“Furamuun Keessan Dhiʼaateera”!
“Mataa keessan ol qabadhaa, ol ilaalaas, furamuun keessan dhiʼaateera.”—LUQ. 21:28.
1. Dhaloota Kiristoos booda bara 66tti maaltu raawwatame? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
KIRISTIYAANA Dh.K.B. bara 66tti Yerusaalem keessa jiraachaa ture akka taatetti of ilaali. Naannoo keetti wantoota hedduutu raawwatama jira. Jalqaba, bulchaa Roomaa kan taʼe Filooras mana kuusaa mana qulqullummaa keessaa taalaantii 17 boojiʼe. Yeruma sana, Yihudoonni humnoota Roomaa Yerusaalem keessatti argaman ajjeesanii mirga ofiin of bulchuu kabachiifachuuf jeequmsa kaasan. Haa taʼu malee, Roomaan hatattamaan tarkaanfii fudhatte. Jiʼa sadii gidduutti, loltoonni Roomaa 30,000 taʼanii fi Seestiyas Gaalas isa bulchaa Sooriyaa taʼee fi lammii Roomaa taʼeen geggeeffaman isaanitti duulan. Loltoonni kun naannoo Yerusaalemitti kan marsan siʼa taʼu, Yihudoonni warri jeequmsa kaasan mana qulqullummaatti baqatan. Achii, loltoonni Roomaa dallaa mana qulqullummaa isa alaa diiguu jalqaban! Magaalattiin sodaadhaan guutamte. Wantoonni kun hundi raawwatamuu isaanii yeroo argitu maaltu sitti dhagaʼama?
2. Dh.K.B. bara 66tti Kiristiyaanonni tarkaanfii akkamii fudhachuu qabu turan? Kun kan dandaʼamu hoo akkamitti ture?
2 Wanta Yesus, “Yerusaalem loltuudhaan marfamuu ishee yommuu argitan garuu, diigamuun ishee akka dhiʼaate beekaa” jechuudhaan dubbate akka yaadattu hin shakkisiisu. (Luq. 21:20) Haa taʼu malee, ‘Qajeelfama akeekkachiisa kanaa wajjin wal qabatee kennameef ajajamuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jettee gaafatta taʼa. Yesus itti fufuudhaan akkana jedheera: “Yommus Yihudaa kan jiran gara gaarotaatti haa baqatan, mandarattii keessa kan jiranis baʼanii haa adeeman, biyya keessa kan jiranis mandarattiitti ol hin galin.” (Luq. 21:21) Loltoonni hedduun utuu ishee marsanii jiranii Yerusaalem keessaa baʼuu kan dandeessu akkamitti? Wanta nama dinqisiisu tokkotu raawwatame. Loltoonni Roomaa utuma ati ilaaltuu duubatti deebiʼuu jalqaban! Akkuma dursee dubbatame, yeroon isaan miidhaa itti geessisan ni ‘gabaabbate.’ (Mat. 24:22) Yeroo kanatti qajeelfama Yesus kenneef ajajamuuf carraa argatteetta. Kiristiyaanota amanamoo magaalattii keessaa fi naannoo ishee jiran kaanii wajjin, gara gaarota Laga Yordaanos gamatti argamaniitti hatattamaan baqatta.a Achii, Dh.K.B. bara 70tti humni waraanaa Roomaa kan biraan Yerusaalemitti duuluudhaan ishee balleesse. Ati garuu qajeelfama Yesus waan hojii irra oolchiteef lubbuudhaan oolteetta.
3. Yeroo dhihootti Kiristiyaanota maaltu mudata? Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?
3 Yeroo dhihootti hunda keenya iyyuu haala kanaa wajjin wal fakkaatutu nu mudata. Yesus, waaʼee badiisa Yerusaalem Kiristiyaanota akeekkachiisuu malees, wantoota yeroo “rakkinni guddaan” akka tasaa taʼutti raawwataman argisiisuuf wantoota jaarraa jalqabaatti raawwataman kanatti fayyadameera. (Mat. 24:3, 21, 29) Wanti nama gammachiisu garuu, ‘tuutni sonaan baayʼeen’ rakkina addunyaa maratti dhufu kana irraa oolan jiraachuu isaanii ti. (Mulʼata 7:9, 13, 14 dubbisi.) Macaafni Qulqulluun wantoota gara fuulduraatti raawwataman kana ilaalchisee maal jedha? Wantoonni kun fayyina keenyaa wajjin kan wal qabatan waan taʼaniif gaaffii kanaaf deebii argachuu ni barbaanna. Wantoonni gara fuulduraatti raawwataman kun dhuunfaatti kan nu tuqan akkamitti akka taʼe gadi fageenyaan haa ilaallu.
