BOQONNAA 137
Phenxeqosxee Dura Namoonni Hedduun Isa Argan
MAATEWOS 28:16-20 LUQAAS 24:50-52 HOJII ERGAMOOTAA 1:1-12; 2:1-4
YESUUS NAMOOTA HEDDUUTTI MULʼATE
SAMIITTI OL BAʼE
YESUUS BARATTOOTA 120 TAʼAN IRRATTI HAFUURA QULQULLUU DHANGALAASE
Yesuus erga duʼaa kaʼee booda, gaara Galiilaa keessa jiru tokko irratti ergamoota 11 wajjin wal arguuf haala mijeesse. Barattoonni 500 taʼanii fi jalqaba duʼaa kaʼuu isaa shakkaa turanis achi jiru. (Maatewos 28:17; 1 Qorontos 15:6) Taʼus, wanti Yesuus amma dubbatu, hundi isaanii duʼaa kaʼuu isaa mirkanaaʼoo akka taʼan isaan gargaara.
Yesuus, Waaqayyo samii irrattis taʼe lafa irratti aangoo hunda akka isaaf kenne dubbate. Achiis, akkana jedhee isaan jajjabeesse: “Kanaaf, dhaqaatii maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin isaan cuuphuudhaan saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa; wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa.” (Maatewos 28:18-20) Eeyyee, Yesuus duʼaa kaʼuu qofa utuu hin taʼin, amma iyyuu misiraachichi akka lallabamu barbaada.
Hojiin barattoota gochuu dhiira, dubartii, ijoollee utuu hin jedhin duuka buutota hundaaf kan kenname dha. Mormitoonni hojii lallabaa fi barsiisuu isaanii dhaabsisuuf yaaluu dandaʼu; Yesuus garuu, “Samii irrattis taʼe lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera” jechuudhaan isaan jajjabeesse. Kun duuka buutotaaf hiika akkamii qaba? Yesuus, “Kunoo, ani hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira” isaaniin jedhe. Yesuus warri misiraachicha lallabuu irratti hirmaatan hundi dinqiiwwan akka hojjetan hin dubbanne. Taʼus, gargaarsa hafuura qulqulluu qabu.
Yesuus erga duʼaa kaʼee booda, “Guyyaa 40f” barattoota isaatti mulʼate. Qaama foonii uffachuudhaan, akkasumas “waaʼee Mootummaa Waaqayyoo” isaan barsiisuudhaan, “jiraataa taʼuu isaa ragaa amansiisaa taʼe hedduudhaan isaanitti of mulʼise.”—Hojii Ergamootaa 1:3; 1 Qorontos 15:7.
Barattoonni amma iyyuu Galiilaa keessa kan jiran taʼuu hin oolan; kanaaf Yesuus Yerusaalemitti akka deebiʼan isaan ajaje. Magaalattii keessatti yommuu wal argan akkana isaaniin jedhe: “Abdii Abbaan kenne, isa waaʼee isaa ana irraa dhageessan sana eeggadhaa malee, Yerusaalem keessaa hin baʼinaa; sababiin isaas Yohaannis bishaaniin cuuphee ture; isin garuu guyyaa muraasa booda hafuura qulqulluudhaan cuuphamtu.”—Hojii Ergamootaa 1:4, 5.
Yeroo booda, Yesuus ergamootaa wajjin wal argee, ‘hanga Bitaaniyaatti isaan geggeesse.’ Bitaaniyaan kallattii bahaatiin Gaara Ejersaa irratti argamti. (Luqaas 24:50) Yesuus kanaan dura addunyaa kana dhiisee akka deemu kan isaanitti hime taʼus, amma iyyuu Mootummaan isaa karaa taʼe tokkoon lafa irratti ni hundeeffama jedhanii amanu.—Luqaas 22:16, 18, 30; Yohaannis 14:2, 3.
