BOQONNAA SADII
“Ani . . . Kanan Gad Of Qabu Dha”
1-3. Yesuus gara Yerusaalem kan dhufe haala akkamiitiini? Yeroo kanatti namoonni tokko tokko kan isaan ajaaʼibe maaliif taʼuu dandaʼa?
MAGAALAAN Yerusaalem gammachuudhaan guutamteetti. Namni bakki guddaan kennamuuf tokko garashii dhufaa jira. Magaalattiidhaa alatti namoonni hedduun karaarratti walitti qabamaniiru. Namoonni tokko tokko, dhaaltuun Daawit Mootichaa, Bulchaa Israaʼel taʼuuf mirga qabu isa akka taʼe waan dubbataniif, namoonni magaalattii isa simachuuf hawwiidhaan eegaa jiru. Namoonni baayʼeen isa simachuuf damee muka meexxii qabataniiru, warri kaanimmoo kabaja isaaf qaban argisiisuuf uffata irraan uffatanii fi damee mukaa karaarra afaa jiru. (Maatewos 21:7, 8; Yohaannis 12:12, 13) Namoonni magaalattii hedduun, ‘Haala akkamiitiin dhufa laata?’ jedhanii yaaduu hin oolan.
2 Namoonni tokko tokko wanti adda taʼe akka raawwatamu eeganii taʼuu dandaʼa. Namoota beekamoo ulfina guddaadhaan gara biyya isaaniitti galan akka beekan hin shakkisiisu. Fakkeenyaaf, Abiishaalom ilmi Daawit mootii taʼuusaa yeroo labsetti, namoota gaarii fardaasaa dura fiigan 50 qopheeffatee ture. (2 Saamuʼel 15:1, 10) Bulchaa Roomaa kan taʼe Juuliyes Qeesaarimmoo wanta kanarra baayʼee caalu godheera; yeroo tokko injifannoo erga argatee booda loltoota hedduu of duukaa buusee fi arboota 40 ibsaa baataniin marfamee gara Roomaatti deebiʼe. Amma garuu namoonni Yerusaalem eegaa kan jiran nama namoota kanarra baayʼee caaludha. Hubatanis hubachuu baatanis, namni isaan eegaa jiran kun Masiihicha isa namoota lafarra jiraatan hundarra caaludha. Yeroo Mootiin kun gara magaalattii dhufu garuu, namoonni tokko tokko isaan ajaaʼibee taʼuu dandaʼa.
3 Gaariin fardaa, namoonni fiigan, fardeen ykn arboonni isa faana hin jiran. Yesuus dhufaa kan jiru harree ishee horii feʼumsaa taaterra taaʼeeti.a Mootiin kun uffata adda taʼe hin uffanne, harreen inni irra taaʼes karaa adda taʼeen hin miidhagfamne. Harree sanarra kan jiru kooraa gatii guddaa qabu utuu hin taʼin, uffata duuka buutonnisaa irra buusan qofadha. Namoonni hamma isaa bakka guddaa hin qabne gara magaalaa isaanii kan seenan haala baayʼee adda taʼeen taʼus, Yesuus haala akkasiitiin gara Yerusaalemitti galuu kan filate maaliifi?
4. Kitaabni Qulqulluun akkaataa Masiihichi inni Mootii taʼe gara Yerusaalem itti dhufu ilaalchisee raajii akkamii dubbata?
4 Yeroo kanatti Yesuus raajiin kun akka raawwatamu gochaa ture: “Baayʼee gammadi. Yaa intala Yerusaalem, injifannoodhaan iyyi. Kunoo, mootiin kee gara kee ni dhufa. Inni qajeelaa dha, fayyina ni argamsiisa, kan gad of qabu dhas; harree irra taaʼee . . . ni dhufa.” (Zakkaariyaas 9:9) Raajiin kun Masiihichi inni Waaqayyo dibe, gaaf tokko Mootii Waaqayyo muude taʼee namoota Yerusaalemitti akka mulʼatu ibsa. Harreerra taaʼuuf filachuusaa dabalatee, akkaataan Mootii taʼuusaa itti argisiise amala gad of qabuu isa baayʼee nama hawwatu akka qabu argisiisa.
