BOQONNAA 2
Mootummaan Waaqayyoo Samiirratti Dhalate
1, 2. Jijjiiramni guddaan seenaa ilmaan namootaa keessatti raawwatame maalidha? Jijjiiramni kun utuu namoonni hin argin kan raawwatame taʼuunsaa nu ajaaʼibsiisuu kan hin qabne maaliifi?
SEENAA keessatti yeroo jijjiiramni guddaan itti taʼu keessa jiraachuun maal akka fakkaatu yaaddanii beektuu? Namoonni hedduun yeroo akkasii keessa jiraataniiru. Yeroo akkasii keessa jiraattaniittu yoo taʼe, wantoota gurguddaa jijjiiramni kun akka dhufu godhan ija keessaniin argitaniittuu? Tarii arguu dhiisuu dandeessu. Wantoonni mootummoonni kanaan dura turan akka kufan godhaniifi seenaadhaan barreeffamanii jiran, yeroo baayʼee kan raawwataman ija namootaa duratti miti. Kana jechuun, wantoonni seenaa keessatti jijjiirama fidaniifi yeroo tokko tokko mootummoonni akka jijjiiraman godhan kan raawwataman, mana mootummaa, mana maree ykn waajjiroota mootummaa keessatti jechuudha. Taʼus jijjiiramawwan kun jireenya namoota miliyoonaan lakkaaʼamanirratti dhiibbaa guddaa geessisu.
2 Jijjiiramni guddaan hunda caaluufi seenaa ilmaan namootaa keessatti raawwatame maalidha? Jijjiiramni kun jireenya namoota miliyoonaan lakkaaʼamanirratti dhiibbaa geessiseera. Haataʼu malee, jijjiiramni kun utuu namoonni hin argin kan raawwatamedha. Jijjiiramni kun, Mootummaan Waaqayyoo, jechuunis mootummaan Masiihichaa inni bara dheeraa dura abdachiifameefi dhiheenyatti addunyaa kana balleessu samiirratti dhalachuusaa kan argisiisudha. (Daaniʼel 2:34, 35, 44, 45 dubbisi.) Ilmaan namootaa jijjiiramni guddaan kun ennaa raawwatamu waan hin argineef, Yihowaan dhimma kana isaan jalaa dhoksee ture jennee yaaduu qabnaa? Moo sabnisaa amanamoo taʼan dhalachuu Mootummichaa qophaaʼanii akka eeganiif dursee haala mijeesseera? Mee haa ilaallu.
‘Ergamaankoo Karaa Naaf Qopheessa’
3-5. (a) “Ergamaan kakichaa” Miilkiyaas 3:1rratti caqasame eenyudha? (b) “Ergamaan kakichaa” gara mana qulqullummaatti dhufuusaa dura maaltu raawwatama?
3 Yihowaan bara duriitii jalqabee sabasaa, dhalachuu Mootummaa Masiihichaatiif qopheessuuf karoorfatee ture. Fakkeenyaaf, raajiin Miilkiyaas 3:1rra jiru akkas jedha: “Kunoo, ani ergamaa koo isa karaa anaaf qopheessu of dura nan erga; dingatas gooftichi inni isin barbaaddan sun gara mana qulqullummaa isaa in dhufa; kunoo, ergamaan kakichaa inni isin hawwitan sun in dhufa.”
4 Bara keenyatti “gooftichi,” jechuunis Yihowaan namoota oobdii mana qulqullummaa hafuuraa isa lafarraa keessatti isa tajaajilan qoruuf kan dhufe yoomi? Raajichi, Yihowaan ‘ergamaa kakichaa’ wajjin akka dhufu ibsa. Ergamaan kakichaa eenyu? Yesus Kiristos isa Mootii Mootummaa Masiihichaa taʼeen alatti eenyuyyuu taʼuu hin dandaʼu! (Luq. 1:68-73) Mootiin kun Bulchaa haaraa taʼuudhaan waan muudameef, saba Waaqayyoo warra lafarratti argaman ni qora, akkasumas ni qulleessa.—1 Phe. 4:17.
5 “Ergamaan” garabiraan jalqaba Miilkiyaas 3:1rratti caqasame eenyudharee? Ergamaan raajii kanarratti ibsame, Mootiin Mootummaa Masiihichaa argamuusaa dura dhufa. Maarree waggoota kurnan bara 1914 dura turanitti qaamni Mootii Mootummaa Masiihichaatiif ‘karaa qopheesse’ jira turee?
6. “Ergamaan” waaʼeensaa dursee dubbatameefi saba Waaqayyoo wanta isaan eeggatuuf qopheessuuf jalqabarratti dhufe eenyudha?
6 Seenaa dinqisiisaan kitaaba kana keessa jiruufi waaʼee saba Yihowaa yeroo ammaatti argamanii ibsu gaaffiiwwan akkasiitiif deebii nuu kenna. Seenaan kun walakkeessa jaarraa 19ffaa booda tuutni namoota amanamoo muraasa taʼan qabate tokko, Kiristiyaanota fakkeessitoota taʼan hedduu keessaa baʼuudhaan Kiristiyaana dhugaa taʼuusaa akka argisiisu nu hubachiisa. Tuutni kun Barattoota Macaafa Qulqulluu jedhamu turan. Namoonni isaan geggeessan, jechuunis Chaarlis Teez Raasiliifi hiriyoonnisaa saba Waaqayyootiif qajeelfama hafuuraa kennuufi wanta gara fuulduraatti isaan mudatuuf isaan qopheessuudhaan “ergamaa” raajiidhaan dubbatame sana taʼanii tajaajilaniiru. Mee karaawwan “ergamaan” kun kana itti godhe afur haa qorru.
