BOQONNAA 12
‘Waaqa Nagaa Kennu’ Tajaajiluuf Gurmaaʼuu
1, 2. Amajjii 1895tti Zaayansi Waach Taawor irratti jijjiiramni akkamii godhamee ture? Obboloonnihoo jijjiirama kanaaf deebii akkamii kennan?
JOON BOONEET inni Barataa Macaafa Qulqulluu hinaaffaa qabu taʼe, barruu Zaayansi Waach Taawor, Amajjii 1895 yommuu argatetti, wanti inni achirratti arge baayʼee isa gammachiisee ture. Barruun sun qola haaraa furdaa taʼe kan qabu taʼuusaarrayyuu, mana ibsaa qabu, dambalii galaanaarra dhaabatee jiruufi ifnisaa samii dukkanaaʼaa taʼetti ol ifaa jiru kan argisiisu ture. Mataduree barruu kanaa “Qola Haaraa Barruu Keenyaa” jedhu jalatti, beeksisni waaʼee bifa haaraa barruu kanaa ibsu baʼee ture.
2 Obboleessi keenya Booneet haalli kun baayʼee waan isa ajaaʼibsiiseef, “MASARAAN EEGUMSAA keenya bifa akkasii qabaachuunsaa baayʼee na gammachiiseera” jechuudhaan obboleessa keenya Raasiliif xalayaa barreesseera. Barataan Macaafa Qulqulluu kan biraan Joon Biraawun jedhamus qola barruu kanaa ilaalchisee, “Baayʼee kan nama hawwatudha. Masaraan sun dambaliin galaanaa asiif achi utuu isa raasuu jabaatee dhaabachuunsaa, buʼuurrisaa cimaa akka taʼe argisiisa” jechuudhaan barreesseera. Jijjiiramni waggaa sana keessa qola barruurratti godhame, jijjiirama isa jalqabaa malee isa xumuraa hin turre. Jiʼa Sadaasaarratti obboloonni ammas jijjiirama kan biraa argan. Kan nama ajaaʼibsiisu garuu, ammas fakkii dambalii galaanaa argisiisu qaba ture.
3, 4. Masaraa Eegumsaa Sadaasa 15, 1895rratti rakkinni uumame akkamii ibsamee ture? Jijjiirama guddaa akkamiitu beeksifame?
3 Mataduree balʼaan Masaraa Eegumsaa Sadaasa 15, 1895rratti baʼe, yaada rakkina uumame tokko furu qabatee ture. Rakkinni sun nagaa jaarmiyaa Barattoota Macaafa Qulqulluu kan booressu ture. Gumii keessatti eenyu geggeessaa taʼuu akka qabu ilaalchisee mormiin obboloota gidduutti uumamu ittuma caalaa deemee ture. Matadureen barruu sanarratti baʼe, obboloonni hafuura dorgommii tokkummaasaanii diigu gidduusaaniitii balleessuuf maal gochuu akka qaban kan hubachiise yommuu taʼu, jaarmiyichas markabatti fakkeesseera. Obboloonni itti gaafatamummaa qaban jaarmiyaa markabatti fakkeeffame kana dambalii galaanaarraa oolchuu akka dadhaban haqaan dubbateera. Kanaaf maaltu godhamuu qaba ture?
4 Matadureen sun, namni markaba oofu tokko, namoonni hojii lubbu baraarsaa hojjetan markaba sanarra jiraachuusaaniifi dambaliin yoo kaʼe tarkaanfii barbaachisaa taʼe fudhachuuf qophaaʼuusaanii mirkaneeffachuu akka qabu ibseera. Obboloonni jaarmiyaa sana geggeessanis gumiin hundi haalawwan akka dambalii galaanaa taʼanirraa of eeguuf qophaaʼuusaanii mirkaneeffachuu qabu turan. Kana gochuufimmoo, jijjiirama guddaa gochuun akka isaan barbaachisu ibseera. Yeruma sanaa jalqabee, ‘kaampaanii ykn gumii hunda keessatti, jaarsoliin filatamanii olaantummaadhaan hoolota achi keessa jiran akka geggeessan’ ajajee ture.—HoE. 20:28.
