Dubbiin Yihowaa Jiraataadha
Yaadawwan Ijoo Macaafa Luqaas
WANGEELLI Maatewos caalaatti kan barreeffame Yihudootaaf yommuu ta’u, Wangeelli Maarqosimmoo dubbistoota Yihudoota hin taaneef akka ta’e beekamaadha. Wangeelli Luqaas garuu kan barreeffame namoota hundaafidha. Wangeelli Luqaas inni Dh.K.B. naannoo bara 56-58tti barreeffame, jireenyaafi tajaajila Yesus ilaalchisee odeeffannoo guutuu qabateera.
Luqaas ogeessaa fayyaa ofeeggannoo cimaa godhu waan ta’eef, wantoota waggoota 35 keessatti raawwataman, jechuunis, Dh.K.D. bara 3 jalqabee hamma Dh.K.B. bara 33tti turan “dubbii kana jalqaba isaatii jalqabee” sirriitti tarree galchee barreesseera. (Luq 1:3) Yaadawwan Luqaas barreesse keessaa dhibbeentaa 60 kan ta’an Wangeelota kaan keessatti hin argaman.
TAJAAJILASAA ISA JALQABAA
Luqaas, waa’ee dhaloota Yohannis Cuuphaafi Yesus bal’inaan erga ibsee booda, Yohannis tajaajilasaa kan jalqabe Xiberiyos mootichi mo’ee waggaa 15ffaatti, jechuunis Dh.K.B. birraa bara 29tti akka ta’e nutti hima. (Luq. 3:1, 2) Yesus Yohannisiin kan cuuphame waggaa sana keessa ji’a birraatti ture. (Luq. 3:21, 22) Dh.K.B. bara 30tti ‘Yesus gara Galiilaatti deebi’ee manneen sagadaasaanii keessatti barsiisuu jalqabe.’—Luq. 4:14, 15.
Yesus lallabaasaa isa jalqabaa Galiilaatti jalqabe. Saba achitti walitti qabameenis: “Misraachoo mootummaa Waaqayyoo mandaroota warra kaanittis lallabuun ana irra jira” isaaniin jedhe. (Luq. 4:43) Simoon inni qurxummii qabuufi namoonni kaanis isaa wajjin kan deeman yommuu ta’u: ‘Si’achi immoo nama kan walitti qabdan in taatuu’ isaaniin jedheera. (Luq. 5:1-11; Mat. 4:18, 19) Yommuu Yesus marsaa lammaffaadhaaf gara Galiilaa dhaqee lallabe ergamoonni 12n isaa wajjin turan. (Luq. 8:1) Adeemsa marsaa sadaffaatti, “Mootummaa Waaqayyoo haa labsaniif kan dhukkubsatanis haa fayyisaniif” ergamoota 12n erge.—Luq. 9:1, 2.
Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:
1:35—Seeliin hanqaaquu gadameessa Maariyaam keessa jiru Yesusiin akka ulfooftu gochuurratti ga’ee qaba ture? Mucaan Maariyaam deessu dhugumaan mucaa Waaqayyo sanyii Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoob, Yihudaafi Daawitiin abdachiise keessaa akka dhalatu yoo barbaadame hanqaaquu gadameessa Maariyaam keessa jirutti fayyadamuun dirqama ture. (Uma. 22:15, 18; 49:10; 2 Sam. 7:8, 16) Haata’u malee, lubbuu Ilma Waaqayyoo isa mudaa hin qabne, gara gadameessa Maariyaamitti jijjiiruufi mucaan akka uumamu gochuurratti hafuurri Yihowaa shoora guddaa qaba ture. (Mat. 1:18) Hafuurri kun hanqaaquu gadameessa Maariyaam keessa jiru guutummaatti cubbuurraa walaba akka ta’u gochuudhaan, mucaan gadameessashee keessa jiru jalqabumaa kaasee mudaa tokko akka hin qabaanne utuu hin godhin hin oolu.
1:62—Zakaariyaas nama arrabnisaa didaafi gurrisaa duudaa turee? Lakki. Rakkoon isa mudate dubbachuu dadhabuu qofa ture. Warri kaan mucicha eenyu jedhee waamuu akka fedhu “milikkitaan” kan isa gaafatan Zakaariyaas duudaa waan tureef miti. Maqaa mucaasaanii ilaalchisee wanta haati manaasaa jetteen utuu hin dhaga’in hin oolu. Haala kana ilaalchisee namoonni kaan milikkitaan isa hin gaafatin hin oolle. Dandeettiin dubbachuusaa qofti isaaf deebi’uunsaa Zakaariyaas rakkoo dhaga’uu akka hin qabne kan argisiisudha.—Luq. 1:13, 18-20, 60-64.
