Yihowaan Firdii Qajeelaa Ni Jaallata
“Ani Waaqayyo, firdii qajeelaa nan jaalladha.’” —ISAAYAAS 61:8.
1, 2. (a) Jechoonni “firdii qajeelaa” akkasumas “jal’ina” jedhan hiiknisaanii maalidha? (b) Macaafni Qulqulluun waa’ee Yihowaafi firdiisaa isa qajeelaa maal jedha?
FIRDII QAJEELAA jechuun ‘murtoo mudaa hin qabne, haqarratti kan hundaa’e, kan loogii hin qabne’ jedhamee hiikamuu danda’a. Jal’inni, namoota wal caalchisuu, halaalatti nama jibbuu, hammaachuufi jibbaan kaka’anii namoota miidhuu kan dabalatudha.
2 Waggaa 3,500 dura, Museen Yihowaa Isa Uumama Cufarratti Olaanaa ta’e ilaalchisee, “Karaan isaa hundinuus qajeelaa dha, inni Waaqayyo amanamaa dha, jal’innis isa keessa hin jiru” jechuudhaan barreesseera. (Keessa Deebii 32:4) Jaarraa torba boodammoo, Yihowaan Isaayaasiin, “Ani Waaqayyo, firdii qajeelaa nan jaalladha” jedhee akka barreessu hafuurasaatiin isa kakaaseera. (Isaayaas 61:8) Achiis jaarraa jalqabaatti Phaawulos, “Egaa karaa Waaqayyoo loogatu jira jenna moo ree? Matumaa kun ta’uu hin danda’u” jedhee dinqisiifannaasaa ibsee ture. (Roomaa 9:14) Baruma sana keessa Phexrosiis, ‘Waaqayyo nama wal hin caalchisu. Saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni isa sodaatu, inni waan qajeelaa hojjetus isa biratti fudhatamaadha’ jedhee dubbateera. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Eeyyee, “Waaqayyo waan dhugaa ta’e in jaallata.”—Faarfannaa 37:28; Miilkiyaas 3:6.
Jal’inni Babal’ateera
3. Jal’inni lafarratti kan jalqabame akkamitti?
3 Firdii qajeelaan amala yeroo har’aatti bal’inaan argamu miti. Bakka hojiitti, mana barumsaatti, walitti dhufeenya namoota aangoo qabanii wajjin qabnuun, maatii keessattillee, akkasumas karaa kan biraa firdii qajeelaa argachuun ulfaataadha. Jal’inni akkasii raawwatamuunsaa haaraa akka hin taane beekamaadha. Jal’inni maatii ilmaan namootaa keessatti kan jalqabame, yeroo haatiifi abbaan keenya warri jalqabaa gorsa qaamni hafuuraa Diiyaabilos inni Seexana ta’e isaanii kenne fudhatanii seera Waaqayyoo cabsuudhaan hammaatanittidha. Addaam, Hewwaaniifi Seexanni seera bu’uuraa qajeelinaarratti hammaachuudhaan, mirga filannaa dinqisiisaa ta’eefi Yihowaan isaaniif kennetti karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamaniiru. Tarkaanfiin dogoggoraa isaan fudhatan, maatii ilmaan namootaa hundumaarratti dhiphina guddaafi du’a geessiseera.—Uumama 3:1-6; Roomaa 5:12; Ibroota 2:14.
4. Seenaa ilmaan namootaa keessatti jal’inni yeroo hammamiitiif raawwatamaa tureera?
4 Erga Eeden keessatti hammeenyi raawwatamee kaasee, jal’inni waggaa 6,000f jireenya ilmaan namootaa keessatti raawwatamaa tureera. Seexanni waaqa biyya lafaa waan ta’eef, kun ta’uunsaa nama hin dinqisiisu. (2 Qorontos 4:4) Inni sobaadha; abbaa sobaatis; Yihowaa kan arrabsuufi kan isaan mormudha. (Yohannis 8:44) Inni yeroo hundumaa firdii ni jal’isa. Fakkeenyaaf, dhiibbaa hamaa Seexanni hamma tokko geessisaa tureen kan ka’e, Bishaan Badiisaa bara Nohi dura Waaqayyo “jal’inni namaa lafa irratti baay’achuu isaa, wanti namni guyyaa hundumaa garaa isaatti yaadee qopheessu hundinuus jal’aa duwwaa ta’uu isaa” dubbatee ture. (Uumama 6:5) Haalli kun bara Yesusittis babal’atee ture. Yesus, “Rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf in ga’a” jedhee ture; kana jechuunsaa, rakkoowwan akka firdii jal’isuu guyyaa guyyaadhaan raawwatamaniifi nama dhiphisan qofaan ni ga’u jechuusaa ture. (Maatewos 6:34) Macaafni Qulqulluun, “Uumamni hundinuu hamma ammaatti akka aaduu fi akka ciniinsifatu in beekna” jechuunsaa sirriidha.—Roomaa 8:22.