5. a) Qophiin jaarsolii gumii ilaalchisee godhame qophii yeroosaatti godhamedha kan jennu maaliifi? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?
5 Jaarsolii gumii wajjin haala wal qabateen qophiin yeroo sanatti godhame, akkaataa gumiin itti geggeeffamu hundeessuurratti buʼuura gaarii taʼeera. Kunis obboloonni keenya rakkina guddaa yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti isaan mudate keessa jabaatanii akka darban isaan gargaareera. Waggoota kurnan ittaanan keessatti, sirreeffamni dabalataa gama jaarmiyaatiin godhame, sabni Waaqayyoo Yihowaa tajaajiluuf akka gaariitti hidhatanii akka kaʼan godheera. Macaafni Qulqulluun waaʼee jijjiirama kanaa dursee dubbateeraa? Isinoo jijjiirama gama jaarmiyaatiin godhameefi ijaan argitan qabduu? Jijjiirama godhamerraa faayidaa akkamii argattan?
‘Nagaan Geggeessaa Keessan Akka Taʼu Nan Godha’
6, 7. (a) Isaayaas 60:17 hiika akkamii qaba? (b) Yaanni “geggeessaa” fi “hojii raawwachiisaa” jedhu maal argisiisa?
6 Boqonnaa 9ffaarratti akkuma ilaalle, Isaayaas, Yihowaan lakkoofsi sabasaa akka dabalu gochuudhaan akka isaan eebbisu raajii dubbateera. (Isa. 60:22) Haataʼu malee, Yihowaan wanta kana caaluyyuu akka hojjetu abdii kenneera. Akkas jedheera: “Qooda sibiila boorrajjii, warqee, qooda sibiilaa, meetii, qooda mukaa, sibiila boorrajjii, qooda dhagaas, sibiila nan fida; nagaa geggeessaa kee, qajeelummaas hojii raawwachiisaa kee godhee sirratti nan muuda.” (Isa. 60:17, NW) Raajiin kun hiika akkamii qaba? Yeroo harʼaatti nuuf kan hojjetuhoo akkamitti?
Meeshaaleen sun gadheerraa gara gaariitti utuu hin taʼin, gaariirraa gara isa caalaatti gaarii taʼetti jijjiiraman
7 Raajiin Isaayaas dubbate, meeshaan tokko meeshaa kan biraatiin akka bakka buufamu ibseera. Haataʼu malee, meeshaaleen sun gadheerraa gara gaariitti utuu hin taʼin, gaariirraa gara isa caalaatti gaarii taʼetti akka jijjiiraman hubadhaa. Sibiilli boorrajjii gara warqeetti jijjiiramuunsaa guddinni akka godhamu kan argisiisudha. Kanaaf Yihowaan yaada kanatti fayyadamuudhaan, haalli sabnisaa keessa jiran irraa jalaan fooyyaʼaa akka deemu ibseera. Raajiin kun jijjiiramni akkamii akka godhamu ibsa? Yihowaan jechoota, “geggeessaa” fi “hojii raawwachiisaa” jedhanitti fayyadamuunsaa irraa jalaan guddinni kan godhamu akkaataa sabnisaa itti kunuunfamaniifi itti gurmaaʼanirratti akka taʼe kan argisiisudha.
8. ((a) Fooyyaʼiinsa raajii Isaayaasirratti caqasame kan fide eenyudha? (b) Fooyyaʼiinsa kanarraa faayidaa akkamii arganna? (Saanduqa “Sirreeffama Isaaf Kenname Gad Of Deebisee Fudhateera” jedhus ilaali.)
8 Gama jaarmiyaatiin guddinni akkasii akka jiraatu kan godhu eenyudha? Yihowaan, ‘Warqeefi meetii nan fida,’ akkasumas ‘Nagaan geggeessaakee akka taʼu nan godha’ jedheera. Dhugumayyuu, gumii keessattis taʼe jaarmiyaa keessatti fooyyaʼiinsi akka jiraatu gochuu kan dandaʼu nama utuu hin taʼin Yihowaadha. Yesus Mootii erga taʼee kaasee, Yihowaan fooyyaʼiinsa kana gochaa kan jiru Ilmasaa kanatti fayyadameeti. Jijjiirama godhamaa jirurraa faayidaa akkamii arganna? Caqasichi fooyyaʼiinsi akkasii godhamuunsaa “nagaa” fi “qajeelummaa” akka argamsiisu dubbata. Qajeelfama Waaqayyoo fudhachuudhaan sirreeffama barbaachisu ennaa goonu, nagaan gidduu keenyatti kan buufatu taʼuusaarrayyuu jaalalli qajeelinaaf qabnu, Yihowaa isa Phaawulos ergamaan ‘Waaqayyo isa nagaa kennu’ jechuudhaan waaʼeesaa dubbate tajaajiluuf nu kakaasa.—Filp. 4:9.
