Hiikasaa Ni ‘Hubattuu’?
“Macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef.”—LUQ. 24:45.
1, 2. Yesus guyyaa itti duʼaa kaʼetti bartootasaa kan jajjabeesse akkamitti?
GUYYAANSAA guyyaa itti Yesus duʼaa kaʼedha. Bartoonni lama gara mandara Yerusaalemirraa kiilomeetira 11 ol fagaattee argamtuu deemaa turan. Akka Yesus duʼaa kaʼe waan hin beekneef, wanta tibba sana raawwatametti baayʼee gaddanii turan. Akkuma tasaa Yesus garasaanii dhufee isaanii wajjin deemuu jalqabe. Yeroo kanatti bartoota sana jajjabeessee ture. Akkamitti? “Macaafa Musee fi macaafota raajotaa hundumaa keessatti iddoo itti waaʼee isaatiif dubbatu hundumaa isaaniif hiike.” (Luq. 24:13-15, 27) Yeroo kanatti, wanta macaafota keessatti barreeffame akka gaariitti waan isaaniif ‘ibseef,’ garaan isaanii ni raafame.—Luq. 24:32.
2 Guyyuma sana galgala bartoonni kun lamaan gara Yerusaalem deebiʼan. Achii wanta isaan mudate ergamootatti himan. Utuu isaan dubbachaa jiranii Yesus hundasaaniitti mulʼate. Haataʼu malee, ergamoonnisaa sodaatanii, akkasumas shakkiin isaanitti uumamee ture. Yesus kan isaan jajjabeesse akkamittiree? Macaafni Qulqulluun, “Macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef” jedha.—Luq. 24:45.
3. Haalli rakkisaan akkamii nu mudachuu dandaʼa? Tajaajila keenyaaf ilaalcha madaalamaa taʼe qabaachuuf wanti nu gargaaruu dandaʼu maalidha?
3 Nutis akkuma bartoota sanaa al tokko tokko gaddi nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Hojii Gooftaa ciminaan hojjennus, buʼaa waan hin argineef abdii kutanna taʼa. (1 Qor. 15:58) Yookiin namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu guddina argisiisaa waan hin jirre nutti fakkaachuu dandaʼa. Tarii namoonni nuti gargaarru kaanimmoo Yihowaayyuu dhiisaniiru taʼa. Tajaajila keenyaaf ilaalcha madaalamaa taʼe qabaachuuf maal gochuu qabna? Wanti nu gargaaruu dandaʼu inni tokko, hiika fakkeenyota Yesus dubbateefi Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffamanii hubachuudha. Mee fakkeenyota kana keessaa sadii qoruudhaan, barumsa irraa argachuu dandeenyuu haa ilaallu.
NAMA SANYII FACAASUUFI RAFU
4. Fakkeenyi Yesus waaʼee namicha sanyii facaasuufi rafuu dubbate hiiknisaa maalidha?
4 Maarqos 4:26-29 dubbisi. Fakkeenyi Yesus waaʼee nama sanyii facaasuufi rafuu dubbate hiiknisaa maalidha? Namichi fakkeenya kana keessatti caqasame, labsitoota Mootummichaa dhuunfaadhaan argisiisa. Sanyichimmoo, ergaa Mootummichaa namoota garaa qajeelaa qabaniif lallabamu argisiisa. Akkuma jireenya guyyaa guyyaa keessatti godhamu, namichi sanyii facaasu kun “halkan in rafa guyyaas in kaʼa.” Guddinni biqiltuu kanaa yeroo murtaaʼe ni fudhata, kunis yeroo facaasaatii hanga yeroo haamaatti jechuudha. Yeroo murtaaʼe sana keessatti “sanyichi . . . in biqila in guddatas.” Guddinni kun “ofuma isaatiin” suuta suuta, akkasumas sadarkaadhaan raawwatama. Haaluma walfakkaatuun, guddinni hafuuraas suuta suuta, akkasumas sadarkaadhaan raawwatama. Namni tokko guddina argisiisee garaansaa Yihowaa waaqeffachuudhaaf yeroo isa kakaasu, ija godhata, jechuunis Yihowaadhaaf of murteessee cuuphama.