JALQABA RAKKINA GUDDAA
4. Rakkinni guddaan kan jalqabu akkamitti? Kun kan raawwatamu hoo akkamitti?
4 Rakkinni guddaan kan jalqabu akkamitti? Macaafni Mulʼataa waaʼee badiisa “Baabilon guddittii” ibsuudhaan deebii nuu kenna. (Mul. 17:5-7) Amantiin sobaa hundi ejjituutti fakkeeffamuun isaa sirrii dha! Geggeessitoonni amantii bulchitoota siyaasaa wajjin ejja raawwataniiru. Yesusii fi Mootummaa isaa amanamummaadhaan deggeruu mannaa, bulchitoota siyaasaa deggeru; akkasumas siyaasa keessatti iddoo argachuuf jecha, seerawwan buʼuuraa Waaqayyo baase akka salphaatti ilaalu. Geggeessitoonni kun warra Waaqayyo dibee fi durba amanamtuutti fakkeeffaman irraa guutummaa guutuutti adda dha. (2 Qor. 11:2; Yaq. 1:27; Mul. 14:4) Jaarmiyaa ejjituutti fakkeeffamte kana kan balleessu eenyu dha? Yihowaan, ‘bineensi bildiimaan’ “gaanfa kudhan” qabu akka ishee balleessuuf yaada isaa ‘garaa isaa keessa’ kaaʼa. Gaanfonni kun humnoota siyaasaa yeroo ammaatti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii isa ‘bineensa bildiimaatti’ fakkeeffameef deggersa kennan hunda argisiisu.—Mulʼata 17:3, 16-18 dubbisi.
5, 6. Baabilon Guddittiin ni balleeffamti jechuun, miseensonni amantii ishee hundi ni badu jechuu miti kan jennu maaliifi?
5 Haa taʼu malee, Baabilon Guddittiin ni balleeffamti jechuun, namoonni kanaan dura miseensota ishee turanis ni balleeffamu jechuu dhaa? Akkas akka hin taane ifa dha. Zakaariyaas raajichi hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee waaʼee yeroo sanaa dubbateera. Seenichi waaʼee namoota kanaan dura miseensa amantii sobaa turanii ilaalchisee akkana jedha: “Isaan, ‘Ani raajii miti! Nama lafa qotuu dha malee, mucummaa kootii jalqabee iyyuu ani lafa qotuun jaalladha’ in jedhu. Yoo namni tokko, ‘Madaan dhagna keessanii kun immoo maal ree?’ ittiin jedhe, isaan immoo, ‘Mana firoota keenyaatti madoofnee dhufne’ in jedhu.” (Zak. 13:4-6) Kanaafuu, geggeessitoota amantii keessaa illee tokko tokko, hojii amantii hojjechaa turan ni dhaabu; akkasumas, kanaan dura miseensa amantii sobaa akka turan illee ni haalu.
6 Yeroo sanatti sabni Waaqayyoo maal taʼu? Yesus, “Guyyoonni sun utuu gabaabbachuu dhaabaatanii, namni tokko iyyuu hin fayyu ture; amma garuu warra foʼamaniif jedhanii guyyoonni sun gabaabbachuuf jiru” jechuudhaan ibseera. (Mat. 24:22) Akka armaan olitti ilaalletti Dh.K.B. bara 66tti rakkinichi ‘gabaabbatee’ ture. Kun immoo ‘warri foʼaman,’ jechuunis Kiristiyaanonni dibamoon magaalattii keessaas taʼe naannoo isheetii akka baqatan isaan dandeessiseera. Haaluma wal fakkaatuun, kutaan jalqabaa rakkina guddaa gara fuulduraatti dhufuuf jedhuus, ‘warra foʼamaniif’ jecha yeroon isaa ni ‘gabaabbata.’ Humnoonni siyaasaa ‘gaanfa kudhanitti’ fakkeeffaman, saba Waaqayyoo akka balleessan isaaniif hin heyyamamu. Kanaa mannaa, yeroo muraasaaf boqonnaatu argama.
