BOQONNAA 12
“Saba Tokko Isaan Nan Godha”
YAADA IJOO: Waadaa Yihowaan saba isaa walitti qabuuf galee fi raajii waaʼee uleewwan lamaa dubbatu
1, 2. (a) Warri boojuu jala turan kan sodaatan maaliif taʼuu dandaʼa? (b) Wanti isaan hin yaanne kan raawwatame akkamitti? (c) Gaaffiiwwan akkamii irratti mariʼanna?
HISQIʼEL qajeelfama Waaqayyo irraa argateen, mallattoowwan ijaan mulʼatanitti fayyadamee boojiʼamtoota Baabilon keessa jiraatanitti raajiiwwan hedduu dubbateera. Raajiin Hisqiʼel hojiidhaan argisiise inni jalqabaa inni lammaffaanii fi inni sadaffaan ergaa murtii of keessatti qabataniiru. (His. 3:24-26; 4:1-7; 5:1; 12:3-6) Raajiiwwan inni mallattoodhaan argisiise hundi isaanii iyyuu ergaa murtii cimaa Yihudoota irratti darbe kan qabatani dha.
2 Namoonni boojiʼamanii turan Hisqiʼel ammas raajii kan biraa isaanitti argisiisuuf yommuu qophaaʼutti, hammam sodaatanii taʼuu akka qabu mee yaadaa! ‘Amma immoo ergaa badiisaa akkamii nutti himuufi?’ jedhanii yaadanii taʼuu qaba. Haa taʼu malee, wanti Hisqiʼel raawwate wanta isaan hin yaanne ture. Raajiin Hisqiʼel amma argisiisuuf jedhu, raajiiwwan kaan irraa baayʼee adda dha. Raajiin kun murtii sodaachisaa utuu hin taʼin, abdii gammachiisaa of keessatti qabateera. (His. 37:23) Maarree, ergaan Hisqiʼel namoota boojiʼaman kanatti hime maali dha? Ergaan kun hiika akkamii qaba? Tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo harʼaatti argaman kan ilaallatu hoo akkamitti? Mee deebii gaaffiiwwan kanaa haa ilaallu.
“Isaanis Harka Koo Keessatti Tokko ni Taʼu”
3. (a) Uleen ‘Yihudaadhaaf’ jedhamee irratti barreeffame maal argisiisa? (b) ‘Uleen Efreem’ mootummaa gosa kurnanii argisiisa kan jennu maaliifi?
3 Yihowaan, Hisqiʼel ulee lama fuudhee isa tokko irratti ‘Yihudaadhaaf,’ isa kan biraa irratti immoo “Yoseefiif, ulee Efreem” jedhee akka barreessu isa ajajeera. (Hisqiʼel 37:15, 16 dubbisi.) Uleewwan kun lamaan maal argisiisu? Uleen ‘Yihudaadhaaf’ jedhamee barreeffame mootummaa gosa lamaa isa Yihudaa fi Biiniyaamiin of keessatti qabate argisiisa. Mootonni karaa Yihudaa dhufan gosoota lama irratti bulchu turan; akkasumas luboonni mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamu keessatti waan tajaajilaniif, hojii lubummaa wajjin walitti dhufeenya qabu turan. (2 Sen. 11:13, 14; 34:30) Kanaafuu, mootummaan Yihudaa, mootota karaa Daawit dhufanii fi Leewwota hojii lubummaa hojjetan of keessatti qabateera. ‘Uleen Efreem’ immoo mootummaa Israaʼel isa gosoota kurnan qabate argisiisa. Akkas kan jennu maaliifi? Mootiin jalqabaa mootummaa gosoota kudhanii Yeroboʼaam isa gosa Efreem keessaa dhufe dha. Yeroo boodas Efreem, Israaʼel keessatti gosa ol aantummaa qabu taʼe. (Kes. 33:17; 1 Mot. 11:26) Mootummaan Israaʼel gosa kurnanii mootota karaa Daawit dhufan ykn luboota gosa Leewwii taʼan kan of keessatti qabate akka hin taane hubadhaa.
