Jireenya Kaayyoo Qabu Hordofaa
“Wanti hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu!”—FAARFANNAA 150:6.
1. Barbaacha dargaggeessi tokko kaayyoo jireenya argachuuf godhe ibsi.
“JIREENYAKOOTIIN namoota gargaaruuf waanan barbaadeef barumsa ogummaa fayyaan baradhe. Ulfinniifi qarshii gaariin doktoora ta’uudhaan argamu gammachuu naa argamsiisa jedhee yaadeen ture” jechuudhaan Saang Jiin inni biyya Kooriyaatti guddate dubbatee ture.a “Yaaliin doktooronni namoota gargaaruuf godhan muraasa ta’uusaa yommuun hubadhu baay’een gadde. Achiis barumsa aartii barachuu kanan jalqabe si’a ta’u, kunis faayidaa inni namootaaf argamsiisu muraasa ta’uusaa yeroon hubadhu, nama waa’ee hin baafneefi ofiisaa qofa gammachiisu barbaadu akkan ta’ee natti dhaga’ame. Sana boodammoo hojii barsiisuumaarratti bobba’uyyuu, odeeffannoo tokko isaaniif dabarsuurraa kan hafe qajeelfama gammachuu dhugaa argamsiisu isaaniif kennuu hin dandeenye.” Akkuma namoonni baay’een godhan Sang Jiinis jireenya kaayyoo dhugaa qabu argachuu barbaadaa jira.
2. (a) Jireenya kaayyoo qabu qabaachuu jechuun maal jechuudha? (b) Uumaan keenya lafarra akka jiraannuuf kaayyoo akka qabu akkamitti beekuu dandeenya?
2 Jireenya kaayyoo dhugaa qabu jiraachuuf, maaliif akka jiraannu beekuu, galma ifaa ta’eefi bira ga’uu dandeenyu qabaachuuf carraaqii gochuu qabna. Ilmaan namootaa kaayyoo akkasii qabaachuu danda’uu? Eeyyee! Dandeettii yaaduu, dhageettii yaada garaafi dandeettii waa madaaluu qabaannee uumamuun keenya, Uumaan keenya jireenya kaayyoo qabu akka jiraannuuf lafarratti nu uumee akka ture argisiisa. Kanaaf, kaayyoo dhugaa argachuufi hordofuu kan dandeenyu, kaayyoo Uumaa keenyaa wajjin walsimuun yoo jiraanne qofadha.
3. Kaayyoon Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu maal kan dabalatudha?
3 Macaafni Qulqulluun kaayyoon Waaqayyoo nuuf qabu wantoota baay’ee kan dabalatu ta’uusaa ibsa. Fakkeenyaaf, akkaataan uumamaa keenya inni dinqisiisaan dhugumayyuu, Waaqayyo haala ofittummaarraa walaba ta’een akka nu jaallatu kan ibsudha. (Faarfannaa 40:5; 139:14) Kanaaf, akka kaayyoo Waaqayyootti jiraachuu jechuun, akkuma Waaqayyootti karaa ofittummaarraa walaba ta’een namoota jaallachuu jechuudha. (1 Yohannis 4:7-11) Akkasumas, qajeelfamoota Waaqayyootiif abboomamuu jechuu yommuu ta’u, kunimmoo kaayyoosaa isa jaalalarratti hundaa’ee wajjin haala walsimuun akka jiraannu nugargaara.—Lallaba 12:13; 1 Yohannis 5:3.
4. (a) Jireenyi kaayyoo dhugaa akka qabaatu gochuuf maaltu barbaachisa? (b) Kaayyoo guddaan namni kamiyyuu hordofurra caalu isa kamidha?
