Yeroo Rakkisaa Ta’e Kanatti ‘Yaada Garaa Qullaa’aa’ Qabdan Eeggadhaa
“YEROO HAR’AA Waldittii keessatti saalqunnamtii yeellaasisaan raawwatamaa jiraachuusaa namni haaluu danda’u hin jiru.” Gaazexeessaan Waldaa Kaatolikii Viitaariyoo Maasooree jedhamu, yaada kana kan dubbate saalqunnamtii yeellaasisaa Waldaa Xaaliyaanii keessa jirutti yeroo dhihootti raawwatame erga qoree booda ture. “Gocha kana keessaa dhibbeentaa 80 saalqunnamtii saala wal fakkaataa gidduutti raawwatamu, jechuunis luboonni namoota gurguddaafi ijoollee dhiiraarratti raawwatan waan ta’eef, seera warri mana sagadaa keessa tajaajilan akka hin fuune dhowwu hambisuudhaan furmaata argamsiisuun hin danda’amu.”—Laa Istaampaa.
Hammeenyi babal’achuunsaa mallattoo “guyyoota gara dhumaa” sirna biyya lafaa kanaa akka ta’e ifadha. (2 Xim. 3:1-5) Gabaasni gaazexootaa akka argisiisutti manca’inni amalaa, namoota amantii hin qabne qofaarratti utuu hin ta’in, warra nama Waaqayyoo akka ta’an dubbatanirrattis dhiibbaa geessiseera. Yaanni garaasaanii inni manca’aafi qullaa’aa hin taane, gochawwan yeellaasisaa raawwachuuf isaan kakaasa. (Efe. 2:2) Kanaaf, Yesus “Wanti hamaan hundinuu yaada garaa keessaa ba’ao, isaanis, nama ajjeechaa, ejjummaa, halalummaa, hanna, sobaan dhugaa ba’uu, nama salphisuu” jechuudhaan akeekkachiisaa kennuunsaa sirrii ture. (Mat. 15:19) Yihowaan garuu, tajaajiltoonnisaa ‘yaanni garaasaanii qullaa’aa akka ta’u’ akka jaallatan barbaada. (Fak. 22:11) Kanaaf, Kiristiyaanni tokko yeroo rakkisaa kanatti yaada garaa qullaa’aa qabaatee itti fufuu kan danda’u akkamitti?
‘Yaada Garaa Qullaa’aa’ Jechuun Maal Jechuudha?
Macaafa Qulqulluu keessatti yeroo baay’ee “yaadni garaa” fakkeenyaan itti hojjetameera. Barreeffamni tokko akka jedhetti, jechi Macaafa Qulqulluu keessatti yaada garaa jedhame, “keessa namaa,” “isa Waaqayyo biratti iddoo guddaa qabu, hariiroon namni tokko Waaqayyoo wajjin qabu irratti hundaa’u, kan amala gaarii akka qabaatan godhu” kan argisiisudha. Yaanni garaa, keessi keenya dhugumaan maal akka ta’e argisiisa. Akka barreeffamni olitti caqasame jedhutti, keessi tajaajiltootasaa inni Yihowaan qoruufi dinqisiifatu isa kanadha.—1 Phe. 3:4.
Macaafa Qulqulluu keessatti “qulqulluu” jechuun wanta qaamaan qulqulluu ta’e argisiisuu danda’a. Haata’u malee, jechi kun karaa amalaafi amantii kan hin mancaane, kan hin boorofne, akkasumas kan hin xuroofne argisiisuu danda’a. Yesus Lallabasaa isa Gaararraatti “Warri yaadni garaa isaanii qullaa’oo haa gammadan” jedheera. Warra keessisaanii qulqulluu ta’e caqasuusaa ture. (Mat. 5:8) Namoonni akkasii jaalalli, fedhiifi kaka’umsisaanii qulqulluudha. Jaalalaafi galateeffannaadhaan, fakkeessaa tokko malee dhugumaan garaasaanii guutuu Yihowaa jaallatu. (Luq. 10:27) Atoo, qulqulluu ta’uu ni barbaadda mitii?
‘Yaada Garaa Qullaa’aa’ Akka Qabaatanitti Itti Fufuun Salphaa Miti
Tajaajilaan Yihowaa tokko kan “harki isaa hin xuraai’in” qofa utuu hin ta’in, “garaan isaas qullaa’aa” ta’uu qaba. (Far. 24:3, 4) Ta’us, yeroo har’aa tajaajiltoota Waaqayyootiif ‘garaa qullaa’aa’ qabaatanii itti fufuun rakkisaa ta’aa dhufeera. Seexanni, biyyi lafaa inni seerratuufi foon keenya inni cubbamaan Yihowaarraa nu fageessuuf dhiibbaa guddaa nurraan geessisu. Dhiibbaawwaan kana danda’uuf ‘yaada garaa qullaa’aa’ jaallachuufi eegnee itti fufuuf murtoo cimaa gochuun baay’ee barbaachisaadha. Kunis kan nu eeguu ta’uusaarrayyuu, michoota Waaqayyoo taane itti fufuuf nu gargaara. Yaada garaa qullaa’aa qabaannee itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?
