MATA DUREE QOʼANNAA 36
Namoota kan Qabdan Taʼuuf Qophooftaniittuu?
“Hin sodaatin. Ammaa jalqabee namoota lubbuudhaan jiran kan qabdu taata.”—LUQ. 5:10.
FAARFANNAA 73 Sodaa Keenya Nuu Balleessi
QABIYYEEa
1. Yesuus namoota qurxummii qaban afuriif afeerraa akkamii dhiheesse? Isaan hoo maal godhan?
PHEEXIROS, Indiriyaas, Yaaqoobii fi Yohaannis warri barattoota taʼan hojii qurxummii qabuu irratti kan bobbaʼan turan. Afeerraa Yesuus “Kottaa na duukaa buʼaa; ani immoo namoota kan qabdan isin nan godha”b jedhu yommuu dhagaʼan hammam dinqisiifamanii akka turan mee yaadi. Maarree maal godhan? Kitaabni Qulqulluun, “Isaanis battaluma sanatti kiyyoowwan isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan” jedha. (Mat. 4:18-22) Murtoon kun jireenya isaanii irratti jijjiirama bara baraa fida. Qurxummii qabuu mannaa, ‘namoota lubbuudhaan jiran kan qaban taʼu.’ (Luq. 5:10) Yeroo harʼaas, Yesuus namoota garaa qajeelaa qabanii fi dhugaa jaallataniif afeerraadhuma akkasii dhiheessaa jira. (Mat. 28:19, 20) Maarree, afeerraa Yesuus namoota akka qabdu dhiheesse fudhatteettaa?
2. Namoota qabuu ilaalchisee murtoo goonuuf iddoo guddaa kennuu kan qabnu maaliifi? Kana gochuuf hoo maaltu nu gargaara?
2 Tarii qoʼannaa keetiin guddina waan gooteef yeroon babalʼisaa misiraachichaa taʼuuf itti murteessitu gaʼeera taʼa. Afeerraa Yesuus dhiheesse fudhachuu akka qabdu mirkanaaʼaa miti taanaan abdii hin kutatin. Duubatti jechuun kee murtoon kun hammam barbaachisaa akka taʼe akka hubatte kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Dhugaa dha, Kitaabni Qulqulluun Pheexirosii fi michoonni isaa “battaluma sanatti” kiyyoo isaanii akka dhiisan dubbata. Taʼus, Pheexirosii fi obboleessi isaa murtoo kana kan godhan ariitiidhaan hin turre. Yesuus Masiihii taʼuu isaa kan beekanii fi kan fudhatan jiʼa jaʼa dursee ture. (Yoh. 1:35-42) Haaluma wal fakkaatuun, atis waaʼee Yihowaa fi Yesuus wanta baayʼee barattee taʼuu dandaʼa; guddina hafuuraa gochuu kees itti fufuu ni barbaadda taʼa. Taʼus, baasii isaa hin shallagin murtoo kana gochuu hin qabdu. Pheexiros, Indiriyaasii fi warri kaan murtoo akka godhan maaltu isaan gargaare?
3. Amalawwan afeerraa Yesuus fudhachuuf fedhii qabdu siif cimsan kamfaʼi?
3 Barattoonni Yesuus warri jalqabaa kakaʼumsa, beekumsaa fi ija jabina kan qaban akkasumas kan of toʼatan turan. Amalawwan kun namoota qabuu irratti buʼa qabeeyyii akka taʼan akka isaan gargaaran beekamaa dha. Mata dureen kun barataa Kiristoos buʼa qabeessa taʼuuf amalawwan si gargaaran kana akkamitti akka horattu ibsa.
KAKAʼUMSA KEE CIMSADHU
4. Pheexiros qurxummii qabduu akka taʼu maaltu isa kakaase?
4 Pheexiros qurxummii kan qabu maatii isaa deggeruuf ture, taʼus hojii kana kan hojjetu dirqamni waan isa irra jiruuf qofa hin turre. Pheexiros qurxummii qabuu akka jaallatu haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. (Yoh. 21:3, 9-15) Namoota qabuus jaallachuu barateera. Akkasumas Pheexiros gargaarsa Yihowaatiin hojii kana irratti baayʼee buʼa qabeessa taʼeera.—HoE. 2:14, 41.
