CHAPTER 103
Manni Qulqullummaa Ammas Ni Qulqulleeffame
MAATEWOS 21:12, 13, 18, 19 MAARQOS 11:12-18 LUQAAS 19:45-48 YOHAANNIS 12:20-27
YESUUS MUKA HARBUU ABAARE; MANA QULQULLUMMAAS NI QULQULLEESSE
NAMOONNI HEDDUUN JIREENYA AKKA ARGATANIIF YESUUS DUʼUU QABA
Yesuusii fi barattoonni Yerikoodhaa erga dhufanii booda Bitaaniyaa keessa guyyaa sadii bulaniiru. Amma immoo, Wiixata ganama Niisaan 10 yommuu taʼu gara Yerusaalem dhaqaa jiru. Yesuus beelaʼeera. Kanaaf, muka harbuu tokko argee gara mukichaa dhaqe. Harbuun kun firii qabaa laata?
Yeroon isaa xumura jiʼa Bitootessaa ti; harbuun immoo hanga jiʼa Waxabajjiitti firii hin godhatu. Taʼus, baalli isaa yeroo malee laliseera. Kanaaf, Yesuus firiin irraa argadha jedhee akka yaadu isa taasise. Taʼus, firii irraa hin arganne. Baalli kun yeroo malee lalisuun isaa kan nama dogoggorsiisu dha. Achiis Yesuus, “Namni tokko iyyuu kana booda firii si irraa hin nyaatin” jedhe. (Maarqos 11:14) Mukichi yeruma sana goguu jalqabe; barattoonni hiika wanta kanaa guyyaa itti aanu ganama kan baratan taʼa.
Yesuusii fi barattoonni baayʼee utuu hin turin Yerusaalemiin gaʼan. Gara mana qulqullummaa kaleessa waaree booda qulqulleessee deeme. Amma tarkaanfii kana caalu fudhata; tarkaanfii waggaa sadii dura, jechuunis Ayyaana Faasikaa Dh.K.B. bara 30 tti kabajame irratti fudhatee wajjin wal fakkaatu fudhata. (Yohaannis 2:14-16) Yesuus yeroo kanatti “warra mana qulqullummaa keessatti bitanii fi gurguran” gad ariʼe. Akkasumas, “minjaala warra qarshii jijjiiranii fi barcuma warra gugee gurguranii” ni gaggaragalche. (Maarqos 11:15) Namoonni miʼa baatanii oobdii mana qulqullummaa keessa qaxxaamuranii gara kutaa magaalichaa isa kaaniitti akka darban illee hin heyyamne.
Yesuus namoota mana qulqullummaa keessatti qarshii jijjiiranii fi beeyiladoota gurguran irratti tarkaanfii cimaa kan fudhate maaliifi? Akkana jedhe: “‘Manni koo saboota hundaatiif mana kadhannaa jedhama’ jedhamee barreeffameera. Isin garuu holqa saamtotaa gootan.” (Maarqos 11:17) Namoota kanaan saamtota kan jedhe, warra aarsaa dhiheessuuf beeyiladoota isaan irraa bitanitti kaffaltii baayʼisuudhaan buʼaa sirrii hin taane waan isaan irraa argataniifi dha. Yesuus gocha isaanii kana humnaan fudhachuu ykn saamicha akka taʼetti ilaale.
Dura buutonni lubootaa, barsiisonni seeraa fi guguddoonni sabichaa, wanta Yesuus hojjete waan dhagaʼaniif, isa ajjeesuuf carraaqqii cimaa gochuu jalqaban. Taʼus kana gochuu hin dandeenye. Namoonni Yesuusiin dhaggeeffachuuf gara isaatti yaaʼaa waan jiraniif karaa itti isa ajjeesan dhaban.
Yihudoota qofa utuu hin taʼin, namoonni amantii Yihudii fudhatanis Faasikaa kana kabajuuf dhufaniiru. Namoota waaqeffannaadhaaf gara ayyaanichaa dhufan keessatti Giriikonnis ni argamu. Isaanis, tarii Filiphoos inni maqaa Giriikiitiin waamamu xiyyeeffannaa isaanii waan harkiseef isa bira dhaqanii Yesuusiin arguu akka barbaadan isa gaafatan. Filiphoos gaaffii akkasii keessumsiisuun sirrii taʼuu fi dhiisuu isaa mirkanaaʼaa waan hin taaneef Indiriyaasii wajjin mariʼate. Lamaan isaanii dhimmicha Yesuusitti himan; yeroo kanatti Yesuus mana qulqullummaa keessa jiraachuu hin oolu.
Yesuus guyyoota muraasa booda akka duʼu beeka; kanaaf, wanta namoonni gaafataniif deebii kennuu ykn beekamummaa argachuuf carraaqqii gochuun yeroo isaa miti. Ergamoota lamaanitti fakkeenya tokko himuudhaan akkana jedhee deebii kenne: “Saʼaatiin Ilmi namaa ulfina itti argatu gaʼeera. Dhuguma dhuguman isiniin jedha, firiin qamadii tokko lafa buutee yoo duʼuu baatte, firii tokkittii taatee hafti; yoo duute garuu, sana booda firii hedduu godhatti.”—Yohaannis 12:23, 24.
Firiin qamadii tokko faayidaa waan hin qabne fakkaachuu dandeessi. Taʼus, lafa buutee erga ‘duutee’ booda yommuu biqiltuu fi yommuu guddattu firii hedduu kenniti. Haaluma wal fakkaatuun, Yesuus nama mudaa hin qabne tokko dha. Haa taʼu malee, hamma duʼaatti Waaqayyoof amanamaa taʼuudhaan, namoonni akka isaa fedhii isaanii aarsaa godhan hedduun jireenya bara baraa akka argatan karaa bana. Kanaaf, Yesuus, “Namni lubbuu isaa jaallatu hundi ishii balleessa, namni addunyaa kana keessatti lubbuu isaa jibbu garuu jireenya bara baraatiif ishii eeggata” jedhe.—Yohaannis 12:25.
Yaada Yesuus itti aansee dubbate waaʼee mataa isaa qofa akka inni hin yaadne nu hubachiisa. Akkana jedhe: “Namni na tajaajiluu barbaadu hundi ana duukaa haa buʼu, bakka ani jiru tajaajilaan koos achi ni taʼa. Nama na tajaajiluu barbaadu hundaaf, Abbaan ulfina ni kenna.” (Yohaannis 12:26) Kun eebba guddaa mitii? Namoonni Abbaa biratti ulfina argatan Mootummicha keessatti Kiristoosii wajjin bulchu.
Yesuus dhiphina guddaa fi duʼa suukanneessaa isa irra gaʼu yaaduudhaan, “Amma ani dhiphadheera, maal jechuun dandaʼa? Yaa Abbaa, saʼaatii kana irraa na oolchi” jedhe. Taʼus, fedhii Waaqayyoo galmaan gaʼuu irraa duubatti jechuu hin barbaanne. Kanaaf itti fufee, “Haa taʼu malee, ani saʼaatii kanaafan dhufe” jedhe. (Yohaannis 12:27) Yesuus lubbuu isaa aarsaa godhee dhiheessuu dabalatee, kaayyoo Waaqayyoo hunda galmaan gaʼuuf of kenneera.