‘Qajeeltonni Akka Biiftuu In Ifu’
“Warri qajeeltonni mootummaa abbaa isaanii keessatti akka biiftuu in ifu.” —MAT. 13:43.
1. Yesus haalawwan Mootummichaa addaddaa kam ibsuuf fakkeenyatti fayyadame?
YESUS KIRISTOS Mootummaa Waaqayyoo karaa addaddaatiin ibsuuf fakkeenyawwan hedduutti fayyadameera. “Fakkeenyaan namoota sanatti dubbate; fakkeenya malees waan tokko isaanitti hin dubbanne.” (Mat. 13:34) Yesus fakkeenya waa’ee sanyii dhugaa Mootummichaa facaasuu yeroo dubbate, ergaa kana fudhachuuf haalli garaa nama tokkoo murteessaa akka ta’e, akkasumas Yihowaan karaa hafuuraa guddisuurratti gahee akkamii akka qabu addeesseera. (Mar. 4:3-9, 26-29) Yesus, jalqabarratti kan hin mul’anne ta’us, ergaa Mootummichaatiif fedhii qabaachuu ilaalchisee guddinni dinqisiisaa ta’e akka jiraatu fakkeenyaan ibseera. (Mat. 13:31-33) Kana malees, Mootummichaaf lammii gaarii kan ta’an namoota ergaa Mootummichaa fudhatan hunda akka hin taane addeesseera.—Mat. 13:47-50.a
2. Fakkeenya Yesus waa’ee qamadiifi inkirdaadaa dubbaterratti, sanyii gaariin maal bakka bu’a?
2 Haata’u malee, fakkeenyawwan Yesus keessaa tokko, warra Yesusii wajjin Mootummaasaarratti bulchan walitti qabuurratti kan xiyyeeffatedha. Fakkeenyi kun yeroo baay’ee fakkeenya qamadiifi inkirdaadaa jedhamee kan beekamu si’a ta’u Maatewos boqonnaa 13rratti argama. Fakkeenya kan biraarratti Yesus, sanyichi facaafame “dubbii mootummichaa” akka ta’e kan dubbate yommuu ta’u, fakkeenya kanarratti garuu sanyii gaariin wanta kan biraa jechuunis “ilmaan mootummaa” akka bakka bu’u ibseera. (Mat. 13:19, 38) Namoonni kun lammiiwwan Mootummichaa utuu hin ta’in, “ilmaan” ykn dhaaltota Mootummichaati.—Rom. 8:14-17; Galaatiyaa 4:6, 7 dubbisi.
Fakkeenya Qamadiifi Inkirdaadaa
3. Rakkina namicha fakkeenya keessatti ibsame mudateefi rakkina kanaaf furmaata inni kenne ibsi.
3 Fakkeenyichi akkas jedha: “Mootummaan waaqaa nama sanyii gaarii qotiisa isaatti facaafatetti in fakkeeffama. Yeroo namni rafuttis diinni namichaa dhufee, inkirdaada qamadii keessa facaasee sokke. Midhaanichi guddatee ija erga godhatee booddee, inkirdaadichis immoo mul’ate. Kana irratti hojjetoonni abbaa warraatti dhi’aatanii, ‘Gooftaa, sanyii gaarii qotiisa keetti facaafte mitii? Inkirdaada immoo eessaa godhate ree?’ jedhaniin. Inni immoo, ‘Nama diina koo ta’etu kana godhe’ jedhee isaaniif in deebise; yommus hojjetoonni, ‘Nuyi dhaqnee isa akka aramnu barbaaddaa ree?’ jedhaniin. Abbaan qotiisichaa garuu, ‘Lakkii inkirdaada utuu aramtanii isaa wajjin qamadii akka hin buqqifnetti, dhiisaa! Hamma yeroo midhaan sassaabamutti lachuu walumaa wajjin haa guddatan. Yeroo midhaan sassaabamutti warri sassaaban, dura inkirdaadicha bubuqqisanii akka gubamuuf bissii bissiitti akka hidhaniif, qamadicha garuu gombisaa kootti akka anaaf sassaabaniif ittan himadha’ jedhee isaaniif deebise.”—Mat. 13:24-30.
4. (a) Namichi fakkeenyicha keessatti ibsame eenyu? (b) Yesus sanyii kana facaasuu kan jalqabe yoomiifi akkamitti?
