Kadhannaa Fakkeenya Taʼuu Wajjin Haala Wal Simuun Jiraadhaa—Kutaa 1
“Maqaan kee qulqulluu taʼee haa eegamu.”—MAT. 6:9.
1. Tajaajila keenya irratti Maatewos 6:9-13tti akkamitti fayyadamna?
NAMOONNI hedduun kadhannaa Maatewos 6:9-13 irratti argamu jechaa jechatti irra deebiʼuu ni dandaʼu. Manaa gara manaatti yeroo tajaajillu, Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa dhugumaan jiruu fi yeroo dhihootti lafa irratti jijjiirama guddaa fidu taʼuu isaa namni nuti haasofsiisnu akka hubatu gargaaruuf yeroo baayʼee kadhannaa kana Macaafa Qulqulluu irraa itti argisiisna. Yookiin immoo, yaada kadhannaa kana keessa jirutti fayyadamuudhaan Waaqayyo maqaa dhuunfaa qulqulleeffamuu qabu akka qabu ibsuuf itti fayyadamna taʼa.—Mat. 6:9.
2. Yesus kadhannaan fakkeenya taʼu jechaa jechatti irra deddeebiʼamee akka kadhatamu akka hin yaadne kan beeknu akkamitti?
2 Haa taʼu malee, Yesus kadhannaa kana kan nu barsiise akkuma namoonni Saba Kiristiyaanaa keessa jiran godhan yeroo kadhannu hundatti jechaa jechatti akka irra deddeebinu barbaadee tii? Lakki. Yesus kadhannaa kana akka fakkeenyaatti dubbachuu isaa dura, “Yeroo kadhattanis . . . dubbii waaʼee hin baafne [“waanuma wal fakkaatu,” NW] keessa hin deddeebiʼinaa!” jedheera. (Mat. 6:7) Yesus yeroo kan biraatti kadhannaa kana irra deebiʼee yeroo barsisetti, jechoota kan biraatti fayyadameera. (Luq. 11:1-4) Karaa kanaan Yesus wantoonni kadhannaa keenya irratti caqasuun nu barbaachisu maalfaa akka taʼanii fi duraa duubni barbaachisummaa isaanii maal akka taʼe akka beeknu nu gargaareera. Kanaafuu, kadhannaan kun kadhannaa fakkeenya taʼu jedhamuun isaa sirrii dha.
3. Kadhannaa fakkeenya taʼu yeroo qorrutti gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna?
3 Mata duree kanaa fi isa itti aanu irratti qabiyyee kadhannaa fakkeenya taʼu kanaa qorra. Akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Kadhannaan fakkeenya taʼu kun kadhannaa koo fooyyessuuf kan na gargaaru akkamitti? Hunda caalaa immoo kadhannaa kanaa wajjin wal simee jiraachaan jiraa?’
“YAA ISA WAAQA IRRA JIRTU ABBAA KEENYAA!”
4. Yaanni “Abbaa keenya” jedhu maal nu yaadachiisa? Yihowaan Kiristiyaanota lafa irra jiraachuuf abdii qabaniif “Abbaa” kan taʼe akkamitti?
4 “Abbaa koo” utuu hin taʼin “Abbaa keenya” jedhamuun isaa, “obbolummaa amantootaa” dhugumaan wal jaallatu qabaachuu keenya nu yaadachiisa. (1 Phe. 2:17) Kun mirga guddaa dha! Kiristiyaanonni dibamoon, warri ilmaan Waaqayyoo taʼanii fi gara fuulduraatti samii irra jiraachuuf abdii qaban, guutummaatti Yihowaa “Abbaa keenya” jedhanii waamuu ni dandaʼu. (Rom. 8:15-17) Kiristiyaanonni bara baraaf lafa irra jiraachuuf abdii qabanis Yihowaa “Abbaa keenya” jedhanii waamuu ni dandaʼu. Jireenya kan isaanii kenne isa dha; wanta tajaajiltoota isaa warra dhugaatiif barbaachisu kan guutus isa dha. Namoonni lafa irra jiraachuuf abdii qaban, cubbuu irraa walaba erga taʼanii fi yeroo qorumsaa isa dhumaatti amanamoo taʼuu isaanii erga mirkaneessanii booda, guutummaatti ijoollee Waaqayyoo ni taʼu.—Rom. 8:21; Mul. 20:7, 8.
