Fedhiidhaan of Dhiheessaniiru Raashiyaa
BARA 1991tti Dhugaa Baatonni Yihowaa Raashiyaa keessatti argaman dhorkaan hojii isaanii irratti godhamee ture irraa kaʼee, biyyattii keessatti beekkamtii waan argataniif baayʼee gammadanii turan. Yeroo sanatti, lakkoofsi Dhugaa Baatota biyyattii dachaa kudhaniin guddatee gara 170,000 taʼa jedhee namni yaade hin jiru ture! Lallabdoota Mootummichaa ciminaan hojjetan kana keessaa tokko Dhugaa Baatota hojii lallabaa irratti gargaarsa gochuuf biyya alaatii gara Raashiyaa deemani dha. (Mat. 9:37, 38) Mee isaan keessaa tokko tokko haa ilaallu.
OBBOLOOTA FEDHIIDHAAN GUMIIWWAN CIMSAN
Dhorkaan Raashiyaa keessa ture yeroo hafetti, Maatiiw inni Biritaaniyaa Guddittiidhaa dhufe umuriin isaa waggaa 28 ture. Walgaʼii guddaa waggaa sanatti geggeeffame irratti, haasaan gumiiwwan Awurooppaa Bahaa keessa jiran gargaarsi akka isaan barbaachisu addeessu dhihaatee ture. Obboleessi haasicha dhiheesse gumii Seeyint Piitarsibargi, Raashiyaa isa tajaajilaa gumii tokko qofa qabuu fi jaarsa gumii hin qabne akka fakkeenyaatti caqase. Taʼus, babalʼistoonni namoota dhibbaan lakkaaʼaman Macaafa Qulqulluu qayyabsiisu turan! Maatiiw, “Haasaa kana ergan dhagaʼee booda, waaʼee Raashiyaa yaaduu dhiisuu hin dandeenye; kanaafuu, fedhiin achi dhaquuf qabu caqaseen Yihowaa kadhadhe” jedheera. Qarshii muraasa walitti qabatee, akkasumas qabeenya isaa keessaa hedduu isaa gurguratee bara 1992tti gara Raashiyaa deeme. Haala akkamiitu isa mudate?
Maatiiw, “Afaan barachuun rakkisaa ture. Dhimmoota hafuuraa irratti namootaa wajjin akka gaariitti mariʼachuu hin dandaʼun ture” jedheera. Rakkinni gara biraan immoo bakka jireenyaa argachuu dha. Maatiiw, “Yeroo gabaabaa gidduutti appaartaamaa garaa garaa jijjiirradheera” jedheera. Jalqaba irratti rakkoowwan kun isa mudatanis, “Gara Raashiyaa deemuun koo murtoo gaarii murtoo ani hanga harʼaatti godhe hunda caalu dha” jedheera. Itti fufees, “Asitti tajaajiluu kootiin caalaatti Yihowaatti amanamuu baradheera; akkasumas, karaa hedduudhaan qajeelfama isaa argadheera” jedheera. Maatiiw yeroo booda jaarsa gumii fi qajeelchaa addaa taʼee kan muudame siʼa taʼu, amma immoo waajjira damee naannoo Seeyinti Piitarsibargitti argamutti tajaajilaa jira.
Heruun bara 1999tti umurii isaa waggaa 25tti Jaappaanitti Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa irraa kan eebbifame siʼa taʼu, barsiisota isaa keessaa tokko biyya alaatti akka tajaajilu isa jajjabeesse. Heruun Raashiyaatti gargaarsi akka barbaachisu waan dhagaʼeef, Afaan Raashiyaa barachuu jalqabe. Tarkaanfii kan biraas fudhateera. Akkana jedheera: “Jiʼa jaʼaaf gara Raashiyaa deemeen ture. Ganni biyyattii baayʼee ulfaataa waan taʼeef, qorra achii kanan dandaʼu taʼuu koo beekuuf jecha jiʼa Sadaasaatti achin dhaqe.” Heruun tibba gannaa sana achitti erga dabarsee booda Jaappaanitti deebiʼe; achii qarshii gara Raashiyaa deebiʼuudhaan achi jiraachuuf isa dandeessisu walitti qabachuuf, jireenya baayʼee salphaa taʼe jiraachuu jalqabe.
