-
Yihowaan ‘Dhugaa Ni Baasa’Masaraa Eegumsaa—2007 | Amajjii 1
-
-
8 Yesus erga kana isaanitti himee booda fakkeenyi kun akkamitti akka hojiirra oolu akkas jechuudhaan ibse: “Dhaggeeffadhaa, waan abbaan firdii jal’aan kun jedhu! Waaqayyo immoo warra isaaf fo’amanii, guyyaa fi halkan gara isaatti iyyaniif dhugaa isaanii hin baasu[u]fii ree? Yookiis lafa irra duraa harkisaa ree? Ani isinittan hima, dafee dhugaa in baasaaf; haa ta’u iyyuu malee, ilmi namaa yommuu dhufu amantii lafa irratti argata laataa?”—Luqaas 18:1-8.
-
-
Yihowaan ‘Dhugaa Ni Baasa’Masaraa Eegumsaa—2007 | Amajjii 1
-
-
9. Fakkeenya waa’ee haadha hiyyeessaafi abbaa firdii ilaalchisee dubbatamerratti ijoo guddaan addeeffame maalidha?
9 Ijoon dubbii fakkeenya kanaa baay’ee ifaadha. Haasaa Yesus keessattis ta’e fakkeenya namoota akka fakkeenyaatti ibsaman lamaanirratti ifa ta’eera. Haati hiyyeessaa sun: “Firdii qajeelaa anaaf kenni” jettee kadhatteetti. Abbaan firdichaammoo: “Firdii kennuufii anaaf wayya” jedheera. Yesus: “Waaqayyo immoo . . . dhugaa isaanii hin baasu[u]fii ree?” jechuudhaan gaafateera. Yesus, Yihowaa ilaalchisee yommuu dubbatu “dafee dhugaa in baasaaf” jedheera. (Luqaas 18:3, 5, 7, 8) Yihowaan ‘dhugaa kan baasu’ yoomi?
10. (a) Jaarraa tokkoffaatti, yeroon adabaa kan ga’e yoom ture? (b) Saba Waaqayyoo yeroo ammaatti argamaniif dhugaan kan baafamu yoomiifi akkamitti?
10 Jaarraa tokkoffaatti, ‘guyyoonni adabaa’ (ykn ‘yeroon ijaa ba’uu,’ 1899) kan dhufe Dh.K.B. bara 70tti Yerusaalemiifi manni qulqullummaashee yommuu balleeffametti ture. (Luqaas 21:22) Saba Waaqayyoo yeroo har’aatti argamaniifis dhugaan kan baafamu ‘guyyaa Yihowaa isa guddaattidha.’ (Sefaaniyaa 1:14; Maatewos 24:21) Guyyaa sanatti, Yihowaan namoota sabasaa ‘rakkisaniif rakkinaan dugda kan baasu’ yommuu ta’u, Yesusis “warra Waaqayyoon beekuu hin barbaadin, warra wangeela gooftaa keenya Yesusiif hin abboomaminis in adaba.”—2 Tasaloniiqee 1:6-8; Roomaa 12:19.
-
-
Yihowaan ‘Dhugaa Ni Baasa’Masaraa Eegumsaa—2007 | Amajjii 1
-
-
12, 13. (a) Fakkeenya Yesus haadha hiyyeessaafi abbaa firdii ilaalchisee dubbaterraa maal baranna? (b) Yihowaan kadhannaa keenya akka dhaga’uufi akka dhugaa nuuf baasu akkamitti mirkanaa’oo ta’uu dandeenya?
12 Fakkeenyi Yesus dubartii haadha hiyyeessaafi abbaa firdii ilaalchisee dubbate, dhugaa barbaachisaa ta’e garabiraas ni addeessa. Yesus faayidaa fakkeenyichaa yommuu ibsu: “Dhaggeeffadhaa, waan abbaan firdii jal’aan kun jedhu! Waaqayyo immoo warra isaaf fo’amanii[f], . . . dhugaa isaanii hin baasuufii ree?” Yesus fakkeenya sanarratti Yihowaa abbaa firdichaa wajjin wal bira qabee ibsuunsaa, Waaqayyo namoota isatti amanan akkasitti qaba jechuusaa hin turre. Kanaa mannaa, garaagarummaa Yihowaafi abbaa firdichaa gidduu jiru ibsuudhaan bartootasaa waa’ee Yihowaa barsiiseera. Garaagarummaan gidduusaanii jiran tokko tokko maalfa’i?
13 Abbaan firdii fakkeenya Yesusirratti ibsame “jal’aa” kan ture yommuu ta’u, “Waaqayyo [garuu] abbaa firdii isa qajeelaa dha.” (Faarfannaa 7:11; 33:5) Abbaan firdichaa haalli haadha hiyyeessaa kun kan isa hin yaaddessine yommuu ta’u, Yihowaan garuu haalli namoota hundaa isa yaaddessa. (2 Seenaa 6:29, 30) Abbaan firdii kun haadha hiyyeessaa kana gargaaruu hin barbaanne; Yihowaan garuu tajaajiltootasaa gargaaruuf fedhii kan qabu ta’uusaarrayyuu isaan gargaaruufis qophaa’aadha. (Isaayaas 30:18, 19) Kanarraa barumsa maalii arganna? Abbaan firdii inni jal’aan kadhannaa haadha hiyyeessaa sana dhaga’ee erga faradeefii, Yihowaanis kadhannaa tajaajiltootasaa akka dhaga’uufi akka dhugaa isaaniif baasu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—Fakkeenya 15:29.
14. Guyyaa firdii Waaqayyoo isa fuulduratti dhufurratti amantaa dhabuu kan hin qabne maaliifi?
14 Kanaaf, namoonni guyyaa firdii Waaqayyoo isa dhufurratti amantaa hin qabne guddaa dogoggoraniiru. Maaliif? “Guyyaan Yihowaa inni guddaan” dhihoo ta’uusaatiif amantaa qaban laaffisuudhaan, Yihowaan waadaa gale amanamummaadhaan raawwachuu danda’uusaarratti shakkii akka qaban hojiisaaniitiin argisiisaniiru. Haata’u malee, namni kamiyyuu amanamummaa Waaqayyoorratti gaaffii kaasuuf mirga hin qabu. (Iyoob 9:12) Gaaffiin nuti of gaafachuu qabnu hamma dhumaatti amanamaa ta’ee dhaabachuu nan danda’aa? kan jedhu ta’uu qaba. Yaanni Yesusis, xumura fakkeenya waa’ee haadha hiyyeessaafi abbaa firdii ilaalchisee dubbates kana ture.
-