“Dubbii Koo Dhagaʼaa, Hubadhaas”
“Isin hundumti keessan dubbii koo dhagaʼaa, hubadhaas.”—MAR. 7:14.
1, 2. Namoonni Yesusiin dhaggeeffachaa turan hedduun, hiika wanta inni dubbatee hubachuu kan dadhaban maaliifi?
NAMNI tokko sagalee nama isatti dubbatuu dhagaʼeera taʼa. Miira inni ittiin dubbatellee hubateera taʼa. Taʼus, hiika wanta dubbatame sanaa hin hubanne taanaan kun maal isa fayyada? (1 Qor. 14:9) Haaluma wal fakkaatuun, namoonni kumaatamaan lakkaaʼaman wanta Yesus dubbate dhagaʼanii turan. Kan inni dubbate qooqa isaan hubachuu dandaʼaniin ture. Haataʼu malee, hiika wanta inni dubbatee kan hubatan hundasaanii hin turre. Yesus namoota isa dhaggeeffachaa turaniin, “Isin hundumti keessan dubbii koo dhagaʼaa, hubadhaas” kan jedhe kanaafi.—Mar. 7:14.
2 Namoonni baayʼeen hiika wanta Yesus dubbatee hubachuu kan dadhaban maaliifi? Tokko tokko durumayyuu ilaalcha mataasaaniifi yaada dogoggoraa qabu turan. Yesus namoota kanaan, “Seera muka abbaa keessanii jabeessuudhaaf jettanii abboommii Waaqayyoo diiguudhaaf mala baʼeessa argattan” jedhee ture. (Mar. 7:9) Namoonni kun wanta inni dubbate hubachuuf carraaqqii hin goone. Barsiifataafi ilaalchasaanii jijjiiruu hin barbaadan turan. Gurrisaanii banaa taʼus garaansaanii cufaa ture! (Maatewos 13:13-15 dubbisi.) Nutoo, barumsa Yesusirraa faayidaa argachuu akka dandeenyutti, garaan keenya akka hin cufamne gochuu kan dandeenyu akkamitti?
BARUMSA YESUSIRRAA FAAYIDAA ARGACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
3. Bartoonni Yesus wanta Yesus dubbate hubachuu kan dandaʼan akkamitti?
3 Fakkeenya bartoota Yesus warra gad of deebisanii hordofuu qabna. Yesus, “Iji keessan garuu waan arganiif gurri keessanis waan dhagaʼaniif ayyaantuu dha” isaaniin jedhee ture. (Mat. 13:16) Wanta Yesus dubbate warri kaan utuu hin hubatin isaan hubachuu kan dandaʼan akkamitti? Tokkoffaa, gaaffii gaafachuufi hiika wanta Yesus dubbatee beekuuf fedhii qabu turan. (Mat. 13:36; Mar. 7:17) Lammaffaa, beekumsa dabalataa argachuuf fedhii qabu turan. (Maatewos 13:11, 12 dubbisi.) Sadaffaammoo, wanta dhagaʼaniifi hubatan jireenyasaanii keessattis taʼe warra kaan gargaaruuf carraaqqii yeroo godhanitti itti fayyadamuuf fedhii qabu turan.—Mat. 13:51, 52.
4. Fakkeenya Yesus dubbate hubachuuf wanti gochuu qabnu sadan maalfaʼi?
4 Fakkeenyota Yesus dubbate hubachuu yoo barbaanne, fakkeenya bartootasaa warra amanamoo hordofuu qabna. Fakkeenyasaanii hordofuuf wanta sadii gochuu qabna. Tokkoffaa, wanta Yesus dubbate qayyabachuu, irratti xiinxaluu, qorannaa gochuufi gaaffii barbaachisaa taʼe gaafachuuf yeroo ramaduuf fedhii qabaachuu qabna. Kunis beekumsa argamsiisa. (Fak. 2:4, 5) Lammaffaa, beekumsi kun isa kanaan dura beeknuu wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabuufi dhuunfaatti faayidaa akkamii akka nuuf argamsiisu hubachuu qabna. Kun hubannaa argamsiisa. (Fak. 2:2, 3) Dhumarrattis, wanta baranne jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuudhaan itti fayyadamuu qabna. Kunimmoo ogummaa akka qabnu argisiisa.—Fak. 2:6, 7.