Dhugaadhaan Waaqeffachuu
7, 8. (a) Jaarraa 19ffaa keessa, barumsa amantii sobaa lubbuun hin duutu jedhu saaxiluu kan jalqabe eenyudha? (b) Chaarlis Teez Raasiliifi hiriyoonnisaa barumsawwan kan biraa kamfaa soba taʼuusaanii saaxilaniiru?
7 Barattoonni Macaafa Qulqulluu kun dhugaawwan barumsa buʼuuraa taʼan kadhannaadhaan qoraniiru, irratti walii galaniiru, akkasumas walitti qabuudhaan barreeffamaan kaaʼaniiru. Sabni Kiristiyaanaa jaarraa hedduudhaaf karaa hafuuraa dukkana keessa kan turte taʼuusaarrayyuu, barumsawwanshee hedduun waaqeffannaa sobaarraa kan maddanidha. Isaan keessaa inni guddaan barumsa lubbuun hin duutu jedhudha. Jaarraa 19ffaa keessa garuu, namoonni garaa qulqulluudhaan Macaafa Qulqulluu baratan muraasni barumsa kana gad fageenyaan erga qoranii booda, barumsi kun deggersa Macaafa Qulqulluu akka hin qabne hubatan. Henarii Giruu, Joorji Isteetsaniifi Joorji Istoorzi barumsa soba Seexanaa kana saaxilu ija jabinaan barsiisaniiru, akkasumas barreessaniiru.a Barumsisaanii kunimmoo Chaarlis Teez Raasiliifi hiriyootasaarratti dhiibbaa gaarii geessiseera.
8 Barattoonni Macaafa Qulqulluu muraasni sun, barumsawwan barumsa lubbuun hin duutu jedhuu wajjin walitti dhufeenya qaban kaanis kan nama burjaajessaniifi soba taʼuusaanii hubataniiru. Barumsawwan kana keessaa tokko tokko, namoonni gaariin hundi gara samii dhaqu, akkasumas Waaqayyo lubbuu namoota hamoo ibidda qilillee keessatti barabaraaf guba kan jedhanidha. Raasiliifi hiriyoonnisaa barumsa sobaa kana barreeffamoota, kitaabota, buukleetotaafi tiraaktotarratti maxxansuudhaan, akkasumas gaazexootatti fayyadamanii lallabuudhaan ija jabinaan saaxilaniiru.
9. Zaayansi Waach Taawar barumsi Sillaasee soba taʼuusaa kan saaxile akkamitti?
9 Barattoonni Macaafa Qulqulluu barumsi Sillaasee inni bakki guddaan kennamuufis soba taʼuusaa saaxilaniiru. Bara 1887tti barruun Zaayansi Waach Taawar jedhamu, “Macaafni Qulqulluun eenyummaa Yihowaafi Gooftaa keenya Yesus, akkasumas walitti dhufeenya isaan gidduu jiru sirriitti ibsu” jedhee ture. Barruun kun itti dabaluudhaan, “yaanni sadan Waaqa tokkichaa jedhu, jechuunis yaanni Waaqni sadiis tokkos akka taʼe ibsu balʼinaan fudhatama argachuunsaa” baayʼee kan nama dinqisiisu akka taʼe erga ibsee booda, “Haataʼu malee, barumsi kun waldaan amantii utuu rafaa jirtuu, akkaataa itti diinni fuuncaa dogoggoraatiin ishee hidhe kan argisiisudha” jedheera.
10. Barruun Masaraa Eegumsaa barri 1914 waggaa addaa taʼuusaa kan ibse akkamitti?
10 Akkuma matadureensaa argisiisutti, barruun Zaayansi Waach Taawar eend Heeraaldi oov Kiraayistis Pireezensi jedhamu raajiiwwan argama Kiristos ilaalchisee dubbatamanirratti ibsa balʼaa kenneera. Dibamtoonni amanamoon barruu kana qopheessan, ‘barri torban’ raajii Daaniʼelirratti dubbatame, yeroo raajiin kaayyoo Waaqayyo Mootummaa Masiihichaa ilaalchisee dubbate itti raawwatamuu wajjin walitti dhufeenya akka qabu hubataniiru. Namoonni kun jalqaba bara 1870nii keessa, barri 1914 yeroo barri torban sun itti xumuramu taʼuusaa ibsaa turaniiru. (Dan. 4:25; Luq. 21:24) Obboloonni keenya yeroo sana turan, wanta bara 1914tti raawwatamu guutummaatti hubachuu baatanis, wanta hubatan balʼinaan waan labsaniif nuyis dhugaa kana hubachuu dandeenyeerra.
11, 12. (a) Obboleessi keenya Raasil wanta barsiisaa tureef galateeffatamuu kan qabu eenyu akka taʼe dubbate? (b) Hojiin Raasiliifi hiriyoonnisaa waggoota kurnan bara 1914 dura hojjechaa turan hammam barbaachisaa ture?
11 Raasilis taʼe hiriyoonnisaa amanamoon dhugaawwan hafuuraa ifa gochuufi hubachuusaaniitti galateeffamuu akka qaban itti hin dhagaʼamne. Raasil yeroo baayʼee namoota isa dura waaʼee dhugaa ibsan ni galateeffata ture. Hunda caalaa garuu, Yihowaa isa sabnisaa wanta beekuu qaban yeroo beekuu qabanitti isaan barsiisu galateeffata ture. Yihowaan carraaqqii Raasiliifi hiriyoonnisaa, dhugaa sobarraa adda baasuuf godhan akka isaaniif eebbise beekamaadha. Namoonni kun yeroodhaa gara yerootti, Saba Kiristiyaanaarraa adda taʼuusaanii ifatti argisiisaa dhufaniiru.
