BOQONNAA 5
Akka Itti Biyya Lafaarraa Adda Ba’anii Jiraachuun Danda’amu
“Isin kan biyya lafaa [miti].”—YOHANNIS 15:19.
1. Yesus galgala dhuma nama ta’ee lafarratti dabarsetti wanti inni cimsee dubbate maalidha?
YESUS dhuma galgala nama ta’ee lafarratti dabarsetti nageenyi bartootasaa gara fuulduraa baay’ee akka isa yaaddesse dubbateera. Kana ilaalchisees akkas jechuudhaan Abbaasaa kadhateera: “Isa hamaattii akka isaan eegduuf malee, biyya lafaa keessaa akka isaan baaftuuf si hin kadhadhu. Akkuma ani kan biyya lafaa hin ta’in, isaanis kan biyya lafaa miti.” (Yohannis 17:15, 16) Yesus kadhannaa garaadhaa dhiheesse kanaan, bartootasaa baay’ee akka jaallatu kan ibse yommuu ta’u, galgaluma sana yeroo muraasa dura isaan keessaa warra tokko tokkoon: “Isin kan biyya lafaa” miti jechuudhaan wanti kun baay’ee barbaachisaa ta’uusaa argisiiseera. (Yohannis 15:19) Bartoonnisaa biyya lafaarraa adda ba’anii jiraachuunsaanii Yesusiif baay’ee barbaachisaa ta’uunsaa ifaadha!
2. ‘Biyyi lafaa’ Yesus caqase maalidha?
2 ‘Biyyi lafaa’ Yesus caqase ilmaan namootaa warra Waaqayyorraa fagaataniifi to’annaa Seexanaa jala jiran, jechuunis amala ofittummaafi hafuura of bokoksuu isa Seexanarraa madduuf gabrooman hundaa kan argisiisudha. (Yohannis 14:30; Efesoon 2:2; 1 Yohannis 5:19) Dhugumayyuu, “Biyya lafaatti michoomuun diina Waaqayyoo” ta’uudha. (Yaaqoob 4:4) Namoonni jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguu barbaadan hundi, biyya lafaa keessa jiraatanis adda ba’uu kan danda’an akkamitti? Karaawwan shan ilaalla: Mootummaa Waaqayyoo isa Kiristosiin buluuf amanamoo ta’uufi siyaasa keessa galuu dhiisuu, hafuura biyya lafaa mormuu, akkaataa uffannaafi miidhaginaatiin kan of qabnu ta’uu, ija fayyaa qabaachuufi mi’a lolaa isa kan hafuuraa hidhachuun adda ta’uu dandeenya.
SIYAASA KEESSA GALUU DHIISUUFI AMANAMOO TA’ANII JIRAACHUU
3. (a) Yesus siyaasa barasaatti tureef ilaalcha akkamii qaba ture? (b) Duuka buutonni Kiristos warri dibamoon ambaasaaddaroota Kiristos ta’anii tajaajilu jechuun kan danda’amu akkamitti? (Yaada miiljalee itti dabali.)
3 Yesus siyaasa bara sana ture keessa galuu mannaa, waa’ee Mootummaa Waaqayyoo isa gara fuulduraatti Mootii ta’ee bulchu lallabuurratti xiyyeeffatee ture. (Daani’el 7:13, 14; Luqaas 4:43; 17:20, 21) Kanaaf Bulchaa warra Roomaa, Phonxos Philaaxos duratti yommuu dhihaate: “Mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti” jechuu danda’eera. (Yohannis 18:36) Duuka buutonnisaa amanamoo ta’anis, Kiristosiifi Mootummaasaatiif amanamoo ta’uudhaan waa’ee Mootummichaa biyya lafaatti beeksisuudhaan fakkeenyasaa hordofu. (Maatewos 24:14) Phaawulos, “Nuyi afaan [“ambaasaaddaroota,” NW] Kristos taanee ergamneerra; . . . ‘Waaqayyotti araaramaa!’ jennee qooda Kristos taanee isin in kadhanna” jechuudhaan barreesseera.a—2 Qorontos 5:20.
