BOQONNAA 86
Ilmi Badee Ture Ni Deebiʼe
FAKKEENYA ILMA BADEE TUREE
Yesuus waaʼee hoolaa baddee fi saantima diraakmaa badee fakkeenya dubbatee ture. Kana kan dubbates Peeriyaa ishii baha Laga Yordaanositti argamtutti taʼuu hin oolu. Fakkeenyi kun lamaan yeroo cubbamaan tokko yaada geddaratuu fi gara Waaqayyootti deebiʼu gammaduu akka qabnu nu hubachiisu. Fariisonnii fi barsiisonni seeraa, Yesuus namoota akkasii waan simateef isa ceephaʼaa turan. Namoonni isa ceephaʼan kun fakkeenya Yesuus dubbate lamaan irraa ni baratuu laata? Abbaan keenya inni samii cubbamoota yaada geddarataniif ilaalcha inni qabu ni hubatuu laata? Yesuus fakkeenya garaa namaa tuquu fi barumsa kana addeessu kan biraa dubbate.
Fakkeenyichi waaʼee abbaa ilmaan lama qabuu kan dubbatu siʼa taʼu, adda durummaadhaan ilma isa quxisuu irratti xiyyeeffata. Fariisonni, barsiisonni seeraa fi namoonni Yesuus fakkeenya kana yeroo dubbatu dhagaʼaa jiran, wanta inni ilma isa quxisuu ilaalchisee dubbatu irraa barachuu qabu. Haa taʼu malee, amala abbaanii fi ilmi inni hangafaa argisiisan irraas barumsa waan argannuuf, isaaniin ilaalchisee wanta Yesuus dubbate akka laayyootti ilaaluu hin qabnu. Kanaaf, Yesuus fakkeenya kana yeroo dubbatu waaʼee namoota kana sadanii yaadi.
Yesuus akkana jechuudhaan jalqabe: “Namichi tokko ilmaan lama qaba ture. Inni quxisuun abbaa isaatiin, ‘Yaa abbaa ko, qabeenya kee keessaa qooda koo naa kenni’ jedhe. Abbaan isaas qabeenya isaa isaaniif hire.” (Luqaas 15:11, 12) Ilmi inni quxisuun kun dhaala kan gaafate abbaan isaa waan duʼeef akka hin taane hubadhu. Abbaan isaa amma iyyuu lubbuudhaan jira. Ilmi kun gaʼee isaa amma fudhachuu kan barbaade akka fedhetti jiraachuu fi akka ofii filatetti itti fayyadamuu barbaadee ti. Haala akkamiitiin itti fayyadama laata?
Yesuus itti fufee akkana jedhe: “Guyyoota muraasa booda, ilmi quxisuun sun wanta qabu hunda walitti qabatee gara biyya fagoo tokko dhaqe; achittis jireenya gadhiisii jiraachuudhaan qabeenya isaa bittinse.” (Luqaas 15:13) Ilmi kun abbaa isaanii isa isaaniif yaaduu fi wanta isaan barbaachisu isaaniif guutuu wajjin nagaadhaan jiraachuu mannaa, gara biyya biraa deeme. Achitti fedhii saalaa isaa guuttachuuf asiif achi utuu jooruu dhaala isaa hunda bittinse. Boodas, akkuma Yesuus itti aansee dubbate, yeroon rakkisaa taʼe isatti dhufe.
Akkana jedhe: “Wanta qabu hunda yommuu fixus, biyyicha keessatti beelli hamaan waan buʼeef rakkina irra buʼe. Yeroo kanatti nama biyya sanaa keessaa isa tokkotti maxxane; namichis booyyota akka tiksu gara dirreetti isa erge. Innis nyaata booyyeen nyaattu illee nyaatee quufuu ni hawwa ture; garuu isuma iyyuu namni isaaf kennu hin turre.”—Luqaas 15:14-16.
