A1
Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu Hiikuuf Gargaaran
Kitaabni Qulqulluun jalqaba kan barreeffame Afaan Ibrootaa, Afaan Aaraamii fi Giriikii duriitiin ture. Yeroo harʼaatti guutummaan isaa ykn gartokkoon isaa afaanota 3,000 oliin argama. Namoota Kitaaba Qulqulluu dubbisan keessaa hedduun afaanota jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffame waan hin hubanneef hiikkaan isaan barbaachisa. Kitaabni Qulqulluun hiikamuu kan qabu qajeelfamoota kam irratti hundaaʼee ti? Qajeelfamoonni kun Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa hiikuu irratti kan hojii irra oolan hoo akkamitti?
Namoonni tokko tokko guutummaa guutuutti jechaa jechatti hiikuun namni dubbisu tokko yaada afaan jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffame irra jiru akka hubatu isa gargaara jedhu taʼa. Haa taʼu malee, kun yeroo hunda hin hojjetu. Sababiiwwan muraasa haa ilaallu.
Afaanonni lama seerlugaan, jechaan, akkasumas akkaataa ijaarsa himaatiin tokko hin taʼan. Piroofeesara Afaan Ibrootaa kan taʼan S. R. Diraayivar afaanonni “seerlugaa fi hundee isaaniitiin qofa utuu hin taʼin . . . akkaataa yaadawwan walitti qindaaʼanii hima tokko ijaaraniinis garaa gara” akka taʼan barreessaniiru. Afaanonni garaa garaa akkaataa yaanni ittiin ibsamu garaa garaa qabu. Piroofeesar Diraayivar itti fufuudhaan, “Kanaafuu, afaanota garaa garaa keessatti akkaataan himni tokko itti barreeffamu tokko miti” jedhaniiru.
Afaanota ammayyaa keessaa afaanota Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffame, jechuunis Afaan Ibrootaa, Afaan Aaraamii fi Giriikii guutummaatti ibsuu kan dandaʼu hin jiru; kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu jechaa jechatti hiikuun yaanni isaa ifa akka hin taane godha, yeroo tokko tokko immoo ergaa dogoggoraa dabarsuu dandaʼa.
Jechi ykn ibsi tokko yaada naannoo isaa jiru irratti hundaaʼuudhaan hiika garaa garaa qabaachuu dandaʼa.
Namni Kitaaba Qulqulluu hiiku tokko yaadawwan afaan jalqabaa keessa jiran tokko tokko kallattiidhaan hiikuu kan dandaʼu taʼus, of eeggannoo guddaa gochuu qaba.
Mee fakkeenyota jechaa jechatti hiikuun karaa sirrii hin taaneen hubatamuu akka dandaʼu argisiisan haa ilaallu:
Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “hirriba” jedhu kallattiidhaan hirriba argisiisuufis taʼe duʼa argisiisuuf itti hojjetameera. (Maatewos 28:13; Hojii Ergamootaa 7:60) Jechi kun galumsi isaa duʼa kan argisiisu yeroo taʼutti, hiiktonni Kitaaba Qulqulluu ibsawwan kan akka ‘duʼaan boqochuu’ jedhanitti fayyadamuu dandaʼu; kun immoo namni yeroo ammaatti Kitaaba Qulqulluu dubbisu akka hin burjaajofne godha.—1 Qorontos 7:39; 1 Tasalonqee 4:13; 2 Pheexiros 3:4.
Phaawulos ergamaan Efesoon 4:14 irratti gaalee, “tapha diisaa namootaa” jedhamee kallattiidhaan hiikamuu dandaʼutti fayyadameera. Jechamni bara durii kun gowwoomsaa diisaatti fayyadamuudhaan namoonni raawwatanii wajjin wal qabata. Afaanota hedduu keessatti kallattiidhaan jechama kana kaaʼuun ergaa dabarsu hin qabu. Ibsi kun “gowwoomsaa namootaa” jedhamee hiikamuun isaa ergaa isaa karaa ifa taʼeen dabarsa.
Roomaa 12:11 irratti jechi Afaan Giriikii kallattiidhaan “hafuura danfu” jedhu itti hojjetameera. Ibsi kun Afaan Oromootiin ergaa barbaadame hin dabarsu; kanaafuu, “hafuuraan kan gubattan taʼaa” jedhamee hiikameera.
Yesuus Lallaba Isaa Isa Gaara Irraa beekamaa taʼe irratti yaada yeroo baayʼee, “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri taʼan haa gammadan” jedhamee hiikamutti fayyadameera. (Maatewos 5:3, hiika bara 1997) Haa taʼu malee, afaanota hedduu keessatti yaanni kun kallattiidhaan yoo hiikame ifa miti. Yeroo tokko tokko yaanni kun kallattiidhaan yoo hiikame “hafuuraan hiyyeeyyii” warri taʼan, sammuun isaanii rakkina akka qabu ykn namoonni kun jabinaa fi kutannoo akka hin qabne argisiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yesuus as irratti namoonni gammachuu argachuuf fedhii foonii isaanii guuttachuu utuu hin taʼin, qajeelfamni Waaqayyoo akka isaan barbaachisu hubachuu akka qaban isaan barsiisaa ture. (Luqaas 6:20) Kanaafuu, “warri wantoota hafuuraa dheebotan” jedhamee hiikamuun isaa yaada afaan jalqabaa sirriitti dabarsa.—Maatewos 5:3.