4 Kana malees Waaqayyo, ilmaan namootaa waliisaaniitiifis ta’e uumamawwan kaanii wajjin gammachuufi nagaadhaan akka jiraatan kaayyoosaa ture. (Uumama 1:26; 2:15) Haata’u malee, gammachuu, tasgabbiifi nageenya sammuu argachuuf maal gochuu nubarbaachisaa? Akkuma mucaan tokko maatiinsaa yeroo isa bira jiranitti gammachuufi tasgabbiin itti dhaga’amu, nutis jireenya dhugaafi kaayyoo qabu jiraachuuf Abbaa keenya isa samii wajjin hariiroo gaarii qabaachuu nubarbaachisa. (Ibroota 12:9) Waaqayyo akka isatti dhihaannuufi kadhannaa keenya dhaggeeffachuudhaan isaa wajjin hariiroo akkasii akka qabaannu nuu heyyameera. (Yaaqoob 4:8; 1 Yohannis 5:14, 15) Amantiidhaan kakaanee ‘karaa Waaqayyoorra kan deddeebinuufi’ michootasaa kan taanu yoo ta’e, Abbaa keenya isa samii gammachiisuufi galateeffachuu dandeenya. (Uumama 6:9; Fakkeenya 23:15, 16; Yaaqoob 2:23) Kun kaayyoo guddaa namni kamiyyuu hordofurra kan caaludha. Faarfatichi, “Wanti hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu!” jechuudhaan barreesseera.—Faarfannaa 150:6.
Kaayyoo Maaliitiif Jiraatta?
5. Fedhiiwwan qabeenyaatiif dursa kennuun sirrii kan hin taane maaliifi?
5 Kaayyoo Waaqayyo nuuf qabu keessaa tokko, ofii keenyaafi maatii keenya kunuunsuudha. Kunimmoo, wanta karaa fooniis ta’e karaa hafuuraa barbaachisu guutuu dabalata. Yeroo kana goonutti garuu, fedhiiwwaniifi dhimmawwan hafuuraa caalaatti barbaachisaa ta’an akka hin daganne ofeeggachuu nubarbaachisa. (Maatewos 4:4; 6:33) Jireenyi namoota baay’ee guutummaatti qabeenya horachuurratti qofa kan xiyyeeffate ta’uunsaa baay’ee nama gaddisiisa. Haata’u malee, fedhii keenya hundumaa qabeenyaadhaan guuttachuuf yaaluun garuu sirrii miti. Qorannaan dhiheenya kana ardii Eeshiyaa keessatti namoota miliyeenaroota ta’anirratti godhame akka argisiisutti, baay’eensaanii “uummata biratti bakki guddaan kan isaaniif kennamuufi qabeenyasaaniitiinis wanta tokko akka raawwatan kan isaanitti dhaga’amu ta’us, tasgabbiin akka itti hin dhaga’amneefi akka jeeqaman” argisiiseera.—Lallaba 5:11.
6. Yesus qabeenya hordofuu ilaalchisee gorsa maalii kenne?
6 Yesus, waa’ee “gowwoomsaa soorumaa” dubbateera. (Maarqos 4:19) Soorumni kan nama gowwoomsu akkamitti? Namoonni qabeenyi gammachuu kan argamsiisu isaanitti fakkaatuyyuu, gammachuu hin argamsiisu. Solomoon Mootichi inni ogeessi, “namni horii jaallatu horii hin quufu” jedheera. (Lallaba 5:10) Haata’u malee, utuma qabeenyaa hordofanii, Waaqayyoon garaa guutuudhaan tajaajiluun ni danda’amaa? Matumaa hin danda’amu. Yesus akkas jechuudhaan ibseera: “Eenyu illee gooftolii lamaaf hojjechuu hin danda’u, isa tokko jibbee isa kaan jaallachuu, isa tokkoof of kennee isa kaan tuffachuu dha malee; isinis akkasuma Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan.” Yesus duuka buutonnisaa Waaqayyo isa ‘utuu isaan hin himatin waan isaaniif barbaachisu beeku’ duratti maqaa gaarii qabaachuuf, qabeenya lafarraa utuu hin ta’in ‘badhaadhummaa waaqarratti’ akka walitti qabatan isaan gorseera.—Maatewos 6:8, 19-25.
7. ‘Jireenya dhugaa harka keenya keessa galfachuu’ kan dandeenyu akkamitti?
