Inni Kam Akka Tolu Hin Beektu!
“Waan ati facaafte keessaa inni kam akka tolu waan hin beekneef, sanyii midhaanii kee ganama facaasi, galgalas harki kee facaasuuttii hin boqotin!”—LAL. 11:6.
1. Akkaataan biqiltuun tokko itti guddatu, kan nama ajaa’ibsiisuufi akka gad of deebisnu kan godhu maaliifi?
QONNAAN BULAAN tokko obsa qabaachuu qaba. (Yaq. 5:7) Sanyii erga facaasee booda, hamma biqilee guddatutti eeguu qaba. Biqiltuuwwan suutuma suuta, yeroo haalli mijaa’uufitti, lafa keessaa ol ba’anii mul’achuu jalqabu. Achiis guguddatanii ija godhatu. Dhumarrattis, midhaan qonnaan bulaa kanaa haamaadhaaf ga’a. Akkaataan biqiltuun tokko itti guddatu kan nama dinqisiisu mitii? Maddi guddina kanaa eenyu akka ta’e beekuun keenya, akka gad of deebisnu nu godha. Sanyicha kunuunsuufi bishaan obaasuudhaan gargaarsa gochuu dandeenya. Guddisuu kan danda’u garuu Waaqayyo qofadha.—1 Qorontos 3:6 ilaali.
2. Fakkeenyawwan mataduree kanaan duraa keessatti, Yesus guddina hafuuraa ilaalchisee maal barsiise?
2 Mataduree kanaan duraarratti akka ibsametti, Yesus hojii lallabaa Mootummichaa sanyii facaasuu wajjin wal fakkeesseera. Yesus, fakkeenya waa’ee lafa gosa addaddaa dubbaterratti, qonnaan bulaan tokko sanyii gaarii facaasuyyuu, sanyichi guddachuufi dhiisuusaa kan murteessu haala garaa namichaa akka ta’e addeesseera. (Mar. 4:3-9) Yesus, fakkeenya waa’ee namicha sanyii facaasuufi rafuu dubbaterratti, qonnaan bulaan sun, akkaataa sanyichi itti guddatu guutummaatti hubachuu akka hin dandeenye ibseera. Kun kan ta’e, guddinni kan hundaa’e humna Waaqayyoorratti malee, carraaqqii namootaarratti waan hin taaneefi. (Mar. 4:26-29) Ammammoo, fakkeenyawwan Yesus dubbate sadii, jechuunis fakkeenya ija sanaaficaa, fakkeenya raacitiifi fakkeenya kiyyoo qurxummii haa ilaallu.
Fakkeenya Ija Sanaaficaa
3, 4. Fakkeenyi waa’ee ija sanaaficaa dubbatame, ergaa Mootummichaa ilaalchisee maal ibsa?
3 Fakkeenyi Maarqos boqonnaa 4rratti ibsameefi waa’ee ija sanaaficaa dubbatu waan lama ibsa: tokkoffaa, ergaan Mootummichaa haala dinqisiisaa ta’een guddachuusaa, lammaffaammoo, eegumsa namoota ergicha fudhataniif godhamu kan ibsudha. Yesus akkas jedhe: “Mootummaa Waaqayyoo maalitti fakkeessinu? Yookiis isaaf fakkeenya maalii kenninu? Inni akka ija sanaaficaa ti; yommuu lafatti faca’u ija biqila lafaa hundumaa irra in xinnaata. Inni yommuu faca’u, biqilee in guddata, biqila hundumaa irra kan caalu ta’ee, damee gurguddaa in godhata. Simbirroonni dhufanii gaaddisa damee isaa jalatti mann’ee ijaarratu.”—Mar. 4:30-32.
4 Caqasa kanarratti, ergaan Mootummichaa babal’achuunsaafi gumiin Kiristiyaanaa Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetii kaasee guddachuunsaa, guddina “Mootummaa Waaqayyoo” akka argisiisu fakkeenyaan ibsameera. Iji sanaaficaa, sanyii xinnoo, waan xiqqaa tokko bakka bu’uu danda’udha. (Luqaas 17:6 ilaali.) Yeroo booda garuu, biqiltuun sanaaficaa meetira 3-5 dheerachuufi dameewwan jajjabaa godhachuu waan danda’uuf, muka guddaa ta’a jechuun ni danda’ama.—Mat. 13:31, 32.
5. Gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa guddina akkamii argatee ture?
5 Gumiin Kiristiyaanaa hammana kan guddate, haala xiqqoorraa jechuunis bartoota 120 Dh.K.B. bara 33tti hafuura qulqulluudhaan dibamanirraa ka’eeti. Yeroo xinnoo gidduutti amantoonni kumaan lakkaa’aman gumii bartootaa xinnoo ta’e kanatti dabalamaniiru. (Hojii Ergamootaa 2:41; 4:4; 5:28; 6:7; 12:24; 19:20 dubbisi.) Lakkoofsi namoota midhaan sassaabanii waggoota soddoma gidduutti baay’ee guddatee ture. Kanaan kan ka’es, Phaawulos gumii Qolosaayisiin, “Wangeelichi waaqa jalaa uumama hundumaatti lallabamee jira” jechuu danda’eera. (Qol. 1:23) Guddina baay’ee nama dinqisiisu mitii?
6, 7. (a) Bara 1914 kaasee guddina akkamiitu argame? (b) Guddina kan biraa akkamiitu eegama?
6 Mootummaan Waaqayyoo bara 1914tti samiirratti erga hundeeffamee kaasee, dameen “muka” sanaaficichaa hanga yaadame caalaa babala’ateera. Sabni Waaqayyoo, raajiin Isaayaas, “Maatiin xinnaan baay’atee kumaatama in ta’a, inni hundumaa irra gad deebi’aanis saba aango-qabeessa in ta’a” jechuudhaan barreesse kallattiidhaan ennaa raawwatamu arganiiru. (Isa. 60:22) Kiristiyaanonni dibamoon muraasa turaniifi jalqaba jaarraa 20ffaatti lallabaa turan, bara 2008tti Dhugaa Baatonni gara miliyoona torbaa ta’an biyyoota 230 olitti hojii kanarratti ni hirmaatu jedhanii tasumaa hin yaanne. Dhugumayyuu, guddina nama ajaa’ibsiisuufi ija sanaaficaa Yesus fakkeenyasaa keessatti ibsee wajjin wal fakkaatudha!
7 Haata’u malee, guddinni kun kanumarratti dhaabataa? Lakki. Yeroo boodas, namni lafarra jiraatu hundi Mootummaa Waaqayyoo jalatti kan bulu ta’a. Mormitoonni hundi ni balleeffamu. Kun kan ta’u carraaqqii namootaatiin utuu hin ta’in, Gooftaa Hundaa Olii kan ta’e Yihowaan dhimmawwan biyya lafaa gidduu waan lixuufidha. (Daani’el 2:34, 35 dubbisi.) Sana booda raajiin Isaayaasirratti galmeeffame kan biraan yeroo dhumaatiif yommuu raawwatamu argina. Raajichi, “Akkuma galaanni bishaaniin guutu, lafti beekumsa Waaqayyootiin in guuta” jedha.—Isa. 11:9.
8. (a) Simbirroonni fakkeenya Yesus keessatti ibsaman eenyuun argisiisu? (b) Ammumallee maalirraa eegumsa arganna?
8 Yesus, simbirroonni dhufanii gaaddisa Mootummaa kanaa jalatti man’ee ijaarrachuu akka danda’an dubbateera. Simbirroonni fakkeenya namicha lafa addaddaarratti sanyii facaasee keessatti ibsaman, sanyii gaarii sana akka nyaatan ibsamee ture. Simbirroonni asirratti ibsaman garuu, diinota Mootummichaa sanyii gaarii nyaatan sana kan bakka bu’an miti. (Mar. 4:4) Kanaa mannaa, simbirroonni fakkeenya kana keessatti ibsaman, namoota garaa qajeelaa qabaniifi gumii Kiristiyaanaa keessatti eegumsa argachuu barbaadan argisiisu. Namoonni kun yeroo ammaattillee, amalawwan karaa hafuuraa nama faalaniifi gochawwan xuraa’oo biyya lafaa kanarraa eegumsa argataniiru. (Isaayaas 32:1, 2 ilaali.) Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan Mootummaa Masiihichaa mukatti fakkeesseera. Akkas jechuudhaan raajii dubbateera: “Tulluu Israa’el isa keessaa ol ka’aa irra isa nan dhaaba; innis achitti damee baay’ee baasee ijas godhatee, muka gaattiraa isa guddaa in ta’a; allaattonnii fi simbirroonni baalleedhaan balali’an hundinuus isa keessa in jiraatu, gaaddisa damee isaa jalas in boqotu.”—His. 17:23.
Fakkeenya Raacitii
9, 10. (a) Yesus fakkeenya raacitii ilaalchisee dubbaterratti yaada akkamii ibse. (b) Macaafa Qulqulluu keessatti raacitiin yeroo baay’ee maal argisiisa? Fakkeenya Yesus waa’ee raacitii dubbate ilaalchisee gaaffii maal jedhu ilaalla?