12 Hojiin namoonni amanamoon kun waggoota kurnan bara 1914 dura turanitti barumsa dhugaatiif falmuudhaan raawwatan baayʼee kan nama ajaaʼibsiisudha! Barruun Zaayansi Waach Taawar eend Heeraaldi oov Kiraayistis Pireezensi jedhamuufi Sadaasa 1, 1917 qophaaʼe akkas jedheera: “Yeroo harʼaatti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman sodaa barumsa ibidda qililleefi barumsa sobaa kaaniin isaanirratti feʼamerraa walaba taʼaniiru . . . Dhugaan inni waggaa afurtama dura ifa taʼuu jalqabe, yeroo ammaatti dabalaa kan jiru siʼa taʼu gara fuulduraattis hanga lafa kana guututti ifuusaa itti fufa; yaalii mormitoonni dhugaan kun addunyaa maratti akka hin babalʼanneef godhan, dambalii galaanaa humna guddaa qabu harataadhaan deebisuuf yaaluu wajjin wal fakkeessuun ni dandaʼama.”
13, 14. (a) ‘Ergamichi’ Mootii Mootummaa Masiihichaatiif karaa kan qopheesse akkamitti? (b) Obboloota keenya jaarraa tokko dura turanirraa maal baranna?
13 Mee yaadaa! Namoonni garaagarummaa Yesusiifi Abbaasaa Yihowaa gidduu jiru utuu hin hubatin, yeroo Kiristos jalqaba itti argamuuf qophaaʼuu dandaʼu turanii? Matumaa! Akkuma duuka buutota Kiristos muraasa kaanii, akkuma duʼaniin jireenya hin badne kan argatan, namoota hunda akka taʼan godhanii utuu yaadaniiru taʼee, argama Kiristosiif qophaaʼuu hin dandaʼan turan. Akkasumas, Waaqayyo barabaraaf namoota ibiddaan akka gubu godhanii utuu yaadaniiru taʼee, yeroo Kiristos jalqaba itti argamuuf qophaaʼuu hin dandaʼan turan. Kanaaf, “ergamichi” Mootii Mootummaa Masiihichaatiif karaa akka qopheesse hin shakkisiisu.
14 Nutoo obboloota keenya warra jaarraa tokko dura turanirraa maal baranna? Nutis akkumasaanii hawwii guddaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuufi qayyabachuu qabna. (Yoh. 17:3) Addunyaa qabeenyaaf bakka guddaa kennuufi karaa hafuuraa badaa deemu kana keessatti, fedhiin nyaata hafuuraatiif qabnu yeroo kamiyyuu caalaa guddachuu qaba.—1 Ximotewos 4:15 dubbisi.
“Yaa Saba Ko! . . . Ishee Keessaa Baʼaa!”
15. Barattoonni Macaafa Qulqulluu yeroo booda maal hubataniiru? (Miiljalees ilaali.)
15 Barattoonni Macaafa Qulqulluu, waldaa amantii sobaa keessaa baʼuun barbaachisaa taʼuusaa barsiisaniiru. Bara 1879tti, Barruun Masaraa Eegumsaa eenyummaa “waldaa Baabilon” caqasee ture. Phaaphaasota akka taʼan ibsee? Moo Waldaa Kaatolikii Roomaati jedhe? Waldaan amantii Pirootestaantii jaarraa hedduudhaaf Baabilon isheen Macaafa Qulqulluu keessatti raajiidhaan ibsamte wantoota armaan olitti caqasaman akka argisiistu barsiisaa turaniiru. Haataʼu malee, Barattoonni Macaafa Qulqulluu waldaan Saba Kiristiyaanaa hundi kutaa “Baabilon” ishee amma jirtuu akka taʼan yeroo booda hubataniiru. Akkas kan jedhan maaliifi? Hundisaanii barumsa amantii sobaa olitti ibsaman waan barsiisaniifidha.b Yeroo booda, barreeffamoonni keenya namoonni garaa qajeelaa qabaniifi miseensota waldaa Baabilon taʼan maal gochuu akka qaban addeessuu jalqabanii turan.
16, 17. (a) Kitaabni Miileeniiyaal Daawun jedhamu Jildii 3ffaaniifi barruun Masaraa Eegumsaa, namoonni amantii sobaarraa akka fagaatan kan akeekkachiisan akkamitti? (b) Barattoonni Macaafa Qulqulluu akeekkachiisa kennamaa ture guutummaatti hojiirra akka hin oolchine kan isaan godhe maalidha? (Miiljalee ilaali.)
16 Fakkeenyaaf, bara 1891tti, kitaabni Miileeniiyaal Daawun Jildii 3ffaan Baabilon ishee yeroo harʼaatti argamtu Waaqayyo biratti fudhatama akka hin qabne erga ibsee booda, ‘waldaan Saba Kiristiyaanaa hundi fudhatama akka hin qabne’ caqaseera. Itti dabaluudhaanis, ‘Namoonni barumsawwaniifi gochawwan sobaa isheen babalʼistu jibban hundi, ishee keessaa akka baʼan waamichi isaaniif dhihaateera’ jedheera.
17 Amajjii 1900ttimmoo, barruun Masaraa Eegumsaa namoota maqaansaanii galmee waldaa Saba Kiristiyaanaa keessa akka jiraatu heyyamaniifi gochisaanii kun sirrii taʼuusaa argisiisuuf, “Ani guutummaatti dhugaa nan jaalladha, walgaʼii saba Kiristiyaanaarratti kanan argamus darbee darbee qofadha” jedhaniif gorsa kennee ture. Matadureen kun akkas jechuudhaan gaafateera: “Garuu namni tokko walakkaansaa mana dhugaa keessa walakkaansaammoo Baabilon keessa taʼuunsaa sirriidhaa? Akkas gochuun . . . Waaqayyoon ni gammachiisaa? Isa durattoo fudhatama qabaa? Matumaa! Namni [miseensa waldaa tokkoo taʼe] kun yommuu miseensa waldichaa taʼu waldaa kanaa wajjin ifatti kakuu kan gale siʼa taʼu, miseensasaanii akka hin taane hamma . . . ifatti beeksisutti kakuu gale sana hundaa wajjin haala walsimuun amanamaa taʼee jiraachuu qaba.” Sana booda yaada kanaaf xiyyeeffannaa guddaan kennamaa dhufeera.c Tajaajiltoonni Yihowaa hariiroo amantii sobaa wajjin qaban kamiyyuu dhaabuu qabu.
