MATA DUREE QOʼANNAA 12
Wanta Zakkaariyaas Arge ni Argitaa?
“‘Wantoonni kun hafuura kootiin raawwatamu’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.”—ZAK. 4:6.
FAARFANNAA 73 Sodaa Keenya Nuu Balleessi
QABIYYEEa
1. Yihudoonni boojuu jala turan haala gammachiisaa akkamiitu isaan eeggata ture?
YIHUDOONNI baayʼee gammadanii turan. Yihowaan Israaʼelota waggoota hedduudhaaf boojuu Baabilon jala turan akka gadhiisu “hafuura Qiiros mootii Faarsi ni kakaase.” Mootichi Yihudoonni gara biyya dhalootaa isaaniitti deebiʼanii ‘mana Yihowaa Waaqa Israaʼel deebisanii akka ijaaran’ labsii baase. (Iz. 1:1, 3) Kun labsii baayʼee nama gammachiisu dha! Labsiin kun waaqeffannaa dhugaan biyya Waaqayyo saba isaatiif kenne keessatti deebiʼee hundeeffamuuf akka jedhu kan argisiisu dha.
2. Boojiʼamtoonni gara Yerusaalemitti deebiʼan jalqaba irratti maal raawwatan?
2 Dhaloota Kiristoos Dura bara 537tti boojiʼamtoonni jalqabaa Yerusaalem ishii magaalaa guddoo mootummaa Yihudaa taate gaʼan. Yihudoonni kunis yeruma sana mana qulqullummaa ijaaruu jalqaban; Dh.K.D. bara 536tti buʼuura isaa kaaʼan!
3. Yihudoota mormii akkamiitu mudate?
3 Haa taʼu malee, boojiʼamtoonni kun mana qulqullummaa deebisanii ijaaruu akkuma jalqabaniin mormii cimaatu isaan mudate. Namoonni naannichaa “namoota Yihudaa hamilee cabsuu fi manicha akka hin ijaarre abdii isaan kutachiisuu isaanii itti fufan.” (Iz. 4:4) Kun Yihudootaaf baayʼee ulfaataa taʼus, haalli isaa caalaatti hammaachaa deeme. Dhaloota Kiristoos Dura bara 522tti mootii haaraan Arxeksis jedhamu Faarsi keessatti aangoo qabate.b Mormitoonni kun mootii haaraan bulchuu jalqabuun isaa ‘maqaa seeraatiin rakkina qopheessuudhaan’ hojii ijaarsaa dhaabsisuuf carraa akka isaaniif banu isaanitti dhagaʼamee ture. (Far. 94:20) Kanaafuu, Yihudoonni isa irratti finciluuf karoorfachaa akka jiran Arxeksis Mootichatti himan. (Iz. 4:11-16) Mootichis soba isaanii kana waan amaneef, ijaarsi mana qulqullummaa akka dhaabbatu ajaja dabarse. (Iz. 4:17-23) Dhorkaa kanaan kan kaʼes, Yihudoonni mana qulqullummaa ijaaruu isaanii ni dhaaban.—Iz. 4:24.
4. Yeroo mormitoonni ijaarsa mana qulqullummaa dhaabsisanitti Yihowaan maal godhe? (Isaayyaas 55:11)
4 Namoonni biyyattii Yihowaa hin waaqeffannee fi namoonni mootummaa Faarsi keessatti aangoo qaban muraasni ijaarsa mana qulqullummaa dhaabsisuuf kutatanii turan. Taʼus, Yihowaan Yihudoonni ijaarsa mana qulqullummaa akka xumuran murteessee ture; inni yeroo hundumaa kaayyoo isaa ni raawwata. (Isaayyaas 55:11 dubbisi.) Yeroo kanatti raajii ija jabeessa Zakkaariyaas jedhamu kan kaase yeroo taʼu, mulʼatawwan dinqisiisoo taʼan saddeet isatti argisiiseera. Zakkaariyaasis mulʼatawwan kana Yihudootatti himuudhaan isaan jajjabeessuu qaba ture. Mulʼatawwan kun Yihudoonni mormitoota isaanii sodaachuu akka hin qabne akka hubatan isaan gargaaraniiru, akkasumas hojii Yihowaa hojjechuu isaanii akka itti fufan isaan jajjabeessaniiru. Mulʼata isa shanaffaa irratti Zakkaariyaas baattuu ibsaa tokkoo fi mukeetii ejersaa lama argee ture.
5. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
5 Hundi keenya iyyuu darbee darbee abdii ni kutanna. Kanaafuu, jajjabina Yihowaan mulʼata Zakkaariyaas isa shanaffaatti fayyadamee Israaʼelotaaf kenne qoruudhaan jajjabina irraa argachuu dandeenya. Mulʼata kana hubachuun keenya yeroo mormiin nurra gaʼu, yeroo haalli keenya jijjiiramu, akkasumas yeroo qajeelfamni hubachuun nu rakkisu nuuf kennamutti amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluuf nu gargaara.
YEROO MORMIIN NURRA GAʼU
6. Mulʼanni waaʼee baattuu ibsaa tokkoo fi mukeetii ejersaa lamaa dubbatuu fi Zakkaariyaas 4:1-3 irratti argamu Yihudootaaf ija jabina kan kenne akkamitti? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)
6 Zakkaariyaas 4:1-3 dubbisi. Mulʼanni waaʼee baattuu ibsaa tokkoo fi mukeetii ejersaa lamaa dubbatu kun, Yihudoonni ija jabina mormii isaan mudatu dandamachuuf isaan barbaachisu akka argatan gargaareera. Akkamitti? Baattuun ibsaa kun itti fufiinsaan zayitii akka argatu hubatteettaa? Zayitiin mukeetii ejersaa lamaan irraa argamu gara saanii golboo tokkootti yaaʼa; zayitiin saanii golboo keessa jiru immoo gara ibsaawwan torban baattuu ibsaa sana irra jiraniitti yaaʼa. Zayitiin kun ibsaawwan sun yeroo hundumaa ifuu isaanii akka itti fufan godha. Zakkaariyaas, “Wantoonni kun maal argisiisu?” jedhee gaafate. Maleekaan sunis, “‘Wantoonni kun hundi humna waraanaatiin yookiin jabina namaatiin utuu hin taʼin, hafuura kootiin raawwatamu’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa” jechuudhaan ergaa Yihowaa isatti hime. (Zak. 4:4, 6) Zayitiin mukeetii sana irraa argamu hafuura Yihowaa isa humna guddaa qabuu fi hin dhumne argisiisa. Humni raayyaa waraanaa Bulchiinsa Faarsi hafuura Waaqayyoo wajjin wal hin gitu. Namoonni mana qulqullummaa ijaaran Yihowaan isaanii wajjin waan jiruuf, mormii isaan irra gaʼu kam iyyuu dandamachuudhaan hojii isaanii xumuruu ni dandaʼu. Kun ergaa baayʼee nama jajjabeessu dha! Wanti Yihudoota irraa eegamu Yihowaatti amanamuu fi hojii isaaniitti deebiʼuu dha. Hojiin ijaarsaa sun akkuma dhorkametti kan jiru taʼus Yihudoonni akkas godhaniiru.
7. Jijjiiramni Yihudoota mana qulqullummaa ijaaraa turaniif hamma tokko boqonnaa argamsiise isa kami?
7 Yeroo booda jijjiiramni Yihudoota mana qulqullummaa ijaaraa turaniif hamma tokko boqonnaa argamsiise ni uumame. Jijjiiramni kun maali dha? Dhaloota Kiristoos Dura bara 520tti mootii haaraan Daariyos Tokkoffaa jedhamu Faarsi keessatti bulchuu jalqabe. Daariyos bulchuu jalqabee waggaa lammaffaa isaatti dhorkaan ijaarsa mana qulqullummaa irra kaaʼame seeraan ala akka taʼe hubate. Achiis Daariyos hojichi akka xumuramu heyyama kenne. (Iz. 6:1-3) Murtoon mootichaa kun nama hundumaa ajaaʼibsiisee ture; taʼus mootichi wanta kana irra caalus godheera. Mootichi namoonni naannichaa hojii ijaarsaa gidduu seenuu isaanii akka dhiisanii fi maallaqaa fi wantoota hojichaaf barbaachisan akka isaaniif dhiheessan ajaja dabarse! (Iz. 6:7-12) Kanaafuu, Yihudoonni sun waggaa afur booda, jechuunis Dh.K.D. bara 515tti ijaarsa mana qulqullummaa xumuruu dandaʼaniiru.—Iz. 6:15.