5. Garaagarummaa beekumsa, hubannaafi ogummaa gidduu jiru fakkeenyaan ibsi.
5 Garaagarummaan beekumsa, hubannaafi ogummaa gidduu jiru maalidha? Fakkeenyaan ibsuuf, karaa walakkaa akka jirtuufi konkolaataan tokko garakee dhufaa akka jirutti yaadi. Jalqaba, garakee dhufaa kan jiru konkolaataa taʼuusaa adda baafatta—kun beekumsadha. Achii, iddoo jirtu dhaabatee yoo turte akka si rukutu yaadda—kun hubannaadha! Kanaaf gara qarqara karichaatti fiigda—kunimmoo ogummaadha! Dhugumayyuu, ogummaan jireenya waan taʼeef Macaafni Qulqulluun, ‘Ogummaatti jabaadhu’ jechuunsaa sirriidha.—Fak. 3:21, 22; 1 Xim. 4:16.
6. Fakkeenyota Yesus itti fayyadame torba yeroo qorutti gaaffiiwwan arfan kam kaasna? (Saanduqa fuula itti aanurra jiru ilaali.)
6 Mataduree kanaafi isa itti aanurratti fakkeenyota Yesus itti fayyadame torba qorra. Akkas yeroo goonutti, gaaffiiwwan armaan gadii kaasna: Hiikni fakkeenya kanaa maalidha? (Kun beekumsa argachuuf nu gargaara.) Yesus fakkeenya kanatti kan fayyadame maaliifi? (Kun hubannaa nuuf argamsiisa.) Beekumsa arganneen ofii keenyas taʼe warra kaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? (Kun ogummaadha.) Fakkeenyi kun waaʼee Yihowaafi Yesus maal nu barsiisa?
IJA SANAAFICAA
7. Fakkeenyi waaʼee ija sanaaficaa dubbatu hiiknisaa maalidha?
7 Maatewos 13:31, 32 dubbisi. Fakkeenyi Yesus ija sanaaficaa ilaalchisee dubbate hiiknisaa maalidha? Iji ykn sanyiin sanaaficaa, ergaa Mootummichaafi buʼaa ergicha lallabuudhaan argamu, jechuunis gumii Kiristiyaanaa argisiisa. Akkuma sanyii sanaaficaa isa “sanyii hundumaa irra xinnayyoo” taʼee, gumiin Kiristiyaanaas Dh.K.B. bara 33tti yeroo hundeeffametti xinnoo ture. Haataʼu malee, gumichi waggoota muraasa keessatti isa eegame caalaa saffisaan guddate. (Qol. 1:23) Yesus, ‘simbirroonni dhufanii damee isaarratti mannʼee akka ijaarratan’ waan dubbateef, guddinni kun faayidaa guddaa qaba. Simbirroonni fakkeenyaan ibsaman kun, namoota garaa qajeelaa qabaniifi gumii Kiristiyaanaa keessatti karaa hafuuraa nyaata, boqonnaafi eegumsa argatan argisiisu.—Hisqiʼel 17:23 wajjin wal bira qabii ilaali.
8. Yesus fakkeenya waaʼee ija sanaaficaa dubbatutti kan fayyadame maaliifi?
8 Yesus fakkeenya kanatti kan fayyadame maaliifi? Guddina ija sanaaficaa dinqisiisaa taʼe kana akka fakkeenyaatti kan fayyadame, humna Mootummaan Waaqayyoo babalʼachuuf, eegumsa gochuuf, akkasumas gufuu isa mudatu hunda moʼuuf qabu argisiisuuf ture. Bara 1914 kaasee kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni ijaan mulʼatu guddinnisaa kan nama ajaaʼibsiisudha! (Isa. 60:22) Namoonni jaarmiyaa kana keessa jiran karaa hafuuraa eegumsa guddaa argataniiru. (Fak. 2:7; Isa. 32:1, 2) Kana malees, hojiin Mootummichaa mormii hunda moʼuudhaan guddachuusaa waan itti fufeef, guddinasaa dhaabsisuun akka hin dandaʼamne mirkanaaʼeera.—Isa. 54:17.
9. (a) Fakkeenya waaʼee ija sanaaficaa dubbaturraa barumsa akkamii arganna? (b) Fakkeenyi kun waaʼee Yihowaafi Yesus maal nu barsiisa?
