BOQONNAA KUDHA SHAN
“Baayʼee Isaaniif Gadde”
1-3. (a) Yesuus yommuu namoonni qaro dhabeeyyii taʼan lama akka isaan gargaaru isa kadhatanitti maal godhe? (b) Yaanni “isaaniif gadde” jedhu hiika akkamii qaba? (Miiljalee ilaali.)
NAMOONNI qaro dhabeeyyii taʼan lama daandii Yerikootti dhihoo jiru tokko qarqara taaʼaniiru. Karaa kanarra namoonni hedduun waan darbaniif, namoonni kun kadhachuuf guyyaa guyyaadhaan dhufu turan. Guyyaa kanatti garuu, haalli guutummaatti jireenyasaanii jijjiiru tokko raawwatamuuf jedha.
2 Namoonni kadhatan kun akkuma tasaa waca dhagaʼan. Wanta raawwatamaa jiru arguu waan hin dandeenyeef, isaan keessaa inni tokko namoonni kan wacan maaliif akka taʼe yommuu gaafatu, “Yesuus nama Naazireet sanatu darbaa jira!” jedhanii itti himan. Yesuus yeroo dhumaatiif gara Yerusaalem deemaa jira. Yeroo kanatti kophaasaa hin turre; namoonni hedduun isaa wajjin jiru turan. Namoonni kadhatan kun, achiin darbaa kan jiru Yesuus taʼuusaa yommuu dhagaʼan, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, garaa nuu laafi!” jedhanii iyyan. Namoonni Yesuusii wajjin turan wacasaaniitti aaranii akka callisan isaanitti himan. Isaan garuu gargaarsa argachuuf kutatanii waan turaniif callisuu didan.
3 Yesuus namoonni hedduun wacaa kan turan taʼus, iyya namoota kanaa ni dhagaʼe. Maarree, maal godha laata? Wanti isa yaaddessu hedduun jira ture. Jireenyasaa isa lafarraa xumuruuf gara torban tokkootu isa hafe. Yerusaalem keessatti akka dhiphatuu fi gara jabinaan akka ajjeefamu beeka. Taʼus, iyya namoonni kun dhageessisan callisee bira hin darbine. Erga dhaabbatee booda namoota lamaan sana garasaatti akka fidan gaafate. Isaanis, “Yaa Gooftaa, ija keenya nuu bani” jedhanii isa kadhatan. Yesuusis “isaaniif gaddee” ijasaanii qaqqabe; iji isaanis deebiʼee arguu jalqabe.a Isaanis yeruma sana isa duukaa buʼuu jalqaban.—Luqaas 18:35-43; Maatewos 20:29-34.
4. Yesuus, raajii ‘isa rakkataa taʼeef akka gaddu’ dubbatame kan raawwate akkamitti?
4 Yesuus gara laafina kan argisiise yeroo kanatti qofa hin turre. Yeroo baayʼee haala addaddaa keessatti gara laafina guddaa argisiiseera. Yesuus ‘isa rakkataa taʼeef akka gaddu’ raajiidhaan dubbatamee ture. (Faarfannaa 72:13) Raajii kanaa wajjin haala wal simuun, Yesuus miirri namootaa baayʼee isa yaaddessa ture. Namoota gargaaruufis dursa ni fudhata ture. Gara laafina qabaachuunsaa lallabuuf isa kakaaseera. Seenaawwan Wangeelota keessatti ibsaman Yesuus wanta dubbatee fi raawwateen gara laafina kan argisiise akkamitti akka taʼe ifatti argisiisu; mee gara laafina akkasii argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
Miira Warra Kaaniitiif Yaaduu
5, 6. Yesuus namootaaf akka gaddu fakkeenyi argisiisu isa kami?