2:1, 2—‘Caafamuun namootaa inni jalqabaa’ yeroo Yesus itti dhalate beekuuf kan nu gargaaru akkamitti? Bulchiinsa Awugusxos Qeesaar jalatti caafamuun namootaa al tokkoo ol kan godhame yommuu ta’u, inni jalqabaa akkuma Daani’el 11:20rratti caqasame Dh.K.D. bara 2tti kan raawwatame yommuu ta’u, inni lammaffaanimmoo, Dh.K.B. bara 6 ykn 7ttidha. (HoE. 5:37) Qereenewos yeroo caafamuun namootaa kun godhame lamaanitti abbaa biyyaa Sooriyaa akka ture haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. Luqaas kan caqase caafamuu namootaa isa jalqabaa, Dh.K.D. bara 2tti godhame, jechuunis yeroo Yesus itti dhalate ture.
2:35—“Billaa qaramaa[n]” onnee Maariyaam kan waraane akkamitti? Kun namoonni garri caalaan Yesusiin akka Masiihiitti simachuu diduudhaan, haala suukanneessaa ta’een yommuu isa fannisan dhiphina guddaa isheerra ga’u kan argisiisudha.—Yoh. 19:25.
9:27, 28—Raajii Yesus bartootasaa keessaa tokko tokko “utuu hin du’in” yeroo inni haala dinqii ta’een jijjiiramuufi aboo Mootummaasaatiin mul’atu akka ijaan argan dubbate, Maatewosiifi Maarqosimmoo “guyyaa ja’a” booda kan jedhan yommuu ta’u, Luqaas “guyyaa saddeet” booda kan jedhe maaliif? (Mat. 17:1; Mar. 9:2) Luqaas guyyaa kakuun sun itti galameefi guyyaa haala raajii ta’een Yesus itti mul’ate ibsuudhaan guyyoota lama itti dabaluu hin oolle.
9:49, 50—Yesus namni duuka buutuusaa hin taane maqaasaatiin yommuu hafuura hamaa baasu kan isa hin dhowwine maaliif? Yesus namicha dhowwuu kan dhiise yeroo sanatti gumiin Kiristiyaanaa waan hin hundoofneefidha. Kanaaf, namichi kun hamma maqaa Yesusitti amaneefi hamma hafuura hamaa baasetti dirqama qaamaan Yesus duukaa bu’uunsaa barbaachisaa hin turre.—Mar. 9:38-40.
Barumsa Akkamii Arganna?
1:32, 33; 2:19, 51. Maariyaam dubbii kana garaatti qabattee yeroo raajiin kun itti raawwatamu eegdi turte. Nutoo, raajii Yesus “dhuma barichaa” ilaalchisee dubbate wantoota yeroo har’aatti raawwatamaa jiranii wajjin waliin ilaaluudhaan dubbii kana garaa keenyatti qabachaa jirraa?—Mat. 24:3.
2:37. Fakkeenya Hannaarraa, gargar utuu hin kutin Yihowaa waaqeffachuu akka qabnu, ‘kadhachuutti akka cimnuufi’ walga’iiwwan gumiitiif ‘walitti qabamuu keenya dhiisuurraa’ fagaachuudhaan barumsa argachuu dandeenya.—Rom. 12:12; Ibr. 10:24, 25.
2:41-50. Yoseef nama waaqeffannaa Yihowaatiif dursa kennuufi karaa fooniis ta’e hafuuraan wantoota barbaachisan dhiheessuudhaan nama maatiisaa kunuunsu ture. Gama kanaan warra mataa maatii ta’aniif fakkeenya gaarii ta’a.
4:4. Wantoota hafuuraatiif xiyyeeffannaa utuu hin kennin guyyaan tokkollee nu darbuu hin qabu.
6:40. Namni barsiisaa Dubbii Waaqayyoo ta’e, barataasaatiif fakkeenya gaarii ta’uu qaba. Wanta lallabuu wajjin haala wal simuun jiraachuu qaba.
8:15. ‘Rakkina hundumaa obsinee ija godhachuuf,’ Dubbii Waaqayyoo hubachuu, kabajuufi eeguu qabna. Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an kadhannaafi irratti xiinxalaa dubbisuun baay’ee barbaachisaadha.
TAJAAJILA YESUS ISA GARA BOODAA
Yesus namoota 70 kan biraa mandaraafi gandeen Yihudaa dhaquuf jedhutti isaan erge. (Luq. 10:1 hiika bara 1899) “Mandorootaafi gandoota . . . hundumaatti barsiisaa” darbeera.—Luq. 13:22.
Ayyaanni Faasikaa ga’uusaa guyyaa shan dura Dh.K.D. bara 33tti, Yesus ilmoo harreerra taa’ee gara Yerusaalem dhaqe. Yeroon inni bartootasaatiin dubbiinsaa akka raawwatamu ilaalchisee akkas jedhee dubbate ni ga’e: “Ilmi namaa maanguddootaa fi luboota warra angafootaatiin, barsiisota seeraatiinis guddaa dhiphachuunii fi raawwatee tuffatamuun, du’atti kennamuun in ta’a; guyyaa sadaffaatti immoo du’aa in ka’a.”—Luq. 9:22, 44.
Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’aafi Deebiisaanii:
10:18—Yesus bartootasaa 70n: “Seexanni akka bakakkaa waaqa keessaa bu’uutti, utuu inni kufuun arge” yommuu jedhu maal jechuusaa ture? Yesus yeroo sanatti Seexanni akka gad darbatame dubbachuusaa hin turre. Kiristos bara 1914tti samiirratti mo’uusaa dura wanti kun hin raawwatamu. (Mul. 12:1-10) Yesus akkas kan jedhe maaliif akka ta’e sirriitti beekuu baannus, wanti gara fuulduraatti raawwatamu akka waan raawwatameetti kan dubbate, kan inni cimsee ibse seexanni kufuunsaa kan hin oolle ta’uusaa ture.
14:26—Akka hiika bara 1899tti duuka buutonni Kiristos firootasaanii ‘kan jibban’ akkamitti? Macaafa Qulqulluu keessatti jechi, “jibba” jedhu, nama ykn wanta tokko isa kaanii gad jaallachuu yaada jedhu dabarsa. (Uma. 29:30, 31, hiika bara 1899) Kanaaf, namni tokko firasaa ni ‘jibba’ yommuu jedhamu caalaatti Kiristosiin jaallata jechuudha.—Mat. 10:37.
17:34-37—“Gogocorroonni” eenyufa’i? “Raqni” ykn foon isaan biratti wal ga’anoo maalidha? Warri ‘fudhataman’ ykn oolan, gogocorroo fagootti waa arguu danda’utti fakkeeffamaniiru. “Raqni” ykn foon isaan biratti walga’an Kiristos inni dhugaa haala ijaan hin argamneen argamuusaafi nyaata hafuuraa Yihowaan isaaniif qopheessu kan argisiisudha.—Mat. 24:28.
22:44—Yesus garmalee kan dhiphate maaliifi? Kun kan ga’e sababiiwwan hedduudhaan kan ka’edha. Yesus akka nama yakkamaa tokkootti ajjeefamuunsaa arrabsoo inni Yihowaafi maqaasaarratti fidu baay’ee isa dhiphisee ture. Kana malees, innis ta’e ilmaan namootaa barabaraan jiraachuunsaanii, amanamummaa inni argisiisurratti kan hundaa’e ta’uusaa sirriitti beeka ture.
23:44—Dukkanni sa’aatii sadiif ta’e gaaddiddeessa aduu turee? Waawuu. Gaaddiddeessi aduu kan uumamu yommuu baatiin jalqabaaf baatutti malee yommuu goobantutti miti; yeroo Ayyaana Faasikaattimmoo jiini ni gobanti. Dukkanni guyyaa Yesus du’etti ta’e dinqii Waaqayyo raawwatedha.
Barumsa Akkamii Arganna?
11:1-4. Yaada caqasa kanarratti argamuufi Lallaba Tabbaarratti kadhannaa ilaalchisee ji’a 18 dura qajeelfama kenname waliin ilaaluudhaan, garaagarummaa muraasa gidduusaaniitti jiru ilaaluun keenya yommuu kadhannaa goonu akkasumaan wanta tokkorra qofa deddeebi’uu akka hin qabne hubachuu dandeenya.—Mat. 6:9-13.
11:5, 13. Yihowaan kadhannaawwan keenyaaf deebii kennuuf fedhii qaba, kanaaf, irra deddeebinee kadhachuu qabna.—1 Yoh. 5:14.
11:27, 28. Gammachuun dhugaa amanamummaadhaan jaalala Yihowaa raawwachuudhaan malee, firoomaan ykn qabeenya horachuudhaan kan argamu miti.
11:41. (NW) Kennaa araaraa kan kenninu jaalalaafi garaa guutuudhaan kakaanee ta’uu qaba.
12:47, 48. Namni itti gaafatamummaa guddaan itti kennameefi itti gaafatamummaasaa garaa guutuudhaan hin raawwanne, nama itti gaafatamummaasaa hin beekneefi guutummaatti hin hubannee caalaatti itti gaafatama.
14:28, 29. Akka humna keenyaatti jiraachuun ogummaadhaa.
22:36-38. Yesus bartoonnisaa billaa akka qabatan kan isaanitti hime of eeguuf ykn ofirraa ittisuudhaaf akka ittiin fayyadamaniif hin turre. Kanaa mannaa, billaa isaan guyyaa inni dabarfamee kennametti qabatanitti fayyadamee barumsa guddaa isaan barsiiseera: “Warri billaa luqqifatan hundinuu billaadhaan in badu.”—Mat. 26:52.
[Fakkii fuula 31rra jiru]
Yoseef namoota mataa maatii ta’aniif fakkeenya gaarii ta’a
[Fakkii fuula 32rra jiru]
Luqaas Jireenyaafi tajaajila Yesus ilaalchisee, yaada baay’ee gad fageenya qabu barreesseera