Wantoota ‘Gara Booddeetti’ Hafan Hin Ilaalinaa
“Eenyu illee hordaa harkaan qabatee gara booddee isaa ilaalaa hin qotu, akkasumas namni kana fakkaatu, hojii mootummaa Waaqayyoo keessatti hin taʼu.”—LUQ. 9:62.
MAAL JETTEE DEEBISTA?
‘Haadha manaa Loox yaadachuu’ kan qabnu maaliifi?
Wantoonni sadan irratti xiinxaluurraa fagaachuu qabnu kamfaʼi?
Jaarmiyaa Yihowaa wajjin qixxee adeemuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?
1. Yesus akeekkachiisa akkamii kennee ture? Gaaffiin kaʼuhoo maalidha?
“HAADHA MANAA Loox yaadadhaa!” (Luq. 17:32) Akeekkachiisni Yesus gara waggaa 2,000 dura kenne kun yeroo kamiyyuu caalaa amma barbaachisaadha. Haataʼu malee, Yesus akeekkachiisa cimaa kana yommuu kennu maal jechuusaa ture? Yihudoonni isa dhaggeeffachaa turan wanta haadha manaa Looxirra gaʼe waan beekaniif, ibsi dabalataa isaan hin barbaachisne. Maatiishee wajjin Sodoom keessaa baqachaa yeroo turtetti, abboommii cabsuudhaan gara boodaa waan ilaalteef, utubaa soogiddaa taatee hafte.—Uumama 19:17, 26 dubbisi.
2. Haati manaa Loox gara boodaa kan ilaalte maaliif taʼuu dandaʼa? Abboommii cabsuunshee maal isheerraan geessise?
2 Haataʼu malee, haati manaa Loox gara boodaa kan ilaalte maaliifi? Wanta raawwatamaa jiru beekuu barbaaddeetii? Amantii waan dhabdeefii? Moo wantoota Sodoom keessatti dhiiste baate hundaa waan yaaddeefi? (Luq. 17:31) Sababiin isheen gara boodaa ilaalte maaliyyuu yoo taʼe, abboommii cabsuunshee lubbuushee akka dhabdu godheera. Mee yaadaa! Guyyuma jiraattonni Sodoomiifi Gomoraa warri hamoon sun balleeffamanitti duute. Kanaaf, Yesus, “Haadha manaa Loox yaadadhaa!” jechuunsaa kan nama dinqisiisu miti.
3. Yesus gara boodaa ilaaluu akka hin qabne kan ibse akkamitti?
3 Akka fakkeenyaatti nuyis yeroo gara boodaatti ilaaluun keenya barbaachisa hin taane keessa jirra. Yesus yommuu nama bartuu taʼuusaa dura maatiisaatti nagaa dhaamuuf isa gaafatee ture tokkoof deebii kennetti yaada kana ifa godheera. Yesus, “Eenyu illee hordaa harkaan qabatee gara booddee isaa ilaalaa hin qotu, akkasumas namni kana fakkaatu, hojii mootummaa Waaqayyoo keessatti hin taʼu” jedheera. (Luq. 9:62) Yesus deebii akkasii kennuunsaa hamaa ykn gara jabeessa akka taʼe argisiisaa? Lakki, Yesus gaaffiin namichaa itti gaafatamummaa bartuu taʼuun fidurraa baqachuu akka taʼe beekee ture. Yesus mamii akkasii wantoota ‘gara boodaatti hafan ilaaluu’ wajjin wal fakkeesseera. Namni qotiisarra jiru tokko yeroo muraasaaf wanta duubasaa jiru ilaaluun ykn hordaa gadhiisee of duuba naannaʼuunsaa jijjiirama fidaa? Maaliyyuu yoo taʼe wanta hojjechaa jirurraa yaannisaa hihhiramu, akkasumas hojiinsaa miidhamuu dandaʼa.
4. Iji keenya maalirratti akka xiyyeeffatu gochuu qabna?
4 Wanta darberratti utuu hin taʼin, wanta nu fuuldura jirurratti xiyyeeffachuu qabna. Yaanni kun Fakkeenya 4:25rratti, “Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu, wanta ija kee dura jiru duwwaa ilaali!” jechuudhaan akka ibsame hubadhaa.