YEROO QORUMSAA FI YEROO FIRDII
7, 8. Dhaabbileen amantii sobaa erga balleeffamanii booda carraa akkamiitu jiraata? Sabni Waaqayyoo amanamoo taʼan yeroo sanatti adda kan taʼan akkamitti?
7 Dhaabbileen amantii sobaa erga balleeffamanii booda maaltu taʼa? Wanta dhugumaan garaa keenya keessa jiru beekuuf gargaara. Namoonni hedduun dhaabbilee namootaa ‘kattaa tullootaatti’ fakkeeffaman irraa gargaarsa barbaadu. (Mul. 6:15-17) Sabni Waaqayyoo garuu gara gargaarsa Yihowaan qopheessutti baqatu. Jaarraa jalqabaatti, yeroo gabaabaan sun yeroo itti Yihudoonni gara Kiristiyaanummaatti itti jijjiiraman hin turre. Yeroo namoonni durumaanuu Kiristiyaanota turan tarkaanfii itti fudhatanii fi itti ajajaman ture. Haaluma wal fakkaatuun, boqonnaa gabaabaan yeroo rakkina guddaatti argamus, yeroo itti amantoonni haaraan argamani dha jennee hin eegnu. Kanaa mannaa, jaalala Yihowaadhaaf qaban argisiisuu fi obboloota Kiristos deggeruu akka dandaʼaniif amantoota dhugaatiif carraa gaarii bana.—Mat. 25:34-40.
8 Yeroo qorumsaa sanatti wanta raawwatamu guutummaatti hubachuu baannus, hamma tokko aarsaa akka nu kaffalchiisu eeguu dandeenya. Jaarraa jalqabaatti, Kiristiyaanonni ooluuf qabeenya isaanii dhiisuu fi rakkina isaan irra gaʼu obsaan dandaʼuu qabu turan. (Mar. 13:15-18) Amanamoo taanee itti fufuuf, qabeenya keenya dhabuuf fedhii ni qabaannaa laata? Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu keenya mirkaneessuuf, wanta nu irraa barbaadamu hunda raawwachuuf qophaaʼoo dhaa? Mee yaadaa! Yeroo sanatti, haala akkamii keessatti iyyuu Yihowaa waaqeffachuu keenya itti fufuudhaan fakkeenya Daaniʼel raajichaa kan hordofu nu qofa dha.—Dan. 6:10, 11.
9, 10. (a) Sabni Waaqayyoo yeroo sanatti ergaa akkamii lallabu? (b) Diinonni saba Waaqayyoo tarkaanfii akkamii fudhatu?
9 Yeroon sun yeroo “wangeelli mootummaa kun” itti lallabamu miti. Yeroon itti lallabamu kan darbe taʼa. Sana booda “dhumni in dhufa!” (Mat. 24:14) Sabni Waaqayyoo yeroo sanatti ergaa firdii cimaa taʼe akka lallaban hin shakkisiisu. Tarii kun addunyaan Seexanaa hamaa taʼe guutummaatti baduuf akka jedhu labsuu kan dabalatu taʼu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun ergaa kana cabbii dhagaa wajjin wal fakkeessa; akkana jedha: “Cabbiin dhagaa gurguddaa, tokkon tokkon isaa akka kiilo graamii jaatamaa ulfaatu waaqa keessaa namoota irra in bubbuʼe; dhaʼichi cabbii sunis baayʼee guddaa sodaachisaa waan taʼeef, isa irraa kan kaʼe namoonni Waaqayyoon maqaa in balleessan.”—Mul. 16:21.
