Waaqayyo Maalfaa Sii Godheera?
“Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!”—Yohannis 3:16
Caqasni kun caqasoota Macaafa Qulqulluu beekamaa taʼaniifi yeroo baayʼee caqasaman keessaa tokkodha. Caqasni akka caqasa kanaa “walitti dhufeenya Waaqayyo ilmaan namootaa wajjin qabuufi daandii fayyinaa akka gaariitti ibsu” akka hin jirre dubbatama. Kanaan kan kaʼes, biyyoota tokko tokkotti yaanni caqasichaa ykn “Yohannis 3:16” kan jedhu qofti bakka namoonni itti walgaʼan, konkolaataarratti, keenyaniifi k.k.f. irratti maxxanfamee argama.
Kanarraa hubachuun akkuma dandaʼamu, namoonni caqasa kana barreeffatan jaalalli Waaqayyoo fayyina barabaraa isaaniif argamsiisuu akka dandaʼu itti dhagaʼama. Atoo maal sitti fakkaata? Jaalalli Waaqayyoo siif hiika akkamii qaba? Waaqayyo jaalala akkasii sitti argisiisuuf wanti inni sii godhe tokko akka jiru sitti dhagaʼamaa?
‘WAAQAYYO AKKASITTI BIYYA LAFAA JAALLATE’
Namoonni hedduun, Waaqayyo ilmaan namootaa dabalatee wantoota uumama cufa keessatti argaman hunda akka uume ni amanu. Lubbu qabeeyyiin haala wal xaxaafi dinqisiisoo taʼeen uumaman, qaamni dandeettii hundarra caalu qabuufi isaan uume tokko akka jiru argisiisu. Waaqayyo jireenya waan isaanii kenneef, namoonni guyyaa guyyaadhaan isa galateeffatan hedduunis jiru. Namoonni kun Waaqayyo, jireenyi akka itti fufu gochuuf jecha qilleensi, bishaanni, nyaanniifi sirni marsaa uumamaa akka jiraatu akka godheefi guutummaan lubbu qabeeyyii isarratti kan hundaaʼe akka taʼe ni hubatu.
Waaqayyo waan hundumaa waan nuu godheef, jechuunis waan nu uumeef, akkasumas wanta lubbuudhaan itti fufuuf nu dandeessisu waan nuu kenneef isa galateeffachuu qabna. (Faarfannaa 104:10-28; 145:15, 16; Hojii Ergamootaa 4:24) Wanta inni nuu kenneefi lubbuudhaan akka jiraannu nu dandeessisan irratti ennaa yaannu, dinqisiifannaan jaalala inni nutti argisiiseef qabnu ni dabala. Phaawulos ergamaan, “[Waaqayyo] sanyii namaa hundumaaf, jireenyaa fi qilleensa, kan isa barbaachisu hundumaas in kenna . . . Nuyi isatti in jiraanna, in sochoona, in argamnas” jechuudhaan barreesseera.—Hojii Ergamootaa 17:25, 28.
Waaqayyo wantoota karaa foonii nu barbaachisan nuu kennuu malees karaa hedduutiin jaalalasaa nutti argisiiseera. Fedhii hafuuraa akka qabaannuufi fedhii kana akka guuttannuuf qophii gochuudhaan uumamawwan lafarra jiran hunda caalaa kabaja nuu kenneera. (Maatewos 5:3) Haala kanaan ilmaan namootaa ajajamoo taʼan maatii Waaqayyoo, jechuunis “ijoollee Waaqayyoo” taʼuuf abdii qabu.—Roomaa 8:19-21.