5. Yesus fakkeenya waaʼee nama sanyii facaasuufi rafuu kan dubbate maaliifi?
5 Yesus fakkeenya kana kan dubbate maaliifi? Dhugaan garaa namoota “yaada garaa sirrii taʼe” qabanii keessatti akka guddatu kan godhu Yihowaa taʼuusaa nu hubachiisuufi. (HoE. 13:48, NW; 1 Qor. 3:7) Sanyicha kan facaasnuufi bishaan kan obaasnu taʼus, guddinasaa toʼachuu hin dandeenyu. Dafee akka guddatu dirqisiisuu hin dandeenyu. Akkuma namicha fakkeenyicharratti ibsamee, nutis guddinnisaa kan raawwatamu akkamitti akka taʼe hin beeknu. Sochii guyyaa guyyaa baramaa taʼe yeroo goonutti, yeroo baayʼee guddina jiru hubachuu hin dandeenyu. Yeroo booda garuu, sanyiin Mootummichaa ija godhachuu dandaʼa. Sana booda duuka buutuun haaraa taʼe kun, hojii midhaan sassaabuurratti nu wajjin hirmaachuudhaan nu gargaara.—Yoh. 4:36-38.
6. Guddina hafuuraa wajjin haala walqabateen wanti beekuu qabnu maalidha?
6 Fakkeenya kanarraa barumsa akkamii arganna? Tokkoffaa, guddina hafuuraa nama Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnuu toʼachuu akka hin dandeenye amannee fudhachuu qabna. Iddoo keenya beekuun keenya, barataan Macaafa Qulqulluu tokko akka cuuphamu dhiibbaa irratti gochuuf ykn dirqisiisuuf akka hin qoramne nu gargaara. Nama kana gargaaruudhaaf hamma humni keenya dandaʼe carraaqqii kan goonu taʼus, of murteessuudhaaf murtoo gochuu kan qabu isa akka taʼe amannee fudhachuu qabna. Namni tokko kan of murteessu jaalala Yihowaadhaaf qabuun kakaʼee taʼuu qaba. Kan isa kakaase kana miti taanaan Yihowaa biratti fudhatama hin qabaatu.—Far. 51:12; 54:6; 110:3.
7, 8. (a) Fakkeenya Yesus waaʼee nama sanyii facaasuufi rafuu dubbaterraa barumsa dabalataa akkamii arganna? Fakkeenya kenni. (b) Fakkeenyi kun waaʼee Yihowaafi Yesus maal nu barsiisa?
7 Lammaffaa, barumsa fakkeenya kanarraa argannu hubachuun keenya, jalqabarratti buʼaa hojii keenyaa yoo arguu baanne abdii akka hin kutanne nu gargaara. Obsa qabaachuu qabna. (Yaq. 5:7, 8) Barataa Macaafa Qulqulluu tokko gargaaruuf hamma dandeenye carraaqqii gooneerra taanaan, sanyichi ija godhachuu baatus, kun dadhabina keenya kan argisiisu akka hin taane ni hubanna. Yihowaan iji dhugaa akka guddatu kan godhu, garaa namoota gad of deebisaniifi jijjiirama gochuuf fedhii qabanii keessattidha. (Mat. 13:23) Kanaaf, buʼaa tajaajila keenyaarratti qofa hundaaʼuudhaan, tajaajilli keenya hin milkoofne jennee murteessuu hin qabnu. Yihowaan milkaaʼina tajaajila keenyaa kan ilaalu deebii namoonni qayyabsiisnu kennanirratti hundaaʼee miti. Kanaa mannaa, buʼaansaa maaliyyuu yoo taʼe, carraaqqii nuti goonuuf bakka guddaa kenna.—Luqaas 10:17-20; 1 Qorontos 3:8 dubbisi.