18. Namoonni Baabilon Guddittii keessaa baʼuunsaanii barbaachisaa kan ture maaliifi?
18 Baabilon Guddittii keessaa akka baʼan yeroo yeroodhaan akeekkachiisni akkasii utuu hin kennamu taʼee, Kiristos yommuu Mootii taʼee muudamu dibamtoota lafarratti isa tajaajilaniifi yeroo argamuunsaa itti jalqabuuf qophaaʼan qabaachuu dandaʼa turee? Hin dandaʼu. Akkas kan jennu maaliifi? “Hafuuraa fi dhugaadhaan” Yihowaa waaqeffachuu kan dandaʼan Kiristiyaanota hidhaa Baabilonirraa walaba taʼan qofa waan taʼaniifidha. (Yoh. 4:24) Nutoo yeroo harʼaatti amantii sobaarraa fagaannee jiraachuuf murteessineerraa? Hundi keenya abboommii, “Yaa saba ko! . . . ishee keessaa baʼaa!” jedhuuf ajajamuu keenya itti haa fufnu!—Mulʼata 18:4 dubbisi.
Waaqeffannaadhaaf Walitti Qabamuu
19, 20. Masaraan Eegumsaa sabni Waaqayyoo waaqeffannaadhaaf akka walitti qabaman kan jajjabeesse akkamitti?
19 Barattoonni Macaafa Qulqulluu namoonni hidhata amantiisaanii taʼan hamma dandaʼametti waaqeffannaadhaaf akka walitti qabaman barsiisaniiru. Kiristiyaanonni dhugaan amantii sobaa keessaa baʼuunsaanii qofti gaʼaa miti. Kanaa mannaa, waaqeffannaa dhugaa keessatti hirmaachuunsaanii barbaachisaadha. Barruun Masaraa Eegumsaa jalqabumaa kaasee, namoonni barruu kana dubbisan waaqeffannaadhaaf akka walitti qabaman jajjabeessaa tureera. Fakkeenyaaf, Adoolessa 1880tti, obboleessi keenya Raasil iddoowwan haasaa kennuuf itti dhaqe ilaalchisee gabaasa dhiheesserratti walgaʼiiwwan hedduun hammam akka nama jajjabeessan ibseera. Achiis namoonni barruu kana dubbisan guddina godhan ilaalchisee yaada qaban barreessanii akka ergan kan gaafate siʼa taʼu, yaanni isaan barreessan tokko tokkos barruu Masaraa Eegumsaarratti baʼeera. Kaayyoonsaa maal ture? Akkas jedheera: “Namoota amantii cimaa qabanii wajjin walitti qabamuu keessaniin Gooftaan hammam akka isin eebbisaa jiru . . . hundi keenya haa beeknu.”
20 Bara 1882tti Masaraa Eegumsaarratti matadureen, “Walitti Qabamuu” jedhu baʼee ture. Matadureen kun Kiristiyaanonni “wal barsiisuuf, wal jajjabeessuufi wal cimsuuf” walgaʼii gochuusaanii akka itti fufan jajjabeesseera. Itti dabaluudhaanis akkas jedheera: ‘Isin keessa namni barates taʼe namni dandeettii addaa qabu jiraachuunsaa jijjiirama hin fidu. Namni hundi Macaafa Qulqulluusaa, waraqaafi irsaasii, akkasumas baafata caqasa Macaafa Qulqulluu (Konkordaansii) yoo qabaate qabatee dhufuu dandaʼa. Mataduree tokko filadhaa, qajeelfama Hafuura Qulqulluu yaada sana hubachuuf isin gargaaru argachuuf kadhadhaa, dubbisaa, irratti yaadaa, caqasa tokko isa kaanii wajjin walbira qabaa ilaalaa, yoo akkas gootan dhugaa argachuu ni dandeessu.’
21. Walgaʼiifi hojii tikaa ilaalchisee gumiin Alageenii, Pensilvaaniyaatti argamu fakkeenya kan taʼe akkamitti?
21 Waajjirri muummee Barattoota Macaafa Qulqulluu Alageenii, Pensilvaaniyaa, Yunaayitid Isteetisitti argama ture. Gorsa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffameefi Ibroota 10:24, 25rra jiruu wajjin haala walsimuun, obboloonni keenya iddoo kanatti walitti qabamuudhaan fakkeenya gaarii taʼaniiru. (Dubbisi.) Obboleessi maanguddoo taʼaniifi Chaarlis Kaappen jedhaman ijoollummaasaaniitti walgaʼii akkasiirratti argamaa akka turan ni yaadatu. Akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Caqasa keenyan galma walgaʼii guddaa Jaarmiyaa kanaa tokkorratti barreeffamee ture ammayyuu nan yaadadha. Caqasichi, ‘Barsiisaan keessan inni guddaan Kiristos qofadha, isin hundi keessanimmoo obboloota’ jedha. Caqasni sun hamma yoonaatti sammuukoo keessaa hin badne; saba Yihowaa gidduutti lubootaafi amantoota jedhanii wal qoqqooduun hin jiru.” (Mat. 23:8) Kana malees, obboleessi keenya Kaappen walgaʼiiwwan nama gammachiisan sana, jajjabina guddaa achirratti argataniifi carraaqqii cimaa obboleessi keenya Raasil dhuunfaatti obboloota gaafachuuf gochaa ture yaadachuudhaan dubbataniiru.
22. Namoonni amanamoon jajjabina walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti akka argaman isaaniif kennameef deebii kan kennan akkamitti? Nutoo isaanirraa maal baranna?
