Namaafmoo Waaqayyoof Abboomamtu?
“Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira.”—HOJII ERGAMOOTAA 5:29.
1. (a) Yaanni ijoo barumsa kanaa caqasa isa kamirratti kan hundaa’edha? (b) Ergamoonni maaliif hidhaman?
ABBOOTIIN firdii mana murtii olaanaa Yihudootaa baay’ee aaraniiru. Namoonni isaan mana hidhaatti galchan mana hidhaa sana keessa hin jiran. Namoonni achii dhabaman kun, ergamoota Yesus yeroo ta’an, yaa’iin warra Yihudootaammoo torban muraasa dura Yesusirratti murtii du’aa faradee ture. Ammammoo yaa’ichi duuka buutota Yesusirratti faraduuf qophaa’eera. Warri mana hidhaa sana eegan gara mana murtiitti isaan dhiheessuuf yeroo jedhanitti, manichi utuu hin cabin duwwaa ta’uusaa hubatan. Utuu baay’ee hin turin, ergamoonni kun mana qulqullummaa Yerusaalemitti ija jabinaan waa’ee Yesus Kiristos namoota barsiisaa akka jiran dhaga’an. Jalqabarratti sababiin ergamoonni itti hidhamanis kanuma ture. Namoonni mana hidhaa eegaa turanis mana qulqullummaa keessa seenanii ergamoota qabuudhaan gara mana murtiitti isaan geessan.—Hojii Ergamootaa 5:17-27.
2. Ergamaan tokko ergamoonni maal akka godhan isaan abboome?
2 Ergamoota kana mana hidhaatii kan hiike ergamaa tokko ture. Ergamaan kun kana kan godhe ari’atama isaanirra ga’u dhaabsisuuf turee? Matumaa! Kanaa mannaa, namoonni Yerusaalemitti argaman misiraachoo waa’ee Yesus Kiristos dubbatu akka dhaga’aniif ture. Ergamaan kun dhaqaatii “dubbii jireenyaa isa haaraa kana hundumaa, sabatti himaa!” isaaniin jedheera. (Hojii Ergamootaa 5:19, 20) Namoonni mana hidhaa eegan sun gara mana qulqullummaa yeroo dhaqan, ergamoonni abboommii isaanii kenname utuu raawwatanii kan isaan argan kanaaf ture.
3, 4. (a) Phexrosiifi Yohannis lallabuusaanii akka dhaaban yeroo abboomamanitti deebii akkamii kennan? (b) Ergamoonnihoo maal godhan?
3 Phexrosiifi Yohannis warri ija jabinaan lallabaa turan, kanaan duras mana murtiitti jechuunis Yoseef Qayyaafaa duratti kan dhihaatan yeroo ta’u, innis akka hin lallabne waan isaan akeekkachiisee tureef aariidhaan akkas isaaniin jedhe: “Nuyi maqaa kanaan [maqaa Yesusiin] akka hin barsiifne cimsinee isin abboomneerra, isin garuu kunoo, barsiisa keessaniin Yerusaalemin waliin geessaniittu.” (Hojii Ergamootaa 5:28) Phexrosiifi Yohannis lammata mana murtiitti dhihaachuunsaanii Qayyaafaa dinqisiisuu hin qabu ture. Ergamoonni kun lamaan jalqabarratti, lallabuusaanii akka dhaaban yeroo abboomamanitti akkas jechuudhaan deebii kennanii turan: “Kan Waaqayyoo dhaga’uu irra, kan keessan dhaga’uun Waaqayyo duratti qajeelaa yoo ta’e, isinumti faradaa! Nuyi garuu ofii keenyaa kan arginee fi kan dhageenye himuu dhiisuu hin dandeenyu.” Akkuma Ermiyaas raajichaa, Phexrosiifi Yohannis hojii akka lallabaniif isaanitti kenname raawwachuurraa duubatti jechuu hin dandeenye.—Hojii Ergamootaa 4:18-20; Ermiyaas 20:9.
4 Amma garuu Phexrosiifi Yohannis qofa utuu hin ta’in, Maatiyaas isa dhumarratti ergamaa Yesus akka ta’uuf filatame dabalatee ergamoonni hundi mana murtiitti dhihaatanii wanta itti amanan ibsuuf carraa argatan. (Hojii Ergamootaa 1:21-26) Lallabuusaanii akka dhaaban yeroo abboomamanitti isaanis akka Phexrosiifi Yohannis: “Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira” jechuudhaan ija jabinaan deebii kennaniiru.—Hojii Ergamootaa 5:29.
Waaqayyoofmoo Namaaf Abboomamuu Qabna?
5, 6. Ergamoonni abboommii mana murtiitiif ajajamuu kan didan maaliifi?
5 Ergamoonni dhimmawwan garabiraarratti namoota seeraaf abboomaman waan turaniif murtoo manni murtii dabarsu ni fudhatu turan. Ta’uyyuu, namni aangoo akkamiiyyuu qabu, warri kaan abboommii Waaqayyoo akka hin eegne gochuu hin danda’u. Yihowaan ‘gooftaa isa hundumaa gararraa jirudha.’ (Faarfannaa 83:18) Inni “abbaa firdii guutummaa biyya lafaa” qofa utuu hin ta’in, Seera kan kennuufi Mootii bara baraati. Ajajni manni murtii seera Waaqayyoo diiguuf kennu hundi Waaqayyo biratti fudhatama hin qabu.—Uumama 18:25; Isaayaas 33:22.