7 Phaawulos ergamaan, dhimma kana ilaalchisee Ximotewos isa hidhatasaa ta’eef gorsa cimaa tokko tokko akkas jedhee barreesseefii ture: “Warri amma biyya lafaa kanatti sooressota ta’an . . . abdii isaaniis sooruma isa hin amansiifne irra akka hin kaa’anne isaan hubachiisi! Abdii isaanii Waaqayyo isa waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baay’isee nuuf kennu irra haa kaa’atan! . . . Haa arjooman, isa qaban warra kaaniinis haa ga’an! Kanaan badhaadhummaa walitti qabatanii jireenya dhugaa harka isaanii keessa galfachuudhaaf bara dhufuuf ijaarsa jireenya sanaaf hundee gaarii in kaa’atu.”—1 Ximotewos 6:17-19.
‘Jireenyi Dhugaa’ Maalidha?
8. (a) Namoonni baay’een qabeenyaafi ulfina argachuuf kan carraaqan maaliifi? (b) Wanti namoonni akkasii dagatan maalidha?
8 Namoonni baay’een jecha “jireenya dhugaa” jedhu yommuu dhaga’an qannoofi gammachuutu gara sammuusaaniitti dhufa. Barruun oduu Eeshiyaa tokko akkas jedha: “Namoonni fiilmii ykn televijiinii ilaalan wanta argan sana hawwuufi wanta qabaachuu barbaadan yaaduu jalqabu.” Kaayyoon jireenya namoota hedduu qabeenya horachuufi namoota biratti beekamummaa argachuu ta’eera. Hedduunsaanii wantoota kana argachuuf jecha, dargaggummaa, fayyaa, jireenya maatiifi sochii hafuuraasaanii aarsaa godhu. Obboloonni muraasi jireenya qannoo ilaalchisee wanti karaa sabqunnamtii dhihaatu, “hafuura biyya lafaa” isa namoota biliyoonaan lakkaa’amanirratti aboo qabuufi kaayyoo Waaqayyoo wajjin walfaalleessu ta’uusaa dagataniiru. (1 Qorontos 2:12; Efesoon 2:2) Kanaafuu yeroo har’aatti namoonni baay’een gammachuu kan hin qabne ta’uunsaanii waan nama dinqisiisu miti!—Fakkeenya 18:11; 23:4, 5.
9. Wanti ilmaan namootaa tasumaa gochuu hin dandeenye maalidha? Maaliif?
9 Namoota ofittummaa malee nageenya namoota kaaniitiif, beela, dhukkubaafi firdii jal’aa hir’isuuf jabaatanii hojjetan ilaalchisee maal jechuutu danda’ama? Carraaqqii ofittummaarraa walaba ta’een hojii guddaa gaariin isaan raawwatan namoota baay’ee ni fayyada. Carraaqqii cimaa godhaniyyuu, tasumaa sirna yeroo ammaa jiru jijjiiranii qajeelaafi gaarii gochuu hin danda’an. Maaliif? ‘Guutummaan biyya lafaa harka isa hamaa jala waan jiruufidha’; innimmoo sirni biyya lafaa akka jijjiiramu hin barbaadu.—1 Yohannis 5:19.
10. Namoonni amanamoon “jireenya dhugaa” kan argatan yoomi?
10 Nama abdii hin qabneefi jireenyi isuma ammaa qofa jedhee yaaduuf haallisaa baay’ee gaddisiisaadha! Phaawulos akkas jedhee barreesseera: “Jireenya amma biyya lafaa kana irra jiraannu duwwaadhaaf Kristosiin abdanna erga ta’ee, namoota hundumaa caalaatti nuuf boo’uutu ta’a.” Namoonni, “Bor waan duunuuf, kottaa in nyaannaa, in dhugnas!” jedhan, ilaalcha jireenyi isa ammaa kana qofadha jedhu qabu. (1 Qorontos 15:19, 32) Haata’u malee, gara fuulduraatti abdii qabna; innis “Akka abdii [Waaqayyo] nuuf kenneetti, bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu in eegganna.” (2 Phexros 3:13) Yeroo sanatti, Kiristiyaanonni “jireenya dhugaa” samiirratti ykn bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo isa jaalalarratti hundaa’e jalatti, “jireenya bara baraa” cubbuurraa walaba ta’e argachuu danda’u!—1 Ximotewos 6:12.
11. Mootummaa Waaqayyoo deggeruudhaan fedhasaa raawwachuuf carraaqqii gochuun, jireenya kaayyoo dhugaa qabu jiraachuuf nugargaara kan jennu maaliifi?
