼaa jiru. Fardeen konkolaataa harkisan sun bifa gara garaa qabu turan. Kunis abbaa fardaa isa tokko isa itti aanu irraa addaan baasuuf gargaara. Zakaariyaas “Isaan kun maali?” jedhee gaafate. (Zak. 6:4) Mulʼanni kun kallattiidhaan dhiibbaa waan nu irratti godhuuf nutis beekuu barbaanna.
Yihowaan saba isaa eeguu fi jabeessuuf amma iyyuu maleekotatti ni fayyadama
7, 8. (a) Tulluuwwan lamaan maal argisiisu? (b) Tulluuwwan kun sibiila boorrajjii irraa kan hojjetaman maaliifi?
7 Kitaaba Qulqulluu keessatti tulloonni mootummoota ykn bulchiinsota argisiisuu dandaʼa. Tulloonni mulʼata Zakaariyaas keessatti ibsaman tulloota lamaan raajii Daaniʼel keessatti ibsamanii wajjin wal fakkaatu. Tulluun inni tokko bulchiinsa Yihowaa uumama cufaa isa bara baraa argisiisa. Tulluun inni kaan immoo, Mootummaa Masihiichaa isa Yesusiin geggeeffamu argisiisa. (Dan. 2:35, 45) Yesuus birraa bara 1914tti teessoo irra waan taaʼeef, tulloonni lamaanuu jiru, akkasumas fedhii Waaqayyoo lafa irratti raawwachuu keessatti gumaacha guddaa godhaniiru.
8 Tulloonni kun sibiila boorrajjii irraa kan hojjetaman maaliifi? Sibiilli boorrajjiin akkuma warqee gatii guddaa qaba. Yihowaan sibiilli calaqqisaan kun godoo qulqullaaʼaa fi manni qulqullummaa Yerusaalem akka ittiin hojjetamu qajeelfama kennee ture. (Bau. 27:1-3; 1 Mot. 7:13-16) Kanaafuu, tulluuwwan sibiila boorrajjii fakkeenyaan ibsaman lamaan kun sadarkaa guddaa ol aantummaan Yihowaa inni uumama cufaa fi Mootummaan Masihiichaa sanyii namootaa hundaaf tasgabbii fi eebba fidu nu yaadachiisu.
9. Warri konkolaattota oofan eenyufaʼi? Itti gaafatamummaan isaanii hoo maali dha?
9 Amma immoo gara konkolaattota sanatti deebina. Isaanii fi warri isaan gulufan maal argisiisu? Warri konkolaattota kana oofan maleekota, tarii immoo garee ykn kutata maleekotaa taʼuu dandaʼu. (Zakaariyaas 6:5-8 dubbisi.) Isaan ergama addaa tokko raawwachuuf “gooftaa guutummaa biyya lafaa” bira baʼan. Hojii akkamiitu isaaniif kenname? Konkolaattonni kunii fi warri isaan oofan naannoo isaaniif kenname tokko akka eegan ergaman. Itti gaafatamummaan isaanii saba Yihowaa keessumaa “biyya gara kaaba, NW” jechuunis Baabilon irraa eeguu dha. Yihowaan Baabilon saba isaa lammata akka hin garboomfanne akka beekan godheera. Kun warra bara Zakaariyaasitti mana qulqullummaa ijaaraniif boqonnaa guddaa kennee taʼuu qaba! Diinonni isaanii hojii keenya dhaabsisu jedhanii yaaddaʼuu hin qaban.
10. Raajiin Zakaariyaas inni waaʼee konkolaattotaa fi warra isaan oofanii dubbatu saba Waaqayyoo harʼa jiran akkamitti gargaara?
10 Akkuma bara Zakaariyaas yeroo harʼaas Yihowaan inni gooftaa raayyaa taʼe, saba isaa eeguu fi jajjabeessuuf maleekotatti ni fayyadama. (Mil. 3:6; Ibr. 1:7, 14) Israaʼel hafuuraa bara 1919tti boojuu Baabilon Guddittii jalaa erga baʼanii kaasee, mormiin wal irraa hin cinne yoo jiraate illee, waaqeffannaa dhagaan akka hin babalʼanne dhaabuun hin dandaʼamne. (Mul. 18:4) Jaarmiyaan Yihowaa eegumsa maleekotaa waan qabnuuf, karaa hafuuraa lammata cunqursaa jala ni gala jennee sodaachuu nu hin barbaachisu. (Far. 34:7) Kanaa mannaa, tajaajiltoonni Waaqayyoo addunyaa maratti argaman karaa hafuuraa dagaaguu isaanii akka itti fufan shakkii hin qabnu. Mulʼata Zakaariyaas irratti xiinxaluun keenya gaaddisa tulloota lamaanii jalatti eegumsa akka argannu mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara.