5. Wantoota gara boodaatti hafan ilaaluu dhiisuuf sababii akkamii qabna?
5 Wantoota gara boodaatti hafan ilaaluu dhiisuuf sababii gaʼaa qabna. Sababiin kun maalidha? “Guyyoota gara dhumaa” keessa jiraachuu keenyadha. (2 Xim. 3:1) Yeroo dhihoo keessatti magaalota hamoo lama qofa utuu hin taʼin, guutummaa sirna biyya lafaatu bada. Wanti haadha manaa Looxirra gaʼe akka nurra hin geenyeef maaltu nu gargaara? Jalqaba, wantoota gara boodaa akka ilaallu nu qoruu dandaʼan tokko tokko adda baasnee beekuu nu barbaachisa. (2 Qor. 2:11) Kanaaf mee wantoonni kun maal akka taʼaniifi wantoota kanarratti xiyyeeffachuurraa akkamitti fagaachuu akka dandeenyu haa ilaallu.
BARA GARII ISA DARBE
6. Yeroo darbe ilaalchisee wanti yaadannu yeroo hundaa amansiisaa kan hin taane maaliifi?
6 Balaa cimaan nu dogoggorsuu dandaʼu tokko ilaalcha dogoggoraa guyyoota bara durii gaarii taʼaniif qabnudha. Yeroo darbe ilaalchisee wanti yaadannu yeroo hundaa amansiisaa miti. Utuu nutti hin beekamin rakkina nurra gaʼee ture xiqqeessuufi gammachuu argachaa turre guddisnee ilaaluudhaan, jireenyi kanaan dura dabarsine caalaatti gaarii akka ture yaaduu dandeenya. Yaanni dogoggoraa akkasii baroota durii gaarii jedhaman akka hawwinu nu gochuu dandaʼa. Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun, “‘Baroonni darban maaliif baroota ammaa irra wayyu?’ jettee hin gaafatin! Gaaffiin akkasii gaaffii nama ogeessaa miti” jedhee akeekkachiisa. (Lal. 7:10) Yaanni akkasii balaa kan qabu maaliifi?
7-9. (a) Israaʼeloota Gibxii keessa turanirra maaltu gaʼe? (b) Israaʼeloonni gammaduuf sababii akkamii qabu turan? (c) Israaʼeloonni kan guunguman maaliif ture?
7 Wanta Israaʼeloota bara Musee turanirra gaʼe ilaalaa. Jalqaba, Israaʼeloonni Gibxii keessatti kabaja kan qaban taʼus, Yoseef erga duʼee booda, “warri Gibxii namoota Israaʼel hojii jabaadhaan gad qabanii, humnaan akka hojjechiisaniif namoota itti godhan.” (Bau. 1:11) Yeroo boodas Faraʼoon lakkoofsa saba Waaqayyoo xiqqeessuuf jecha Israaʼeloota balleessuuf yaalii godheera. (Bau. 1:15, 16, 22) Kanaaf Yihowaan, “Gad qabamuu saba koo warra Gibxii jiranii argeera; isa isaan warra humnaan isaan hojjechiisan jalaa baʼuudhaaf iyyatanis dhagaʼeera; dhiphina isaaniis ani beeka” jechuunsaa kan nama dinqisiisu hin turre.—Bau. 3:7.
8 Israaʼeloonni biyya garbummaatti jiraatan keessaa yommuu tarree galanii baʼan, gammachuun hangamii akka isaanitti dhagaʼame tilmaamaa! Yommuu Yihowaan Faraʼoon isa mata jabeessaafi namootasaarratti Dhaʼichawwan Kurnan fide, karaa dinqii taʼeen humnasaa arguu dandaʼaniiru. (Baʼuu 6:1, 6, 7 dubbisi.) Dhumarratti Gibxoonni, Israaʼeloota gadhiisuu qofa utuu hin taʼin, warqeefi meetii hedduu isaanii kennuudhaan dafanii akka adeeman waan godhaniif, sabni Waaqayyoo warra Gibxiirra ‘akka guurratan’ ykn akka saamanitti kan ilaalamu ture. (Bau. 12:33-36) Israaʼeloonni, Faraʼooniifi humni waraanaasaa Galaana Diimaa keessatti dhumuusaanii yommuu arganis gammadaniiru. (Bau. 14:30, 31) Haalawwan dinqisiisaa akkasii arguun amantii namaa baayʼee cimsa!