22 Namoonni amanamoon fakkeenya obboloota kanaafi qajeelfama isaaniif kenname hordofaniiru. Achiis magaalota Ohaayoofi Michigaan keessatti, boodas guutummaa Kaaba Ameerikaafi biyyoota kaan keessatti gumiiwwan hundeeffamaniiru. Mee yaadaa! Namoonni amanamoo taʼan gorsa waaqeffannaadhaaf akka walitti qabaman isaaniif kennameef akka ajajaman utuu hin leenjifamne taʼee, argama Kiristosiif qophaaʼuu dandaʼu turanii? Akka hin dandeenye beekamaadha! Nutoo maal gochuu qabna? Carraa arganne hundatti fayyadamnee waliin waaqeffachuufi karaa hafuuraa wal jajjabeessuuf, amanamummaadhaan walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti argamuuf murteessuu qabna.
Hinaaffaadhaan Lallabuu
23. Masaraan Eegumsaa, dibamtoonni hundi dhugaa lallabuu akka qaban kan ibse akkamitti?
23 Barattoonni Macaafa Qulqulluu, dibamtoonni hundi dhugaa lallabuu akka qaban barsiisaniiru. Masaraan Eegumsaa bara 1885tti maxxanfame, “Miseensa qaama dibamtootaa kan taʼan hundi akka lallabaniif (Isa. 61:1), jechuunis akka tajaajilaniif kan dibaman taʼuusaanii dagachuu hin qabnu” jedhee ture. Maxxansi bara 1888tti qophaaʼemmoo gorsa akkas jedhu kennee ture: “Hojiin keenya beekamaadha . . . Haataʼu malee, hojii keenya yoo daganneefi sababii hin taane yoo dhiheessine, hojjetaa dhibaaʼaa taʼuudhaan sadarkaa olaanaa dibamtoota taʼuudhaan qabnuuf gaʼumsa akka hin qabne argisiisna.”
24, 25. (a) Raasiliifi hiriyoonnisaa, namoonni akka lallaban jajjabeessuu caalaa maal godhaniiru? (b) Kolportariin tokko hojii bara konkolaataan hin jirretti hojjechaa ture ilaalchisee maal jedheera?
24 Obboleessi keenya Raasiliifi hiriyoonnisaa, namoonni akka lallaban jajjabeessuu caalaa wanta godhan qabu. Tiraaktii, Baayibil Istuudantis Tiraaktis jedhamuufi yeroo booda, Oold Tiʼooloojii Kuwaartarlii jedhame qopheessuus jalqabanii turan. Namoonni barruu Masaraa Eegumsaa dubbisan, tiraaktota kana fudhachuudhaan kaffaltii malee warra kaaniif raabsu turan.
‘Jireenyakoo keessatti hojii lallabaatiif iddoo guddaa nan kennaa?’ jennee of gaafachuu qabna
25 Namoonni yeroo sana tajaajila yeroo guutuurratti hirmaatan kolportaroota jedhamu turan. Obboleessi keenya Chaarlis Kaappen olitti caqasaman isaan keessaa tokko turan. Obboleessi kun yeroo booda akkas jedhaniiru: “Naannoo tajaajilaakoo isa Pensilvaaniyaatti argamu waliin gaʼuuf, kaartaa Dhaabbanni Qorannaa Jiʼooloojii Mootummaa Yuunaayitid Isteetis qopheessettan fayyadama ture. Kaartaan kun daandiiwwan hunda kan argisiisu waan taʼeef, guutummaa magaalichaa keessa miillaan deemuuf na gargaareera. Yeroo tokko tokko namoota kitaaba Istadiis iin za Iskiriipcharsi jedhamuufi walitti aansuudhaan qophaaʼu ajajatan guyyaa sadiif biyyicha keessa naannaʼee ergan galmeessee booda, fardaafi gaarii kireeffadheen deebiʼee isaaniif geessa ture. Yeroo baayʼee qonnaan bultoota biran bulan ture. Bara sanatti konkolaataan hin jiru ture.”
26. Sabni Waaqayyoo bulchiinsa Kiristosiif qophaaʼuuf, hojii lallabaarratti hirmaachuunsaanii barbaachisaa kan ture maaliifi? (b) Gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna?
26 Carraaqqiin bara sanatti hojii lallabaatiif godhamaa ture kun ija jabinaafi hinaaffaa akka gaafatu beekamaadha. Kiristiyaanonni dhugaan hojiin lallabaa kun barbaachisaa taʼuusaa utuu hin hubanne taʼee, bulchiinsa Kiristosiif qophaaʼuu dandaʼu turanii? Matumaa! Hunda caalaammoo, hojiin kun mallattoo guddaa argamni Kiristos ittiin beekamu ture. (Mat. 24:14) Sabni Waaqayyoo jireenyasaanii keessatti hojii lubbu baraarsaa taʼe kanaaf iddoo guddaa kennuuf qophaaʼuu qabu turan. Nutis, ‘Jireenyakoo keessatti hojii lallabaatiif iddoo guddaa nan kennaa? Hojii kanarratti guutummaatti hirmaachuufoo aarsaa nan kaffalaa?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha.
Mootummaan Waaqayyoo Ni Dhalate!
27, 28. Yohannis ergamaan mulʼataan maal arge? Seexanniifi hafuuronni hamoon Mootummichi yommuu dhalate maal godhan?
