Kiristosiifi Hojjetaa Amanamaadhaaf Amanamoo Ta’aa
“Gooftaan isaa qabeenya isaa hundumaa irratti ajajjuu isa godhachuuf jira.”—MAATEWOS 24:45-47.
1, 2. (a) Akka Macaafni Qulqulluun dubbatutti geggeessaan keenya eenyu? (b) Kiristos gumii Kiristiyaanaa akka geggeessu kan argisiisu maalidha?
“GEGGEESSAA amantii ofiin hin jechisiisinaa! Geggeessaan keessanoo Kristosuma.” (Maatewos 23:10) Yesus jechoota kana dubbachuudhaan, namni kamiyyuu geggeessituusaanii ta’uu akka hin dandeenye bartootasaatiif ifa godheera. Geggeessituunsaanii tokko yommuu ta’u, innis Yesus Kiristos isa samiirra jiraatudha. Yesus geggeessituu akka ta’u kan isa muude Waaqayyodha. Yihowaan “[Kiristosiin] warra du’an keessaa kaasee, . . . goofticha waan hundumaa gararraa jiru kanas waldaa kristiyaanaatiif Mataa godhee kenne. Waldaan kristiyaanaa dhagna Kristos.”—Efesoon 1:20-23.
2 Yesus ‘waan hundumaarratti mataa’ waan ta’eef wanta gumii keessatti raawwatamu hundaa to’achuuf aboo qaba. Wantoonni gumii keessatti raawwataman ijasaa jalaa dhokachuu hin danda’an. Tokkoon tokkoon tuuta Kiristiyaanotaa ykn gumichi, seera bu’uuraa Kiristiyaanotaaf kennamee wajjin haala wal simuun jiraachuufi dhiisuusaa, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuufi dhiisuusaa xiyyeeffannaadhaan hordofa. Haalli kun dhuma jaarraa jalqabaatti Mul’ata Yohannis ergamaadhaaf ergamerratti ifatti mul’ateera. Yesus ergaa gumiiwwan torbaaf ergerratti, hojiisaanii, jabinaafi dadhabbiisaanii akka beeku al shan kan dubbate yommuu ta’u, gorsaafi jajjabina barbaachisus isaanii kenneera. (Mul’ata 2:2, 9, 13, 19; 3:1, 8, 15) Kiristos gumiiwwan Eeshiyaa Ishee Xinnoo, Filisxeem, Sooriyaa, Baabilon, Giriik, Xaaliyaaniifi naannoowwan garabiraatti argaman karaa hafuuraa haala akkamii keessatti akka argaman beeka jennee dubbachuuf sababii ga’aa qabna. (Hojii Ergamootaa 1:8) Gumiiwwan yeroo har’aatti argamanoo beekaa?
Hojjetaa Amanamaa
3. Kiristos mataa gumii ta’uunsaa, gumiinimmoo dhagnasaa akka ta’etti ibsamuunsaa sirrii kan ta’e maaliifi?
3 Yesus du’aa ka’ee gara Abbaasaa dhaquusaa yeroo muraasa dura bartootasaatiin akkas jedheera: “Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera. . . . Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira.” (Maatewos 28:18-20) Yesus Mataasaanii ta’ee dammaqinaan isaan geggeessuusaa itti fufeera. Phaawulos ergamaan xalayaa Kiristiyaanota Efesooniifi Qolosaayisiif barreesserratti, gumii Kiristiyaanaa “dhagna” Kiristos mataa ta’eefii wajjin wal fakkeesseera. (Efesoon 1:22, 23; Qolosaayis 1:18) Kitaabni Za Kaambiriij Baayibil foor Iskuul end Kolleej jedhamu, jecha dhagnatti fakkeeffame kana ilaalchisee akkas jechuudhaan dubbateera: “Mataan qaamaa wajjin tokkummaa qabaachuunsaa barbaachisaa akka ta’e kan ibsu qofa utuu hin ta’in, buusaawwan qaamaa kaanirrattis aboo akka qabu argisiisa, Mataan hojii gara garaa raawwachuuf qaamatti gargaarama.” Kiristos bara 1914tti aboo Mootummaasaa erga fudhatee eegalee, tuutni meeshaasaa ta’ee tajaajilaa ture isa kamidha?—Daani’el 7:13, 14.