Ibroota 3:12rratti akeekkachiisni akkas jedhu nuu kennameera: “Yaa obboloota nana! Isin keessaa tokko illee garaa hamaa isa hin amanne, isa Waaqayyo jiraataa irraa garagalus akka hin qabaannetti of eeggadhaa!” Yaanni garaa “hin amanne” yoo nu keessatti uumame, ‘yaada garaa qullaa’aa’ akka qabaannetti itti fufuu hin dandeenyu. Seexanni, Waaqayyotti amanuun gatii akka hin qabne amansiisuuf yaadawwan akkamii babal’isa? Yaadawwan kun barumsa jijjiirama tirannaa, amalaafi amantii ilaalchisee wanti guutummaatti sirriifi dogoggora ta’e hin jiru yaada jedhuufi Caaffanni Qulqullaa’oon geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffaman ta’uusaaniirratti shakkii uumuu kan dabalatanidha. Yaadawwan gara du’aatti nama geessan akkasii akka dhiibbaa nurratti geessisan heyyamuu hin qabnu. (Qol. 2:8) Dhiibbaawwan kana ittisuuf wanti nu gargaaru inni guddaan, Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaan dubbisuufi gad fageenyaan irratti xiinxaluudha. Dubbii Waaqayyoo ilaalchisee beekumsa sirrii qabaachuun keenya, jaalala Yihowaadhaaf qabnus ta’e hubannaa akkaataa inni namoota itti qaburratti qabnu nuu guddisa. Ilaalchawwan dogoggoraarraa fagaachuufi amantii cimaa Yihowaarratti qabnu eeggachuudhaan yaada garaa qullaa’aa qabaannee itti fufuu yoo barbaanne, jaalalliifi dinqisiifannaan akkasii barbaachisaadha.—1 Xim. 1:3-5.
Fedhiiwwan Foonii Yommuu Dhiibbaa Nurraan Ga’an
‘Yaada garaa qullaa’aa’ qabaannee itti fufuuf yommuu carraaqnu, dhiibbaan nu mudachuu danda’u gara biraanimmoo, fedhiiwwan fooniifi qabeenyaa kan dabalatudha. (1 Yoh. 2:15, 16) Qarshii jaallachuun ykn fedhiin qabeenya tuullachuufi wantoota foonii horachuuf qabnu, yaada garaa mancaasuufi Kiristiyaanni tokko wantoota fedha Waaqayyoorraa faallaa ta’an akka raawwatu gochuu danda’u. Namoonni muraasni bakka hojiisaaniitti amanamoo utuu hin ta’in hafaniiru; warra kaan gowwoomsaniiru; akkasumas qarshii ykn wantoota kan isaanii hin taane hataniiru.—1 Xim. 6:9, 10.
Karaa biraammoo, Yihowaa akka hin gaddisiisne sodaa sirrii qabaachuu, qajeelina jaallachuufi yaada garaa gaarii ta’e qabaannee itti fufuuf murteessuudhaan, ‘yaada garaa qullaa’aa’ akka jaallannu argisiisna. Jaalalli akkasii “karaa hundumaa haqaan jiraachuuf” nu kakaasa. (Ibr. 13:18, NW) Haqaan deddeebi’uun keenya akka gaariitti dhugaa ba’uu danda’a. Dhugaa Baatuun Emiiliyoo jedhamuufi Xaaliyaanii keessa jiraatu tokko, kubbaaniyyaa geejjiba uummataa tokkoof konkolaachisaa ta’ee hojjeta ture. Innis, boorsaa doolaara Ameerikaa 680 qabate tokko argate. Hojjetoota hidhatasaa ta’an kan ajaa’ibsiise ta’us, boorsicha hogganaasaatti kenne; innis nama jalaa bade sanaaf deebise. Hojjettoota hidhata Emiiliyoo keessaa tokko tokko amalasaa baay’ee waan dinqisiifataniif, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqaban. Kanaan kan ka’es, maatii lama keessaa namoonni torba dhugaa fudhataniiru. Eeyyee, yaada garaa qullaa’aa qabaatanii haqaan jiraachuun, warri kaan Waaqayyoon akka galateeffatan kakaasuu danda’a.—Tit. 2:10.
Wanti gara biraan qulqullina yaada garaa Kiristiyaana tokkoorratti dhiibbaa gadhee geessisuu danda’ummoo, saalqunnamtiidhaaf ilaalcha dogoggorraa qabaachuudha. Utuu wal hin fuudhiniifi hiriyaa gaa’elaatiin ala saalqunnamtii raawwachuun, akkasumas saalqunnamtiin saala wal fakkaataa gidduutti raawwatamu namoota hedduu biratti baramaa ta’aa dhufuunsaa, yaada garaa Kiristiyaana tokkoo mancaasuu danda’a. Namni tokko addaggummaa saalaa raawwatee cubbuusaa dhoksuudhaan qulqulluu fakkaatee jiraachuu danda’a. Gochi akkasii matumaa ‘yaada garaa qullaa’aa’ qabaachuu hin argisiisu.