5, 6. Kennaa gaariin warri ijoollee isaaniitiif kennuu dandaʼan maali dha? Ijoolleen hoo kennaa kanatti fayyadamanii maal gochuu qabu? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
5 Warri, ijoolleen isaanii akkamitti kadhachuu akka qaban yeroo barsiisanii fi Yihowaa akka Abbaa isaanii isa samii isaan kunuunsutti akka ilaalan yommuu isaan gargaaran kennaa gaarii taʼe isaaniif kennaa jiru jechuu dha. Obboleessi amma Afriikaa Kibbaa keessatti daawwataa ol aanaa aanaa taʼee tajaajilaa jiru akkana jedheera: “Bakka kan biraa hamman hin deemnetti, guyyaa dhalatanii kaasee ijoollee durbaa keenyaa wajjin yeroo hunda galgala galgala nan kadhadhan ture. Ijoolleen keenya jechootan kadhannaa koo irratti itti fayyadamu sirriitti akka hin yaadanne yeroo baayʼee ni dubbatu. Haa taʼu malee, haala yeroo sana ture, Abbaa keenya Yihowaa wajjin wal qunnamuun ulfina qabeessa taʼuu isaa, akkasumas miira tasgabbii fi nagaa isaanitti dhagaʼamaa ture ni yaadatu. Ofiin kadhachuu yeroo itti dandaʼanii kaasee yaadaa fi miira isaanii Yihowaadhaaf ennaa ibsan dhagaʼuu akkan dandaʼuuf sagalee isaanii baasanii akka kadhatan isaan jajjabeesseera. Kunis wanta garaa isaanii keessa jiru beekuuf carraa gaarii naa baneera. Achii, kadhannaan isaanii buʼuura gaarii akka qabaatuuf, yaadawwan kadhannaa isa fakkeenya taʼu irratti ibsaman kadhannaa isaanii irratti akka dabalanan isaan barsiise.”
6 Ijoolleen obboleessa kanaa karaa hafuuraa guddina gaarii gochuun isaanii nama hin dinqisiisu. Amma gaaʼela gammachuu qabu kan qaban siʼa taʼu, abbootii manaa isaanii wajjin tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachuudhaan jaalala Waaqayyoo raawwachaa jiru. Warri, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaatan gochuu caalaa kennaa kan biraa ijoollee isaaniitiif kennuu hin dandaʼan. Dhugaa dha, walitti dhufeenya gati jabeessa taʼe kana eeganii jiraachuun itti gaafatamummaa ijoollee ti. Kunis maqaa Waaqayyoo jaallachuu fi maqaa kana ulfina guddaadhaan qabuu kan dabalatu dha.—Far. 5:11, 12; 91:14.
“MAQAAN KEE QULQULLUU TAʼEE HAA EEGAMU”
7. Sabni Waaqayyoo mirga akkamii qabu? Mirgi kun hoo itti gaafatamummaan akkamii akka nu irra jiraatu godha?
7 Maqaa Waaqayyoo beekuu qofa utuu hin taʼin, “namoota maqaa isaatiif taʼan” taʼuun keenya mirga guddaa dha. (HoE. 15:14, NW; Isa. 43:10) Abbaa keenya isa samii, “Maqaan kee qulqulluu taʼee haa eegamu” jennee ni kadhanna. Akkas jettee kadhachuun kee, wanta maqaa isaa isa qulqulluu irratti arrabsoo fidu kam iyyuu gochuu ykn dubbachuu irraa akka fagaattu akka si gargaaru Yihowaa kadhachuuf si kakaasuu dandaʼa. Akka namoota jaarraa jalqabaa wanta dubbatan hojii irra hin oolchine tokko tokkoo taʼuu hin barbaadnu. Phaawulos ergamaan, “Sababii keessaniif maqaan Waaqayyoo warra saba Waaqayyoo hin taʼin gidduutti in arrabsama” jechuudhaan waaʼee isaanii barreesseera.—Rom. 2:21-24.