4. Raajiin Miikiyaas akka dubbatetti, Yihowaafi Yesus mana qulqullummaa hafuuraa qulqulleessuu yommuu dhufan maal argan?
4 Raajiin Miilkiyaas, “gooftichi” jechuunis Yihowaan “ergamaa kakichaa” kan ta’e Ilmasaa isa haaraa mo’e, jechuunis Yesus Kiristosii wajjin faraduufi qoruuf, gara “mana qulqullummaa isaa” ykn gara mana waaqeffannaasaa isa hafuuraa akka dhufu ibseera. ‘Firdiin mana Waaqayyoo keessatti’ kennamu bara 1918tti kan jalqabame ta’uusaa haalawwan jiranirraa hubachuun ni danda’ama.a (Miilkiyaas 3:1; 1 Phexros 4:17) Gareewwan amantii lafarratti Waaqayyoonis ta’e waaqeffannaa dhugaa bakka buuna jedhan hundi sirriitti qoramaniiru. Dhaabbileen amantii Saba Kiristiyaanaa waggoota hedduudhaaf barumsa Waaqayyoof ulfina hin finne barsiisaa turan, dhumiinsa Waraana Addunyaa Tokkoffaatti ga’erratti waan hirmaataniif fudhatama dhabaniiru. Warri amanamoon hafuura qulqulluudhaan dibaman erga qoramaniifi ibiddaan qullaa’anii booda, fudhatama argachuudhaan “Warra Waaqayyoof aarsaa qajeelaa dhi’eessan” ta’aniiru.—Miilkiyaas 3:3.
5. Raajii Yesus ‘dhufasaa’ ilaalchisee dubbatee wajjin haala wal simuun “hojjetaa” amanamaa ta’ee kan argame eenyu?
5 Raajii Miikiyaasii wajjin haala wal fakkaatuun, milikkinni Yesus bartoonnisaa dhufasaafi dhuma barichaa hubachuu akka danda’aniif isaanitti hime, mallattoo “hojjetaan” kun tuutaan ittiin beekamu qabateera. Yesus akkas jedheera: “Egaa hojjetaan amanamaanii fi ogeessi, gooftaan isaa naa’ota isaa warra kaaniif yeroodhaan nyaata isaanii akka isaaniif kennuuf mana isaa irra kaa’ate isa kam ree? Egaa hojjetaan kun, gooftaan isaa dhufee akkasuma utuu hojjetuu kan isa argu, gammachuu qaba. Dhuguman isinitti hima, gooftaan isaa qabeenya isaa hundumaa irratti ajajjuu isa godhachuuf jira.” (Maatewos 24:3, 45-47) Kiristos “hojjetaa” sana qoruudhaaf bara 1918tti yommuu “dhufe,” bara 1879 jalqabee Masaraa Eegumsaafi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’aniin fayyadamanii “yeroodhaan nyaata” hafuuraa dhiheessaa kan turan, bartootasaa warra amanamoo hafuura qulqulluudhaan dibamaniifi lafarra jiran argateera. Yesus namoota kana meeshaa hojicha raawwachuuf ittiin fayyadamu ykn ‘hojjetaa’ godhee kan isaan simate yommuu ta’u, bara 1919 eegalee qabeenyasaa isa lafaarratti ajajjuu isaan godheera.
Qabeenya Kiristos Isa Lafarratti Argamu To’achuu
6, 7. (a) Yesus “hojjtaa” amanamaa argisiisuuf jechoota garabiraa akkamiitiin fayyadameera? (b) Yesus hojjeticha, “hojii adeemsiftuu” jedhee waamuunsaa maal argisiisa?