5 Yesuus namootaaf baayʼee gadda. Dhiphinnisaanii waan isaaf galuuf, isaan wajjin dhiphata. Rakkinni isaanirra gaʼe hundi isarra gaʼuu baatus, miidhamni isaanii isatti ni dhagaʼama. (Ibroota 4:15) Dubartii waggaa 12f dhiignishee dhangalaʼaa ture tokko yeroo fayyisetti, ‘dhukkubni ishii kan ishii dhiphisu’ taʼuusaa dubbachuudhaan, dhiphinaa fi rakkina guddaa dhukkubichi ishiirraan geessise akka hubate argisiiseera. (Maarqos 5:25-34) Maariyaamii fi namoonni ishee wajjin turan Alaazaar duʼuusaatiin yeroo booʼan, gaddisaanii baayʼee waan isatti dhagaʼameef garaansaa raafamee ture. Yesuus, Alaazaariin duʼaa akka kaasu kan beeku taʼus, keessisaa baayʼee waan jeeqameef imimmaan ijasaa guute.—Yohaannis 11:33, 35.
6 Yeroo kan biraattimmoo, namichi dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko gara Yesuus dhufee, “Yoo fedhii kee taʼe, na fayyisuu dandeessa” jedhee isa kadhate. Yesuus inni mudaa hin qabnee fi dhukkubsatee hin beekne deebii akkamii kenne? Baayʼee garaa isaaf laafe. Kitaabni Qulqulluun, “Baayʼee isaaf gadde” jedha. (Maarqos 1:40-42) Achiis wanta adda taʼe tokko godhe. Yesuus akka Seera Museetti namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman xuraaʼoo akka taʼanii fi warra kaanitti makamuu akka hin qabne sirriitti beeka. (Leewwota 13:45, 46) Yesuus nama kana utuu harkaan hin tuqin fayyisuu akka dandaʼu beekamaadha. (Maatewos 8:5-13) Taʼus, harka isaa diriirsee namicha dhukkuba nadaayiitiin qabame sana qaqqabee, “Nan fedha! Fayyi!” isaan jedhe. Dhukkubni nadaayii sunis yeruma sana isa irraa bade. Dhugumayyuu, Yesuus baayʼee namaaf gadda!
7. Warra kaaniif garaadhaa akka gaddinu kan nu gargaaru maalidha? Miira kanahoo akkamitti ibsuu dandeenya?
7 Kiristiyaanota waan taaneef, akkuma Yesuus warra kaaniif gadduu qabna. Kitaabni Qulqulluun gorsa, “Miira walii hubadhaa” jedhu nuuf kenna.b (1 Pheexiros 3:8) Keessumaa rakkinni akkasii nurra gaʼee hin beeku taanaan, miira namoota dhukkuba ykn dhiphina cimaadhaan dararamaa jiranii hubachuun ulfaataa nutti taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, warra kaaniif gadduuf, dirqama rakkinni isaanirra gaʼe nurra gaʼuu hin qabu. Yesuus dhukkubsatee kan hin beekne taʼus, namoota dhukkubsataniif ni gadda ture. Maarree, warra kaaniif gadduu barachuu kan dandeenyu akkamitti? Namoonni rakkinni isaan mudate yeroo miirasaanii nutti himan obsaan dhaggeeffachuun amala kana horachuuf nu gargaara. ‘Iddoo isaanii utuun taʼee, maaltu natti dhagaʼama ture?’ jennee of gaafachuu dandeenya. (1 Qorontos 12:26) Miira namootaa hubachuuf garaadhaa kan carraaqnu yoo taʼe, ‘warra dhiphatan jajjabeessuu’ ni dandeenya. (1 Tasalonqee 5:14) Yeroo tokko tokko akka isaaniif gaddine kan argisiisnu wanta dubbannuun qofa utuu hin taʼin, imimmaan keenya dhangalaasuudhaanis taʼuu dandaʼa. Roomaan 12:15, “Warra booʼanii wajjin booʼaa” jedha.
8, 9. Yesuus miira namootaatiif akka of eeggatu kan argisiise akkamitti?