5. Luqaas 5:8-11 akka jedhutti Pheexiros kan sodaate maaliifi? Nuti hoo miira akkasii moʼuu kan dandeenyu akkamitti?
5 Kan lallabnu Yihowaa waan jaallannuufi, hojii kanaaf kan nu kakaasu inni guddaan kanadha. Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu miira gaʼumsa akka hin qabne nutti dhagaʼamu kam iyyuu moʼuuf nu gargaara. Yesuus Pheexiros nama akka qabu yommuu isa afeeretti “hin sodaatin” isaan jedhee ture. (Luqaas 5:8-11 dubbisi.) Pheexiros yoon barataa taʼe maaltu na mudata sodaan jedhu isa hin toʼanne. Kanaa mannaa, qurxummii Yesuus dinqiidhaan akka qaban isaan gargaareen ajaaʼibsiifamee ture; akkasumas Yesuusii wajjin hojjechuuf gaafatamuun akka isaaf hin malle itti dhagaʼame. Gama biraatiin ati, barataa Kiristoos taʼuun maal akka gaafatu yommuu hubattu, kun humna kee ol akka taʼe sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taanaan, jaalala Yihowaa, Yesuusii fi ollaa keetiif qabdu cimsadhu, yoo akkas goote afeerra Yesuus nama akka qabdu siif dhiheesse fudhachuuf kakaata.—Mat. 22:37, 39; Yoh. 14:15.
6. Wanti akka lallabnu nu kakaasu inni kan biraan maali?
6 Mee sababiiwwan kan biroo lallabuuf nu kakaasan tokko tokko haa ilaallu. Ajaja Yesuus “dhaqaatii . . . barattoota godhaa” jedhu raawwachuu barbaanna. (Mat. 28:19, 20) Akkasumas namoonni kan ‘cunqurfamanii fi kan dagataman’ siʼa taʼu, dhugaa waaʼee Mootummichaa barachuun waan isaan barbaachisuuf ni lallabna. (Mat. 9:36) Yihowaan akaakuun namootaa hundi beekumsa dhugaa isa sirrii akka argatanii fi akka fayyan barbaada.—1 Xim. 2:4.
7. Roomaan 10:13-15 hojiin lallabaa barbaachisaa taʼuu isaa kan argisiisu akkamitti?
7 Buʼaa hojiin lallabaa keenya qabu yommuu yaadnu hojii lubbuu baraaruu kana irratti hirmaachuuf kakaana. Namoota qurxummii gurguruuf ykn nyaachuuf qaban irraa haala adda taʼeen, nuti namoota kan qabnu lubbuu isaanii oolchuuf jennee ti.—Roomaa 10:13-15 dubbisi; 1 Xim. 4:16.
BEEKUMSA KEE GUDDIFADHU
8-9. Qurxummii qabdoonni maal beekuu qabu? Maaliifi?
8 Bara Yesuusitti namni Israaʼel qurxummii qabu tokko qurxummii akkamii akka qabu beekuu qaba ture. (Lew. 11:9-12) Kana malees, qurxummichi eessatti akka argamu beekuu qaba. Qurxummiin yeroo baayʼee iddoo bishaan isaa isaaniif mijatuu fi nyaata baayʼee argatanitti argamu. Namni qurxummii qabu tokko saʼaatiin inni qurxummii qabuuf itti deemu jijjiirama ni fidaa? Dhugaa baatuun odoola Paasifiik jiraatu yommuu misiyooniin tokko qurxummii akka isaa wajjin qabu afeeretti yeroo gaarii qurxummii itti qaban ilaalchisee wanta inni jedhe haa ilaallu. Misiyooniin kun “bor ganama saʼaatii saditti wal argina” isaan jedhe. Obboleessichis deebisee, “siif hin galle jechuu dha. Qurxummii qabuu kan deemnu yeroo isaan argamanitti malee yeroo nuuf mijatutti mitii jedhe.”
9 Haaluma wal fakkaatuun, warri jaarraa tokkoffaatti namoota akka qurxummiitti qaban, iddoo “qurxummiin” sun argamuu fi yeroo inni argamuu dandaʼutti dhaqu turan. Fakkeenyaaf, duuka buutonni Yesuus mana qulqullummaa fi mana sagadaatti akkasumas manaa gara manaa fi iddoo gabaatti lallabaniiru. (HoE. 5:42; 17:17; 18:4) Nutis barsiifata namoonni naannoo tajaajilaa keenyatti argaman qaban beekuu qabna. Iddoo fi yeroo namoonni baayʼeen argamuu dandaʼanitti lallabuuf akka haala isaatti jijjiirama gochuu qabna.—1 Qor. 9:19-23.
