Midhaan Hafuuraa Sassaabuu Isa Guddaarratti Guutummaatti Hirmaadhaa
“Hojii gooftaa caalchisaa hojjedhaa!”—1 QOR.15:58.
1. Yesus bartootasaatiif afeerrii akkamii dhiheesse?
YESUS, dhuma Dh.K.B. bara 30tti Samaariyaa keessa utuu darbaa jiruu, magaalaa Siikaar ennaa gaʼu ni boqote. Achitti bartootasaatiin, ‘Ija keessaniin maasicha ilaalaa! Midhaan bilchaatee, haamaan gaʼeera’ jedhe. (Yoh. 4:35) Yesus, kallattiidhaan waaʼee midhaan sassaabuu utuu hin taʼin, waaʼee namoota garaa qajeeloo duuka buutotasaa taʼan sassaabuu dubbachaa ture. Kana kan dubbate, bartoonnisaa hojii kanarratti akka hirmaatan kakaasuuf ture. Hojiin hojjetamuu qabu baayʼee siʼa taʼu, yeroon hafemmoo xinnoo ture!
2, 3. (a) Yeroo midhaan itti sassaabamu keessa akka jiraannu kan argisiisu maalidha? (b) Matadureen kun waaʼee maalii ibsa?
2 Wanti Yesus hojii midhaan sassaabuu ilaalchisee dubbate, yeroo keenyaaf hiika guddaa qaba. Yeroo maasiin addunyaa ilmaan namootaa ‘midhaansaa bilchaatee haamaadhaaf gaʼe’ keessa jiraanna. Waggaa waggaatti, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman afeerrii dhugaa jireenya namaa kennu akka baratan isaaniif dhihaatu kan fudhatan yommuu taʼu, bartoonni haaraan kuma hedduudhaan lakkaaʼamanis ni cuuphamu. Yihowaa isa Abbaa midhaanichaa taʼe jalatti, hojii midhaan sassaabuu isa guddaa yeroo kamiyyuu caalaa raawwatamaa jirurratti hirmaachuuf mirga arganneerra. Hojii midhaan sassaabuu kana ‘caalchistee hojjechaa’ jirtaa?—1 Qor. 15:58.
3 Yesus, waggaa sadiifi walakkaa lafarratti tajaajilaa turetti, gaʼee hojii midhaan sassaabuurratti raawwataniif bartootasaa qopheesseera. Matadureen kun, barumsa barbaachisaa hedduu Yesus bartootasaa barsiise keessaa sadiirratti ibsa kenna. Tokkoon tokkoon barumsichaa, hojii bartoota sassaabuu yeroo ammaa hojjetamu kanarratti hamma dandeenyee hirmaachuuf ennaa carraaqnu, amala akkamii qabaachuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe addeessa. Mee amalawwan kana tokko tokkoon haa qorru.
Gad Of Deebisuun Barbaachisaadha
4. Yesus gad of deebisuun barbaachisaa taʼuusaa fakkeenyaan kan ibse akkamitti?
4 Haala kanarratti yaadaa: Yeroo muraasa dura bartoonni Yesus isaan keessaa eenyu akka caalu wal mormaa turan. Shakkiifi jibbi waliif qaban ammayyuu fuulasaaniirraa mulʼachuu hin oolu. Kanaaf, Yesus mucaa xinnoo tokko waamee isaan gidduu dhaabe. Mucichatti quba qabaa akkas jedhe: “Eenyu illee akka mucaa kanaatti yoo gad of deebise [ykn, “eenyullee xinnoo yoo of godhe,” Baayingitan] mootummaa waaqaatti hundumaa irra kan caalu isa.” (Maatewos 18:1-4 dubbisi.) Bartoonni Yesus, akka biyya lafaa aangoo, qabeenyaafi beekamummaadhaan nama madaalu kanaatti yaaduu hin qaban turan. Kanaa mannaa, warra kaan kan caalan isaan biratti ‘xinnoo yoo of godhan’ akka taʼe hubachuu qabu turan. Yihowaan kan isaan eebbisuufi kan isaanitti fayyadamu, yoo dhugumaan akka gad of deebisan argisiisan qofadha.
5, 6. Hojii midhaan sassaabuurratti guutummaatti hirmaachuuf, gad of deebisuu kan qabnu maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.
5 Hanga ammaatti, namoonni addunyaarra jiran hedduun aangoo, qabeenyaafi beekamummaa argachuuf guutummaatti of kennaniiru. Kanaan kan kaʼe, dhimmawwan hafuuraatiif yeroon qaban xinnoodha; yookiinimmoo yeroo hin qaban. (Mat. 13:22) Faallaa kanaatiin, sabni Yihowaa Abbaa midhaanichaatiin eebbifamuufi isa duratti fudhatama argachuuf, warra kaan biratti ‘xinnoo of gochuun’ isaan gammachiisa.—Mat. 6:24; 2 Qor. 11:7; Filp. 3:8.