9 Haataʼu malee, namoonni dinqiidhaan oolan kun yeroo muraasa gidduutti guungumuu jalqabuusaanii amanuun baayʼee ulfaata. Kan guunguman maaliif ture? Nyaataaf! Wanta Yihowaan isaanii kennetti gammaduu mannaa, “Qurxummii isa biyya Gibxii tola nyaannu sana in yaadanna; dabaaqul, buqqeen dheedhii nyaatamu, wanti akka goodarree, qullubbiin diimaan, qullubbiin adiinis ija keenya dura in adeema. Amma garuu qoonqoon nu gogeera, maannaadhuma kana malees waan tokko iyyuu hin arginu” jedhanii guunguman. (Lak. 11:5, 6) Eeyyee, biyya garba taʼanii jiraatanitti deebiʼuu hamma barbaadanitti yaannisaanii hihhiramee ture. (Lak. 14:2-4) Israaʼeloonni wantoota gara boodaatti hafan kan ilaalan siʼa taʼu, Yihowaa biratti fudhatama dhabaniiru.—Lak. 11:10.
10. Fakkeenya Israaʼelootaarraa barumsa maalii arganna?
10 Nutoo kanarraa barumsa maalii arganna? Yommuu haalawwan rakkisaa taʼan nu mudatan, tarii utuu dhugaa hin dhagaʼin dura wantoota gaarii argachaa akka turre nutti dhagaʼamanirratti xiinxaluu hin qabnu. Muuxannoo gaarii dabarsinerraa barumsa argannerratti xiinxaluun keenya dogoggora taʼuu baatus, yeroo dabarsine ilaalchisee madaallii keenya eeguufi ilaalcha sirrii qabaachuu nu barbaachisa. Taʼuu baannaan garuu, haala amma keessa jirru jibbuudhaan, gara jireenya keenya isa duriitti deebiʼuuf qoramuu dandeenya.—2 Phexros 2:20-22 dubbisi.
WANTOOTA AARSAA GOONEE TURRE
11. Namoonni tokko tokko aarsaa godhanii turan akkamitti ilaalu?
11 Namoonni tokko tokko wantoota aarsaa godhanii turanirratti xiinxaluudhaan carraa gaariin akka isaan darbetti yaaduunsaanii kan nama gaddisiisudha. Barumsa sadarkaa olaanaa barachuu, iddoo guddaa gaʼuu ykn qarshii hedduu argachuuf carraa hedduu kan qabdu taʼus, wantoota kana hordofuu dhiisuuf murteessiteetta taʼa. Obboloonniifi obboleettonni keenya hedduun, gama daldalaa, bashannanaa, barumsaa ykn ispoortiitiin hojii qarshii hedduu isaanii argamsiisu dhiisaniiru. Amma erga kana godhanii yeroo baayʼeen kan darbe taʼus dhumni hin dhufne. Wantoota kana utuu aarsaa hin goone taʼee maalfaa argachuu akka dandeessu xiinxaltaa?
12. Wantoota boodatti dhiise ilaalchisee Phaawulositti maaltu dhagaʼame?
12 Phaawulos ergamaan, Kiristos duuka buʼuuf jecha wantoota hedduu aarsaa godheera. (Filp. 3:4-6) Wantoota gara boodaatti dhiise ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼame? “Amma garuu Kristosiif jedhee, wanta buʼaa anaaf qaba ture hundumaa akka waan gatameetti lakkaaʼeera” jedheera. Maaliif? Itti dabaluudhaanis, “Dhuguma iyyuu gooftaa koo Kristos Yesusin beekuun hundumaa irra waan caaluuf, ani waan hundumaa akka waan gatameetti nan lakkaaʼa; Kristosin buʼaa koo godhachuudhaaf kun hundinuu anaaf waan gatame taʼeera; akka kosiittis isa lakkaaʼeera” jedheera.a (Filp. 3:7, 8) Akkuma namni kosii gatu tokko, akka waan waa jalaa badeetti booda hin gaabbine, Phaawulos carraawwan biyya lafaa boodatti dhiise kamittiyyuu hin gaabbine. Wantoonni sun akka waan faayidaa qabaniitti isatti hin dhagaʼamne.