9 Guddinni ijaan hin argamnes jira. Yesus fakkeenya itti aansuudhaan dubbaterratti yaada kana ifa godheera. “Mootummaan waaqaa raacitii dubartiin fuutee daakuu safartuu sadiin maktee, raacitichis hunduma isaa bukeessu fakkaata” jedhe. (Mat. 13:33) Raacitiin kun maal argisiisa? Guddina Mootummichaa wajjinoo walitti dhufeenya akkamii qaba?
10 Macaafa Qulqulluu keessatti yeroo baay’ee raacitiin cubbuu akka argisiisu ibsameera. Phaawulos, dhiibbaa gadhee namni cubbuu hojjeteefi gumii Qorontos durii keessa ture geessisuu danda’u yeroo ibsu, raacitiin cubbuu kan argisiisu ta’uusaa addeesseera. (1 Qor. 5:6-8) Yesus caqasa olitti ibsamerratti fakkeenya raacitiitiin kan fayyadame, guddina wanta gadhee tokkoo ibsuu barbaadee turee?
11. Israa’el durii keessatti raacitiin faayidaa akkamiitiif oola ture?
11 Gaaffii kanaaf deebii kennuu keenya dura, wantoota dhugaa ta’an sadiirratti yaaduun keenya barbaachisaadha. Tokkoffaa, Yihowaan yeroo ayyaana Faasiikaatti aarsaa raacitii qabu kan hin fudhanne ta’uyyuu, yeroo kan biraatti garuu aarsaa akkasii fudhateera. Fakkeenyaaf aarsaawwan araaraa galataaf dhihaatan raacitii qabu turan. Namni tokko eebbawwan hedduu Yihowaarraa argateef isa galateeffachuusaa argisiisuuf, kennaawwan kana fedhiisaatiin dhiheessa ture. Nyaanni kun baay’ee kan nama gammachiisu ture.—Lew. 7:11-15.
12. Haala Macaafni Qulqulluun fakkeenyotatti fayyadamurraa maal barachuu dandeenya?
12 Lammaffaa, fakkeenyi tokko, Caaffata Qulqullaa’oo keessatti yeroo tokko waan gadhee, yeroo kaanimmoo waan gaarii argisiisuuf ooluu danda’a. Fakkeenyaaf, 1 Phexros 5:8rratti Seexanni leencaan kan fakkeeffame ennaa ta’u, kunis balaa kan geessisuufi gara jabeessa ta’uusaa argisiisa. Mul’ata 5:5rrattimmoo, Yesus ‘leencicha gosa Yihudaa’ jedhamuudhaan leencatti fakkeeffameera. Leenci caqasa lammaffaa kanarratti ibsame, murtoo qajeelaa ija jabinaan kennamu argisiisa.
13. Fakkeenyi Yesus waa’ee raacitii dubbate, guddina hafuraa ilaalchisee maal ibsa?
13 Sadaffaa, Yesus fakkeenyasaa keessatti, raacitichi bukoon sun faayidaarra akka hin oolletti isa balleessa hin jenne. Kanaa mannaa, karaa beekamaa buddeenni itti tolfamu ibsuusaa ture. Dubartittiin ta’e jettee bukootti raacitii kan gootu ennaa ta’u, bu’aansaas gaarii ture. Raacitichi bukoodhaan waan liqimfamuuf hin mul’atu. Kanaafuu, dubartittiin raacitichi yommuu bukicha bukeessu hin argitu. Kun, namicha sanyii facaasuufi halkan rafu sana nu yaadachiisa. Yesus, “Sanyichi immoo utuu [namichi] hin beekin in biqila in guddatas” jedheera. (Mar. 4:27) Yaanni kun, mala salphaa guddina hafuuraa ijaan hin argamne fakkeenyaan ibsu mitii? Jalqabarratti guddinasaa kallattiidhaan arguu baannus, yeroo booda bu’aansaa ifatti ni mul’ata.
14. Raacitiin guutummaa bukoo tokkoo kan bukeessu ta’uunsaa, bifa hojii lallabaa isa kam fakkeenyaan ibsa?
14 Guddinni kun kan hin mul’anne qofa utuu hin ta’in, babal’achaas kan deemudha. Yaanni kunis, fakkeenya waa’ee raacitii dubbatu keessatti ibsameera. Raacitichi guutummaa bukichaa, jechuunis “daakuu quunnaa sadii” bukeessa. (Luq. 13:21) Akkuma raacitii, hojiin lallabaa Mootummichaa guddina hafuuraa akkasii argamsiise, baay’ee babal’achaa jira. Kanaan kan ka’es, yeroo ammaatti Mootummichi “hamma andaara lafaatti” lallabamaa jira. (HoE. 1:8; Mat. 24:14) Hojii Mootummichaa haala dinqisiisaa ta’een babal’achaa jiru kanarratti ga’ee qabaachuun keenya mirga guddaa mitii?