4. Kiristiyaanonni dhugaa hundi, amanamummaa Mootummaa Waaqayyoof qaban akkamitti argisiisuu danda’u? (Saanduqa “Kiristiyaanonni Durii Siyaasarraa Walaba Turan” jedhu ilaali.)
4 Ambaasaaddaroonni bulchiinsa biyya birmaduu taate tokko kan bakka bu’an waan ta’aniif, dhimma dhuunfaa biyya itti tajaajilaa jiran keessaa hin seenan. Ta’us, faayidaafi fedhii biyya bakka bu’anii hojjetan sanaa geggeessu. Haalli Kiristiyaanota dibamoo duuka buutota Kiristos warra ‘biyya waaqarraas kanaa wajjin wal fakkaata. (Filiphisiiyus 3:20) Waa’ee Mootummichaa hinaaffaan lallabuudhaan, ‘hoolonni kan biraan’ miliyoonaan lakkaa’aman ‘Waaqayyotti akka araaraman’ gargaaraniiru. (Yohannis 10:16; Maatewos 25:31-40) Hoolonni kan biraan kunis, obboloota Kiristos dibamoo ta’an deggeruudhaan ergamoota ta’anii tajaajilu. Lamaanuu, karra tokkoo ta’anii tokkummaadhaan Mootummaa Masiihichaa waan deggeraniif, dhimmawwan siyaasa addunyaa keessa utuu hin seenin jiraatu.—Isaayaas 2:2-4.
5. Gumiin Kiristiyaanaa, Israa’eloota duriirraa addaa kan ta’e akkamitti? Kiristiyaanonni garaagarummaa akkasii akka qaban karaawwan kamiin argisiisuu danda’u?
5 Kiristiyaanonni dhugaa, siyaasa keessa kan hin seenne Kiristosiif amanamoo waan ta’aniif qofa miti. Israa’eloota durii biyya Waaqayyo isaaniif kenne keessa jiraatanirraa haala adda ta’een, nuti kutaa tokkummaa obboloota addunyaa maratti argamnudha. (Maatewos 28:19; 1 Phexros 2:9) Kanaaf, gareewwan siyaasaa biyyaa ykn naannoo yoo deggerre, ija jabina ergaa Mootummichaa lallabuuf qabnuufi tokkummaa keenya balaa guddaaf saaxilla. (1 Qorontos 1:10) Yeroo waraanaattis namoota hidhata amantii keenya akka jaallannuun ajajamnee wajjin wal waraanuu ta’a. (Yohannis 13:34, 35; 1 Yohannis 3:10-12) Kanaaf, Yesus bartoonnisaa billaasaanii akka gatan yommuu ajaje sababii ga’aa qaba ture. Diinotasaaniillee akka jaallatan isaan abboomeera.—Maatewos 5:44; 26:52; saanduqa mataduree “Siyaasarraa Walaba Ta’een Jiraadhaa?” jedhu ilaali.
6. Waaqayyoof kan of murteessite ta’uunkee hariiroo mootii wajjin qabdu kan tuqu akkamitti?
6 Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, kan of murteessine Waaqayyoof malee, namaaf, jaarmiyaa ilmaan namootaatiin hundeeffameef ykn saba kamiifiyyuu miti. Qorontos Inni Duraa 6:19, 20: “Isin kan ofii keessanii miti. Waaqayyo gatiidhaan isin bitate” jedha. Kanaaf, duuka buutonni Yesus ulfina, gibiraafi hamma Waaqayyo ‘mootiif’ akka bitaman heyyametti, wanta mootiif barbaachisu kennaniyyuu, ‘Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta’u kennu.’ (Maarqos 12:17; Roomaa 13:1-7) Kunis, waaqeffannaa, jaalala garaa guutuufi amanamummaan Waaqayyoof abboomamuu dabalata. Barbaachisnaan lubbuusaaniillee Waaqayyoof dabarsanii kennuuf qophaa’oodha.—Luqaas 4:8; 10:27; Hojii Ergamootaa 5:29; Roomaa 14:8.