Amma Heruun erga Raashiyaa deemee waggaan 12 kan darbe siʼa taʼu, gumii garaa garaa keessatti tajaajilaa tureera. Yeroo tokko tokko, gumii babalʼistoota 100 ol taʼan qabu keessatti jaarsa taʼee kophaa isaa tajaajila ture. Gumii tokko keessatti torban torbaniin, kutaawwan Walgaʼii Tajaajilaa keessaa hedduu isaanii, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii, Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa, akkasumas Qayyabannaa Kitaabaa Gumii garaa garaa shan geggeessa ture. Obboloota hedduus mana isaanii deemee ni daawwata ture. Heruun waggoota darban yaadachuudhaan, “Obboloonni karaa hafuuraa cimoo akka taʼan gargaaruu dandaʼuun gammachuu guddaa argamsiisa” jedheera. Naannoo gargaarsi caalaatti barbaachisutti tajaajiluun isaa kan isa fayyade akkamitti? Akkana jedheera: “Gara Raashiyaa deemuu koo duras jaarsa gumii fi qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajilaa kanan ture taʼus, as ergan dhufee booda Yihowaa wajjin walitti dhufeenya haaraa akkan uume natti dhagaʼama. Jireenya koo keessatti gama hundumaatiin caalaatti Yihowaatti amanamuu baradheera.” Heruun bara 2005tti Isviyetlaanaa kan fuudhe siʼa taʼu, lamaanuu qajeelchitoota taʼanii tajaajiluu isaanii itti fufaniiru.
Maatiiw inni umuriin isaa waggaa 34 taʼee fi obboleessi isaa Mikaaʼel inni umuriin isaa waggaa 28 taʼe Kaanaadaadhaa dhufan. Lamaanuu yeroo Raashiyaa deemanii daawwatan, namoonni fedhii qaban hammamii walgaʼiiwwan irratti akka argamanii fi obboloonni walgaʼiiwwan geggeessuu dandaʼan immoo hammam muraasa akka taʼan yeroo ilaalan baayʼee ajaaʼibsiifamanii turan. Maatiiw akkana jedheera: “Gumiin irratti hirmaadhe tokko irratti namoonni 200 taʼan kan argaman taʼus, walgaʼiiwwan hunda kan geggeessu jaarsa gumii maanguddoo taʼee fi tajaajilaa gumii dargaggeessa tokko qofa turan. Haala kana ilaaluun koo achi dhaqee obboloota sana gargaaruuf fedhii akkan qabaadhu na godhe.” Maatiiw bara 2002tti gara Raashiyaa deeme.
Waggaa afur booda immoo, Mikaaʼel gara Raashiyaa kan deeme siʼa taʼu, obboloonni yeroo kanattis gargaarsi akka isaan barbaachisu hubate. Tajaajilaa gumii waan tureef, kutaa herreegaa, kutaa barreeffamaa fi naannoo tajaajilaa irratti akka hojjetu ramadame. Akkasumas, hojii barreessaa gumiitiin hojjetamu akka hojjetu, haasaa sabaa akka kennu, walgaʼiiwwan gurguddaa qindeessuu irratti gargaarsa akka godhuu fi Galmawwan Mootummaa ijaaruu irratti akka hirmaatu gaafatamee ture. Dhugaa dha, amma iyyuu gumiiwwan keessatti gargaarsi hedduun ni barbaachisa. Itti gaafatamummaa kana hunda raawwachuun ulfaataa taʼus, Mikaaʼel inni amma jaarsa gumii taʼee tajaajilaa jiru, “Obboloota gargaaruun gammachuu guddaa naaf argamsiisa. Kun karaa gaarii ani jireenya kootti itti fayyadamu dha!” jedheera.
