BOQONNAA 14
Nagaa fi Qulqullina Gumii Eeguu
WAGGAA WAGGAADHAAN namoonni kumaan lakkaaʼaman gara mana waaqeffannaa qulqulluu Yihowaatti dhufuudhaan raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamu gochaa jiru. (Mik. 4:1, 2) Nutis yommuu isaan gara “gumii Waaqayyoo” dhufan isaan simachuu keenyatti baayʼee gammanna. (HoE. 20:28) Isaanis nu wajjin Yihowaa tajaajiluuf carraa argachuu isaanii fi jannata hafuuraa qulqulluu fi naga qabeessa taʼe keessa jiraachuu isaaniitti ni gammadu. Hafuurri Waaqayyoo fi gorsi gaariin Dubbii isaa keessa jiru nagaa fi qulqullina gumichaa eeguuf nu gargaara.—Far. 119:105; Zak. 4:6.
2 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuudhaan “namummaa haaraa” ni uffanna. (Qol. 3:10) Walitti buʼiinsaa fi waldhabiinsa nu gidduutti uumamu ni hiikna. Ilaalcha akka Yihowaa waan qabnuuf dhiibbaa addunyaa nu qoqqoodu ni moona, akkasumas waldaa obbolummaa addunyaa maraa wajjin tokkummaadhaan ni hojjenna.—HoE. 10:34, 35.
3 Haa taʼu malee, darbee darbee rakkoowwan nagaa fi tokkummaa gumichaa booressan uumamuu dandaʼu. Maddi rakkinoota kanaa maali dha? Yeroo baayʼee gorsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuu dhiisuu dha. Kana malees, amma iyyuu cubbuu dhaallee wajjin qabsoo gochaa jirra. Nu keessaa namni cubbuu hin qabne hin jiru. (1 Yoh. 1:10) Namni tokko tarkaanfii dogoggoraa fudhachuudhaan wanta karaa naamusaa ykn karaa hafuuraa qulqulluu hin taane gara gumichaatti fiduu dandaʼa. Wanta utuu itti hin yaadiin dubbanneen ykn gooneen nama tokko mufachiisuu dandeenya ykn nuti wanta namni tokko dubbateen ykn raawwateen gufachuu dandeenya taʼa. (Rom. 3:23) Yeroowwan akkasiitti dhimmichaaf furmaata kennuuf maal gochuu dandeenya?
4 Yihowaan jaalalaan kakaʼee wantoota kana hundumaa tilmaama keessa galcha. Dubbiin isaa yeroo rakkinni uumamutti gorsa wanta gochuu qabnu beekuuf nu gargaaru qabateera. Jaarsoliin jaalala qabeeyyii fi tiksitoota hafuuraa taʼan dhuunfaatti gorsa nuu kennu. Gorsa Kitaaba Qulqulluu isaan nuu kennan hojii irra oolchuudhaan warra kaanii wajjin deebisnee hariiroo gaarii qabaachuu fi ejjennoo gaarii Yihowaa biratti qabnu eegnee jiraachuu ni dandeenya. Dogoggora taʼe tokko raawwachuu keenyaan adabni ykn sirreeffamni yoo nuu kenname, sirreeffamni akkasii Abbaan keenya inni samii jaalala akka nuuf qabu kan argisiisu akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Fak. 3:11, 12; Ibr. 12:6.
WALDHABIINSA XIXINNOO FURUU
5 Yeroo tokko tokko warra gumii keessa jiran gidduutti waldhabiinsi ykn walitti buʼiinsi xixinnoon uumamuu dandaʼa. Wantoonni akkasii jaalala obbolummaa akka qabnu karaa argisiisuun dafanii furamuu qabu. (Efe. 4:26; Filp. 2:2-4; Qol. 3:12-14) Rakkoowwan dhuunfaa Kiristiyaanota gidduutti uumaman yeroo baayʼee gorsa Pheexiros, “Jaalala guddaa waliif qabaadhaa; sababiin isaas, jaalalli cubbuu hedduu ni haguuga” jechuudhaan kenne hojii irra oolchuudhaan furamuu dandaʼu. (1 Phe. 4:8) Kitaabni Qulqulluun, “Hundi keenya yeroo baayʼee ni gufanna” jedha. (Yaq. 3:2) Kanaafuu, Seera Kitaaba Qulqulluu, “Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis isaaniif godhaa” jedhu hojii irra oolchuudhaan yeroo baayʼee rakkoowwan xixinnoof dhiifama gochuu fi irraanfachuu dandeenya.—Mat. 6:14, 15; 7:12.