5. Amalli gad of qabuu Yesuus argisiise garaa keenya kan tuqu maaliifi? Gama kanaan fakkeenya Yesuus hordofuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
5 Yesuus amala gad of qabuu qabaachuunsaa isatti dhihaachuuf nu kakaasa; amalasaa kanarratti yeroo xiinxallu garaan keenya baayʼee tuqama. Boqonnaa darberratti akkuma ilaalle, “karaan, dhugaanii fi jireenyi” Yesuus qofadha. (Yohaannis 14:6) Namoota biliyoona hedduutti lakkaaʼamanii fi lafarra jiraatan keessaa namni hamma Ilma Waaqayyoo bakka guddaa qabu akka hin jirre beekamaadha. Taʼus, Yesuus namoota baayʼeerraa haala adda taʼeen akka kooru ykn akka of tuulu argisiisee hin beeku. Nuyis duuka buutota Kiristoos taʼuu yoo barbaanne, koorarraa fagaachuuf carraaquu qabna. (Yaaqoob 4:6) Yihowaan of tuulummaa akka jibbu yaadadhu. Kanaaf, amala gad of qabuu argisiisuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuun keenya barbaachisaadha.
Yesuus Yeroo Hundumaa Gad Of Qaba
6. Gad of qabuun maalidha? Yihowaan, Masiihichi akka gad of qabu kan beeke akkamitti?
6 Gad of qabuun faallaa of tuulummaa ykn faallaa kooraati. Gad of qabuun garaa keessaa madda; amalli kun dubbii, amalaa fi walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnurratti ni mulʼata. Yihowaan, Masiihichi akka gad of qabu kan beeke akkamitti? Ilmisaa gad of qabuurratti fakkeenyasaa akka hordofe beeka. (Yohaannis 10:15) Gochasaarraas akka inni gad of qabu hubateera. Akkamitti?
7-9. (a) Mikaaʼel yeroo Seexanaa wajjin wal falmanitti akka gad of qabu kan argisiise akkamitti? (b) Kiristiyaanonni gad of qabuudhaan fakkeenya Mikaaʼel hordofuu kan dandaʼan akkamitti?
7 Kitaabni Yihudaa akkana jechuudhaan haala kanaaf fakkeenya taʼu tokko ibsa: “Mikaaʼel hogganaan maleekotaa illee, waaʼee reeffa Musee irratti Diyaabilosii wajjin yeroo wal falman, ‘Yihowaan si haa ifatu’ jedhe malee dubbii arrabsootiin itti murteessuuf hin onnanne.” (Yihudaa 9) Maqaan Mikaaʼel jedhu maqaa Yesuus gara lafaa dhufuusaa duraa fi erga gara samiitti deebiʼee booda ittiin waamamudha; maqaan kun hogganaa maleekotaa ykn ajajaa raayyaa maleekota Yihowaa taʼuusaa argisiisa.b (1 Tasalonqee 4:16) Haa taʼu malee, Mikaaʼel falmii Seexanni kaase kanaaf akkamitti deebii akka kenne hubadhu.
8 Kitaabni Yihudaa, Seexanni reeffa Musee kan barbaade maaliif akka taʼe ibsuu baatus, Diiyaabilos reeffa isaa kan barbaade hamminaaf akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Tarii, reeffa nama amanamaa ture kanaatti fayyadamee waaqeffannaa sobaa babalʼisuu barbaadee taʼuu dandaʼa. Mikaaʼel karoora Seexanaa kana kan morme taʼus, haala baayʼee ajaaʼibsiisaa taʼeen akka of toʼatus argisiiseera. Seexana ifachuun sirrii taʼus, Mikaaʼel yeroo isaa wajjin wal falmaa ture sanatti “hundumaa irratti akka murteessuuf” aangoon waan isaaf hin kennamneef, murtii akkasii kennuu kan qabu Yihowaa qofa akka taʼe isatti dhagaʼameera. (Yohaannis 5:22) Mikaaʼel hogganaa maleekotaa waan taʼeef, yeroo sanattis aangoo guddaa qaba ture. Haa taʼu malee, aangoo dabalataa fudhachuuf yaaluu mannaa, dhimmicha Yihowaadhaaf dhiiseera. Yesuus akka gad of qabu qofa utuu hin taʼin, humnasaa akka beekus argisiiseera.