“HAFUURA BIYYA LAFAA” MORMUU
7, 8. ‘Hafuurri biyya lafaa’ maalidha? Nama tokkorratti kan ‘hojjetu’ akkamitti?
7 Karaa garabiraan Kiristiyaanonni adda ta’animmoo, hafuura biyya lafaa isa hamaadhaan mormuudha. Phaawulos, “Nuyi . . . hafuura isa Waaqayyo biraa dhufe fudhanne malee, hafuura biyya lafa kanaa hin fudhanne” jechuudhaan barreesseera. (1 Qorontos 2:12) Kiristiyaanota Efesooniinimmo akkas jedheera: “Yeroo sanatti isin toora biyya lafaa kanaa duukaa buutanii deddeebi’aa, aboo qilleensa keessa jiru irratti isa gooftummaa qabuuf abboomamaa turtan; hafuurichi hamaan amma namoota Waaqayyoof hin abboomamne gidduutti hojjechaa jira.”—Efesoon 2:2, 3.
8 ‘Qilleensi’ ykn hafuurri biyya lafaa kun, humna guddaa ijaan hin argamneefi namoonni Waaqayyoof akka hin abboomamne, gochuudhaan ‘hawwii fooniifi hawwii ijaa’ kan kakaasudha. (1 Yohannis 2:16; 1 Ximotewos 6:9, 10) ‘Aboon’ humna hafuura kanaa foon keenya isa cubbamaa yeroof kan gammachiisu, mala haxxummaatiin kan fayyadamu, kan itti fufuufi akkuma qilleensaa bakka hundaa kan jiru waan ta’eefidha. Akkasumas, namni tokko amalawwan Waaqayyoon hin gammachiisne, ofittummaa, of bokoksuu, sassata, yaada ofiitiin geggeeffamuufi aboorratti ka’uun suuta suuta keessasaatti guddachaa akka adeemu gochuudhaan ‘hojjeta’.b Gabaabaadhumatti, hafuurri biyya lafaa amalawwan Seexanaa garaa nama tokkoo keessatti suuta suuta akka guddatu godha.—Yohannis 8:44; Hojii Ergamootaa 13:10; 1 Yohannis 3:8, 10.
9. Hafuurri biyya lafaa karaawwan kamiin sammuufi garaa keenyaatti seena?
9 Hafuurri biyya lafaa garaafi sammuukee keessatti hundee godhachuu kan danda’u akkamitti? Eegumsa gochuu qabduu laaffisuudhaan yoo isaaf heyyamte qofadha. (Fakkeenya 4:23) Yeroo baay’ee dhiibbaa geessisuu kan jalqabu haxxummaadhaan, namoota gaarii fakkaataniifi Yihowaaf jaalala hin qabne hiriyaa godhachuun ta’uu danda’a. (Fakkeenya 13:20; 1 Qorontos 15:33) Kana malees, dhiibbaan hafuura hamaa kanaa, barreeffamoota gaarii hin taane, karaa Intarneetii fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasaniin ykn gantootaa wajjin qunnamtii gochuun, bashannanawwan gaarii hin taaneen, ispoortiiwwan wal morkii cimaa argisiisaniin, walumaa galatti nama ykn wanta hojii Seexanaa babal’isuun dhiibbaa sirraan ga’uu danda’a.
