BOQONNAA 98
Ergamoonni Ammas Iddoo Guddaa Argachuu Barbaadan
MAATEWOS 20:17-28 MAARQOS 10:32-45 LUQAAS 18:31-34
YESUUS AMMAS WAAʼEE DUʼA ISAA DUBBATE
FEDHII ERGAMOONNI IDDOO GUDDAA ARGACHUUF QABAN SIRREESSUU YAALE
Yesuusii fi barattoonni gara Yerusaalem dhaquuf, akkuma kallattii kibbaatiin Peeriyaa qaxxaamuraniin, naannoo Yerikootti Laga Yordaanos ceʼan. Namoonni kaanis Ayyaana Faasikaa Dh.K.B. bara 33 tti kabajamuuf isaanii wajjin deemaa jiru.
Yesuus Ayyaanichaaf yeroodhaan magaalattii gaʼuu waan barbaadeef, barattoota dura buʼee deemaa jira. Isaan garuu sodaataniiru. Kanaan dura, yeroo Alaazaar duʼee fi Yesuus Peeriyaadhaa gara Yihudaa deemuuf turetti, Toomaas warra kaaniin “Isaa wajjin akka duunuuf kottaa nutis haa dhaqnu” jedhee ture. (Yohaannis 11:16, 47-53) Kanaaf, gara Yerusaalem dhaquun balaa waan qabuuf, barattoonni sodaachuun isaanii nama hin dinqisiisu.
Yesuus wanta fuulduraatti isaan eeggatuuf isaan qopheessuuf, ergamoota kophaatti baasee akkana jedheen: “Amma gara Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi namaas dura buutota lubootaa fi barsiisota seeraatti dabarfamee kennama. Isaanis duʼa isatti murteessu. Akka isatti qoosan, akka isa garafanii fi muka irratti akka isa fannisaniif warra Yihudoota hin taanetti dabarsanii isa kennu; innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama.”—Maatewos 20:18, 19.
Yesuus waaʼee duʼa isaa fi duʼaa kaʼuu isaa barattootatti yommuu himu kun yeroo sadaffaa dha. (Maatewos 16:21; 17:22, 23) Yeroo kanatti garuu muka irratti fannifamee akka ajjeeffamu dubbate. Kan isa dhagaʼan taʼus, wanti inni dubbate hiika maalii akka qabu hin hubanne. Tarii mootummaan Israaʼel lafa irratti deebiʼee hundaaʼa jedhanii eegu taʼa; akkasumas, mootummaa lafa irratti hundeeffame kana irratti Kiristoosii wajjin kabajaa fi ulfina argachuu barbaadanii taʼu dandaʼa.
Haati Yaaqoobii fi Yohaannisis namoota isaa wajjin deemaa jiran keessatti argamu. Haati isaanii Saloomee taʼuu hin ooltu. Yesuus ergamoota kana lamaaniif maqaa hiika “Ilmaan Kakawwee” jedhu qabu isaaniif baaseera. Akkas kan isaaniin jedhe waan dafanii dheekkamaniif akka taʼe hin shakkisiisu. (Maarqos 3:17; Luqaas 9:54) Ergamoonni kun lamaan Mootummaa Kiristoos keessatti iddoo guddaa argachuu hawwu turan. Haati isaanis kana beekti. Isaaniin bakka buutee gara Yesuus dhufuudhaan isa duratti jilbeenfattee, wanta tokko akka ishiidhaaf godhu isa gaafatte. Yesuusis, “Maal barbaadde?” jedheen. Ishiinis, “Ilmaan koo kun lamaan Mootummaa kee keessatti inni tokko karaa mirga kee, inni tokko immoo karaa bitaa kee akka taaʼan naa godhi” jetteen.—Maatewos 20:20, 21.
Gaaffiin kun Yaaqoobii fi Yohaannis biraa madde. Yesuus salphinaa fi dhiphina isa irra gaʼu dubbatee waan tureef, “Wanta kadhattan hin beektan. Xoofoo ani dhuguuf jedhu dhuguu dandeessuu?” jedheen. Isaanis, “Eeyyee, ni dandeenya” jedhan. (Maatewos 20:22) Taʼus, amma iyyuu wanti inni dubbate maal jechuu akka taʼe isaaniif hin galle.
Yesuusis, “Xoofoo koo illee ni dhugdu; karaa mirga koo fi karaa bitaa koo taaʼuun garuu, warra Abbaan koo isaaniif qopheesseef kan kennamu malee wanta ani kennu miti” isaaniin jedhe.—Maatewos 20:23.
Ergamoonni kurnan kaan wanta Yaaqoobii fi Yohaannis gaafatan yeroo dhagaʼan isaanitti dheekkaman. Kanaan dura eenyu hunda irra akka caalu ergamoonni yeroo wal falmanii turan shoora guddaa kan qaban Yaaqoobii fi Yohaannis turanii laata? (Luqaas 9:46-48) Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, gaaffiin amma kaʼe kun ergamoonni kudha lamaan gorsa Yesuus hunda irra xinnoo akka taʼanitti akka yaadan isaaniif kenne hojii irra akka hin oolchine argisiisa. Amma iyyuu fedhii iddoo guddaa argachuu qabu.
Yesuus falmii gidduu isaaniitti uumamee fi miira falmiin kun isaan gidduutti uume sirreessuuf murteesse. Ergamoota kudha lamaan walitti qabee, jaalalaan isaan gorse. Akkana isaaniin jedhe: “Namoonni bulchitoota sabootaa jedhaman gooftaa akka isaan irratti taʼan, guguddoonni isaaniis aangoo isaanii akka isaanitti argisiifatan beektu. Isin gidduutti garuu akkana taʼuu hin qabu; kanaa mannaa isin keessaa guddaa taʼuu kan barbaadu hundi, tajaajilaa keessan haa taʼu; isin keessaa namni dura taʼuu barbaadu hundi garbicha hunda keessanii haa taʼu.”—Maarqos 10:42-44.
Yesuus fakkeenya isaan hordofuu qaban, jechuunis fakkeenya isaa isaanitti hime. Akkana jedhe: “Ilmi namaa warra kaan tajaajiluu fi lubbuu isaa namoota hedduudhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee, akka isa tajaajilaniif hin dhufne.” (Maatewos 20:28) Yesuus gara waggaa sadiitiif warra kaan tajaajilaa ture. Gara fuulduraatti immoo namootaaf lubbuu isaa illee dabarsee kennuudhaan akkas godha. Barattoonni isaa amala akka Kiristoos qabaachuu, jechuunis tajaajilamuu barbaaduu mannaa warra kaan tajaajiluu, iddoo guddaa argachuu hawwuu mannaa warra kaan irra xinnoo taʼuu qabu.