6 Wanta dubbatteen ykn wanta gooteen nama tokko akka mufachiiste yoo hubatte utuu hin turin dursa fudhattee nagaa uumuu qabda. Kun hariiroo Yihowaa wajjin qabdu irrattis dhiibbaa akka godhu yaadadhu. Yesuus barattoota isaaf gorsa akkana jedhu kenneera: “Kennaa kee gara iddoo aarsaatti fiddee, utuma achi jirtuu obboleessi kee sitti gadduu isaa yoo yaadatte, kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii deemi. Jalqaba obboleessa kee wajjin araarami; sana booda deebiʼiitii kennaa kee dhiheessi.” (Mat. 5:23, 24) Tarii rakkinichi akka uumamu kan godhe dogoggoraan wal hubachuu taʼuu dandaʼa. Taanaan ifatti dhimmicha irratti mariʼadhaa. Warri gumii keessa jiran hundi ifatti waliin mariʼachuun isaanii dogoggoraan wal hubachuu hambisuu fi rakkina sababa cubbuu dhaalleen dhufu hiikuuf gargaara.
KITAABA QULQULLUU IRRATTI HUNDAAʼANII GORSA BARBAACHISU KENNUU
7 Yeroo tokko tokko ilaaltonni ol aanaan ilaalcha nama tokkoo sirreessuuf gorsa kennuun barbaachisaa akka taʼe isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Kana gochuun yeroo hunda salphaa miti. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Galaatiyaatiif yaada akkas jedhu barreesseera: “Yaa obbolootaa, namni tokko utuu hin beekin tarkaanfii dogoggoraa yoo fudhate, isin warri karaa hafuuraa gaʼumsa qabdan nama akkasii hafuura garraamummaatiin sirreessuuf yaalii godhaa.”—Gal. 6:1.
8 Ilaaltonni ol aanaa hoolota tiksuudhaan gumicha balaa hafuuraa irraa eegu, akkasumas rakkinni cimaan akka hin uumamne godhu. Jaarsoliin waadaa Yihowaan karaa Isaayyaas akkas jechuudhaan gale wajjin haala wal simuun hojjechuuf carraaqqii godhu: “Tokkoon tokkoon isaaniis bakka bubbee jalaa itti dhokatan, bakka bokkaa yandoo jalaa dahoo itti argatan ni taʼu; biyya bishaan hin qabne keessatti akkuma yaaʼaawwan bishaanii, biyya waxalame keessattis akkuma gaaddisa qarsaa guddaa ni taʼu.”—Isa. 32:2.
WARRA SEERA MALEE DEDDEEBIʼAN IRRATTI MALLATTOO GOCHUU
9 Phaawulos ergamaan namoota gumii irratti dhiibbaa gaarii hin taane geessisan tokko tokko akeekkachiiseera. Akkana jedheera: “Obboleessa akka barumsa isin nu irra fudhatanitti utuu hin taʼin, seera malee deddeebiʼu kam irraa iyyuu akka fagaattan . . . qajeelfama isiniif kennina.” Dhimma kana caalaatti ifa gochuuf akkana jedhee barreesseera: “Namni dubbii nuti karaa xalayaa kanaa isiniif ergineef hin ajajamne yoo jiraate, akka inni qaanaʼuuf mallattoo itti godhaa, michummaa isaa wajjin qabdanis dhaabaa. Taʼus akka diinaatti isa hin ilaalinaa; kanaa mannaa, akka obboleessaatti isa gorsuu keessan itti fufaa.”—2 Tas. 3:6, 14, 15.
10 Darbee darbee namni tokko cubbuu cimaa gumiidhaa isa baasisu hojjechuu baatus, ulaagaa Waaqayyo Kiristiyaanotaaf kenneef tuffii cimaa akka qabu argisiisuu dandaʼa. Kun garmalee dhibaaʼaa taʼuu, nama ceephaʼuu ykn qulqullina dhabuu dabalachuu dandaʼa. Namni akkasii nama “wanta [isa] hin galchine keessa galu” taʼuu dandaʼa. (2 Tas. 3:11) Yookiin warra kaan irraa faayidaa argachuuf kan yaalu taʼuu dandaʼa ykn bashannana dogoggora taʼuun isaa ifatti beekamu irratti hirmaata taʼa. Amalli seeraan ala taʼe kun baayʼee ulfaataa waan taʼeef gumii irratti dhiibbaa gadhee geessisuu fi Kiristiyaanota kaanitti darbuu dandaʼa.