Seerri Waaqayyoo booyyonni xuraaʼoo akka taʼan kan ibsu taʼus, ilmi kun tiksee booyyee taʼee hojjechuuf dirqame. Garmalee waan beelaʼeef, nyaata horii, jechuunis nyaata booyyota tiksaa jiruu hamma hawwuutti gaʼe. Ilmi kun rakkinnii fi dhiphinni isa irra gaʼe, ‘yaada isaa akka naanneffatu’ isa taasise. Maal godha laata? Akkana ofiin jedhe: “Namoonni abbaa kootiif qacaramanii hojjetan meeqa nyaanni isaan irraa hafee utuu jiruu, ani asitti beelaan duʼuufan jedha! Kaʼee gara abbaa koo dhaqeen akkana jedhaan: ‘Yaa abbaa ko, ani Waaqa isa samii fi si irratti cubbuu hojjedheera. Kana booda ilma kee jedhamee waamamuun anaaf hin malu. Namoota qacaramanii siif hojjetan keessaa akka isa tokkootti na ilaali.’” Achiis kaʼee gara abbaa isaa deeme.—Luqaas 15:17-20.
Yeroo kanatti abbaan isaa maal godha laata? Ilma isaa kanatti aaree, jalqaba gowwummaadhaan isa dhiisee deemuu isaatiif isatti dheekkamaa? Isa simachuu didaa? Utuu si taʼee maal goota? Kan akkas godhe ilma ykn intala kee utuu taʼe hoo?
ILMI BADEE TURE NI ARGAME
Yesuus itti aansee wanta abbaatti dhagaʼamee fi wanta inni godhe ibse. Akkana jedhe: “Utuma inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee garaan isaa ni raafame; itti fiigees isatti maramee isa dhungate.” (Luqaas 15:20) Ilmi isaa kun jireenya gadhiisii jiraachaa akka ture kan dhagaʼe taʼus, isa simate. Geggeessitoonni amantii warri Yihowaa akka beekanii fi akka isa waaqeffatan dubbatan, Abbaan keenya inni samii cubbamoota yaada geddarataniif ilaalcha akkamii akka qabu kana irraa ni hubatuu laata? Yesuusis haala akkasiitiin namoota simachaa akka ture ni hubatuu laata?
Abbaan hubataa taʼe kun gadda fuula ilma isaa irraa dubbifamu arguudhaan, yaada geddarachuu isaa hubachuu hin oolu. Jaalalaan kakaʼee dhaqee isa simachuun isaa, mucaan kun cubbuu isaa himachuun akka isatti salphatu taasisa. Yesuus itti fufee akkana jedhe: “Achiis mucichi abbaa isaatiin, ‘Yaa abbaa ko, ani Waaqa isa samii fi si irratti cubbuu hojjedheera. Kana booda ilma kee jedhamee waamamuun anaaf hin taʼu’ jedheen.”—Luqaas 15:21.
Abbichi garboota isaatiin akkana jedhe: “Dafaa, uffata isa hunda irra caalu fidaatii itti uffisaa, quba isaatti qubeellaa, miilla isaattis kophee kaaʼaafii. Jibicha gabbataa sana fidaatii qalaa; haa nyaannu, haa gammadnus; sababiin isaas, ilmi koo kun duʼee ture, amma garuu deebiʼee jireenya argateera; badees ture amma garuu argameera.” Achiis, “gammaduu” jalqaban.—Luqaas 15:22-24.