Kiyyoo Qurxummii
15, 16. (a) Fakkeenya waa’ee kiyyoo qurxummii dubbatu gabaabsii ibsi. (b) Kiyyichi maal argisiisa? Fakkeenyi kun, bifa guddina Mootummichaa isa kam argisiisa?
15 Baay’ina namoota duuka buutota Kiristos ofiin jedhanii caalaa, amalasaaniitu barbaachisaadha. Yesus, fakkeenya waa’ee kiyyoo qurxummii dubbaterrattimmoo, bifa guddina Mootummichaa kana ibseera. “Mootummaan waaqaa ammas kiyyoo galaanatti darbatamee akaakuu qurxummii hundumaa walitti qabe fakkaata” jedheera.—Mat. 13:47.
16 Kiyyoon qurxummii hojii lallabaa argisiisu kun, qurxummii gosa hundumaa walitti qaba. Yesus itti fufuudhaan akkas jedhe: “Kiyyichis guunnaan, qurxummi-qabduun gara qarqara bishaaniitti isa harkisanii, taa’anii qurxummii isa gaggaarii qodaa isaaniitti naqanii, isa gaggadhee immoo gaggatan. Yeroo dhuma biyya lafaattis akkasuma in ta’a; ergamoonni Waaqayyoo ba’anii warra hamoota warra qajeelotattii gargar in baasu. Warra hamoota boolla ibiddaatti in darbatu; achitti boo’ichii fi ilkaan qaruun isaan irra in ga’a.”—Mat. 13:48-50.
17. Hojiin gargar baasuu fakkeenya kiyyoorratti ibsame yoom kan raawwatamudha?
17 Hojiin gargar baasuu kun, guyyaa firdii isa dhumaa Yesus ulfinasaatiin dhufee hoolotaafi re’oota itti fo’u kan argisiisudhaa? (Mat. 24:31-33) Miti. Firdiin inni dhumaa, yommuu Yesus guyyaa rakkina guddaatti dhufutti kan raawwatamudha. Kanarraa haala adda ta’een, hojiin gargar fo’uu fakkeenya kiyyoo qurxummii kana keessatti ibsame “yeroo dhuma biyya lafaatti” kan raawwatamudha.a Kunimmoo, yeroo ammaa isa rakkina guddaatti nu geessaa jiru kana kan argisiisudha. Ergasuu, hojiin gargar baasuu kun yeroo ammaatti raawwatamaa kan jiru akkamitti?
18, 19. (a) Hojiin gargar baasuu yeroo ammaatti hojjetamaa kan jiru akkamitti? (b) Namoonni garaa qajeelaa qaban tarkaanfii akkamii fudhachuu qabu? (Miiljalee ilaali)
18 Bara keenya kanatti, fakkeenyaan qurxummiiwwan miliyoonaan lakkaa’aman galaana hawaasa ilmaan namootaa keessaa ba’anii gara jaarmiyaa Yihowaatti galaniiru. Isaan keessaa tokko tokko Ayyaana Yaadannoorratti argamu, warri kaanimmoo walga’iiwwan keenyarratti argamu, kaanis Macaafa Qulqulluu qayyabachuu barbaadu. Haata’u malee, namoonni kun hundi Kiristiyaanota dhugaa ni ta’uu? Namoonni kun gara qarqara bishaanitti harkifamaniiru ta’a; ta’uyyuu, akka Yesus jedhetti qodaatti jechuunis gumii Kiristiyaanaatti kan naqamu warra “gaggaarii” qofadha. Warri gaggadheen kan gataman yommuu ta’u, yeroo boodas boolla ibiddaa isa badiisa bara baraa argisiisutti darbatamu.
19 Namoonni saba Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachaa turan hedduun, qayyabannaasaanii dhiisuudhaan akkuma qurxummii gaggadhee ta’aniiru. Namoonni maatii Kiristiyaanaa keessatti dhalatan tokko tokko, matumaa duuka buutota Yesus ta’uu akka hin barbaanne argisiisaniiru. Jarri kun, Yihowaa tajaajiluuf murtoo gochuu hin barbaadan; ykn erga murtoo kana godhanii booda Yihowaa tajaajiluusaanii dhiisaniiru.b (His. 33:32, 33) Kanaaf, namoonni garaa qajeelaa qaban hundi, guyyaan firdii inni dhumaa ga’uusaa dura gara gumiiwwan qodaatti fakkeeffamanitti walitti qabamuufi bakka amansiisaa ta’e kana keessa turuunsaanii barbaachisaadha.