11 Jaarsoliin jalqaba gorsa Kitaaba Qulqulluu isaaf kennuudhaan nama seera malee deddeebiʼu kana gargaaruuf yaalu. Haa taʼu malee, irra deddeebiʼanii gorsa kan isaaf kennan taʼus qajeelfama Kitaaba Qulqulluu tuffachuu isaa yoo itti fufe, jaarsoliin haasaan akeekkachiisaa gumii irratti akka dhihaatu murteessuu qabu. Jaarsoliin haalli sun cimaa fi warra kaan kan jeequ taʼuu isaa, akkasumas haasaa akeekkachiisaa dhiheessuun barbaachisaa taʼuu fi dhiisuu isaa beekuuf hubannaa isaaniitti fayyadamuu qabu. Namni haasaa dhiheessu sun amala seeraan ala taʼe sana ilaalchisee gorsa sirrii kenna, taʼus maqaa nama seera malee deddeebiʼu sanaa hin caqasu. Kanaafuu, namoonni waaʼee dhimma haasicha irratti caqasame sanaa beekan, nama akkasii wajjin hariiroo uumuu irraa of eeggatu, taʼus hariiroo hafuuraa isaa wajjin qaban addaan hin kutan, kanaa mannaa “akka obboleessatti isa gorsuu” isaanii itti fufu.
12 Nama seera malee deddeebiʼu sana ilaalchisee Kiristiyaanonni amanamoo taʼan ejjennoo cimaa qabaachuun isaanii, namni sun gocha isaatti qaanaʼee jijjiirama gochuuf akka kakaʼu isa taasisuu dandaʼa. Namni sun seera malee deddeebiʼuu isaa akka dhiise ifatti yoo mulʼise garuu sana booda akka nama mallattoon itti godhameetti ilaaluun barbaachisaa miti.
DOGOGGORAWWAN CICCIMOO TAʼAN TOKKO TOKKOOF FURMAATA KENNUU
13 Balleessaa raawwatame tokko tuffannee bira darbina ykn dhiifama goona jechuun, balleessaa sana salphisnee ilaalla ykn sirrii akka taʼetti fudhanna jechuu miti. Balleessaa raawwanne hunda cubbuu dhaalletti qabachuun sirrii miti; balleessaa guguddaa taʼe callisanii bira darbuunis sirrii miti. (Lew. 19:17; Far. 141:5) Kakuu Seerichaa keessatti cubbuuwwan tokko tokko warra kaan caalaa cimaa akka taʼan ibsamaniiru; gumii Kiristiyaanaa keessattis haalli isaa akkasuma.—1 Yoh. 5:16, 17.
14 Yesuus rakkoowwan ciccimoo Kiristiyaanota gidduutti uumaman hiikuu irratti tarkaanfiiwwan duraa duubaan fudhatamuu qaban ibseera. Tarkaanfiiwwan kun akka itti aanutti ibsamaniiru: “Obboleessi kee cubbuu yoo si irratti hojjete [1] dhaqiitii bakka atii fi inni qofti jirtanitti dogoggora isaa itti himi. Yoo si dhagaʼe, obboleessa kee deebistee argatte jechuu dha. Yoo si dhagaʼuu dide garuu, [2] wanti hundi ragaa namoonni lama yookiin sadii dhiheessaniin waan mirkaneeffamuuf, nama tokko yookiin nama lama fudhadhuu dhaqi. Isaaniin dhagaʼuu yoo dide immoo [3] gumiitti himi. Gumichas dhagaʼuu yoo dide, akka nama addunyaattii fi akka nama qaraxa sassaabuutti isa ilaali.”—Mat. 18:15-17.
15 Fakkeenya Yesuus itti aansuudhaan Maatewos 18:23-35 irratti dubbate irraa akka hubannutti, cubbuun Maatewos 18:15-17 irratti ibsame maallaqa ykn qabeenya hin sochoonee wajjin haala wal qabateen liqii kaffaluu dhiisuu ykn gowwoomsuu wajjin kan walqabate taʼuu hin oolu. Yookiin cubbuun as irratti ibsame hamii maqaa nama tokkoo balleessu taʼuu dandaʼa.