Jechi Afaan Ibrootaa yeroo baayʼee harka namaa argisiisu hiika hedduu qaba. Jechi kun galumsa isaa irratti hundaaʼuudhaan, “aangoo,” “arjummaa” ykn “humna” jedhamee hiikamuu dandaʼa. (2 Saamuʼel 8:3; 1 Mootota 10:13; Fakkeenya 18:21) Jechi kun Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa maxxansa Afaan Oromoo keessatti karaa garaa garaa hedduutiin hiikameera.
Kana irraa akka hubannutti, Kitaaba Qulqulluu hiikuun bakka hundumaatti jecha afaan isa jalqabaa irra jiru tokko kallattiidhaan jechuma wal fakkaatuun hiikuu qofa miti. Namni hiiku tokko jecha afaan isaatiin yaada afaan isa jalqabaa irra jiru akka gaariitti dabarsu filachuuf dandeettii hubannaa isaatti fayyadamuu qaba. Kana malees, seerluga afaanichaa irratti hundaaʼuudhaan himicha ijaaruun barbaachisaa dha; kun immoo himicha dubbisuun akka salphatu godha.
Gama biraatiin immoo, yaadichi cuunfamee karaa biraatiin kaaʼamuu hin qabu. Namni hiiku tokko hiika akka walii galaatti Kitaaba Qulqulluudhaaf kennu irratti hundaaʼuudhaan akkuma isatti toletti jecha biraatiin yoo kaaʼe hiika isa sirrii dhoksuu dandaʼa. Akkamitti? Namni hiiku sun yaada afaan isa jalqabaa keessa jiru yaada mataa isaatiin kaaʼuu ykn qabxiiwwan baayʼee barbaachisoo taʼan keessaa hambisuu dandaʼa. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu jecha ofiitiin ibsuuf yaaluun dubbisuun salphaa akka taʼu kan godhu taʼus, yeroo tokko tokko namni dubbisu ergaa dhugaa caqasni sun qabu akka hin hubanne gochuu dandaʼa.
Barumsi amantii dogoggora taʼe hojii hiikkaa nama tokkoo irratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Maatewos 7:13, “Karri badiisatti geessu balʼaa dha” jedha. Hiiktonni tokko tokko tarii dhiibbaa barumsa amantii dogoggora taʼeen taʼuu dandaʼa, hiika isa Afaan Giriikii irratti ibsamuu barbaade, jechuunis jecha “badiisa” jedhutti fayyadamuu mannaa, “ibidda qilee” jedhanii hiikaniiru.
Namni Kitaaba Qulqulluu hiiku tokko Kitaabni Qulqulluun kan barreeffame afaan namoonni akka qonnaan bultootaa fi tiksitootaa, akkasumas namoonni qurxummii qaban itti fayyadamaniin akka taʼe tilmaama keessa galchuu qaba. (Nahimiyaa 8:8, 12; Hojii Ergamootaa 4:13) Kanaafuu, akkaataan guddinaa isaanii maal iyyuu yoo taʼe namoonni garaa qajeelaa qaban, ergaa hiikkaa Kitaaba Qulqulluu gaarii taʼe keessatti argamu hubachuu dandaʼu. Jechoota namoonni barumsa guddaa hin qabne baayʼinaan hin fayyadamne mannaa, jechoota ifa taʼan, namoonni hundi itti fayyadamanii fi salphaatti hubatamuu dandaʼanitti fayyadamuutu filatama.
Hiiktonni Kitaaba Qulqulluu hedduun maqaan Waaqayyoo inni Yihowaa jedhu barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu bara durii keessatti kan argamu taʼus, maqaa kana sababii malee Kitaaba Qulqulluu keessaa baasuuf ija jabaataniiru. (Kutaa Dabalataa A4 ilaali.) Hiikkaawwan hedduun maqaa kana maqaa ulfinaa kan akka, “Gooftaa” jedhuun kan bakka buusan yeroo taʼu, tokko tokko immoo Waaqayyo maqaa qabaachuu isaa iyyuu dhoksaniiru. Fakkeenyaaf, hiikkaawwan tokko tokko keessatti kadhannaan Yesuus inni Yohaannis 17:26 irratti argamu, “Ani isaanitti si beeksiseera,” akkasumas inni Yohaannis 17:6 irra jiru “Ani namoota ati naaf kennitetti si beeksiseera” jedhamee hiikameera. Haa taʼu malee, kadhannaa Yesuus ilaalchisee hiikkaan inni sirriin, “Maqaa kee isaanitti beeksiseera,” akkasumas “Namoota ati . . . anaaf kennitetti maqaa kee mulʼiseera” kan jedhu dha.
Seensa Kitaaba Qulqulluu Ingiliffaa Hiika Addunyaa Haaraa isa jalqabaa irratti akkana jedhameera: “Yaada Kitaaba Qulqulluu tokko cuunfinee jecha biraatiin hin keenyu. Iddoo jechamni Ingiliffaa nuuf heyyamuttii fi kallattiidhaan hiikuun yaanni isaa akka ifa hin taane hin goonetti, hamma dandaʼametti kallattiidhaan hiikuuf carraaqqii guddaa gooneerra.” Kanaafuu, Koreen Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa jechoota ykn gaaleewwan afaan isa jalqabaa akka gaariitti dabarsan fayyadamuudhaan, akkasumas jechoota dubbisuun namatti ulfaatan ykn yaada barbaadame hin dabarsine fayyadamuu dhiisuudhaan madaallii isaa akka eegu argisiiseera. Kanaan kan kaʼes, Kitaaba Qulqulluu salphaatti dubbisuun ni dandaʼama; akkasumas namni dubbisu ergaan inni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame amanamummaadhaan akka darbe guutummaatti amanachuu dandaʼa.—1 Tasalonqee 2:13.