8 Sadaffaa, jijjiirama nama tokkoo yeroo hunda hubachuu dhiisuu dandeenya. Fakkeenyaaf, hiriyoonni gaaʼelaa misiyooniin tokko qayyabsiisaa ture, babalʼistoota hin cuuphamne taʼuu akka barbaadan isatti himan. Innis gaʼumsa babalʼisaa taʼuuf isaan dandeessisu qabaachuudhaaf, tamboo xuuxuu dhiisuu akka qaban isaanitti hime. Xuuxuu erga dhiisanii jiʼa hedduu akka taʼe yeroo isatti himan baayʼee isa ajaaʼibsiise. Xuuxuu kan dhiisan maaliifi? Yihowaan yeroo isaan xuuxan akka isaan arguufi fakkeessitummaa akka jibbu waan hubataniifidha. Kanaaf, bakka misiyooniin kun hin jirretti qofa utuu hin taʼin isa durattis xuuxuuf, yookiinimmoo guutummaatti dhiisuudhaaf murteessuu akka qaban isaanitti dhagaʼame. Jaalalli isaan Yihowaadhaaf horatan murtoo sirrii akka godhan isaan kakaaseera. Misiyoonichi jijjiirama isaan godhan beekuu baatus, karaa hafuuraa guddina godhanii turan.
KIYYOO
9. Fakkeenyi waaʼee kiyyoo dubbatu hiiknisaa maalidha?
9 Maatewos 13:47-50 dubbisi. Fakkeenyi Yesus waaʼee kiyyoo dubbate hiiknisaa maalidha? Yesus hojii ergaa Mootummichaa ilmaan namootaa hundaaf lallabuu, kiyyoo guddaa gara galaanaatti darbachuu wajjin wal fakkeesseera. Akkuma kiyyoon tokko utuu wal hin caalchisin “akaakuu qurxummii hundumaa” baayʼinaan qabu, namoonni gosa hundaa miliyoonaan lakkaaʼamanis hojii lallabaa keenyaaf fedhii argisiisaa jiru. (Isa. 60:5) Waggaa waggaadhaan namoonni hedduun walgaʼii gurguddaafi Ayyaana Yaadannoorratti argamuunsaanii kun dhugaa taʼuusaa nuu mirkaneessa. Namoota qurxummiitti fakkeeffaman kana keessaa tokko tokko “gaggaarii” waan taʼaniif, miseensa gumii Kiristiyaanaa taʼu. Warri kaan garuu akka qurxummii “gaggadhee” turan; Yihowaa duratti fudhatama kan argatu warra walitti qabaman hunda hin turre.
10. Yesus fakkeenya waaʼee kiyyoo ibsu kan dubbate maaliifi?
10 Yesus fakkeenya kana kan dubbate maaliifi? Fakkeenya kanarratti qurxummiin gargar baafamuunsaa, murtoo yeroo rakkina guddaatti godhamu kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, wanta guyyoota dhumaa addunyaa hamaa taʼe kanaa keessatti taʼu kan argisiisudha. Yesus tarkaanfii kan fudhatan warra fedhii argisiisan hunda akka hin taane ibseera. Namoonni baayʼeen walgaʼii gumiirratti nuu wajjin kan argaman, akkasumas warri kaanimmoo nuu wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii kan qaban taʼus, Yihowaadhaaf of murteessuu hin barbaadan. (1 Sen. 18:21) Warri kaanimmoo gumii Kiristiyaanaarraa fagaataniiru. Dargaggoonni tokko tokko maatii Kiristiyaana taʼe keessatti kan guddatan taʼus, ulaagaalee Yihowaatiif jaalala hin horanne. Haallisaa maaliyyuu yoo taʼe, Yesus namni hundi murtoo dhuunfaa gochuu akka qabu addeesseera. Inni warra of murteessan “saba lafa irraa hundumaa keessaa gati jabeessa” akka taʼanitti ilaala.—Hag. 2:7, NW.
