Ragaa Raajiin Kitaaba Qulqulluu Sirrii Taʼuu Isaa Argisiisu
XAALIYAANII KEESSA GIDDU GALA ROOMAATTI SIIDAAN INJIFANNOO DAAWWATTOOTA GUUTUMMAA ADDUNYAARRAA DHUFAN HAWWATU TOKKO DHAABBATEERA. SIIDAAN SUN ULFINA TIITOO ISA MOOTII MOOTOTA ROOMAA JAALLATAMOO KEESSAA TOKKO TAʼEEF KAN DHAABBATEDHA.
Siidaan Tiitoo fakkii guguddaa taʼee seenaa beekamaa tokko argisiisu lama qaba. Baayʼee kan hin beekamne taʼus, siidaa kanaa fi Kitaaba Qulqulluu gidduu walitti dhufeenya dinqisiisaan kan jiru yeroo taʼu, Siidaan Tiitoo kun raajiin Kitaaba Qulqulluu sirrii taʼuu isaa akka gaariitti ragaa baʼa.
MAGAALAA BADIISNI ITTI MURTEEFFAME
Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa jalqabaatti, Bulchiinsi Roomaa Biritaaniyaa fi Gaawul (Faransaayi ishii ammaa) irraa kaʼee hamma Gibxiitti kan balʼatu ture; bulchiinsa tasgabbii fi badhaadhina guddaa qabdu turte. Haa taʼu malee, naannoon fagoo jirtu tokko, jechuunis Yihudaa ishiin tasgabbii hin qabne bulchiinsa Roomaa boqonnaa dhabsiistee turte.
Kitaabni Encyclopedia of Ancient Rome jedhamu akkana jedheera: “Naannoowwan toʼannaa Roomaa jala jiran keessaa naannoon hamma Yihudaa Roomaa wajjin jibba guddaa waliif qabu kan biraan hin jiru jechuun ni dandaʼama. Yihudoonni gooftolii biyya ormaa aadaa isaaniitiif dantaa hin qabne ni jibbu turan; warri Roomaammoo warri Yihudaa mata jabeeyyii taʼuun isaanii wal dandaʼuun akka hin jiraanne akka godhe yaadu turan.” Yihudoonni hedduun masiihiin siyaasaa, warra Roomaa jibbamoo taʼan jalaa bilisa isaan baasuu fi ulfina Israaʼel durii deebisu akka dhufu abdatu turan. Haa taʼu malee Dh.K.B. bara 33tti Yesuus Kiristoos, Yerusaalemirra badiisni guddaan akka gaʼu dubbate.
Yesuus akkana jedheera: “Guyyaan diinonni kee sitti dhufanii, muka qara qabuun naannoo keetti dallaa ijaaranii sitti marsanii fi kallattii hundumaatiin itti si dhiphisan ni dhufa. Isaan sii fi ijoollee kee warra si keessa jiran lafatti dabalu; . . . isaan si keessatti dhagaa dhagaa irratti hin dhiisan.”—Luqaas 19:43, 44.
Barattoonni isaa wanta Yesuus dubbate kana hubachuun isaanitti ulfaatee akka ture ifadha. Guyyaa lama booda mana qulqullummaa Yerusaalem yommuu argan isaan keessaa tokko, “Barsiisaa, dhagootaa fi gamoowwan ajaaʼibsiisoo kana ilaali!” jedhe. Dhagoonni mana qulqullummaa tokko tokko dheerina meetira 11 ol, balʼina meetira 5 fi ol dheerina meetira 3 kan qaban akka turan gabaafameera. Taʼus Yesuus, “Wanti isin amma ilaaltan kun hundi guyyaan itti diigamu ni dhufa; dhagaan dhagaa irra akka kaaʼametti hin hafu” jedhee isaaniif deebise.—Maarqos 13:1; Luqaas 21:6.
Yesuus itti dabaluudhaan akkana isaaniin jedhe: “Yerusaalem loltootaan marfamtee yommuu argitan, yeroo sana badiisni ishii akka dhihaate beekaa. Yeroo sanatti warri Yihudaa keessa jiran gara gaarotaatti haa baqatan; warri ishii gidduu jiran ishii keessaa haa baʼan; warri baadiyyaa jiranis ishiitti hin seenin.” (Luqaas 21:20, 21) Wanti Yesuus dubbate kun raawwatameeraa?
BADIISA MAGAALAA TOKKOO
Waggaan 33 erga darbee boodas Yihudaan waanjoo warra Roomaa jalatti cunqurfamaa turte. Haa taʼu malee, Dh.K.B. bara 66tti abbaan taayitaa Roomaa Yihudaa bulchuu fi Jeesiyuus Filooras jedhamu qabeenya mana kuusaa mana qulqullummaa saamee yeroo fudhatu Yihudoonni baayʼee aaran. Utuma baayʼee hin turin loltoonni Yihudaa gara Yerusaalemitti yaaʼanii loltoota Roomaa biyyattii keessa jiran ajjeesuudhaan Roomaa jalaa bilisa akka baʼan labsan.
