BOQONNAA 35
Lallaba Gaara Irraa Isa Beekamaa
MAATEWOS 5:1–7:29 LUQAAS 6:17-49
LALLABA GAARA IRRAA
Yesuus halkan guutuu kadhachaa bulee, sana booda immoo barattoota isaa keessaa ergamoota 12 waan filachaa tureef baayʼee dadhabee taʼuu qaba. Amma guyyaa dha; taʼus Yesuus amma iyyuu namoota gargaaruuf humnas taʼe fedhii qaba. Namoota kan gargaare, gaara Galiilaa keessatti argamu, tarii immoo Qifirnaahom ishii inni keessaa deddeebiʼee tajaajilutti dhihoo jiru tokko irratti dha.
Namoonni iddoowwan fagoodhaa gara isaa dhufan. Tokko tokko kallattii kibbaatii Yerusaalemii fi naannoowwan Yihudaatti argamanii dhufan. Kaan immoo, kallattii kaaba lixaatii magaalaawwan qarqara galaanaa Sidoonaa fi Xiiroos keessaa dhufan. Yesuus bira kan dhufan maaliifi? “Isa dhaggeeffachuu fi dhukkuba isaanii irraa fayyuuf dhufan.” Wanti taʼes kanuma; Yesuus “hunda isaanii fayyisaa” jira. Mee yaadi! Namoonni dhukkubsatan hundi fayyifamaniiru. Yesuus namoota maleekota Seexanaatiin qabaman jechuunis, ‘warra hafuurota xuraaʼaadhaan dhiphatan’ fayyiseera.—Luqaas 6:17-19.
Achiis Yesuus gaaricha irratti balʼeensa tokko kan argate siʼa taʼu, namoonnis naannoo isaatti walitti qabaman. Barattoonni isaa, keessumaa immoo ergamoonni isaa 12n isatti dhihoo taʼuu hin oolan. Hundi isaanii barsiisaa dinqii guguddaa hojjetu kana dhaggeeffachuuf qophaaʼaniiru. Yesuus wanta dhaggeeffattoota isaa hunda fayyadu lallabe. Yeroo sanaa kaasee namoonni hedduun lallaba kana irraa fayyadamaniiru. Lallabni kun barumsa hafuuraa gad fageenya qabu karaa salphaa fi ifa taʼeen waan ibsuuf nutis irraa fayyadamuu dandeenya. Yesuus fakkeenyota namni hundi hubachuu dandaʼuu fi wantoota baramaa taʼanitti fayyadamee barsiise. Kuni immoo, namoonni akka Waaqayyo barbaadutti jireenya gaarii jiraachuu barbaadan yaada isaa salphaatti akka hubatan taasiseera. Wantoonni lallabni Yesuus faayida qabeessa akka taʼu godhan maal faʼi?
GAMMACHUU DHUGAA KAN QABAN NAMOOTA AKKAMII TI?
Namni hundi gammaduu barbaada. Yesuus kana waan beekuuf gammachuu dhugaa kan qaban namoota akkamii akka taʼan ibsuudhaan haasaa isaa jalqabe. Kun xiyyeeffannaa namoota isa dhaggeeffatanii hammam akka harkisu yaadi. Wantoonni tokko tokko garuu dalga isaanitti taʼuu hin oolan.
Yesuus akkana jedhe: “Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha; Mootummaan samii kan isaanii ti. Warri gaddan gammadoo dha; isaan jajjabina ni argatu. . . . Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan gammadoo dha; isaan ni quufu. . . . Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman gammadoo dha; Mootummaan samii kan isaanii ti. Yommuu namoonni waaʼee kootiif jedhanii isin arrabsan, [akkasumas] isin ariʼatan . . . gammadaa, ililchaas.”—Maatewos 5:3-12.
Yesuus “gammadoo” yommuu jedhu maal jechuu isaa ti? Gammachuu namni tokko yeroo gaarii yommuu dabarsu isatti dhagaʼamu ibsuu isaa miti. Gammachuu dhugaan kan kana caalu dha. Waan qabanitti gammaduu fi jireenya ofiitti guutummaatti gammaduu dabalata.