4 Namichi qotiisasaarratti sanyii gaarii facaase eenyu? Yesus namichi kun eenyu akka ta’e bartootasaatiif boodarratti yommuu ibsu, “Inni sanyii gaarii facaasu ilma namaa ti” jedhee deebiseera. (Mat. 13:37) “Ilma namaa” kan ta’e Yesus, waggaa sadiifi walakkaa lafarratti tajaajiluudhaan dabarsetti, qotiisicha sanyii facaasuuf qopheesseera. (Mat. 8:20; 25:31; 26:64) Achiis, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetii kaasee sanyii gaarii, jechuunis “ilmaan mootummaa” facaasuu jalqabe. Hojiin facaasuu kun, Yesus bakka bu’aa Yihowaa ta’ee bartootasaarratti hafuura qulqulluu dhangalaasuu jalqabuudhaan, ilmaan Waaqayyoo warra dibamoo yeroo isaan godhetti kan raawwatame ta’uusaa haalasaarraa hubachuun ni danda’ama.b (HoE. 2:33) Sanyii gaariin sun qamadii ta’ee bilchaateera. Kanaaf sanyii gaarii facaasuun kan barbaachise, lakkoofsi namoota Yesusii wajjin Mootummaasaarratti dhaalaniifi bulchanii akka guutu sassaabuu ture.
5. Diinni fakkeenyicha keessatti ibsame eenyu? Inkirdaadatti kan fakkeeffamanoo?
5 Diinichi inkirdaada facaase eenyu? Inkirdaadichihoo? Yesus diinichi “Seexana” ta’uusaa nutti himeera. Inkirdaadichimmoo “ilmaan isa hamaa” akka ta’an ibsameera. (Mat. 13:25, 38, 39) Yesus kan ibse waa’ee inkirdaada isa summaa’aa ta’ee ta’uu hin oolu. Inkirdaanni summaa’aan kun, bilchaachuusaa dura qamadii wajjin baay’ee wal fakkaata. Fakkeenyi kun, Kiristiyaanota fakkeessituu ilmaan Mootummichaa akka ta’an dubbataniyyuu ija gaarii hin godhanne sirriitti kan argisiisu mitii? Kiristiyaanonni sobaa duuka buutota Kiristos ofiin jedhan kun, dhugumayyuu kutaa “sanyii” Seexanaati.—Uma. 3:15.
6. Inkirdaanni mul’achuu kan jalqabe yoomi? Yeroo sanatti namoonni ‘rafanii’ kan turan akkamitti?
6 Kiristiyaanonni inkirdaadatti fakkeeffaman kun yoom mul’atan? Yesus, “yeroo namni rafutti” akka ta’e dubbateera. (Mat. 13:25) Kun yoom ture? Deebii kanaa wanta Phaawulos ergamaan jaarsolii gumii Efesoonitti akkas jechuudhaan dubbaterraa arganna: “Erga ani adeemee immoo warri akka yeeyyii sodaachisoon, hoolota karra keessatti kan hin hambifne akka isin gidduu galan ani beeka. Isinuma keessaa iyyuu namoonni dubbii dhugaa jal’isuudhaan amantoota garagalchanii of duukaa buusan in ka’u.” (HoE. 20:29, 30) Phaawulos jaarsoliin sun karaa hafuuraa dammaqoo ta’anii akka jiraatan isaan gorseera. Ergamoonni Yesus warri gantummaa ‘ittisan’ hirriba du’aa rafuu akkuma jalqabaniin, Kiristiyaanonni hedduun karaa hafuuraa rafanii turan. (2 Tasaloniiqee 2:3, 6-8 dubbisi.) Gantummaa guddaan kan jalqabe yeroo kanatti ture.
7. Qamadiin tokko tokko inkirdaadatti jijjiirameeraa? Ibsi.
7 Yesus inkirdaanni qamadii gidduutti akka facaafamu dubbate malee qamadichi inkirdaada akka ta’u hin dubbanne. Kanaaf, fakkeenyi kun Kiristiyaanota dhugaarraa fagaatan kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, Seexanni ta’e jedhee gumii Kiristiyaanaa mancaasuuf namoota hamoo isaan gidduu akka galchu kan argisiisudha. Ergamaa Yesus isa dhumaa kan ta’e Yohannis dulloomee yeroo turetti, gantummaan kun mul’ateera.—2 Phe. 2:1-3; 1 Yoh. 2:18.
“Hamma Yeroo Midhaan Sassaabamutti Lachuu Walumaa Wajjin Haa Guddatan”
8, 9. (a) Qajeelfamni Gooftichi hojjettootasaatiif kenne, dhaggeeffattoota Yesusiif ifa kan ture maaliifi? (b) Yeroo kun raawwatamu, qamadichiifi inkirdaadichi waliin kan guddatan akkamitti?