9. Sabriifi tokkummaa gumii keessa jiruuf buʼuurri inni sirriin maalidha? Maaliif?
9 Phaawulos waaʼee Yihowaa ennaa ibsu itti dabaluudhaan, “Waaqayyo ofii isaatii Waaqayyo nagaa ti malee, Waaqayyo sabirii hin qabnee miti” jedheera. (1 Qor. 14:33) Phaawulos asirratti, sabrii dhabuu sabrii qabaachuu wajjin utuu hin taʼin nagaa wajjin walbira qabeera. Maaliif? Mee yaada kana qalbeeffadhaa: Bakka sabriin jiru hunda nagaan jira jechuun hin dandaʼamu. Fakkeenyaaf, gareen loltootaa tokko sabriidhaan toora galee deemuu dandaʼa. Kan isaan deeman garuu nagaadhaaf utuu hin taʼin waraanaafidha. Qindoominni sabrii qabu, nagaa hin qabu taanaan battalumatti ykn yeroo booda diigamuu dandaʼa. Nagaan Waaqayyo kennu garuu, sabrii yoomiyyuu hin diigamne kan argamsiisudha. Kanaaf, jaarmiyaa keenya kan geggeessuufi kan fooyyessu ‘Waaqa nagaa kennuu’ taʼuusaatti baayʼee galateeffanna! (Rom. 15:33) Nagaan Waaqayyo kennu sabrii faayida qabeessa taʼe kan uumu taʼuusaarrayyuu, tokkummaan baayʼee jaallannu gumii addunyaa maratti argamu keessa akka jiraatu godha.—Far. 29:11.
10. (a) Waggoota jalqabaa Bartoonni Macaafa Qulqulluu itti gurmaaʼanitti jaarmiyaa keenya keessatti fooyyaʼiinsa akkamiitu godhame? (Saanduqa “Akkaataan Hojiin Itti Geggeeffamu Kan Fooyyaʼe Akkamitti?” jedhu ilaali.) (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?
10 Saanduqni “Akkaataan Hojiin Itti Geggeeffamu Kan Fooyyaʼe Akkamitti?” jedhu, jaarmiyaan keenya waggoota jalqabaa sochii itti eegaletti jijjiirama akkamii akka godheefi faayidaa akkamii akka argamsiise ibsa. Taʼus, Yihowaan yeroo dhihoodhaa asitti Mootii keenyatti fayyadamee, jijjiirama sibiila warqeedhaan bakka buusuu wajjin wal fakkaatu akkamii raawwate? Ilaaltota olaanaa ilaalchisee sirreeffamni godhame kun, gumiiwwan addunyaa maratti argaman keessatti nagaafi tokkummaan akka jiraatu kan godhe akkamitti? Kunoo dhuunfaadhaan ‘Waaqa nagaa kennu’ tajaajiluuf kan isin kakaase akkamitti?
Akkaataa Kiristos Gumii Itti Geggeessu
11. (a) Macaafa Qulqulluu gad fageenyaan qoruun hubannaa qabnurratti sirreeffama akkamii gochuuf nu gargaareera? (b) Obboloonni qaama olaanaa taʼuudhaan tajaajilan maal gochuuf murteessanii turan?