8. Yommuu mormiin sirra gaʼu ija jabeessa taʼuu kan dandeessu maaliifi?
8 Yeroo harʼaas tajaajiltoonni Yihowaa hedduun mormiin isaan irra gaʼaa jira. Fakkeenyaaf, obboloonni keenya tokko tokko biyyoota hojiin keenya itti daangeffame keessa jiraatu. Biyyoota kana keessatti obboloonni qabamanii ‘bulchitootaa fi mootota duratti dhiheeffamuu’ dandaʼu; kun immoo isaaniif dhugaa baʼa. (Mat. 10:17, 18) Yeroo tokko tokko, bulchitoonni jijjiiramuun isaanii obboloota keenyaaf boqonnaa argamsiisuu dandaʼa. Yookiin immoo abbaan murtii gaarii taʼe tokko murtoo hojii keenya fayyadu dabarsuu dandaʼa. Mormiin Dhugaa Baatota kaan irra gaʼu immoo kana irraa adda dha. Kan jiraatan biyya bilisummaadhaan Yihowaa waaqeffachuu itti dandaʼan keessa taʼus, miseensota maatii isaanii irraa mormiin isaan irra gaʼa. (Mat. 10:32-36) Yeroo baayʼee miseensonni maatii kun obboloonni keenya Yihowaa tajaajiluu isaanii akka hin dhiisne yeroo argan isaan mormuu isaanii ni dhiisu. Kana malees, namoonni cimsanii mormaa turan tokko tokko yeroo booda Dhugaa Baatota Yihowaa hinaaffaa cimaa qaban taʼaniiru. Yommuu mormiin sirra gaʼu abdii hin kutatin. Ija jabeessa taʼi. Gargaarsa Yihowaa fi gargaarsa hafuura isaa waan qabduuf wanti si sodaachisu tokko iyyuu hin jiru!
YEROO HAALLI KEENYA JIJJIIRAMU
9. Yihudoonni tokko tokko buʼuurri mana qulqullummaa isa haaraa yeroo kaaʼamu kan gaddan maaliifi?
9 Yeroo buʼuurri mana qulqullummaa isa haaraa kaaʼamu Yihudoonni maanguddoota taʼan tokko tokko booʼaniiru. (Iz. 3:12) Yihudoonni kun mana qulqullummaa Solomoon ijaare isa ulfina qabeessa taʼe arganii waan turaniif, manni qulqullummaa ijaaramaa jiru kun isa duraanii wajjin yeroo wal bira qabamu “homaattuu kan hin lakkaaʼamne” akka taʼe isaanitti dhagaʼameera. (Hag. 2:2, 3) Mana qulqullummaa isa haaraa mana qulqullummaa isa durii wajjin waan wal bira qabaniif baayʼee gaddan. Mulʼanni Zakkaariyaas arge gadda isaanii akka dandamatan isaan gargaareera. Akkamitti?
10. Yaanni maleekaan sun dubbatee fi Zakkaariyaas 4:8-10 irratti galmeeffame Yihudoonni gadda isaanitti dhagaʼamu akka dandamatan kan gargaare akkamitti?