6 Fakkeenyaaf, Firaansiiskoo isa Ameerikaa Kibbaatti jaarsa gumii taʼee tajaajilu ilaalaa. Yeroo dargaggeessa turetti, qajeelchaa taʼuuf jedhee barumsa yunivarsiitii addaan kute. Akkas jechuudhaan waan yaadatu dubbata: “Yeroo booda yommuun gaaʼela godhadhe, hojii anaafi haadha manaa kootiif qarshii gaarii argamsiisu argachuu nan dandaʼa ture. Haataʼu malee, jireenya keenya salphaa gochuufi tajaajila yeroo guutuudhaan itti fufuuf murteessine. Booddee, ijoolleen waan dhalataniif rakkinni dabalataa nu mudate. Taʼus, Yihowaan murtoo keenyatti akka cichinu nu gargaareera.” Firaansiiskoon akkas jechuudhaan xumura: “Waggoota soddomaa ol taʼaniif, mirgawwan tajaajilaa adda taʼan kaan malees jaarsa gumii taʼee tajaajiluuf mirga argadheera. Jireenya salphaa jiraachuu keenyaan matumaa gaabbinee hin beeknu.”
7. Gorsa Roomaa 12:16rra jiru hojiirra oolchuuf carraaqqii akkamii gooteetta?
7 Amala “ol of qabuu” biyya lafaa fudhachuu diduudhaan, ‘yoo gad of deebistan,’ [NW] isinis hojii midhaan sassaabuurratti eebbaafi mirga dabalataa hedduu argachuu dandeessu.—Rom. 12:16; Mat. 4:19, 20; Luq. 18:28-30.
Jabaatanii Hojjechuun Nama Kiisa
8, 9. (a) Fakkeenya Yesus waaʼee meetii dubbate gabaabsii ibsi. (b) Fakkeenyi kun keessumaa eenyuun jajjabeessuu dandaʼa?
8 Hojii midhaan sassaabuu kanarratti hirmaachuuf amalli barbaachisu inni kaanimmoo, jabaatanii hojjechuudha. Yesus fakkeenya waaʼee meetii dubbaterratti kana ifa godheera.a Fakkeenyichi, waaʼee nama biyya fagoo deemuusaa dura qabeenyasaa hojjettoota sadiitti kennate tokkoo dubbata. Hojjetaan inni duraa meetii kuma shan, lammaffaan meetii kuma lama, sadaffaanimmoo meetii kuma tokko fudhatan. Erga gooftaansaanii deemee booda, hojjettoonni lamaan jabaatanii hojjechuudhaan yeruma sana meetiisaaniitiin ‘ittiin bitanii gurguran.’ Hojjetaa inni sadaffaan garuu, “dhibaaʼaa” waan tureef lafa qotee meetiisaa awwaale. Namichi yommuu deebiʼee dhufu, hojjettoota lamaan jalqabaa “waan guddaa irra” dhaabuudhaan isaan badhaase. Meetii hojjetaa isa sadaffaatti kennatee ture garuu isarraa fuudhee, hojjetaa sana maatiisaa keessaa ariʼe.—Mat. 25:14-30.
9 Akkuma hojjettoota fakkeenya Yesus dubbaterratti jabaatanii hojjetan sanaa, hojii bartoota gochuurratti guutummaatti hirmaachuu akka barbaaddu beekamaadha. Haataʼu malee, haalli yeroo ammaa keessa jirtu wanta raawwachuu dandeessu yoo si jalaa daangesse maal goota? Tarii haalli dinagdee ulfaataa taʼe, maatiikeetiif waan barbaachisu dhiheessuuf saʼaatii dheeraa akka hojjettu si dirqisiisa taʼa. Yookiinimmoo, jabinaafi fayyaa yeroo dargaggeessa turte qabdu dhabdee taʼuu dandaʼa. Akkas taanaan, fakkeenyi waaʼee meetii dubbatu yaada si jajjabeessu qabateera.
10. Abbaan meetii fakkeenyicha keessatti ibsame, haala namaa tilmaama keessa akka galchu kan argisiise akkamitti? Kunoo kan si jajjabeessu maaliifi?