10. Hafuura biyya lafaa mormuu kan dandeenyu akkamitti?
10 Hafuura biyya lafaa isa haxxee mormuufi jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguu kan dandeenyu akkamitti? Qophiiwwan hafuuraa Yihowaan godhetti guutummaatti fayyadamuufi hafuurasaa akka nuu kennu yeroo hundaa kadhachuudhaan qofadha. Yihowaan Seexanas ta’e biyya lafaa isa hamaafi inni to’atu caalaa humna guddaa qaba. (1 Yohannis 4:4) Kanaaf, kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuun keenya baay’ee barbaachisaadha!
AKKAATAA UFFANNAAFI MIIDHAGINAA KEENYAAN KAN OF QABNU TA’UU
11. Hafuurri biyya lafaa akkaataa uffannaarratti dhiibbaa akkamii geessiseera?
11 Namni tokko hafuura akkamiitiin akka geggeeffamu, akkaataa uffannaa, miidhaginaafi haala qulqullina qaamasaa itti eegurraa mul’achuu danda’a. Biyyoota hedduutti akkaataan uffannaa garmalee waan badeef, namichi televijiiniirratti ibsa kennu tokko yeroo dhihoo booda ejjitoonni uffata eenyummaasaanii beeksisu dhabuunsaanii hin oolu jedheera. Gaazexaan tokkommoo, shamarran umrii dargaggummaarra hin geenyellee kiyyoo kanaan qabamuusaanii ilaachisee, “dhagna ofii qullaa hambisuun amala gaarii dhabuu kan argisiisudha” jechuudhaan gabaaseera. Amalli garabiraanimmoo, uffannaa gara dhabaa ajajamuu diduufi ofiif ulfina dhabuu argisiisu uffachuudha.
12, 13. Akkaataan uffannaafi miidhaginaa keenya seera bu’uuraa warra kamiin geggeeffamuu qaba?
12 Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, uffannaa qulqulluu, seera qabeessa, namoota kan hin mufachiisneefi haalasaatiif mijaa’u uffachuudhaan gaarii taanee mul’achuu barbaanna. Dhiiras taanu durba, akkaataan uffannaa keenya yeroo kamittiyyuu, ‘nama Waaqayyoof nan sagada jedhuuf’ kan ta’u, akkasumas ‘uffata qajeelaa uffachuufi wanta gaariidhaan kan argisiifamu’ ta’u qaba. Caalaatti nu yaaddessuu kan qabu, xiyyeeffannaa namootaa ofitti harkisuu utuu hin ta’in, ‘jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguu’ ta’uu qaba. (1 Ximotewos 2:9, 10; Yihudaa 21) Eeyyee, hunda caalaatti miidhaginni keenya, ‘keessa namummaa keenya isa dhokataa isa Waaqayyo duratti guddaa gati-jabeessa ta’e’ akka ta’u barbaanna!—1 Phexros 3:3, 4.
13 Akkaataan uffannaafi miidhaginaa keenya ilaalcha namoonni waaqeffannaa dhugaaf qabanirratti dhiibbaa akka geessisus yaadachuu qabna. Jechi afaan Giriikii ‘of qabuu’ jedhamee hiikame, miiraafi ilaalcha namootaa tilmaama keessa galchuun ulfina kennuu yaada jedhu kan dabarsudha. Kanaaf mirga uffannaa ilaalchisee, galmi keenya wanta mirga keenyadha jennu yaada garaa namoota kaaniif dursa akka kenninu kan argisiisu ta’uu qaba. Hunda caalaattimmoo, akka tajaajiltoota Waaqayyootti of dhiheessuudhaan ‘waanuma hojjennu hundumaan Waaqayyoofi’ sabasaatiif ‘ulfina fiduu’ barbaanna.—1 Qorontos 4:9; 10:31; 2 Qorontos 6:3, 4; 7:1.