4. Wanti Hisqiʼel itti aansuudhaan uleewwan lamaan irratti raawwate maal argisiisa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
4 Hisqiʼel uleewwan lamaan sun “ulee tokko akka taʼaniif” akka walitti isaan qabu ajajameera. Boojiʼamtoonni Hisqiʼeliin ilaalaa turan, “Wantoonni kun hiika maalii akka qaban nutti hin himtuu?” isaan jedhan. Innis hojiin argisiisni kun wanta Yihowaan raawwatu kan argisiisu akka taʼe isaanitti hime. Yihowaan uleewwan lamaan sana ilaalchisee, “Ulee tokko isaan nan godha; isaanis harka koo keessatti tokko ni taʼu” jechuudhaan dubbateera.—His. 37:17-19.
5. Wanti Hisqiʼel hojiidhaan argisiise hiika maalii qaba? (Saanduqa, “Uleewwan Lamaan Walitti Qabsiisuu” jedhu ilaali.)
5 Achiis, Yihowaan uleewwan wal qabatan lamaan hiika maalii akka qaban ibseera. (Hisqiʼel 37:21, 22 dubbisi.) Namoonni mootummaa Yihudaa gosa lamaanii fi mootummaa Israaʼel gosa kurnanii (Efreem) keessaa boojiʼaman biyya Israaʼelitti ni deebiʼu, achittis “saba tokko” ni taʼu.—Er. 30:1-3; 31:2-9; 33:7.
6. Hisqiʼel boqonnaa 37 irratti raajiiwwan wal fakkaatan akkamiitu argama?
6 Raajiiwwan waaʼee haaromsaa dubbatamanii fi Hisqiʼel boqonnaa 37 irratti argaman walitti dhufeenya qabu. Yihowaan Waaqa saba isaa boojuu jalaa bilisa baasu (lakkoofsa 1-14) qofa utuu hin taʼin, Waaqa saba isaa tokko godhu (lakkoofsa 15-28) taʼuu isaa ni argisiisa. Raajiiwwan lamaan kun ergaa nama jajjabeessuu fi boojiʼamuunis taʼe wal qoqqooduun kana booda akka hin jiraanne ibsu qabateera.
Yihowaan kan “Walitti Isaan Qabe” Akkamitti?
7. Yaanni 1 Seenaa 9:2, 3 irratti argamu ‘Waaqayyoof wanti hundi akka dandaʼamu’ kan mirkaneessu akkamitti?
7 Akka ilaalcha namootaatti namoonni boojiʼaman kun bilisummaa fi tokkummaa waan argatan hin fakkaatu ture.a “Waaqayyoof garuu wanti hundi ni dandaʼama.” (Mat. 19:26) Yihowaan raajii dubbate raawwateera. Boojuun Baabilon Dh.K.D. bara 537tti xumurame, achiis namoonni mootummaa Yihudaa fi Israaʼel irraa dhufan, waaqeffannaa dhugaa deebisanii hundeessuu irratti gargaarsa gochuuf gara Yerusaalem dhaqaniiru. Seenaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame tokko, “Sanyiiwwan Yihudaa, sanyiiwwan Biiniyaam, sanyiiwwan Efreemii fi sanyiiwwan Minaasee tokko tokko Yerusaalem keessa jiraatan” jechuudhaan nuuf mirkaneessa. (1 Sen. 9:2, 3; Iz. 6:17) Dhuguma iyyuu akkuma Yihowaan dursee dubbate, namoonni mootummaa Israaʼel gosa kurnanii keessaa dhufan, mootummaa Yihudaa gosa lamaa wajjin tokko taʼaniiru.
8. (a) Isaayyaas raajii akkamii dubbate? (b) Hisqiʼel 37:21 irratti yaadawwan barbaachisoo taʼan akkamii lama ibsamaniiru?
