“Akka Inni Kaʼu Beeka”
“Michuun keenya Alaazaar rafeera, anis isa dammaqsuuf achi nan dhaqa.”—YOH. 11:11.
1. Maartaan obboleessa ishii ilaalchisee maal amanti turte? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
MICHUU fi barattuu Yesuus kan taate Maartaan baayʼee gadditeetti. Obboleessi ishii Alaazaar duʼeera. Wanti gadda ishii salphisu jiraa laata? Eeyyee. Yesuus, “Obboleessi kee ni kaʼa” jedhee ishiidhaaf mirkaneesseera. Kun gadda Maartaa guutummaatti hin balleessine taʼa; haa taʼu malee, wanta Yesuus ishii jajjabeessuuf dubbate fudhatteetti. Akkanas jettetti: “Guyyaa dhumaa yeroo duʼaa kaʼuutti akka inni kaʼu beeka.” (Yoh. 11:20-24) Duʼaa kaʼuun gara fuulduraatti akka raawwatamu ni amanti turte. Yesuus garuu guyyuma sanatti Alaazaariin duʼaa kaasuudhaan dinqii raawwate.
2. Amantii akka kan Maartaa qabaachuu kan barbaaddu maaliifi?
2 Yesuusis taʼe Abbaan isaa yeroo harʼaatti dinqii akkasii nuu raawwatu jennee eeguuf sababii hin qabnu. Haa taʼu malee, akkuma Maartaa namni jaallattu tokko gara fuulduraatti duʼaa akka kaʼu ni amantaa? Kan si jalaa duʼe hiriyaa gaaʼelaa, haadha, abbaa, akkoo ykn akaakayyuu kee taʼuu dandaʼa. Yookiin immoo mucaan kee si jalaa duʼee gadditeetta taʼa. Yeroo nama jaallattu sana itti hammattu, itti haasofsiistuu fi wajjin itti kolfitu hawwiidhaan eeggatta. Kan nama gammachiisu, atis akkuma Maartaa, ‘Namni ani jaalladhu kun yeroo duʼaa kaʼumsaatti akka kaʼu nan beeka’ jechuuf sababii gaʼaa qabda. Taʼus, Kiristiyaanni hundi sababii duʼaa kaʼuutti itti amannu irratti yaaduun isaa barbaachisaa dha.
3, 4. Wanti Yesuus dhiheenyatti raawwate amantii Maartaa jabeessee taʼuu kan dandaʼu akkamitti?
3 Maartaan kan jiraattu naannoo Yerusaalem waan taʼeef, yeroo Yesuus magaalaa Naayin ishii Galiilaa keessa jirtutti ilma dubartii abbaan manaa irraa duʼe tokkoo kaasetti ijaan kan argite hin fakkaatu. Seenaa isaa garuu dhageessee taʼuu dandaʼa. Yesuus intala Yaayiros ishii inni Qifrinnaahomitti duʼaa kaasee taʼuu dandaʼu ilaalchisees Maartaan seenaa isaa qofa dhageessee taʼuu hin oolu. Namoonni mana warra intalattii turan ‘duʼuu ishii beeku turan.’ Yesuus harka reeffichaa qabee, “Intalo, kaʼi!” jedheen. Ishiinis yeruma sana kaate. (Luq. 7:11-17; 8:41, 42, 49-55) Maartaanii fi obboleettiin ishii Maariyaam, Yesuus namoota dhukkubsatan fayyisuu akka dandaʼu beeku turan. Kanaafuu, utuu Yesuus isaan wajjin jira taʼee Alaazaar akka hin duune isaanitti dhagaʼame. Amma michuun Yesuus erga duʼee booda hoo maaltu taʼa laata? Maartaan, Alaazaar gara fuulduraatti jechuunis ‘guyyaa dhumaatti’ akka kaʼu dubbachuu ishii hubadhu. Waaʼee kanaa mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeesse maaliifi? Ati hoo namoota jaallattu dabalatee namoonni duʼan gara fuulduraatti akka kaʼan mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu akkamitti?
4 Duʼaa kaʼuun jiraachuu isaa amanuuf sababii gaʼaa qabda. Sababiiwwan kana keessaa tokko tokko yeroo ilaallu, Dubbii Waaqayyoo keessatti wantoota kanaan dura abdii duʼaa kaʼuu wajjin wal qabsiistee hin hubanne ni argatta taʼa.
