BOQONNAA 73
Namichi Samaariyaa Namoota Hunda Akka Jaallatu Argisiise
JIREENYA BARA BARAA DHAALUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
NAMICHA SAMAARIYAA GARA LAAFESSA TAʼE
Yesuus amma iyyuu naannoo Yerusaalem utuu jiruu, Yihudoonni hedduun gara isaa dhufan. Tokko tokko isa irraa barachuu, warri kaan immoo isa qoruu barbaadu. Isaan keessaa namni Seericha beeku tokko, “Yaa Barsiisaa, jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuutu na barbaachisa?” jedhee isa gaafate.—Luqaas 10:25.
Yesuus namichi kun gaaffii kana kan gaafate beekumsa argachuuf qofa akka hin taane hubate. Deebii Yihudoota mufachiisu akka inni isaaf deebisu barbaadee taʼuu dandaʼa. Yesuus namichi kun nama yaada isaa jijjiiruu hin barbaanne akka taʼe hubate. Kanaaf, karaa wanta namichi yaadaa jiru saaxiluun ogummaadhaan isaaf deebise.
Yesuus, “Seericha keessatti kan barreeffame maali dha? Ati hoo akkamitti hubatta?” jedhee isa gaafate. Namichi kun Seera Waaqayyoo waan barateef, Seericha irratti hundaaʼee deebii kenne. Keessa Deebii 6:5 fi Lewwoota 19:18 irraa caqasee, “‘Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan jaalladhu,’ akkasumas ‘nama akka ofii keetti jaalladhu’” jedhe. (Luqaas 10:26, 27) Deebiin isaa sirrii dhaa?
Yesuus, “Deebii sirrii kenniteetta; kana gochuu kee itti fufi” isaan jedhe. Mareen isaanii kanumaan xumuramee? Namichi deebii gaaffii kanaa baruu qofa barbaade miti; “qajeelaa taʼuu isaa argisiisuu” fi ilaalchi isaa, akkasumas karaan inni warra kaan itti qabu sirrii taʼuun isaa akka isaaf mirkaneeffamu barbaade. Kanaaf, “Nama isa kam jaallachuun qaba?” jedhee gaafate. (Luqaas 10:28, 29) Gaaffiin salphaa fakkaatu kun wanta guddaa nu hubachiisa. Akkamitti?
Yihudoonni namoota aadaa Yihudootaa eegan qofa jaallachuu akka qaban amanu. Kana irra iyyuu darbee, Yihudiin tokko nama Yihudii hin taanee wajjin hariiroo qabaachuun “akka isaaf hin heyyamamne” dubbata taʼa. (Hojii Ergamootaa 10:28) Kanaaf, namichi kun, tarii immoo barattoonni Yesuus tokko tokko iyyuu nama Yihudiitti gaarummaa yoo argisiisan qajeelota akka taʼan yaadu. Nama Yihudii hin taanetti garuu gaarummaa hin argisiisan.
Yesuus namichas taʼe Yihudoota utuu hin mufachiisin ilaalcha kana sirreessuu kan dandaʼu akkamitti? Seenaa armaan gadii dubbachuudhaan ilaalcha kana sirreesse. Akkana jedhe: “Namni tokko Yerusaalemii gara Yerikootti utuu gad buʼaa jiruu, saamtota harka buʼe; isaanis uffata isaa irraa baasanii, akka malee isa reebanii duʼaa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii deeman. Akkuma tasaa lubni tokko karaa sana irra gad buʼaa utuu jiruu namicha argee isa irraa goree darbe. Haaluma wal fakkaatuun namni gosa Leewwii taʼe tokkos yommuu achi gaʼu, namicha argee irraa goree darbe. Haa taʼu malee, namni biyya Samaariyaa tokko karaa sana irra utuu deemaa jiruu bakka namichi jiru gaʼee yommuu isa argu baayʼee isaaf gadde.”—Luqaas 10:30-33.
Namichi Yesuus seenaa kana itti himaa jiru, luboonnii fi Lewwoonni mana qulqullummaa keessatti luboota kana gargaaran hedduun Yerikoo keessa akka jiraatan beeka. Namoonni kun, mana qulqullummaatii yeroo deebiʼan, irraangadee kiiloo meetira 23 taʼu deemuu qabu. Saamtonni karaa kana irra riphan waan jiraniif adeemsi kun balaa qaba. Lubni ykn namni Lewwiin tokko Yihudii tokko irra rakkinni gaʼee yoo arge gargaaruu hin qabuu? Seenaa Yesuus dubbate kana keessatti akka isaan akkas hin goone ibsameera. Kan isa gargaare nama Samaariyaa isa saba Yihudoonni jibban keessaa dhufe dha.—Yohaannis 8:48.
Namichi Samaariyaa, Yihudii isa miidhame kan gargaare akkamitti? Yesuus akkana jedhe: “Isatti siqee, zayitii fi daadhii wayinii madaa isaatti naqee hidheef. Achiis harree isaa irra kaaʼee mana keessummoonni itti boqotanitti geessee isa walʼaane. Guyyaa itti aanutti dinaaree lama baasee namicha bakka keessummaan buufatu sana keessaa hojjetutti kennee, ‘Namicha kana kunuunsi, kana caalaa wanta baastu hunda yommuun deebiʼu siif nan kaffala’ jedhe.”—Luqaas 10:34, 35.
Yesuus Barsiisaa Guddichi, “Egaa, namoota sadan kana keessaa, namicha saamtota harka buʼe kanaaf nama akka ofii isaatti akka jaallatu kan argisiise isa kam sitti fakkaata?” jechuudhaan gaaffii akka inni irratti yaadu taasisu isa gaafate. Namichi, tarii “Nama isa Samaariyaa” jedhee deebisuu waan hin barbaanneef, “Isa namichatti gara laafina argisiise sana dha” jedhee deebise. Achiis Yesuus, “Atis dhaqiitii akkanuma godhi” isaan jechuudhaan ergaa seenaa kanatti fayyadamee dabarsuu barbaade ifa taasise.—Luqaas 10:36, 37.
Dhuguma iyyuu kun mala barsiisuu buʼa qabeessa taʼe dha! Utuu Yesuus salphaadhumatti namoota Yihudii hin taanes jaallachuu akka qabu isatti himeera taʼee, namichi kunii fi Yihudoonni Yesuusiin dhaggeeffachaa turan yaada isaa ni fudhatu turanii? Waan fudhatan hin fakkaatu. Haa taʼu malee, yaada dhaggeeffattoota isaa biratti baramaa taʼetti fayyadamee seenaa salphaa isaanitti himuudhaan deebiin gaaffii, “Nama isa kam jaallachuun qaba?” jedhuu ifa akka taʼu taasise. Namichi nama akka ofii isaatti akka jaallatu argisiise, nama isa jaalalaa fi gaarummaa Kitaabonni Qulqulluun akka argisiisnu nu ajajan argisiise dha.