10 Zakkaariyaas 4:8-10 dubbisi. Maleekaan sun Yihudoonni “harka Zarubaabel [isa bulchaa Yihudaa taʼe] keessatti tumbii yommuu argan” akka gammadan yeroo dubbatu maal jechuu isaa ti? Tumbiin meeshaa wanti tokko sirrii ykn qajeelaa taʼuu isaa beekuuf gargaaru dha. Maleekichi manni qulqullummaa kun mana qulqullummaa isa durii wajjin yeroo wal bira qabamu namoota tokko tokkotti gadaanaa fakkaatee mulʼatus, ijaaramee akka xumuramuu fi Yihowaa biratti fudhatama akka qabaatu saba Waaqayyootiif mirkaneesseera. Yihowaan mana qulqullummaa kanatti waan gammadeef isaanis itti gammaduu qabu. Wanti Yihowaa duratti iddoo guddaa qabu waaqeffannaan mana qulqullummaa isa haaraa keessatti geggeeffamu ulaagaalee isaa wajjin kan wal simu taʼuu isaati. Yihudoonni kun waaqeffannaa Yihowaa biratti fudhatama qabu dhiheessuu fi isa biratti fudhatama argachuu isaanii irratti kan xiyyeeffatan yoo taʼe, gammachuu isaanii deebisanii argachuu ni dandaʼu.
11. Tajaajiltoota Yihowaa yeroo harʼaa jiran tokko tokko haala rakkisaa akkamiitu mudachaa jira?
11 Baayʼeen keenya yeroo jijjiiramni nu mudatu haalli isaa nutti ulfaata. Obboloonni tajaajila yeroo guutuu addaa keessatti yeroo dheeraa tajaajilan tokko tokko ramaddiin isaanii jijjiirameera. Warri kaan immoo, umurii isaaniitiin kan kaʼe mirga jaallatan dhaabuun isaan barbaachiseera. Jijjiiramni akkasii yeroo nu mudatu gadduun waanuma jiru dha. Jalqaba irratti murtoo godhame tokko guutummaatti hubachuun ykn irratti walii galuun nu rakkisuu dandaʼa. Haalli keenya inni duraanii akka wayyu nutti dhagaʼama taʼa. Tarii haala keenya isa ammaa keessatti Yihowaadhaaf wanta hedduu gochaa akka hin jirre yaaduudhaanis abdii kutanna taʼa. (Fak. 24:10) Mulʼanni Zakkaariyaas wanta qabnu keessaa isa hunda irra caalu Waaqayyoof kennuu keenya itti fufuuf kan nu gargaaru akkamitti?
12. Mulʼanni Zakkaariyaas yeroo haalli keenya jijjiiramu gammachuu keenya eeggachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
12 Ilaalcha Yihowaan qabu qabaachuuf carraaqqii yoo goone jijjiiramatti baruun nuuf salphata. Yihowaan yeroo harʼaatti wantoota guguddaa raawwachaa jira; nutis isaa wajjin hojjechuuf mirga addaa arganneerra. (1 Qor. 3:9) Ramaddiin keenya jijjiiramuu dandaʼa; jaalalli Yihowaan nuuf qabu garuu yoomiyyuu hin jijjiiramu. Jijjiiramni jaarmiyicha keessatti godhamu tokko dhuunfaatti kan si tuqu yoo taʼe, yeroo hunda sababii jijjiiramni sun itti godhame yaaduudhaan yeroo kee hin gubin. ‘Guyyoota duraanii’ hawwuu mannaa, faayidaa jijjiiramni sun qabu hubachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. (Lal. 7:10) Wanta kana booda gochuu hin dandeenye utuu hin taʼin, wanta amma gochuu dandeessu yaadi. Mulʼata Zakkaariyaas irraa ilaalcha gaarii qabaachuun barbaachisaa taʼuu isaa baranna. Akkana yoo goone yeroo haalli keenya jijjiiramutti illee gammachuu keenya eeggachuu fi amanamoo taanee itti fufuu ni dandeenya.
YEROO QAJEELFAMA KENNAME HORDOFUUN NUTTI ULFAATU
13. Yihudoonni tokko tokko ijaarsa mana qulqullummaa itti fufuun murtoo gaarii akka hin taane kan isaanitti dhagaʼame maaliifi?