HAALAWWAN ABDII KEENYA CIMSAN!
5. Alaazaar duʼaa akka kaʼu Maartaa kan amansiise maali dha?
5 Maartaan ‘Obboleessi koo kan kaʼu natti fakkaata’ akka hin jenne hubadhu. Kanaa mannaa, “Akka inni kaʼu beeka” jette. Maartaan dinqiiwwan Yesuus tajaajila jalqabuu isaa dura raawwatamanis waan beektuuf amantiin ishii cimee ture. Waaʼee dinqiiwwan kanaa yeroo ijoollummaa ishiitti manattii fi mana sagadaa Yihudootaatti baratte. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman sadii caqasuu dandeenya.
6. Eliyaas dinqii akkamii raawwate? Kun Maartaa wajjin kan wal qabatu akkamitti?
6 Duʼaa kaʼuun inni jalqabaa kan raawwatame, yeroo Waaqayyo raajii isaa Eliyaasiif dinqii akka raawwatu humna kennaafii turetti dha. Magaalaa Saraaphtaa ishii galaana qarqara turtetti, dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko raajii kana simatte. Waaqayyos dinqiidhaan daakuunii fi zayitiin ishii akka hin dhumne gochuudhaan, ishiinii fi ilmi ishii lubbuudhaan akka itti fufan godhe. (1 Mot. 17:8-16) Yeroo booda ilmi ishii dhukkubsatee duʼe. Eliyaasis ishii gargaaruu dhufe. Eliyaas reefficha tuqee, “Yaa Waaqayyo gooftaa ko, hadaraa lubbuun mucaa kanaa akka itti deebi’u godhi!” jedhee kadhate. Akkuma kadhates ni taʼe! Waaqayyo kadhata Eliyaas dhagaʼuudhaan mucicha duʼaa kaase. Kun, duʼaa kaʼuu Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffame isa jalqabaa dha. (1 Mootota 17:17-24 dubbisi.) Maartaan waaʼee haala dinqisiisaa kanaa akka beektu hin shakkisiisu.
7, 8. (a) Elsaaʼi gadda dubartii takkaa balleessuuf maal akka godhe ibsi. (b) Dinqiin Elsaaʼi raawwate waaʼee Yihowaa maal mirkaneessa?
7 Duʼaa kaʼuu inni lammaffaan Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffame immoo, Elsaaʼi isa Eliyaasitti aanee raajii taʼeen kan raawwatame dha. Dubartii beekamtuun lammii Israaʼel taatee fi Shuneem keessa jiraattu takka Elsaaʼiif simannaa adda taʼe gooteef. Waaqayyo Elsaaʼitti fayyadamuudhaan, dubartii mucaa hin qabne kanaa fi abbaa manaa ishii maanguddoo taʼeef ilma kennuudhaan isaan kiise. Waggoota muraasa booda mucichi ni duʼe. Haati isaa hammam akka gaddite yaadi. Heyyama abbaa manaa ishiitiin karaa gara kiilomeetira 30 taʼu deemuudhaan, Tulluu Qarmelositti Elsaaʼiin argatte. Raajichi kun hojjetaa isaa Gehaaziin of dura gara Shuneemitti erge. Gehaaz mucicha duʼaa kaasuu hin dandeenye. Achiis haati mucichaa ishiin baayʼee gaddite Elsaaʼi wajjin achi geesse.—2Mot. 4:8-31.
8 Achitti Elsaaʼi reeffa mucichaa maddiitti kadhannaa dhiheesse. Mucichis haala dinqii taʼeen duʼaa kaʼee haadha isaa wajjin kan wal arge siʼa taʼu, ishiinis baayʼee gammadde! (2 Mootota 4:32-37 dubbisi.) Dubartiin tun, Haannaan ishiin kanaan dura maseena turte Saamuʼeliin godoo qulqulluu keessa akka inni tajaajilu yeroo geessitetti kadhannaa ishiin dhiheessite yaadattee taʼuu dandaʼa. Haannaan “Waaqayyo . . . gara iddoo lafa jalaatti gad in buusa, achi keessaas ol in baasa” jettee turte. (1 Sam. 2:6) Waaqayyo mucaa Shuneem keessa ture kallattiidhaan duʼaa kaasuun isaa, duʼaa kaasuuf dandeettii akka qabu ifatti kan mulʼise dha.