Yesuus namoonni wantoonni hafuuraa akka isaan barbaachisan hubatan, warri cubbamoo taʼuu isaaniitti gaddanii fi warri Waaqayyoon beekanii isa tajaajilan gammachuu dhugaa akka qaban dubbate. Fedha Waaqayyoo raawwachuu isaaniitti yoo jibbamanii fi yoo ariʼataman iyyuu, Waaqayyoon gammachiisaa akka jiranii fi innis jireenya bara baraa isaanii kennuudhaan akka isaan badhaasu waan beekaniif ni gammadu.
Namoonni baayʼeen garuu, sooressa taʼuu fi wantoota gammachuu namaaf argamsiisu jedhaman hordofuun namni tokko gammachuu akka qabaatu taasisa jedhu. Yesuus garuu akkana hin jenne. Haala namoonni isa dhaggeeffachaa jiran hedduun akka irratti yaadan taasisuun yaada garaa garaa wal bira qabuudhaan akkana jedhe: “Isin warra sooreyyii taataniif . . . wayyoo; sababiin isaas isin jajjabina keessan ammuma guutummaatti argattaniittu. Isin warra amma quuftaniif wayyoo; sababiin isaas booda ni beeloftu. Isin warra amma kolfitaniif wayyoo; sababiin isaas booda ni gadditu, ni boossus. Yommuu namoonni hundi waaʼee keessan wanta gaarii dubbatan isiniif wayyoo; sababiin isaas abbootiin isaanii raajota sobaatiif akkanuma godhanii turan.”—Luqaas 6:24-26.
Sooressa taʼuun, gammachuudhaan kolfuun, akkasumas namootaan jajamuun namni “wayyoo” akka namaaf jedhu kan godhu akkamitti? Namni tokko wantoota kana yommuu qabaatuu fi iddoo guddaa yommuu kennuuf, Waaqayyoon tajaajiluu dhiisuu dandaʼa; kun immoo gammachuu dhugaa isa dhabsiisa. Yesuus namni tokko hiyyeessa taʼuun ykn beelaʼuun isaa gammachuu isaaf argamsiisa jechaa hin jiru. Haa taʼu malee, yeroo baayʼee barumsa Yesuus kan fudhatanii fi gammachuu dhugaa kan argatan hiyyeessota dha.
Yesuus barattoota isaa yaadatti qabachuudhaan, “Isin soogidda lafaa ti” jedhe. (Maatewos 5:13) Barattoonni isaa soogidda akka hin taane beekamaa dha. Kanaa mannaa soogiddi wanta tokko tursuuf gargaara. Mana qulqullummaa keessatti soogiddi baayʼeen iddoo aarsaa itti dhiheessan bira kaaʼamaa kan ture siʼa taʼu, kunis aarsaa dhihaatutti naqama ture. Akkasumas, wanti tokko tortoree baduu irraa bilisa akka taʼe argisiisa. (Lewwoota 2:13; Hisqiʼel 43:23, 24) Barattoonni Yesuus dhiibbaa gaarii isaan namoota irraan geessisan akka namoonni karaa hafuuraas taʼe karaa amalaa hin badne waan taasisuuf, “soogidda lafaa ti” jedhamuu ni dandaʼu. Eeyyee, ergaan isaan lallaban jireenya namoota ergicha fudhatan hundaa ni tursa ykn ni oolcha.
Kana malees, Yesuus barattoota isaatiin, “Isin ifa addunyaa ti” jedhe. Ibsaan akka sirriitti ifuuf baattuu ibsaa irra kaaʼama malee, guuboo jala hin kaaʼamu. Kanaaf Yesuus, “Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii, Abbaa keessan isa samiitiif ulfina akka kennaniif ifni keessan namoota duratti haa ifu” jedhee isaan gorse.—Maatewos 5:14-16.
ULAAGAA OL AANAA DUUKA BUUTOTA ISAATIIF KENNAME
Geggeessitoonni amantii, Yesuus nama Seera Waaqayyoo cabsu akka taʼetti kan isa ilaalan siʼa taʼu, dhiheenyatti isa ajjeesuuf mariʼatanii turan. Kanaaf Yesuus ifatti, “Ani Seericha yookiin barumsa Raajotaa diiguu kanan dhufe isinitti hin fakkaatin. Ani diiguuf utuu hin taʼin raawwachuufan dhufe” jedhe.—Maatewos 5:17.