Yeroo booda, Maatiiw Maariinaa kan fuudhe yommuu taʼu, Mikaaʼel immoo Olgaa fuudhe. Arfan isaanii iyyuu obboloota fedhiidhaan kakaʼanii hojjetan kaanii wajjin gumiiwwan guddachaa jiran gargaaruu isaanii itti fufaniiru.
OBBOLEETTOTA HOJII LALLABAA IRRATTI GARGAARSA GOCHAA JIRAN
Bara 1994tti yeroo Taatiyaanaan intala waggaa 16 turtetti, qajeelchitoonni addaa Cheek Rippuubliik, Poolaandii fi Isloovaakiyaadhaa dhufan jaʼa gumii ishee Yuukreenitti argamutti tajaajiluu jalqaban. Taatiyaanaan waaʼee isaanii yaadachuudhaan, “Qajeelchitoonni kun, hinaaffaa kan qaban, salphaatti kan itti dhihaatamuu fi gaarummaa kan qaban, akkasumas Macaafa qulqulluu akka gaariitti kan beekani dha” jetteetti. Yihowaan amala fedhii ofii aarsaa gochuu argisiisuu isaaniitiin akka isaan eebbise yeroo argitu isheenis, ‘Anis akka isaanii taʼuun barbaada’ jettee yaadde.
Taatiyaanaan fakkeenya qajeelchitootaa irraa jajjabina waan argatteef, yeroo manni barumsaa cufamutti obboloota kaanii wajjin deemtee naannoowwan fagoo Yuukreenii fi Belaarusitti argamanii fi kanaan dura itti hin lallabamnetti tajaajilti turte. Kana gochuun ishee kan ishee gammachiise siʼa taʼu, gara Raashiyaa deemtee tajaajila ishee balʼifachuuf karoora akka baafattu ishee kakaase. Jalqaba, obboleettii biyya alaatii gara Raashiyaa deemte tokko gaafachuu fi qajeelchituu taatee yeroo tajaajiltutti hojii ishee gargaaru barbaaddachuuf yeroo muraasaaf achi deemte. Yeroo booda, bara 2000tti Raashiyaa jiraachuu jalqabde. Jijjiiramni kun ulfaataa turee?
Taatiyaanaan akkana jetteetti: “Appaartaamaa mataa koo qabaachuu waanan hin dandeenyeef, mana warra kaanii keessaa kutaa tokko kireeffachuun qaban ture. Kun jireenyaaf mijaaʼaa hin turre. Yeroon biyya kootti deebiʼuuf itti hawwe jira ture. Haa taʼu malee, Yihowaan tajaajila kootti itti fufuun koo faayidaa akka qabu akkan hubadhu yeroo hunda na gargaara ture.” Taatiyaanaan yeroo ammaatti misiyoonii taʼuudhaan Raashiyaa keessatti tajaajilaa jirti. Akkas jechuudhaan yaada ishee xumurteetti: “Waggoonni ani biyya kootiin alatti dabarse muuxannoo gatii guddaa qabuu fi michoota hedduu naaf argamsiisaniiru. Hunda caalaa immoo, waggoonni kun amantii koo naaf jabeessaniiru.”
Maasaakoon isheen Jaappaanii dhuftee fi yeroo ammaattii umurii jalqaba waggoota 50nii keessatti argamtu misiyoonii taatee tajaajiluuf hawwii guddaa kan qabdu taʼus, rakkina fayyaa qabduun kan kaʼe kana gochuu hin dandeenye. Taʼus, yeroo hamma tokko itti wayyaaʼu gara Raashiyaa deemtee tajaajiluuf murteessite. Bakka jireenyaa mijaaʼaa fi hojii dhaabbataa argachuun rakkisaa taʼus, Afaan Jaappaan barsiisuu fi hojii qulqulleessuu hojjechuudhaan qajeelchituu taatee tajaajilaa turte. Wanti tajaajila ishee akka itti fuftu ishee gargaare maali dha?