9. Elsaaʼi duʼaa kaʼuu sadaffaa Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasamee irratti gaʼee akkamii akka qabu ibsi.
9 Elsaaʼii wajjin haala wal qabateen kun dinqii isa xumuraa hin turre. Raajii taʼee waggaa 50 oliif erga tajaajilee booda ‘dhukkubsatee duʼe.’ Yeroo booda reeffi Elsaaʼi lafeetti erga jijjiiramee booda, diinni biyya sana weerare. Israaʼeloonni muraasni nama duʼe tokko awwaaluuf deemaa turan. Diinota isaanii jalaa baqachuuf jecha, reeffa sana awwaala Elsaaʼi keessatti darbatanii fiigan. Akkana kan jedhu dubbisna: “Reeffi namichaa garuu lafee Elsaaʼitti akkuma bu’een, lubbuun keessa in deebite; kanaaf namichi kaʼee in dhaabate.” (2 Mot. 13:14, 20, 21) Seenaawwan waaʼee duʼaa kaʼuu dubbatan kun Maartaadhaaf hiika akkamii akka qaban yaadi! Dhuguma iyyuu Waaqayyo duʼa irratti aangoo qaba. Seenaawwan kun siifis hiika akkamii akka qaban irratti yaadi. Humni Waaqayyoo guddaa fi daangaa kan hin qabne taʼuu isaa si amansiisuu qabu.
HAALAWWAN JAARRAA JALQABAATTI RAAWWATAMAN
10. Pheexiros Kiristiyaana duutee turte takka kan gargaare akkamitti?
10 Kitaabota Qulqulluu jalqaba Afaan Giriikiitiin barreeffaman keessattis, duʼaa kaʼuun kan raawwatame iddoo bakka buutonni Waaqayyoo argamanitti akka taʼe dubbisna. Kanas, duʼaa kaasuu Yesuus magaalaa Naayinii alattii fi mana Yaayirositti raawwate irraa hubachuu dandeenya. Pheexiros ergamaan immoo Dubartii Kiristiyaana Dorqaa (Xaabiitaa) jedhamtu takkaa duʼaa kaasuu irratti hirmaateera. Pheexiros bakka reeffi ishii awwaalaaf qophaaʼee jiru dhufe. Reefficha bira utuu jiruus kadhannaa dhiheesse. Achiis, “Xaabiitaa kaʼi!” jedhe. Ishiinis yeruma sana duʼaa kan kaate yommuu taʼu, Pheexiros Kiristiyaanota kaanitti “fayyaa taʼuu ishii . . .argisiise.” Haalli sun baayʼee amansiisaa waan tureef, “namoonni hedduunis Gooftaatti amanan.” Waaʼee Gooftaa dhugaa baʼuu fi Yihowaan warra duʼan kaasuu akka dandaʼu dubbachuuf isaan dandeessiseera.—HoE. 9:36-42.
11. Luqaas inni ogeessa fayyaa ture, dargaggeessi tokko maal akka taʼe gabaase? Kun hoo warra kaan irratti dhiibbaa akkamii geessise?
11 Namoonni duʼaa kaʼuu kan biraan yeroo raawwatamu ijaan arganis jiru. Yeroo tokko Phaawulos ergamaan Xiroʼaas ishii yeroo ammaatti kaaba dhiha Turkitti argamtutti mana fooqii tokko irratti walgaʼii geggeessaa ture. Haasaa isaa hamma halkan walakkaatti itti fufe. Yeroo kanatti dargaggeessi Awuxikos jedhamu tokko foddaa irra taaʼee dhaggeeffata ture. Haa taʼu malee, hirribni waan isa qabeef fooqii sadaffaa irraa lafatti gadi kufe. Tarii dursee Awuxikos bira kan gaʼe Luqaas isa ogeessa fayyaa ture taʼuu hin oolu; kanaafuu, haala inni irra jiru ilaalchisee, Awuxikos miidhamuu fi of wallaaluu qofa utuu hin taʼin, akka inni duʼe mirkaneesseera. Phaawulosis fooqicha irraa gadi buʼee reeffa sana erga hammatee booda, ‘Inni fayyaa dha’ jechuudhaan beeksisa nama dinqisiisu dubbate. Haalli kun namoota bakka sana turan irratti dhiibbaa guddaa geessisee taʼuu qaba! Yeroo Phaawulos duʼaa isa kaasu kallattiidhaan waan arganiif ‘guddaa ni gammadan.’—HoE. 20:7-12.
