Boqonnaa Shan
Birmadummaa Waaqeffattoonni Yihowaa Argatan
1, 2. (a) Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniif mirga akkamii kennee ture? (b) Seerawwan sochiisaanii to’atan tokko tokko caqasi.
YIHOWAAN yeroo Addaamiifi Hewwaaniin uume, birmadummaa namoonni yeroo har’aatti argaman hin qabne argatanii jiraatu turan. Bakki jireenyaasaanii Dhaaba Jannataa Eeden ture. Sammuufi qaamnisaanii gonkummaa waan qabuuf dhukkubni gammachuu isaan dhabsiisu hin turre. Akka namoota isaan booda dhalataniitti duuti isaan hin eeggatu ture. Kana malees, akka meeshaa ajaja namaatiin hojjetuu utuu hin ta’in, kennaa dinqisiisaa wanta barbaadan murteessuuf isaan dandeessisu qabu turan. Haata’u malee, birmadummaansaanii kun akka itti fufu yoo barbaadan seera Waaqayyootiif abboomamuu qabu turan.
2 Fakkeenyaaf, seerawwan uumamaa Waaqayyo baase haa ilaallu. Waaqayyo seerawwan kana Addaamiif Hewwaaniif barreeffamaan kennuu baatus, akkaataan uumamaasaanii seerawwan kanaaf akka abboomaman isaan godha ture. Beelli nyaanni akka isaan barbaachisu, dheebuun bishaan dhuguu akka isaan barbaachisu, biiftuun lixuunsheemmoo akka rafuu qaban isaan yaadachiisa ture. Kana malees Yihowaan hojii isaaniif kennee ture. Maal gochaa jiraachuu akka qaban kan isaan yaadachiisu waan tureef hojiin kun akka seeraatti kan ilaalamu ture. Ijoollee godhachuu, lubbu qabeeyyii lafarra turan olaantummaadhaan to’achuu, hanga guutummaa lafaa waliin ga’anitti Jannata bal’isuu danda’u turan. (Uumama 1:28; 2:15) Seerri kun faayidaa gaarii kan isaaniif argamsiisu hin turree? Seerichi, hojii gammachiisaa akka hojjetaniifi humnasaanii karaa bu’aa gaarii isaaniif argamsiisuun akka itti fayyadaman kan isaan dandeessisu ture. Kana malees, hojii isaaniif kenname akkamitti raawwachuu akka qaban ilaalchisee murtoo gochuu akka danda’an mirgi guddaan isaanii kennameera. Dhugumayyuu Yihowaan wanta isaan barbaachisu hundaa isaanii guuteera jechuun hin danda’amuuree?
3. Addaamiifi Hewwaan murtoo gochuuf birmadummaa isaaniif kennameen karaa seera qabeessa ta’een akkamitti fayyadamuu danda’u turan?
3 Haata’u malee, Addaamiif Hewwaan wanta barbaadan murteessuuf mirgi isaaniif kennameera jechuun, murtoon isaan godhan hundi gaarii ta’a jechuu miti. Mirga murtoo gochuuf isaaniif kennameen gargaaramuu kan qaban seeraafi seerawwan bu’uuraa Waaqayyoo isaaniif kenne keessaa utuu hin ba’inidha. Abboommiifi seerawwan bu’uuraa Waaqayyoo kana barachuu kan danda’an akkamitti? Uumaasaanii dhaggeeffachuufi hojiiwwansaa hubachuudhaan kana barachuu danda’u turan. Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniif dandeettii wanta baratan hojiirra oolchuuf isaan gargaaru isaaniif kenneera. Gonkummaa qabaatanii waan uumamaniif, yeroo murtoo godhan amalawwan Waaqayyoo calaqqisuu ni danda’u turan. Dhugumayyuu wanta Waaqayyo isaaniif godheef dinqisiifannaa kan qabaniifi isa gammachiisuu kan barbaadan utuu ta’ee, of eeggannoodhaan kana raawwachuu ni danda’u turan.—Uumama 1:26, 27; Yohannis 8:29.
4. (a) Addaamiifi Hewwaan ija muka tokkoorraa akka hin nyaanne dhowwamuunsaanii birmadummaa kan isaan dhabsiisu turee? (b) Ajajni kun sirrii kan ture maaliifi?