8 Yesuus namootaaf waan yaaduuf, miirasaaniitiif akka of eeggatu argisiiseera. Yeroo nama dhagaʼuu fi dubbachuu hin dandeenye tokko garasaatti fidanitti maal akka godhe yaadadhu. Yesuus namichi kun akka dhiphatu waan hubateef, wanta yeroo kaan hin goone tokko godhe; namicha sana “kophaatti isa baase.” Achiis bakka namoonni isa hin arginetti geessee isa fayyise.—Maarqos 7:31-35.
9 Yesuus yeroo namoonni nama qaro dhabeessa taʼe isatti fidanittis akka isaaf yaadu argisiiseera. “Namicha qaro dhabeessa sana harka isaa qabee ganda sana keessaa baase.” Achiis suutuma suuta isa fayyise. Akkas gochuunsaa, tarii iji namichaa ifa aduu fi wantoota yeroo jalqabaatiif argu garaagaraa wajjin wal baruun akka isaaf salphatu godhee taʼuu dandaʼa. (Maarqos 8:22-26) Dhugumayyuu, Yesuus namootaaf baayʼee yaada!
10. Miira warra kaaniitiif akka of eeggannu karaawwan kamiin argisiisuu dandeenya?
10 Duuka buutota Yesuus waan taaneef, miira warra kaaniitiif akka of eeggannu argisiisuu qabna. Utuu itti hin yaadin dubbachuun miira namootaa miidhuu akka dandaʼu waan beeknuuf, dubbachuu keenya dura irratti yaanna. (Fakkeenya 12:18; 18:21) Kiristiyaanonni miira warra kaaniitiif waan of eeggannuuf, dubbii gadhee fi dubbii miira namaa miidhu ykn dubbii nama tuqu hin dubbatan. (Efesoon 4:31) Jaarsoliin, miira warra kaaniitiif akka of eeggattan argisiisuu kan dandeessan akkamitti? Yommuu gorsa kennitan, gaarummaadhaan dubbachuudhaan nama sana akka kabajjan argisiisaa. (Galaatiyaa 6:1) Warrihoo, miira ijoollee keessaniitiif akka of eeggattan argisiisuu kan dandeessan akkamitti? Yommuu isaan adabdan, utuu hin barbaachisin wanta isaan qaanessu akka hin goone of eeggadhaa.—Qolosaayis 3:21.
Warra Kaan Gargaaruuf Dursa Fudhachuu
11, 12. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu Yesuus namootatti gara laafina argisiisuuf hamma gaafatamutti akka hin eegne argisiisan kamfaʼi?
11 Yesuus gara laafina kan argisiise, yeroo namoonni isa gaafatanitti qofa hin turre. Namni gara laafina qabu namoota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruuf ni kakaʼa. Kanaaf, Yesuus gara laafinaan kakaʼee warra kaan gargaaruuf dursa fudhachuunsaa nama hin ajaaʼibsiisu. Fakkeenyaaf, yeroo namoonni hedduun nyaata utuu hin nyaatin guyyaa sadiif isaa wajjin turanitti, akka beelaʼanii fi waan tokko akka isaaniif godhu hamma isatti himamutti hin eegne. Seenaansaa akkana jedha: “Yesuus barattoota isaa ofitti waamee akkana isaaniin jedhe: ‘Namoonni kun guyyaa sadii guutuu anaa wajjin turaniiru; wanta nyaatan waan hin qabneef ani isaaniif nan gadda. Dadhabanii karaa irratti akka hin kukkufneef, hagabuu isaanii isaan geggeessuu hin barbaadu.’” Achiis ofumasaatiin kakaʼee dinqiidhaan wanta nyaatan isaaniif kenne.—Maatewos 15:32-38.