8 Gara waggaa 200 dura Isaayyaas raajichi, Yihudaa fi Israaʼel boojuudhaa erga deebiʼanii booda, akkamitti tokko akka taʼan dursee raajii dubbateera. Isaayyaas, Yihowaan “Asoor keessaa” dabalatee ‘Israaʼel keessaa warra bittinnaaʼanii’ fi ‘Yihudaa keessaa warra faffacaʼan golee lafaa arfan irraa’ akka walitti qabu dubbateera. (Isa. 11:12, 13, 16) Dhuguma iyyuu, Yihowaan akkuma dursee dubbate, ‘saboota gidduudhaa Israaʼelota’ baaseera. (His. 37:21) Yaadawwan barbaachisoo caqasicha irratti ibsaman lama hubadhaa: Yihowaan yeroo kanatti namoota boojiʼaman kana “Yihudaa” fi “Efreem” jedhee waamuu mannaa, akka saba tokkootti “Israaʼelota” jedhee waameera. Kana malees Israaʼelonni saba tokko, jechuunis Baabilon keessaa qofa utuu hin taʼin, saba hedduu keessaa fi “kallattii hundumaa irraa” akka dhufan ibsameera.
9. Yihowaan warri boojuudhaa deebiʼan tokko akka taʼan kan isaan gargaare akkamitti?
9 Israaʼelonni boojuudhaa erga deebiʼanii booda Yihowaan tokko akka taʼan kan isaan gargaare akkamitti? Yihowaan Israaʼelotaaf tiksitoota hafuuraa kanneen akka, Zarubaabel, Iyyaasuu isa luba ol aanaa taʼe, Izraa fi Nahimiyaa isaaniif kenneera. Kana malees Waaqayyo, raajota kanneen akka, Haagee, Zakkaariyaasii fi Miilkiyaas isaaniif muudeera. Dhiironni amanamoo taʼan kun hundi, sabichi qajeelfama Waaqayyoo akka hordofu jajjabeessuuf cimanii hojjetaniiru. (Nah. 8:2, 3) Dabalataanis Yihowaan, shira diinonni Waaqayyoo xaxan fashaleessuudhaan saba Israaʼeliif eegumsa godheera.—As. 9:24, 25; Zak. 4:6.
10. Seexanni yeroo booda maal gochuu irratti milkaaʼeera?
10 Yihowaan jaalalaan kakaʼee qophii kana hunda kan isaaniif godhe taʼus, hedduun isaanii waaqeffannaa qulqulluu utuu hin hordofin hafaniiru. Gochi isaanii kun kitaabota Kitaaba Qulqulluu boojuudhaa erga deebiʼanii booda barreeffaman keessatti galmeeffameera. (Iz. 9:1-3; Nah. 13:1, 2, 15) Boojuudhaa erga deebiʼanii jaarraa tokko keessatti, Israaʼelonni waaqeffannaa qulqulluu irraa baayʼee waan fagaataniif Yihowaan, “Gara kootti deebiʼaa” isaaniin jedheera. (Mil. 3:7) Yeroo Yesuus gara lafaa dhufetti, amantiin Yihudootaa tiksitoota amanamoo hin taaneen geggeeffamu, garee garaa garaa hedduutti qoqqoodamee ture. (Mat. 16:6; Mar. 7:5-8) Yeroo sanatti Seexanni, guutummaatti tokkummaan akka hin jiraanne gochuu irratti milkaaʼina argatee ture. Haa taʼu malee, raajiin Yihowaan tokkummaa ilaalchisee dubbate utuu hin raawwatamin hin hafu. Akkamitti?
“Tajaajilaan Koo Daawit Mootii Isaanii ni Taʼa”
11. (a) Yihowaan raajii tokkummaa ilaalchisee dubbate irratti maal ibseera? (b) Seexanni erga samii irraa gad darbatamee booda maal gochuuf yaaleera?
11 Hisqiʼel 37:24 dubbisi. Yihowaan raajiin tokkummaa ilaalchisee dubbatame guutummaatti saba isaa gidduutti kan raawwatamu, ‘tajaajilaan isaa Daawit,’ jechuunis Yesuus Mootii taʼee yommuu bulchuu jalqabutti akka taʼe ibseera; kun immoo bara 1914tti raawwatameera.b (2 Sam. 7:16; Luq. 1:32) Yeroo sanatti Israaʼel foonii, Israaʼel hafuuraa warra dibamtoota taʼaniin bakka buufameera. (Er. 31:33; Gal. 3:29) Keessumaa Seexanni erga samii irraa gad darbatamee booda, ammas tokkummaa saba Waaqayyoo gidduu jiru balleessuuf kutatee kaʼe. (Mul. 12:7-10) Fakkeenyaaf, obboleessi keenya Raasil bara 1916tti erga duʼee booda Seexanni gantootatti fayyadamuudhaan, dibamtoota gidduutti wal qoqqoodinsi akka uumamu gochuuf yaalee ture. Taʼus utuma baayʼee hin turin gantoonni kun jaarmiyicha keessaa baʼaniiru. Kana malees Seexanni yeroo sanatti obboloota dura buutota taʼanii tajaajilan mana hidhaatti galchuudhaan kan milkaaʼe taʼus, saba Waaqayyoo garuu balleessuu hin dandeenye. Obboloonni dibamoon Yihowaadhaaf amanamoo taʼuudhaan itti fufan tokkummaa isaanii eeganii jiraachuu dandaʼaniiru.