14. Akkaataa uffannaafi qulqullina qaamaa keenya ilaalchisee gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna?
14 Keessumaa yeroo tajaajilarratti hirmaannu ykn walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti argamnu, akkaataa uffannaa, miidhaginaafi qulqullina qaamaa keenyaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuu qabna. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Akkaataan uffannaafi qulqullinni qaamakoo garmalee xiyyeeffannaa namootaa kan harkisudhaa? Kan nama yeellaasisudhaa? Mirgan gama kanaan qabu mirga gumii keessatti argamu caalchiseen ilaalaa?’—Faarfannaa 68:6; Filiphisiiyus 4:5; 1 Phexros 5:6.
15. Dubbiin Waaqayyoo, akkaataa uffannaa, miidhaginaafi qulqullina qaamaa ilaalchisee seera akkas ta’uu qaba jedhu bal’inaan kan hin keenye maaliifi?
15 Macaafni Qulqulluun, akkaataa uffannaa, miidhaginaafi qulqullina qaamaa ilaalchisee, seera akkas ta’uu qaba jedhu bal’inaan hin kaa’u. Yihowaan mirga filachuu ykn dandeettii yaaduu keenyatti akka hin fayyadamne nu dhowwuu hin barbaadu. Kanaa mannaa, seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluurratti hundoofnee murteessuufi ‘sammuun keenya hojiidhaan itti bare hamaa fi gaarii gargar baasuudhaan’ ga’eessa ta’uu keenya akka argisiisnu barbaada. (Ibroota 5:14) Hunda caalaattimmoo, jaalala Waaqayyoofi namootaaf qabnuun akka geggeeffamnu barbaada. (Maarqos 12:30, 31) Daangaawwan kana keessaa utuu hin ba’in akkaataa uffannaafi filannaa hedduun jiraachuu danda’u. Kanas, uffannaa miidhagaa sabni Yihowaa addunyaa kamirrattiyyuu argamaniifi gammadoo ta’an bakka tokkotti yeroo walga’an uffatanirraa arguun ni danda’ama.
IJA “FAYYAA” QABAACHUU
16. Hafuurri biyya lafaa barumsa Yesusii wajjin kan wal faallessu akkamitti? Gaaffiiwwan kam of gaafachuu qabna?
16 Hafuurri biyya lafaa baay’ee waan nama gowwoomsuuf, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman gammachuu argachuuf qarshiifi qabeenya akka hordofan isaan dirqisiiseera. Yesus garuu: “Jireenyi eenyuu illee baay’ina qabeenya isaa irra hin dhaabatu” jedheera. (Luqaas 12:15) Yesus jireenya gadadoo akka jiraannu jajjabeessuu baatus, gammachuufi jireenya dhugaa kan argatan namoota fedhii hafuuraasaaniitiif yaadaniifi ija “fayyaa,” jechuunis hariiroo Waaqayyoo wajjin qabaniif bakka guddaa kennan akka ta’e barsiiseera. (Maatewos 5:3; 6:22, 23) Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Barumsa Yesusitti garaa guutuudhaan nan amanaa? Yookiin Seexanni inni “abbaa sobaa” dhiibbaa narraan ga’eera? (Yohannis 8:44) Dubbiin, galmawwan, wantoonni ani dursa kennuufi akkaataan jireenyaakoo maal argisiisa?’—Luqaas 6:45; 21:34-36; 2 Yohannis 6.
17. Eebbawwan namoonni ija fayyaa qaban argatan keessaa tokko tokko dubbadhu.
17 Yesus, “Ogummaan Waaqayyoo ija hojii isaatiin dhugaa argate” jedheera.” (Maatewos 11:19) Faayidaawwan namoonni ija fayyaa qaban argatan keessaa tokko tokko haa ilaallu. Tajaajila Mootummichaarraa gammachuu dhugaa argatu. (Maatewos 11:29, 30) Wantoota baay’ee barbaachisaa hin taaneef waan hin dhiphanneef, jeequmsa sammuufi miiraa hedduurraa ni baraaramu. (1 Ximotewos 6:9, 10) Wantoota jireenyaaf isaan barbaachisan qofatti waan gammadaniif, yeroo ga’aa maatiisaaniifi Kiristiyaanotaa wajjin dabarsan qabu. Kanaaf hirriba gaarii argatu. (Lallaba 5:12) Karaa danda’an hundaa waan kennaniif, kennuurraa gammachuu guddaa argatu. (Hojii Ergamootaa 20:35) ‘Abdii guddaa,’ akkasumas nagaafi gammachuu qabu. (Roomaa 15:13; Maatewos 6:31, 32) Dhugumayyuu, eebbawwan kana gatiidhaan shallaguun hin danda’amu!