8, 9. Yihowaan namoota qulqullinni maqaa isaa isaan yaaddessu akkamitti akka eebbisu fakkeenya argisiisu dubbadhu.
8 Maqaa Waaqayyoo qulqulleessuu ni barbaadna. Obboleettiin Noorweey keessa jiraattu tokko, abbaan manaa ishee yeroo isaa malee yeroo duʼetti ilma ishee waggaa lamaa wajjin kophaa hafte. Akkana jetteetti: “Yeroon kun, jireenya koo keessatti yeroo baayʼee ulfaataa ture dha. Murtoo sirrii hin taane godhee ykn amanamummaa koo balleessee, Seexanni sababii Yihowaa itti arrabsu akka argatu akkan hin goonetti miira koo toʼachuu akkan dandaʼu guyyaa hunda saʼaatii saʼaatiitti nan kadhadhan ture. Maqaa Yihowaa qulqulleessuu, akkasumas mucaan koo Jannata keessatti abbaa isaa akka argatu nan barbaada.”—Fak. 27:11.
9 Yihowaan kadhannaa ofittummaa irraa walaba taʼe kanaaf deebii kenneeraa? Eeyyee. Obboleettiin kun yeroo hunda obboloota hafuuraa isheedhaaf yaadanii wajjin taʼuudhaan gargaarsa argatteetti. Waggaa shan booda jaarsa gumii tokkotti heerumte. Ilmi ishee inni amma umuriin isaa waggaa 20 taʼe obboleessa cuuphame dha. “Abbaan manaa koo isa guddisuu akkan dandaʼu waan na gargaareef gammachuu guddaatu natti dhagaʼama” jetteetti.
10. Maqaan Waaqayyoo guutummaatti akka qulqulleeffamuuf maaltu barbaachisa?
10 Maqaan Waaqayyoo guutummaatti akka qulqullaaʼuu fi arrabsoo irraa walaba akka taʼu gochuuf maaltu barbaachisa? Kun akka taʼu, Yihowaan qaamota taʼe jedhanii ol aantummaa isaa fudhachuu didan balleessuu qaba. (Hisqiʼel 38:22, 23 dubbisi.) Ilmaan namootaa suuta suuta cubbuu irraa guutummaatti walaba taasifamu. Yeroo uumamawwan yaaduu dandaʼan hundi maqaa Yihowaa itti qulqulleessan hawwiidhaan eegganna! Dhuma irratti, Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa taʼe ‘hundumaatiif waan hunda ni taʼa.’—1 Qor. 15:28, NW.
“MOOTUMMAAN KEE HAA DHUFU”
11, 12. Yihowaan naannoo dhuma jaarraa 19ffaatti Kiristiyaanonni dhugaan maal akka hubatan godhe?
11 Yesus gara samiitti ol baʼuu isaa dura duuka buutonni isaa, “Yaa gooftaa, siʼa kana Israaʼeliif mootummaa deebiftaafii ree?” jedhanii isa gaafatanii turan. Deebiin Yesus isaanii kenne, Mootummaan Waaqayyoo bulchuu kan jalqabu yoom akka taʼe yeroon itti beekan akka hin geenye argisiisa. Duuka buutonni isaa hojii lallabaa barbaachisaa taʼe hojjechuu irratti akka xiyyeeffatan isaanitti hime. (Hojii Ergamootaa 1:6-8 dubbisi.) Taʼu iyyuu Yesus yeroo Mootummaan Waaqayyoo itti dhufu hawwiidhaan akka eeggatan isaan barsiiseera. Kanaafuu, bara ergamootaatii jalqabee Kiristiyaanonni Mootummichi akka dhufu kadhachaa jiru.
