Dachaa Yihowaan Eegumsa Itti Godhu Keessaa Hin Baʼinaa
“Waaqayyo . . . akkuma yeroo lola loluutti saba sana in lola.”—ZAK. 14:3.
1, 2. Waraana sodaachisaa akkamiitu dhufuuf jedha? Tajaajiltoonni Waaqayyoo waraana kanarratti maal gochuun isaan hin barbaachisu?
ONKOLOOLESSA 30, bara 1938, Yunaayitid Isteetis keessatti namoonni miliyonaan lakkaaʼaman, diraamaa raadiyoodhaan darbu tokko dhaggeeffachaa turan. Taatonni diraamicharratti gabaasa oduu dhiheessaa turan, uumamawwan pilaaneetii Maarsi jedhamturra jiran lafa kana weeraranii balleessuuf akka jedhan dubbatan. Namoonni hedduun, diraamaan kun sheekkoo raadiyoodhaan dhihaachaa jiru qofa akka taʼe kan beeksifame taʼus, dhugaa waan isaanitti fakkaateef sodaatanii turan. Namoonni tokko tokkommoo wantoota kanarraa of eeguuf tarkaanfii addaddaa fudhataniiru.
2 Yeroo harʼaa waraana dhugaa sodaachisaa taʼetu dhufuuf jedha. Namoonni garuu waraanni kun dhihaachuusaa hin amanan. Waraanni kun sheekkoo utuu hin taʼin, waraana Macaafa Qulqulluu keessatti raajiidhaan dubbatamedha. Waraanni kun, waraana Armaagedoon, isa Waaqayyo sirna hamaa kanarratti banudha. (Mul. 16:14-16) Waraana kanarratti, tajaajiltoonni Waaqayyoo wantoota pilaaneetii gara biraatii dhufanirraa of ittisuun isaan hin barbaachisu. Haataʼu malee, haalawwan dinqisiisaafi humna Waaqayyoo isa sodaachisaa taʼe yommuu argan baayʼee akka ajaaʼibsiifatan beekamaadha!
3. Raajii isa kam qoranna? Raajii kanaaf xiyyeeffannaa kennuu kan qabnuhoo maaliifi?
3 Raajiin Macaafa Qulqulluu Zakaariyaas boqonnaa 14rratti ibsame, waraana Armaagedoonii wajjin kallattiidhaan walitti dhufeenya qaba. Raajiin kun kan barreeffame waggoota 2,500 dura taʼus, nuunis kan ilaallatudha. (Rom. 15:4) Wantoonni raajii kanarratti ibsaman baayʼeensaanii, haalawwan yeroo Mootummaan Masiihichaa bara 1914 samiirratti hundeeffamee kaasee saba Waaqayyoo tuqaniifi wantoota dinqisiisaa dhiheenyatti raawwatamuuf jedhanii wajjin kan wal qabatanidha. Yaadawwan barbaachisaa raajicharratti ibsaman keessaa tokko, “dachaa guddaan” akka uumamuufi “bishaan jireenyaa” akka yaaʼu kan ibsudha. (Zak. 14:4, 8) Dachaan kun, waaqeffattoota Yihowaatiif eegumsa gochuurratti gaʼee guddaa qaba. Bishaan jireenyaa kun nuuf faayidaa maalii akka qabu yoo beekne, bishaan kana dhuguun barbaachisaa taʼuusaa hubachuu qofa utuu hin taʼin isarraa dhuguufis fedhii qabaanna. Dhugumayyuu, raajii kanaaf xiyyeeffannaa kennuun faayidaa nuuf argamsiisa.—2 Phe. 1:19, 20.
“GUYYAAN WAAQAYYOO” NI JALQABE
4. (a) “Guyyaan Waaqayyoo” kan jalqabe yoomi? (b) Barri 1914 jalqabuusaa waggoota hedduu dura, waaqeffattoonni Yihowaa maal labsaa turan? Geggeessitoonni biyya lafaahoo tarkaanfii akkamii fudhatan?