8 Hojjettoonni, rakkina uumame Gooftaasaaniitti erga himanii booda, “Nuyi dhaqnee [inkirdaadicha] akka aramnu barbaaddaa ree?” jedhanii isa gaafatan turan. (Mat. 13:27, 28) Deebiinsaa kan nama dinqisiisu fakkaachuu danda’a. Qamadichiifi inkirdaadichi hamma yeroon midhaan itti sassaabamu ga’utti walumaan akka guddatan akka dhiisan itti hime. Ajajni kun bartoota Yesusiif ifa ture. Qamadiifi inkirdaada summaa’aa ta’e addaan baasuun hammam rakkisaa akka ta’e beeku turan. Namoonni waa’ee qotiisaa muuxannoo qaban, hiddi inkirdaada summaa’aa hidda qamadii wajjin akka wal xaxus beeku.c Gooftichi hamma midhaan sassaabamutti akka dhiisan isaan ajajuunsaa nama hin dinqisiisu!
9 Haaluma wal fakkaatuun, jaarraawwan hedduudhaaf, gareewwan saba Kiristiyaanaa addaddaa inkirdaada hedduu oomishaniiru. Isaanis jalqaba Kaatolikii Roomaafi amantii Ortodoksii, boodammoo gareewwan amanii Pirootestaantii dabalaa dhufan hedduudha. Yeroo kanatti, qotiisa biyya lafaarratti sanyiin qamadii dhugaa muraasni facaafamee ture. Namichi fakkeenyicha keessatti ibsame, yeroo midhaan itti sassaabamu obsaan eegeera; yeroon midhaan itti sassaabamu kun yeroo midhaanichi itti guddatu wajjin wal bira qabamee yeroo ilaalamu gabaabaadha.
Yeroo Midhaan Sassaabuu Hawwii Guddaadhaan Eegamaa Ture
10, 11. (a) Yeroon midhaan itti sassaabamu yoomi? (b) Qamadiin fakkeenyaan ibsame gombisaa Yihowaatti kan naqamu akkamitti?
10 Yesus, “Yeroon itti midhaan sassaabamu dhuma biyya lafaa ti; warri midhaan sassaabanis ergamoota Waaqayyoo ti” jedheera. (Mat. 13:39) Guyyoota dhumaa biyya lafaa hamaa kanatti ilmaan Mootummaa sassaabamuufi warra inkirdaadatti fakkeeffamanirraa adda ba’uu qabu. Kana ilaalchisee Phexros ergamaan akkas jechuudhaan nutti hima: “Yeroon firdiin kennamu ga’eera; firdiin kunis warra mana Waaqayyoo keessaatti in jalqabama; erga dura nutti in jalqabama ta’ee, dhumni warra wangeela Waaqayyoo amanuu didanii maal haa ta’u ree?”—1 Phe. 4:17.
11 Guyyoonni gara dhumaa ykn ‘dhumni biyya lafaa’ jalqabee baay’ee utuu hin turin, warri Kiristiyaanota dhugaa ofiin jedhan dhugumaan “ilmaan Mootummaa” ta’uusaanii ykn “ilmaan isa hamaa” ta’uusaanii addaan baasuuf firdiin ni jalqabe. “Dura,” Baabilon Guddittiin kan kufte yommuu ta’u, achiis, ilmaan Mootummaa jalqaba midhaan sassaabuurratti walitti in qabaman. (Mat. 13:30) Haata’u malee, qamadiin fakkeenyaan ibsame yeroo ammaa gombisaa Yihowaatti naqamaa kan jiru akkamitti? Warri sassaabaman kun gumii Kiristiyaanaa lammata hundeeffameefi bakka ayyaanaafi eegumsa Waaqayyoo itti argatanitti sassaabamaniiru; ykn samiirratti badhaasa argataniiru.
12. Yeroon midhaan sassaabuu hamma yoomiitti itti fufa?
12 Guyyaan firdii hammam dheerata? Yesus yeroo midhaan itti sassaabamu “waqtii, [NW]” jechuudhaan waan ibseef yeroo murtaa’eef kan itti fufudha. (Mul. 14:15, 16) Firdiin miseensota Kiristiyaanota dibamoo hamma yeroon dhumaa xumuramutti itti fufa. Firdiin kun hamma mallattoon inni dhumaa dibamtootarratti godhamutti kan itti fufudha.—Mul. 7:1-4.