11 Rakkoo ilmaan namootaa guutummaatti hiikuu kan danda’u Mootummaa Waaqayyoo qofadha. Kanaaf, kaayyoo guddaa namni hundumtuu qabaachuu qabu, Mootummaa Waaqayyoo deggeruudhaan jaalalasaa raawwachuudha. (Yohannis 4:34) Hojii kanarratti kan hirmaannu yoo ta’e, Abbaa keenya isa samii wajjin hariiroo addaa qabaanna. Akkasumas obboloota kaayyoo jireenya hafuuraa nuwajjin walfakkaatu qabaniifi miliyoonaan lakkaa’amanii wajjin tajaajiluudhaan gammachuu arganna.
Waan Sirrii Ta’eef Fedhii Ofii Aarsaa Gochuu
12. Garaagarummaa jireenya ammaafi “jireenya dhugaa” gidduu jiru ibsi.
12 Macaafni Qulqulluun addunyaan kun, “hawwiin isaas hundinuu in darba” jedha. Beekamummaafi qabeenya kutaa addunyaa Seexanaa keessa jiru dabalatee wanti hundi ni bada; “namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata.” (1 Yohannis 2:15-17) Karaa biraatiinimmoo, soorumni hin amansiifneefi sirna ammaa keessatti argamu, ulfina yeroo muraasaaf turuufi akka gaaddidduu dafee darbu waan ta’eef, “jireenya dhugaa” Mootummaa Waaqayyoo jalatti barabaraaf argamuuf jecha aarsaa gochuun nama hin gaabbisiisu. Jireenya akkasii argachuu kan dandeenyu garuu wanta sirrii ta’eef aarsaa yoo goonedha.
13. Haati manaafi abbaan manaa tokko wanta sirrii ta’eef fedhiisaanii aarsaa kan godhan akkamitti?
13 Mee fakkeenya Henariifi Suuzaan haa’ilaallu. Abbaan manaafi haati mana kun, namoonni jireenyasaanii keessatti Mootummichaaf dursa kennan hundaa gargaarsa Waaqayyoo akka argatan abdii inni kennerratti amantaa guutuu qabu. (Maatewos 6:33) Kanaaf, lamaansaanii keessaa namni tokko qofti hojii akka hojjetu gochuufi mana rakasa ta’e keessa jijjiirachuudhaan, ijoolleesaanii warra durbaa wajjin sochiiwwan hafuuraarratti sa’aatii dabalataa dabarsuu filataniiru. (Ibroota 13:15, 16) Michuunsaanii tokko filannoo isaan godhan waan isheedhaaf galuu dideef Suuzaaniin, “Bakka gaarii jiraachuu yoo barbaadde, waan tokko aarsaa gochuun qabda” jette. Henariifi Suuzaan, Yihowaaf dursa kennuun ‘jireenya ammaaf, isa dhufuufis abdiin akka jiru’ hubataniiru. (1 Ximotewos 4:8; Tiitoos 2:12) Ijoolleensaanii lamaanis yeroo guddatan tajaajila yeroo guutuurratti hinaaffaadhaan kan hirmaatan ta’aniiru. Guutummaan maatii kanaa wanti tokko akka isaanitti hafe isaanitti hin dhaga’amu; kanaa mannaa, “jireenya dhugaa” kaayyoo godhachuusaaniitti faayidaa hangana hin jedhamne argataniiru.—Filiphisiiyus 3:8; 1 Timothy 6:6-8.
“Biyya Lafaatti” Guutummaatti Hin Fayyadaminaa
14. Kaayyoo jireenyaa keenya isa dhugaa dagachuun, balaa gaddisiisaa akkamiitiif nama saaxila?
14 Haata’u malee, kaayyoo keenya isa dhuga kan dagannuufi “jireenya dhugaa” jabeessinee utuu hin qabatin hafuun keenya balaa guddaa nutti fida. ‘Yaaddoo, soorumnifi qannoon jireenyaa nuhudhuu’ danda’aa. (Luqaas 8:14) Fedhii qabeenyaa to’annaa hin qabneefi ‘yaaddoo jireenyaatiin’ kan qabamnu yoo ta’e, sirna kana keessatti garmalee qabamuu dandeenya. (Luqaas 21:34) Namoonni tokko tokko hawwii soorumaatiin waan qabamaniif, “amanticha irraa badaniiru, waraansa baay’eedhaanis of waraananiiru”; hariiroo gaarii Yihowaa wajjin qabanillee dhabaniiru. ‘Jireenya barabaraa harkasaanii keessa galfachuu’ dhiisuunsaanii miidhaa guddaa isaanitti fideera!—1 Ximotewos 6:9, 10, 12; Fakkeenya 28:20.