Eeyyee, Yesuus Seera Waaqayyootiif iddoo guddaa kenna; namoonni kaanis akkas akka godhan barbaada. Akkana jedheera: “Kanaaf, namni ajajawwan xixinnoo taʼan kanneen keessaa tokko cabsuu fi warri kaanis akka cabsan barsiisu hundi, Mootummaa samiitti galuuf gaʼumsa hin qabaatu.” Yeroo akkana jedhu namni akkasii gonkumaa Mootummichatti hin galu jechuu isaa ti. Achiis, “Namni isaaniin hojii irra oolchuu fi warri kaanis akka hojii irra oolchan barsiisu garuu, Mootummaa samiitti galuuf gaʼumsa qabaata” jedhe.—Maatewos 5:19.
Yesuus amaloota namni tokko Seera Waaqayyoo akka cabsu taasisan illee balaaleffateera. Seerichi “Hin ajjeesin” akka jedhu erga dubbatee booda, “Namni obboleessa isaatti dheekkamuu fi dheekkamsi isaa irraa hin qabbanoofne hundi mana murtiitti itti gaafatama” jedhe. (Maatewos 5:21, 22) Nama tokkotti dheekkamanii turuun balaa guddaa qaba; tarii ajjeechaatti iyyuu nama geessuu dandaʼa. Kanaaf, Yesuus namni tokko nagaa uumuudhaaf hammam dhamaʼuu akka qabu akkana jechuudhaan ibse: “Kanaaf, kennaa kee gara iddoo aarsaatti yeroo fiddu, utuu achi jirtuu obboleessi kee sitti gadduu isaa yoo yaadatte, kennaa kee iddoo aarsaa duratti dhiisii deemi. Achiis jalqaba obboleessa kee wajjin araarami; sana booda deebiʼiitii kennaa kee dhiheessi.”—Maatewos 5:23, 24.
Wanti Seerichi dhorku inni kan biraan ejja dha. Yesuus akkana jedhe: “‘Hin ejjin’ akka jedhame dhageessaniittu. Ani garuu isinitti nan hima: Namni saalqunnamtii raawwachuuf fedhiin inni qabu hamma kakaʼutti dubartii tokko ilaaluu isaa itti fufu hundi garaa isaatti ishii wajjin ejja raawwateera.” (Maatewos 5:27, 28) Yesuus waaʼee yaada sirrii hin taanee fi yeroo gabaabaadhaaf namatti dhufuu dubbachaa hin jiru; kanaa mannaa, namni tokko ‘ilaaluu isaa itti fufuun’ isaa balaa akka qabu dubbachaa jira. Ilaaluu itti fufuun yeroo baayʼee fedhii nama keessatti uuma. Achiis, carraan isaa yoo uumame ejjatti nama geessuu dandaʼa. Namni tokko haalli akkasii akka isa hin mudanne gochuu kan dandaʼu akkamitti? Tarkaanfii cimaa fudhachuun isa barbaachisuu dandaʼa. Yesuus akkana jedhe: “Iji kee mirgaa yoo si gufachiise of keessaa baasii gati. . . . Harki kee mirgaas yoo si gufachiise of irraa kutii gati.”—Maatewos 5:29, 30.
Namoonni tokko tokko lubbuu isaanii oolchuuf jecha harka ykn miilla isaanii dhibee cimaatiin qabame fedhii isaaniitiin kuchisiisaniiru. Yesuus yaada ejjatti nama geessuu fi gocha yaada kanaa wajjin wal qabatee dhufu hambisuuf, wanta kam iyyuu, wanta akka ijaa ykn harkaa iddoo guddaa qabu illee ‘gatuun’ barbaachisaa taʼuu isaa dubbate. Yesuus, “Guutummaan qaama keetii Gahaannamatti gatamuu mannaa, kutaa qaama kee keessaa tokko dhabuu sii wayya” jechuudhaan ibse. Gahaannamni bakka Yerusaalem alatti kosii itti guban siʼa taʼu, jechi kun guutummaatti balleeffamuu argisiisa.