13. Warri inkirdaadatti fakkeeffaman kan gufachiisan karaawwan kamiini? Hamaa kan hojjetanoo akkamitti?
13 Mootummicha keessaa kan walitti qabamu ykn kan funaanamu eenyufa’i? Isaanoo kan gufachiisaniifi hamaa kan hojjetan akkamitti? (Mat. 13:41) Geggeessitoonni saba Kiristiyaanaa inkirdaadatti fakkeeffaman, jaarraawwan hedduudhaaf namoota miliyoonaan lakkaa’aman karaarraa jal’isaa turaniiru. Kana kan godhanis barumsawwan Waaqayyoon salphisan, jechuunis “waan nama gufachiisu” fayyadamaniiti. Barumsawwan kana keessaa tokko tokko, ibidda sii’ol keessatti barabaraaf adabamuufi barumsa Sillaasee isa burjaajessaafi iccitii ta’edha. Geggeessitoonni amantii hedduun, walitti dhufeenya biyya lafaa kanaa wajjin qabaniifi amala addaggummaa qabaniin ejjitoota waan ta’aniif miseensota amantiisaaniitiif fakkeenya gadhee ta’aniiru. (Yaq. 4:4) Kana malees, sabni Kiristiyaanaa ejja miseensonnishee raawwatan callistee bira dabarti. (Yihudaa 4 dubbisi.) Haata’u malee, kun hundumtuu utuu jiruu nama Waaqayyoof bulan fakkaatanii mul’achuuf carraaqqii godhu. Ilmaan Mootummaa, dhiibbaawwan akka inkirdaadaa jiran kanaafi barumsawwan dogoggoraa nama gufachiisan kanarraa fagaachuunsaanii baay’ee isaan gammachiisa!
14. Namoonni inkirdaadatti fakkeeffaman kan boo’aniifi ilkaan kan qaran akkamitti?
14 Warri inkirdaadatti fakkeeffaman kan boo’aniifi ilkaan kan qaran akkamitti? (Mat. 13:42) “Ilmaan Mootummaa” haala warra akka inkirdaadaa isa karaa hafuuraa summaa’aa ta’e waan saaxilaniif “Ilmaan isa hamaa” ni dhiphatu. Deggersi miseensonnisaanii isaaniif godhaniifi to’annaan isaan hordoftoota amantiisaaniirratti qaban xinnaachaa dhufuunsaas baay’ee isaan gaddisiisa.—Isaayaas 65:13, 14 dubbisi.
15. Warri inkirdaadatti fakkeeffaman ibiddaan kan gubatan akkamitti?
15 Inkirdaadichi sassaabamee ibiddaan kan gubamu akkamitti? (Mat. 13:40) Kun, dhumni inkirdaadichaa maal akka fakkaatu kan argisiisudha. Fakkeenyaan boolla ibiddaa keessa akka buufamu ibsamuunsaa, barabaraaf akka balleeffamu kan argisiisudha. (Mul. 20:14; 21:8) Kiristiyaanonni fakkeessituun inkirdaadatti fakkeeffamaniifi gowwoomsitoota ta’an, yeroo ‘rakkina guddaatti’ guutummaatti ni balleeffamu.—Mat. 24:21.
“Akka Biiftuu In Ifu”
16, 17. Miilkiyaas waa’ee mana qulqullummaa Waaqayyoo maal jedhee raajii dubbate? Kunoo raawwatamuu kan jalqabe akkamitti?
16 Namoonni qamadiitti fakkeeffaman ‘akka biiftuu kan ifan’ yeroo kamitti? (Mat. 13:43) Miilkiyaas waa’ee mana qulqullummaa Waaqayyoo qulqulleessuu yeroo dubbatu akkas jedheera: “‘Dingatas gooftichi inni isin barbaaddan sun gara mana qulqullummaa isaa in dhufa; kunoo, ergamaan kakichaa inni isin hawwitan sun in dhufa’ jedha. Garuu guyyaa dhufa isaatti eenyutu obsuu danda’a ree? Yeroo inni mul’atus eenyutu dhaabachuu danda’a ree? Inni akka ibidda isa sibiila qulleessuu ti, akka saamunaa isa ittiin uffata miicanii tis. Inni akka nama sibiila baqsuutti, akka nama meetii qulleessuuttis taa’ee warra Lewwootaa baqsee akka warqee fi akka meetiitti isaan in qulleessa; isaanis warra Waaqayyoof aarsaa qajeelaa dhi’eessan in ta’u.”—Mil. 3:1-3.
17 Bara ammaatti raajiin kun raawwatamuu kan jalqabe, bara 1918 yeroo Yihowaan Yesus isa ‘ergamaa kakichaa’ ta’ee wajjin mana qulqullummaa qulqulleessee turettidha. Miilkiyaas, erga manni qulqullummaa qulqulleeffamee booda wanta raawwatame akkas jechuudhaan nutti hima: “Isin garaa garummaa warra qajeelotaa fi warra jal’oota gidduu jiru, warra ana Waaqayyoof hojjetuu fi warra anaaf hin hojjenne gidduu jirus dabaltanii in argitu.” (Mil. 3:18) Sochii cimaa Kiristiyaanonni dhugaan haareffaman sun godhan, yeroon sun jalqaba yeroo midhaan itti sassaabamuu akka ta’e argisiisa.