6 Yesus waa’ee argamuusaafi “hojjetaa” lafarratti bakka isa bu’u dubbachuusaa ji’oota muraasa dura, “hojjetaa” kana ilaalchisee yommuu dubbatu, jecha ibsa kanarraa garaagarummaa xinnoo qabu dubbachuunsaa itti gaafatamummaa hojjetaan kun qabu kan argisiisudha. Akkas jedheera: “Egaa hojjetaan amanamaanii fi ogeessi, gooftaan isaa naa’ota isaa warra kaaniif yeroodhaan nyaata isaan ga’u haa kennuuf, mana isaa irratti hojii adeemsiftuu godhatu, isa kam ree? Dhuguman isiniin jedha, gooftaan isaa qabeenya isaa hundumaa irratti ajajjuu isa godhata.”—Luqaas 12:42, 44.
7 Hojjetaan kun asirratti hojii adeemsiftuu jedhamee kan waamame yommuu ta’u, jechi afaan Giriikiitiin hojii adeemsiftuu jedhamee hiikame, “hojii adeemsiftuu manaa ykn qabeenyaa” jechuudha. Hojii adeemsiftuun kun, garee hayyoota Macaafa Qulqulluu yaadawwan nama hawwatan ibsu miti. Kanaa mannaa, “hojjetaan amanamaan” kun nyaata hafuuraa gaarii “yeroodhaan” akka dhiheessu, tajaajiltoota Yesus hundaarratti, akkasumas ‘qabeenya inni lafarraa qabu hundaarratti’ jechuunis gumii Kiristosiifi sochii achi keessatti taasifamu hunda akka to’atu itti gaafatamummaan isaaf kennameera. Qabeenyi kun maalfa’i?
8, 9. ‘Qabeenyi’ hojjetaan amanamaan akka bulchuuf muudame maalfa’i?
8 Itti gaafatamummaan hojjetaa kanaa, meeshaawwan duuka buutonni Kiristos tajaajilasaanii ittiin raawwatan, jechuunis waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaa, waajjiroota damee, Galmawwan Mootummaafi Galmawwan Walga’ii Gurguddaa addunyaa maratti argaman olaantummaadhaan to’achuu kan dabalatudha. Hundumaa caalaattimmoo, hojjetaan kun sagantaawwan karaa hafuura nama jajjabeessan, jechuunis walga’iiwwan torbanii Macaafa Qulqulluu barachuuf gargaaraniifi walga’iiwwan gurguddaa waggaa wagggaadhaan geggeeffaman olaantummaadhaan to’ata. Walga’iiwwan kanarratti, raajiiwwan Macaafa Qulqulluu kan raawwataman akkamitti akka ta’e, qajeelfama seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu argisiisu yeroosaatti kennama.
9 Kana malees, wanti hojii adeemsiftuun kun raawwatu hojii ‘wangeela mootummaa’ lallabuufi ‘saba hundumaa bartoota gochuu’ isa hundumaa caalaa barbaachisaa ta’e kana olaantummaadhaan to’achuus ni dabalata. Kunimmoo, abboommii Kiristos inni Mataa gumii ta’e guyyoota gara dhumaa kanatti namoonni akka raawwataniif ajaje hundaa barsiisuus kan dabalatudha. (Maatewos 24:14; 28:19, 20; Mul’ata 12:17) Hojiin lallabaafi bartoota taasisuu kun, “tuuta sonaan baay’ee” dibamtoota hafan amanamummaadhaan deggeran argamsiiseera. Namoonni ‘badhaadhummaa saba lafarraa hundaa’ ta’an kun, “qabeenya” Kiristos isa gati-jabeessa hojjetaan amanamaan kun to’atu keessaa tokko ta’uunsaanii homaa hin shakkisiisu.—Mul’ata 7:9; Haagee 2:7.