4 Waaqayyo Uumaasaanii waan ta’eef, hammam akka isaaf ajajamaniifi murtoo gochuu ilaalchisee daangaa inni kaa’eef ajajamuuf hammam akka fedhii qaban ilaaluuf isaan qoruunsaa sirrii ture. Yihowaan Addaamiif abboommii akkas jedhu kennee ture: “Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa in nyaatta; ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta.” (Uumama 2:16, 17) Hewwaanis erga uumamtee booda abboommiin kun itti himamee ture. (Uumama 3:2, 3) Abboommiin kun birmadummaa kan isaan dhabsiisu turee? Matumaa hin turre. Ija mukaa akka irraa hin nyaanne dhowwamaniin alatti, nyaata gosa addaddaa hunda nyaachuu danda’u turan. (Uumama 2:8, 9) Lafa kan uume Waaqayyo waan ta’eef lafti kansaa ta’uushee hubachuu akka qaban gochuunsaa sirrii ture. Kanaafuu, seerawwan kaayyoosaa wajjin wal simaniifi ilmaan namootaa fayyadan baasuuf mirga qaba.—Faarfannaa 24:1, 10.
5. (a) Addaamiifi Hewwaan birmadummaasaanii kan dhaban akkamitti? (b) Birmadummaan Addaamiifi Hewwaan qaban maaliin bakka buufame? Kun nurratti dhiibbaa akkamii geessise?
5 Haata’u malee maaltu ta’e? Ergamaan tokko fedhii ofittummaatiin kaka’ee mirga filannoo gochuuf isaaf kennametti garmalee fayyadamuudhaan Seexana jechuunis “Mormituu” ta’e. Wanta fedha Waaqayyootiin faallaa ta’e Hewwaanitti himuudhaan ishee gowwoomse. (Uumama 3:4, 5) Addaamis Hewwaanii wajjin ta’uudhaan seera Waaqayyoo cabse. Wanta kansaanii hin taane fudhachuudhaan birmadummaasaanii dhaban. Cubbuun isaanirratti kan mo’e yeroo ta’u, akkuma Waaqayyo isaan akeekkachiisee turetti yeroo booda ni du’an. Ijoolleesaaniis cubbuu kan dhaalchisan yeroo ta’u, kunis namoonni wanta dogoggora ta’e gochuuf fedhii akka qabaatan godheera. Cubbuunimmoo ilmaan namootaarratti dhukkuba, dullumaafi du’a fideera. Fedhiin wanta dogoggora ta’e hojjechuuf qabnu kun dhiibbaan Seexanaa itti dabalamee seenaan ilmaan namootaa jibba, yakka, hacuuccaafi waraana lubbuu namoota miliyoonaan lakkaa’amanii galaafateen akka guutamu godheera. Kun hundi birmadummaa Waaqayyo jalqabarratti ilmaan namootaatiif kennee turerraa faallaa kan ta’edha.—Keessa Deebii 32:4, 5; Iyoob 14:1, 2; Roomaa 5:12; Mul’ata 12:9.
Birmadummaan Eessaa Argamuu Danda’a?
6. (a) Birmadummaa dhugaan eessaa argamuu danda’a? (b) Yesus kan dubbachaa ture waa’ee birmadummaa isa kamiiti?
6 Haalawwan gadhee yeroo ammaatti bakka hundaatti mul’atan yeroo ilaallu, namoonni birmadummaa caalmaa qabu hawwuunsaanii kan dinqisiisu miti. Haata’u malee, birmadummaa dhugaan eessaa argamuu danda’a? Yesus akkas jechuudhaan dubbateera: “Dubbii kootti qabamtanii yoo jiraattan, egaa isin dhuguma bartoota koo ti. Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa.” (Yohannis 8:31, 32) Birmadummaan kun garuu, birmadummaa namoonni mootii ykn bulchiinsa tokko mormanii isa kaan deggeruudhaan argatan miti. Kanaa mannaa, birmadummaan kun rakkina ilmaan namootaatiif guutummaatti furmaata kan argamsiisudha. Yesus kan dubbachaa ture waa’ee gabrummaa cubbuurraa birmaduu ba’uuti. (Yohannis 8:24, 34-36) Kanaafuu, namni tokko dhugumaan duuka buutuu Yesus yeroo ta’u jijjiirama ifatti mul’atu godha, akkasumas birmadummaa argata jechuudha.