27 Dhumarratti barri 1914 inni bakki guddaan kennamuuf ni gaʼe. Akkuma jalqaba boqonnaa kanaarratti ilaalle, wantoota dinqisiisoo samiirratti raawwataman kana namni arge hin turre. Haataʼu malee, Yohannis ergamaan mulʼata wantoota kana fakkeenyaan ibsan argeera. Yohannis samiirratti ‘wanta guddaa dinqisiisaa taʼe’ tokko argeera. “Dubartiin” Waaqayyoo, jechuunis jaarmiyaansaa isheen uumamawwan hafuuraa samiirratti argaman qabatte ulfooftee ilma deesse. Ilmi fakkeenyaan ibsame kun, dhiheenyatti ‘saba hundumaa siiqqee sibiilaatiin akka tiksu’ nutti himameera. Haataʼu malee, ilmi kun yeroo dhalatu, ‘gara Waaqayyoofi gara teessoosaatti ol butame.’ Achiis sagalee guddaan tokko samiirraa, “Amma fayyinni, aangoon, mootummaan kan Waaqayyo keenyaa, aboonis kan Masiihii isaatii taʼeera” jedhe.—Mul. 12:1, 5, 10.
28 Yohannis mulʼata kana keessatti Mootummaan Masiihichaa dhalachuusaa akka arge beekamaadha. Mulʼanni kun baayʼee kan nama ajaaʼibsiisu taʼus, nama hunda hin gammachiisne. Seexanniifi ergamoonnisaa, ergamoota amanamoo Mikaaʼel ykn Kiristosiin geggeeffamanirratti lola bananiiru. Kunoo maal geessise? Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Bineensi guddichi akka jawwee sun, bofni bara durii, inni Diiyaabilos, Seexanas jedhame, inni guutummaa biyya lafaa wallaalchisu gara biyya lafaatti gad in darbatame; ergamoonni isaas isaa wajjin gad in darbataman.”—Mul. 12:7, 9.
29, 30. Mootummaan Masiihichaa erga dhalatee booda haalawwan (a) lafarra jiran (b) samiirra jiran kan jijjiiraman akkamitti?
29 Barri 1914 gaʼuusaa waggaa baayʼee dura, Barattoonni Macaafa Qulqulluu barri kun yeroo jeequmsi guddaan itti jalqabu taʼuusaa dubbatanii turan. Haataʼu malee, raajiin kun akkamitti raawwiisaa akka argatu sirriitti hin beekan turan. Akkuma mulʼata Yohannisirratti ibsame, Seexanni yeroo sana ilmaan namootaarratti dhiibbaa guddaa geessisuu jalqabe. Kana ilaalchisee Macaafni Qulqulluun, “Yaa lafaa, yaa galaanaa, Seexanni gara keessanitti waan gad buʼeef isiniif garuu wayyoo! Inni yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf, guddaa aareera!” jechuudhaan dubbata. (Mul. 12:12) Waraanni addunyaa tokkoffaan bara 1914tti kan jalqabe siʼa taʼu, yeroo sanaa kaasee mallattoon Yesus aangoo mootummaasaatiin argamuusaa ibsu addunyaa maratti raawwatamuu jalqabe. Yeroo kanatti ‘guyyoonni gara dhumaa’ sirna kanaa jalqabee ture.—2 Xim. 3:1.
30 Samiirra garuu gammachuutu ture. Seexanniifi ergamoonnisaa barabaraaf samiirraa ariʼamaniiru. Mulʼanni Yohannis, “Egaa yaa bantiiwwan waaqaa, warri isaan keessa jiraattanis gammadaa!” jedha. (Mul. 12:12) Samiin erga qulqulleeffameefi Yesus Mootii taʼee erga muudamee booda, Mootummaan Masiihichaa saba Waaqayyoo warra lafarratti argamaniif jecha tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼee ture. Maarree tarkaanfii akkamii fudhate? Akkuma jalqaba boqonnaa kanaarratti ilaalle, Kiristos inni ‘ergamaa kakichaa’ taʼe, jalqabarratti tajaajiltoota Waaqayyoo lafarratti argaman qulleessa. Kana jechuun maal jechuudha?
Yeroo Qorumsaa
31. Miilkiyaas qulleeffamuu ilaalchisee raajii akkamii dubbate? Raajiin kun raawwiisaa argachuu kan jalqabe akkamitti? (Miiljalees ilaali.)
31 Miilkiyaas hojiin qulleessuu kun salphaa akka hin taane dursee dubbateera. “Guyyaa dhufa isaatti eenyutu obsuu dandaʼa ree? Yeroo inni mulʼatus eenyutu dhaabachuu dandaʼa ree? Inni akka ibidda isa sibiila qulleessuu ti, akka saamunaa isa ittiin uffata miicanii tis” jechuudhaan barreesseera. (Mil. 3:2) Wanti inni dubbate kun sirriidhumatti raawwiisaa argateera! Sabni Waaqayyoo bara 1914 jalqabee, qorumsiifi rakkinni gurguddaan isaanirra gaʼeera. Yeroo Waraanni Addunyaa Tokkoffaan jalqabetti, Barattoonni Macaafa Qulqulluu hedduun ariʼatamniifi hidhaa cimaan isaanirra gaʼee ture.d
32. Bara 1916 booda saba Waaqayyoo gidduutti jeequmsa akkamiitu uumame?
32 Jaarmiyaa kana keessattis jeequmsi hedduun uumamee ture. Bara 1916tti obboleessi keenya Raasil umrii waggaa 64tti kan duʼe siʼa taʼu, duutisaa saba Waaqayyoo hedduu garmalee gaddisiisee ture. Duutisaa kun obboloonni tokko tokko nama fakkeenya taʼu tokkorratti garmalee xiyyeeffatanii akka turan ifa godheera. Obboleessi keenya Raasil ulfinni akkasii akka isaaf kennamu kan hin barbaanne taʼus, namoonni hedduun isaaf ulfina waaqeffannaa wajjin wal gitu kennaa turan. Raasil erga duʼee booda obboloonni hedduun dhugaan yeroodhaa gara yerootti ifaa adeemu, isumaa wajjin akka duʼe kan itti dhagaʼame siʼa taʼu, muraasnisaaniimmoo carraaqqii gara fuulduraatti itti fufuuf godhamaa ture garmalee mormaniiru. Ilaalchi akkasiimmoo gantummaan jaarmiyaa kana qoqqoodu akka uumamu godheera.
