“Qophaa’oo Ta’aa!”
1 Yesus raajiisaa isa guddaa keessatti waa’ee dhuma barichaa yeroo dubbatu yaaddoo jireenyaatiin akka hin dhiphanne akeekkachiiseera. (Mat. 24:36-39; Luq. 21:34, 35) Rakkinni guddaan yoom akka jalqabu waan hin beekamneef gorsa Yesus: “Qophaa’oo ta’aa! Ilmi namaa Yeroo isin quba hin qabaatinitti in dhufa” jechuudhaan kenne fudhachuu qabna. (Mat. 24:44) Kana gochuuf maaltu nugargaaruu danda’a?
2 Yaaddoofi Waan Qalbii Fuudhurraa Fagaachuu: Wantoota karaa hafuuraa kiyyoo nutti ta’aniifi irraa of eeguu qabnu keessaa inni tokko ‘yaaddoo jireenyaati.’ (Luq. 21:34) Biyyoota tokko tokkotti, hiyyummaan, hojii dhabuuniifi wanti hundi mi’aa ta’uunsaa wantoota jireenyaaf barbaachisan argachuun rakkisaa akka ta’u godheera. Biyyoota biraattimmoo waan jireenyaaf barbaachisu argachuun salphaadha. Waa’ee qabeenyaa qofa yaaduun Mootummattirratti akka hin xiyyeeffanne nutaasisuu danda’a. (Mat. 6:19-24, 31-33) Walga’iiwwan gumii, Mootummattiirratti akka xiyyeeffannu nugargaaru. Walga’iiwwan hundaarratti argamuudhaaf karoora baafatteettaa?—Ibr. 10:24, 25.
3 Addunyaan har’aa kun wantoota qalbii keenya hataniifi yeroo keenya salphaatti fudhataniin kan guutamedha. Televijiiniin, fiilmii ilaaluun, bashannanni, kitaabota bu’aa hin qabne dubbisuuniifi ispoortiin yeroofi humna wantoota hafuuraatiif oolchinu nujalaa fudhatu. Bashannanuun yeroodhaaf gammachuu nuukennuyyuu maatiidhaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuun garuu faayidaa bara baraa nuu argamsiisa. (1 Xim. 4:7, 8) Guyyaa hunda Sagalee Waaqayyoorratti xiinxaluuf yeroo ni ramaddaa? —Efe. 5:15-17.
4 Jaarmiyaan Yihowaa sagantaa qajeelfama hafuuraa itti argannu nuuqopheessuudhaan, ‘ilma namaa dura dhaabachuudhaaf humna akka argannuu’ waan nugargaartuuf hammam galateeffannaa! (Luq. 21:36) Qophii kanarraa guutummaatti haafayyadamnu; amantiin keenya “guyyaa Yesus Kristos itti mul’achuuf jiru sanatti, jajamee guddinaa fi ulfina akka argatutti” ‘qophaa’oo haa taanu.’—1 Phe. 1:7.