4 Zakaariyaas boqonnaa 14, waaʼee ‘guyyaa Waaqayyoo’ dubbachuudhaan jalqaba. (Zakaariyaas 14:1, 2 dubbisi.) Guyyaan kun maalidha? “Guyyaa Gooftaa” isa “mootummaan biyya lafaa” “kan gooftaa keenyaa, kan Masiihii isaatiis” yommuu taʼetti jalqabedha. (Mul. 1:10; 11:15) Guyyaan kun, yommuu Mootummaan Masiihichaa bara 1914 samiirratti hundeeffametti jalqabe. Barri 1914 jalqabuusaa waggoota kudhaniin lakkaaʼaman dura, waaqeffattoonni Yihowaa, “barri, warra saba Waaqayyoo hin taʼinitti kenname” kan raawwatamu waggaa kanatti akka taʼeefi biyyi lafaa yeroo garmalee rakkisaa taʼe keessa akka galu sabootatti beeksisanii turan. (Luq. 21:24) Saboonni tarkaanfii akkamii fudhatanree? Geggeessitoonni siyaasaafi amantii, akeekkachiisa yeroosaatti kenname sana fudhachuu mannaa, dibamtoota hinaaffaadhaan lallabaa turan sana kan tuffatan taʼuusaarrayyuu isaan ariʼataniiru. Ambaasaaddaroonni Mootummichaa dibamoo taʼan, “Yerusaalem ishee waaqa irraa” jechuunis, Mootummaa Masiihichaa waan bakka buʼaniif, geggeessitoonni biyya lafaa sun dibamtootatti gaʼisuunsaanii, Waaqa hundumaa dandaʼutti gaʼisuusaanii kan argisiisudha.—Ibr. 12:22, 28.
5, 6. (a) Akkuma raajiidhaan dubbatame saboonni, ‘mandarattiirratti,’ akkasumas ‘namoota biyyattiirratti’ tarkaanfii akkamii fudhatan? (b) “Namoonni warri hafan” eenyufaʼi?
5 Zakaariyaas, “Mandarattiin [Yerusaalem] in qabamti” jechuudhaan, tarkaanfii saboonni fudhatan raajiidhaan dubbateera. “Mandarattiin” Mootummaa Waaqayyoo bakka buuti. Mandarattiin kun, lafarratti ‘namoota biyyattiitiin,’ jechuunis Kiristiyaanota dibamoo lafarratti argamaniin bakka buufamti. (Filp. 3:20) Waraana Addunyaa Isa Jalqabaatti, namoonni kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafaa keessatti bakka guddaa qaban ‘qabamanii’ mana hidhaa Atlaantaa, Joorjiyaa, Yuu.Essi.Ee jirutti galfaman. Obboloota kanaafi obboloota amanamoo taʼan kaanirratti jalʼinaafi hammina guddaa raawwachuudhaan, ‘manneetiisaanii saamaniiru.’ Diinonni kun, barreeffamoota keenyaafi sochii dibamtoonni godhan ittisuudhaan, hojii gaarii hojjetan akka hin raawwanne isaan dhowwaniiru.
6 Sabni Waaqayyoo diinonnisaanii kan isaanirra baayʼatan, maqaasaanii kan xureessan, kan isaan mormaniifi kan isaan ariʼatan taʼus, waaqeffannaa dhugaan baduu hin dandeenye. Yeroo kanatti, “namoonni warri hafan,” jechuunis dibamtoonni hafaniifi ‘mandarattii keessaa balleeffamuuf’ fedhii hin qabne jiru turan.
7. Muuxannoon tajaajiltoota Yihowaa warra dibamoo, waaqeffattoota dhugaa yeroo harʼaa jiran hundaaf fakkeenya akkamii taʼa?