7. (a) Yeroo ammaatti cubbuurraa birmaduu ba’uu kan dandeenyu karaa kamiini? (b) Birmadummaa kana argachuuf maal gochuu qabna?
7 Kana jechuun garuu Kiristiyaanonni dhugaan yeroo ammaatti argaman dhiibbaa cubbuurraa walaba ta’aniiru jechuu miti. Cubbuu waan dhaalaniif ammayyuu cubbuu wajjin waldhaansoo cimaa godhu. (Roomaa 7:21-25) Haata’u malee, namni tokko dhugumaan barumsa Yesusii wajjin haala wal simuun yoo jiraate garbicha cubbuu hin ta’u. Sana booda cubbuun kan isa to’atuufi kan isa ajaju hin ta’u. Akkaataa jireenyaa kaayyoo hin qabneefi yaada garaa isa ceepha’uun hin rakkatu. Cubbuun kanaan dura hojjete amantii aarsaa Yesusirratti qabuun waan isaaf dhiifamuuf, Waaqayyo duratti yaada garaa qullaa’aa qabaata. Fedhiin cubbuu isa rakkisuu danda’us, barumsawwan Yesus kenne yaadachuudhaan dhiibbaawwan sanaan mo’amuu yoo dide, cubbuun gooftaasaa akka hin taane argisiisa.—Roomaa 6:12-17.
8. (a) Kiristiyaanummaan dhugaa birmaduu akkamii nuuf argamsiiseera? (b) Namoota aangoorra jiraniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
8 Kiristiyaanota dhugaa ta’uu keenyaan birmadummaa arganne mee ilaali. Rakkoowwan barumsi sobaa geessisurraa, barsiifata gadheef gabroomuufi cubbuudhaaf bitamuurraa birmaduu baaneerra. Haala namoonni du’an irratti argamaniifi waa’ee du’aa ka’uu ilaalchisee barumsa dhugaa argachuun keenya, du’a sodaachuurraa walaba nu baaseera. Mootummoonni ilmaan namootaa gonkummaa hin qabne yeroo dhihootti badanii Mootummaa Waaqayyoo isa qajeelummaan keessatti dagaageen akka bakka buufaman beekuun keenya abdii kutachuurraa birmaduu nu baaseera. (Daani’el 2:44; Maatewos 6:10) Haata’u malee, birmadummaan kun namoota aangoorra jiraniifi seera isaan baasaniif akka hin abboomamneef sababii hin ta’u.—Tiitoos 3:1, 2; 1 Phexros 2:16, 17.
9. (a) Yihowaan yeroo ammaatti birmadummaa namoonni argachuu danda’anirra caalu akka argannu kan nu gargaaru akkamitti? (b) Murtoo sirrii ta’e gochuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Yihowaan daandiin jireenyaa gaariin isa kam akka ta’e ofii keenyaa barbaanne akka argannuuf nu hin uumne. Inni akkamitti akka uumamne, akkasumas wantoota nu gammachiisaniifi faayidaa bara baraa nuuf argamsiisan beeka. Inni amalaafi ilaalcha walitti dhufeenya isaa wajjinis ta’e namoota kaanii wajjin qabnu nu jalaa balleessan ykn gara addunyaa haaraatti akka hin galle nu dhowwan beeka. Yihowaan jaalalaan kaka’ee, wantoota kana hundaa karaa Sagaleesaafi karaa jaarmiyaasaa isa ijaan argamuu nu beeksiseera. (Maarqos 13:10; Galaatiyaa 5:19-23; 1 Ximotewos 1:12, 13) Kanaafuu, mirga Waaqayyo filannoo gochuuf nuu kennetti fayyadamnee maal gochuu akka qabnu murteessuu kan qabu nuyidha. Wanta Macaafni Qulqulluun nutti himu yoo hojiirra oolchine haala namoota biyya lafaarraa adda ta’een murtoo gaarii gochuu dandeenya. Akkas gochuudhaanis wanti dursa kennuufii qabnu walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu ta’uusaa argisiisna.
Birmadummaa Garabiraa Hawwuu
10. Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa ta’an tokko tokko birmadummaa akkamii argachuuf hawwu?
