BARUMSA 23
Cuuphamuun Kee Faayidaa Hedduu Siif Argamsiisa!
Yesuus cuuphaan ulaagaa Kiristiyaanni tokko guutuu qabu akka taʼe barsiiseera. (Maatewos 28:19, 20 dubbisi.) Garuu cuuphaan maali dha? Namni tokko galma kana irra gaʼuuf hoo maal gochuu qaba?
1. Cuuphaan akkamitti raawwatamuu qaba?
Jechi “cuuphuu” jedhu jecha Afaan Giriikii hiikni isaa bishaan keessa “gadi liccisiisuu” jedhu irraa kan dhufe dha. Yesuus yommuu cuuphametti laga Yordaanos keessa erga lixee booda ‘bishaanicha keessaa ol baʼe.’ (Maarqos 1:9, 10) Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanonni dhugaan guutummaatti bishaan keessa gadi lixuudhaan cuuphamu.
2. Cuuphamuun maal argisiisa?
Namni tokko cuuphamuun isaa Yihowaadhaaf akka of murteesse argisiisa. Maarree namni tokko kan of murteessu akkamitti? Cuuphamuu isaa dura, bara baraaf Yihowaa tajaajiluu akka barbaadu dhuunfaatti kadhannaadhaan isatti himuudhaani. Yihowaa qofa waaqeffachuuf, akkasumas jireenya isaa keessatti wanti baayʼee barbaachisaa taʼe fedha Waaqayyoo raawwachuu akka taʼe waadaa gala. Barumsaa fi fakkeenya Yesuus hordofuuf, ‘of ganuu fi yeroo hunda isa duukaa buʼuuf’ murteessa. (Maatewos 16:24) Of murteessuu fi cuuphamuun isaa Yihowaa fi namoota Yihowaa waaqeffatanii wajjin michummaa cimaa uumuuf isa gargaara.
3. Namni tokko cuuphamuu isaa dura maal gochuu qaba?
Cuuphamuu kee dura waaʼee Yihowaa barachuu fi amantii isa irratti qabdu guddifachuun kee baayʼee barbaachisaa dha. (Ibroota 11:6 dubbisi.) Beekumsii fi amantiin Yihowaa irratti qabdu yommuu guddachaa deemu jaalalli isaaf qabdus guddachaa deema. Kun immoo waaʼee isaa lallabuu fi ulaagaalee isaa wajjin wal simtee jiraachuuf si kakaasa. (2 Ximotewos 4:2; 1 Yohaannis 5:3) Namni tokko “guutummaatti isa gammachiisuuf akka Yihowaadhaaf taʼutti” jiraachaa jira yoo taʼe, jireenya isaa Waaqayyoof murteessuu fi cuuphamuu dandaʼa.—Qolosaayis 1:9, 10.a
CAALAATTI BARADHU
Cuuphaa Yesuus irraa maal akka barannuu fi namni tokko tarkaanfii barbaachisaa taʼe kanaaf qophaaʼuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe baradhu.
4. Cuuphaa Yesuus irraa barumsa argannu qabna
Cuuphaa Yesuus ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf Maatewos 3:13-17 dubbisaa. Achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Yesuus yeroo cuuphametti mucaa xinnoo turee?
Yesuus kan cuuphame akkamitti? Bishaan itti facaafamuudhaan cuuphamee?
Yesuus hojii addaa Waaqayyo lafa irratti isaaf kenne hojjechuu kan jalqabe erga cuuphamee booda dha. Luqaas 3:21-23 fi Yohaannis 6:38 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Yesuus erga cuuphamee booda hojii isa kamiif dursa kenne?
5. Cuuphaan galma bira gaʼuu dandeessu dha
Of murteessuu fi cuuphamuuf yaaduun jalqaba irratti ulfaataa fakkaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, waaʼee Yihowaa barachuu kee yoo itti fuftee fi isa beekaa yoo deemte, murtoo barbaachisaa taʼe kana gochuuf caalaatti amanannaa qabaachuu dandeessa. Namoota murtoo akkasii irra gaʼan tokko tokko ilaaluuf, VIIDIYICHA taphachiisaa.
Yohaannis 17:3 fi Yaaqoob 1:5 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Wanti namni tokko cuuphamuuf qophaaʼaa akka taʼu isa gargaaru maali dha?
Bara baraaf Yihowaa tajaajiluu akka barbaannu isatti himuudhaan isaaf of murteessina
Yommuu cuuphamnu Waaqayyoof akka of murteessine namootatti argisiisna
6. Miseensa maatii Yihowaa taʼuuf cuuphamuun barbaachisaa dha
Yeroo cuuphamnutti miseensa maatii addunyaa maratti tokkummaa qabu tokkoo taana. Bakkaa fi akkaataa guddinaa garaa garaa keessaa kan dhufne taanus, wanti itti amannuu fi ulaagaaleen naamusaa hordofnu tokko dha. Faarfannaa 25:14 fi 1 Pheexiros 2:17 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Akka caqasoota kanaatti, namni tokko cuuphamuun isaa kan isa fayyadu akkamitti?
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Ani cuuphamuuf qophaaʼaa miti.”
Akkas kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, cuuphamuun kee faayidaa hedduu kan siif argamsiisu sitti fakkaataa?
MAAL BARATTE?
Yesuus Kiristiyaanonni cuuphamuun isaanii barbaachisaa akka taʼe barsiiseera. Namni tokko galma kana irra gaʼuuf amantii Yihowaa irratti qabu cimsachuu, ulaagaalee isaa wajjin wal simee jiraachuu fi isaaf of murteessuu qaba.
Irra Deebii
Cuuphaan akkamitti raawwatamuu qaba? Barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?
Namni tokko cuuphamuun isaa maal argisiisa?
Namni tokko of murteessee cuuphamuu isaa dura maal gochuutu isa barbaachisa?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Cuuphaan maal jechuu akka taʼee fi maal jechuu akka hin taane baradhu.
Namni tokko jijjiirama godhee cuuphamuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe dubbisi.
“Jaalalli Yihowaadhaaf Qabdan Cuuphamuuf Isin Kakaasa” (Masaraa Eegumsaa, Bitootessa 2020)
Namni tokko cuuphamuuf murteessuu kan qabu miiraan kakaʼee qofa akka hin taane hubadhu.
Cuuphamuun kee faayidaa hedduu kan siif argamsiisu maaliif akka taʼee fi cuuphamuuf qophaaʼuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaali.
“Cuuphamuun Qabaa?” (Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname Jildii 2, boqonnaa 37)
a Namni tokko dhaabbata amantaa kan biraa keessatti kan cuuphame yoo taʼe illee, irra deebiʼee cuuphamuun isa barbaachisa. Maaliif? Sababiin isaa amantaan sun dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru waan hin barsiisneefi.—Hojii Ergamootaa 19:1-5 fi Barumsa 13 ilaali.