10. Jaarmiyaan Yihowaa meeshaawwan akkamii nuuf dhiheessa?
10 Namni qurxummii qabu tokko meeshaa sirrii qabaachuu fi akkamitti akka fayyadamu beekuu qaba. Nutis hojii keenyaaf akka gaariitti hidhachuu nu barbaachisa. Akkasumas meeshaa kanatti akkamitti akka fayyadamnu beekuu qabna. Yesuus barattoonni isaa akkamitti akka nama qaban qajeelfama ifa taʼe isaaniif kenneera. Maal qabachuu akka qaban, eessatti akka lallabanii fi maal jechuu akka qaban isaanitti himeera. (Mat. 10:5-7; Luq. 10:1-11) Yeroo harʼaatti jaarmiyaan Yihowaa Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnuu fi buʼa qabeessa taʼan nuuf dhiheesseera.c Meeshaawwan kana akkamitti akka fayyadamnus baranneerra. Leenjiin kun ofitti amanannaa akka qabaannu nu gargaara akkasumas ogummaa hojii keenya irratti buʼa qabeeyyii taʼuuf nu gargaaru nuuf argamsiisa.—2 Xim. 2:15.
IJA JABINA KEE GUDDIFADHU
11. Warri namoota qaban ija jabeeyyii taʼuu kan qaban maaliifi?
11 Namoonni qurxummii qaban ija jabina qabaachuun isaan barbaachisa. Yeroo tokko tokko galaana irratti haalli hin eegamne isaan mudata. Yeroo baayʼee halkaniin hojjetu akkasumas galaana Obomboleettiin tasa irratti kaʼu irratti hojjetu. Warri namoota qabanis ija jabinni isaan barbaachisa. Yommuu lallabuu jalqabnuu fi dhugaa baatuu taʼuu keenya beeksisnu, maatii keenya irraa mormiin akka “obomboleettii” nu mudachuu akkasumas namoonni nu beekan nutti qoosuu fi ergaa keenya fudhachuu dhiisuu dandaʼu. Taʼus kun nu hin dinqisiisu. Yesuus naannoon inni duuka buutota isaa itti ergu rakkisaa akka taʼe isaan akeekkachiiseera.—Mat. 10:16.
12. Iyaasuu 1:7-9 akka jedhutti ija jabina keenya guddifachuuf maaltu nu gargaara?
12 Ija jabina kee guddifachuu kan dandeessu akkamitti? Tokkoffaa, Yesuus samii irraa hojii kana geggeessuu isaa akka itti fufe mirkanaaʼaa taʼi. (Yoh. 16:33; Mul. 14:14-16) Itti aansuudhaan waadaa Yihowaan si kunuunsuuf gale irratti amantii qabdu cimsadhu. (Mat. 6:32-34) Amantiin kee yommuu cimaa deemu ija jabinni kees dabala deema. Pheexirosii fi michoonni isaa Yesuus duukaa buʼuuf jedhanii yommuu hojii isaanii dhiisan amantii guddaa akka qaban argisiisaniiru. Haaluma kana fakkaatuun, atis Dhugaa Baatotaa wajjin qoʼachuu fi walgaʼii isaanii irratti argamuu akka jalqabde, yommuu namoota beektuu fi maatii keetti himte amantii guddaa akka qabdu argisiisteetta. Ulaagaawwan Yihowaa warra qajeeloo wajjin wal simtee jiraachuuf amala kee fi jireenya kee irratti jijjiirama guddaa akka goote hin shakkisiisu. Kanaafis amantii fi ija jabinni si barbaachiseera. Ija jabina kee guddifachuu yommuu itti fuftu, ‘Waaqayyo gooftaan kee iddoo ati dhaqxu hundumaatti akka si wajjin taʼu’ mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Iyaasuu 1:7-9 dubbisi.