12. Carraaqqiin Seexanni Israaʼel hafuuraa qoqqooduuf godhe kan isaaf hin milkoofne maaliifi?
12 Kanaafuu, Israaʼelota foonii irraa haala faallaa taʼeen, Israaʼelonni hafuuraa malawwan Seexanni isaan qoqqooduuf qopheesseef harka hin kennine. Carraaqqiin Seexanaa kan hin milkoofne maaliifi? Sababiin isaas dibamtoonni ulaagaalee Yihowaa hordofuuf wanta isaaniif dandaʼame waan godhaniifi. Kanaan kan kaʼes eegumsa Yesuus Kiristoos isa mootii isaanii taʼee fi Seexana injifachaa jiru sanaa argataniiru.—Mul. 6:2.
Yihowaan Waaqeffattoonni Isaa ‘Tokko Akka Taʼan’ ni Godha
13. Raajiin uleewwan lama walitti qabsiisuu ilaalchisee dubbatame, dhugaa barbaachisaa akkamii nu barsiisa?
13 Raajiin waaʼee uleewwan lama walitti qabsiisuu dubbatu yeroo harʼaatti hiika maalii qaba? Kaayyoon raajii kanaa gareewwan lama akkamitti tokko akka taʼan fakkeenyaan ibsuuf akka taʼe yaadadhaa. Hundumaa caalaa raajiin kun, tokkummaa kana kan fidu Yihowaa taʼuu isaa ibsa. Maarree, raajiin uleewwan lama walitti qabuu ilaalchisee fakkeenyaan ibsame, waaʼee waaqeffannaa qulqulluu dhugaa barbaachisaa akkamii addeessa? Gabaabumatti raajiin kun, Yihowaan ofuma isaatii waaqeffattoota isaa ‘tokko akka godhu’ ibsa.—His. 37:19.
14. Bara 1919 irraa eegalee, raajiin waaʼee uleewwan walitti qabsiisuu dubbatu raawwii isaa isa guddaa kan argate akkamitti?
14 Bara 1919 irraa eegalee sabni Waaqayyoo karaa hafuuraa erga qulqullaaʼanii fi jannata hafuuraa keessa seenuu erga jalqabanii booda, raajiin waaʼee uleewwan walitti qabsiisuu dubbatu raawwii isaa isa guddaa argachuu jalqabe. Yeroo sanatti namoota walitti qabamuudhaan tokko taʼan keessaa baayʼeen isaanii, samii irratti moototaa fi luboota taʼuuf abdii kan qaban turan. (Mul. 20:6) Akka fakkeenyaatti dibamtoonni kun ulee “Yihudaa” isa mootota karaa Daawit dhufanii fi luboota gosa Leewwii taʼan of keessatti qabatee wajjin wal fakkaatu. Haa taʼu malee yeroo booda, namoonni abdii lafa irra jiraachuu qaban hedduun, Yihudoota hafuuraa kanaa wajjin walitti makamaniiru. Namoonni kun immoo “ulee Efreem” isa mootota karaa Daawit dhufanii fi luboota gosa Leewwii taʼan of keessatti hin qabannee wajjin wal fakkaatu. Gareewwan kun lamaan, Mootii isaanii isa tokkicha kan taʼe Yesuus Kiristoos jalatti tokko taʼanii Yihowaa tajaajilu.—His. 37:24.