16 Namni gumii keessa jiru tokko cubbuu si irratti hojjechuu isaatiif ragaa yoo qabaatte illee, dhimmicha akka sii furaniif ariifattee jaarsolii bira hin dhaqin. Akkuma Yesuus gorse, jalqaba nama komii irratti qabdu sanaa wajjin dubbadhu. Nama kan biraa utuu hin dabalatin lamaan keessan qofti dhimmicha furuuf yaalaa. Yesuus ‘takkuma qofa dhaqii balleessaa isaa itti himi’ akka hin jenne yaadadhu. Kanaafuu, namni sun balleessaa isaa amanuu fi dhiifama gaafachuu yoo dide yeroo kan biraa itti deebitee isa gaafachuun kee gaarii taʼuu dandaʼa. Dhimmi kun haala kanaan furmaata yoo argate namni cubbuu hojjete sun cubbuu isaa warra kaanitti himuu dhiisuu keetti ykn maqaa gaarii inni gumii keessatti qabu balleessuu dhiisuu keetti akka si dinqisiifatu beekamaa dha. Akkas taanaan “obboleessa kee deebistee argatte” jechuu dha.
17 Namni balleessaa raawwate sun balleessaa isaa yoo amane, dhiifama yoo gaafatee fi balleessaa isaa sirreessuuf tarkaanfii yoo fudhate, sana booda dhimmicha kaasuun barbaachisaa miti. Cubbuun sun cimaa taʼus namootuma dhimmi isaa isaan ilaallatu sana gidduutti furamuu dandaʼa.
18 Obboleessa keetti “bakka atii fi inni qofti jirtanitti” dogoggora isaa isatti himuudhaan yoo deebiftee isa argachuu dadhabde, akkuma Yesuus jedhe “nama tokko yookiin lama fudhadhuu [dhaqiitii]” irra deebiʼii isa haasofsiisi. Namoonni ati fudhattee dhaqxu kaayyoon isaanii obboleessa kee deebistee akka argattu gochuu taʼuu qaba. Namoonni kun balleessaa raawwatame sana kan argan utuu taʼee gaarii dha; namoonni ijaan argan hin jiran yoo taʼe immoo maricha irratti akka argamaniif, nama tokko ykn lama fudhattee dhaquu dandeessa. Namoonni kun dhimmicha irratti muuxannoo kan qabanii fi dhugumaan dogoggorri raawwatamuu fi dhiisuu isaa adda baasuu kan dandaʼan taʼuu qabu. Jaarsoliin yoo filataman maricha irratti kan argaman gumii bakka buʼanii miti; sababiin isaas qaamni jaarsolii akkas akka godhan isaan hin ramanne.
19 Irra deddeebitee erga isa haasofsiistee booda illee dhimmichi yoo furamuu baate, jechuunis kophaatti, akkasumas nama tokko ykn lamaa wajjin erga isa haasofsiistee booda dhimmicha callistee dhiisuu akka hin dandeenye yoo sitti dhagaʼame, ilaaltoota ol aanaa gumiitti himuu qabda. Kaayyoon isaanii nagaa fi qulqullina gumichaa eeguu akka taʼe hin dagatiin. Jaarsoliitti erga himtee booda dhimmicha isaanitti gattee dhiisuu fi Yihowaatti amanamuu qabda. Amalli nama tokkoo akka si gufachiisu ykn gammachuu tajaajila Yihowaa irraa argattu akka si dhabsiisu heyyamuu hin qabdu.—Far. 119:165.
20 Jaarsoliin dhimmicha ni qoratu. Namni sun cubbuu cimaa akka si irratti raawwate, yaada akka hin geddarannee fi kiisii gaʼaa kaffaluuf fedhii akka hin qabne yoo argisiise, koreen ilaaltoota ol aanaa nama sana gumii keessaa baasuun isaanii barbaachisaa taʼuu dandaʼa taʼa. Akkas gochuudhaan hoolotaaf eegumsa godhu, akkasumas qulqullina gumichaa eegu.—Mat. 18:17.