33. Sabni Waaqayyoo wanti isaan eegan inni kam utuu hin raawwatamin hafuunsaa qorumsa itti taʼee ture?
33 Wanti isaan eegaa turan utuu hin raawwatamin hafuunsaas qorumsa garabiraa ture. Barruun Masaraa Eegumsaa, barri 1914 yeroo Barri Warra Saba Waaqayyoo Hin Taʼin itti raawwatamu taʼuusaa kan ibse taʼus, obboloonni garuu waggaa sanatti maaltu akka raawwatamu hin hubanne turan. (Luq. 21:24) Obboloonni kun, bara 1914tti Kiristos misirroosaa wajjin samiirratti bulchuuf dhufee akka isaan fudhatu yaadu turan. Taʼus, wanti isaan eegaa turan kun hin raawwatamne. Gara dhuma bara 1917tti, barruun Masaraa Eegumsaa yeroon midhaan sassaabuu waggaa 40f ture, bara 1918 waqtii birraatti akka xumuramu beeksisee ture. Haataʼu malee hojiin lallabaa yeroo kanatti hin xumuramne. Kanaa mannaa sana booda balʼinaan hojjetamuu jalqabeera. Barruun kun hojiin midhaan sassaabuu kan xumurame taʼus, hojiin qarmii funaanuu akka itti fufu ibsee ture. Obboloonni hedduun garuu abdii waan kutataniif Yihowaa tajaajiluusaanii dhiisanii turan.
34. Bara 1918tti qorumsa guddaa akkamiitu uumame? Sabni Kiristiyaanaa sabni Waaqayyoo akka ‘duʼan’ gootee kan yaadde maaliifi?
34 Qorumsi abdii nama kutachiisu garabiraanimmoo bara 1918tti uumame. Raazarfordi inni Chaarlis Teez Raasiliin bakka buʼee saba Waaqayyoo adda durummaadhaan geggeessaa ture, obboloota itti gaafatamummaa qaban torbaa wajjin hidhame. Mootummaan fedaraalaa Yunaayitid Isteetis seeraan ala hidhaa waggaa dheeraa itti murteessuudhaan mana hidhaa Atlaantaa, Joorjiyaa akka galan godhe. Hojiin sabni Waaqayyoo hojjetan yeroo muraasaaf kan dhaabate fakkaatee ture. Yeroo kanatti geggeessitoonni Saba Kiristiyaanaa hedduun gammadanii turan. “Geggeessitoonni” Barattoota Macaafa Qulqulluu waan hidhamaniif, waajjirri muummee Biruukiliiniitti argamu waan cufamu, hojiin lallabaa Ameerikaafi Awurooppaatti godhamu waan dhaabatu, Barattoonni Macaafa Qulqulluu warri gufuu isaanitti taʼanis waan ‘duʼan’ isaanitti fakkaatee ture. (Mul. 11:3, 7-10) Haataʼu malee baayʼee dogoggoraniiru!
Yeroo Bayyanachuu!
35. Yesus, rakkinni sabasaarra akka gaʼu kan heyyame maaliifi? Isaan gargaaruufoo tarkaanfii akkamii fudhateera?
35 Diinonni waaqeffannaa dhugaa, Yesus sabasaarra rakkinni kun akka gaʼu kan heyyame maaliif akka taʼe hin beekan. Yihowaan yeroo sana ‘akka nama sibiila baqsuufi akka nama meetii qulleessuutti’ tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼee ture. (Mil. 3:3) Yihowaafi Ilmisaa namoonni amanamoo taʼan kun ibidda sana keessaa qullaaʼanii baʼuudhaan yeroo kamiyyuu caalaa Mooticha tajaajiluuf gaʼeessota akka taʼan mirkanaaʼoo turan. Jalqaba bara 1919 kaasee, hafuurri qulqulluun wanta diinonni saba Waaqayyoo akka hin dandaʼamnetti yaadan raawwachuunsaa ifa taʼeera. Namoonni amanamoon kun bayyanataniiru. (Mul. 11:11) Yeroo sanatti Kiristos mallattoo guyyoota gara dhumaa beeksisu keessaa isa guddaa raawwachaa akka ture haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. ‘Hojjetaa amanamaafi ogeessa,’ jechuunis dhiirota dibamoo muraasa yeroodhaan nyaata hafuuraa dhiheessuudhaan saba Yihowaa geggeessan muudeera.—Mat. 24:45-47.
36. Sabni Waaqayyoo karaa hafuuraa bayyanachaa akka turan kan argisiisu maalidha?
36 Obboleessi keenya Raazarfordiifi hiriyoonnisaa Bitootessa 26, 1919tti mana hidhaatii hiikaman. Waggaa sana jiʼa Fulbaanaatti walgaʼii koonyaa gochuuf karoorri ni baʼe. Barruu garabiraa Za Gooldan Eej jedhamu qopheessuu jalqabuufis karoorri ni qabame. Barruun kun barruu Masaraa Eegumsaa wajjin kan baʼu siʼa taʼu, tajaajila dirreerratti akka itti fayyadamaniif yaadamee kan qophaaʼe ture.e Barreeffamni Buleetiin, yeroo ammaatti barreeffama qoʼannaa walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa jedhamus baruma sanatti maxxanfamuu jalqabe. Barreeffamni kun jalqabumaa kaasee tajaajilaaf obboloota kakaasaa tureera. Bara 1919 eegalee dhuunfaadhaan manaa gara manaatti deemanii tajaajiluudhaaf xiyyeeffannaan kennamuu jalqabe.