10 Gooftaan fakkeenyicha keessatti ibsame, humni hojjettootasaa addadda akka taʼe kan beeku taʼuusaa hubadhu. Meeticha “akkuma akka humna isaaniitti” isaanii kennuudhaan kana argisiiseera. (Mat. 25:15) Hojjetaan inni jalqabaa, akkuma isarraa eegame hojjetaa isa lammaffaa caalaa buufateera. Haataʼu malee, gooftichi hojjettoonni kun “hojjetaa gaarii dhaa fi amanamaa” akka taʼan dubbachuudhaan, lamaansaaniiyyuu jabaatanii hojjechuuf carraaqqii godhan akka dinqisiifatu argisiiseera; badhaasa wal fakkaatus isaanii kenneera. (Mat. 25:21, 23) Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan inni hojii midhaan sassaabuurratti Abbaa taʼe, haalli keessa jirtu tajaajilasaarratti hamma dandeessu akka hin raawwanne si dhowwuu akka dandaʼu beeka. Carraaqqii garaa guutuudhaan isa tajaajiluuf gootus ni hubata; kana gochuu keetiifis si eebbisa.—Mar. 14:3-9; Luqaas 21:1-4 dubbisi.
11. Haalawwan rakkisaa keessatti carraaqqii gochuun akkamitti eebba argamsiisuu akka dandaʼu fakkeenyaan ibsi.
11 Haalli Salmiiraa obboleettii keenya ishee Biraaziil keessa jiraattuu, tajaajila Waaqayyoorratti jabaatanii hojjechuun, haala mijaaʼaa qabaachuurratti kan hundaaʼe akka hin taane argisiisa. Waggaa digdama dura, saamtonni abbaa manaa Salmiiraa qawweedhaan ajjeesan. Yeroo kanatti qofaashee ijoollee xixinnoo sadii guddisuu qabdi turte. Mana namaatti qacaramtee kan hojjettu siʼa taʼu, kan hojettummoo saʼaatii dheeraadhaaf ture. Achi gaʼuuf konkolaataa humnaa ol feʼeen adeemsa nama dadhabsiisu gochuu gaafata ture. Rakkina akkasii keessa utuu jirtuu, qajeelchaa taʼuu akka dandeessuuf haalashee mijeessite. Booddee ijoolleeshee keessaa lamaanis qajeelchitoota taʼan. Salmiiraan akkas jetteetti: “Waggoota darbanitti, namoonni digdamaa ol taʼan anaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabatanii miseensota ‘maatiikoo’ taʼaniiru. Hamma harʼaatti wal jaallanna; akkasumas michoota walii taaneerra. Kun qabeenya qarshiidhaan bitamuu hin dandeenyedha.” Gooftaan hojii midhaan sassaabuu, carraaqqii Salmiiraan goote dhugumaan eebbiseeraaf!
12. Hojii lallabaarratti jabaannee hojjechuu kan dandeenyu akkamitti?
12 Haalli amma keessa jirtu, yeroo tajaajilarratti dabarsuu dandeessu yoo si jalaa daangesse, tajaajilakee caalaatti buʼa qabeessa gochuudhaan, hirmaannaa hojii midhaan sassaabuu kanarratti gootu guddisuu dandeessa. Yaadawwan gaggaarii Walgaʼii Tajaajilaa torbanitti godhamurratti dhihaatan hojiirra yoo oolchite, dandeettii lallabuukee kan guddifattu taʼuusaarrayyuu, malawwan haaraatti fayyadamtee lallabuuf carraaqqii goota. (2 Xim. 2:15) Kana malees, qophii gumiin tajaajilaaf godhu deggeruu akka dandeessuuf, kan dandaʼamu yoo taʼe sagantaa haaraa baafachuu ykn sochiiwwan baayʼee barbaachisaa hin taane dhiisuu dandeessa.—Qol. 4:5.
13. Amala jabaatanii hojjechuu horachuufi guddifachuuf wanti nu kakaasu inni guddaan maalidha?
13 Jabaannee kan hojjennu, garaadhaa kan galateeffannu yoo taʼe qofaa taʼuusaa yaadadhu. (Far. 40:8) Hojjetaa sadaffaan fakkeenya Yesus dubbate keessatti ibsame, gooftaansaa gara jabeessaafi humnaa ol kan nama gaafatu akka taʼe yaaduudhaan isa sodaata ture. Kanaan kan kaʼe, hojjetichi meetiisaa qabeenya gooftaasaa baayʼisuuf itti hojjechuu mannaa ni awwaale. Dhibaaʼummaa akkasiirraa fagaachuuf, Yihowaa isa hojii midhaan sassaabuurratti Gooftaa taʼee wajjin walitti dhufeenya gaarii uumuufi walitti dhufeenya kana qabaannee itti fufuun keenya barbaachisaadha. Jaalala, obsaafi ooʼa dabalatee, amalawwansaa gaggaarii taʼanirratti qayyabannaa gochuufi xiinxaluuf yeroo ramadi. Kana yoo goote, tajaajilasaarratti hamma humna keetii hirmaachuuf garaadhaa kakaata.—Luq. 6:45; Filp. 1:9-11.