9 Fakkeenya waaʼee ija sanaaficaa dubbaturraa barumsa akkamii arganna? Tarii bakka Dhugaa Baatonni muraasni jiran ykn bakka buʼaan hojii tajaajila keenyaa dafee itti hin mulʼanne jiraanna taʼa. Haataʼu malee, Mootummichi gufuu isa mudatu hunda moʼuu kan dandaʼu taʼuusaa beekuun keenya obsaan akka itti fufnu nu gargaara. Fakkeenyaaf, obboleessi keenya Edwiin Iskiinar bara 1926tti gara Hindii yeroo deemetti, achi kan turan Dhugaa Baatota qubaan lakkaaʼaman turan. Jalqabarratti guddinni ture baayʼee xinnoo waan tureef hojichi ulfaataa ture. Haataʼu malee, Edwiin lallabuusaa kan itti fufe siʼa taʼu, ergaan Mootummichaa gufuuwwan gurguddaa akkamitti akka moʼe arguu dandaʼeera. Yeroo ammaatti Hindii keessa Dhugaa Baatota 37,000 oltu jira; namoonni 108,000 ol taʼanimmoo bara darbe Ayyaana Yaadannoorratti argamaniiru. Bara obboleessi keenya Edwiin gara Hindii deemetti, hojichi Zaambiyaa keessattis reefuu jalqabamuusaa ture. Yeroo ammaa babalʼistoonni 170,000 ol taʼan achitti lallabaa kan jiran siʼa taʼu, bara 2013tti namoonni 763,915 Ayyaana Yaadannoorratti argamaniiru. Kana jechuun, jiraattota Zaambiyaa 18 keessaa 1 ayyaanicharratti argameera jechuudha. Kun guddina nama ajaaʼibsiisudha!
RAACITII
10. Fakkeenyi waaʼee raacitii dubbatu hiiknisaa maalidha?
10 Maatewos 13:33 dubbisi. Fakkeenyi waaʼee raacitii dubbatu hiiknisaa maalidha? Fakkeenyi kunis ergaa Mootummichaafi buʼaa inni argamsiisu argisiisa. Daakichi ‘hundi isaa’ saba hundumaa kan argisiisu siʼa taʼu, bukaaʼuunsaammoo ergaan Mootummichaa karaa hojii lallabaa babalʼachuusaa argisiisa. Guddinni ija sanaaficaa ifatti kan mulʼatu siʼa taʼu, raacitichi garuu yeroo tamsaʼu jalqabarratti hin mulʼatu. Buʼaansaa ifatti kan mulʼatu yeroo murtaaʼe boodadha.
11. Yesus fakkeenya waaʼee raacitii dubbatutti kan fayyadame maaliifi?
11 Yesus fakkeenya kanatti kan fayyadame maaliifi? Ergaan Mootummichaa babalʼachuufi jijjiirama fiduudhaaf humna kan qabu taʼuusaa argisiisuuf ture. Ergaan Mootummichaa “hamma andaara lafaatti” babalʼateera. (HoE. 1:8) Haataʼu malee, jijjiiramni ergichi fidu ifatti kan mulʼatu yeroo hunda miti; jijjiiramni inni fidu tokko tokko jalqabarratti mulʼachuu dhiisuu dandaʼa. Jijjiiramni garuu jira; jijjiiramni kun kan lakkoofsaa qofa utuu hin taʼin, jijjiirama amalaa namoonni ergaa babalʼachaa jiru kana fudhatan argisiisanis ni dabalata.—Rom. 12:2; Efe. 4:22, 23.
12, 13. Akkuma fakkeenya waaʼee raacitii dubbatuurratti ibsame, fakkeenya hojiin Mootummicha lallabuu guddachaa akka jiru argisiisu dubbadhu.