11 Bara 1964 hanga 1971tti qaamni olaanaan, karaa gumiin Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa itti hojjechaa ture dabalatee matadureewwan hedduu hubachuuf Macaafa Qulqulluurratti gad fageenyaan qorannoo godhee ture.a Gumiin jaarraa jalqabaa geggeeffamaa kan ture jaarsa gumii ykn ilaaltuu olaanaa tokkoon utuu hin taʼin, qaama jaarsoliitiin akka taʼe qorannoo godhan kanarraa hubataniiru. (Filiphisiiyus 1:1; 1 Ximotewos 4:14 dubbisi.) Qaamni olaanaan dhimma kana erga qoranii booda, akkaataa jaarmiyaan Yihowaa hojiisaa itti raawwatu ilaalchisee Yesus inni Mootiisaanii taʼe jijjiirama isaan gama jaarmiyaatiin godhanirratti isaan geggeessaa akka jiru waan hubataniif, qajeelfama inni isaaniif kennu hojiirra oolchuuf murteessan. Kanaaf battaluma sanatti sirreeffama barbaachisaa taʼe gochuudhaan, jaarsolii gumii ilaalchisee qophiin godhamu kamiyyuu Macaafa Qulqulluu wajjin kan walsimu akka taʼu godhan. Sirreeffamawwan jalqaba bara 1970nii keessa godhaman tokko tokko kamfaʼi?
12. (a) Qaama olaanaa wajjin haala wal qabateen sirreeffama akkamiitu godhame? (b) Qaamni Olaanaan yeroo harʼaa jiru kan gurmaaʼe akkamitti akka taʼe ibsi. (Saanduqa “Karaa Qaamni Olaanaan Hojii Mootummichaa Itti Raawwatu” jedhuufi fuula 146rratti argamu ilaali.)
12 Sirreeffamni jalqabaa qaama olaanaa kan ilaallatu ture. Gareen Kiristiyaanota dibamoo qabate sun geggeessitoota jaarmiyaa Waach Taawor Baayibil eend Tiraakti Soosaayitii, boord oov daayireektarsi jedhaman torba of keessaa qaba ture. Haataʼu malee bara 1971tti, lakkoofsi miseensota qaama olaanaa 7 ture gara 11tti kan guddatte siʼa taʼu, sana booda maqaa boord oov daayireektarsi jedhamuun hin waamamne. Miseensonni qaama olaanaa kun hundi qixxee akka taʼanitti kan wal ilaalan siʼa taʼu, duraa duuba maqaasaaniitiin waggaa waggaadhaan dura taaʼaa taʼanii tajaajiluu eegalan.
13. (a) Waggaa 40 gidduutti sirreeffama akkamiitu godhame? (b) Qaamni Olaanaan bara 1972tti maal godhe?
13 Sirreeffamni ittaansuudhaan godhamemmoo gumii hunda kan tuqu ture. Karaa kamiin? Bara 1932 hanga 1972tti, olaantummaadhaan gumii kan geggeessu obboleessa tokko qofa ture. Hanga bara 1936tti, obboleessi gumii keessatti olaantummaadhaan tajaajilu kun daayireektara tajaajilaa jedhama ture. Sana booda, maqaansaa tajaajilaa kaampaanii, ittaansuudhaan tajaajilaa gumii, dhumarrattis ilaaltuu olaanaa gumii jedhamee waamamuu jalqabe. Obboloonni itti gaafatamummaa qaban kun nageenya hafuuraa obbolootasaanii hinaaffaadhaan eegu turan. Yeroo baayʼee ilaaltuun olaanaa gumii, murtoo gumicha ilaallatu tajaajiltoota gumii kaan utuu hin mariisisin ofumasaatii murteessa ture. Haataʼu malee bara 1972tti, Qaamni Olaanaan jijjiirama guddaa gochuuf qophaaʼe. Jijjiiramni kun maalfaa dabalata ture?
14. (a) Qophiin haaraan Onkoloolessa 1, 1972tti hojiirra oole kamidha? (b) Qindeessaan qaama jaarsolii gorsa Filiphisiiyus 2:3rratti argamu hojiirra kan oolchu akkamitti?