13 Hojiin mana qulqullummaa deebisanii ijaaruu dhorkamee ture. Taʼus, namoonni geggeessitoota akka taʼan muudaman, jechuunis Yeshuwaan (Iyyaasuun) inni luba ol aanaa taʼee fi Zarubaabel inni bulchaa taʼe “mana Waaqayyoo . . . deebisanii ijaaruu jalqaban.” (Iz. 5:1, 2) Yihudoonni tokko tokko murtoon kun gaarii akka hin taane yaadanii turan. Hojiin ijaarsa mana qulqullummaa diinota isaanii warra hojicha dhaabsisuuf wanta dandaʼan hundumaa godhan jalaa dhokachuu hin dandaʼu. Namoonni itti gaafatamummaa qaban lamaan, jechuunis Iyyaasuu fi Zarubaabel deggersa Yihowaa akka qaban mirkanaaʼoo taʼuun isaan barbaachisa ture. Deggersa kanas argataniiru. Akkamitti?
14. Zakkaariyaas 4:12, 14 akka jedhutti Iyyaasuun inni luba ol aanaa taʼee fi Zarubaabel inni bulchaa taʼe mirga akkamii argataniiru?
14 Zakkaariyaas 4:12, 14 dubbisi. Mulʼata Zakkaariyaas kana irratti maleekaan sun mukeetiin ejersaa lamaan “dibamtoota lamaan,” jechuunis Iyyaasuu fi Zarubaabeliin akka argisiisan raajii Waaqayyoo kanaaf ibseera. Namoonni lamaan kun akka waan Yihowaa “Gooftaa guutummaa lafaa bira [dhaabbatanii]” jiranitti ibsamaniiru. Kun mirga guddaa dha! Yihowaan isaan irratti amantii qaba. Yihowaan sabicha geggeessuuf isaanitti fayyadamaa waan jiruuf, Israaʼelonni wanta namoonni kun jedhan amanuuf sababii gaʼaa qabu turan.
15. Qajeelfama Dubbii Yihowaa irraa argannu akka kabajnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
15 Yeroo harʼaatti Yihowaan Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuudhaan saba isaa geggeessuu isaa itti fufeera. Dubbii isaa kanatti fayyadamuudhaan karaa isa biratti fudhatama qabuun akkamitti isa waaqeffachuu akka dandeenyu nutti hima. Maarree, qajeelfama Dubbii Waaqayyoo irraa argannu akka kabajnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Akka gaariitti dubbisuu fi ergaa isaa hubachuuf yeroo ramaduudhaani. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Kitaaba Qulqulluu ykn barreeffama keenya tokko yeroon dubbisu yeroo fudhadhee irratti nan xiinxalaa? Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu “hubachuuf ulfaataa taʼan” irratti qorannoo nan godhaa? Moo irruman fiiga?’ (2 Phe. 3:16) Wanta Yihowaan nu barsiisu irratti yaaduuf yeroo kan ramannu yoo taʼe, qajeelfama isaa hordofuu fi tajaajila keenya irratti milkaaʼina argachuu ni dandeenya.—1 Xim. 4:15, 16.
16. Qajeelfama “garbichi amanamaanii fi ogeessi” nuuf kennu guutummaatti hubachuun yeroo nu rakkisutti qajeelfama sana hordofuuf maaltu nu gargaara?
16 Karaan Yihowaan qajeelfama itti nuuf kennu kan biraan immoo ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadamuudhaani. (Mat. 24:45) Yeroo tokko tokko, qajeelfama garbichi kun kennu guutummaatti hubachuun nu rakkisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, qajeelfamni balaa uumamaa tokkoof qophaaʼuuf nu gargaaru nuuf kennamuu dandaʼa; tarii balaan uumamaa kun naannoo keenyatti akka hin uumamne yaanna taʼa. Yookiin immoo garbichi kun yeroo weerarri dhibee uumamutti garmalee akka of eeggatu nutti dhagaʼama taʼa. Qajeelfamni kenname buʼa qabeessa akka hin taane yoo nutti dhagaʼame maal gochuu qabna? Israaʼelonni gorsa Iyyaasuu fi Zarubaabel isaaniif kennan hordofuun isaanii kan isaan fayyade akkamitti akka taʼe yaaduu dandeenya. Waaʼee seenaawwan Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisne kan biroos yaaduu ni dandeenya. Yeroo tokko tokko qajeelfamni saba Waaqayyootiif kenname akka ilaalcha namaatti buʼa qabeessa fakkaachuu baatus lubbuu isaanii isaaniif oolcheera.—Abo. 7:7; 8:10.