10 Diinonni keenya wanta kana hunda hubachuun isaanii hin oolu. Hisqiʼel raajichi hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, Goog inni biyya Maagoog, jechuunis gamtaan sabootaa maal akka raawwatu akkana jechuudhaan ibseera: “Waaqayyo gooftaan, ‘Bara sanatti garaa kee keessatti in yaadda, akeeka hamaas in qopheeffatta; ati “Biyya isa gandeen isaa dallaa hin qabnetti nan duula; ani gara saba warra of irraa buʼanii birʼaa malee jiraataniitti nan darba; isaan hundumti isaanii dallaa, karra, danqaraas hin qaban; ani biyya isa diigamee ijaarame sana irratti harka koo ol fudhadhee, isaan warra saba warra kaan keessaa walitti qabaman, warra horii baayʼee fi miʼa qaban, warra handhuura lafaa irra jiraatanis nan boojiʼa nan saamas” in jetta’ [jedha].” (His. 38:10-12) Sabni Waaqayyoo, karaa hafuuraa akka waan “handhuura lafaa irra” jiraachaa turanii namoota hunda irraa adda taʼu. Kun immoo gamtaa sabootaa baayʼee waan aarsuuf, saba Yihowaa dibamoo taʼanii fi deggertoota isaanii irraatti miidhaa geessisuuf fedhii guddaa qabaatu.
11. (a) Duraa duuba wantoonni yeroo rakkina guddaatti raawwataman qaban ilaalchisee maal yaadachuu qabna? (b) Namoonni mallattoo samii irratti mulʼatu yeroo argan maaltu itti dhagaʼama?
11 Wanta itti fufee raawwatamu yeroo qorrutti, Dubbiin Waaqayyoo duraa duuba wantoonni kun itti raawwataman akka nutti hin himne yaadachuu qabna. Wantoonni tokko tokko wal faana waan raawwataman fakkaata. Yesus waaʼee dhuma sirna kanaa akka armaan gadii jechuudhaan raajii dubbateera: “Milikkinnis biiftuutti, jiʼatti, urjootatti in taʼa; lafa irratti sabni hundinuu in muddama, huursaadhaa fi dhaʼaa galaanaa kan akka isaatii dhagaʼamee kan hin beekne irraa kan kaʼes, waan godhu in wallaala. Namoonni naasuudhaaf isa biyya lafaatti dhufu sodaatanii eeggachuu irraa kan kaʼe in laafu, humnoonni bantii waaqaa keessaa in raafamu. Yommus ilmi namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa keessa utuu dhufuu in argu.” (Luq. 21:25-27; Maarqos 13:24-26 dubbisi.) Raawwiin raajii kanaa, samii ijaan argamu irratti mallattoowwan sodaachisaa taʼan akka mulʼatanii fi wantoonni tokko tokko akka raawwataman kan argisiisu dhaa? Kana yeroo isaatti kan ilaallu taʼa. Haa taʼu malee, wanti fedhe iyyuu yoo taʼe mallattooleen kun diinota Waaqayyootti sodaa fiduun isaanii hin oolu.
12, 13. (a) Yeroo Yesus “humnaa fi ulfina guddaadhaan” dhufu maaltu raawwatama? (b) Yeroo sanatti tajaajiltoota Waaqayyootti maaltu dhagaʼama?
12 Yeroo Yesus “humnaa fi ulfina guddaadhaan” dhufu maaltu raawwatama? Yeroon kun yeroo namoonni amanamoo taʼan eebba itti argatanii fi warri amanamoo hin taane immoo itti adabamani dha. (Mat. 24:46, 47, 50, 51; 25:19, 28-30) Yesus Wangeela Maatewos keessatti milikkita kennuu isaa kan xumure waaʼee hoolotaa fi reʼootaa fakkeenya dubbachuudhaani. Akkana jedhe: “Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taaʼa. Yommus namoonni biyya lafaa hundinuu fuula isaa duratti walitti in qabamu; tikseen, hoolota reʼootattii akka gargar foʼu, innis namoota sana gargar in foʼa. Warra hoolotatti fakkeeffaman gara mirga isaa, warra reʼootatti fakkeeffamanis gara bitaa isaa in dhaaba.” (Mat. 25:31-33) Hoolonnii fi reʼoonni firdiin akkamii yeroo isaan irratti darbu dhagaʼu? Fakkeenyichi, “Isaan [reʼoonni] gara adaba bara baraa, warri qajeelonni garuu gara jireenya bara baraa in dhaqu” jechuudhaan xumurama.—Mat. 25:46.