13. Xiinxaluu fi kadhannaan ija jabina guddifachuuf kan gargaaru akkamitti?
13 Ija jabina kee guddifachuuf wanti si gargaaru kan biraan maali dha? Ija jabina argachuuf kadhadhu. (HoE. 4:29, 31) Yihowaan kadhannaa keetiif deebii ni kenna, matumaas si hin dhiisu. Inni yeroo gargaarsi si barbaachisu hundumaatti si wajjin jira. Akkasumas akkaataa Yihowaan kanaan dura warra kaan itti oolche irratti xiinxaluu dandeessa. Kana malees, rakkinoota akka mootuu fi jabina jireenya kee keessatti jijjiirama akka gootu si gargaaran akkamitti akka siif kenne yaaduu dandeessa. Inni sabni isaa Galaana Diimaa keessa akka darbu gargaare, duuka buutuu Kiristoos akka taatu si gargaaruu ni dandaʼa. (Bau. 14:13) Atis akkuma Faarfaticha isa “Waaqayyo gara koo erga ta’ee ani hin sodaadhu, namni maal na gochuu danda’a?” jedhee amanannaa qabaadhu.—Far. 118:6
14. Muuxannoo Maasee fi Tomooyoo irraa maal barattan?
14 Karaa kan biraan ija jabina guddifachuuf nu gargaaru akkaataa Yihowaan namoota ija laafeyyii taʼan ija jabeeyyii akka taʼan itti gargaare hubachuu dha. Mee muuxannoo obboleettii Maasee jedhamtuu ilaali. Ishiin ija laafettii kan turte siʼa taatu, waaʼee amantii ishii matumaa namootatti dubbachuu akka hin dandeenye itti dhagaʼama ture. Namoota hin beekne haasofsiisuun akkuma waan dallaa dheeraa tokko irra baʼuutti baayʼee ulfaataa akka taʼe waan itti dhagaʼamuuf, matumaa kana gochuu akka hin dandeenye yaaddi turte. Kanaafuu, jaalala Waaqayyoo fi namootaaf qabdu cimsachuuf carraaqqii cimaa goote. Yeroon kun ariifachiisaa taʼuu isaa irratti xiinxalte akkasumas fedhii lallabuuf qabdu cimsachuuf kadhannaa dhiheessite. Achiis sodaa ishii kan moote siʼa taʼu, qajeelchaa yeroo hundaa taatee tajaajiluu illee dandeesseetti. Yihowaan babalʼistoonni haaraan illee ‘ija jabeeyyii’ akka taʼan isaan ni gargaara. Mee muuxannoo obboleettii Tomooyoo jedhamtuu yaadi. Manaa gara manaa lallabuu yeroo jalqabdetti, haati manichaa, mana ishiin jalqaba rurrukutee sun, “Ani Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin dubbachuu hin barbaadu” jechuudhaan iyyitee balbala ishiitti cufte. Tomooyoon ija jabinaan michuu ishiitiin akkas jette: “Wanta ishiin jette dhageessee? Utuma ani homaa hin dubbatin Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu koo beekte. Baayʼeen gammade!” Tomooyoon yeroo ammaa qajeelchaa yeroo hundaa taatee tajaajilaa jirti.
AMALA OF TOʼACHUU HORADHU
15. Of toʼachuun maali dha? Kiristiyaanotaaf barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?
15 Qurxummii qabdoonni buʼa qabeeyyii taʼan kan of toʼatani dha. Of toʼachuun “dandeettii wanta hojjetamuu qabu tokko of hojjechiisuu” jedhamee ibsameera. Qurxummii qabdoonni, ganamaan kaʼuu, hanga hojichi dhumutti turuu fi haala qilleensaa rakkisaa taʼe keessatti hojicha itti fufuuf, of toʼachuu qabu. Nutis jabaannee dhaabachuu fi hojii keenya xumuruu yoo barbaanne of toʼachuu nu barbaachisa.—Mat. 10:22.
16. Amala of toʼachuu akkamitti horachuu dandeenya?
16 Amalli of toʼachuu dhaalaan kan argamu miti. Yeroo baayʼee wanta tokko karaa salphaa taʼeen raawwachuu filanna. Kanaafuu, wantoota ulfaataa taʼan raawwachuu akka dandeenyu of leenjisuuf gargaarsi nu barbaachisa. Yihowaanis karaa hafuura qulqulluu gargaarsa kana nuu kenna.—Gal. 5:22, 23.