12 Mee seenaa kan biraas haa ilaalu. Dhaloota Kiristoos Booda bara 31tti, Yesuus magaalaa Naayinitti yommuu dhihaatu wanta nama gaddisiisu tokko arge. Namoonni reeffa ‘ilma tokkicha dubartii abbaan manaa irraa duʼe’ tokkoo awwaaluuf magaalattiidhaa baʼanii deemaa turan; kan deeman gara bakka awwaalaa gaara jalatti argamuu taʼuu hin oolu. Haatisaa hammam akka gaddite tilmaamuu dandeessaa? Ilmashee tokkicha awwaaluuf jetti; abbaa manaa ishee wajjin gaddus hin qabdu. Yesuus namoota sana hunda keessaa dubartii kana ‘arge.’ Wanta argetti garaansaa waan tuqameef, “baayʼee ishiidhaaf gadde.” Namni waa akka godhu isa gaafate hin jiru. Gara laafinnisaa tarkaanfii akka fudhatu isa kakaaseera. Kanaaf, “itti siqee siricha tuqe,” achiis dargaggeessa duʼe sana duʼaa kaase. Sana booda maaltu taʼe? Yesuus dargaggeessi duʼaa kaʼe sun namoota hedduu isaa wajjin deemaa turanitti akka makamu hin goone. Kanaa mannaa, haati isaa kophaa akka hin taanee fi kunuunsa akka argattuuf, “haadha isaatiif isa kenne.”—Luqaas 7:11-15.
13. Namoota gargaarsi isaan barbaachisu dursa fudhannee gargaaruudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
13 Fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Dhugaadha, dinqii raawwachuudhaan nyaata dhiheessuus taʼe namoota duʼan duʼaa kaasuu hin dandeenyu. Haataʼu malee, dursa fudhannee namoota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu dandeenya. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko rakkinni dinagdee isa mudatee ykn hojiisaa dhabee taʼuu dandaʼa. (1 Yohaannis 3:17) Obboleettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko mannishee suphamuu qaba taʼa. (Yaaqoob 1:27) Tariimmoo maatii gaddi irra gaʼee fi jajjabinni ykn gargaarsi kan biraan isa barbaachisu beekna taʼa. (1 Tasalonqee 5:11) Namoota haala akkasii keessa jiran gargaaruuf hamma gargaarsa gaafatamnutti eeguu hin qabnu. (Fakkeenya 3:27) Gara laafina qabaachuun keenya hamma dandeenye dursa fudhannee warra kaan gargaaruuf nu kakaasa. Gaarummaadhaan kakaanee wanta xinnoo raawwachuun keenya ykn garaadhaa wanta nama jajjabeessu dubbachuun keenya qoftillee, karaa gara laafina guddaa itti argisiisnu taʼuu dandaʼa.—Qolosaayis 3:12.
Gara Laafinni Lallabuuf Isa Kakaaseera
14. Yesuus hojii lallabaatiif dursa kan kenne maaliifi?
14 Akkuma Kutaa 2ffaa kitaaba kanaa keessatti ilaalle, Yesuus misiraachicha lallabuudhaan fakkeenya hundarra caalu nuu taʼeera. “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba; sababiin isaas, ani kanaafan ergame” jedheera. (Luqaas 4:43) Yesuus hojii kanaaf dursa kan kenne maaliifi? Adda durummaadhaan, Waaqayyoon waan jaallatuufi. Gara laafina guddaa qabaachuunsaa, wanta karaa hafuuraa warra kaan barbaachisuuf xiyyeeffannaa kennuufis isa kakaaseera. Karaawwan Yesuus gara laafina itti argisiise keessaa hundarra kan caalu namoota karaa hafuuraa beelaʼan gargaaruusaati. Mee haalawwan Yesuus namoota lallabaafii tureef ilaalcha akkamii akka qabu argisiisan lama haa ilaallu. Kana gochuun keenya, tajaajilarratti hirmaachuuf wanti nu kakaasuu qabu maal akka taʼe qoruuf nu gargaara.
15, 16. Haalawwan ilaalcha Yesuus namoota lallabaafii tureef qabu argisiisan lamaan ibsi.