7 Raajiin kun, dhuma Waraana Addunyaa Isa Jalqabaarratti guutummaatti raawwatamee turee? Lakki. Dibamtoota lafarra jiraniifi michootasaanii warra barabaraaf lafarra jiraachuuf abdii qaban mormiin dabalataa isaan eeggata ture. (Mul. 12:17) Yeroo Waraana Addunyaa Isa Lammaffaatti ariʼatamni guddaan isaanirra gaʼeera. Dhugaa Baatonni Dibamoo taʼan amanamoo taʼuunsaanii, tajaajiltoonni Waaqayyoo warri yeroo harʼaa jiran, mormii sababii amantiitiin firoottansaaniirraa, nama wajjin hojjetan ykn baratanirraa isaanirra gaʼu dabalatee qorumsa akkamiiyyuu obsaan akka dandaʼan isaan kakaasa. (1 Phe. 1:6, 7) Waaqeffattoonni dhugaan eessayyuu yoo jiraatan, ‘warra isaanitti kaʼan sodaatanii raafamuu’ mannaa, yeroo kamiyyuu caalaa ‘hafuura tokkoon iddoosaaniitii utuu hin sochoʼin dhaabachuuf’ murteessaniiru. (Filp. 1:27, 28) Haataʼu malee, tajaajiltoonni Yihowaa biyya lafaa isaan jibbu kana keessatti eegumsa kan argatan bakka kamitti?—Yoh. 15:17-19.
YIHOWAAN “DACHAA GUDDAA” QOPHEESSEERA
8. (a) Macaafa Qulqulluu keessatti tulloonni maal argisiisuu dandaʼu? (b) “Tulluun ejersaa” maal bakka buʼa?
8 Yerusaalem, isheen “mandarattii” jedhamte, Yerusaalem ishee waaqarraatiif fakkeenya waan taateef, ‘tulluun ejersaa inni Yerusaalemirraa gara baʼa-biiftuu jirus’ akka fakkeenyaatti hubatamuu qaba. Tulluun sun maal argisiisa? ‘Iddoo lamatti gargar dhoʼee’ tulluu lama kan taʼuhoo akkamitti? Yihowaan tulloota kana, “Tulloota koo” jedhee kan waame maaliifi? (Zakaariyaas 14:3-5 dubbisi.) Macaafa Qulqulluu keessatti tulloonni, mootummaa ykn bulchiinsa argisiisuu dandaʼu. Eebbaafi eegumsa argachuunis tulluu Waaqayyoo wajjin wal qabsiifamee ibsameera. (Far. 72:3; Isa. 25:6, 7) Kanaaf, tulluun ejersaa Yerusaalemirraa gara baʼa biiftuutti argamuufi Waaqayyo irra dhaabate, olaantummaa Yihowaan uumama cufarratti qabuufi bulchiinsasaa isa guddaa kan bakka buʼudha.
9. “Tulluun ejersaa” gargar kan dhoʼe akkamitti?
9 Tulluun ejersaa bakka lamatti gargar dhoʼuunsaa maal argisiisa? Tulluun Yerusaalemirraa gara baʼa biiftuutti argamu gargar dhoʼuunsaa, Yihowaan bulchiinsa sadarkaa lammaffaa qabu garabiraa akka hundeesse argisiisa. Bulchiinsi sadarkaa lammaffaa qabu kun, Mootummaa Masiihichaa isa Yesus Kiristosiif kennamedha. Yihowaan tulloota lamaan ‘tulluu ejersaarraa’ argaman, “Tulloota koo” jedhee kan waame kanaafi. (Zak. 14:4) Tulloonni lamaanuu kansaati.
10. “Dachaan guddaan” tulloota lamaan gidduutti uumame maal argisiisa?
10 Tulluun fakkeenyaan ibsame kun walakkaansaa gara kaabaatti, walakkaansaammoo gara kibbaatti yommuu gargar dhoʼu, miilli Yihowaa tulloota lamaanirra dhaabachuusaa itti fufeera. Yeroo kanatti miila Yihowaa jalatti “dachaan guddaan” tokko ni uumame. Dachaan fakkeenyaan ibsame kun, eegumsa tajaajiltoonni Yihowaa olaantummaasaafi Mootummaa Masiihichaa jalatti argatan argisiisa. Yihowaan, waaqeffannaa qulqulluun akka badu matumaa hin heyyamu. Tulluun ejersaa kun kan gargar dhoʼe yoomi? Yeroo Mootummaan Masiihichaa dhuma bara warra saba Waaqayyoo hin taʼinitti hundaaʼetti, jechuunis bara 1914tti ture. Waaqeffattoonni dhugaan gara dachaa kanaatti baqachuu kan jalqaban yoomii kaaseeti?
GARA DACHAA KANAATTI BAQACHUUN NI JALQABAME!