Yesuus namoonni miidhaa nama irra geessisanii fi nama lolan yeroo nu mudatan maal gochuu akka qabnus gorsa kenneera. “Nama hamaa taʼe hin morminaa; kanaa mannaa, nama maddii kee isa mirgaa kabaluuf ati immoo maddii kee isa bitaa itti garagalchi” jedhe. (Maatewos 5:39) Akkas yeroo jedhu, namni tokko namoonni, isaa fi maatii isaa irra miidhaa yoo geessisan of irraa faccisuu hin qabu jechuu isaa miti. Kaballaan Yesuus dubbate, nama miidhuuf ykn ajjeesuuf kabaluu kan argisiisu miti; kanaa mannaa tuffii argisiisa. Yesuus, namni tokko nama kabaluudhaan ykn tuffiidhaan dubbachuudhaan lola ykn falmii kaasuu yoo barbaade, ijaa baʼuu hin qabdan jechuu isaa ti.
Gorsi kun seera Waaqayyoo isa nama jaallachuu akka qabnu dubbatuu wajjin kan wal simu dha. Kanaaf Yesuus, “Diinota keessan jaallachuu fi warra isin ariʼataniif kadhachuu keessan itti fufaa” jechuudhaan namoota isa dhaggeeffataniif gorsa kenne. Achiis maaliif akka taʼe akkana jechuudhaan sababa quubsaa kenne: “Kana yoo gootan ilmaan Abbaa keessan isa samii irraa taʼuu keessan argisiistu; inni aduu isaa namoota hamoo fi namoota gaarii irratti ni baasa.”—Maatewos 5:44, 45.
Yesuus, “Akkuma Abbaa keessan isa samii mudaa hin qabne sanaa, isinis mudaa kan hin qabne taʼaa” jechuudhaan kutaa lallaba isaa kana xumure. (Maatewos 5:48) Namoonni mudaa kan hin qabne taʼuu ni dandaʼu jechuu isaa akka hin taane beekamaa dha. Taʼus, fakkeenya Waaqayyoo hordofuudhaan jaalala keenya balʼisuu fi diinota keenya illee jaallachuu ni dandeenya. Karaa biraatiin, “Akkuma Abbaan keessan gara laafessa taʼe, isinis gara laafeyyii taʼaa.”—Luqaas 6:36.
KADHANNAA FI WAAQAYYOTTI AMANAMUU
Yesuus lallaba isaa itti fufuudhaan, “Namootatti argisiifachuuf jettanii hojii qajeelummaa keessan isaan duratti akka hin hojjenne of eeggadhaa” jechuudhaan dhaggeeffattoota isaa gorse. Achiis, “Yommuu hiyyeessotaaf kennitu akka fakkeessitoonni . . . godhan, malakanni akka siif afuufamu hin godhin” jechuudhaan nama Waaqayyoo akka taʼan of argisiisuun sirrii akka hin taane dubbate. (Maatewos 6:1, 2) Kennaa yeroo kenninu dhuunfaatti namaaf kennuu wayya.
Yesuus itti aansee akkana jedhe: “Yommuu kadhattanis, akka fakkeessitootaa hin taʼinaa; isaan warri kaan akka isaan arganiif mana sagadaa fi qarqara karaa guguddaa irra dhaabatanii kadhachuu jaallatu.” Achiis, “Yeroo kadhattu, gara kutaa kee seeni; balbala kees cufadhuutii Abbaa kee isa iddoo dhoksaa jiru kadhadhu” jedhe. (Maatewos 6:5, 6) Yesuus kadhannaan namoota duratti dhihaatu hundi dogoggora dha jechaa hin jiru; sababiin isaas inni iyyuu namoota duratti kadhannaa dhiheessee beeka. Kanaa mannaa, kadhannaa xiyyeeffannaa namoota dhaggeeffatanii harkisuuf, akkasumas jajamuuf dhihaatu mormuu isaa ti.