12 Buʼaan hojii lallabaa yeroo baayʼee kan mulʼatu, hojichi hojjetamee waggoota hedduu boodadha. Fakkeenyaaf, hiriyoonni gaaʼelaa Firaanziifi Maargit jedhamaniifi yeroo harʼaatti waajjira damee kan biraa keessa tajaajilaa jiran, bara 1982tti Betʼel Biraaziilitti argamu keessa tajaajilaa turan; achitti mandara baadiyyaa tokko keessatti lallabanii turan. Namoota isaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisan keessaa tokko dubartii tokkoofi ijoolleeshee arfan turan. Ijoollee warra dhiiraa keessaa inni guddaan umriinsaa waggaa 12 ture baayʼee ija laafessa waan taʼeef, qayyabannaan yeroo jalqabamuuf jedhu dhokachuuf yaala ture. Hiriyoonni gaaʼelaa kun ramaddiinsaanii waan jijjiirameef, maatii kana qayyabsiisuusaanii itti fufuu hin dandeenye. Haataʼu malee, waggaa 25 booda deebiʼanii gara mandara kanaa dhaqanii turan. Yeroo kanatti jijjiirama akkamii argan laata? Gumiin Galma Mootummaa haaraa keessatti walitti qabamuufi babalʼistoota 69 qabu kan jiru siʼa taʼu, isaan keessaammoo 13 qajeelchitoota yeroo hundaa turan. Mucaan ija laafessa ture sunoo akkam taʼe laata? Yeroo ammaa qindeessaa qaama jaarsolii taʼee tajaajilaa jira! Akkuma raacitii Yesus fakkeenyasaarratti dubbatee, ergaan Mootummichaa guddatee jireenya namoota hedduu jijjiireera. Kunis hiriyoota gaaʼelaa deebiʼanii gara mandara sanaa deemaniif gammachuu guddaa argamsiiseera!
13 Humni ergaan Mootummichaa namoota jijjiiruuf qabuufi ijaan hin mulʼanne, keessumaa biyyoota hojiin Mootummichaa itti dhorkame keessatti ifatti mulʼachaa jira. Biyyoota kana keessatti ergichi hammam akka babalʼate ennaa arginu yeroo baayʼee nu dinqisiisa. Mee Kuubaa akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Ergaan Mootummichaa yeroo jalqabaatiif Kuubaatti kan lallabame bara 1910tti ture; bara 1913ttimmoo obboleessi keenya Raasil biyya kana daawwatee ture. Haataʼu malee, jalqabarratti guddinni ture saffisa hin qabu ture. Ammahoo haalli Kuubaa keessa jiru maal fakkaata? Babalʼistoonni 96,000 kan jiran siʼa taʼu, bara 2013tti namoonni 229,726 taʼan Ayyaana Yaadannoorratti argamaniiru; kunis jiraattota odoola kanaa 48 keessaa 1 ayyaanicharratti argameera jechuudha. Biyyoota hojichi itti hin dhorkamne keessattis, bakka Dhugaa Baatonni naannichaa itti lallabuun hin dandaʼamu jedhanii yaadanillee ergichi gaʼee taʼuu dandaʼa.a—Lal. 8:7; 11:5.
14, 15. (a) Barumsa fakkeenyi waaʼee raacitii dubbatu dabarsurraa, dhuunfaatti faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Fakkeenyi kun waaʼee Yihowaafi Yesus maal nu barsiisa?
14 Wanta Yesus fakkeenya waaʼee raacitii dubbatutti fayyadamee barsiiserraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? Hiika fakkeenyi Yesus dubbate qaburratti yeroo xiinxallu, namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi hamma yoonaatti ergaa Mootummichaa hin dhageenye, ergaa kana kan dhagaʼan akkamitti jennee garmalee yaaddaʼuu akka hin qabne hubanna. Yihowaan wanta hunda Yeroosaatti ni raawwata. Haataʼu malee gaʼeen keenya maalidha? Macaafni Qulqulluun deebii akkas jedhu kenna: “Waan ati facaafte keessaa inni kam akka tolu waan hin beekneef, sanyii midhaanii kee ganama facaasi, galgalas harki kee facaasuuttii hin boqotin! Inni kun yookiis inni sun yookiis immoo lachanuu in tolu taʼa.” (Lal. 11:6) Hojiin lallabaa kun keessumaa biyyoota hojiin kun itti dhorkame keessatti akka milkaaʼuuf kadhannaa dhiheessuu keenya dagachuu akka hin qabnes beekamaadha.—Efe. 6:18-20.
15 Kana malees, jalqabarratti buʼaa hojii keenyaa yoo arguu baanne abdii kutachuu hin qabnu. ‘Guyyaa wanti xinnoon itti jalqabame’ tuffachuu hin qabnu. (Zak. 4:10, hiika bara 1899) Buʼaan yeroo booda argannu isa nuti eegne caalaa guddaafi kan nama gammachiisu taʼuu dandaʼa!—Far. 40:5; Zak. 4:7.