15 Yesuus gara waggaa lamaatiif hinaaffaadhaan tajaajilarratti erga hirmaatee booda, Dh.K.B. bara 31tti caalaatti tajaajiluuf “magaalotaa fi gandeen [Galiilaa] hunda keessa” naannaʼeera. Wanti achitti arge tokko garaasaa tuqe. Maatewos ergamaan, “Namoota hedduu sana yommuu argu, baayʼee isaaniif gadde; sababiin isaas, isaan akka hoolota tiksee hin qabneetti cunqurfamanii fi dagatamanii turan” jedhee gabaaseera. (Maatewos 9:35, 36) Yesuus namoota bakka guddaa hin qabne kanaaf gaddee ture. Karaa hafuuraa haala gaddisiisaa taʼe keessa akka jiran hubateera. Geggeessitoonni amantaa kunuunsa isaaniif gochuu qaban, isaan miidhaa akka jiranii fi guutummaatti akka isaan dagatan beeka. Yesuus gara laafinaan kakaʼee, ergaa abdii qabu namoota kanatti himuuf carraaqqii guddaa godheera. Namoota kanaaf misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo caalaa wanti isaan barbaachisu hin jiru ture.
16 Jiʼoota muraasa booda, bara 32tti yeroo Ayyaanni Faasikaa dhihaatettis haalli akkasii uumamee ture. Yeroo kanatti Yesuusii fi ergamoonnisaa bakka namni hin jirre dhaqanii boqochuu waan barbaadaniif bidiruu yaabbatanii Galaana Galiilaa gamatti ceʼan. Haataʼu malee, namoonni hedduun fiiganii bidiruu sana dursanii achi gaʼan. Yeroo kanatti Yesuus maal godhe? “Yeroo bidiruu irraa [buʼu], namoota hedduu argee baayʼee isaaniif gadde; sababiin isaas, isaan akka hoolota tiksee hin qabnee turan. Wanta hedduus isaan barsiisuu jalqabe.” (Maarqos 6:31-34) Namoonni kunis karaa hafuuraa haala gaddisiisaa taʼe keessa waan turaniif Yesuus “isaaniif gadde.” “Akka hoolota tiksee hin qabnee” karaa hafuuraa beelaʼanii fi kunuunsa dhabanii turan. Yesuus isaaniif kan lallabe dirqamni waan isarra jiruuf utuu hin taʼin, gara laafinaan kakaʼeeti.
17, 18. (a) Tajaajilarratti hirmaachuuf kan nu kakaasu maalidha? (b) Amala gara laafinaa horachuu kan dandeenyu akkamitti?
17 Nuti duuka buutonni Yesuus, tajaajilarratti akka hirmaannu kan nu kakaasu maalidha? Boqonnaa 9ffaa kitaaba kanaarratti akkuma ilaalle, hojii lallabuu fi duuka buutota gochuu akka raawwannu itti gaafatamummaan nuu kennameera. (Maatewos 28:19, 20; 1 Qorontos 9:16) Haataʼu malee, hojii kanarratti kan hirmaannu, dirqamni waan nurra jiruuf qofa miti. Misiraachoo Mootummichaa lallabuuf wanti nu kakaasu inni guddaan jaalala Yihowaadhaaf qabnudha. Wanti namootaaf akka lallabnu nu kakaasu kan biraanimmoo, gara laafina isaaniif qabnudha. (Maarqos 12:28-31) Maarree, caalaatti gara laafina horachuu kan dandeenyu akkamitti?
18 Nutis akkuma Yesuus namoonni, “akka hoolota tiksee hin qabneetti cunqurfamanii fi dagatamanii” akka jiran hubachuu qabna. Mee hoolaa badde tokko akka argite godhii yaadi. Hoolaan kun tiksee gara iddoo margaa fi bishaan qabuttii ishee geessu waan hin qabneef, beelaa fi dheebuudhaan miidhamteetti. Hoolaan kun si hin marartuu? Wanta nyaattuu fi bishaan isheedhaaf kennuuf carraaqqii hin gootuu? Namoonni misiraachicha hin beekne hedduun akkuma hoolaa kanaati. Geggeessitoonni amantaasaanii dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu isaan hin barsiisan; kanaaf, karaa hafuuraa dheebotanii fi abdii malee jiraatu. Wanti isaan barbaachisu, jechuunis nyaanni hafuuraa isaan cimsuu fi bishaan Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu inni isaan haaromsu nu bira jira. (Isaayyaas 55:1, 2) Waaʼee isaanii yeroo yaannu baayʼee isaaniif gaddina. Akkuma Yesuus namootaaf baayʼee kan gaddinu yoo taʼe, abdii Mootummichaa isaanitti himuuf wanta dandeenyu hunda goona.