CUBBUUWWAN CICCIMOO TAʼANIIF FURMAATA KENNUU
21 Cubbuuwwan ciccimoon tokko tokko, kanneen akka halalummaa, ejja, sodoomummaa ykn gadhaaʼummaa, Waaqayyoon arrabsuu, gantummaa, waaqolii tolfamoo waaqeffachuu fi kkf namni cubbuun irratti raawwatame sun dhiifama gochuu isaatiin qofa kan bira darbaman miti. (1 Qor. 6:9, 10; Gal. 5:19-21) Cubbuuwwan ciccimoo akkasii qulqullina hafuuraa fi naamusaa gumichaa balaadhaaf waan saaxilaniif, jaarsoliitti himamuu fi furmaata akka itti kennan godhamuu qabu. (1 Qor. 5:6; Yaq. 5:14, 15) Namoonni tokko tokko cubbuu raawwatan himachuuf ykn cubbuu warri kaan raawwatan ilaalchisee wanta beekan himuuf gara jaarsolii dhaquu dandaʼu. (Lew. 5:1; Yaq. 5:16) Jaarsoliin cubbuu Dhugaa Baatonni cuuphaman raawwatan jalqaba kan dhagaʼan haala akkamiitiin iyyuu yoo taʼe, duraan dursanii dhimmicha jaarsoliin lama akka qoratan gochuu qabu. Wanti jedhame sun dhugaa taʼuun isaa yoo beekamee fi ragaan cubbuu cimaan raawwatamuu isaa argisiisu yoo jiraate, qaamni jaarsolii dhimmichaaf furmaata kennuuf yoo xinnaate koree murtii jaarsolii sadii of keessaa qabu hundeessa.
22 Jaarsoliin wanta karaa hafuuraa hoolota miidhu kam irraa iyyuu isaan oolchuuf dammaqinaan eegu. Kana malees, namoota dogoggora raawwatan adabuu fi deebisanii Yihowaa wajjin hariiroo akka qabaatan gochuuf Dubbii Waaqayyootti sirriitti fayyadamuuf carraaqqii godhu. (Yih. 21-23) Kun qajeelfama Phaawulos ergamaan akkana jedhee Ximotewosiif barreessee wajjin wal sima: “Waaqayyo durattii fi Kiristoos Yesuus isa . . . warra jiranii fi warra duʼan irratti murteessuuf jedhu duratti cimseen kana si ajaja: Obsa hundumaa fi ogummaa barsiisuutiin balleessaa hubachiisi, cimsii akeekkachiisi, akkasumas cimsii gorsi.” (2 Xim. 4:1, 2) Kun yeroo hedduu fudhachuu kan dandaʼu taʼus, hojii jaarsoliin jabaatanii hojjechuu qaban keessaa tokko dha. Gumichi carraaqqii jaarsolii ni dinqisiifata, “ulfina guddaa argachuu” akka qabanittis ni ilaala.—1 Xim. 5:17.
23 Cubbuun raawwatamuu isaa yeroo mirkanaaʼutti, itti gaafatamummaan ilaaltoota ol aanaa inni guddaan namni dogoggora raawwate sun deebiʼee Yihowaa wajjin hariiroo akka qabaatu gargaaruuf carraaquu dha. Namni sun garaadhaa yaada yoo geddaratee fi jaarsoliin isa gargaaruu yoo dandaʼan, kophaa isaatti ykn namoota koree murtii duratti ragaa baʼan biratti sirreeffamni isaaf kennamuu dandaʼa; kunis namni sun akka adabamuu fi namoonni dhimmicha beekan sodaa sirrii akka qabaatan gargaara. (2 Sam. 12:13; 1 Xim. 5:20) Koreen murtii yeroo sirreeffama kennu hundatti dhorkaan ni jiraata. Akka kanaan namni dogoggora raawwate sun sana booda miila isaatiif “daandii qajeelaa” akka qopheeffatu gargaaramuu dandaʼa. (Ibr. 12:13) Yeroo booda namni sun karaa hafuuraa akka fayye yeroo ifa taʼutti dhorkaan isa irra kaaʼame ni kaafama.
SIRREEFFAMNI AKKA KENNAME BEEKSISUU
24 Koreen murtii namni sun yaada akka geddarate yoo hubate, garuu immoo dhimmichi gumii keessatti ykn hawaasicha keessatti beekamuun isaa kan hin oolle yoo taʼe ykn gumichi nama dogoggora raawwatee yaada geddarate sana irraa of eeggachuun kan isa barbaachisu yoo taʼe, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa Kiristiyaanaa irratti beeksisni gabaabaan himamuu qaba. Beeksisni dubbifamu “[Abaluuf] sirreeffamni kennameera” kan jedhu taʼuu qaba.