17. Akka 1 Qorontos 9:25-27 irratti ibsametti, Phaawulos ergamaan carraaqqii amala of toʼachuu horachuuf godhe akkamitti ibse?
17 Phaawulos ergamaan nama of toʼatu ture. Taʼus, wanta sirrii taʼe raawwachuuf, qaama isaa ‘haleeluu’ isa barbaachisee akka ture amaneera. (1 Qorontos 9:25-27 dubbisi.) Warri kaanis akka of toʼatanii fi wantoota hunda, ‘haala gaarii taʼee fi karaa seera qabuun’ akka raawwatan isaan gorseera. (1 Qor. 14:40) Nutis barsiifata hafuuraa gaarii isa hojii qurxummii qabuu fakkeenyaan ibsame irratti yeroo hunda hirmaachuu dabalatu qabaachuuf of toʼachuu qabna.—HoE. 2:46.
DUUBATTI HIN HARKIFATIN
18. Yihowaan milkaaʼina akka argannetti akka nu ilaalu wanti isa taasisu maali dha?
18 Namni qurxummii qabu tokko milkaaʼina isaa baayʼina qurxummii qabeetiin madaala. Faallaa kanaatiin, nuti milkaaʼina keenya baayʼina namoota gara jaarmiyaa Waaqayyootti fidneen hin madaallu. (Luq. 8:11-15) Misiraachoo labsuu fi warra kaan barsiisuu keenya jabaannee hamma itti fufnetti, Yihowaan milkaaʼina akka argannetti nu ilaala. Maaliifi? Sababiin isaas Yihowaa fi Ilma isaatiif ajajamaa jirra.—Mar. 13:10; HoE. 5:28, 29.
19-20. Yeroo ammaatti lallabuuf sababii addaa akkamii qabna?
19 Biyyoota tokko tokkotti, qurxummii qabuun kan heyyamamu jiʼoota murtaaʼan qofatti dha. Biyyoota akkasiitti, waqtiin qurxummii itti qaban yommuu xumuramuuf jedhu miirri ariitii namoota qurxummii qabanii dabaluu dandaʼa. Nutis namoota kan qabnu waan taaneef, yeroo ammaatti lallabuuf sababii dabalataa qabna, innis: Dhumni sirna kanaa saffisaan dhihaachaa jira! Yeroon hojii lubbuu baraaruu kana irratti itti hirmaannu baayʼee gabaabbateera. Kanaafuu, duubatti hin harkifatin ykn hojii baayʼee barbaachisaa kana irratti hirmaachuuf yeroo mijataa eeguu akka qabdu sitti hin dhagaʼamin.—Lal. 11:4.
20 Kakaʼumsa kee cimsachuuf, beekumsa Kitaaba Qulqulluu kee guddifachuuf, ija jabina kee cimsachuu fi of toʼachuu horachuuf ammuma tarkaanfii fudhadhu. Namoota miliyoona saddeetii ol taʼanii fi akka qurxummiitti namoota qabanii wajjin hojjedhu, taanaan atis gammachuu Yihowaa dhandhamuu dandeessa. (Nah. 8:10) Guutummaatti hojii kana irratti hirmaachuu fi yommuu hojiin kun xumuramu arguuf kutadhu. Mata dureen itti aanu, murtoo namoota kan qabnu taʼuudhaan hojii misiraachoo Mootummichaa labsuu keenya itti fufuuf goone karaawwan cimsachuu itti dandeenyu sadii ibsa.
FAARFANNAA 66 Misiraachicha Labsaa
a Yesuus qurxummii qabdoonni jabaatanii hojjetanii fi gad of qaban barattoota isaa akka taʼan isaan afeereera. Yeroo harʼaattis Yesuus warri amalawwan akkasii qaban namoota kan qaban akka taʼan isaan afeeraa jira. Mata dureen kun barattoonni Kitaaba Qulqulluu afeerraa Yesuus fudhachuu irraa duubatti jedhan maal gochuu akka qaban ibsa.
b IBSA JECHAA: Yaadni “namoota kan qabdan” jedhu, warra misiraachoo lallabanii fi barattoota Kiristoos akka taʼan namoota barsiisan hunda argisiisa.
c Mata duree “Dhugaa Barsiisuu” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Onkoloolessaa 2018, ful. 11-16 irratti baʼe ilaali.