NAGGAADEEFI QABEENYA DHOKFAME
16. Fakkeenyonni waaʼee naggaadeefi waaʼee qabeenya dhokfamee dubbatan hiiknisaanii maalidha?
16 Maatewos 13:44-46 dubbisi. Fakkeenyonni waaʼee naggaadeefi waaʼee qabeenya dhokfamee dubbatan hiiknisaanii maalidha? Bara Yesuusitti, Naggaadonni tokko tokko callee gati jabeessa argachuudhaaf hamma Garba Hindiitti ni deemu turan. Naggaadeen fakkeenya kana keessatti ibsame, namoota garaa qajeelaa qabaniifi fedhii hafuuraasaanii guuttachuuf karaa dheeraa deeman argisiisa. ‘Calleen gati-jabeessa’ taʼemmoo, dhugaa Mootummichaa isa gatii guddaa qabu argisiisa. Naggaadichi gatii callee kanaa waan hubateef, callee kana bituuf wanta qabu hunda gurguruuf fedha qaba ture. Yesus waaʼee nama lafa qotiisaarratti utuu hojjetuu qabeenya “dhokfame” argatees dubbateera. Namni kun akka naggaadichaa qabeenya barbaadaa hin turre. Haataʼu malee akkuma naggaadichaa innis, qabeenya kana argachuuf “waan qabu hundumaa” gurguruuf fedha qaba ture.
17. Yesus fakkeenyota waaʼee naggaadeefi qabeenya dhokfamee ibsan kan dubbate maaliifi?
17 Yesus fakkeenyota kana lamaan kan dubbate maaliifi? Dhugaan karaa garaagaraatiin akka argamu argisiisuuf ture. Namoonni tokko tokko dhugaa ni barbaadu, akkasumas argachuudhaaf karaa dheeraa ni deemu. Kaanimmoo, dhugaa argachuudhaaf carraaqqii gochuu baatanis, tarii bakkuma isaan jiranitti dhugaan isaaniif dhaqeera. Haallisaa maaliyyuu yoo taʼe, namoonni kun wanti isaan argatan gati jabeessa taʼuusaa hubachuudhaan, wanta kana argachuuf aarsaa guddaa kaffaluudhaaf fedhii qabaataniiru.
18. (a) Fakkeenyota kana lamaanirraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Fakkeenyi kun waaʼee Yihowaafi Yesus maal nu barsiisa?
18 Fakkeenyota kana lamaanirraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? (Mat. 6:19-21) Akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Ilaalcha akka namoota kanaan qabaa? Akkumasaanii dhugaadhaaf bakka guddaan kennaa? Dhugaa kankoo godhachuudhaaf aarsaa nan kaffalaa? Moo jireenyi guyyaa guyyaafi wantoonni kaan xiyyeeffannaakoo akka hihhiraniin heyyama?’ (Mat. 6:22-24, 33; Luq. 5:27, 28; Filp. 3:8) Dhugaa arganneef iddoo guddaa kan kenninu yoo taʼe, jireenya keenya keessatti dhugaadhaaf dursa kennuudhaaf kutannoo ni goona.
19. Mataduree itti aanurratti maal qorra?
19 Fakkeenyota Mootummichaa kana kan dhageenyeefi hiikasaanii sirriitti kan hubanne taʼuu keenya haa argisiisnu. Akkas kan goonu hiikasaa beekuudhaan qofa utuu hin taʼin, barumsa irraa arganne hojiirra oolchuudhaan akka taʼe yaadadhaa. Mataduree itti aanurratti, fakkeenyota dabalataa sadii qoruudhaan barumsa irraa argachuu dandeenyu ilaalla.
a Muuxannoon akkasii Arjantiinaa (Kitaaba Waggaa 2001, fuula 186, (Ingiliffa)), Jarmanii Bahaa (Kitaaba Waggaa 1999, fuula 83, (Ingiliffa)), Paappuwaa Niiwu Giinii (Kitaaba Waggaa 2005, fuula 63, (Ingiliffa)) fi Odoola Roobiinsan Kiruusoo (Masaraa Eegumsaa, Waxabajjii 15, 2000, fuula 9, (Amaariffa)) keessattis argameera.