13 Reʼoonni, ‘adabni bara baraa’ akka isaan eeggatu yeroo beekan maaltu itti dhagaʼama? Ni ‘booʼu.’ (Mat. 24:30) Obboloonni Kiristosii fi warri amanamummaadhaan isaan deggeran hoo yeroo sanatti maaltu itti dhagaʼama? Yihowaa fi Ilma isaa Yesus Kiristositti guutummaatti amanamuudhaan ajaja Yesus isa, “Kun hundinuu taʼuu yommuu jalqabu, mataa keessan ol qabadhaa, ol ilaalaas, furamuun keessan dhiʼaateera” jedhu hojii irra oolchu. (Luq. 21:28) Eeyyee, ilaalcha gaarii qabaanna, jechuunis akka fayyinu hin shakkinu.
MOOTUMMICHA KEESSATTI IFUU
14, 15. Goog inni biyya Maagoog miidhaa geessisuu erga jalqabee booda hojii walitti qabuu akkamiitu raawwatama? Hojiin walitti qabuu kun hoo maal dabalataa?
14 Goog inni biyya Maagoog saba Waaqayyoo irratti miidhaa geessisuu erga jalqabee booda maaltu raawwatama? Maatewosii fi Maarqos akkana jechuudhaan wanta wal fakkaatu galmeessaniiru: “[Ilmi namaa] immoo ergamoota waaqa irraa ergee, warra Waaqayyoof foʼaman qixa arfanii, andaara lafaatii, andaara bantii waaqaatiis walitti in qaba.” (Mar. 13:27; Mat. 24:31) Hojiin walitti qabuu kun, yeroo jalqaba dibamtoonni itti walitti qabaman kan argisiisu miti; akkasumas, dibamtoota yeroo sana lafa irra jiran irratti mallattoon inni dhumaa godhamuu isaa kan argisiisu miti. (Mat. 13:37, 38) Mallattoon inni dhumaa kun kan godhamu rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura dha. (Mul. 7:1-4) Hojiin walitti qabuu Yesus waaʼee isaa dubbate kun maali dha ree? Yeroo namoota 144,000 keessaa warri lafa irratti argaman badhaasa isaanii isa samii itti argatani dha. (1 Tas. 4:15-17; Mul. 14:1) Kunis kan raawwatamu, Goog inni biyya Maagoog miidhaa geessisuu jalqabee yeroo muraasa booda dha. (His. 38:11) Achiis wanti Yesus, “Warri qajeeltonni mootummaa abbaa isaanii keessatti akka biiftuu in ifu” jechuudhaan dubbate raawwii isaa argata.—Mat. 13:43.b
15 Kana jechuun dibamtoonni “ol butamu” jechuu dhaa? Miseensonni Saba Kiristiyaanaa hedduun, akka barumsa kanaatti Kiristiyaanonni qaama fooniitiin lafa irraa gara samiitti akka ol fudhataman amanu. akkasumas Yesus lafa bulchuuf yeroo deebiʼee dhufu ijaan akka argamu eegu. Haa taʼu malee, Macaafni Qulqulluun, “milikkinni ilma namaa” samii keessatti akka mulʼatuu fi Yesus “duumessoota waaqaa irra” akka dhufu dubbata. (Mat. 24:30) Yaadawwan kun lamaan, Yesus yeroo dhufutti ijaan akka hin mulʼanne argisiisu. Kana malees, ‘foonii fi dhiigaan mootummaa Waaqayyootti galuun’ hin dandaʼamu. Kanaafuu, warri gara samiitti ol fudhataman, ‘malakanni inni dhumaa yommuu afuufamu, battala liphsuu ijaatti geddaramuu’ qabu.c (1 Qorontos 15:50-53 dubbisi.) Kanaafuu, yaadni “ol butamuu” jedhu barumsa dogoggoraa wajjin kan wal qabate waan taʼeef iddoo kanatti itti fayyadamuu baannus, dibamtoonni lafa irra jiran yeroo murtaaʼe tokko keessatti walitti qabamu.
16, 17. Cidhi hoolichaa samii keessatti raawwatamuu isaa dura maaltu taʼuu qaba?