14 Gumii keessatti obboleessi tokko qofti ilaaltuu olaanaa gumii taʼee tajaajiluu mannaa, obboloonni gaʼumsa qaban kaaniis karaa tiʼookraasiitiin jaarsolii gumii taʼanii akka filataman godhame. Hundisaanii walitti qaama jaarsolii jedhamu; gumiisaaniis olaantummaadhaan geggeessu. Qophiin kun hojiirra ooluu kan jalqabe Onkoloolessa 1, 1972tti ture. Yeroo harʼaa qindeessaan qaama jaarsolii, jaarsolii hunda keessaa akka isa guddaatti utuu hin taʼin ‘akka isa xinnaatti of ilaala.’ (Luq. 9:48) Obboloonni gad of deebisan kun obbolummaa addunyaa maraatiif eebba guddaadha!—Filp. 2:3.
Mootiin keenya, duuka buutotasaatiif yeroo barbaachisaa taʼetti tiksitoota barbaachisan ogummaadhaan qopheesseera
15. (a) Qaama jaarsolii ilaalchisee qophiin godhame gumiidhaaf faayidaa akkamii argamsiise? (b) Mootiin keenya ogummaadhaan akka hojjetu wanti argisiisu maalidha?
15 Itti gaafatamummaa gumii keessaa miseensota qaama jaarsolii hundaaf hiruudhaanis sirreeffamni godhameera. Faayidaa qophiin kun argamsiise keessaa sadansaanii haa ilaallu: Tokkoffaa, qophiin kun jaarsoliin, gumii keessatti itti gaafatamummaa akkamiiyyuu yoo qabaatan Kiristos mataa gumii akka taʼe akka yaadatan isaan hubachiiseera. (Efe. 5:23) Lammaffaa, Fakkeenyi 11:14 (NW) akka ibsutti, “gorsituun baayʼachuun milkaaʼina argamsiisa.” Jaarsoliin gumii fayyaa hafuuraa gumiichaarratti yommuu mariʼatanitti, yaada walii fudhachuunsaanii, murtoo seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin walsimurra gaʼuuf isaan gargaara. (Fak. 27:17) Yihowaan murtoo akkasii kan eebbisu siʼa taʼu, kunimmoo milkaaʼina argamsiisa. Sadaffaa, gumii keessa jaarsoliin gumii hedduun jiraachuunsaanii, gumii geggeessuufi hojii tikaarratti gama jaarmiyaatiin guddinni barbaachisaa taʼe akka argamu godha. (Isa. 60:3-5) Baayʼinni gumii bara 1971tti addunyaa maratti 27,000 ture, bara 2013tti gara 113,000 olitti guddateera. Kunimmoo Mootiin keenya, duuka buutotasaatiif yeroo barbaachisaa taʼetti tiksitoota barbaachisan ogummaadhaan akka qopheessu kan argisiisudha.—Mik. 5:5.
‘Karra Hoolotaatiif Fakkeenya Taʼuu’
16. (a) Jaarsoliin gumii itti gaafatamummaa akkamii qabu? (b) Barattoonni Macaafa Qulqulluu gorsa Yesus ‘hoolotasaa akka tiksaniif’ isaanii kenne akkamitti ilaalu turan?
16 Jalqabumaa kaasee jaarsoliin gumii yeroo Barattoonni Macaafa Qulqulluu gurmaaʼanitti turan, amantoonni tajaajiltoota Waaqayyoo taʼanii akka itti fufan gargaaruuf itti gaafatamummaa akka qaban hubatanii turan. (Galaatiyaa 6:10 dubbisi.) Bara 1908tti, matadureen Masaraa Eegumsaarratti baʼe tokko yaada Yesus, “Ilmoolee koo tiksi” jechuudhaan dubbate caqasee ture. (Yoh. 21:15-17) Achiis matadureen kun jaarsolii gumiitiif yaada akkas jedhu kennee ture: “Karra hoolotaa wajjin haala wal qabateen hojii Gooftaan nutti kenneef dursa kennuu, akkasumas mirga duuka buutota Gooftaa sooruufi kunuunsuuf arganneef bakka guddaa kennuu qabna.” Bara 1925tti, ammas Masaraan Eegumsaa jaarsolii gumiitiif yaada, “Waldaan Waaqayyoo kanuma Waaqayyooti, . . . warri itti gaafatamummaa qabanis obbolootasaanii akka tajaajilan ni godha” jedhu kennuudhaan jaarsa taʼanii tajaajiluun mirga guddaa akka taʼe isaan yaadachiiseera.