Qaama Olaanaa Hojjetaa Kana Bakka Bu’u
10. Jaarraa jalqabaatti murtoo akka godhuuf itti gaafatamummaan kan kenname qaama kamiif ture? Kunoo gumiiwwan kan gargaare akkamitti?
10 Itti gaafatamummaa hojjetaa amanamaan kun qabu murtoowwan hedduu gochuus akka dabalatu ifaadha. Gumii Kiristiyaanaa durii keessatti ergamoonniifi jaarsoliin Yerusaalem keessa turan, hojjetaa amanamaa bakka bu’uudhaan gumiiwwan hundaaf murtoo dabarsu turan. (Hojii Ergamootaa 15:1, 2) Murtoon qaamni olaanaan jaarraa jalqabaatti ture dabarsu, xalayaafi bakka buutotaan gumiiwwaniif ergama ture. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa qajeelfama ifa ta’e kana gammachuudhaan fudhataniiru, qaama olaanaadhaaf ajajamuuf fedhii qabaachuunsaaniis, nagaafi tokkummaa isaaniif argamsiiseera.—Hojii Ergamootaa 15:22-31; 16:4, 5; Filiphisiiyus 2:2.
11. Kiristos yeroo ammaatti gumii geggeessuuf eenyuun fayyadama? Nutoo, tuuta Kiristiyaanota dibamoo kanaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
11 Akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa, duuka buutota Kiristos yeroo ammaa lafarratti argamaniif ilaaltota olaanaa ta’anii kan tajaajilan Qaamni Olaanaan Kiristiyaanota hafuuraan dibamaniin geggeeffamu jira. Dhiironni amanamoon kun yommuu hojii Mootummichaa olaantummaadhaan to’atan, Kiristos inni Mataa gumii ta’e humnasaa isa ‘harkasaa mirgaatti’ fakkeeffameen isaan geggeessa. (Mul’ata 1:16, 20) Waggoota dheeraadhaaf miseensa Qaama Olaanaa kan tureefi jireenyasaa isa lafarraa dhiheenyatti kan xumure, Albart Shiruudar seenaasaarratti akkas jedhee barreessee ture: “Walga’iin Qaamni Olaanaan yeroo hundaa guyyaa Roobii godhu, hafuurri Yihowaa akka nu geggeessu kadhannaa dhiheessuudhaan jalqabama. Dhimmawwan walga’icharratti ka’anis ta’e murtoowwan godhaman hundi guutummaatti Dubbii Waaqayyoo, jechuunis Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal siman ta’uusaanii mirkaneessuuf yaaliin barbaachisu hundi ni godhama.”b Kiristiyaanota dibamoo amanamoo ta’an akkasiirratti amanamuu dandeenya. Keessumaa Qaama Olaanaa ilaalchisee abboommii Phaawulos, “Geggeessituun keessan . . . waa’ee lubbuu keessaniif dammaqanii waan yaadaniif, isin isaaniif abboomamaa karaas kennaaf [bitamaafii, NW]!” jechuudhaan kenne hojiirra oolchuu qabna.—Ibroota 13:17.
Hojjetaa Amanamaadhaaf Ulfina Kennuu
12, 13. Caaffata Qulqulluu keessatti ragaawwan kutaa hojjetaa amanamaa kabajuu akka qabnu argisiisan akkamii arganna?
12 Sababii guddaan hojjetaa amanamaa itti kabajnu, kana gochuun keenya Gooftaasaanii Yesus Kiristosiif kabaja akka kenninu waan argisiisuufidha. Phaawulos dibamtoota ilaalchisee: “Namni birmadummaatti utuu jiruu waamame, inni Kristosiif garbicha. Waaqayyo gatiidhaan isin bitate” jedheera. (1 Qorontos 7:22, 23; Efesoon 6:6) Qajeelfama hojjetaa amanamaafi Qaama Olaanaasaatiif yeroo amanamummaadhaan abboomamnu, Kiristos isa Gooftaa hojjetichaa ta’eef abboomamaa jirra jechuudha. Qaama Kiristos qabeenyasaa isa lafarratti argamu bulchuuf itti fayyadamu kabajuun keenya, “ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesus Kristos gooftaa akka ta’e” amannee fudhachuu keenya argisiisa.—Filiphisiiyus 2:11.
