-
Mootummaan Waaqayyoo Garaa Namootaa Keessa Jiru Dhaa?Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
-
-
“Mootummaan Waaqayyoo Isin Keessa Jira” Jechuun Maal Jechuu Dha?
Akkaataa Kitaabonni Qulqulluu tokko tokko Luqaas 17:21 itti hiikan namoonni tokko tokko bakka Mootummichi jiru ilaalchisee akka burjaajaʼan godheera. Fakkeenyaaf, hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu hiika bara 1899 “Mootummaan Waaqayyoo isin keessa jira” jedha. Caqasa kana sirriitti hubachuuf yaada naannoo isaa jiru ilaaluu qabna.
Yesuus yaada kana dubbachaa kan ture Fariisotatti dha; Fariisonni immoo garee geggeessitoota amantii Yesuusiin mormanii fi isa ajjeesuuf mariʼachaa turani dha. (Maatewos 12:14; Luqaas 17:20) Maarree Mootummichi haala garaa namoota hamoo taʼan keessa jiru akka taʼe yaaduun sirrii dhaa? Yesuus Fariisotaan, “Keessi keessan . . . fakkeessaa fi hamminaan kan guutame dha” isaaniin jedheera.—Maatewos 23:27, 28.
Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu yaada Luqaas 17:21 irratti argamu sirriitti kaaʼan kan biroon jiru: “Mootummaan Waaqayyoo gidduu keessan jira.” (Dalga kan ciibse nuyi; Kitaaba Qulqulluu Hiika Bara 1997) “Mootummaan Waaqayyoo isin gidduu jira.” (Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa) Mootummaan Waaqayyoo Fariisota “gidduu” akka taʼe kan ibsame, Mootiin Mootummaa kanaa akka taʼu Waaqayyoon kan muudame isaan gidduu waan tureefi dha.—Luqaas 1:32, 33.
-
-
Mootummaan Waaqayyoo Garaa Namootaa Keessa Jiru Dhaa?Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
-
-
a Dhaabbileen amantaa Kiristiyaanaa hedduun Mootummaan Waaqayyoo wanta nama tokko keessa ykn garaa isaa keessa jiru akka taʼe barsiisu. Fakkeenyaaf, amantaan Kiristiyaanaa Yuunaayitid Isteetis keessatti argamu tokko Mootummaan Waaqayyoo gama tokkon “Waaqayyo haala garaa fi jireenya nama tokkoo irratti mootii taʼuu isaa kan argisiisu dha” jedhee barsiisa. Haaluma wal fakkaatuun, Phaaphaasii Roomaa guddicha kan taʼan Benediikti 16ffaan kitaaba isaanii Jesus of Nazareth jedhamu irratti, “Mootummaan Waaqayyoo karaa garaa namoota ajajamoo taʼanii dhufa” jechuudhaan ibsaniiru.
-