12 Yeroon Mootummaan Waaqayyoo inni Yesusiin geggeeffamu samii irratti bulchuu itti jalqabu yommuu dhihaatetti, Yihowaan tajaajiltoonni isaa yeroo isaa akka hubatan gargaareera. Bara 1876tti mata dureen Chaarlis Teez Raasil barreesse tokko barruu Baayibil Egzaaminar jedhamu irratti baʼee ture. Mata dureen kun, “Barri Warra Saba Waaqayyoo Hin Taʼinitti Kenname Kan Xumuramu Yoomi?” kan jedhu siʼa taʼu, barri 1914 bara iddoo guddaa qabu akka taʼe ibseera. Akkasumas, “barri torba” inni raajii Daaniʼel irratti ibsame ‘bara warra saba Waaqayyoo hin taʼinitti kennamee’ fi Yesus dubbatee wajjin akka wal qabatu ibseera.a—Dan. 4:16; Luq. 21:24.
13. Bara 1914tti maaltu taʼe? Haalli addunyaa yeroo sanaa kaasee jiru maal mirkaneessa?
13 Bara 1914tti saboota Awurooppaa gidduutti waraanni kan jalqabe siʼa taʼu, yeroo booda babalʼatee guutummaa addunyaa waliin gaʼe. Waraanichi bara 1918tti ennaa dhaabatu immoo, hirʼina nyaataa hamaa, akkasumas dhukkuba iinfluweenzaa namoota waraanicha irratti dhuman caalaa namoota hedduu fixetu uumame. Kanaafuu, “milikkinni” Yesus karaa hin mulʼanneen Mootii haaraa lafa bulchu taʼee akka argame mulʼisu raawwii isaa argachuu ni jalqabe. (Mat. 24:3-8; Luq. 21:10, 11) Ragaawwan jiran akka argisiisanitti, “gonfoon” Gooftaa keenya Yesus Kiristosiif kan “kenname” bara 1914tti dha. Inni “moʼaa, ammas moʼuudhaaf in baʼe.” (Mul. 6:2) Yesus, Seexanaa fi ergamoota isaa warra gara naannoo lafaatti darbatamanii wajjin waraana banuudhaan samii qulqulleesseera. Yeroo sanaa kaasee, ilmaan namootaa yaadni armaan gadii geggeessaa hafuuraatiin barreeffame dhugaa taʼuu isaa hubataniiru: “Yaa lafaa, yaa galaanaa, Seexanni gara keessanitti waan gad buʼeef isiniif garuu wayyoo! Inni yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf, guddaa aareera!”—Mul. 12:7-12.
14. (a) Yeroo harʼaattis Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu kadhachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Mirga akkamii arganneerra?
14 Raajiin Mulʼata 12:7-12 irratti argamu Mootummaan Waaqayyoo bulchuu akkuma jalqabeen rakkinni nama suukanneessu ilmaan namootaa irra gaʼuu kan jalqabe maaliif akka taʼe ibsa. Yesus inni Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼe diinota isaa gidduutti bulchuu jalqabe. Guutummaatti bulchuu jalqabee hammina lafa irraa hanga balleessutti, Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu kadhachuu keenya itti fufna. Akkasumas, raawwii kutaa ‘milikkitichaa’ dinqisiisaa taʼe tokko irratti hirmaachuudhaan, kadhannaa keenya kanaa wajjin haala wal simuun jiraachuu qabna. Yesus, “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jechuudhaan dursee dubbateera.—Mat. 24:14.
“JAALALLI KEE . . . LAFA IRRATTI HAA TAʼU”
15, 16. Kadhannaa jaalalli Waaqayyoo lafa irratti akka taʼu dhiheessinuu wajjin haala wal simuun jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?
15 Gara waggaa 6,000 dura fedhiin Waaqayyoo lafa irratti guutummaatti taʼaa ture. Yihowaan haala ilmaan namootaa jalqaba ture ilaaluudhaan, “Baayʼee gaarii ture” kan jedhe kanaafi dha. (Uma. 1:31) Sana booda garuu Seexanni mormii kan kaase siʼa taʼu, yeroo sanaa kaasee lafa irratti fedha Waaqayyoo kan raawwatan namoota muraasa dha. Haa taʼu malee, yeroo Dhugaa Baatonni gara miliyoona saddeetii taʼanii fi jaalalli Waaqayyoo lafa irratti akka taʼu kadhachuu qofa utuu hin taʼin kadhannaa kanaa wajjin haala wal simuun jiraachaa jiran kanatti lubbuudhaan jiraachuun mirga guddaa dha. Kanas kan godhan akkaataa jireenyaa isaaniitiin, akkasumas hojii bartoota gochuu irratti hinaaffaadhaan hirmaachuudhaani.