9 Yihudaan waaʼee dhimma kanaa sababii itti barreesse qaba. Kiristiyaanonni bara sana turan tokko tokko kan gad of qaban hin turre. Namoonni kun of tuulummaadhaan, “wantoota sirriitti hin hubanne hunda ni ceephaʼu” turan. (Yihudaa 10) Nuti ilmaan namootaa cubbamoota taane, salphaatti kooraan moʼamuu dandeenya. Fakkeenyaaf, murtoo qaamni jaarsolii godhe tokko yoo hubachuu baanne maal goona? Sababii murtoo sana itti godhan guutummaatti utuu hin hubatin waaʼee isaanii wanta gaarii hin taane yoo dubbanne, akka gad of hin qabne argisiisuu nutti hin taʼuu? Kanaaf, fakkeenya Mikaaʼel ykn Yesuus hordofuudhaan wantoota Waaqayyo aangoo irratti nuuf hin kenninerratti murtii kennuurraa haa fagaannu.
10, 11. (a) Ilmi Waaqayyoo ajaja gara lafaa akka dhufu isaaf kenname fudhachuuf fedhii qabaachuunsaa kan nu ajaaʼibsiisu maaliifi? (b) Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan gad of qabuu kan dandeenyu akkamitti?
10 Ilmi Waaqayyoo ajaja gara lafaa akka dhufu isaaf kenname fudhachuudhaanis akka gad of qabu argisiiseera. Mee gara lafaa dhufuuf wantoota dhiisuun isa barbaachise tokko tokko yaadi. Inni hogganaa maleekotaa ture. Kana malees, “Dubbicha,” jechuunis Dubbii Himaa Yihowaa ture. (Yohaannis 1:1-3) Samii isa “iddoo jireenyaa [Yihowaa] isa ol kaʼaa, isa qulqulluu fi ulfina qabeessa taʼe” keessa jiraachaa ture. (Isaayyaas 63:15) Taʼus, “duwwaa of godhe; bifa garbummaa qabaatees nama taʼe.” (Filiphisiyus 2:7) Hojiin lafarratti akka hojjetu isaaf kenname maalfaa akka dabalatu yaadi! Lubbuunsaa gadameessa durba Yihudii tokkoo keessa kan kaaʼame yeroo taʼu, nama taʼee dhalachuuf jiʼa sagaliif achi keessatti guddachuun isa barbaachiseera. Maatii namicha hiyyeessa anaaxii taʼe tokkoo keessatti dhalatee guddate. Yesuus mudaa kan hin qabne taʼus, warrasaa cubbamoota taʼaniif ajajamaa ture. (Luqaas 2:40, 51, 52) Kun, baayʼee akka gad of qabu kan argisiisu mitii?
11 Nutoo mirga tajaajilaa akka gad aanaatti ilaalamu fudhachuudhaan akkuma Yesuus gad of qabuu ni dandeenyaa? Fakkeenyaaf, yeroo namoonni ergaa keenyaaf dantaa dhaban, yeroo nutti qoosanii fi nu jibban, hojiin misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo akka lallabnu nuu kenname gad aanaa akka taʼe nutti dhagaʼamuu dandaʼa. (Maatewos 28:19, 20) Haa taʼu malee, hojii kana hojjechuu keenya yoo itti fufne lubbuu namootaa oolchuu dandeenya. Buʼaa akkasii argannus argachuu baannus, gad of qabuu ilaalchisee barumsa guddaa arganna, akkasumas faana Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos duukaa buuna.
Yesuus Yeroo Nama Turetti Gad Of Qabeera
12-14. (a) Yesuus yeroo namoonni isa jajanitti akka gad of qabu kan argisiise akkamitti? (b) Yesuus walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabuun akka gad of qabu kan argisiise karaawwan kamiini? (c) Yesuus amala gad of qabuu kan argisiise, fakkeessuuf ykn seerumasaa guutuuf akka hin turre kan argisiisu maalidha?
12 Yesuus yeroo lafarratti tajaajilaa ture hundumaatti akka gad of qabu argisiiseera. Amala kana argisiisuudhaan jajannaanii fi ulfinni hundi Abbaadhaaf akka kennamu godheera. Yeroo tokko tokko namoonni dubbii ogummaa afaansaa keessaa baʼuuf, humna dinqii raawwachuuf qabuuf, akkasumas amala gaarii qabaachuu isaatiif isa jaju turan. Inni garuu ulfina kana fudhachuu mannaa Yihowaadhaaf akka kennamu godheera.—Maarqos 10:17, 18; Yohaannis 7:15, 16.