16 Warri 144,000 hundi gara samii erga deemanii booda, cidha hoolichaatiif qophiin xumuraa jalqabuu ni dandaʼa. (Mul. 19:9) Yeroo gammachiisaa kana dura garuu wanti raawwatamu jira. Miseensonni warra 144,000 lafa irra jiran gara samii utuu hin deemin, Goog saba Waaqayyoo irratti miidhaa akka geessisu hin dagatinaa. (His. 38:16) Yeroo kanatti sabni Waaqayyoo maal godhu? Sabni Waaqayyoo yeroo sanatti lafa irratti argaman waan gargaarsa hin qabne fakkaatu. Qajeelfama bara Yoshaafaax Mootichaatti kennamee fi akkana jedhu hordofu: “Isin ofii keessanii loluun isin hin barbaachisu, iddoo qabadhaatii dhaabadhaa, moʼicha Waaqayyo isiniif kennu ilaalaa! Isin yaa warra Yihudaa fi warra Yerusaalem! Hin sodaatinaa, hin naʼinaas.” (2 Sen. 20:17) Samii keessa garuu haala adda taʼetu jiraata. Mulʼanni 17:14 yeroo dibamtoonni hundi samii keessa itti taʼanitti diinonni Waaqayyoo maal akka godhan akkana jechuudhaan ibseera: “Isaan hoolichatti lola in kaasu; hoolichi garuu gooftaa gooftotaa, mootii moototaas waan taʼeef, isaan in moʼa; warri isaa wajjin jiranis warra waamaman, warra foʼaman, warra amanamanii dhas.” Yesus warra 144,000 isa faana bulchanii wajjin saba Waaqayyoo lafa irra jiran oolchuuf dhufa.
17 Waraanni Armaagedoon itti fufee geggeeffamu Maqaan Yihowaa inni qulqulluu taʼe akka ol qabamu godha. (Mul. 16:16) Yeroo sanatti namoonni reʼootatti fakkeeffaman hundi ‘gara adaba bara baraa dhaqu.’ Dhuma irratti lafti hammina hunda irraa qulqulloofti; akkasumas tuutni sonaan baayʼeen kutaa dhumaa rakkina guddaa keessa darbu. Achii, qophiin hundi erga xumuramee booda, xumurri gammachiisaan macaafa Mulʼataa, jechuunis cidhi hoolichaa ni raawwatama. (Mul. 21:1-4)d Namoonni badiisa irraa oolanii lafa irra jiraatan, surraa Waaqayyoo kan argatan siʼa taʼu, jaalala isaas karaa hedduu isaanitti argisiisa. Yeroon kun, guyyaa cidhaa dinqisiisaa akka taʼu beekamaa dha! Guyyaa kana hawwiidhaan eeggachaa jirra!—2 Phexros 3:13 dubbisi.
18. Wanti gammachiisaan raajiidhaan dubbatame yeroo nu eeggatu kanatti murtoon keenya maal taʼuu qaba?
18 Wanta gammachiisaa kana eeggachaa yeroo jirru kanatti hundi keenya maal gochuu qabna? Phexros ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee akkana jedhee barreesseera: “Wanti kun hundinuu akkasitti wal in gad dhiisa erga taʼee, isin namoota attamii taʼuutu isiniif taʼa ree? Jireenya qullaaʼaa, jireenya namoota Waaqayyoof taʼu jiraachuun isin irra jira. Akkasitti jiraattanii dhufa guyyaa Waaqayyoo in eeggattu, isaafis ariifattanii in hojjettu, . . . Kanaafis michoota ko, isaan kana eeggachaa, warra xurii fi mudaa hin qabne taatanii, Waaqayyoo wajjin nagaa qabaattanii akka argamtaniif dhamaʼaa.” (2 Phe. 3:11, 12, 14) Kanaafuu, Mootii nagaa deggeruudhaan karaa hafuuraa qulqulluu taanee jiraachuuf haa murteessinu.
c Dibamtoonni yeroo sanatti lafa irra jiran qaama fooniitiin gara samiitti ol hin fudhataman. (1 Qor. 15:48, 49) Kanaa mannaa, akkuma qaamni Yesus dhabamsiifame kan isaaniis kan dhabamsiifamu taʼuu hin oolu.
d Duraa duuba wantoonni kun itti raawwatamanii Faarfannaa 45 irraa hubachuun ni dandaʼama. Jalqaba Mootichi waraana irratti hirmaata, achiis cidhichi ni raawwatama.