Yohannis 3:16 Waaqayyo, waaʼeesaa akka nu barsiisuufi nuuf jedhee akka duʼuuf Ilmasaa Yesusiin gara lafaatti erguudhaan jaalala nuuf qabu akka argisiise ibsa. Namoonni baayʼeen garuu, Yesus ilmaan namootaatiif jedhee duʼuunsaa maaliif akka barbaachiseefi duutisaa jaalala Waaqayyo nuuf qabu kan mulʼisu akkamitti akka taʼe hubachuun isaan rakkisa. Kanaaf, Yesus duʼuunsaa barbaachisaa kan taʼeefi faayidaa duutisaa argamsiise ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun ibsu haa ilaallu.
‘TOKKICHA ILMASAA NUU KENNE’
Ilmaan namootaa cubbuu waan dhaalaniif dhukkuba, dullumaafi duʼaaf saaxilamaniiru. Kaayyoon Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu garuu kana hin turre. Kanaa mannaa, Addaamiifi Hewwaan barabaraaf lafa jannata taaterra akka jiraatan barbaadee ture. Jireenya kana argachuu kan dandaʼan garuu Waaqayyoof yoo abboomaman qofa ture. Waaqayyo, abboommiisaa yoo cabsan akka duʼan isaanitti himee ture. (Uumama 2:17) Taʼus, Addaam Waaqayyoof abboomamuu waan dideef ofiisaarras taʼe sanyiisaarra duuti akka gaʼu godhe. Phaawulos ergamaan, “Cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal gaʼe” jechuudhaan barreesseera.—Roomaa 5:12.
Haataʼu malee, Waaqayyo “haqa ni jaallata.” (Faarfannaa 37:28, NW) Waaqayyo, cubbuu Addaam taʼe jedhee raawwate callisee irra darbuu baatus, balleessaa nama tokkootiin ilmaan namootaa hundi barabaraaf gidiraan akka isaanirra gaʼuufi akka duʼan hin murteessine. Kanaa mannaa, seera “qooda lubbuu lubbuu” jedhutti fayyadamee haqaan kan murteesse siʼa taʼu, kunis ilmaan namootaa abboomamoo taʼan jireenya barabaraa argachuu akka dandaʼan kan godhudha. (Baʼuu 21:23) Taʼus gaaffiin, ‘Lubbuun mudaa hin qabneefi Addaam akka badu godhe deebiʼee kan argamu akkamitti?’ jedhu kaʼuu dandaʼa. Kun kan taʼu, namni lubbuu Addaam isa mudaa hin qabnee wajjin walgitu aarsaa yoo taʼe qofadha.
Haataʼu malee, ilmaan namootaa keessaa namni aarsaa akkasii kaffaluu dandaʼu akka hin jirre beekamaadha. Yesus garuu akkas gochuu ni dandaʼa. (Faarfannaa 49:6-9) Yesus cubbuu waan hin dhaalleef, akkuma Addaam mudaa hin qabu ture. Kanaaf, lubbuusaa aarsaa gochuudhaan ilmaan namootaa garbummaa cubbuu jalaa bilisa baaseera. Akkas gochuudhaan ijoolleen Addaamiifi Hewwaan lubbuu mudaa hin qabneefi isa Addaam isaan dhabsiise akka argatan carraa isaaniif baneera. (Roomaa 3:23, 24; 6:23) Qophii jaalalaan nuuf godhame kanarraa faayidaa argachuuf maal gochuu qabna?
“ISATTI KAN AMANU HUNDINUU”
Yohannis 3:16 itti fufuudhaan, “[Yesusitti] kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” jedha. Kanaaf, jireenya barabaraa argachuuf dhiisuun keenya nurratti kan hundaaʼedha jechuudha. Jireenya “bara baraa” argachuu yoo barbaanne, Yesusitti amanuufi isaaf abboomamuu qabna.