“Qulqulloota Taʼaa!”
14. Namoonni hojii midhaan sassaabuurratti hirmaachuu barbaadan ulaagaa barbaachisaa akkamii guutuu qabu?
14 Phexros Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaarraa caqasuudhaan, fedha Waaqayyo tajaajiltootasaa lafarra jiraniif qabu yeroo ibsu akkas jedheera: “Inni isin waame qulqulluu akkuma taʼe, isinis adeemsa keessan hundumaan qulqulloota taʼaa! Inni caaffata qulqullaaʼaa keessatti, ‘Ani qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼaa!’ jedheera.” (1 Phe. 1:15, 16; Lew. 19:2; Kes. 18:13) Yaanni kun, namoonni hojii midhaan sassaabuurratti hirmaatan amalaanis taʼe karaa hafuuraa qulqulluu taʼuun akka isaan barbaachisu ibsa. Fakkeenyaan qulqulluu taanee dhiqamuuf tarkaanfii fudhachuudhaan ulaagaa barbaachisaa kana guutuu dandeenya. Kun taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jirurraa gargaarsa argachuudhaani.
15. Dhugaan dubbii Waaqayyoo humna akkamii qaba?
15 Dhugaan dubbii Waaqayyoo keessa jiru bishaan qulqulleessutti fakkeeffameera. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan gumiin Kiristiyaanota dibamoo, akka misirroo Kiristos, isa “karaa dubbii isaatii bishaaniin dhiquudhaan . . . fudhatamtuu mudaa hin qabne godhee” ishee qulleessetti, ija Waaqayyoo duratti qulqulluu akka taʼan barreesseera. (Efe. 5:25-27) Yesusis sana dura, dubbiin Waaqayyoo inni lallabaa ture, qulqulleessuuf humna akka qabu dubbateera. Yesus bartootasaatiin, “Isin ammuma iyyuu dubbii ani isinitti dubbadheen qulleeffamtaniittu” jedhee ture. (Yoh. 15:3) Kanaaf, dhugaan dubbii Waaqayyoo humna amalaanis taʼe karaa hafuuraa nama qulqulleessuu dandaʼu qaba. Waaqeffannaan keenya Waaqayyoo duratti fudhatama kan argatu, dhugaan dubbiisaa karaa kanaan akka nu qulqulleessu yoo heyyamne qofadha.
16. Karaa hafuuraafi amalaa qulqulluu taanee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?
16 Kanaaf, hojii midhaan hafuuraa sassaabuurratti hirmaachuuf, jalqaba wantoota amalaanis taʼe karaa hafuuraa nu xureessan hundumaa ofirraa fageessuu qabna. Eeyyee, mirga hojii midhaan sassaabuurratti hirmaachuuf qabnuun itti fufuuf, seera Yihowaan qajeelummaadhaaf baase eeguudhaan fakkeenya taʼuu qabna. (1 Phexros 1:14-16 dubbisi.) Qulqullina qaama keenyaatiif yeroo hunda xiyyeeffannaa akkuma laannu, dhugaan dubbii Waaqayyoo yeroo hunda akka nu qulqulleessu heyyamuu qabna. Kunimmoo, Macaafa Qulqulluu dubbisuufi walgaʼiiwwan gumiirratti argamuu dabalata. Kana malees, yaadachiisa Waaqayyo nuu kennu hojiirra oolchuuf garaadhaa carraaquu kan gaafatudha. Kana gochuun keenya, fedhii cubbuu hojjechuuf qabnu moʼuufi dhiibbaa biyya lafaa nama mancaasu ofirraa ittisuuf nu dandeessisa. (Far. 119:9; Yaq. 1:21-25) Eeyyee, gargaarsa dhugaa dubbii Waaqayyoorraa argannuun, cubbuu cimaanillee nurraa ‘dhiqamuu’ akka dandaʼu beekuun baayʼee nama jajjabeessa!—1 Qor. 6:9-11.