13 Yesuus akkaataa namoota itti qabeenis kan gad of qabu taʼuusaa argisiiseera. Inniyyuu gara lafaa kan dhufe warri kaan akka isa tajaajilaniif utuu hin taʼin, warra kaan tajaajiluuf akka taʼe dubbateera. (Maatewos 20:28) Garraamummaadhaan namoota qabuudhaan, akkasumas yaada ofiitti kan hin cichine taʼuudhaan akka gad of qabu argisiiseera. Duuka buutonnisaa yeroo isa aarsanitti, isaan ceephaʼuu mannaa, garaasaanii tuquuf irra deddeebiʼee carraaqqii godheera. (Maatewos 26:39-41) Yeroo boqochuu fi kophaa taʼuu barbaadetti namoonni hedduun yommuu gara isaa dhufan isaan deebisuu mannaa, “wanta hedduu” isaan barsiiseera. (Maarqos 6:30-34) Dubartiin nama biyya Israaʼel hin taane takka intalashii akka ishiidhaaf fayyisu yeroo irra deddeebitee isa kadhattetti, jalqabarratti fedhii akka hin qabne argisiiseera. Haa taʼu malee, ishiitti dheekkamuu mannaa, akkuma Boqonnaa 14rratti ilaallu, amantii addaa ishiin qabdu ilaaluudhaan wanta gaafatte godheeraaf.—Maatewos 15:22-28.
14 Yesuus wanta waaʼee ofiisaa, “Ani garraamii fi kanan gad of qabu dha” jechuudhaan dubbate karaawwan hedduudhaan hojiirra oolcheera. (Maatewos 11:29) Yesuus amala gad of qabuu kan argisiise, fakkeessuuf ykn seerumasaa guutuuf hin turre. Amalli gad of qabuu inni argisiise garaadhaa kan madde ture. Kanaaf, Yesuus duuka buutonnisaa akka gad of qaban barsiisuurratti xiyyeeffachuun isaa nu hin dinqisiisu.
Duuka Buutonnisaa Akka Gad Of Qaban Barsiiseera
15, 16. Yesuus amalli duuka buutonnisaa argisiisan amala bulchitoonni addunyaa qabanirraa adda taʼuu akka qabu kan ibse akkamitti?
15 Ergamoonni Yesuus amala gad of qabuu dafanii hin horanne. Kanaan kan kaʼes, Yesuus irra deddeebiʼee amala kana isaan barsiisuuf dirqameera. Fakkeenyaaf, yeroo tokko Yaaqoobii fi Yohaannis Yesuus Mootummaa Waaqayyoo keessatti iddoo guddaa akka isaaniif kennu akka isaaniif gaafattuuf haadhasaanii isatti erganii turan. Yesuus garuu gad of qabuudhaan, “Karaa mirga koo fi karaa bitaa koo taaʼuun . . . warra Abbaan koo isaaniif qopheesseef kan kennamu dha malee wanta ani kennu miti” jedhee isaaniif deebise. Ergamoonni kurnan garuu Yaaqoobii fi Yohaannisitti “ni aaran.” (Maatewos 20:20-24) Yesuus rakkina kanaaf furmaata kan kenne akkamitti?
16 Akkana jechuudhaan gaarummaadhaan hundasaaniitiif gorsa kenne: “Bulchitoonni sabootaa gooftolii akka isaan irratti taʼan, namoonni guguddoota jedhamanis aangoo isaanii akka isaan irratti argisiifatan beektu. Isin gidduutti garuu akkana taʼuu hin qabu; kanaa mannaa, isin gidduutti guddaa taʼuu kan barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan haa taʼu; namni isin gidduutti dura taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha keessan haa taʼu.” (Maatewos 20:25-27) Ergamoonni Yesuus “bulchitoonni sabootaa” baayʼee akka kooran, aangoo akka barbaadanii fi ofittoo akka taʼan akka beekan hin shakkisiisu. Yesuus duuka buutonnisaa namoota gara jabeeyyii aangoo argachuuf fedhii cimaa qaban kanarraa adda taʼuu akka qaban isaan hubachiisaa jira. Gad of qabuun isaan barbaachisa ture. Maarree, ergamoonni barumsasaa kana hubataniiruu?