11, 12. (a) Dachaa fakkeenyaan ibsametti baqachuun kan jalqabame yoomi? (b) Yihowaan irreesaa isa jabaadhaan sabasaa akka gargaaru kan mirkaneessu maalidha?
11 Yesus, “Anaaf jettanii saba hundumaa biratti kan jibbamtan in taatu” jechuudhaan duuka buutotasaa akeekkachiiseera. (Mat. 24:9) Keessumaa yeroo dhumaa bara 1914tti jalqabe kana keessatti, jibbi kun ittuma dabalaa dhufeera. Ariʼatamni diinonni yeroo Waraana Addunyaa Isa Jalqabaatti dibamtoota lafarra jiranirratti geessisan baayʼee ulfaataa taʼuyyuu, miseensonni kutaa Kiristiyaanota amanamoo taʼan kanaa hundi hin ajjeefamne. Bara 1919tti garbummaa Baabilon Guddittii ishee bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa argisiistu jalaa birmaduu baʼaniiru. (Mul. 11:11, 12)a Gara dachaa tulloota Yihowaatti baqachuun kan jalqabame yeroo kanatti ture.
12 Bara 1919 jalqabee, dachaan eegumsa argamsiisu kun, waaqeffattoota dhugaa addunyaa maratti argamaniif eegumsa gochuusaa itti fufeera. Waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif addunyaa maratti, tajaajilliifi barreeffamni Dhugaa Baatota Yihowaa ittifamaa tureera. Ammayyuu biyyoota tokko tokko keessa ittisni akkasii jira. Taʼus, mootummoonni carraaqqii akkamiiyyuu yoo godhan, matumaa waaqeffannaa dhugaa balleessuu hin dandaʼan! Yihowaan irreesaa isa jabaadhaan sabasaa ni gargaara.—Kes. 11:2.
13. Dachaa Yihowaa isa eegumsa argamsiisu keessa kan jiraannu akkamitti? Kana gochuun yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaa kan taʼehoo maaliifi?
13 Yihowaatti yoo maxxanneefi dhugaatti yoo jabaanne, inniifi Ilmisaa Yesus Kiristos nu gargaaru; akkasumas Yihowaan eenyuyyuu ykn homtinuu ‘harkasaa keessaa akka nu butu’ hin heyyamu. (Yoh. 10:28, 29) Yihowaan, Gooftaa Uumama Cufaa taʼuusaatiin isaaf ajajamuuf, akkasumas Mootummaa Masiihichaatiif amanamummaadhaan bitamuuf ennaa carraaqnu, gargaarsa nu barbaachisu akkamiyyuu nuu gochuuf qophaaʼaadha. Keessumaa rakkina guddaa dhihaachaa jiru keessatti, dachaan kun waaqeffattoota dhugaatiif baayʼee barbaachisaa waan taʼeef, dachaa kana keessa jiraachuun keenya murteessaadha.
‘YEROO LOLAA’ DHIHAACHAA JIRU
14, 15. ‘Yeroo Waaqayyo diinotasaa lolu,’ namoonni dachaa sanaa ala jiran maal taʼu?
14 Dhumni sirna kanaa ennaa dhihaachaa deemu, Seexanni ariʼatama tajaajiltoota Yihowaarratti fidu ittuma cimsa. Achiis, ‘yeroon Waaqayyo’ diinotasaa ‘itti lolu’ ni dhufa. Sana booda Yihowaan, Seexanni yeroo dhumaatiif ariʼatama akka geessisu ni heyyamaaf. Guyyaa sanatti, Yihowaan inni uumama cufarratti olaantummaa qabu, “guyyaa lolaa” sana dura ture hundumaa caalaa, yeroo kanatti karaa ulfina qabeessa taʼeen Loltuu taʼuusaa ni argisiisa.—Zak. 14:3, hiika bara 1899.