17. Qulqulluu taanee jiraachuuf, gorsa Macaafa Qulqulluu kam hojiirra oolchuu qabna?
17 Dhugaan dubbii Waaqayyoo akka si qulqulleessu ni heyyamtaa? Fakkeenyaaf, bohaartii mancaʼaa biyya lafaa ilaalchisee, akeekkachiisni yommuu sii kennamu maaltu sitti dhagaʼama? (Far. 101:3) Namoota sii wajjin baratan ykn hojjetaniifi Dhugaa Baatota hin taanee wajjin walitti dhufeenya barbaachisaa hin taane qabaachuurraa of qusattaa? (1 Qor. 15:33) Dadhabina dhuunfaa Yihowaa duratti qulqulluu akka hin taane si godhu moʼuuf garaadhaa ni carraaqxaa? (Qol. 3:5) Wal falmii siyaasa addunyaafi amala sabboonummaa dorgommiiwwan ispoortii hedduu keessatti mulʼaturraa ni fagaattaa?—Yaq. 4:4.
18. Karaa hafuuraafi amalaa qulqulluu taʼuun keenya, hojii midhaan sassaabuurratti buʼa qabeessa taʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?
18 Dhimmawwan akkasii wajjin haala wal qabateen, amanamummaadhaan ajajamuunkee buʼaa gaarii argamsiisa. Yesus, bartootasaa hafuuraan dibaman damee muka wayinii wajjin wal fakkeessuudhaan akkas jedheera: “Damee utuu anatti jiruu ija hin godhanne, hundumaa [Abbaankoo] in mura; damee isa ija godhatu hundumaa garuu, caalchisee akka inni ija godhatuuf irraa in qeexxaʼa [“inqulleessa,” hiika bara 1899].” (Yoh. 15:2) Bishaan dhugaa Macaafa Qulqulluu akka si qulqulleessu yoo of dhiheessite, caalchistee ija ni godhatta.
Eebba Ammas Taʼe Gara Fuulduraatti Argamu
19. Bartoonni Yesus, hojii midhaan sassaabuurratti carraaqqii gochuusaaniitiin kan eebbifaman akkamitti?
19 Bartoonni amanamoon leenjii Yesus isaanii kenne hojiirra oolchan sun, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti hafuura qulqulluudhaan waan guutamaniif, booddee “hamma andaara lafaatti” dhugaa baʼuuf humna argataniiru. (HoE. 1:8) Sana booda, miseensota qaama olaanaa, misiyoonotaafi daawwattoota olaanaa taʼanii tajaajiluu itti fufaniiru; akkasumas misiraachicha “waaqa jalaa uumama hundumaatti” lallabuurratti shoora guddaa taphataniiru. (Qol. 1:23) Eebba guddaa kan argatan taʼuusaarrayyuu, warra kaaniif gammachuu guddaa argamsiisaniiru!
20. (a) Hojii midhaan hafuuraa sassaabuurratti hirmaannaa guutuu gochuudhaan eebba akkamii argatte? (b) Maal gochuuf murteessiteetta?
20 Eeyyee, gad of deebisuu, jabaatanii hojjechuufi seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu eeguudhaan, hojii midhaan hafuuraa sassaabuu isa guddaa hojjetamaa jirurratti hirmaannaa guutuu buʼa qabeessa taʼe gochuu keenya itti fufna. Namoonni hedduun, rakkinaafi abdii kutannaa jireenya biyya lafaa isa qabeenyaafi gammachuu qofaarratti xiyyeeffate kana keessa jiruun kan dhiphatan yommuu taʼu, nuyi garuu gammachuu dhugaa arganna. (Far. 126:6) Hunda caalaa kan nama gammachiisummoo, ‘itti dadhabuun keenya gooftaa biratti’ gatii kan hin qabne miti. (1 Qor. 15:58) Yihowaan, inni hojii midhaan sassaabuurratti Gooftaa taʼe, ‘hojii keenyaafi isa jaallachuu keenyaaf’ barabaraaf nu eebbisa.—Ibr. 6:10-12.
[Miiljaleewwan]
a Fakkeenyi waaʼee meetii dubbatu kun, kallattiidhaan kan ibsu waaʼee walitti dhufeenya Yesusiifi bartootasaa dibamoo gidduu jiruu taʼuyyuu, seerawwan buʼuuraa Kiristiyaanota hundaaf hojjetan qabateera.
Ni Yaadattaa?
Hojii midhaan sassaabuurratti guutummaatti hirmaachuuf yommuu carraaqxu . . .
• gad of deebisuunkee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
• amala jabaatanii hojjechuu horachuufi guddifachuu kan dandeessu akkamitti?
• karaa hafuuraafi amalaa qulqulluu taʼuun kan si barbaachisu maaliifi?
[Fakkii fuula 17rra jiru]
Gad of deebisuun, jireenya salphaa Mootummicharratti xiyyeeffate jiraachuuf nu gargaaruu dandaʼa