37. Bara 1919 booda namoonni tokko tokko amanamoo akka hin taane kan argisiisan akkamitti?
37 Namoonni isaan gidduutti argamaniifi of tuuloo taʼan hojii gad of deebisuu gaafatu kana hojjechuuf fedhii waan hin qabneef, hojiin lallabaa tajaajiltoonni Kiristos akka qullaaʼan gochuusaa itti fufee ture. Namoonni warra amanamoo taʼanii wajjin hojjechuuf fedhii hin qabne isaanirraa fottoqaniiru. Bara 1919 booda, namoonni amanamoo hin taane tokko tokko hamminaan kakaʼanii namoota tajaajiltoota Yihowaa taʼanirratti ariʼatama geessisan cina goruudhaan maqaasaanii balleessaniiru.
38. Duuka buutonni Kiristos milkaaʼinaafi injifannoo argachuunsaanii maal nu hubachiisa?
38 Ariʼatamni akkasii isaanirra gaʼus, duuka buutonni Kiristos karaa hafuuraa lalisaniiru; akkasumas badhaadhota taʼaniiru. Yeroo sanaa jalqabee milkaaʼinniifi injifannoon isaan argatan Mootummaan Waaqayyoo bulchaa akka jiru ragaa amansiisaa nuu taʼa. Namoonni mudaa qabaniifi wayittuu hin lakkaaʼamne sun Seexanaafi sirna hamaa kanarratti injifannoo argachuu kan dandaʼan, Waaqayyo karaa Ilmasaafi karaa Mootummaa Masiihichaa waan isaan gargaareefi waan isaan eebbiseef ture.—Isaayaas 54:17 dubbisi.
39, 40. (a) Qabiyyeen kitaaba kanaa tokko tokko maalfaʼi? (b) Kitaaba kana qayyabachuun keessan faayidaa akkamii isiniif argamsiisuu dandaʼa?
39 Boqonnaawwan ittaananirratti, Mootummaan Waaqayyoo samiirratti erga dhalatee jalqabee lafarratti maalfaa akka raawwate ilaalla. Kutaawwan kitaaba kanaa hundi, hojii Mootummichi lafa kanarratti raawwatu tokko balʼinaan ibsu. Saanduqni irra deebii boqonnaa hunda keessatti argamu, Mootummichi dhuunfaatti hammam akka nuuf dhugoome hubachuuf nu gargaara. Boqonnaawwan xumuraarratti, Mootummichi dhiheenyatti hamoota balleessuufi lafa kana jannata gochuuf yommuu dhufu, wantoonni akkamii akka raawwataman ilaalla. Kitaaba kana qayyabachuun keessan faayidaa akkamii isiniif argamsiisa?
40 Seexanni amantii Mootummaa Waaqayyoorratti qabdan balleessuu barbaada. Yihowaan garuu eegumsaafi jabina argachuu akka dandeessaniif amantii keessan isinii cimsuu barbaada. (Efe. 6:16) Kanaaf, kitaaba kana kadhannaadhaan akka qayyabattan isin jajjabeessina. Yeroo hunda, ‘Mootummaan Waaqayyoo anaaf dhugoomeeraa?’ jedhaa of gaafadhaa. Mootummaan kun caalaatti yoo isiniif dhugoome, amanamummaafi hinaaffaadhaan Mootummicha deggeruudhaan, guyyaa namoonni hundi Mootummaan Waaqayyoo dhugaa taʼuusaafi bulchaa akka jiru hubatanitti isinis ijaan arguuf carraa guddaa argattu.
a Waaʼee Henarii Giruu, Joorji Isteetsaniifi Joorji Istoorzi caalaatti beekuuf, kitaaba Jehoovaas Wiitinasis—Prokileemarsi oov Goodsi Kiingidam jedhamu fuula 45fi 46 ilaali.
b Barattoonni Macaafa Qulqulluu dhaabbilee amantii sobaa michuu biyya lafaa taʼan keessaa baʼuun barbaachisaa taʼuusaa hubatanii turan. Taʼus, waggoota hedduudhaaf namoonni Barattoota Macaafa Qulqulluu hin taane, furii Yesusitti ni amanna jedhaniifi Waaqayyoof akka of murteessan dubbatan, Kiristiyaanota akka taʼaniifi obbolootasaanii akka taʼanitti ilaalaa turan.
c Barattoonni Macaafa Qulqulluu akeekkachiisa yeroo sanatti kenname kana guutummaatti hojiirra akka hin oolchine kan isaan godhe sababiin inni tokko, caqasichi adda durummaadhaan karra xinnayyoo Kiristos 144,000 taʼaniif qofa hojjeta jedhanii waan amananiif ture. Akkuma Boqonnaa 5ffaarratti ilaallu, Macaafni Qulqulluun Kiingi Jamsi Varshin bara 1935 dura ture, ‘tuutni sonaan baayʼeen’ Mulʼata 7:9, 10rratti ibsaman miseensota waldaalee Saba Kiristiyaanaa hedduu akka dabalatu godhee ibsa; namoonni kun Kiristos cina waan goraniif namoota kutaa lammaffaa gara samii dhaqanidha jedhamanii yaadamu turan.
d Fulbaana 1920tti maxxansi addaa barruu Za Gooldan Eej (yeroo ammaatti Dammaqaa! jedhama) yeroo waraana addunyaa tokkoffaatti ariʼatama gara jabinaan obboloota keenya biyyoota Kaanaadaa, Ingilaandi, Jarmaniifi Yunaayitid Isteetisitti argamanirra gaʼe hedduu qabatee baʼeera. Kanarraa haala faallaa taʼeen, waggoota kurnan waraana addunyaa tokkoffaa dura turanitti ariʼatamni akkasii hin jiru ture.
e Barruun Masaraa Eegumsaa waggoota hedduudhaaf adda durummaadhaan dhuunfaatti miseensota karra xinnayyoo barsiisuuf yaadamee qophaaʼa ture.