BOQONNAA 77
Yesuus Qabeenya Ilaalchisee Gorsa Kenne
FAKKEENYA NAMICHA SOORESSAA
YESUUS WAAʼEE ARRAAGESSAA FI ABAABOO DUBBATE
“TUUTA XINNOO” MOOTUMMICHATTI GALU
Yesuus mana Fariisichaatti nyaata yeroo nyaatu, namoonni hedduun alatti walitti qabamanii isa eegaa jiru. Galiilaattis haalli akkasii isa mudatee ture. (Maarqos 1:33; 2:2; 3:9) As Yihudaatti namoonni hedduun isa arguu fi isa dhagaʼuu barbaadu; namoonni kun garuu Fariisota isaa wajjin nyaachaa jiran irraa ilaalcha adda taʼe akka qaban argisiisan.
Yaadni Yesuus jalqaba irratti, “Raacitii Fariisotaa, jechuunis fakkeessaa irraa of eeggadhaa” jechuudhaan dubbate barattoota isaatiif hiika addaa qaba. Akeekkachiisa kana kanaan dura kan kenne taʼus, wanti inni bakka nyaata itti afeerametti arge gorsi kun baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa argisiisa. (Luqaas 12:1; Maarqos 8:15) Fariisonni nama amantii fakkaachuudhaan hammeenya isaanii dhoksuu barbaadu; taʼus balaa kan geessisan taʼuun isaanii saaxilamuu qaba. Yesuus, “Wanti of eeggannoodhaan dhokfamee utuu hin mulʼifamin, wanti iccitii taʼee utuu hin beekamin hafu tokko illee hin jiru” jedhe.—Luqaas 12:2.
Namoota Yesuusitti marsanii jiran keessaa hedduun Yihudoota Galiilaatti yeroo inni barsiise hin dhageenye taʼuu hin oolan. Kanaaf, barumsawwan ijoo kanaan dura barsiisee ture irra deebiʼe. Namoota isa dhaggeeffachaa jiran hundaan, “Warra foon ajjeesuudhaan alatti sana caalaa homaa gochuu hin dandeenye hin sodaatinaa” jedhee gorse. (Luqaas 12:4) Akkuma kanaan dura barsiise, duuka buutonni Waaqayyo akka isaan kunuunsu amanuu akka qaban ibse. Ilma namaatti amanuu fi Waaqayyo isaan gargaaru akka dandaʼus hubachuu qabu.—Maatewos 10:19, 20, 26-33; 12:31, 32.
Achiis namoota kana keessaa tokko, “Barsiisaa, obboleessi koo dhaala keenya akka anaaf hiru itti naa himi” jedhee wanta isa yaaddesse isatti hime. (Luqaas 12:13) Seerichi ilmi angafaa harka lama akka fudhatu waan ajajuuf, wanti walitti nama buusu hin jiru. (Keessa Deebii 21:17) Namichi garuu gaʼee seerri isaaf heyyamu caalaa fudhachuu waan barbaade fakkaata. Yesuus hubannaadhaan dhimmicha keessa galuu irraa of qusate. “Namicha nana, isin lamaan gidduutti ani abbaa seeraa akkan taʼu yookiin dhaala akkan hiru eenyutu na muude?” jedhee isa gaafate.—Luqaas 12:14.
Achiis, Yesuus akkana jedhee namoota hunda gorse: “Of eeggadhaa, namni tokko qabeenya hedduu yoo qabaate illee jireenyi isaa wantoota inni qabu irratti kan hundaaʼe waan hin taaneef sassata hundumaa irraa of eegaa.” (Luqaas 12:15) Namni tokko qabeenya hammamii iyyuu yoo qabaate, gaaf tokko waan hunda dhiisee duʼuun isaa hin oolu. Yesuus fakkeenya hin irraanfatamnee fi faayidaa Waaqayyo duratti maqaa gaarii qabaachuun qabu ibsutti fayyadamee yaada kana addeesse.
Akkana jedhe: “Lafti namicha sooressa tokkoo oomisha guddaa isaaf kenne. Kanaaf, ‘Midhaan koo bakkan itti galfadhu waan hin qabneef maal gochuu naa wayya?’ jedhee garaa isaatti yaaduu jalqabe. Achiis akkana jedhe: ‘Kaʼeen akkana godha: Gootaraa koo hunda diigeen, gootaraa guguddaa ijaara; midhaan koo hundumaa fi miʼa koo hundumaas achitti nan naqadha; ofii kootiinis, “Ati, wantoota gaggaarii hedduu waggaa baayʼeedhaaf si gaʼu qabda; egaa dhimma hin qabaatin, taaʼi, nyaadhu, dhugi, gammadis!” nan jedha.’ Waaqayyo garuu, ‘Gowwaa nana, halkanuma kana lubbuu kee si irraa fudhachuu barbaadu. Egaa wantoonni ati walitti qabatte sun eenyuuf taʼu ree?’ jedheen. Namni ofii isaatiif qabeenya kuufatu, Waaqayyo duratti garuu badhaadhaa hin taane dhumni isaa akkanuma taʼa.”—Luqaas 12:16-21.
Barattoonni Yesuusis taʼan namoonni isa dhaggeeffachaa jiran qabeenya hawwuun ykn kuufachuun kiyyoo isaanitti taʼuu dandaʼa. Yookiin yaaddoon jireenyaa xiyyeeffannaadhaan Yihowaa akka hin tajaajille isaan gochuu dandaʼa. Kanaaf, Yesuus gorsa gaarii Lallaba Isaa Isa Gaara Irraa irratti gara waggaa tokkoo fi walakkaa dura kenne irra deebiʼe.
Akkana jedhe: “Waaʼee jireenya keessanii maal nyaanna yookiin waaʼee dhaqna keessanii maal uffanna jettanii yaaddaʼuu keessan dhiisaa. . . . Mee arraagessota ilaalaa: Isaan sanyii hin facaasan, hin haamanis; gootaraa yookiin mana kuusaa hin qaban; garuu Waaqayyo isaan ni soora. Maarree isin immoo allaattota irra hin caaltanii? . . . Abaaboowwan akkamitti akka guddatan ilaalaa: Isaan hin dhamaʼan, hin foʼanis; garuu ani isiniin nan jedha, Solomoon inni ulfina hamma sana qabu illee, isaan keessaa hamma ishii tokkoo hin miidhagne. . . . Kanaaf, waan nyaattanii fi waan dhugdaniif akka malee hin yaadinaa, akkasumas hin yaaddaʼinaa . . . Abbaan keessan wantoonni kun hundi akka isin barbaachisan beeka. Isin . . . hundumaa dura Mootummicha barbaadaa; wantoonni kun isiniif ni dabalamu.”—Luqaas 12:22-31; Maatewos 6:25-33.
Mootummaa Waaqayyoo kan barbaadan eenyu faʼi? Yesuus namoota amanamoo keessaa namoonni muraasni “tuuta xinnoo” taʼan akkas akka godhan ibse. Yeroo booda lakkoofsi isaanii 144,000 qofa akka taʼe ifa taʼa. Wanti isaaniif qophaaʼe maali dha? Yesuus, ‘Abbaan keessan Mootummaa isiniif kennuu jaallateera’ jechuudhaan isaaniif mirkaneesseera. Namoonni kun lafa irratti qabeenya hattuun hatuu dandaʼu argachuu irratti hin xiyyeeffatan. Kanaa mannaa, garaan isaanii “samii irratti,” jechuunis bakka Yesuusii wajjin bulchitoota itti taʼanitti “qabeenya hin dhumne” qabaachuu irratti xiyyeeffata.—Luqaas 12:32-34.