17-19. (a) Yesuus galgala duʼuusaa dura turetti, ergamootasaa waaʼee gad of qabuu kan barsiise karaa hin irraanfatamne akkamiitiini? (b) Karaan Yesuus waaʼee gad of qabuu itti barsiise inni guddaan isa kami?
17 Barumsa kana hubachuun isaaniif salphaa hin turre. Yesuus sana duras taʼe sana booda barumsa akkasii barsiiseera. Sana dura, isaan keessaa eenyu akka caalu yeroo wal falmanitti mucaa xinnoo tokko gidduusaanii dhaabee akkuma ijoollee xixinnoo akka taʼan isaan barsiisee ture; ijoolleen akka namoota guguddaa hin kooran, warra kaanirratti aangoo qabaachuufis hin hawwan. (Maatewos 18:1-4) Yesuus galgala ajjeefamuusaa dura turettillee ergamoonnisaa ammayyuu koorri isaan keessa akka jiru hubateera. Achiis barumsa hin irraanfatamne tokko isaan barsiise. Mudhiisaatti fooxaa hidhatee wanta akka gad aanaatti ilaalamu hojjete; yeroo sanatti yeroo baayʼee miila keessummootaa kan dhiqan tajaajiltoota turan. Yesuus miila Yihudaa isa dabarsee isa kennuuf jedhu sanaa dabalatee miila ergamootasaa hunda dhiqe.—Yohaannis 13:1-11.
18 Yesuus, “Ani fakkeenya isiniif taʼeera” jechuudhaan, gad of qabuun maal akka taʼe isaan hubachiiseera. (Yohaannis 13:15) Barumsi kun garaasaanii tuqeeraa laata? Kan nama ajaaʼibu gaafasuma galgala, isaan keessaa hundarra kan caalu eenyu akka taʼe wal falmaniiru! (Luqaas 22:24-27) Yeroo kanattis Yesuus obsa isaanitti argisiisuusaa itti fufeera, gad of qabuudhaanis isaan barsiiseera. Dhumarrattis, “gad of qabuudhaan hamma duʼutti, jechuunis hamma muka dhiphinaa irratti fannifamee duʼutti ajajamaa [taʼuudhaan]” hundasaaniitiif barumsa guddaa kenneera. (Filiphisiyus 2:8) Yesuus yakka akka raawwatee fi Waaqayyoon akka arrabsetti sobaan himatamee duʼa salphinaa duʼuuf of dhiheesseera. Ilmi Waaqayyoo karaa kanaan uumamawwan Yihowaa warra kaan caalaa karaa mudaa hin qabnee fi adda taʼeen akka gad of qabu argisiiseera.
19 Tarii barumsi hin irraanfatamnee fi Yesuus yeroo nama turetti gad of qabuu ilaalchisee barattootasaa warra amanamoo taʼan dhumarratti barsiise kana taʼuu hin oolu. Kitaabni Qulqulluun, namoonni kun sana booda waggoota hedduudhaaf gad of qabanii hojjechaa akka turan dubbata. Nutoo amala akkasii qabnaa?
Fakkeenya Yesuus ni Hordoftaa?
20. Kan gad of qabnu taʼuu fi dhiisuu keenya beekuu kan dandeenyu akkamitti?
20 Phaawulos, “Ilaalcha Kiristoos Yesuus qabu kana qabaadhaa” jechuudhaan hunda keenya gorseera. (Filiphisiyus 2:5) Nutis akkuma Yesuus gad of qabuu qabna. Kan gad of qabnu taʼuu fi dhiisuu keenya beekuu kan dandeenyu akkamitti? Phaawulos, “Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa malee, morkiidhaan yookiin of tuulummaadhaan kakaatanii waan tokko illee hin godhinaa” jechuudhaan nu gorseera. (Filiphisiyus 2:3) Kanaaf, wanti guddaan ‘Warra kaan ofii keenyaa wajjin yommuu wal bira qabnu, ilaalcha akkamii isaaniif qabaanna?’ kan jedhudha. Nurra akka caalanii fi nu caalaa bakka guddaa akka qaban goonee yaaduu qabna. Gorsa kana hojiirra ni oolchitaa?