17. Jaarsoliin gumii tiksitoota gaʼumsa qaban akka taʼaniif gargaarsi akkamii isaaniif godhameera?
17 Jaarmiyaan Yihowaa, jaarsoliin gumii dandeettii tiksuusaanii ‘sibiilarraa gara meetiitti akka jijjiiran’ kan gargaare akkamitti? Kana kan godhe leenjii isaaniif kennuudhaan ture. Bara 1959tti, jaarsolii gumiitiif Manni Barumsaa Tajaajila Mootummaa ni qophaaʼe. Kutaa dhihaate keessaa tokko mataduree “Dhuunfaatti Xiyyeeffannaa Kennuu” jedhu qaba ture. Barumsa kanarratti obboloonni itti gaafatamummaa qaban ‘sagantaa baafachuudhaan babalʼistoota manasaaniitti dhaqanii akka daawwatan’ jajjabeeffamaniiru. Akkasumas, daawwannaa nama jajjabeessu gochuu kan dandaʼan karaawwan kamiin akka taʼe barataniiru. Bara 1966tti, Manni Barumsaa Tajaajila Mootummaa fooyyeffamee qophaaʼe. Yeroo kanatti matadureen “Barbaachisummaa Hojii Tikaa” jedhu itti dabalamee ture. Kaayyoon barumsi kun itti dhihaatu inni guddaan maal ture? Obboloonni itti gaafatamummaa qaban “karra hoolota Waaqayyoo yommuu kunuunsanitti, maatiis taʼe tajaajilasaanii dagachuu akka hin qabne” gorfamanii turan. Waggoota dhihoodhaa asitti, manneen barnootaa hedduun jaarsolii gumiitiif qophaaʼaniiru. Jaarmiyaan Yihowaa haala itti fufiinsa qabuun leenjii akkasii kennuunsaa buʼaa akkamii argamsiise? Yeroo harʼaa, gumiin Kiristiyaanaa jaarsolii gumii gaʼumsa qabaniifi karaa hafuuraa hojii tikaa raawwatan kuma hedduutti lakkaaʼaman qabaachuu dandaʼeera.
18. (a) Jaarsolii gumiidhaaf itti gaafatamummaa cimaa akkamiitu kenname? (b) Yihowaafi Yesus jaarsolii gumii jabaatanii hojjetan kan jaallatan maaliifi?
18 Yihowaan, Yesus isa Mootii keenya taʼetti fayyadamuudhaan jaarsolii gumii kan muude hojii cimaa akka raawwataniifidha. Hojiin kun maalidha? Yeroo baayʼee sodaachisaa taʼe kana keessatti hoolota Waaqayyoo geggeessuudha. (Efe. 4:11, 12; 2 Xim. 3:1) Jaarsoliin gumii gorsa, “Karra hoolotaa isa Waaqayyo tikaaf isinitti kenne sana, . . . jaalalaan, . . . [akkasumas] hoolota karra sanaaf fakkeenya taʼuudhaan eegaa” jechuudhaan isaaniif kennameef abboomamuudhaan jabaatanii waan hojjetaniif Yihowaafi Yesus baayʼee isaan jaallatu. (1 Phe. 5:2, 3) Karaa jaarsoliin karra hoolota Waaqayyootiif fakkeenya itti taʼaniifi nagaafi gammachuu gumichaatiif gumaacha guddaa itti godhan keessaa lama haa ilaallu.
Yeroo Harʼaa Jaarsoliin Gumii Karra Hoolota Waaqayyoo Kan Tiksan Akkamitti?