MURTOON KENNAMU GUMIIDHAA BAASUU YEROO TAʼUTTI
25 Yeroo tokko tokko namni balleessaa raawwate sun cubbuu raawwachuu baayʼee kan amaleeffatee fi carraaqqii isa gargaaruuf godhamu kan hin fudhanne taʼuu dandaʼa. Yeroo koreen murtii dhimma isaa ilaalutti ‘hojiiwwan yaada geeddarachuu isaa argisiisan’ gaʼan hin jiran taʼa. (HoE. 26:20) Yeroo akkasiitti maaltu godhamuu qaba? Nama yaada hin geddaranne sana gumiidhaa baasuun barbaachisaa dha; akkas gochuudhaan saba Yihowaa qulqulluu taʼanii wajjin hariiroo akka hin qabaanne godhama. Akka kanaan namni sun gumii irratti dhiibbaa gadhee akka hin geessisne godhama, kunis qulqullina naamusaa fi hafuuraa dabalatee maqaa gaarii gumichi qabu eeguuf gargaara. (Kes. 21:20, 21; 22:23, 24) Phaawulos ergamaan gocha qaanessaa namni tokko gumii Qorontos keessatti raawwate yeroo dhagaʼetti, “Hafuurri gumichaa . . . akka eegamuuf nama kana Seexanatti dabarsaa kennaa” jechuudhaan jaarsoliidhaaf gorsa kenneera. (1 Qor. 5:5, 11-13) Phaawulos waaʼee namoota jaarraa jalqabaatti dhugaa irratti fincila kaasuudhaan gumii keessaa baafaman kan biroos dubbateera.—1 Xim. 1:20.
26 Koreen murtii namni balleessaa raawwatee yaada geeddarachuu dide tokko gumiidhaa akka baafamu yeroo murteessutti, ragaa ykn ragaawwan Kitaaba Qulqulluu gumiidhaa baasuuf buʼuura taʼan isaaf ibsuudhaan murtoo godhe nama sanatti beeksisuu qaba. Koreen murtii, murtii godhame nama sanatti yeroo beeksisu namni sun murtii irratti dogoggorri cimaan akka raawwatame kan amanuu fi ol iyyannoo dhiheeffachuu kan barbaadu yoo taʼe sababa isaa ifatti barreessee xalayaadhaan akka beeksisu isatti himuu qabu. Ol iyyannoon kun dhihaachuu kan qabu guyyaa koreen murtii murtoo kana isatti himee kaasee guyyaa torba gidduutti dha. Ol iyyannoo sana yoo dhiheeffate qaamni jaarsolii ilaaltuu ol aanaa aanaa mariisisa; innis koree ol iyyannoo taʼanii tajaajiluudhaan dhimma sana irra deebiʼanii akka ilaalaniif jaarsolii gaʼumsa qaban filata. Isaanis xalayaan sun erga isaan gaʼee kaasee ol iyyannoo sana torban tokko gidduutti ilaaluuf carraaqqii cimaa gochuu qabu. Ol iyyannoon yoo dhihaate beeksisni gumiidhaa akka baafame ibsu yeroo kan biraatti darba. Hammasitti garuu namni himatame sun gumii irratti yaada akka hin kennine, akka hin kadhannee fi mirgawwan tajaajilaa addaa akka hin qabaanne ni dhorkama.
27 Ol iyyannoon kan heyyamamu nama himatame sanatti gaarummaa argisiisuu fi yaaddoo isaa caalaatti akka ibsu carraa isaaf kennuufi dha. Kanaafuu, namni sun taʼe jedhee bakka dhimmichi ilaalamutti argamuu yoo dhiise, nama sana argachuuf carraaqqiin barbaachisu erga godhamee booda beeksisni gumiidhaa akka baafame ibsu ni himama.
28 Namni dogoggora raawwate sun ol iyyannoo dhiheeffachuuf fedhii hin qabu yoo taʼe, koreen murtii namni sun yaada geeddarachuu fi yeroo booda gumiitti deebiʼuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu akka qabu isaaf ibsa. Kana gochuun faayidaa qaba, gaarummaa argisiisa, akkasumas namni sun daandii isaa sirreeffatee yeroo booda gara jaarmiyaa Yihowaatti akka deebiʼu waan gargaaruuf akkas godhamuu qaba.—2 Qor. 2:6, 7.
BEEKSISA WAAʼEE GUMIIDHAA BAASUU HIMUU
29 Nama cubbuu raawwatee yaada hin geeddaranne tokko gumiidhaa baasuun yeroo barbaachisutti beeksisni gabaabaan akkana jedhu himamuu qaba: “[Abalu] kana booda Dhugaa Baatuu Yihowaa miti.” Kun obboloonni amanamoon gumii keessa jiran hariiroo isaa wajjin qaban akka addaan kutan gargaara.—1 Qor. 5:11.