5. Jal’inni yeroo kamiyyuu caalaa bara keenyatti kan babal’ate maaliifi?
5 Kanaafuu, jal’inaan kan ka’e guutummaa seenaa ilmaan namootaa keessatti wantoonni gadheen raawwatamaa turaniiru. Ammammoo yeroo kamiyyuu caalaa haallisaa hammaateera. Maaliif? Biyyi lafaa Waaqayyoorraa fagaate kun, waggoota kudhaniin lakkaa’amanii asitti ‘guyyoota gara dhumaasaa’ keessa waan jiruuf caalaatti ‘sodaachisaa ta’aa dhufeera.’ Macaafni Qulqulluun amala namoonni yeroo kanatti jiraatan argisiisan ilaalchisee akkas jedha: “Ofittoo, sassatoota, of-jajoo, afuufamoo, arrabsituuwwan, . . . galata hin qabnee, warra wanta qulqullaa’aadhaan morman in ta’u. Warra jaalala of keessaa hin qabne, warra araara hin jaallanne, warra maqaa namaa balleessan, warra of hin qabne, warra namatti hin madaqne, warra waan gaarii jibban, warra dabarsanii nama kennan, warra eeggannaa hin qabne, warra of arguu dhabuudhaan of bokoksan [ta’u].” (2 Ximotewos 3:1-5) Amalawwan gadhee ta’an akkasii kun, firdii jal’isuutti nama geessu.
6, 7. Bara keenyatti jal’ina guddaa akkamiitu ilmaan namootaa hubaa jira?
6 Waggaa dhibba darbetti haala isaan dura argamee hin beekneen jal’inni raawwatameera. Sababiin inni tokko, waggoota kana keessatti yeroo kamiyyuu caalaatti waraanni hedduun waan godhamaniifidha. Fakkeenyaaf, hayyoonni seenaa, Waraanni Addunyaa Lammaffaan qofti dimshaashumatti namoota miliyoona 50 hanga miliyoona 60 ta’an akka galaafate kan tilmaaman yommuu ta’u, kanneen keessaas baay’eensaanii namoota balleessaa hin qabne, dubartootaafi ijoolleedha. Waraanni sun erga dhaabatee boodas, lola yeroo addaddaatti ka’een namoonni garri caalaansaanii balleessaa hin qabneefi miliyoonaan lakkaa’aman ajjeefamaniiru. Seexanni, Yihowaan yeroo dhihootti guutummaatti akka isa injifatu waan beekuuf, firdii jal’isuudhaan aariisaa ba’uu barbaada. Raajiin Macaafa Qulqulluu haalasaa yeroo ibsu, ‘Seexanni gara keessanitti gad bu’eera. Inni yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf, guddaa aareera!’ jedha.—Mul’ata 12:12.
7 Yeroo ammaatti, waggaa waggaadhaan addunyaa maratti dhimma waraanaatiif qarshii Ameerikaatti gara doolaara tiriliyoona tokkootu ba’a. Karaa biraammoo, namoonni miliyoona dhibbaan lakkaa’aman wantoota bu’uuraa jireenyaaf isaan barbaachisan hin qaban; qarshiin hammi kun nageenyaaf faayidaarra utuu oolee bu’aa gaarii akkamii akka fidu yaadi. Namoonni gara biliyoona tokkoo ta’an nyaata ga’aa kan hin arganne si’a ta’u, kaanimmoo nyaata danuu qabu. Akka gabaasa Mootummoota Gamtoomaniitti, hubaatii beelaatiin waggaa waggaadhaan ijoolleen gara miliyoona shanii ta’an ni du’u. Kun jal’ina guddaadha mitii? Daa’imman hedduu ulfa baasuudhaan ajjeefamanis mee yaadaa. Addunyaa maratti waggaa waggaadhaan ulfi miliyoona 40 hanga miliyoona 60 ta’u akka baafamu ni tilmaamama. Jal’ina nama rifaasisu akkamiiti!