13, 14. Fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
13 Carraa gaariin akka nu darbe yaaduu akka jalqabne yoo hubanne maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Fakkeenya Phaawulos hordofaa. Akkamitti? Faayidaa yeroo ammaa argachaa jirtanirratti yaadaa. Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu dandeessaniittu, akkasumas isaaf amanamoo taʼuudhaan seenaa gaarii galmeessitaniittu. (Ibr. 6:10) Qabeenyi biyya lafaa, eebba hafuuraa yeroo ammaafi gara fuulduraatti argannuu wajjin wal gituu dandaʼu jiraa?—Maarqos 10:28-30 dubbisi.
14 Phaawulos ittaansuudhaan wanta amanamoo taanee itti fufuuf nu gargaaru gara biraa caqaseera. ‘Wanta isa booddeetti hafe yaaduu dhiisee, wanta isa dura jirutti akka hiixatu’ dubbateera. (Filp. 3:13) Phaawulos tarkaanfii barbaachisaa taʼan lama akka caqase hubadhaa. Jalqaba, wantoota boodatti hafanirratti garmalee xiinxaluudhaan humnaafi yeroo keenya isa gati jabeessa taʼe qisaasuu dhiisuu qabna. Lammaffaa, akka nama bakka xumura fiigichaa bira gaʼe tokkoo, wanta nu dura jirurratti xiyyeeffachuudhaan gara fuulduraatti hiixachuu qabna.
15. Fakkeenya tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo taʼanirratti yommuu xiinxallu faayidaa maalii arganna?
15 Fakkeenya tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo bara durii turaniifi yeroo harʼaa jiranirratti xiinxaluun keenya, wantoota boodatti hafan yaaduu mannaa fuulduratti deemuu keenya itti fufuuf jajjabina dabalataa nuu kenna. Fakkeenyaaf Abrahaamiifi Saaraan Uriin yaaduusaanii utuu itti fufaniiru taʼee, “itti deebiʼuuf fucha in argatu turan.” (Ibr. 11:13-15) Haataʼu malee, achitti hin deebine. Museen jalqaba yommuu Gibxii baʼe wanta Israaʼeloonni kaan godhan caalaa waan baayʼee aarsaa godheera. Taʼus, wantoota dhiise kana yaadee akka ture wanti argisiisu tokkollee hin jiru. Kanaa mannaa seenaan Macaafa Qulqulluu, “Inni ija isaa gatii isaa isa booddee irra waan kaaʼateef, sooruma Gibxii hundumaa irra, sababii Kristosiif arrabsoo baachuu badhaadhummaa isa caalutti lakkaaʼate” jedha.—Ibr. 11:26.
WANTOOTA GADHEE NU MUDATANII TURAN
16. Wantoota nu mudatanii turanirratti xiinxaluun keenya nu miidhuu kan dandaʼu akkamitti?
16 Wantoonni nu mudatanii turan hundi gaarii taʼuu dhiisuu dandaʼu. Cubbuun ykn dogoggorri kanaan dura hojjenne ammaa amma gara yaada keenyaatti dhufa taʼa. (Far. 51:3) Wanta yommuu gorsi cimaan nuu kenname nutti dhagaʼame ammayyuu ni yaadanna taʼa. (Ibr. 12:11) Jalʼinni nurratti raawwatame ykn akka nurratti raawwatame nutti dhagaʼamu yaada keenya toʼachuu dandaʼa. (Far. 55:2) Yaadni akkasii wantoota boodatti hafanirratti akka xiyyeeffannu akka nu hin goone maal gochuu dandeenya? Mee fakkeenya sadii ilaalaa.
17. (a) Phaawulos, “ani warra Waaqayyoof qulqullaaʼan hundumaa irra nan xinnaadha” kan ofiin jedhe maaliifi? (b) Phaawulos yaada gadheedhaan akka hin moʼamne kan isa gargaare maalidha?
17 Dogoggora kanaan dura raawwanne. Phaawulos waaʼee ofiisaa yommuu ibsu, “Ani warra Waaqayyoof qulqullaaʼan hundumaa irra nan xinnaadha” jedheera. (Efe. 3:8) Akkas kan isatti dhagaʼame maaliif ture? “Waldaa Waaqayyoo waanan ariʼadheef[idha]” jedheera. (1 Qor. 15:9) Phaawulos namoota ariʼachaa ture tokko tokkoo wajjin yommuu wal argu wanta isatti dhagaʼamuu dandaʼu tilmaamuu dandeessaa? Haataʼu malee, Phaawulos yaanni gadheen akkasii akka isa toʼatu heyyamuu mannaa, gaarummaa isatti argisiifamerratti xiyyeeffateera. (1 Xim. 1:12-16) Kan galateeffatu taʼuunsaa tajaajilasaatiif akka kakaʼu isa godheera. Wantoonni Phaawulos irraanfachuuf murteesse cubbuu inni duraan raawwate kan dabalatudha. Nuyis gaarummaa Yihowaan nutti argisiiserratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe, wantoota kanan dura raawwanneefi jijjiiruu hin dandeenyerratti garmalee dhiphannee humna keenya fixuurraa fagaachuu dandeenya. Humna keenya hojii nuu kenname hojjechuuf itti fayyadamuu dandeenya.