Gara jiʼa sadii booda, loltoonni Roomaa 30,000 ol taʼanii fi Seestiyas Gaalasiin geggeeffaman fincila sana dhaabsisuuf gara Yerusaalem dhufan. Warri Roomaa saffisaan gara magaalattiitti kan seenan yeroo taʼu, dallaa alaa naannoo mana qulqullummaa jiru jigsuu jalqabanii turan. Achiis sababii hin beekamneen gara duubaatti deebiʼan. Yihudoonni finciltoota taʼan gammadanii yeruma sana isaan ariʼuu jalqaban. Loltoonni warra Roomaa fi Yihudoonni finciltoota taʼan magaalattii gadhiisanii waan deemaniif, Kiristiyaanonni ajaja Yesuus hordofuudhaan Yerusaalem keessaa baʼanii gara gaarota Laga Yordaanos gamatti argamaniitti baqatan.—Maatewos 24:15, 16.
Waggaa itti aanutti, Roomaan duula Yihudaa irratti geggeeffamu haaressuudhaan, Jeneraal Vaspeeziyaanii fi ilma isaa Tiitoo gara Yihudaatti ergite. Haa taʼu malee, akkuma Mootiin Moototaa Roomaa Neeroon Dh.K.B. bara 68tti duʼeen, Vaspeeziyaan teessoo isaa dhaaluuf duula Yihudaa irratti baname ilma isaa Tiitoo fi loltoota gara 60,000 taʼanitti dhiisee gara Roomaatti deebiʼe.
Dhaloota Kiristoos Booda bara 70 jiʼa Waxabajjiitti, Tiitoon loltoonni isaa mukeetii baadiyyaa Yihudaa keessa jiran akka muran ajaje; isaanis mukeetii kanatti fayyadamanii dallaa kiilomeetira 7 dheeratu Yerusaalemitti marsanii ijaaran. Jiʼa Fulbaanaatti, warri Roomaa magaalattii fi mana qulqullummaa ishii erga saamanii booda ni guban; akkuma Yesuus dursee raajiidhaan dubbatetti dhagaa dhagaa irratti utuu hin hambisin ni jijjigsan. (Luqaas 19:43, 44) Akka tilmaamni tokko ibsetti, “Yerusaalemii fi kutaa biyyattii kaan keessaa namoonni miliyoona ruubii hamma miliyoona walakkaa taʼan dhumaniiru.”
INJIFANNOO MOOTII MOOTOTAA
Tiitoon Dh.K.B. bara 71tti, yommuu gara Xaaliyaanitti deebiʼu namoonni lammii Roomaa taʼan gammachuu guddaadhaan isa simataniiru. Namoonni magaalattii keessa jiran hundi hiriira injifannoo isa guddaa magaalaa guddoo keessatti geggeeffame kanarratti hirmaataniiru.
Namoonni sun qabeenya guddaa daandiiwwan Roomaa irratti yommuu argan baayʼee ajaaʼibsiifamanii turan. Dooniiwwan boojiʼaman, gaariiwwan fakkiin haala yeroo waraanichi geggeeffamaa ture argisiisu irratti kaafamee fi miʼoota mana qulqullummaatii saamaman ilaaluudhaan baayʼee gammadanii turan.
Tiitoon Dh.K.B. bara 79tti teessoo abbaa isaa Vaspeeziyaan dhaaluudhaan mootii moototaa taʼeera. Haa taʼu malee, Tiitoon waggaa lama booda akkuma tasaa duʼe. Achiis obboleessi isaa Damiishin teessoo isaa kan dhaale yeroo taʼu, yeruma sana ulfina Tiitootiif siidaa injifannoo dhaabe.
YEROO HARʼAATTI
Yeroo harʼaatti namoonni kuma dhibbaan lakkaaʼamanii fi waggaa waggaadhaan Roomaa daawwatan Siidaa Tiitoo baayʼee dinqisiifatu. Namoonni tokko tokko siidaa kana hojii ogummaa dinqisiisaa akka taʼetti, namoonni kaan yaadannoo humna guddaa Roomaan qabdu argisiisu akka taʼetti, tokko tokkommoo dhagaa mallattoo Yerusaalemii fi manni qulqullummaa ishii balleeffamuu isaanii argisiisu akka taʼetti ilaalu.
Haa taʼu malee, namoonni Kitaaba Qulqulluu of eeggannoodhaan dubbisan, Siidaan Tiitoo kana caalaa hiika guddaa kan qabu akka taʼetti ilaalu. Ragaa raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka dubbataman, akkasumas amansiisoo fi sirrii taʼuu isaanii argisiisudha.—2 Pheexiros 1:19-21.