Yesus, “Isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatu” erga jedhee, ‘Abboomamuun maaliif barbaachise?’ jettee gaafatta taʼa. Amantii qabaachuun barbaachisaa akka taʼe beekamaadha. Haataʼu malee, Macaafa Qulqulluu keessatti Yesusitti amanuun qofti gaʼaa akka hin taane ibsamuusaa yaadachuun barbaachisaadha. Kitaabni Vaayins Eksipooziitarii Dikshinarii oov Oold eendi Niiwu Testaamanti Wordis jedhamu, jechi afaan Giriikii Yohannis itti fayyadame “calluma jedhanii wanta tokko fudhachuu utuu hin taʼin, haala wanta sanaa wajjin walsimuun jiraachuu” kan argisiisu akka taʼe ibseera. Namni tokko Waaqayyo biratti fudhatama argachuu yoo barbaade, Yesus Fayyisaa taʼuusaa amanee fudhachuunsaa qofti gaʼaa miti. Kanaa mannaa, wanta Yesus barsiise hojiirra oolchuuf carraaqqii gochuu qaba. Namni tokko amantiisaa hojiidhaan hin argisiisu yoo taʼe, amantiinsaa qofti fudhatama hin qabu. Macaafni Qulqulluun, “Amantiin hojii gaarii hin argisiifne duʼaa dha” jedha. (Yaaqoob 2:26) Kana jechuun, namni tokko Yesusitti akka amanu argisiisuu, jechuunis amantiisaa kanaa wajjin haala walsimuun jiraachuu qaba.
Phaawulos, “Namni tokko [Yesus] hundumaaf akka duʼe . . . amannee waan fudhanneef, jaalalli Kristos nu qaba. Egaa warri jiraatan siʼachi isa isaaniif jedhee duʼee, duʼaa kaafameef malee, ofii isaaniitiif akka hin jiraannetti, inni hundumaaf duʼeera” jechuudhaan ibseera. (2 Qorontos 5:14, 15) Dinqisiifannaan aarsaa Yesus nuuf kaffaleef qabnu, ofii keenyaaf utuu hin taʼin isa nuuf jedhee duʼeef jiraachuuf, jechuunis akkaataa jireenyaa keenyarratti jijjiirama gochuuf nu kakaasa. Kanaaf, barumsa Yesus barsiise jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuuf dursa kennuu qabna. Kunis, wanta dursa kenninuuf, filannaa keenyaafi wanta raawwannu hunda kan tuqudha. Namoonni Yesusitti akka amanan hojiidhaan argisiisan eebba akkamii argatu?
“JIREENYA BARA BARAA HAA QABAATUUF MALEE, HAA BADUUF MITI”
Yaanni xumuraa Yohannis 3:16rra jiru, abdii Waaqayyo namoota qophii aarsaa furichaatti amananiifi seera amalaa Waaqayyo baaseen geggeeffamaniif gale kan ibsudha. Waaqayyo namoonni amanamoon akkasii ‘jireenya barabaraa akka argatan malee, akka badan’ hin barbaadu. Namoonni qophii Waaqayyo jaalalarratti hundaaʼee godhe kanarraa faayidaa argatan garee lamatti qoodamu.
Namoonni miseensa garee isa tokkoo taʼan samiirratti jireenya barabaraa akka argatan Yesus waadaa isaaniif galeera. Isaa wajjin akka bulchaniif iddoo isaaniif qopheessuu akka deemu bartootasaa amanamoo taʼanitti himee ture. (Yohannis 14:2, 3; Filiphisiiyus 3:20, 21) Namoonni duʼaa kaʼuudhaan gara samii deeman, “luboota Waaqayyoo, luboota Kristosis taʼanii, isaa wajjin waggaa kuma tokkoof moʼu.”—Mulʼata 20:6.