15. Maatiin tokko ‘biyya lafaatti’ guutummaatti fayyadamuu dhiisuusaatiin bu’aa maalii argate?
15 Phaawulos, “Warri biyya lafaatti dhimma ba’an, akka warra itti dhimma hin ba’inii haa ta’an!” jechuudhaan gorsa kenneera. (1 Qorontos 7:31) Kiitiifi Booniin gorsa kana hojiirra oolchaniiru. Kiit akkas jedha: “Dhugaa Baatuu Yihowaa kanan ta’e barumsa yaalii ogummaa ilkaanii baradhee xumuruu yommuun ga’ettidha.” “Filannoo qaban ture. Dhukkubsattoota hedduu yaaluudhaan qarshii baay’ee argachuu kanan danda’u ta’uyyuu, akkas gochuunkoo jireenya hafuuraa keenya nujalaa tuqa. Ijoollee durbaa keenya shanan dabalatee, fedhii hafuuraafi nageenya miira maatii keenyaa guutuuf yeroo nabarbaachisu argachuuf jecha, namoota muraasa qofa yaaluufan filadhe. Yeroo baay’ee qarshii nurraa hafu kan hin qabaanne ta’uyyuu, haala dinagdee keenya to’achuu baranneerra; wanta nu barbaachisus dhabnee hin beeknu. Maatiin keenyas walitti dhufeenya gaarii kan qabu, kan wal jaallatuufi gammachuu guutuu kan qabudha. Dhumarrattis, hundi keenya tajaajila yeroo guutuu jalqabne. Yeroo ammaatti ijoolleen durbaa keenya heerumanii jireenyasaaniitti kan gammadan si’a ta’u, isaan keessaas sadansaanii ijoollee godhataniiru. Maatiinsaaniis kaayyoo Yihowaatiif dursa waan kennaniif gammachuu qabu.”
Kaayyoo Waaqayyootiif Dursa Kenni
16, 17. Macaafni Qulqulluun Fakkeenya namoota dandeettii qabanii akkamii qabateera? Isaanoo maaliin yaadatamu?
16 Macaafni Qulqulluun fakkeenyawwan namoota haala kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimuun jiraataniifi hin jiraannee qabateera. Barumsi fakkeenyawwan kanarraa argamu namoota umrii, aadaafi haalawwan hunda keessa jiranirratti kan hojjetudha. (Roomaa 15:4; 1 Qorontos 10:6, 11) Naamrud magaalaawwan gurguddaa ijaaruyyuu, kana kan godhe Yihowaa mormuudhaan ture. (Uumama 10:8, 9) Karaa garabiraammoo, namoonni fakkeenya gaarii nuu ta’an baay’een jiru. Fakkeenyaaf, Museen Gibxii keessatti nama aangoo qabuufi beekamaa ta’uu kaayyoo jireenyasaa hin godhanne. Kanaa mannaa, itti gaafatamummaa Waaqayyo isaaf kenne, “sooruma Gibxii hundumaa irra, . . . badhaadhummaa isa caalutti lakkaa’ate.” (Ibroota 11:26) Luqaas inni ogeessa fayyaa ture, Phaawulosiifi namoota dhukkubsatan gargaaree ta’uu danda’a. Haata’u malee, Luqaas wangeela lallabuufi Macaafa Qulqulluu barreessuudhaan namootaaf wanta gaarii hundarra caalu raawwachuusaatiin beekama. Phaawulosis kan beekamu ‘warra saba Waaqayyoo hin ta’iniif ergamaafi’ misiyoona ta’ee tajaajiluusaatti malee hayyuu Seeraa ta’uusaatiin miti.—Roomaa 11:13.