11, 12. (a) Fakkeenya waaʼee kiyyoo dubbaturraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Fakkeenyi kun waaʼee Yihowaafi Yesus maal nu barsiisa?
11 Fakkeenya waaʼee kiyyoo dubbaturraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? Barumsa fakkeenya kanarraa argannu hubachuun keenya, namni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu ykn ijoollee keenya keessaa tokko dhugaa kan ofiisaa yoo godhachuu baate garmalee akka hin dhiphanne ykn abdii akka hin kutanne nu gargaara. Hamma dandeenye carraaqqii goonus, haalli akkasii nu mudachuu dandaʼa. Namni tokko Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaaf fedhii waan argisiiseef ykn mana dhugaa keessatti waan guddateef qofa, dhuunfaatti Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba jechuu miti. Warri bulchiinsa Yihowaatiif bitamuu hin barbaanne, dhumarratti saba Yihowaarraa adda baafamu.
12 Kana jechuun garuu namoonni dhugaa dhiisanii turan gara gumiitti deebiʼuun hin heyyamamuuf jechuudhaa? Yookiin namni tokko hamma yoonaatti Yihowaadhaaf of hin murteessine taanaan, hamma barabaraatti akka qurxummii “gaggadhee” taʼa ykn abdii hin qabu jechuudhaa? Lakki. Namoonni akkasii rakkinni guddaan dhufuusaa dura tarkaanfii fudhachuudhaaf carraa qabu. Yihowaan, “Gara kootti deebiʼaa! Anis gara keessanitti nan deebiʼa” isaaniin jechaa jira. (Mil. 3:7) Yaadni kun fakkeenya Yesus waaʼee ilma badee argamee dubbaterratti caalaatti ibsameera.—Luqaas 15:11-32 dubbisi.
ILMA BADEE ARGAME
13. Fakkeenyi waaʼee ilma badee argamee dubbatu hiiknisaa maalidha?
13 Fakkeenyi Yesus waaʼee ilma badee argamee dubbate hiiknisaa maalidha? Abbaan gara laafessi fakkeenya kanarratti ibsame, Abbaa keenya Yihowaa isa jaalala qabeessa taʼe argisiisa. Ilmi inni dhaala gaafateefi qabeenyasaa hunda balleessemmoo, namoota gumiirraa fagaatan argisiisa. Gumiirraa fagaatanii gara addunyaa Seexanaa isa Yihowaarraa fagaatee waan dhaqaniif, akkuma waan “biyya fagoo” dhaqaniiti. (Efe. 4:18; Qol. 1:21) Haataʼu malee, tokko tokko yeroo booda qalbiisaaniitti deebiʼanii, carraaqqii cimaa gochuudhaan gara jaarmiyaa Yihowaatti deebiʼaniiru. Abbaan keenya inni araara qabeessa taʼe, warra gad of deebisuudhaan qalbiisaanii jijjiirratan gammachuudhaan simata.—Isa. 44:22; 1 Phe. 2:25.
14. Yesus fakkeenya waaʼee ilma badee argamee kan dubbate maaliifi?
14 Yesus fakkeenya kana kan dubbate maaliifi? Yesus, Yihowaan warri isarraa fagaatan gara isaatti akka deebiʼan kan barbaadu taʼuusaa karaa garaa namaa tuquun fakkeenyaan ibseera. Abbaan fakkeenyicharratti ibsame ilmisaa guyyaa tokko akka deebiʼu ni abdata ture. Ilmasaa deebiʼaa jiru kan arge “fagoodhaa” taʼus, isa simachuudhaaf isatti fiigeera. Fakkeenyi kun, warri dhugaa dhiisan, dafanii gara Yihowaatti akka deebiʼan kan jajjabeessudha! Karaa hafuuraa baayʼee dadhabanii taʼuu dandaʼa; akkasumas deebiʼuun kan nama qaanessuufi ulfaataa akka taʼe isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus deebiʼuunsaanii faayidaa guddaa qaba; warri waaqarraallee isaan deebiʼuusaaniitti baayʼee gammadu.—Luq. 15:7.