“Isaanis Saba Koo ni Taʼu”
15. Raajiin Hisqiʼel 37:26, 27 irratti ibsame, yeroo harʼaatti raawwatamaa kan jiru akkamitti?
15 Raajiin Hisqiʼel iyyuu namoonni hedduun, dibamtootaa wajjin waaqeffannaa qulqulluu irratti hirmaachuuf akka kakaʼan dubbata. Yihowaan saba isaa ilaalchisee, ‘Ani isaan nan baayʼisa; dunkaanni koos isaan irra ni taʼa’ jedheera. (His. 37:26, 27; milj.) Jechoonni kun raajii erga Hisqiʼel jiraatee gara waggaa 700 booda Yohaannis ergamaatti himaman nu yaadachiisu; raajichis, “Inni teessicha irra taaʼe sunis dunkaana isaa [tuuta uummataa guddaa] irra ni diriirsa” jedha. (Mul. 7:9, 15) Yeroo harʼaatti dibamtoonnii fi tuutni uummataa guddaan akka saba tokkootti, jechuunis akka saba Waaqayyootti dunkaana isaa isa eegumsa isaaniif argamsiisu jala jiraachaa jiru.
16. Zakkaariyaas, Israaʼel hafuuraa fi warri lafa irra jiraachuuf abdii qaban tokko akka taʼan ilaalchisee raajii akkamii dubbate?
16 Zakkaariyaas inni boojuudhaa deebiʼe, Yihudoonni hafuuraa fi namoonni lafa irra jiraachuuf abdii qaban tokko akka taʼan raajii dubbateera. ‘Namoonni saboota hundumaa keessaa dhufan kudhan uffata nama Yihudii tokkoo cimsanii qabatanii, ‘Waaqayyo isinii wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuti isinii wajjin deemuu barbaanna’’ akka jedhan dubbateera. (Zak. 8:23) Yaanni “Yihudii tokko” jedhu nama tokko utuu hin taʼin, garee namootaa kan argisiisu dha. Yeroo harʼaatti warri “isin” jedhamanii ibsaman dibamtoota hafan ykn Yihudoota hafuuraa argisiisu. (Rom. 2:28, 29) ‘Namoonni kudhan’ immoo warra lafa irra jiraachuuf abdii qaban argisiisu. Namoonni kun dibamtoota ‘cimsanii qabachuudhaan isaanii wajjin deemu.’ (Isa. 2:2, 3; Mat. 25:40) Jechoonni ‘cimsanii qabachuu’ fi “wajjin deemuu” jedhan gareewwan kun lamaan guutummaatti tokko taʼuu isaanii kan argisiisu dha.
17. Yesuus tokkummaa yeroo harʼaatti qabnu kan ibse akkamitti?
17 Yesuus tiksee akka taʼee fi qajeelfama isaa jalatti, hoolonni isaa (dibamtoonni) fi ‘hoolonni kan biroon’ (warri lafa irra jiraachuuf abdii qaban) tuuta tokko akka taʼan yommuu dubbatu, raajii Hisqiʼel tokkummaa ilaalchisee dubbate sammuutti qabatee taʼuu dandaʼa. (Yoh. 10:16; His. 34:23; 37:24, 25) Abdiin gara fuulduraatti qabnu maal iyyuu yoo taʼe jechoonni Yesuusii fi raajonni bara durii turan dubbatan, yeroo harʼaatti tokkummaa karaa hafuuraa qabnu akka gaariitti kan ibsani dha. Yeroo amantiin sobaa garee hammana hin jedhamnetti qoqqoodamaa jiru kanatti, nuti tokkummaa dinqisiisaa qabna.