8. Ilmaan namootaatiif firdii qajeelaa kennuu kan danda’u eenyu qofadha?
8 Bulchitoonni ilmaan namootaa, rakkoowwan baay’ee yeroo ammaatti dhala namaa hubaa jiraniif furmaata argamsiisuu hin dandeenye; carraaqqiinsaaniis haala kana fooyyessuullee hin danda’u. Dubbiin Waaqayyoo yeroo keessa jiraannu kana ilaalchisee akkas jedha: “Namoonni hamoonni, warri ija namaa gowwoomsanis isa gadhee irraa gara isa caalaa gadheetti gad in adeemu; namoota in wallaalchisu ofii isaaniitiis in wallaalchifamu.” (2 Ximotewos 3:13) Jal’inni hamma namoonni to’achuu hin dandeenyetti jireenya ilmaan namootaa keessatti babal’ateera. Kana hambisuu kan danda’u Waaqa firdii qajeelaa kennu qofadha. Seexana, hafuurota xuraa’oofi ilmaan namootaa hamoo ta’an balleessuu kan danda’u isa qofadha.—Ermiyaas 10:23, 24.
Jal’inni Babal’achuunsaa Waan Nama Yaaddessuu Qabudha
9, 10. Asaaf abdii kutatee kan ture maaliifi?
9 Bara duriitti namoonni Macaafa Qulqulluu barreessanillee, sababii Waaqayyo dhimmawwan namootaa gidduu galee firdii dhugaafi qajeelummaa itti hin fidne gaafatanii turan. Mee akka fakkeenyaatti nama bara Macaafni Qulqulluun barreeffametti jiraachaa ture tokko haa fudhannu. Faarfannaa 73 gubbaarratti maqaan ‘Asaaf’ jedhu caqasameera; maqaan kun faarfataa beekamaa sanyii Lewwii ta’eefi bara bulchiinsa Daawit Mootichaatti ture ykn faarfattoota sanyii Asaaf ta’an kan argisiisu ta’uu danda’a. Asaafiifi sanyiinsaa faarfannaawwan sabni Israa’el waaqeffannaaf itti fayyadamaa turan baay’ee qindeessaniiru. Haata’u malee, barreessaan faarfannaa kanaa yeroo tokko jireenyasaa keessatti, haala waaqeffannaasaatiin wal qabateen abdii kutatee ture. Namoonni hamoon qabeenya horatanii, rakkina tokko malee jireenyasaanii akka geggeessaniifi jireenya gammachuu qabu akka jiraatan isatti dhaga’amee ture.
10 Akkas kan jedhu dubbisna: “Warri jal’oonni nagaatti jiraachuu isaanii yeroon arge, warra of jajan kanatti weenna’een ture. Isaan dhiphina hin qaban, dhagni isaanii fayyaa dha, gabbataa dhas; rakkinni nama irra ga’u isaan irra hin geenye, akka namoota biraas dha’ichi isaanitti hin buune.” (Faarfannaa 73:2-8) Haata’u malee, yeroo booda barreessaan Macaafa Qulqulluu kun ilaalchisaa dogoggora akka ta’e hubateera. (Faarfannaa 73:15, 16) Faarfataan kun ilaalchasaa sirreessuuf kan yaale ta’uyyuu, namoonni qajeeloo ta’an yeroo rakkatan, warri hamoon kan hin adabamne maaliif akka ta’e guutummaatti hin hubanne ture.
11. Asaaf faarfatichi maal hubatee ture?
11 Olee bulee, namni amanamaan bara duriitti jiraate kun, wanti Yihowaan namoota hamoo ta’aniif qopheesse, jechuunis dhumarratti waan hundumaa akka sirreessu hubateera. (Faarfannaa 73:17-19) Daawit akkas jedhee barreesseera: “Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu, karaa isaa irraa akka hin jal’annes eeggadhu! Biyya akka qabaattuuf ulfina siif in kenna, lafa irraa balleeffamuu warra jal’ootaas argitee in gammadda.”—Faarfannaa 37:9, 11, 34.
12. (a) Yihowaan hammeenyaafi firdii jal’aa ilaalchisee kaayyoo maalii qaba? (b) Furmaata jal’inaaf kennamu kana ilaalchisee maaltu sitti dhaga’ama?