18. Raajiin Daani’el bara keenyatti akka raawwatamu dubbate maalidha?
18 Daani’el raajichi waa’ee bara keenyaa akkas jechuudhaan dubbateera: “Warri ogummaadhaan nama geggeessan akka ifa bantii waaqaa, warri namoota baay’ee gara qajeelinaatti deebisanis akka urjootaa, yeroo hundumaaf bara baraan calaqqisuuf jiru.” (Dan. 12:3) Akka ifaa kan calaqqisan kun eenyufa’i? Kiristiyaanota dibamoo Yesus fakkeenya waa’ee qamadiifi inkirdaadaa dubbate keessatti qamadii dhugaatti fakkeesseen ala eenyuyyuu miti! Tuutni sonaan baay’een hoolotatti fakkeeffaman, Kiristiyaanonni sobaa inkirdaadatti fakkeeffaman ‘walitti qabamuusaanii’ hubataniiru. Namoonni gara fuulduraatti lammiiwwan Mootummichaa ta’an kun, Israa’eloota hafuuraa lafarra jiranitti maxxanuudhaan, addunyaa dukkana limixii keessa jiru kanarratti ifasaanii ibsu.—Zak. 8:23; Mat. 5:14-16; Filp. 2:15.
19, 20. “Ilmaan mootummaa” maal hawwiidhaan eeggachaa jiru? Mataduree ittaanurratti waa’ee maalii qoranna?
19 Yeroo har’aa, warri “ilmaan mootummaa” ta’an badhaasa guddaa samiirratti argatan hawwiidhaan eeggachaa jiru. (Rom. 8:18, 19; 1 Qor. 15:53; Filp. 1:21-24) Hamma yeroo sanaatti garuu amanamummaadhaan jiraachuu, ifasaanii caalaatti ibsuufi “ilmaan isa hamaa” irraa adda ta’anii jiraachuusaanii itti fufuu qabu. (Mat. 13:38; Mul. 2:10) Hundi keenya bara keenyatti warri inkirdaadatti fakkeeffaman fakkeenyaan ennaa ‘walitti qabaman’ arguuf mirga argachuu keenyatti baay’ee gammanneerra!
20 Haata’u malee, ilmaan Waaqayyoo kanaafi tuuta sonaan baay’ee lammiiwwan Mootummichaa ta’uudhaan, lafarra barabaraaf jiraachuuf abdataniifi lakkoofsisaanii dabalaa jiru kana gidduu walitti dhufeenya maaliitu jira? Matadureen ittaanu gaaffii kanaaf deebii kenna.
[Miiljaleewwan]
a Fakkeenyawwan kana ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 15, 2008, ful. 12-21 ilaali.
b Fakkeenya kana keessatti, hojiin facaasuu lallabuufi bartoota gochuu, isa namoota haaraa Kiristiyaanota dibamoo ta’an argamsiisu kan argisiisu miti. Sanyii gaarii qotiisarratti facaasame ilaalchisee Yesus, “Sanyiin gaariin ilmaan mootummaati” jedhe malee “ni ta’u” hin jenne. Facaasuun, ilmaan Mootummichaa qotiisa biyya lafaarra jiran dibuu argisiisa.
c Hiddi inkirdaada summaa’aa hidda qamadii wajjin waan wal xaxuuf, utuu yeroon midhaan sassaabuu hin ga’in armnaan qamadichas wajjumaan buqqisuu ta’a.— Insaayit oon za Iskiriipcharsi, Jildii 1, ful. 1178 ilaali.
Ni Yaadattaa?
Fakkeenya Yesus waa’ee qamadiifi inkirdaadaa dubbate keessatti wantoonni armaan gadii maal argisiisu?
• Sanyii gaarii
• Namicha sanyii facaase
• Sanyii facaasuu
• Diina
• Inkirdaada
• Waqtii midhaan sassaabuu
• Gombisaa
• Boo’ichaafi ilkaan qaruu
• Boolla ibiddaa
[Fakkii fuula 20rra jiru]
Sanyii gaariin, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti facaafamuu jalqabe
[Fakkii fuula 23rra jiru]
Qamadiin fakkeenyaan ibsame, amma gombisaa Yihowaatti naqamaa jira
[Madda]
Pictorial Archive (Near Eastern History) Est.