Mirga akkasii kan argatan duuka buutota Kiristos lakkoofsisaanii muraasa taʼe qofadha. Kana ilaalchisee Yesus, “Isin yaa warra karra xinnayyoo nana! . . . hin sodaatinaa; abbaan keessan mootummaa isaa isiniif kennuu jaallateera” jedheera. (Luqaas 12:32) Baayʼinni miseensota “karra xinnayyoo” kanaa meeqadha? Mulʼanni 14:1, 4 akkas jedha: “Hoolicha tulluu Xiyoon irra dhaabate nan arge; namoonni kumaatamni dhibbaa fi kumni afurtamii arfan, warri maqaan isaa, maqaan abbaa isaatiis adda isaaniitti caafamee ture, isaa wajjin turan. . . . Isaan kun warra sanyii namaa keessaa Waaqayyoo fi hoolichaaf furaman, warra jalqabaa ti.” Namoonni 144,000 kun, namoota lafarra jiraataniifi biliyoona hedduutti lakkaaʼamanii wajjin yommuu walbira qabaman “karra xinnayyoo” jedhamuunsaanii sirriidha. Namoonni mootota akka taʼan ibsaman kun kan bulchan eenyuunidha?
Yesus waaʼee miseensota garee lammaffaa amanamoo taʼaniifi badhaasa Mootummaa samiirraa dhufuu argatanis dubbatee ture. Yohannis 10:16, Yesus, “Warra gola kanatti galan malees hoolota kan biraa qaba; isaan immoo yaasuun anaaf in taʼa, sagalee koos in dhagaʼu; walitti karra tokko in taʼu, tikseen isaaniis tokko in taʼa” jechuudhaan akka dubbate ibsa. ‘Hoolonni’ kun, lafa ishee Addaamiifi Hewwaan akka irra jiraatan Waaqayyo yaadee turerra barabaraaf jiraachuuf abdii qabu. Hoolonni kun abdiinsaanii lafarra jiraachuu taʼuusaa akkamitti beekuu dandeenya?
Macaafni Qulqulluun lafti gara Jannataatti akka jijjiiramtu irra deddeebiʼee ni dubbata. Kun dhugaa taʼuusaa mirkaneeffachuuf Macaafa Qulqulluu keerraa caqasoota armaan gadii akka dubbistu si afeerra: Faarfannaa 37:9-11; 46:8, 9; 72:7, 8, 16; Isaayaas 35:5, 6; 65:21-23; Maatewos 5:5; Yohannis 5:28, 29; Mulʼata 21:4. Caqasoonni kun waraanni, beelli, dhukkubniifi duuti kan balleeffaman taʼuusaa ibsu. Namoonni gaariin mana mataasaanii akka ijaarratan, ooyiruu mataasaanii akka misoomsan, akkasumas naannoo naga qabeessa taʼe keessatti ijoolleesaanii guddisuu akka dandaʼan addeessu.a Maarree yeroo abdiin kun itti raawwatamu arguuf hin hawwituu? Abdiin kun dhiheenyatti kan raawwatamu taʼuusaa sababa itti amannu qabna.
WAAQAYYO WAAN BAAYʼEE SII GODHEERA
Wanta Waaqayyo siifis taʼe ilmaan namootaa hundumaaf godherratti utuu yaaddee, ammayyuu taanaan wanta baayʼee akka inni nuuf godhe hubachuu ni dandeessa. Fakkeenyaaf, jireenya, dandeettii yaaduu, wantoota jireenyaaf barbaachisaniifi hamma tokkommoo fayyaa qabna. Wanti kana hundarra caalu, yaada Yohannis 3:16rraa barreefi Waaqayyo, Yesus nuuf jedhee akka duʼu gochuusaa yommuu taʼu, kunis eebba guddaa nuuf argamsiiseera.
Addunyaa nagaa qabuufi namatti tolu, akkasumas dhukkubni, waraanni, beelli ykn duuti keessa hin jirre keessa barabaraaf jiraachuun gammachuufi eebba dhuma hin qabne akka argamsiisu hin shakkisiisu. Eebba kana argachuuf dhiisuun filannaa keerratti kan hundaaʼedha. Maarree, gama keetiin Waaqayyoof maal gochaa jirta?
a Raajiiwwan kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 3 ilaali.