16 Fakkeenyaaf, obboleettiin bara 1948tti cuuphamtee fi Afriikaa keessatti misiyoonii taatee tajaajilaa jirtu tokko akkana jetteetti: “Kutaa kadhannaa fakkeenya taʼu kanaa wajjin haala wal simuun, namoonni hoolaatti fakkeeffaman yeroon utuu itti hin darbin akka argamanii fi Yihowaa beekuuf gargaarsa akka argatan yeroo baayʼeen kadhadha. Akkasumas, yeroon nama tokko haasofsiisuuf jedhu garaa nama sanaa tuquu akkan dandaʼuuf ogummaa argachuuf nan kadhadha. Warra hoolaatti fakkeeffamanii fi nuu wajjin wal argan ilaalchisee immoo Yihowaan isaan kunuunsuuf carraaqqii nuti goonu akka nuuf eebbisu nan kadhadha.” Obboleettiin umuriin ishee waggaa 80 taʼe kun tajaajila ishee irratti milkaaʼina kan argattee fi gargaarsa warra kaaniitiin namoonni hedduun Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan kan gargaarte taʼuun isaa nama hin dinqisiisu. Ati hoo obboloota kan dullooman taʼus, hinaaffaadhaan jaalala Waaqayyoo raawwachaa jiran yaadachuu ni dandeessaa?—Filiphisiiyus 2:17 dubbisi.
17. Wanta Yihowaan gara fuulduraatti ilmaan namootaa fi lafaaf godhu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?
17 Diinonni Mootummaa Waaqayyoo hanga lafa irraa balleeffamanitti jaalalli Waaqayyoo lafa irratti akka taʼu kadhachuu keenya itti fufna. Achii, lafti erga jannata taatee booda namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman yommuu duʼaa kaafamanitti jaalalli Waaqayyoo guutummaatti yeroo taʼu argina. Yesus, “Waaʼee kanaa hin dinqifatinaa; warri duʼanii awwaalaman sagalee [koo] yeroon itti dhagaʼan in dhufa” jedheera. (Yoh. 5:28, 29) Lubbuudhaan jiraannee namoota jaallannuu fi duʼaa kaafaman simachuun baayʼee kan nama gammachiisu dha! Waaqayyo “imimmaan hundumaa ija [keenya irraa] in haqa.” (Mul. 21:4) Namoota duʼaa kaafaman keessaa hedduun isaanii “jalʼoota,” jechuunis namoota dhugaa waaʼee Waaqa keenya Yihowaa fi Ilma isaa dubbatu utuu hin baratin duʼani dha. Namoonni duʼaa kaafaman “jireenya barabaraa” argachuuf gaʼumsa akka qabaataniif, jaalala Waaqayyoo fi kaayyoo isaa isaan barsiisuun mirga guddaa dha.—HoE. 24:15; Yoh. 17:3.
18. Wanti caalaatti ilmaan namootaa barbaachisu maali dha?
18 Uumama cufa irratti nagaa fi tokkummaan argamuu kan dandaʼu, karaa Mootummaa Waaqayyoo maqaan Yihowaa yeroo qulqulleeffamutti dha. Eeyyee, Waaqayyo kadhannaa fakkeenya taʼu keessaa kadhannaawwan sadan jalqabaatiif yeroo deebii kennu, wantoota ilmaan namootaatiif caalaatti barbaachisan ni guuta. Kadhannaa Yesus akka fakkeenyaatti barsiise keessatti kadhannaawwan ibsaman afur wantoota ilmaan namootaa barbaachisan gara biraa qabataniiru. Kadhannaawwan kun mata duree itti aanu keessatti ibsamu.
a Raajiin kun bara 1914tti yeroo Mootummaan Masiihichaa hundeeffametti raawwii isaa kan argate akkamitti akka taʼe beekuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu fuula 215-218 ilaali.