Maasaakoon waggoota 14n Raashiyaa keessatti dabarsite ilaalchisee akkana jetteetti: “Gammachuun ani tajaajila irraa argadhe, rakkina na mudate hunda kan caalu dha. Naannoowwan babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluun, jireenya nama hin nuffisiisnee fi gammachuu qabu jiraachuuf gargaara.” Itti dabaluudhaanis, “Yihowaan waggoota hedduudhaaf nyaata, uffataa fi bakka jireenyaa yeroo naa kennu ilaaluun koo anaaf dinqii bara kanatti raawwatame dha” jetteetti. Maasaakoon naannoo Raashiyaa caalaatti gargaarsi barbaachisutti qofa utuu hin taʼin, Kirgistaan keessattis hojii lallabaa irratti hirmaatteetti. Dabalataanis, tuutawwan Afaan Ingiliffaa, Chaayinaa fi Wiigariin geggeeffaman gargaaruu dandeesseetti. Yeroo ammaatti immoo, Seeyint Piitarsibargi keessatti qajeelchituu taatee tajaajilaa jirti.
MAATIIWWAN GARGAARSA KENNUUDHAAN EEBBA ARGATAN
Yeroo baayʼee maatiiwwan biyya isaaniitii gara biyyoota kaanii kan deeman, gama dinagdeetiin rakkinni yeroo isaan mudatu dha. Haa taʼu malee, akkuma Abrahaamii fi Saaraa maatiiwwan tokko tokko galma hafuuraa hordofuudhaaf gara biyya alaa deemu. (Uma. 12:1-9) Hiriyoota gaaʼelaa Miikaaʼilii fi Ingaa jedhaman, warra bara 2003tti Yuukreenii gara Raashiyaa deeman ilaali. Yeruma sana namoota dhugaa Macaafa Qulqulluu beekuuf fedhii qaban argatanii turan.
Miikaaʼil akkana jedheera: “Yeroo tokko iddoo Dhugaa Baatonni itti lallabanii hin beekne tokkotti lallabaa turre. Maanguddoon tokko balbala bananii, ‘Isin lallabdoota dhaa?’ jedhanii nu gaafatan. Taʼuu keenya yeroo itti himnu, ‘Gaaf tokko akka dhuftan beekan ture. Wanti Yesus dubbate utuu hin raawwatamin hafuu hin dandaʼu’ nuun jedhan. Achii, maanguddoon sun Maatewos 24:14 caqasan.” Miikaaʼil itti dabaluudhaan akkana jedhe: “Akkasumas naannoo sanatti, dubartoota amantii Baabtistii hordofan, garaa qajeelaa qabanii fi dhugaa dheebotan gara kudhanii arganne. Kitaaba Bara Baraaf Jiraachuu jedhamu (Afaan Oromootiin hin argamu) kan qaban siʼa taʼu, yeroo hunda dhuma torbaniitti Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf itti fayyadamu turan. Saʼaatii hedduudhaaf gaaffiiwwan isaaniitiif deebii kennine; achiis faarfannaa Mootummichaa isaanii wajjin faarfanne; akkasumas, irbaata waliin nyaanne. Yeroon kun yeroo gaggaarii ani yaadadhu keessaa tokko dha.” Miikaaʼilii fi Ingaan naannoo babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisanitti tajaajiluun isaanii, Yihowaatti akka isaan dhiheesse, jaalala namootaaf qaban akka isaanii guddise, akkasumas jireenya gammachiisaa taʼe jiraachuuf akka isaan dandeessise ni amanu. Amma hojii daawwannaa irratti tajaajilaa jiru.