12 Yihowaan, yeroo ofiisaatiif murteessetti wanta hamaa ta’eefi jal’ina lafarraa balleessuuf kaayyoo akka qabu beekamaadha. Kun wanta Kiristiyaanonni amanamoo ta’anillee yeroo hundumaa of yaadachiisuu qabanidha. Yihowaan namoota fedhasaatiin morman ni balleessa; namoota akka fedhasaatti jiraatanimmoo ni kiisa. “Ija isaatiin ilmaan namaa in arga, agartuun isaas namoota qoree in ilaala. Waaqayyo, nama qajeelaa, nama jal’aas in qora, isa humnaan nama irratti ka’uu jaallatus garaa guutuudhaan in jibba. Inni barbadaa ibiddaa, dhagaa boba’us jal’oota irratti in roobsa, . . . Waaqayyo qajeelaa dha, inni hojii qajeelaa in jaallata.”—Faarfannaa 11:4-7.
Addunyaa Haaraa Firdii Qajeelaan Keessa Buufate
13, 14. Addunyaa haaraa keessatti qajeelinniifi firdii qajeelaan kan injifatu maaliifi?
13 Yihowaan sirna biyya lafaa jal’aafi to’annaa Seexanaa jala jiru kana balleessuunsaa, addunyaa haaraa isa dinqisiisaa ta’eef karaa bana. Addunyaa haaraan kun Mootummaa Waaqayyoo, Yesus duuka buutonnisaa waa’eesaa akka kadhatan isaan barsiiseen kan bulfamu ta’a. Hammeenyiifi jal’inni, qajeelinaafi firdii qajeelaadhaan yeroo bakka buufamu, kadhannaan “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!” jedhu guutummaatti raawwiisaa argata.—Maatewos 6:10.
14 Macaafni Qulqulluun, bulchiinsa akkamii eeguu akka dandeenyu ibsa kenna; bulchiinsi kunis bulchiinsa ilmaan namootaa garaa qajeelaa qaban hawwiidhaan eeggatanidha. Yeroo sanatti Faarfannaan 145:16, “Ati [Yihowaan] harka kee in diriirsita, fedha warra lubbuu qaban hundumaas in quufsita” guutummaatti raawwiisaa argata. Kana malees, Isaayaas 32:1 akkas jedha: “Kunoo, mootiin [Yesus Kiristos samiirratti] qajeelummaadhaan mo’uu fi gurguddoonni [bakka buutota Kiristos lafarraa] firdii qajeelaadhaan geggeessan in dhufu.” Isaayaas 9:7 Yesus Kiristos Mooticha ilaalchisee akkas jechuudhaan raajesseera: “Guddinni mootummaa isaatii fi guddinni nagaa isaatii dhuma hin qabu; inni teessoo Daawitii fi mootummaa isaa irratti in mo’a, isa in ijaaras; firdiidhaa fi qajeelummaadhaan ammaa hamma bara baraatti isa in eega, hinaaffaan Waaqayyo gooftaa maccaa kana in godha.” Bulchiinsa qajeelaa akkasii keessa yeroo jiraattu sitti mul’ataa?
15. Yihowaan addunyaa haaraa keessatti ilmaan namootaatiif maal godha?
15 Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti, sababii wanta Lallaba 4:1rra jiru itti dubbannuuf hin qabnu: “Cunqurfamuu aduu jalatti ta’aa jiru hundumaa deebi’ee ilaaluutti nan ka’e; imimmaan warra cunqurfamaniis nan arge, namni isaan jajjabeessu immoo tokko illee hin jiru. Warra isaan cunqursan humna waan qabaniif, namni isaan jajjabeessu tokko illee hin jiru.” Cubbuu kan dhaalle waan taaneef, addunyaa haaraan qajeelummaadhaan guutame sun hammam dinqisiisaa akka ta’u tilmaamuun rakkisaa akka ta’e beekamaadha. Hammeenyi tasumaa hin jiraatu; kanaa mannaa, guyyaan hundumtuu wantoota gaarii ta’aniin kan guutame ta’a. Eeyyee, Yihowaan kan nuyi yaannu caalaa wantoota dogoggora ta’an hundumaa ni sirreessa. Yihowaan, Phexros ergamaan geggeessaa hafuura Waaqayyootiin, “Akka abdii inni nuuf kenneetti, bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu in eegganna” jedhee akka barreessu gochuunsaa sirriidha.—2 Phexros 3:13.
16. Yeroo har’aatti ‘bantiiwwan waaqaa haaraan’ kan hundeeffame akkamitti? Bu’uurri ‘lafa haaraas’ hundeeffameera kan jennu karaa kamiini?