13 Sababiin hojjetaa amanamaa itti kabajnu garabiraanimmoo, dibamtoonni lafarra jiran Macaafa Qulqulluu keessatti akka “mana qulqullummaa” Yihowaan “hafuura isaatiin” keessa jiraatuutti fakkeenyaan waan ibsamaniifidha. Waan kana ta’eefis, isaan “qulqulluudha.” (1 Qorontos 3:16, 17; Efesoon 2:19-22) Yesus qabeenyasaa isa lafarratti argamu hadaraa kan kenne qaama mana qulqullummaatti fakkeeffame kanattidha. Kana jechuunis, mirgiifi itti gaafatamummaan gumii keessatti argamu tokko tokko kutaa hojjetaa kanaaf qofa kan dhiifamedha jechuudha. Kanaan kan ka’es, namoonni gumii keesatti argaman hundi, qajeelfama hojjetaa amanamaafi Qaama Olaanaarraa isaaniif kennamu hordofuufi deggeruun Waaqayyo biratti fudhatama argachuuf akka isaan gargaarutti ilaalu. Dhugumayyuu, ‘hoolonni kan biraan’ carraaqqii kutaan hojjetaa kun jaalala Gooftaasaa raawwachuuf godhurratti isa gargaaruusaanii akka mirga guddaatti ilaalu.—Yohannis 10:16.
Kutaa Hojjetaa Amanamaa Amanamummaadhaan Deggeruu
14. Akka raajii Isaayaasirratti ibsametti, hoolonni kan biraan dibamtoota duukaa kan bu’aniifi ‘hojjetoota kaffaltii malee fedhiisaaniitiin hojjetan’ ta’anii kan tajaajilan akkamitti?
14 Hoolonni kan biraan dibamtoota miseensa Israa’el hafuuraa ta’aniif gad of qabuudhaan akka ajajaman raajii Isaayaas keessatti akkas jechuudhaan dursee dubbatameera: “Waaqayyo, ‘Wanti [warri] Gibxii hojjetanii argatan, [hojjetoonni Gibxii kaffaltii malee hojjetan, NW] bu’aan nagada warra Kuushis siif in ta’u, warri Saabaa warri dhedheeronnis gara kee dhufanii, kan kee in ta’u, of kennanii si duukaa in bu’u; siif qoomma’aniis ‘Waaqayyo dhugumaan sii wajjin jira, isa malees Waaqayyo kan biraa hin jiru’ in jedhu’ jedhe.” (Isaayaas 45:14) Yeroo har’aattis, hoolonni kan biraan haala kanaa wajjin wal fakkaatuun qajeelfama kutaan hojjetaa hafuuraan dibameefi Qaamni Olaanaansaa kennu fudhachuudhaan isaan duukaa bu’u. Akkuma ‘hojjetoota kaffaltii malee hojjetanii,’ hoolonni kan biraas hojii lallabaa addunyaa maratti geggeeffamuufi isa Kiristos duuka buutotasaa warra dibamtoota ta’aniifi lafarratti argamanitti kenne deggeruuf, humnaafi qabeenyasaanii fedhasaaniitiin kennu.—Hojii Ergamootaa 1:8; Mul’ata 12:17.
15. Raajiin Isaayaas 61:5, 6rratti argamu walitti dhufeenya hoolota kan biraafi Israa’eloota hafuuraa gidduu jiru kan nu hubachiisu akkamitti?