10 Darbee darbee dargaggoonni ykn ga’eessonni Dhugaa Baatota Yihowaa ta’an tokko tokko birmadummaa garabiraa hawwu ta’a. Biyyi lafaa kun baay’ee isaan hawwisiisuu danda’a; dhimma kanarratti caalaatti yaadaa yeroo adeemanimmoo, wantoota namoonni biyya lafaa raawwataniifi Kiristiyaanni tokko gochuu hin qabne hawwuu danda’u. Namoonni kun, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu, garmalee dhuguu, ykn ejja raawwachuu hin yaadan ta’a. Haata’u malee, yeroo booda namoota Kiristiyaanota dhugaa hin taanee wajjin walitti dhufeenya gochuudhaan isaan biratti fudhatama argachuuf carraaqqii gochuu jalqabuu danda’u. Achiis akkaataa haasaafi amala namoota kanaa hordofuu jalqabu.—3 Yohannis 11.
11. Takka takka wanta dogoggora ta’e akka hojjennu kan nu sossoban eenyufaa ta’uu danda’u?
11 Al tokko tokko amala gadhee akka argisiisnu kan nu sossobu nama Yihowaan waaqeffadha jedhee dubbatu ta’uu danda’a. Wanti kun Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa tokko tokkorra kan ga’e yeroo ta’u, har’as nurra ga’uu danda’a. Yeroo baay’ee namoonni kun wantoota gammachuu nuuf argamsiisu jedhanii yaadan gochuu barbaadu; haata’u malee, wantoonni kun seera Waaqayyoo wajjin wal faallessu. Namoonni kun warri kaanis wanta “gammachuu namaaf argamsiisa” jedhan kana akka hojjetan jajjabeessu. ‘Ofiisaaniitii garboota badiisaa ta’anii utuu jiranii warra kaan birmadummaa abdachiisu.’—2 Phexros 2:19.
12. Amalawwan abboommiifi seera bu’uuraa Waaqayyo baasee wajjin wal faallessan qabaachuun balaa akkamiitiif nama saaxiluu danda’a?
12 Birmadummaan akkasii kun yeroo baay’ee seera Waaqayyoo akka cabsinu kan nu godhu waan ta’eef bu’aansaa gadheedha. Fakkeenyaaf, saalquunnamtiin seeraa ala ta’e jeequmsa sammuu, dhukkuba, du’aafi gaa’elaan alatti ulfaa’uu fiduufi akkasumas maatii diiguu danda’a. (1 Qorontos 6:18; 1 Tasaloniiqee 4:3-8) Qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuun, wanta xinnootti aaruu, giinga’uu, akka gaariitti ilaaluu dadhabuu, fajajuu, hafuura baafachuu dadhabuu, burjaaja’uufi du’a fiduu danda’a. Kana malees, wanti kun araada waan namatti ta’uuf araada kana guuttachuuf jecha yakka raawwachuutti nama geessuu danda’a. Garmalee dhugaatii alkoolii dhuguunis rakkinuma wal fakkaatuuf nama saaxila. (Fakkeenya 23:29-35) Namoonni gocha kana raawwatan akka waan birmadummaa ba’aniitti isaanitti dhaga’amuu danda’a; haata’u malee garboota cubbuu ta’uusaanii kan hubatan erga yeroonsaa darbee boodadha. Dhugumayyuu cubbuun gooftaa hamaa mitii? Dhimma kanarratti ammuma yaaduun keenya kufaatii akkasiirraa nu eega.—Galaatiyaa 6:7, 8.
Rakkoowwan Eessaa Jalqabu?
13. (a) Yeroo baay’ee hawwiin rakkinaaf nama saaxilu eessaa jalqaba? (b) ‘Hiriyummaa gadheen’ maal akka ta’e hubachuuf ilaalcha eenyuu qabaachuu nu barbaachisa? (c) Yeroo gaaffiiwwan keeyyata 13rratti argaman deebiftu ilaalchi Yihowaa maal akka ta’e akka gaariitti addeessi.