20, 21. (a) Fakkeenya Yesus guddina ilaalchisee dubbate irra deebi’uu keenyaan barumsa akkamii arganna? (b) Maal gochuuf murteessiteetta?
20 Fakkeenya Yesus guddina ilaalchisee kenne gabaabaadhumatti irra deebinee ilaaluu keenyaan barumsa akkamii arganneerra? Tokkoffaa, akkuma guddina ija sanaaficaa, lakkoofsi namoota ergaa Mootummichaa fudhatanii lafarratti garmalee guddachaa jira. Eenyullee hojiin Yihowaa akka hin babal’anne gochuu hin danda’u! (Isa. 54:17) Kana malees, namoonni ‘gaaddisa dameesaa jalatti mann’ee ijaarratan’ karaa hafuuraa eegumsa argataniiru. Lammaffaa, kan guddisu Waaqayyodha. Akkuma raacitiin hin mul’anne bukoo keessatti babal’atu, guddinni kunis, ifatti utuu hin mul’atiniifi utuu hin beekamin ni babal’ata. Sadaffaa, namoonni ergaa kana fudhatan hundi qurxummii gaggaarii ta’u jechuu miti. Isaan keessaa tokko tokko akkuma qurxummii gaggadhee fakkeenya Yesus keessatti ibsamee ta’aniiru.
21 Haata’u malee, Yihowaan namoota qurxummii gaggaariitti fakkeeffaman hedduu garasaatti yommuu harkisu arguun baay’ee nama jajjabeessa! (Yoh. 6:44) Kanaan kan ka’es, biyyoota addaddaatti guddinni dinqisiisaa ta’e argameera. Guddina kana hundumaaf galateeffamuu kan qabu Yihowaadha. Guddina kana arguun keenya, gorsa jaarraa hedduu dura, “Waan ati facaafte keessaa inni kam akka tolu waan hin beekneef, sanyii midhaanii kee ganama facaasi. . . . Inni kun yookiis inni sun yookiis immoo lachanuu in tolu ta’a” jechuudhaan barreeffameef akka ajajamnu nu kakaasuu qaba.—Lal. 11:6.
[Miiljaleewwan]
a Maatewos 13:36-43 bifa hojii lallabaa Mootummichaa adda ta’e ibsa. Ta’uyyuu, raajiin kun, yeroo fakkeenyi kiyyoo kun itti raawwatamutti, jechuunis “yeroo dhuma biyya lafaatti” raawwatama. Akkuma hojiin sanyii facaasuufi haamuu hanga bara keenyaatti itti fufe, hojiin fakkeenyaan qurxummii gargar baasuus kan itti fufudha.—Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessa 15, 2000, ful. 25-26; Waaqa Isa Tokkicha Waaqeffadhu, ful. 178-181, key. 8-11.
b Kana jechuun garuu, ergamoonni namoota qayyabannaasaanii dhaaban ykn saba Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gochuu dhiisan hunda akkuma qurxummii gaggadheetti gataniiru jechuudhaa? Akkas jechuu miti! Namni tokko garaa qulqulluudhaan Yihowaatti deebi’uuf fedhii yoo qabaate karaansaa banaadha.—Mil. 3:7.
Maal Jettee Deebista?
• Fakkeenyi Yesus waa’ee ija sanaaficaa dubbate, guddina Mootummichaafi karaa hafuuraa eegumsa argachuu ilaalchisee maal nu barsiisa?
• Raacitiin fakkeenya Yesus keessatti ibsame maal argisiisa? Achirratti Yesus guddina Mootummichaa ilaalchisee maal ibse?
• Fakkeenya waa’ee kiyyoo qurxummii dubbatu keessatti, bifa guddina Mootummichaa akkamiitu ibsame?
• Warra ‘qodaa keessatti naqamne’ taanee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?
[Fakkii fuula 18rra jiru]
Fakkeenyi waa’ee ija sanaaficaa dubbatu, guddina Mootummichaa ilaalchisee maal nu barsiisa?
[Fakkii fuula 19rra jiru]
Fakkeenya waa’ee raacitii dubbaturraa maal baranna?
[Fakkii fuula 21rra jiru]
Hojiin qurxummii gaggaariifi gaggadhee gargar baasuu maal argisiisa?