‘MI’A LOLAA GUUTUMMAATTI FUDHACHUU!’
18. Macaafni Qulqulluun waa’ee diina keenyaa, tooftaa inni ittiin gargaaramuufi wal’aansoo goonu ilaalchisee maal jedha?
18 Namoonni jaalala Waaqayyoo keessatti of eegan hundi, Seexana isa Kiristiyaanota gammachuu qofa utuu hin ta’in, jireenya barabaraa isaan dhabsiisuu barbaadurraas karaa hafuuraa eegumsa argatu. (1 Phexros 5:8) Phaawulos akkas jedheera: “Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal’aansoo wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal’aansoo wal qabna.” (Efesoon 6:12) Jechi ‘wal’aansoo wal qabuu’ jedhu, boolla keessa teenyee fagootti wal loluu utuu hin ta’in, kallattiidhaan walitti baanee wal loluu kan argisiisudha. Kana malees, jechoonni “aboo qaban,” “gooftummaa qaban,” akkasumas ‘biyya lafaa seerratan’ jedhan, lolli humnoota hafuuraarra nutti baname akka gaariitti kan gurmaa’eefi kan itti yaadame ta’uusaa argisiisu.
19. Mi’a lolaa hafuuraa Kiristiyaanotaa ibsi.
19 Dadhabbii kan qabnuufi humni keenya kan daangeffame ta’us, injifachuu dandeenya. Akkamitti? ‘Mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti fudhachuudhaanidha.’ (Efesoon 6:13) Efesoon 6:14-18 mi’a lolaa kana ilaalchisee akkas jedha: “Egaa akka nama sabbataan hidhatuutti dhugaadhaan mudhii keessan jabeeffadhaa, qajeelummaas akka maddaa sibiilaatti uffadhaatii dhaabadhaa! Akka nama kophee kaa’ateettis wangeela nagaa fudhattanii, isa lallabuudhaaf qophaa’aa! Kana hundumaa irrattis amantii akka gaachanaatti fudhadhaa! Isaan xiyya isa hamaa sanaa, warra boba’aa adeeman dhaamsuu in dandeessu. Fayyina akka gonfoo-sibiilaatti, sagalee Waaqayyoos akka billaatti, hafuura qulqulluu biraa fudhadhaa! Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa!”
20. Haalli keenya loltootarraa adda kan ta’u akkamitti?
20 Mi’i lola hafuuraa kun qophii Waaqayyoo waan ta’eef, yeroo hundaa yoo uffanne injifannoo argachuun hin oolu. Kiristiyaanonni loltoota yeroo dheeraaf dirree waraanaarraa fagaatanii turuu danda’anirraa addadha; amma guyyaan Waaqayyoo addunyaa Seexanni seerratu kana barbadeessuufi hafuurota hamoo hunda iddoo lafa jalaatti darbatee itti cufutti, qabsoo du’aaf ajjeechaa hin dhaabanne keessatti argamu. (Mul’ata 12:17; 20:1-3) Kanaaf, dadhabbiifi fedhii dogoggoraa wajjin qabsaa’aa jirta taanaan, hundi keenya Yihowaaf amanamoo taanee jiraachuuf kan of ‘haleellu’ waan taaneef abdii hin kutatin. (1 Qorontos 9:27) Yaadda’uu kan qabnu wal’aansoo goonu yoo dhaabne qofadha.