Yesuus, “Yommuu kadhattan akka namoota saba Waaqayyoo hin taaneetti waanuma wal fakkaatu irra deddeebitanii hin dubbatinaa” jedhee isaan gorse. (Maatewos 6:7) As irratti waaʼee dhimma tokkoo irra deddeebiʼanii kadhachuun dogoggora akka taʼe dubbachuu isaa miti. Kanaa mannaa, wanta tokko sammuutti qabatanii ‘irra deddeebiʼuun,’ jechuunis barsiifataan kadhachuun sirrii miti jechuu isaa ti. Achiis, kadhannaa wantoota torba of keessatti qabate akka fakkeenyaatti isaanitti hime. Wantoonni inni jalqaba irratti caqase sadii Waaqayyo bulchuuf aangoo kan qabu taʼuu isaatiif beekamtii kan kennan siʼa taʼu, kaayyoon isaa akka taʼu, jechuunis maqaan isaa akka qulqullaaʼu, Mootummaan isaa akka dhufuu fi fedhiin isaa akka taʼu kan ibsani dha. Nyaata guyyaa akka nuu kennu, cubbuu keenya akka nuu dhiisu, wanta humna keenyaa ol taʼeen akka hin qoramne akka nu eeguu fi hamaa irraa akka nu oolchu gaafachuu kan qabnu waaʼee wantoota kanaa erga kadhannee booda dha.
Qabeenyaaf iddoo akkamii kennuu qabna? Yesuus, “Bakka biliin nyaatuu fi ligidni balleessutti, akkasumas bakka hattuun cabsee hatuu dandaʼutti ofii keessaniif lafa irratti qabeenya kuufachuu dhiisaa” jedhee namoota kana gorse. Yaadi kun baayʼee sirrii dha! Qabeenyi baduu ni dandaʼa, ni badas; qabeenyi keenya hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnu jabeessuu irratti gaʼee hin qabu. Kanaaf, Yesuus itti aansuudhaan, “Samii irratti qabeenya kuufadhaa” jedhe. Jireenya keenya keessatti tajaajila Waaqayyootiif dursa kennuudhaan akkas gochuu dandeenya. Hariiroo gaarii Waaqayyoo wajjin qabnuu fi jireenya bara baraa inni nu badhaasu nu jalaa fudhachuu kan dandaʼu hin jiru. Yaadni Yesuus, “Bakkuma qabeenyi kee jiru sana garaan kees achuma ni taʼa” jechuudhaan dubbate dhugaa dha.—Maatewos 6:19-21.
Yesuus yaada kana caalaatti ifa gochuuf, fakkeenyatti fayyadame. Akkana jedhe: “Ibsaan qaamaa ija dha. Kanaaf, iji kee sirriitti kan ilaalu yoo taʼe, guutummaan qaama kee ifaa taʼa. Iji kee kan hinaafu yoo taʼe garuu, guutummaan qaama kee dukkana taʼa.” (Maatewos 6:22, 23) Iji keenya sirriitti yeroo hojjetu, qaama keenyaaf akkuma ibsaa taʼa. Sirriitti akka hojjetuuf garuu wanta tokko irratti xiyyeeffachuu qaba. Taʼuu baanaan, jireenyaaf ilaalcha dogoggoraa qabaachuu dandeenya. Waaqayyoon tajaajiluu mannaa qabeenya irratti yoo xiyyeeffanne, ‘guutummaan qaama keenyaa dukkana taʼa,’ tarii gocha dukkanaaʼaa ykn sirrii hin taane raawwachuu jalqabna.
Yesuus itti aansuudhaan, fakkeenya ergaa cimaa qabutti fayyadame. Akkana jedhe: “Namni gooftolii lamaaf garbicha taʼee bitamuu dandaʼu hin jiru; isa tokko jibbee isa kan biraa jaallata; yookiin isa tokkotti maxxanee isa kan biraa tuffata. Waaqayyoo fi qabeenyaaf bitamuu hin dandeessan.”—Maatewos 6:24.