11. Haleellaa saba Waaqayyoo irratti dhufaa jiru sodaachuu kan hin qabne maaliifi?
11 Dhiheenyatti humnoonni siyaasaa addunyaa Seexanaa saba Waaqayyoo balleessuuf kutatanii kaʼuudhaan tokkummaa ni uumu. (His. 38:2, 10-12; Dan. 11:40, 44, 45; Mul. 19:19) Raajiin Hisqiʼel humnoonni kun akka duumessaa akka lafa uwwisanii fi fardeen gulufaa dheekkamsa guddaadhaan akka nu irratti kaʼan ibsa. (His. 38:15, 16)a Kana sodaachuu qabnaa? Matumaa! Nuti abbootii fardaa of biraa qabna. Yeroo rakkina guddaa murteessaa taʼe sanatti maleekonni Yihowaa gooftaa raayyaa warri loltoota taʼan saba Waaqayyoo eeguu fi warra ol aantummaa isaa morman balleessuuf tokkummaadhaan dhufu. (2 Tas. 1:7, 8) Dhuguma iyyuu guyyaan sun adda dha! Haa taʼu malee, raayyaa Yihowaa isa samii kan geggeessu eenyu dha?
YIHOWAAN MOOTII FI LUBA ISAA IRRA GONFOO KAAʼE
12, 13. (a) Zakaariyaas maal akka hojjetu itti himame? (b) Namni Latii jedhamee fi raajiidhaan dubbatame Yesuus Kiristoosiin kan argisiisu akkamitti akka taʼe ibsi.
12 Zakaariyaas mulʼatawwan saddeet kan arge kophaa isaa ture. Amma immoo warra mana qulqullummaa ijaaran sana jajjabeessuuf raajii tokko hojiidhaan argisiisuu irratti hirmaachaa jira. (Zakaariyaas 6:9-12 dubbisi.) Zakaariyaas namoota sadii reefuu Baabilonii deebiʼan, jechuunis Heldaayi, Xobiiyaa fi Yedaaʼiyaa jedhaman irraa meetii fi warqee fuudhee, buusii sanaan “gonfoo” akka hojjetu isatti himame. (Zak. 6:11) Zakaariyaas gonfoo kana mataa Zarubaabel isa sanyii Daawitii fi Bulchaa Yihudaa taʼe irra akka kaaʼu isatti himameeraa? Lakki. Namoonni yommuu inni gonfoo kana mataa Iyaasuu isa Angafa Lubaa irra kaaʼu argan itti bitaachaʼee taʼuu qaba.
13 Iyaasuu inni Luba Ol Aanaa taʼe gonfoon kun mataa isaa irra kaaʼamuun isaa mootii isa godheeraa? Lakki, Iyaasuun hidda dhalootaa mootummaa Daawit keessaa waan hin taaneef, mootii taʼuu hin dandaʼu. Gonfoon mataa isaa irra kaaʼamuun isaa mootii fi lubni bara baraa tokko gara fuulduraatti akka dhufu raajii argisiisu dha. Lubni ol aanaan mootii taʼu kun maqaan isaa Latii jedhameera. Kitaabni Qulqulluun Latiin kun, Yesuus Kiristoos akka taʼe argisiisa.—Isa. 11:1; Mat. 2:23, milj.
14. Yesuus Mootii fi Luba Ol Aanaa taʼuudhaan maal hojjeta?
14 Mootii fi Luba Ol Aanaa waan taʼeef, Yesuus raayyaa Yihowaa isa samii kan geggeessu isa dha. Kanaafuu, sabni Waaqayyoo hundi addunyaa isaan jibbu keessa yoo jiraatan iyyuu, nagaadhaan akka jiraatan dhimmee hojjeta. (Er. 23:5, 6) Dhiheenyatti Kiristoos ol aantummaa Waaqayyoo deggeruu fi saba Yihowaa eeguudhaan saboota injifachuu irratti dursa fudhata. (Mul. 17:12-14; 19:11, 14, 15) Haa taʼu malee, Latiin murtii raawwachuu isaa dura hojii guddaa raawwatu tokko qaba.
MANA QULQULLUMMAA NI IJAARA
15, 16. (a) Bara keenyatti haaressuu fi calaluu wajjin haala wal qabateen hojii akkamiitu hojjetame? Eenyutu hojjete? (b) Dhuma Bulchiinsa Kiristoos Waggaa Kumaa booda maaltu taʼa?
15 Yesuus Mootii fi Luba Ol Aanaa taʼee muudamuu isaa malees, ‘mana qulqullummaa Waaqayyoo akka ijaaru’ itti gaafatamummaan isaaf kennameera. (Zakaariyaas 6:13 dubbisi.) Bara ammaatti, jiruun ijaarsaa Yesuus hojjetu waaqeffattoota dhugaa Baabilon Guddittii jalaa bilisa baasuu fi bara 1919tti gumii Kiristiyaanaa deebisee hundeessuu dabalata. Kana malees, hojii mooraa mana qulqullummaa hafuuraa guddichaa isa lafa irraa keessatti raawwatamuuf qajeelfama akka kennu ‘Garbicha amanamaanii fi ogeessa’ muudeera. (Mat. 24:45) Akkasumas, Yesuus saba Waaqayyoo calaluu fi waaqeffannaa qulqulluu akka dhiheessan isaan gargaaruu irratti hojii hedduu hojjettaa tureera.—Mil. 3:1-3.