19. Barataan Kitaaba Qulqulluu ulaagaasaa guutu tokko tajaajilarratti hirmaachuuf kakaʼumsa akka qabaatu gargaaruuf maal gochuu dandeenya?
19 Warri kaan fakkeenya Yesuus akka hordofan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenyaaf, barataan Kitaaba Qulqulluu ulaagaasaa guutu tokko nu faana tajaajilarratti akka hirmaatu jajjabeessuu barbaanne haa jennu. Yookiinimmoo babalʼisaan qabbanaaʼe tokko deebiʼee tajaajilarratti akka hirmaatu gargaaruu barbaanna taʼa. Namoota akkasii gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Jalqaba garaasaanii tuquu qabna. Yesuus namoota sana yeroo argetti jalqaba “baayʼee isaaniif gadde,” isaan kan barsiise sana boodadha. (Maarqos 6:34) Kanaaf, barataan Kitaaba Qulqulluu tokko ykn obboleessi qabbanaaʼe tokko gara laafina akka qabaatan gargaaruu yoo dandeenye, garaansaanii akkuma Yesuus misiraachicha warra kaanitti himuuf isaan kakaasuunsaa hin oolu. Akkana jennee isaan gaafachuu dandeenya: “Ergaa Mootummichaa fudhachuun kee jireenya kee kan jijjiire akkamitti? Namoonni ergaa kana hin beeknehoo misiraachicha dhagaʼuun isaan hin barbaachisuu? Isaan gargaaruuf maal gochuu dandeessa?” Dhugaadha, wanti tajaajilarratti hirmaachuuf nu kakaasu inni guddaan, jaalala Waaqayyoof qabnuu fi fedhii isa tajaajiluuf qabnudha.
20. (a) Duuka buutuu Yesuus taʼuun maalfaa dabalata? (b) Boqonnaa ittaanurratti waaʼee maalii qoranna?
20 Duuka buutuu Yesuus taʼuun, wanta inni dubbate dubbachuu fi wanta inni godhe gochuu caalaa waan dabalatu qaba. “Ilaalcha” inni qabu horachuun nu barbaachisa. (Filiphisiyus 2:5) Kitaaba Qulqulluu keessatti yaannii fi miirri, dubbii fi gocha Yesuus duuba jiru nuuf ibsamuusaatti baayʼee galateeffanna! “Yaada Kiristoos” yoo hubanne, namootaaf ni gaddina, akkasumas garaa isaaniif laafna; kunimmoo akkuma isaa namootatti gaarummaa argisiisuuf nu gargaara. (1 Qorontos 2:16) Boqonnaa ittaanurratti, karaawwan garaagaraa Yesuus duuka buutotasaatti jaalala itti argisiise qoranna.
a Jechi Afaan Giriikii “isaaniif gadde” jedhamee hiikame, jechoota Afaan Giriikii miira gara laafinaa sirriitti ibsan keessaa tokkodha. Kitaabni Kitaaba Qulqulluurratti ibsa kennu tokko akka ibsetti jechi kun, “miira, dhiphina nama tokkoo yeroo arginu nutti dhagaʼamu qofa utuu hin taʼin, rakkina sana salphisuuf ykn balleessuuf fedhii guddaa qabaachuus” kan argisiisudha.
b Jechi Afaan Giriikii “miira walii hubadhaa” jedhamee hiikame kallattiidhaan hiika, “wajjin dhiphadhaa” jedhu qaba.