17 Daawitis kan yaadatamu, akka ajajaa waraanaatti, akka faarfataatti ykn faarfannaa qindeessuutti utuu hin ta’in, “nama akka garaa [Waaqayyoo]” ta’ettidha. (1 Saamu’el 13:14) Daani’eliinis kan beeknu akka nama bulchiinsa Baabilon keessatti hojjetutti utuu hin ta’in, raajii Yihowaa isa amanamaa ta’ee tajaajiluuttidha; Asteeris kan yaadatamtu ija jabinaafi amantaasheetiin fakkeenya ta’uusheetiin malee mootii Faares ta’uusheetiin miti; Phexros, Indiriyaas, Yaaqoobiifi Yohannisis kan beekaman namoota qurxummii akka gaariitti qabuu danda’an ta’uusaaniitiin utuu hin ta’in, akka ergamoota Yesus ta’anittidha. Yesus isa hunda caalaa fakkeenya ta’us kan yaadannu ‘muka soofuutti’ ta’uusaatiin utuu hin ta’in ‘Masiihii’ ta’uusaatiinidha. (Maarqos 6:3; Maatewos 16:16) Namoonni kun hundinuu ogummaa, qabeenya ykn aangoo qabaniin, jireenya jiraataniin, hojiisaaniitiin utuu hin ta’in, tajaajila Waaqayyoorratti xiyyeeffachuu akka qaban sirriitti hubataniiru. Kaayyoo guddaan hunda caaluufi nama kiisu, nama waaqayyoon sodaatan ta’anii jiraachuu akka ta’e beeku turan.
18. Dargaggeessi Kiristiyaana ta’e tokko jireenyasaa akkamitti itti fayyadamuuf murteesse? Wanti inni hubate maalidha?
18 Saang Jiin inni jalqabarratti caqasame yeroo booda dhugaa kana hubateera. Akkas jedha: “Ogummaa yaalii fayyaa, aartii ykn barsiisaa ta’uurratti humnakoo balleessuu mannaa, jireenyakoo waadaa yeroon Waaqayyoof ofmurteesse galee wajjin haala walsimuun itti fayyadamuufan murteesse. Yeroo ammaatti bakka barsiistonni Macaafa Qulqulluu caalaatti barbaachisan dhaqeen namoonni karaa jireenya barabaraa akka argatan gargaaraan jira. Dandeettiikoo tajaajila yeroo guutuurratti guutummaatti itti fayyadamuu waanan danda’u natti hin fakkaatu ture. Namoota aadaa addaddaa qaban barsiisuudhaan dandeettiikoo guddisuufi amalakoo fooyyeessuuf carraaqqii gochuunkoo, yeroo kamiyyuu caalaatti akkan gammadu nagargaareera. Jireenya dhugaa jiraachuun kan danda’amu kaayyoo Yihowaa kaayyoo ofii godhachuudhaan qofa akka ta’e hubadheera.”
19. Jireenya kaayyoo dhugaa qabu argachuu kan dandeenyu akkamitti?
19 Kiristiyaanota waan taaneef, beekumsa lubbu baraarsaa ta’eefi abdii fayyinaa beekuudhaan eebbifamneerra. (Yohannis 17:3) Kanaaf, “ayyaana Waaqayyoo akka waan waa’ee hin baafneetti akka hin fudhanne” ofeeggachuu qabna. (2 Qorontos 6:1) Kanaa mannaa, guyyootaafi waggoota jireenya keenyaa warra gatii guddaa qaban kana Yihowaa jajachuuf itti haafayyadamnu. Beekumsa yeroo ammaatti namootaaf gammachuu dhugaa argamsiisuufi gara fuulduraattimmoo jireenya barabaraatti geessu haababal’isnu. Akkas yoo goone yaada Yesus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa” jedhe dubbate dhugaa ta’uusaa hubanna. (Hojii Ergamootaa 20:35) Akkasumas jireenyaa kaayyoo dhugaa qabu jiraanna.
[Miiljalee]
a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.
Ibsuu Dandeessaa?
• Kaayyoo guddaan jireenya keenya keessatti qabaachuu qabnu maalidha?
• Qabeenyaaf dursa kennuun sirrii kan hin taane maaliifi?
• “Jireenya dhugaa” Waaqayyo abdii kenne maalidha?
• Jireenya keenya haala kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimuun itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?