19. Jaarsolii gumii nu faana tajaajila baʼan ilaalchisee maaltu nutti dhagaʼama?
19 Tokkoffaa, jaarsoliin gumii miseensota gumii wajjin tokkummaadhaan hojjetu. Luqaas inni barreessaa Wangeelaa taʼe waaʼee Yesus akkas jechuudhaan barreesseera: “Mandarootaa fi gandeen keessa adeemee, mootummaa Waaqayyoo labsaa misraachoo himaa ture; bartoonni isaa kudha lamaanis isaa wajjin turan.” (Luq. 8:1) Akkuma Yesus bartootasaa wajjin lallabaa ture, jaarsoliin gumii fakkeenya taʼanis, obbolootasaanii wajjin tajaajilarratti hirmaatu. Akkas gochuunsaanii hafuurri gumii keessatti mulʼatu gaarii akka taʼu akka godhu ni hubatu. Miseensonni gumii jaarsolii akkasiitiif ilaalcha akkamii qabu? Obboleettiin Jaaniin jedhamtuufi xumura umrii waggoota 80nii keessatti argamtu, “Jaarsa gumii tokkoo wajjin tajaajila baʼuun, isaa wajjin haasaʼuufi caalaatti isa baruuf carraa naa bana” jetteetti. Obboleessi Isteevan jedhamuufi walakkeessa waggoota 30nii keessatti argamummoo, “Jaarsi gumii tokko manaa gara manaatti yommuu na faana tajaajilu, na gargaaruu akka barbaadu natti dhagaʼama. Gargaarsa akkasii argachuunkoo gammachuu guddaa naaf argamsiisa” jedheera.
20, 21. Jaarsoliin gumii fakkeenya tiksee Yesus fakkeenyaan ibsee hordofuu kan dandaʼan akkamitti? Fakkeenya kenni. (Saanduqa “Daawwannaa Torban Torbaniin Godhamuufi Buʼaa Argamsiise” jedhus ilaali.)
20 Lammaffaa, Jaarmiyaan Yihowaa, jaarsoliin gumii obboloota gumiirraa fagaataniif xiyyeeffannaa akka kennan leenjiseera. (Ibr. 12:12) Jaarsoliin gumii namoota karaa hafuuraa dadhaban akkasii gargaaruu kan qaban maaliifi? Gargaaruu kan qabanoo akkamitti? Fakkeenyi Yesus tiksee tokkoofi hoolaa badde tokko ilaalchisee dubbate gaaffiiwwan kanaaf deebii nuu kenna. (Luqaas 15:4-7 dubbisi.) Tikseen fakkeenya kanarratti caqasame, hoolaan tokko akka jalaa badde ennaa hubatetti, akka waan ishee qofa qabuu, hamma argatutti barbaadeera. Yeroo harʼaa jaarsoliin gumii fakkeenya tiksee kanaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti? Akkuma hoolaan badde sun tiksee sanaaf gatii guddaa qabdu, namoonni saba Waaqayyoorraa fagaatanis jaarsolii gumii biratti iddoo guddaa qabu. Jaarsoliin gumii namoota karaa hafuuraa dadhaban kana akka hoolaa gatii hin qabneetti utuu hin taʼin akka hoolaa baddeetti ilaalu. Hunda caalaammoo, akkuma tikseen sun ‘hoolaa badde sana hamma argatutti barbaadu,’ jaarsoliin gumiis dursa fudhachuudhaan namoota karaa hafuuraa dadhaban barbaadanii gargaarsa godhuuf.
21 Tikseen fakkeenya sanarratti ibsame hoolaa badde sana yommuu argatu maal godha? Suuta jedhee ol ishee fuudhuudhaan ‘gurmuusaarratti baatee’ lafa hoolonni kaan jiranitti geessa. Haaluma wal fakkaatuun, yaanni jaarsi gumii tokko jaalalaan kakaʼee nama karaa hafuuraa dadhabe tokkoof kennu, namni sun gara gumiitti akka deebiʼu gochuu dandaʼa. Haalli obboleessa keenya Viiktar isa Afriikaa keessa jiraatuufi gumiirraa fagaatee ture mudates kanaa wajjin kan wal fakkaatudha. Viiktar, “Waggaa saddeetiif gumiirraa fagaadhee ennaan turetti, jaarsoliin gumii na gargaaruuf yaalii cimaa godhanii turan” jedheera. Hunda caalaa garuu wanti isa tuqe maalidha? Akkas jechuudhaan ibseera: “Gaaf tokko, jaarsi gumii Joon jedhamuufi naa wajjin Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaarratti hirmaatee ture, yeroo naaf ramaduudhaan dhufee kan na daawwate siʼa taʼu, suuraawwan yeroo mana barumsaa sanarratti hirmaanne kaane tokko tokko natti argisiise. Suuraawwan kun waan hedduu waan na yaadachiisaniif gammachuu yeroon Yihowaa tajaajilaa ture qabun hawwuu jalqabe.” Joon dhaqee isa gaafatee utuma baayʼee hin turin, Viiktar gara gumiitti deebiʼeera. Yeroo harʼaa deebiʼee qajeelchaa taʼuudhaan tajaajilaa jira. Dhugumayyuu, jaarsoliin gumii jaalala qabeeyyii taʼan gammachuu keenyaaf gumaacha guddaa godhu.—2 Qor. 1:24.b