ABDII AMANSIISAA
12, 13. Duʼaa kaʼuuwwan olitti ibsaman wajjin haala wal qabateen, gaaffiiwwan akkamii gaafachuun keenya barbaachisaa dha?
12 Seenaan olitti ibsame atis amantii akka Maartaa akka qabaattu si gargaara. Innis Waaqni keenya inni Madda Jireenyaa taʼe namoota duʼan deebisee akka kaasu amantii akka qabaattu gochuu dha. Haa taʼu malee, yeroo Yihowaan dinqiiwwan kana hojjetetti tajaajiltoonni isaa amanamoon kan akka Eliyaas, Yesuus ykn Pheexiros iddoo sana kan turan taʼuun isaa xiyyeeffannaa keenya kan harkisu dha. Waaʼee namoota yeroo kan biraatti duʼanii hoo maal jechuu dandeenya? Baroonni Waaqayyo namoota duʼaa itti hin kaasne erga jiraatanii, namoonni amanamoon, gara fuulduraatti Waaqayyo namoota duʼan ni kaasa jedhanii eeguu ni dandaʼuu? Akka Maartaa ishii “Guyyaa dhumaa yeroo duʼaa kaʼuutti akka [obboleessi koo] kaʼu beeka” jettee isaanitti dhagaʼamuu dandaʼaa? Maartaan amantii akkasii qabaachuu kan dandeesse maaliifi? Ati hoo qabaachuu kan dandeessu akkamitti?
13 Dhugaa isaa dubbachuuf, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan gara fuulduraatti duʼaa kaʼuun akka jiru akka beekan seenaawwan argisiisan hedduun Dubbii Waaqayyoo keessa jiru. Mee muraasa isaanii haa ilaallu.
14. Seenaa waaʼee Abrahaam dubbatu irraa waaʼee duʼaa kaʼuu maal baranna?
14 Yihowaan, Abrahaam Yisihaaq isa sanyii yeroo dheeraadhaaf eegame ture irratti maal akka raawwaatu akka isa gaafate yaadi. Yihowaan akkana jedheen: “Yisihaq ilma kee isa tokkicha isa jaallattu . . . qalma gubamu godhii isa anaaf dhiʼeessi!” (Uma. 22:2) Ajajni akkasii miira akkamii akka namatti uumu yaadi. Yihowaan, karaa sanyii Abrahaam saboonni hundi akka eebbifaman waadaa galeera. (Uma. 13:14-16; 18:18; Rom. 4:17, 18) Kana malees, Yihowaan eebbi kun “karaa Yisihaaq” akka dhufu dubbateera. (Uma. 21:12, NW) Haa taʼu malee, Abrahaam Yisihaaqiin aarsaa gochuudhaan yoo ajjeese kun akkamitti raawwatamuu dandaʼa? Phaawulos hafuuraan geggeeffamee, Abrahaam Waaqayyo Yisihaaqiin duʼaa kaasuu akka dandaʼu amantii qabaachuu isaa ibseera. (Ibroota 11:17-19 dubbisi.) Kitaabni Qulqulluun, Abrahaam yoon ajajame Yihowaan saʼaatii, guyyaa ykn torban tokko keessatti Yisihaaqiin duʼaa kaasa jedhee amanuu isaa hin dubbatu. Abrahaam ilmi isaa yoom duʼaa akka kaʼu beekuu hin dandaʼu ture. Taʼus, Yihowaan Yisihaaqiin duʼaa akka kaasu ni amana ture.
15. Iyoob abdii akkamii akka qabu ibse?
15 Nama amantii kan ture Iyoobis duʼaa kaʼuu gara fuulduraatti raawwatamu hawwiidhaan eeggata ture. Mukti tokko yoo murame deebiʼee latuudhaan akka biqiltuu haaraa taʼuu akka dandaʼu hubatee ture. Namni garuu akkas miti. (Iyo. 14:7-12; 19:25-27) Namni yoo duʼe, awwaala keessaa of kaasuudhaan deebiʼee jiraachuu hin dandaʼu. (2 Sam. 12:23; Far. 89:48) Kana jechuun garuu, Waaqayyo duʼaa nama kaasuu hin dandaʼu jechuu miti. Iyoob Yihowaan isa yaadachuuf yeroo akka murteesse iyyuu ni amana ture. (Iyoob 14:13-15 dubbisi.) Iyoob guyyaan kun itti raawwatamu yoom akka taʼe beekuu hin dandaʼu. Taʼus, Waaqni namoota uume isa yaadachuu akka dandaʼuu fi duʼaa akka isa kaasu ni amana ture.