Hiriyoonni gaaʼelaa Yuurii fi Oksaanaa jedhaman warri yeroo ammaatti umurii walakkaa waggoota 30nii keessatti argamanii fi mucaan isaanii Aliiksiyaan inni yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 13 taʼe, Yuukreenii kan dhufan siʼa taʼu, bara 2007tti waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Raashiyaatti argamu daawwatanii turan. Achitti kaartaa Raashiyaa irraa, naannoo tajaajilaa gumii tokkoof iyyuu hin ramadamnee fi balʼaa taʼe argan. Oksaanaan, “Kaartaa sana erga arginee booda Lallabdoonni Mootummichaa akka barbaachisan caalaatti hubanne. Kunis gara Raashiyaa dhufuuf sammuu keenya akka qopheessinu nu gargaareera” jetteetti. Wanti isaan gargaare kan biraan maali dha? Yuuriin akkana jedheera: “Mata dureewwan kan akka ‘Biyya Alaa Deemtee Tajaajiluu Ni Dandeessaa?’ jedhanii fi barreeffamoota keenya irratti baʼan dubbisuun keenya nu gargaareera.a Raashiyaatti naannoo waajjirri damee nuun jedhe deemnee kan ilaalle siʼa taʼu, bakka jireenyaa fi hojii barbaaddachuu jalqabne.” Yuurii fi maatiin isaa bara 2008tti gara Raashiyaa deemanii achi jiraachuu jalqaban.
Jalqaba irratti, hojii argachuun ulfaataa ture; bakka jireenyaa isaanii appaartaamaa isa tokkoo gara isa kaaniitti yeroo baayʼee jijjiirrachuunis isaan barbaachisee ture. Yuuriin akkana jedheera: “Abdii akka hin kutanne yeroo baayʼee ni kadhanna turre; achii Yihowaan akka nu gargaaru amanamuudhaan hojii lallabaa keenya itti fufna turre. Yihowaan Mootummaa isaatiif dursa yeroo kenninu hammam kunuunsa akka nuu godhu jireenya keenya keessatti argineerra. Tajaajilli kun maatii keenya cimseera.” (Mat. 6:22, 33) Naannoo caalaatti gargaarsi barbaachisutti tajaajiluun isaanii mucaa isaanii Aliiksiyaa kan fayyade akkamitti? Oksaanaan akkana jetteetti: “Baayʼee isa fayyadeera. Umurii isaa waggaa sagalitti Yihowaadhaaf of murteessee cuuphame. Babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti akka barbaachisan hubachuun isaa, yeroo manni barumsaa cufamu hundatti qajeelchaa gargaaraa taʼee tajaajiluuf isa kakaaseera. Jaalalaa fi hinaaffaa inni tajaajilaaf qabu yeroo arginu gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama.” Yeroo ammaatti, Yuurii fi Oksaanaan qajeelchitoota addaa taʼanii tajaajilaa jiru.
“WANTIN ITTI GAABBU”
Yaada obboloonni hojii lallabaa kana irratti hirmaatan kennan irraa hubachuun akka dandaʼamutti, tajaajila kee balʼifachuuf naannoo kan biraa deemuun guutummaatti Yihowaatti amanamuu gaafata. Dhugaa dha, obboloonni naannoo caalaatti gargaarsi barbaachisu deemanii tajaajilan naannoo haaraa dhaqanitti haalli rakkisaan tokko tokko isaan mudateera; taʼus, namoota fedhii qabanitti misiraachicha himuudhaan gammachuu guddaa argataniiru. Naannoo babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemtee hojii lallabaa irratti gargaarsa gochuu ni dandeessaa? Kana gochuuf murteessiteetta yoo taʼe, yeroo gabaabaa keessatti akka Yuurii sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Yuuriin waaʼee murtoo naannoo caalaatti gargaarsi barbaachisutti tajaajiluuf godhee yeroo dubbatu akkana jedheera: “Wantin itti gaabbu murtoo kana dursee gochuu dhiisuu koo qofa dha.”
a Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessa 15, 1999 (Amaariffa), fuula 23-27 ilaali.