15 Yeroo Yihowaan itti lolutti, namoonni ‘dachaa guddaa’ eegumsa argamsiisu sana keessa hin jirre maal taʼu? ‘Ifni’ ayyaana Waaqayyoo isaanirratti hin ifu. Guyyaa lolaa dhufaa jiru kanatti, ‘fardeen, gaangolii, gaalota, harrootaafi horiirra’ jechuunis meeshaawwan waraanaa sabootaarra rakkinni ni gaʼa. Meeshaawwan kun ‘dhaamochiifi qorri’ waan isaan kotteessuuf hojiidhaa ala taʼu. Yihowaan dhukkubaafi ‘dhaʼichattis’ ni fayyadama. Kallattiidhaan taʼus taʼuu baatus, dhaʼichi kun doorsisa diinotaa cal jechisiisa. Guyyaa sanatti, diinonni ‘ijisaaniifi arrabnisaanii waan tortoruuf,’ ilaalanii miidhaa geessisuus taʼe dubbii gadhee dubbachuu hin dandaʼan. (Zak. 14:6, 7, 12, 15) Kutaan lafaa badiisa jalaa oolu hin jiru. Lola sanarratti humnoonni hedduun Seexana cinaa hiriiru. (Mul. 19:19-21) “Gaafas reeffi warra Waaqayyo isaan ajjeesee daarii lafaa gar tokkoo hamma gara kaaniitti bakkeetti in argama.”—Er. 25:32, 33.
16. Yeroo lola Yihowaa isa dhihaachaa jiruu wajjin haala wal qabateen, gaaffiiwwan kamirratti yaaduu qabna? Maal gochuutu nu barbaachisa?
16 Lolli ykn waraanni, namoota injifatanirrattillee yeroo hunda rakkina fiduunsaa hin oolu. Nyaanni dhabamuu, qabeenyi barbadaaʼuu, sadarkaan jireenyaa gad buʼuufi mirgi tokko tokko dhabamuu dandaʼa. Rakkinni akkasii yoo nurra gaʼe maal goona? Ni jeeqamnaa? Dhiibbaa nurra gaʼuun amantii keenya ni gannaa? Abdii kutachuudhaan hamileen keenya ni cabaa? Yeroo rakkina guddaa sanatti, humna Yihowaan nu oolchuuf qabutti amanamuuniifi dachaa inni eegumsa itti nuu godhu keessa turuun baayʼee barbaachisaadha!—Anbaaqom 3:17, 18 dubbisi.
“BISHAAN JIREENYAA IN BURQA”
17, 18. (a) “Bishaan jireenyaa” maalidha? (b) ‘Galaanni baʼa-biiftuufi’ ‘galaanni lixa-biiftuu’ maal argisiisu? (c) Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee murtoo akkamii gooteetta?
17 Armaagedoon booda, teessoo Mootummaa Masiihichaa jalaa “bishaan jireenyaa” burquusaa itti fufa. “Bishaan jireenyaa” kun, qophii Yihowaan jireenyaaf godhedha. “Galaana baʼa-biiftuu” kan jedhame Galaana soogiddaa siʼa taʼu, “galaana lixa-biiftuu” kan jedhamemmoo Galaana Mediteraaniyaati. Galaanni lamaanuu namoota argisiisuuf itti hojjetameera. Galaanni soogiddaa namoota awwaala keessa jiran hunda kan argisiisu siʼa taʼu, Galaanni Mediteraaniyaammoo lubbu qabeeyyiidhaan kan guutame waan taʼeef, ‘tuuta sonaan baayʼee’ Armaagedoonirraa oolan argisiisa. (Zakaariyaas 14:8, 9 dubbisi; Mul. 7:9-15) Kanaafuu, gareen lamaanuu abaarsa duʼaa karaa Addaam isaanitti dhuferraa walaba taʼuudhaan bishaan jireenyaa ykn “laga bishaan jireenya namaaf kennu” isa fakkeenyaan ibsamerraa dhuguudhaan dheebuu baʼuusaanii itti fufu.—Mul. 22:1, 2.
18 Yihowaan eegumsa waan nuu godhuuf, badiisa sirna hamaa kanarratti dhufu jalaa oollee, addunyaa haaraa qajeelummaan keessa guutetti ni galla. Saboota hundumaa biratti kan jibbamne taanus, lammii Mootummaa Waaqayyoo warra amanamoo taanee itti fufuuf, akkasumas dachaa Yihowaan eegumsa itti nuu godhu keessa jiraachuuf haa murteessinu.
a Kitaaba Raawwiin Mulʼataa Inni Guddaan Dhihaateera! jedhamu (Amaariffa) fuula 169-170 ilaali.