16 Yeroo ammaatti, “bantiiwwan waaqaa haaraa” jechuunis bulchiinsi Waaqayyoo inni samii Kiristosiin geggeeffamu hundeeffameera. Hawaasni lafarraa haaraan jireenya barabaraatiif qophaa’aniifi ‘lafa haaraatiif’ bu’uura ta’an, guyyoota gara dhumaa kana keessatti walitti qabamaa jiru. Namoonni kun yeroo ammaatti gara miliyoona torbaatti kan dhihaatan si’a ta’u, biyyoota gara 235 keessatti gumiiwwan 100,000 ta’an keessatti argamu. Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman kun karaa Yihowaa isa qajeelaafi sirrii ta’e waan barataniif, addunyaa maratti jaalala Kiristiyaanummaatiin tokkummaa qabaachuu danda’aniiru. Tokkummaansaanii kun, seenaa addunyaa keessatti beekamaafi itti fufaa waan ta’eef, tokkummaa namoota bulchiinsa Seexanaa jala jiranii wajjin kan wal gitu miti. Jaalalliifi tokkummaan akkasii, addunyaa haaraan Waaqayyo fidu, inni qajeelinniifi firdii qajeelaan keessa buufatu maal akka fakkaatu hamma tokko kan argisiisudha.—Isaayaas 2:2-4; Yohannis 13:34, 35; Qolosaayis 3:14.
Lolli Seexanni Kaasu Ni Fashalaa’a
17. Lolli Seexanni saba Yihowaarratti kaasu inni xumuraa kan hin milkoofne maaliifi?
17 Yeroo dhihootti Seexanniifi duuka buutonnisaa, namoota Yihowaa waaqeffatanirratti lola kaasuudhaan isaan balleessuuf yaalii godhu. (Hisqi’el 38:14-23) Lolli kun wanta Yesus, “Rakkinni guddaan ta’uuf jira; rakkinni akkasiis jalqaba biyya lafaatii jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebi’ees hin ta’u” jedhee dubbate keessaa isa tokkodha. (Maatewos 24:21) Yaaliin Seexanaa ni milkaa’aa? Matumaa. Dubbiin Waaqayyoo akkas jechuudhaan nuu mirkaneessa: “Waaqayyo waan dhugaa ta’e in jaallata, warra isaaf of kennanis hin gatu; isaan bara baraan in eegamu, ijoolleen jal’ootaa immoo lafa irraa in balleeffamu. Warri qajeelonni biyya in qabaatu, yeroo hundumaafis keessa in taa’u.”—Faarfannaa 37:28, 29.
18. (a) Waaqayyo, Seexanni sabasaa loluuf yeroo ka’u maal godha? (b) Barumsa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’eefi firdii qajeelaan akka injifatu ibsu qoruunkee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
18 Lolli Seexanniifi duuka buutonnisaa tajaajiltoota Yihowaarratti kaasan mormii isa dhumaati. Yihowaan karaa Zakaariyaas akkas jedhee raajesseera: “Namni isin tuqu agartuu ija kootii tuqa.” (Zakaariyaas 2:8) Namni tokko kana gochuunsaa akkuma agartuu ija Yihowaa tuqetti lakkaa’ama. Yihowaan yeruma sana tarkaanfii fudhachuudhaan namoota sabasaa morman ni balleessa. Tajaajiltoonni Yihowaa namoota lafarra jiran kaan caalaa, nama kan jaallatan, tokkummaafi nagaa kan qaban akkasumas seeraaf kan bulanidha. Kanaaf lolli isaanirratti ka’u sababii kan hin qabneefi jal’aadha. Waaqni ‘firdii qajeelaa jaallatu,’ kana callisee hin ilaalu. Tarkaanfiin Waaqayyo isaaniif jedhee fudhatu, diinoota sabasaa barabaraaf kan balleessu, firdii qajeelaan akka dagaagu kan godhu, namoota Yihowaa qofa waaqeffataniifimmoo fayyina kan argamsiisudha. Yeroo ajaa’ibsiisaafi gammachiisaa akkamiitu nu eeggataa!—Fakkeenya 2:21, 22.
Deebii Maalii Qabda?
• Jal’inni garmalee kan babal’ate maaliifi?
• Yihowaan jal’ina lafarratti babal’ateef furmaata kan kennu akkamitti?
• Qayyabannaa firdii qajeelaan akka injifatu ibsu kana keessaa kan garaa si tuqe isa kamidha?