BOQONNAA 44
Yesuus Obomboleettii Galaana Irratti Kaʼe Cal Jechisiise
MAATEWOS 8:18, 23-27 MAARQOS 4:35-41 LUQAAS 8:22-25
YESUUS GALAANA GALIILAA IRRATTI OBOMBOLEETTII CAL JECHISIISE
Yesuus guyyaa dadhabsiisaa taʼe dabarse. Gara galgalaa barattoota isaatiin, “Kottaa galaana gamatti haa ceenu” jedhe. Kan isaan ceʼan Qifirnaahom irraa gara gamaatti dha.—Maarqos 4:35.
Baha qarqara Galaana Galiilaa, naannoo Gergesenoon jedhamutu jira. Naannoon kun Dikaappoolis keessatti argama. Magaalonni Dikaappoolis handhuura aadaa Giriikii taʼanis, Yihudoonni hedduun bakka kana ni jiraatu.
Namoonni, Yesuus Qifirnaahomii baʼee deemaa akka jiru hubataniiru. Bidiruuwwan gara biraanis galaanicha ceʼuuf karaa jalqabaniiru. (Maarqos 4:36) Galaanni Galiilaa baayʼee balʼaa miti. Galaanni kun, haroo guddaa soogidda hin qabnee wajjin kan wal fakkaatu siʼa taʼu, dheerinni isaa gara kiiloo meetira 21, balʼinni isaa immoo gara kiiloo meetira 12 dha. Garuu gad fageenya qaba.
Yesuus mudaa kan hin qabne taʼus, tajaajilli raawwachaa oole akka isa dadhabsiise beekamaa dha. Kanaaf karaa erga jalqabanii booda, kutaa duubaa bidiruu sanaa keessa boraatii boraafatee rafe.
Ergamoonni isaa tokko tokko dandeettii bidiruu oofuu kan qaban taʼus, adeemsi kun salphaa waan taʼu hin fakkaatu. Galaanni kun gaarreeniin marfamee kan jiru siʼa taʼu, irra keessi isaa yeroo baayʼee qilleensa hoʼaa qaba. Yeroo tokko tokko qilleensi diilallaaʼaan gaara irraa gad qilleensaʼu qilleensa hoʼaa galaanicha irra jiruu wajjin yommuu walitti buʼu utuu hin yaadamin obomboleettii hamaa uuma. Wanti yeroo kanatti uumame kana dha. Battaluma sanatti dambaliin galaanaa bidiricha rukutuu jalqabe. Bidirichis, “bishaaniin guutamuu jalqabe; isaanis balaadhaaf saaxilaman.” (Luqaas 8:23) Yesuus garuu amma iyyuu rafaa jira!
Namoonni bidiricha oofan muuxannoo kanaan dura qabanitti fayyadamanii akka inni hin liqimfamne gochuuf yaalaa jiru. Wanti amma isaan mudate garuu isa kanaan duraa irraa adda dha. Lubbuu isaaniitiif waan sodaataniif Yesuusiin dammaqsanii, “Yaa Gooftaa dhumuuf jenna, nu oolchi!” jedhanii iyyan. (Maatewos 8:25) Barattoonni Yesuus ni liqimfamna jedhanii sodaataniiru!
Yesuusis dammaqee, “Isin warra amantii xinnoo qabdan nana, maaliif akkana sodaattan?” isaaniin jedhe. (Maatewos 8:26) Achiis qilleensaa fi galaana sana, “Cal jedhi! Gab jedhi!” jedhee abboome. (Maarqos 4:39) Qilleensi bubbisaa ture ni dhaabate, galaanichis ni tasgabbaaʼe. (Maarqosii fi Luqaas gocha ajaaʼibsiisaa taʼe kana yeroo gabaasan, jalqaba Yesuus obomboleettii sana dinqiidhaan akka tasgabbeesse, itti aansuudhaan immoo barattoonni isaa amantii akka hin qabne barreessan.)
Kun barattoota Yesuus irratti dhiibbaa akkamii akka qabu yaadi! Dambaliin galaanaa obomboleettiidhaan raafamaa ture guutummaatti yommuu tasgabbaaʼu arganiiru. Sodaa adda taʼetu isaanitti dhagaʼame. Achiis, “Kun dhuguma eenyu? Qilleensii fi galaanni illee isaaf ni ajajamu” waliin jedhan. Qarqara galaanichaas nagaadhaan gaʼan. (Maarqos 4:41–5:1) Bidiruuwwan karaa qabatanii turan kaan tarii gara lixa qarqara galaanichaatti deebiʼaniiru taʼa.
Ilmi Waaqayyoo qilleensa irratti aboo kan qabu taʼuu isaa beekuun kan nama jajjabeessu dha! Bulchiinsa Mootummaa isaa keessatti xiyyeeffannaan isaa guutummaatti lafa irratti yommuu taʼu, balaan uumamaa sodaachisaa taʼe waan hin jiraanneef, namoonni hundi tasgabbiidhaan jiraatu!