15, 16. (a) Fakkeenya Yesus waaʼee ilma badee argamee dubbaterraa barumsa akkamii arganna? Fakkeenya kenni. (b) Fakkeenyi kun waaʼee Yihowaafi Yesus maal nu barsiisa?
15 Fakkeenya waaʼee ilma badee argamee dubbaturraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya Yihowaa hordofuu qabna. Warra qalbiisaanii geddaratanii deebiʼan simachuu diduudhaan, “nama qajeelaa . . . keessa baʼaa” taʼuu hin barbaannu. Kun karaa hafuuraa nu ‘balleessuudhaan’ alatti faayidaa hin qabu. (Lal. 7:16) Fakkeenya kanarraa barumsa kan biraas argachuu ni dandeenya. Namni gumiirraa fagaate tokko, akka ‘hoolaa badeetti’ malee akka nama abdii hin qabnetti ilaalamuu hin qabu. (Far. 119:176) Nama gumiirraa fagaate tokko yoo argine, jaalalaan kakaanee akka deebiʼu ni gargaarraa? Gargaarsa barbaachisaa taʼe akka isaaf godhan dafnee jaarsoliitti ni himnaa? Fakkeenya Yesus waaʼee ilma badee argamee dubbaterraa barumsa arganne ogummaadhaan yoo hojiirra oolchine akkas gochuu ni dandeenya.
16 Obboloonni yeroo harʼaatti gumiidhaa badanii argaman tokko tokko, dinqisiifannaa araara Yihowaatiif, akkasumas jaalalaafi deggersa gumiin isaaniif godheef qaban akkamitti akka ibsan ilaalaa. Obboleessi gumiidhaa baafamee waggaa 25f ture tokko akkas jedheera: “Gara gumiitti ergan deebiʼee booda, Yihowaa biraa ‘yeroo haareffamaa’ waanan argadheef gammachuunkoo dabaluusaa itti fufeera. (HoE. 3:19, 20) Hundumtuu na deggeraa, akkasumas jaalala natti argisiisaa jiru! Amma maatii hafuuraa gammachiisaa taʼe qaba.” Obboleettiin dargaggeettii taateefi Yihowaarraa fagaattee waggaa shaniif turte tokkommoo, “Jaalala Yesus barsiise yeroo natti argisiisan miira natti dhagaʼame ibsuun baayʼee natti ulfaata. Kutaa jaarmiyaa Yihowaa taʼuun mirga homtuu ittiin hin qixxaannedha!” jetteetti.
17, 18. (a) Fakkeenyota ilaalle sadanirraa barumsa akkamii arganne? (b) Maal gochuudhaaf murteessuu qabna?
17 Fakkeenyota ilaalle sadanirraa barumsa akkamii arganne? Tokkoffaa, guddina hafuuraa namootaa toʼachuu akka hin dandeenye beekuu qabna. Akkas gochuu kan dandaʼu Yihowaadha. Lammaffaa, namoonni nuu wajjin gumiirratti argamaniifi Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu hundi tarkaanfii ni fudhatu jennee yaaduu hin qabnu. Sadaffaa, warri tokko tokko dhugaa dhiisuudhaan Yihowaarraa kan fagaatan taʼus, deebiʼuu hin dandaʼan jennee abdii kutachuu hin qabnu. Yoo isaan deebiʼanis, haala ilaalcha Yihowaa calaqqisiisuun isaan simachuu qabna.
18 Hundi keenya beekumsa, hubannaafi ogummaa barbaaduu keenya itti haa fufnu. Fakkeenyota Yesus dubbate yeroo dubbisnu, hiiknisaanii maal akka taʼe, Macaafa Qulqulluu keessatti kan galmeeffaman maaliif akka taʼe, barumsa irraa argannu hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe, akkasumas waaʼee Yihowaafi Yesus maal akka nu barsiisan haa qorru. Akkas gochuun keenya hiika wantoota Yesus dubbatee hubachuuf nu gargaara.