Fooyyaʼiinsi Gama Geggeessuutiin Godhame Tokkummaa Saba Waaqayyoo Cimseera
22. Qajeelinaafi nagaan, tokkummaa gumii kan cimsan akkamitti? (Saanduqa “Baayʼee Ajaaʼibsiifamne” jedhus ilaali.)
22 Akkuma jalqabarratti ilaalle, Yihowaan qajeelummaafi nagaan sabasaa gidduutti akka babalʼatu dursee dubbateera. (Isa. 60:17) Amaloonni kun lamaan tokkummaan gumii akka cimu kan godhanidha. Karaawwan kamiin? Akkuma qajeelummaa, Yihowaanis “Waaqayyo isa tokkicha.” (Kes. 6:4) Seerri inni qajeelummaadhaaf baase gumii biyya tokkotti argamuu gara isa kaaniitti garaagara miti. Seerri buʼuuraa wanta sirrii taʼeefi hin taane ilaalchisee inni baase “waldoota [gumiiwwan] warra Waaqayyoof qulqullaaʼan hundumaa keessatti” tokkumadha. (1 Qor. 14:33) Kanaaf, gumiin tokko guddachuu kan dandaʼu seera buʼuuraa Waaqayyo baase hojiirra yoo oolche qofadha. Nagaa wajjin haala wal qabateenimmoo, Mootiin keenya gumii keessatti nagaa akka qabaannu qofa utuu hin taʼin, ‘nagaa akka buusnus’ ni barbaada. (Mat. 5:9) Kanaafuu, “wanta nagaaf taʼu” barbaanna. Garaagarummaa gidduu keenyaatti uumamuuf furmaata kennuuf dursa fudhanna. (Rom. 14:19) Karaa kanaan, nagaafi tokkummaa gumii keenyaa eegna.—Isa. 60:18.
23. Yeroo harʼaa tajaajiltoota Yihowaa taʼuu keenyaan faayidaa akkamii argachaa jirra?
23 Sadaasa 1895, yeroo Masaraan Eegumsaa qophii jaarsa gumii ilaalchisee godhame beeksisetti, obboloonni itti gaafatamummaa qabanis fedhiinsaanii maal akka taʼe ibsanii turan. Fedhiinsaanii maal ture? Hawwiinsaanii sirreeffamni haaraa gama jaarmiyaatiin godhame kun saba Waaqayyoo gidduutti ‘tokkummaan amantii akka jiraatu’ akka godhu kan ture siʼa taʼu, tokkummaa kana argachuufis kadhataniiru. Waggoota kana hunda boodatti deebinee yommuu ilaallu, geggeessuu wajjin haala wal qabateen sirreeffamni Yihowaan Mootii keenyatti fayyadamuudhaan irraa jalaan godhe waaqeffannaarratti tokkummaa nuti qabnu nuuf cimsuusaatti baayʼee galateeffanna. (Far. 99:4) Yeroo harʼaa “hafuura tokkoon” deddeebiʼuu, ‘faana tokkorra adeemuufi’ ‘harka wal qabannee’ ‘Waaqa nagaa kennu’ tajaajiluu dandaʼuu keenyatti baayʼee gammanna!—2 Qor. 12:18; Sefaaniyaa 3:9 dubbisi.
a Qorannaa guddaan kun ennaa godhametti buʼaan akkamii akka argame kitaaba Eeyid tuu Baayibil Aanderistaandiingi jedhamurratti ibsameera.
b Mataduree, “Jaarsoliin Gumii ‘Nu Gammachiisuuf Nu Wajjin Hojjetu’” jedhuufi Masaraa Eegumsaa, Amajjii 15, 2013, fuula 27-31rra jiru ilaali.