21, 22. (a) Kiristiyaanonni ilaaltota olaanaa taʼan gad of qabuu kan qaban maaliifi? (b) Gad of qabuu akka uffanne argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
21 Pheexiros ergamaan Yesuus erga duʼee waggoota hedduu boodallee gad of qabuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe yaadaa ture. Pheexiros, hojiisaanii gad of qabanii akka hojjetanii fi hoolota Yihowaarratti gooftummaa akka hin argisiisne Kiristiyaanota ilaaltota olaanaa taʼan barsiiseera. (1 Pheexiros 5:2, 3) Itti gaafatamummaa qabaachuun kooruuf sababa taʼuu hin qabu. Kanaa mannaa, itti gaafatamummaa qabaachuun keenya garaadhaa akka gad of qabnu nu kakaasuu qaba. (Luqaas 12:48) Dhugaadha, obboloota ilaaltota olaanaa taʼan qofa utuu hin taʼin, hundi keenyayyuu amala kana argisiisuu qabna.
22 Pheexiros galgala Yesuus utuma inni diduu miilasaa itti dhiqe sana akka hin irraanfanne beekamaadha. (Yohaannis 13:6-10) Pheexiros, “Walitti dhufeenya walii wajjin qabdaniin hundi keessan gad of qabuu uffadhaa” jechuudhaan Kiristiyaanota gorseera. (1 Pheexiros 5:5) Jechi Afaan Giriikii “uffadhaa” jedhamee hiikame, tajaajilaan tokko hojii gadaanaa taʼe hojjechuuf shirrixii akka uffatu argisiisa. Yaanni kun Yesuus jilbeenfatee miila ergamootasaa dhiquusaa dura fooxaadhaan mudhiisaa akka hidhate nu yaadachiisa taʼa. Fakkeenya Yesuus kan hordofnu yoo taʼe, hojii Waaqayyo nuu kenne kamiyyuu hin tuffannu. Kan gad of qabnu taʼuun keenya, akkuma waan amala kana uffanneetti namoota hundatti kan mulʼatu taʼuu qaba.
23, 24. (a) Of tuulummaarraa fagaachuuf carraaquu kan qabnu maaliifi? (b) Boqonnaan itti aanu, gad of qabuu wajjin haala wal qabateen ilaalcha dogoggoraa akkamii sirreessuuf nu gargaara?
23 Of tuulummaan akkuma summii miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa. Amalli kun namni dandeettii addaa qabu tokko Waaqayyo biratti faayidaa kan hin qabne akka taʼu gochuu dandaʼa. Gad of qabuun garuu namni dandeettii addaa hin qabne tokko Yihowaa biratti faayidaa kan qabu akka taʼu godha. Faana Kiristoos duukaa buʼuuf carraaqqii gochuudhaan yeroo hunda kan gad of qabnu yoo taʼe eebba guddaa arganna. Pheexiros, “Yeroon isaa yommuu gaʼu akka ol isin qabuuf, harka Waaqayyoo isa jabaa jalatti gad of qabaa” jedheera. (1 Pheexiros 5:6) Yesuus guutummaatti waan gad of qabeef Yihowaan ol isa qabeera. Atis kan gad of qabdu yoo taʼe Waaqni kee akka si kiisu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.
24 Kan nama gaddisiisu garuu, namoonni tokko tokko gad of qabuun mallattoo dadhabinaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Fakkeenyi Yesuus, kun sirrii akka hin taane nu hubachiisa; inni namoota hunda caalaa kan gad of qabe taʼus, namoota hunda caalaa ija jabeessa ture. Boqonnaan itti aanu waaʼee kanaa ibsa.
a Barreeffamni tokko waaʼee haala kanaa yeroo ibsu, harreen “uumama gad aantuu, saffisa hin qabne, didduu, horii hiyyeessonni yeroo hunda itti fayyadamanii fi biftishii namatti hin tolle” akka taate dubbateera.
b Mikaaʼel Yesuus taʼuusaa ilaalchisee ragaa dabalataa argachuuf, weebsaayitii Dhugaa Baatota Yihowaa jw.org irraa kutaa “Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu” jalaa mata duree “Mikaaʼel Hogganaan Maleekotaa Eenyu Dha?” jedhu ilaali.