13 Yeroo baay’ee rakkoowwan eessaa akka jalqaban mee yaadi. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Garuu tokkon tokkon namaa kajeellaa ofii isaatii isa hamaadhaan harkifamee yommuu qabamu in qorama. Kajeellaan hamaan erga iddoo ga’ee cubbuu in dhala; cubbuunis erga raawwatamee du’a in dhala.” (Yaaqoob 1:14, 15) Fedhiin kan jalqabu akkamitti? Yaadawwan gara sammuutti galaniinidha. Yeroo baay’ee rakkinni kun namoota seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra hin oolchine hiryoomfachuudhaan dhufa. Dhugaadha, hundumti keenyayyuu ‘hiriyummaa gadheerraa’ fagaachuu akka qabnu beekna. (1 Qorontos 15:33) Haata’u malee, hiriyummaa gadhee inni jedhamu isa akkamiiti? Yihowaan wanta kana akkamitti ilaala? Gaaffiiwwaniifi caqasawwan kanaa gaditti argamanirratti xiinxaluun keenya murtoo sirrii gochuudhaaf nu gargaara.
Namoonni tokko tokko kabajamoo yoo fakkaatan hiriyoota gaarii nuuf ta’uu danda’u jechuudhaa? (Uumama 34:1, 2, 18, 19)
Haasaansaaniifi qoosaansaanii isaaniin hiriyoomfachuu akka dandeenyu kan argisiisudhaa? (Efesoon 5:3, 4)
Namoota Yihowaa hin jaallanne hiriyaa yoo godhanne maaltu isatti dhga’ama? (2 Seenaa 19:1, 2)
Namoota amantii keenya hin hordofnee wajjin kan hojjennuufi kan barannu yoo ta’e, of eeggannoo gochuun kan nu barbaachisu maaliifi? (1 Phexros 4:3, 4)
Televijiiniifi fiilmii ilaaluun, Interneetiidhaan fayyadamuun, akkasumas kitaaba, barruuleefi gaazexaa dubbisuun karaa warra kaanii wajjin hiriyummaa itti uumnudha. Meeshaawwan olitti ibsaman kamirraa fagaachuutu nu barbaachisa? (Fakkeenya 3:31; Isaayaas 8:19; Efesoon 4:17-19)
Hiriyoota ilaalchisee filannoon goonu, namoota akkamii ta’uu keenya Yihowaadhaaf kan ibsu akkamitti? (Faarfannaa 26:1, 4, 5; 97:10)
14. Namoonni yeroo ammaatti amanamummaadhaan gorsa Sagalee Waaqayyoo hojiirra oolchan hundi birmadummaa akkamii argatu?
14 Addunyaa haaraan Waaqayyo yeroo dhihootti fidu dhihaateera. Ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo isheen samiirratti argamtuun, dhiibbaa Seexanaafi sirna hamaa kanaarraa walaba ba’u. Dhiibbaan cubbuu suutuma suuta ilmaan namootaa warra ajajamoo ta’anirraa waan baduuf, sammuudhaanis ta’e qaamaan gonkummaa argachuudhaan Jannata keessatti jireenya bara baraa argatu. Dhumarrattis uumamni hundi birmadummaa ‘hafuura Waaqayyoo’ wajjin guutummaatti wal simu argatu. (2 Qorontos 3:17) Yeroo ammaatti gorsa Sagalee Waaqayyoo keessatti argamu cabsuudhaan eebba kana hundaa dhabuun sirriidhaa? Birmadummaa yeroo ammaatti arganneen sirriitti fayyadamuudhaan, hundi keenya “birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabanii” akka barbaannu haa argisiifnu.—Roomaa 8:21.
Maree Irra Deebii
• Addaamiifi Hewwaan birmadummaa akkamii argatanii turan? Birmadummaan sun haala ilmaan namootaa yeroo har’aatti argamanii wajjin yeroo ilaalamu maal fakkaata?
• Kiristiyaanonni dhugaan birmadummaa akkamii qabu? Kun birmadummaa namoonni biyya lafaa qabna jedhanii wajjin kan wal faallessu akkamitti?
• Hiriyummaa gadheerraa fagaachuun baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Haala Addaamirraa adda ta’een, wantoota gadhee ta’an ilaalchisee gorsa eenyuu fudhachuu qabna?
[Fakkii fuula 36rra jiru]
Sagaleen Waaqayyoo: “Hin gowwoominaa! ‘Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa’” jechuudhaan nu akeekkachiisa