15 Hoolonni kan biraan, olaantummaa kutaa hojjetaa amanamaafi Qaama Olaanaa jalatti Yihowaa tajaajiluusaaniitti ni gammadu, ni galateeffatus. Dibamtoonni miseensota “Israa’el Waaqayyoo” akka ta’an ni amanu. (Galaatiyaa 6:16) Hoolonni kan biraan, Israa’eloota hafuuraa wajjin walitti dhufeenya uumuudhaan fakkeenyaan akka ‘ormaafi’ akka ‘galaatti, [1899] ibsaman kun, qajeelfama ‘luboota Waaqayyoo warra Waaqayyo keenyaaf hojjetan’ jalatti ‘qottuufi wayinii kan dhaaban’ ta’anii tajaajiluunsaanii isaan gammachiisa. (Isaayaas 61:5, 6) Hojii miisraachoo Mootummaa kana lallabuufi namoota bartoota taasisuurratti hinaaffaadhaan hirmaatu. Namoota haaraa hoolotatti fakkeeffaman daawwachuufi kunuunsuudhaan kutaa hojjetaa kana garaa guutuudhaan gargaaru.
16. Hoolonni kan biraan hojjetaa amanamaafi ogeessa akka deggeran kan isaan kakaasu maalidha?
16 Hoolonni kan biraan, carraaqqiin hojjetaa amanamaan nyaata hafuuraa yeroosaatti isaanii dhiheessuuf godhu akka isaan gargaare ni hubatu. Hojjetaa amanamaan utuu hin jiru ta’ee, dhugaa Macaafa Qulqulluu waa’ee olaantummaa Yihowaa, qulqullina maqaasaa, waa’ee Mootummichaa, waa’ee bantii waaqaa haaraafi lafa haaraa, waa’ee lubbuu, namoonni du’an haala akkamii keessatti akka argaman, akkasumas eenyummaa Yihowaa, Ilmasaafi hafuura qulqulluu beekuu akka hin dandeenye gad of qabuudhaan amananii fudhatu. Hoolonni kan biraan, “obboloota” Kiristos warra dibamoo guyyoota gara dhumaa kanatti lafarratti argaman ni galateeffatu, amanamummaadhaanis isaan gargaaru.—Maatewos 25:40.
17. Qaamni Olaanaan maal gochuun barbaachisaa ta’uusaa hubateera? Mataduree ittaanurratti waa’ee maaliitu ibsama?
17 Lakkoofsi dibamtoota kanaa hir’achaa waan adeemuuf, gumii hundumaa keessatti argamanii qabeenya Kiristos to’achuu hin danda’an. Kanaan kan ka’es, Qaamni Olaanaan hoolota kan biraa gidduudhaa dhiirota waajjira dameetti, koonyaafi aanaarratti, akkasumas gumii keessatti obboloota dhiiraa ilaaltuu olaanaa ta’anii tajaajilan ni muuda. Ilaalchi nuti tiksitoota to’annaa Kiristos jalatti tajaajilaniif qabnu, amanamummaa nuti Kiristosiifi hojjetaa amanamaadhaaf qabnuu wajjin walitti dhufeenya qabaa? Gaaffiin kun mataduree ittaanu keessatti ibsama.
[Miiljaleewwan]
a Dhimma kana ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Bitootessa 1, 2004 ful. 13-18fi Muddee 1, 1992 ful. 13 ilaali.
b Seenaa kana Masaraa Eegumsaa Bitootessa 1, 1988 ful. 10-17rraa argachuun ni danda’ama.
Irra Deebi’uuf
• Geggeessituun keenya eenyu? Haalawwan gumii keessatti argaman akka beeku kan argisiisu maalidha?
• Yommuu ‘manni qulqullummaa’ qorame, hojjetaa amanamaa ta’anii kan argaman eenyufa’i? Qabeenyi hadaraadhaan isaanitti kenname maalidha?
• Hojjetaa amanamaa amanamummaadhaan deggeruu akka qabnu, ragaawwan Caaffata qulqullaa’oo kamtu argisiisa?