Namoonni Yesuusiin dhaggeeffachaa jiran tokko tokko wantoota jireenyaaf isaan barbaachisaniif ilaalcha akkamii qabaachuu akka qaban isaan yaaddessee taʼuu dandaʼa. Kanaaf, tajaajila Waaqayyootiif dursa yoo kennan dhiphachuu akka hin qabne isaaniif mirkaneesse. Akkana isaaniin jedhe: “Simbirroota samii xiyyeeffannaadhaan ilaalaa; isaan sanyii hin facaasan yookiin hin haaman yookiin gootaraatti hin galchan; taʼus Abbaan keessan inni samii isaan soora.”—Maatewos 6:26.
Abaaboowwan gaara sana irra jiran ilaalchisee hoo maal jedhe? Yesuus, “Solomoon inni ulfina hamma sana qabu illee, isaan keessaa hamma ishii tokkoo illee hin miidhagne” jedhe. Kun maal argisiisa? “Waaqayyo biqiltoota bakkee warra harʼa argamanii bor gara ibiddaatti gataman akkanatti uffisa erga taʼee, . . . isinitti immoo kana caalaa hin uffisuu ree?” (Maatewos 6:29, 30) Yesuus akkana jechuudhaan gorsa ogummaa irratti hundaaʼe kenne: “‘Maal nyaanna?’ yookiin ‘Maal dhugna?’ yookiin ‘Maal uffanna?’ jettanii matumaa hin yaaddaʼinaa. . . . Abbaan keessan inni samii wantoonni kun hundi akka isin barbaachisan beeka. Isin garuu, hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa; wantoonni kun hundis isiniif ni dabalamu.”—Maatewos 6:31-33.
JIREENYA ARGACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
Ergamoonni Yesuusii fi namoonni garaa qajeelaa qaban kaan karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachuu kan barbaadan taʼus haalli isaanii, kun akka isaanitti ulfaatu taasiseera. Fakkeenyaaf, Fariisonni hedduun akka isaan sirrii hin taane dubbachuudhaan namoota ceephaʼu. Kanaaf Yesuus, “Akka isinitti hin murteeffamne warra kaanitti murteessuu dhiisaa; murtiin namoota irratti murteessitan isin irratti ni murteeffama” jechuudhaan dhaggeeffattoota isaa gorse.—Maatewos 7:1, 2.
Fariisota garmalee nama ceephaʼan kana hordofuun balaa qaba. Yesuus haala kana, “Namni jaamaan jaamaatti karaa argisiisuu dandaʼaa? Lamaanuu boolla keessatti hin kufanii?” jechuudhaan fakkeenyaan ibse. Dhaggeeffattoonni Yesuus namootaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabu ree? Namoota ceephaʼuun dogoggora cimaa waan taʼeef, ilaalcha akkasii namootaaf qabaachuu hin qaban. Yesuus akkana jedhe: “Jirma ija kee keessa jiru utuu hin argin akkamitti obboleessa keetiin, ‘Obboleessa ko, huuba ija kee keessa jiru siif nan baasa’ jetta? Fakkeessituu nana! Dura jirma ija kee keessa jiru baasi; achiis huuba ija obboleessa kee keessa jiru baasuuf sirriitti ilaaluu dandeessa.”—Luqaas 6:39-42.
Haa taʼu malee, namoota ceephaʼuu baannus, murtii tokko tokko gochuu qabna. Yesuus, “Wanta qulqulluu taʼe sarootaaf hin kenninaa. . . . Callee keessan booyyee duratti hin darbatinaa” isaaniin jedhe. (Maatewos 7:6) Dhugaan Dubbii Waaqayyoo keessa jiru akkuma callee gati jabeessa ti. Namoonni tokko tokko dhugaa gati jabeessa taʼe kana fudhachuu diduudhaan amala bineensotaa wajjin wal fakkaatu yoo argisiisan, barattoonni isaaniin dhiisanii warra fedhii qaban barbaaduu qabu.