18. (a) Gorsa nuu kennamee tureef ilaalcha sirrii hin qabnu taanaan maaltu uumamuu dandaʼa? (b) Wanta Solomoon gorsa fudhachuu ilaalchisee dubbate hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
18 Gorsa cimaa. Gorsa nuu kennamee ture tokko yaanne haaloo qabachuuf kan qoramnu yoo taʼe maal gochuu qabna? Yaanni akkasii nu miidhuu qofa utuu hin taʼin, ‘abdii nu kutachiisuu’ dandaʼa. (Ibr. 12:5, hiika bara 1899) Gorsicha ‘tuffannee’ fudhachuu yoo dhiisne ykn erga fudhannee booda ‘abdii waan nu kutachiiseef’ yoo hojiirra oolchuu dhiisne, gorsichi dhugumaan akka nu fayyaduufi akka nu qulqulleessu waan hin heyyamneef buʼuunsaa tokkumadha. Wanta Solomoon, “Gorsa siif kennamtetti jabaadhu, gad ishee hin dhiisin! Isheen jireenya kee waan taateef, baʼeessa godhii eeggadhu!” jechuudhaan dubbate hordofuun keenya baayʼee barbaachisaadha. (Fak. 4:13) Akkuma konkolaachisaa milikkita karaatiif ajajamu tokkoo, gorsa haa fudhannu, hojiirra haa oolchinu, akkasumas fuulduratti haa adeemnu.—Fak. 4:26, 27; Ibroota 12:12, 13 dubbisi.
19. Amantii Anbaaqomiifi Ermiyaas argisiisan hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
19 Jalʼina nurratti raawwatame ykn akka raawwatame nutti dhagaʼamu. Yeroo tokko tokko akkuma Anbaaqom raajichi Yihowaan wantoota sirrii hin taane tokko tokko maaliif akka heyyame utuu hin hubatin hafuudhaan, Yihowaan firdii akka kennu iyyeetti nutti dhagaʼamuu dandaʼa. (An. 1:2, 3) Amantii raajicha, “Ani Waaqayyotti nan ililcha, Waaqayyo isa na fayyisutti nan gammada” jedhe kanaa hordofuun keenya baayʼee barbaachisaadha. (An. 3:18) Akkuma Ermiyaas durii, guutummaatti Yihowaa isa Waaqa firdii qajeelaa kennutti amanamuudhaan “abdii” keenya yoo eegne, wanti hundi yeroosaatti akka sirreeffamu amantaa qabaachuu dandeenya.—Faru. 3:19-24.
20. ‘Haadha manaa Loox yaadachaa’ akka jirru mirkaneessuu kan dandeenyu akkamitti?
20 Yeroo gammachiisaa taʼe keessa jirra. Wantoonni dinqisiisaa taʼan raawwatamaa jiru; yeroo dhihoottimmoo caalaatti raawwatamu. Hundi keenya jaarmiyaa Yihowaa wajjin qixxee adeemuu keenya itti haa fufnu. Gorsa Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼeefi wantoota gara boodaatti hafan utuu hin taʼin, gara fuulduraa akka ilaallu nuu kenname haa hordofnu. Akkas gochuudhaan ‘haadha manaa Loox yaadachaa’ akka jirru mirkaneessuu dandeenya.
[Miiljalee]
a Afaan jalqabaatiin jechi kan “gatame” jedhamee hiikame, hiika “wanta sareef kenname,” “faltii,” “bobbaa” jedhu qaba. Namni Macaafa Qulqulluurratti yaada kennu tokko, jechi Phaawulos itti fayyadame, “wanta gatii hin qabneefi jibbamaa taʼe tokkorraa fagaachuuf murteessuusaa argisiisa” jedheera.