16. Maleekaan tokko Daaniʼel raajichaaf maal mirkaneesse?
16 Waaʼee Daaniʼel isa nama amanamaa taʼees Kitaaba Qulqulluu irraa baranneerra. Waggoota kudhaniin lakkaaʼaman hedduudhaaf amanamummaadhaan Yihowaa kan tajaajile siʼa taʼu, Yihowaanis isa gargaareera. Yeroo tokko maleekaan tokko “nagaan siif haa ta’u!” “jabaadhu” jechuudhaan Daaniʼel isa “guddaa jaallatamaa” taʼe jajjabeessee ture.—Dan. 9:22, 23; 10:11, 18, 19.
17, 18. Daaniʼeliif yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii akkamiitu kenname?
17 Daaniʼel umuriin isaa gara waggaa 100 taʼee waan tureef duʼa jala gaʼee ture. Tarii, gara fuulduraatti jireenyi isaa maal akka taʼu yaadee taʼuu dandaʼa. Daaniʼel deebiʼee ni jiraataa laata? Kun akka taʼu homaa hin shakkisiisu! Xumura kitaaba Daaniʼel irratti Waaqayyo “Ati garuu hamma dhuma jireenya keetti dhaqi! In boqottas” jechuudhaan isaaf mirkaneessuu isaa dubbisna. (Dan. 12:13) Daaniʼel maanguddichi, namoonni duʼan ‘itti yaadanii waa qopheessuu, beekumsa, ogummaas’ waan hin qabneef boqonnaa irra akka jiran beeka ture. Daaniʼelis dhiheenyatti iddoo kana ni dhaqa. (Lal. 9:10) Taʼus kun dhuma isaa hin taʼu. Abdiin duʼaa kaʼuu isaaf kennameera.
18 Ergaan Daaniʼel raajichatti himame itti fufuudhaan, “Guyyaa isa dhumaa sanattis kaatee in dhaabatta” jedha. Guyyaan isaas taʼe yeroon isaa hammam akka dheeratu itti hin himamne. Daaniʼel umurii isaa duʼaan xumuruu fi boqochuu qaba ture. Taʼu iyyuu, “Gaʼaa kees in argatta!” jedhamuun isaa, erga duʼee yeroo dheeraa booda duʼaa kaʼuuf abdii akka qabu argisiisa. Kun kan taʼu “guyyaa isa dhumaa sanatti.” Za Jerusaalem Baayibil abdii Daaniʼeliif kenname kana yeroo ibsu, “Dhuma yerichaatti gaʼee keetiif ni dhaabbatta” jedha.
19, 20. (a) Wanti hanga ammaatii ilaalle, deebii Maartaan Yesuusiif laatte wajjin kan wal qabatu akkamitti? (b) Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii ilaalla?
19 Dhuguma iyyuu Maartaan obboleessi ishii Alaazaar inni amanamaan ‘guyyaa isa dhumaatti duʼaa akka kaʼu’ amanuuf sababii qabdi turte. Abdiin Daaniʼeliif kennamee fi deebii mirkanaaʼaan Maartaan Yesuusiif laatte, Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiraniifis waan mirkaneessu qaba. Duʼaa kaʼuun jira.
20 Haalawwan kanaan dura dhugumaan raawwataman duʼaa kaʼuun jiraachuu isaa akka mirkaneessan ilaalleerra. Dhiironnii fi dubartoonni Waaqayyoon tajaajilaa turanis, gara fuulduraatti yeroo taʼe tokkotti duʼaa kaʼuun akka jiru ni eegu turan. Haa taʼu malee, duʼaa kaʼuun, abdiin erga kennamee yeroo dheeraa booda raawwatamuu akka dandaʼu wanti argisiisu jiraa? Taanaan, akkuma Maartaa nuyis yeroo duʼaa kaʼuu abdiidhaan eeggachuuf sababii dabalataa qabaanna. Kun kan taʼu garuu yoomi? Kana mata duree itti aanu irratti ilaalla.