Yesuus waaʼee kadhannaatti deebiʼuudhaan, kadhannaatti jabaachuun barbaachisaa taʼuu isaa addeesse. “Kadhachuu keessan itti fufaa isiniif ni kennama” jedhe. Akkuma Yesuus itti aansuudhaan fakkeenyaan ibse Waaqayyo kadhannaadhaaf deebii kennuuf qophaaʼaa dha. Akkana jedhe: “Isin keessaa namni ilmi isaa daabboo yoo isa kadhate dhagaa kan isaaf kennu eenyu? . . . Kanaaf, isin hamoota taatanii utuu jirtanii ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, Abbaan keessan inni samii irra jiru immoo warra isa kadhataniif wanta gaarii caalchisee hin kennuu ree?”—Maatewos 7:7-11.
Sana booda Yesuus, “Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hunda, isinis akkanuma isaaniif godhaa” jechuudhaan seera amalaa yeroo booda beekamaa taʼe tokko dubbate. Maarree, hundi keenya gorsa gaarii taʼe kana yaadachuu fi hariiroo namootaa wajjin qabnuu wajjin haala wal qabateen hojii irra oolchuu hin qabnuu? Haa taʼu malee, akkas gochuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Yesuus akkana jedhe: “Karaa karra isa dhiphaa ol seenaa; karri badiisatti geessu balʼaa dha; daandiin isaas guddaa dha; namoonni irra adeemanis baayʼee dha; karri gara jireenyaatti geessu immoo dhiphaa dha; daandiin isaas qalʼoo dha; namoonni isa argatanis muraasa.”—Maatewos 7:12-14.
Namoonni barattoota isaa daandii jireenyatti geessu irraa maqsuu barbaadan waan jiraniif, Yesuus, “Raajota sobaa keessa isaaniitti yeeyyii beelaʼe taʼanii fi kalʼee hoolaa uffatanii gara keessan dhufan irraa of eeggadhaa” jechuudhaan isaan akeekkachiise. (Maatewos 7:15) Yesuus, mukti gaarii fi mukti gadheen ija isaatiin akka beekamu dubbate. Namootaa wajjin haala wal qabateenis haalli isaa akkasuma. Kanaaf, raajota sobaa barumsaa fi gocha isaaniitiin beekuu dandeenya. Eeyyee, Yesuus namni tokko barataa isaa akka taʼu kan godhu wanta inni dubbatu qofa utuu hin taʼin, gocha isaa akka taʼe ibse. Namoonni tokko tokko Yesuus Gooftaa isaanii akka taʼe dubbatu; haa taʼu malee, fedha Waaqayyoo raawwachaa hin jiran yoo taʼe hoo? Yesuus, “‘Isin warra hamaa hojjettan nana! Na biraa badaa, ani matumaa isin hin beeku!’ isaaniin nan jedha” jedhe.—Maatewos 7:23.
Yesuus xumura lallaba isaa irratti akkana jedhe: “Namni dubbii koo kana dhagaʼee hojii irra oolchu, nama hubataa mana isaa qarsaa irratti ijaarrate fakkaata. Bokkaan ni roobe, lolaan ni lolaʼe, qilleensis ni qilleensaʼe, manichas ni rukute; haa taʼu malee manichi qarsaa irratti waan hundeeffameef hin jigne.” (Maatewos 7:24, 25) Manichi kan hin jigne maaliifi? Namichi ‘gad fageessee qotee buʼuura manichaa qarsaa irra waan kaaʼeefi.’ (Luqaas 6:48) Kanaaf, dubbii Yesuus dhagaʼuun qofti gaʼaa miti. ‘Hojii irra oolchuuf’ carraaquu qabna.
Haa taʼu malee, waaʼee nama ‘dubbii kana dhagaʼee hojii irra hin oolchinee’ maal jechuu dandeenya? Namni kun “nama gowwaa mana isaa cirracha irratti ijaarrate fakkaata.” (Maatewos 7:26) Bokkaan, lolaanii fi qilleensi mana akkasii diiguu dandaʼa.
Namoonni walitti qabamanii jiran akkaataan Yesuus lallaba kana irratti itti barsiise baayʼee isaan dinqisiise. Akka geggeessitoota amantiitti utuu hin taʼin akka nama aangoo qabuutti isaan barsiise. Namoota isa dhaggeeffachaa turan keessaa hedduun barattoota isaa taʼuu hin oolle.