Ergamoonni, “Yaa Gooftaa, yeroo kanatti Israaʼeliif mootummaa ni deebistaa?” jedhanii isa gaafatan. Innis, gabaabaadhumatti, “Yeroo yookiin waqtii Abbaan ofii isaatiin murteessuuf aangoo isaa jala godhate beekuun isiniif hin kennamne” jedhee isaaniif deebise. Achiis, hojii isaan hojjechuu qaban irra deebiʼee ibse. Akkana jedhe: “Yommuu hafuura qulqulluu fudhattan humna ni argattu; Yerusaalemitti, Yihudaa fi guutummaa Samaariyaatti, akkasumas hanga andaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu.”—Hojii Ergamootaa 1:6-8.
Ergamoonni, Yesuus isa duʼaa kaafamee wajjin Gaara Ejersaa irra utuu jiranii, Yesuus gara samiitti ol baʼuu jalqabe. Baayʼee utuu hin turin duumessi ija isaanii duraa isa dhokse. Yesuus erga duʼaa kaʼee booda qaama foonii uffatee mulʼatee ture. Amma garuu qaama foonii yeroo kanatti uffate dhiisee, qaama hafuuraatiin gara samii deeme. (1 Qorontos 15:44, 50; 1 Pheexiros 3:18) Ergamoonni isaa amanamoo taʼan hubatanii gara samii utuu ilaalanii, “namoonni uffata aʼadii uffatan lama” isaan bira dhaabatan. Namoonni kun maleekota qaama foonii uffatani dha; akkana jedhanii isaan gaafatan: “Yaa namoota Galiilaa, maaliif dhaabattanii gara samii ilaaltu? Yesuus inni isin biraa gara samiitti fudhatame kun, haaluma yommuu inni gara samiitti ol baʼu argitan kanaan deebiʼee ni dhufa.”—Hojii Ergamootaa 1:10, 11.
Yesuus samiitti kan ol baʼe sirna adda taʼeen hin turre; kan isa argan duuka buutota isaa warra amanamoo taʼan qofa dha. Kan inni deebiʼus ‘haaluma kanaani’ malee sirni adda taʼeen miti. Aangoo Mootummaa isaatiin argamuu isaa kan hubatanis duuka buutota amanamoo taʼan qofa dha.
Kana booda, ergamoonni gara Yerusaalemitti deebiʼan. Guyyoota itti aananitti, “Maariyaam haadha Yesuusii fi obboloota isaa” dabalatee, barattoota kaanii wajjin walitti qabaman. (Hojii Ergamootaa 1:14) Namoonni kun cimsanii kadhatu turan. Dhimma isaan irratti kadhannaa gochaa turan keessaa tokko, barataa Yihudaa Asqorotuu bakka buʼu filachuu fi lakkoofsa ergamootaa 12 tti deebisuu dha. (Maatewos 19:28) Barataa wantoota Yesuus hojjetee fi duʼaa kaʼuu isaa dhugaa baʼuu dandaʼu bakka buusuu barbaadan. Fedhii Waaqayyoo beekuuf carraa kan buusan yommuu taʼu, seenaan kaayyoo akkasiitiif carraan akka buufame dubbatu Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo xumuraatiif kan caqasame as irratti dha. (Faarfannaa 109:8; Fakkeenya 16:33) Namoota 70 Yesuus ergee ture keessaa tokko Maatiyaas taʼuu hin oolu; kanaaf Maatiyaas filatamee, “ergamoota 11 sanaa wajjin lakkaaʼame.”—Hojii Ergamootaa 1:26.
Yesuus samiitti ol baʼee guyyaa 10 booda Ayyaanni Phenxeqosxee Yihudootaa Dh.K.B. bara 33 tti ni kabajame. Barattoonni 120 taʼan Yerusaalemitti kutaa fooqii irra jiru tokko keessatti walitti qabaman. Akkuma tasaa sagaleen akka qilleensa jabaa bubbisu manicha guute. Wantoonni akka arraba ibiddaas isaanitti mulʼatan, tokkoon tokkoon isaanii irras ni tataaʼan. Barattoonni hundi afaan garaa garaatiin dubbachuu jalqaban. Wanti Yesuus waadaa galee ture ni raawwatame; hafuurri qulqulluun isaan irratti dhangalaʼe!—Yohaannis 14:26.