21. Lola karaa hafuuraa goonuun injifannoo argachuu kan dandeenyu maal yoo goone qofadha?
21 Kana malees, waraana kana humna keenyaan mo’uu hin dandeenyu. Phaawulos ‘yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamnee’ Yihowaa kadhachuu akka qabnu kan nu yaadachiises kanumaafidha. Akkasumas lola kanarratti kan hirmaannu qofaa keenya waan hin taaneef, “wal’aansoo” goonu kanarratti namoota hidhata amantii keenyaa wajjin walitti qabamuudhaan carraa arganne hundaatti Dubbiisaa qo’achuufi Yihowaa dhaggeeffachuu qabna! (Filemon 2; Ibroota 10:24, 25) Namoonni karaawwan kana hundaan amanamoo ta’an, injifannoo argachuu qofa utuu hin ta’in, amantiinsaanii yommuu qoramuttis gaaffii kana ilaalchisee ka’uuf deebii ga’aa kennuu danda’u.
WAA’EE AMANTIIKEE DEEBII KENNUUF KAN QOPHOOFTE TA’I
22, 23. (a) Waa’ee amantii keenyaa deebii kennuuf yeroo hundaa qophaa’oo ta’uu kan qabnu maaliifi? (b) Boqonnaa ittaanurratti waa’ee maalii mari’anna?
22 Yesus, “isin kan biyya lafaa waan hin ta’iniif, biyyi lafaa isin in jibba” jedheera. (Yohannis 15:19) Kanaaf, Kiristiyaanonni waa’ee amantiisaanii arraba laafaafi nama safeeffachuudhaan deebii kennuuf yeroo hundaa qophaa’oo ta’uu qabu. (1 Phexros 3:15, 16) Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Sababii Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo tokko tokko ejjennoo namoota hedduurraa adda ta’e itti fudhatan nan hubadhaa? Qorumsi ejjennoo akkasii akkan fudhadhu na dirqisiisu yommuu na mudatu, wanti Macaafni Qulqulluufi hojjetaa amanamaan jedhu sirrii akka ta’e nan amanaa? (Maatewos 24:45; Yohannis 17:17) Wanta Yihowaa duratti sirrii ta’e gochuuf adda ta’uurra darbee, adda ta’uukootti nan gammadaa?’—Faarfannaa 34:2; Maatewos 10:32, 33.
23 Yeroo hedduu fedhiin addunyaa kanarraa adda ta’uuf qabnu karaawwan hin mul’annen qorumsaaf saaxilama. Fakkeenyaaf, akkuma armaan olitti ibsame Seexanni tajaajiltoota Yihowaa bashannana addunyaa keessatti argamaniin gowwoomsee gara addunyaatti isaan deebisuu yaala. Bashannana yaada garaa keenyaa utuu hin xureessin nu haaromsu filachuu kan dandeenyu akkamitti? Boqonnaa ittaanurratti mataduree kanarratti mari’anna.
a Dhaloota Kiristos booda guyyaa Phenxeqostee bara 33 kaasee, Kiristos gumii duuka buutotasaa dibamoo lafarratti argamanirratti Mootii ta’ee tajaajiluu jalqabeera. (Qolosaayis 1:13) Kiristosiif bara 1914tti “Mootummaa biyya lafaa” kanarratti aboon kennameeraaf. Kanaaf, yeroo ammaattis Kiristiyaanonni dibamoon Mootummaa Masiihichaatiif ambaasaaddaroota Kiristos ta’anii tajaajilu.—Mul’ata 11:15.
b Kitaaba Caaffata Qulqullaa’oorraa Ragaa Dhiheessuu, jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e fuula 388-91 ilaali. (Amaariffa)
c Kutaa Dabalataa, “Alaabaaf Ulfina Addaa Kennuu, Filannoofi Tajaajila Hawaasummaa” jedhu ilaali.