OF QOODUU
30 Jechi “of qooduu” jedhu gocha Dhugaa Baatuun Yihowaa cuuphame tokko taʼe jedhee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu akka hin barbaanne ibsuudhaan ejjennoo Kiristiyaanummaa isaa akka gane argisiisu dha. Yookiin gocha isaatiin iddoo gumii Kiristiyaanaa keessatti qabu akka gane argisiisa; fakkeenyaaf, miseensa jaarmiyaa kaayyoo Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faalleessu qabuu fi kan Yihowaan itti murteesse tokkoo taʼuu dandaʼa.—Isa. 2:4; Mul. 19:17-21.
31 Yohaannis ergamaan bara inni jiraatetti namoota amantaa Kiristiyaanaa ganan ilaalchisee, “Isaan nu keessaa baʼan, taʼus garee keenya hin turre; sababiin isaas, utuu garee keenya taʼanii nuu wajjin itti fufu turan” jedhee barreesseera.—1 Yoh. 2:19.
32 Haalli namni of qoode tokko Yihowaa duratti qabu haala Kiristiyaana qabbanaaʼe, jechuunis Kiristiyaana tajaajila irratti hirmaachuu dhaabe tokko irraa baayʼee adda dha. Namni tokko dhaabbataadhaan Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu dhiisuu isaatiin qabbanaaʼuu dandaʼa. Tarii rakkina isa mudateen ykn ariʼatama isa irra gaʼeen kan kaʼe hinaaffaa tajaajila Yihowaatiif qabu dhabuu dandaʼa. Jaarsolii fi warri gumii keessa jiran kaan Kiristiyaana qabbanaaʼe tokkoof gargaarsa hafuuraa barbaachisu gochuu isaanii itti fufu.—Rom. 15:1; 1 Tas. 5:14; Ibr. 12:12.
33 Faallaa kanaatiin garuu Kiristiyaanni tokko of qooduu yoo filate gumiin akka beekuuf beeksisni gabaabaan “[Abalu] kana booda Dhugaa Baatuu Yihowaa miti” jedhu ni himama. Namni akkasii akkuma nama gumiidhaa baafameetti ilaalama.
GUMIITTI DEEBISUU
34 Namni gumiidhaa baafame ykn of qoode tokko yeroo gaʼaa taʼe keessatti yoo yaada geddaratee fi cubbuu hojjechuu isaa guutummaatti yoo dhiise gumiitti deebifamuu dandaʼa taʼa. Namni kun Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu akka barbaadu argisiisuu qaba. Jaarsoliin namni sun garaadhaa yaada akka geddarate mirkaneeffachuuf yeroo gaʼaa isaaf kennuu qabu; kun immoo haala isaa irratti hundaaʼuudhaan jiʼoota hedduu, waggaa tokko ykn isaa ol taʼuu dandaʼa. Namni sun gumiitti deebiʼuu akka barbaadu qaama jaarsoliitiif yeroo xalayaa barreessutti koreen gumiitti deebisuuf hundaaʼe nama sana ni mariisisa. Koreen sun ‘hojiiwwan yaada geddarachuu isaa argisiisan’ erga gamaaggamee booda yeroo sanatti gumiitti deebisuuf ykn dhiisuuf ni murteessa.—HoE. 26:20.
35 Namni gumiitti deebiʼuuf gaaffii dhiheesse sun gumiidhaa kan baafame gumii kan biraa keessatti yoo taʼe, koreen gumiitti deebisuuf hundaaʼe nama sanaa wajjin wal argee gaaffii inni dhiheesse kana ilaala. Koreen gumiitti deebisuuf dhaabbate namni sun deebiʼuu akka qabu kan amanu yoo taʼe, qaama jaarsolii jalqaba gumiidhaa isa baase keessa jiraniif yaada deggersaa dhiheessa. Koreewwan kun ragaa jiru hundumaa irratti hundaaʼanii murtii sirrii taʼe irra gaʼuudhaaf waliin hojjechuu qabu. Haa taʼu malee, gumiitti deebisuuf murteessuu kan qabu koree gumiitti deebisuu, gumii jalqaba irratti gumiidhaa isa baase keessa jiru dha.