Gaabrii’el umrii waggaa 15tti cuuphamuudhaan, yeruma sana qajeelchaa ta’ee tajaajiluu jalqabe. Booda garuu hiriyoota gadhee wajjin ta’uudhaan, mana halkan itti shubbisanitti yeroosaa dabarsuu jalqabe. (Far. 26:4) Yeroo kanatti addaggummaa raawwachaa nama gaarii fakkaatee jiraachuu waan jalqabeef, gumii Kiristiyaanaa keessaa baafamuu qaba ture. Adabni Yihowaan isaaf kenne kun gad fageenyaan akka yaadu isa taasise. Gaabrii’el akkas jedha: “Wantootan duraan tasumaa xiyyeeffannaa hin kennineef raawwachuun jalqabe. Wanta Yihowaan dhugumaan jechaa jiru hubachuuf yaaluudhaan, guyyaa guyyaan Macaafa Qulqulluu dubbisuufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an xiyyeeffannaadhaan qayyabachuun jalqabe. Qayyabannaan dhuunfaa akka nama kiisuufi nama gammachiisu, akkasumas Macaafa Qulqulluu dubbisuufi dhimmanii kadhachuun humna guddaa akka namaa kennuu danada’u hubadheera.” Kunis Gaabrii’el addaggummaa akka dhiisuufi Yihowaa wajjin deebi’ee akka michoomu isa gargaareera.
Gaabrii’el yeroo ammaa deebi’ee qajeelchaa ta’uudhaan haadha manaasaa wajjin tajaajilaa jira. Haalli obboleessa kanaa, Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” baasu qayyabachuun, yaada garaa qullaa’aa qabachuufi addaggummaarraa fagaachuuf baay’ee akka gargaaru mirkaneessa.—Mat. 24:45; Far. 143:10.
Qorumsa Keessatti ‘Yaada Garaa Qullaa’aa’ Qabaachuu
Tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko tokko dhiibbaa mormitootaa, rakkina dinagdeefi dhibee fayyaa cimaa ta’een kan ka’e abdii kutatu. Al tokko tokko garaansaaniis baay’ee dhiphata. Daawit Mootichillee haalli akkasii waan isarra ga’eef, “Hafuurri na xinnaatee, garaan koos na’ee in hadoode” jedheera. (Far. 143:4) Haala kana mo’uuf wanti isa gargaare maalidha? Daawit wanta Waaqayyo tajaajiltootasaatiif godheefi isas akkamitti akka isa fayyise yaadatee ture. Wanta Yihowaan maqaasaa isa guddaaf jecha raawwaterratti xiinxaleera. Daawit hojiiwwan Waaqayyoorratti xiinxaluusaa itti fufeera. (Far. 143:5) Nuyis, Uumaa keenyarratti, wanta inni nuu godheefi gara fuulduraatti nuu godhu hundarratti xiinxaluun keenya yeroo qorumsi nu mudatuttillee nu gargaara.
Dabni yommuu nurratti raawwatamu ykn akka nurratti raawwatame nutti dhaga’amu baay’ee aarra ta’a. Yeroo hunda waa’ee haala kanaa yaaduun, obboloota keenyaaf ilaalcha gadhee akka qabaannu nu gochuu danda’a. Warra kaanirraa adda of baasuufi isaaniif dantaa dhabuu dandeenya. Haata’u malee, kun fedhii ‘yaada garaa qullaa’aa’ qabaachuuf qabnuu wajjin walsimaa? Yaada garaa akkasii qabaachuuf galma baafachuun, hariiroo obboloota keenyaa wajjin qabnuufi deebii wal dhabiinsa uumameef kenninu kan dabalatudha.
Kiristiyaanota dhugaa ‘yaanni garaa keenya qullaa’aa akka ta’u’ jaallannu waan taaneef, biyya lafaa karaa amalaa caalaatti manca’aa deemu kana keessatti adda taanee mul’anna. Fedha Waaqayyoo raawwachuudhaan keessa keenyatti nagaa argachuun, jireenya keenyarratti dhiibbaa gaarii geessisa. Hunda caalaammoo, Waaqa keenya Yihowaa isa Uumaa keenya ta’eefi warra ‘garaa qullaa’aa’ qaban jaallatuu wajjin hariiroo gaarii qabaanna. (Far. 73:1) Eeyyee, akkuma Yesus abdachiise, namoota yommuu Yihowaan warra ‘yaanni garaasaanii qullaa’aa’ akka ta’u jaallataniif jecha tarkaanfii fudhatu, ‘Waaqayyoon arguusaaniitii’ gammadan keessaa tokko ta’uu dandeenya.—Mat. 5:8.