16 Yeroo Bulchiinsa Waggaa Kumaatti, Yesuusii fi warri isaa wajjin moototaa fi luboota taʼan 144,000, namoota amanamoo taʼan cubbuu irraa walaba godhu. Kun yommuu raawwatamu lafa qulqulloofte irratti kan hafan warra Waaqa dhugaa waaqeffatan qofa dha. Dhuma irrattis waaqeffannaa dhugaan guutummaatti iddootti ni deebiʼa!
HOJII IJAARSAA IRRATTI HIRMAADHU
17. Yihowaan itti aansee Yihudootaaf maal mirkaneesse? Ergaan isaa isaan irratti dhiibbaa akkamii fide?
17 Ergaan Zakaariyaas Yihudoota bara isaa turan irratti dhiibbaa akkamii geessisee turee? Yihowaan hojii isaaniitiif tasgabbii fi eegumsa akka godhu wabii kenneera. Manni qulqullummaa akka ijaaramu mirkaneessuun isaa hamileen isaanii inni cabe deebiʼee abdii akka qabaatu godhee taʼuu qaba. Haa taʼu malee, namoonni muraasni hojii kana hunda akkamitti hojjechuu dandaʼu? Wanti Zakaariyaas itti aansee dubbate sodaa fi shakkii qaban hunda balleesseera. Deggersa namoonni amanamoon akka Heldaayi, Xobiiyaa fi Yedaaʼiyaa jiran kennan malees, Waaqayyo namoonni kaan hedduun ‘dhufanii mana qulqullummaa akka ijaaran’ dubbateera. (Zakaariyaas 6:15 dubbisi.) Dhorkaan kan jiru taʼus, Yihudoonni deggersa Waaqayyoo akka qaban amanuudhaan yeruma sana hojii ijaarsaa isaanii deebiʼanii itti fufuuf tarkaanfii fudhatan. Utuma baayʼee hin turin, Yihowaan dhorkaa mootummaa akka tulluu guddaa gufuu isaanitti taʼe balleessuudhaan ijaarsi mana qulqullummaa Dh.K.D. bara 515 akka xumuramu godhe. (Iz. 6:22; Zak. 4:6, 7) Haa taʼu malee, wanti Yihowaan dubbate wantoota kana caalanii fi bara keenyatti raawwatamanis ni ibsa.
18. Zakaariyaas 6:15 bara keenyatti kan raawwatame akkamitti?
18 Yeroo harʼaa namoonni miliyoonaan lakkaaʼan gara waaqeffannaa dhugaatti kan dhufan siʼa taʼu, mana qulqullummaa hafuuraa Yihowaa isa guddaa ‘qabeenya isaaniitiin’ deggeruuf, yeroo, humnaa fi qarshii isaanii gumaacha gochuuf garaadhaa kakaʼaniiru. (Fak. 3:9) Yihowaan deggersa nuti amanamummaadhaan goonuuf iddoo guddaa akka kennu akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? Heldaayi, Xobiiyaa fi Yedaaʼiyaan gonfoo Zakaariyaas hojjeteef meeshaa barbaachisu akka fidan yaadadhu. Gonfoon sunis gumaacha isaan waaqeffannaa dhugaatiif godhaniif ‘yaadannoo’ taʼeera. (Zak. 6:14, NW) Haaluma wal fakkaatuun, hojii fi jaalalli Yihowaadhaaf argisiisnu matumaa hin irraanfatamu. (Ibr. 6:10) Bara baraan yaadannoo Yihowaa keessatti eegamanii jiraatu.
19. Mulʼanni Zakaariyaas yeroo harʼaa dhiibbaa akkamii nu irratti godha?
19 Waaqeffannaa dhugaa wajjin haala wal qabateen wantoonni bara dhumaa kana keessatti raawwataman hundi eebba Yihowaa akka qabnuu fi Kiristoos nu geggeessaa akka jiru ragaa qabatamaa taʼa. Nuti kutaa jaarmiyaa tasgabbii qabu, amansiisa taʼee fi bara baraan jiraatuu ti. Kaayyoon Yihowaan waaqeffannaa qulqulluutiif qabu ‘ni taʼa.’ Iddoo saba Yihowaa gidduutti qabdutti gammadi, akkasumas ‘sagalee Waaqayyo gooftaa kee dhaggeeffachuu hin dhiisin.’ Yoo akkas goote, eegumsaa Mootii fi Luba Ol Aanaa keenya, akkasumas warra konkolaataa samii oofan sanaa jala jiraachuu dandeessa. Waaqeffannaa dhugaa deggeruu irratti guutummaatti hirmaadhu. Kana kan gootu yoo taʼe, Yihowaan gooftaan raayyaa sirna hafe kana keessattii fi bara baraan nagaa fi eegumsa akka argattu akka godhu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa!
a Odeeffannoo dabalataa argachuuf, “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 2015, ful. 29-30 irratti baʼe ilaali.