BEEKSISA WAAʼEE GUMIITTI DEEBISUU
36 Koreen gumiitti deebisuuf hundaaʼe, namni gumiidhaa baafame ykn of qoode tokko dhugumaan yaada akka geddaratee fi gumiitti deebiʼuu akka qabu yoo murteesse, gumii jalqaba dhimmicha ilaale keessatti beeksisni gumiitti akka deebifame ibsu himamuu qaba. Namni sun yeroo ammaatti gumii kan biraa keessa jira yoo taʼe beeksisni kun achittis himamuu qaba. Beeksisichi “[Abalu] deebiʼee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼeera” kan jedhu taʼuu qaba.
DHIMMOOTA IJOOLLEE XIXINNOO CUUPHAMANII WAJJIN WAL QABATAN
37 Cubbuu cimaan ijoollee xixinnoo cuuphamaniin raawwatame jaarsoliitti himamuu qaba. Jaarsoliin cubbuu cimaa ijoollee xixinnoon cuuphaman raawwatan yommuu ilaalan, warri isaanii cuuphaman argamuun isaanii filatamaa dha. Warri, mucaan balleessaa raawwate sun adaba barbaachisu akka hin arganne dhorkuu mannaa koree murtii wajjin waltaʼiinsaan hojjechuu qabu. Akkuma yeroo gaʼeessonni cubbuu raawwatanitti godhamu, koreen murtii mucaa balleessaa raawwate sana adabuu fi sirreessuuf yaaluu qaba. Haa taʼu malee, mucaan sun yaada hin geddaratu yoo taʼe gumiitii baafamuu qaba.
BABALʼISTOONNI HIN CUUPHAMNE YEROO CUBBUU RAAWWATAN
38 Babalʼistoonni hin cuuphamne cubbuu cimaa yeroo raawwatan maaltu godhamuu qaba? Dhugaa Baatota cuuphaman waan hin taaneef gumiidhaa hin baafaman. Haa taʼu malee, ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu guutummaatti waan hin hubanneef, gorsi gaarummaadhaan isaaniif kennamu miila isaaniitiif “daandii qajeelaa” akka qopheeffatan isaan gargaaruu dandaʼa.—Ibr. 12:13.
39 Babalʼisaan hin cuuphamne tokko jaarsoliin lama erga isa haasofsiisanii fi isa gargaaruuf yaalanii booda yoo yaada geeddarachuu baate gumiitti beeksisuun barbaachisaa dha. Beeksisni gabaabaan “[Abalu] kana booda babalʼisaa hin cuuphamne miti” jedhu himamuu qaba. Gumichi sana booda nama cubbuu raawwate sana akka nama addunyaatti ilaala. Namni kun gumiidhaa kan hin baafamne taʼus Kiristiyaanonni hariiroo isaa wajjin uuman kam irratti iyyuu of eeggannoo gochuu qabu. (1 Qor. 15:33) Gabaasni tajaajila dirree isa harkaa hin fuudhamu.
40 Yeroo booda namni hin cuuphamne kun deebiʼee babalʼisaa taʼuu barbaada taʼa. Yeroo akkasiitti jaarsoliin lama isaa wajjin wal arguudhaan fooyyaʼiinsa hafuuraa inni godhe ilaaluu qabu. Deebiʼuuf gaʼumsa kan qabu yoo taʼe beeksisni gabaabaan “[Abalu] deebiʼee babalʼisaa hin cuuphamne taʼeera” jedhu himamuu qaba.
YIHOWAAN WAAQEEFFANNAA QULQULLUU FI NAGA QABEESSA TAʼE NI EEBBISA
41 Yeroo harʼaatti, namoonni gumii Waaqayyoo wajjin walitti qabaman hundi badhaadhina hafuuraa Yihowaan saba isaatiif kennetti ni gammadu. Kaloon hafuuraa keenya lalisaa dha, akkasumas bishaan dhugaa nama haaromsu hedduu qabna. Kana malees, Yihowaan karaa qophii tiʼookraasii matummaa Kiristoos jala jiruun eegumsa nuuf godha. (Far. 23; Isa. 32:1, 2) Guyyoota dhumaa jeequmsaan guutaman kana keessatti jannata hafuuraa keessa taʼuun keenya nageenyi akka nutti dhagaʼamu godheera.
Nagaa fi qulqullina gumichaa eeguudhaan ifti dhugaa Mootummichaa ifuu isaa akka itti fufu goona
42 Nagaa fi qulqullina gumichaa eeguudhaan ifti dhugaa Mootummichaa ifuu isaa akka itti fufu goona. (Mat. 5:16; Yaq. 3:18) Eebba Yihowaatiin namoonni hedduun Yihowaa yommuu beekanii fi nu wajjin yommuu isa tajaajilan arguudhaan ni gammanna.