“Iddoon Qulqulluun Koo Bara Baraaf Isaan Gidduu” ni Taʼa
18. Akkuma Hisqiʼel 37:28 irratti ibsame, sabni Waaqayyoo ‘kutaa addunyaa kanaa taʼuu dhiisuun’ isaanii baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
18 Hisqiʼel raajii tokkummaa ilaalchisee dubbate isa dhumaa keessatti, wanti tokkummaan keenya akka hin badne godhu maal akka taʼe addeesseera. (Hisqiʼel 37:28 dubbisi.) Sabni Waaqayyoo tokko kan taʼan iddoon isaa inni qulqulluun ykn waaqeffannaan isaa inni qulqulluun “isaan gidduu” waan jiruufi. Qulqulluu taʼanii yoo jiraatan ykn addunyaa Seexanaa irraa yoo adda of baasan, iddoon isaa inni qulqulluun isaan gidduu jiraachuu isaa itti fufa. (1 Qor. 6:11; Mul. 7:14) Yesuus kutaa addunyaa kanaa taʼuu dhiisuun barbaachisaa taʼuu isaa addeesseera. Kadhannaa garaadhaa maddee fi barattoota isaa bakka buʼee dhiheesse irratti akkana jedheera: ‘Yaa Abbaa Qulqulluu, isaanis tokko akka taʼaniif isaan eegi; isaan kutaa addunyaa miti, dhugichaanis isaan qulqulleessi.’ (Yoh. 17:11, 16, 17) Yesuus “tokko” taʼuu, ‘kutaa addunyaa taʼuu dhiisuu’ wajjin kan wal qabsiise akkamitti akka taʼe hubadhaa.
19. (a) ‘Waaqayyoon kan fakkaannu’ taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti, tokkummaa ilaalchisee dhugaa barbaachisaa akkamii ibseera?
19 Yesuus Waaqayyoon, “Abbaa Qulqulluu” jedhee akka waame kan galmeeffame bakka kanatti qofa dha. Yihowaan guutummaatti qulqulluu fi qajeelaa dha. Inni “Ani qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼaa” jechuudhaan Israaʼelota durii ajajeera. (Lew. 11:45) ‘Waaqayyoon kan fakkaannu’ waan taaneef guutummaa jireenyaa keenya keessatti ajaja kana hojii irra oolchuu barbaanna. (Efe. 5:1; 1 Phe. 1:14, 15) Jechi “qulqulluu” jedhu namootaa wajjin haala wal qabateen yommuu itti hojjetamu hiika “adda baʼuu” jedhu qaba. Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti, barattoonni isaa addunyaa kanaa fi wantoota addunyaa kana qoqqoodan irraa yoo fagaatan, tokko taʼanii akka itti fufan ibseera.
‘Isa Haamaa Sana Irraa Isaan Eegi’
20, 21. (a) Eegumsa Yihowaa irratti amanannaa qabnu kan nuuf cimsu maali dha? (b) Maal gochuuf murteessiteetta?
20 Tokkummaa dinqisiisaan Dhugaa Baatota Yihowaa gidduu jiru, Yihowaan kadhannaa Yesuus ‘Isa haamaa sana irraa isaan eegi’ jechuudhaan dhiheesseef deebii kennuu isaa kan mirkaneessu dha. (Yohaannis 17:14, 15 dubbisi.) Seexanni tokkummaa saba Waaqayyoo balleessuu dadhabuun isaa, amanannaa eegumsa Waaqayyoo irratti qabnu nuuf cimsa. Yihowaan raajii Hisqiʼel keessatti uleewwan lamaan sun harka isaa keessatti tokko akka taʼan dubbateera. Kanaafuu Yihowaan, harka isaa isa eegumsa argamsiisu jalatti, karaa dinqisiisaa taʼeen saba isaa tokko godheera; Seexannis tokkummaa kana balleessuu hin dandaʼu.
21 Maarree, murtoon keenya maal taʼuu qaba? Tokkummaa dinqisiisaa yeroo ammaatti arganne kanaaf gaʼee keenya gumaachuuf, cimnee hojjechuu keenya itti fufuu qabna. Tokkoon tokkoon keenya kana gochuu kan dandeenyu karaa barbaachisaa kamiini? Yeroo hundumaa waaqeffannaa qulqulluu mana qulqullummaa hafuuraa Yihowaa keessatti dhihaatu irratti hirmaachuudhaani. Boqonnaawwan itti aanan irratti waaqeffannaan kun maalfaa akka dabalatu ilaalla.
a Raajiin kun Hisqiʼelitti himamuu isaa gara jaarraa lamaa dura, jiraattonni mootummaa gosa kurnanii (‘uleen Efreem’) boojiʼamanii gara Asooritti geeffamanii turan.—2 Mot. 17:23.
b Raajiin kun Boqonnaa 8ffaa kitaaba kanaa keessatti balʼinaan ibsameera.