WANTA ZAKKAARIYAAS ARGE ILAALI
17. Mulʼanni waaʼee baattuu ibsaa tokkoo fi mukeetii ejersaa lamaa dubbatu Yihudoota irratti dhiibbaa akkamii godhe?
17 Mulʼanni shanaffaan Zakkaariyaas arge gabaabaa taʼus, Yihudoonni hojii fi waaqeffannaa isaaniitiif ilaalcha gaarii akka qabaatan gargaareera. Wanta Zakkaariyaas arge yeroo hojii irra oolchan, Yihowaan jaalalaan kakaʼee deggersa akka isaaniif godhuu fi qajeelfama akka isaaniif kennu hubataniiru. Yihowaan hafuura isaa isa humna guddaa qabutti fayyadamuudhaan hojii isaanii akka itti fufanii fi gammachuu isaanii deebisanii akka argatan isaan gargaareera.—Iz. 6:16.
18. Mulʼanni Zakkaariyaas jireenya kee irratti dhiibbaa akkamii gochuu dandaʼa?
18 Mulʼanni Zakkaariyaas waaʼee baattuu ibsaa tokkoo fi mukeetii ejersaa lamaanii ibsu jireenya kee irratti dhiibbaa guddaa gochuu dandaʼa. Akkuma olitti ilaalle, mulʼanni kun cimina mormii dandamachuuf si barbaachisuu fi gammachuu jijjiiramatti baruuf si gargaaru, akkasumas amantii qajeelfama hubachuun si rakkisu hojiirra oolchuuf si barbaachisu siif argamsiisa. Jireenya kee keessatti haalli rakkisaan yeroo si mudatu maal gochuu qabda? Jalqaba, wanta Zakkaariyaas arge, jechuunis ragaa Yihowaan saba isaa akka kunuunsu argisiisu ilaali. Achiis, Yihowaatti amanamuudhaan, akkasumas garaa kee guutuu isa waaqeffachuu kee itti fufuudhaan tarkaanfii wanta argitee wajjin wal simu fudhadhu. (Mat. 22:37) Akkana yoo goote, Yihowaan bara baraaf gammachuudhaan akka isa tajaajiltu si gargaara.—Qol. 1:10, 11.
FAARFANNAA 7 Yihowaa, Jabina Keenya
a Yihowaan mulʼatawwan baayʼee dinqisiisoo taʼan muraasa Zakkaariyaas raajichatti argisiiseera. Wanti Zakkaariyaas arge isaafis taʼe saba Yihowaatiif cimina argamsiiseera; kun immoo rakkinoota yommuu waaqeffannaa qulqulluu deebisanii hundeessuuf carraaqqii godhanitti isaan mudatan moʼuuf isaan gargaareera. Mulʼatawwan kun rakkoowwan kan nu mudatan taʼus amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluuf nu gargaaru. Mata duree kana keessatti, barumsawwan guguddaa mulʼata Zakkaariyaas waaʼee baattuu ibsaa fi mukeetii ejersaa arge irraa barannu ilaalla.
b Waggoota muraasa booda bara Nahimiyaa isa bulchaa taʼetti, bulchaa kan biraan Arxeksis jedhamu Yihudootatti gaarummaa guddaa argisiisee ture.
c IBSA FAKKII: Obboleessi tokko jijjiirama sababa umurii fi dhukkubaatiin isa mudatetti baruun akka isa barbaachisu yaadaa jira.
d IBSA FAKKII: Obboleettiin takka Yihowaan Iyyaasuu fi Zarubaabeliin akkuma deggere ‘garbicha amanamaa fi ogeessas’ deggeraa akka jiru xiinxalaa jirti.