Yeroo kanatti ilmi inni hangafaa maasii keessa ture. Yesuus waaʼee isaa akkana jedhe: “Yeroo achii deebiʼee manatti dhihaatus sagalee muuziqaa fi sirbaa dhagaʼe. Kanaaf hojjettoota keessaa isa tokko ofitti waamee maaltu taʼaa akka jiru isa gaafate. Innis, ‘Obboleessi kee dhufeera, abbaan kees inni nagaadhaan deebiʼee waan isa argateef jibicha isa gabbataa qaleera’ jedheen. Obboleessi inni hangafni garuu aaree gara manaatti seenuu dide. Achiis abbaan isaa gad baʼee isa kadhachuu jalqabe. Innis deebisee abbaa isaatiin akkana jedhe: ‘Kunoo, ani waggoota hedduu hammanaatiif akka garbichaatti si tajaajileera, takkaa illee ajaja kee matumaa didee hin beeku; ati garuu akka ani hiriyoota koo wajjin gammaduuf ilmoo reʼee tokko illee anaaf kennitee hin beektu. Ilmi kee inni qabeenya kee gaalamootaa wajjin bittinse kun akkuma dhufeen garuu, jibicha isa gabbataa qalteef.’”—Luqaas 15:25-30.
Akkuma ilma hangafaa kanaa, Yesuus namoota kaanii fi cubbamootaaf dhiifama gochuu, akkasumas xiyyeeffannaa kennuu isaa mormaa kan turan eenyu faʼi? Barsiisota seeraa fi Fariisota dha. Yesuus cubbamoota simachuu isaa mormuun isaanii, akka inni fakkeenya armaan olii dubbatu isa taasiseera. Namni Waaqayyo dhiifama gochuu isaa mormu kam iyyuu, fakkeenya kana irraa barachuu qaba.
Yesuus wanta abbichi jedhe dubbachuudhaan fakkeenya isaa xumure. Akkana jedhe: “Yaa ilma ko, ati yeroo hunda anaa wajjin jirta, wanti kan koo taʼe hundinuus kan kee ti. Haa taʼu malee, obboleessi kee duʼee ture amma garuu deebiʼee jiraateera; badees ture amma garuu deebiʼee argameera; kanaaf gammaduu fi ililchuu qabna.”—Luqaas 15:31, 32.
Yesuus wanta ilmi inni hangafaa dhuma irratti godhe hin dubbanne. Haa taʼu malee, Yesuus duʼee erga duʼaa kaafamee booda, ‘luboonni hedduun amantoota taʼaniiru.’ (Hojii Ergamootaa 6:7) Isaan keessaa tokko tokko namoota Yesuus fakkeenya ilma badee turee fi ergaa cimaa qabu kana yeroo dubbatu kan dhagaʼan taʼuu dandaʼu. Eeyyee, isaanis yaada naanneffatanii, akkasumas yaada geddaratanii gara Waaqayyootti deebiʼuu ni dandaʼu.
Barattoonni yeroo kanaa kaasee, ergaa inni fakkeenya kanatti fayyadamee dabarse irraa barachuu ni dandaʼu; barachuus qabu. Barumsi inni jalqabaa, fedhiiwwan nama qoran duukaa buʼuudhaaf “biyya fagoo” deemuu mannaa, eegumsa Abbaa keenya isa nu jaallatuu fi wanta nu barbaachisu nuu guutuu jala saba Waaqayyoo gidduu nagaadhaan jiraachuun ogummaa akka taʼe kan hubachiisu dha.
Barumsi kan biraan immoo, nu keessaa eenyu iyyuu daandii Waaqayyoo irraa yoo maqe, surraa Waaqayyoo deebisee argachuuf gad of qabuudhaan gara Abbaa keenyaatti deebiʼuu akka qabu kan hubachiisu dha.
Kana malees, amala abbaan kun ilma isaa simachuu fi dhiifama gochuudhaan argisiise, akkasumas amala ilmi inni hangafaa haaloo qabachuu fi isa simachuu diduudhaan argisiise wal bira qabuudhaan barumsa ni arganna. Tajaajiltoonni Waaqayyoo, namni daandii irraa maqee ture garaadhaa yaada geddaratee gara ‘mana Abbaa isaatti’ yeroo deebiʼu dhiifama isaaf gochuu fi isa simachuu akka barbaadan beekamaa dha. Obboleessi keenya inni ‘duʼee ture deebiʼee yeroo jiraatuu’ fi inni ‘badee ture deebiʼee yeroo argamu’ haa gammadnu.