6 Dhimmi kun hayyoota seeraa beekamoo ta’an tokko tokko biratti fudhatama argateera. Fakkeenyaaf, jaarraa 18ffaatti hayyuu seeraa biyya Ingiliz kan turan Wiliyaam Bilaakistoon, namoonni “seera Waaqayyoo” isa Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffame mormuudhaan seera mataasaanii baasuu akka hin dandeenye barreessaniiru. Kanaaf, manni murtii olaanaa Yihudootaa, ergamoonni lallabuusaanii akka dhaaban yeroo abboometti seera kana cabseera jechuudha. Ergamoonni abboommii sanaaf ajajamuu hin qaban.
7. Hojiin lallabaa angafoota lubootaa kan aarse maaliif ture?
7 Ergamoonni lallabuusaanii itti fufuuf murteessuunsaanii angafoota lubootaa aarseera. Qayyaafaa dabalatee, luboonni tokko tokko Saduqoota waan turaniif abdii du’aa ka’uutti hin amanan turan. (Hojii Ergamootaa 4:1, 2; 5:17) Ta’us, ergamoonni Yesus du’aa ka’uusaa irra deddeebi’anii dubbachaa turan. Kana malees, angafoonni lubootaa bulchitoota biyya Roomaa biratti fudhatama argachuuf baay’ee dhama’aniiru. Yeroo Yesus firdiitti dhihaateefi, yeroo Philaaxos Yesusiin mootiisaanii godhanii akka simataniif carraa isaaniif kennetti angafoonni lubootaa “Nuyi Qeesaar mootii warra Roomaa malee mootii hin qabnu” jedhanii deebisaniiru. (Yohannis 19:15)a Ergamoonnimmoo, Yesus du’aa ka’uusaa qofa utuu hin ta’in, “maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta’u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne” jedhanii barsiisu turan. (Hojii Ergamootaa 2:36; 4:12) Luboonni, namoonni bulchaan keenya Yesusidha yoo jedhan, warri Roomaa dhufanii ‘biyya keenyaafi saba keenya’ fudhatu jedhanii sodaatanii turan.—Yohannis 11:48.
8. Gamaali’el mana murtii olaanaa Yihudootaatiif gorsa gaarii akkamii kenne?
8 Manni murtii Yihudootaa ergamoota kana ajjeesisuuf murteessee waan tureef, wanti gara fuulduraatti isaan eeggatu isaan dhiphisee ture. (Hojii Ergamootaa 5:33) Haata’u malee, wanti hin eegamne tokko ni raawwatame. Namni hayyuu seeraa ta’eefi Gamaali’el jedhamu, jarjaranii akka murtoo hin gooneef akkas jechuudhaan hiriyootasaa akeekkachiise: “Akeeka kanaa fi hojii isaa namatu yaadee qopheesse yoo ta’eef, baduuf jira. Waaqayyo biraa yoo dhufe garuu, jara kana balleessuu hin dandeessan.” Itti dabaluudhaanis: “Ofii keessanii iyyuu immoo Waaqayyoon utuu loltanii akka hin argamne” isaaniin jedhe.—Hojii Ergamootaa 5:34, 38, 39.
9. Hojiin ergamoonni hojjechaa turan hojii Waaqayyo isaanii kenne ta’uusaa kan argisiisu maalidha?
9 Kan nama dhibu, manni murtii kun gorsa Gamaali’el fudhateera. Manni murtii olaanaa Yihudootaa “ergamoota ol waamanii reebanii, maqaa Yesusiin akka hin dubbannes dhowwanii, gad isaan dhiisan.” Ergamoonni garuu kana sodaatanii duubatti jechuu mannaa, abboommii ergamichi akka lallabaniif isaanii kenne raawwachuuf murteessanii turan. Kanaan kan ka’es, erga mana hidhaatii gadhiifamanii booda, “ergamoonni guyyuma guyyaatti mana qulqullummaatti, mana manattis, barsiisuudhaaf Yesus, Masiihii akka ta’e misraachoo himuuttii gargar hin kunne.” (Hojii Ergamootaa 5:40, 42) Yihowaanis carraaqqiisaanii eebbiseera. Hangam? “Dubbiin Waaqayyoo itti fufee bal’achaa, baay’inni amantoota Yerusaalemitti argamaniis ittuma dabalamaa adeeme.” Kanarra darbee, “luboota keessaas baay’een amanticha fudhatan.” (Hojii Ergamootaa 6:7) Hojiin lallabaa kun angafoota lubootaa baay’ee aarsee ture. Hojii ergamoota kanaa kan gargaaru Waaqayyo akka ture karaa adda addaa arguun ni danda’ama.
Warri Waaqayyoo Wajjin Wal Lolan Hin Mo’an
10. Qayyaafaan aangoosaatti kan amaname maaliif ture? Haata’u malee ilaalchisaa kun dogoggora kan ture maaliifi?
10 Jaarraa jalqabaatti hangafoonni lubootaa kan muudaman bulchitoota biyya Roomaatiin ture. Yoseef Qayyaafaa inni sooressa ture aangoo kana kan qabate nama Vaaleriyus Giraatus jedhamuun yeroo ta’u, angafoota lubootaa hundarra haala adda ta’eenis yeroo dheeraadhaaf aangoo kana qabateera. Haalasaarraa hubachuun akka danda’amutti, Qayyaafaan aangoo kana qabachuu kan danda’e Waaqayyo waan isa gargaareef utuu hin ta’in, dandeettiisaafi Philaaxosii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuusaatiin akka ta’e yaaduu hin oolle. Maaliyyuu yoo ta’e, namootatti amanamuunsaa dogoggora ture. Ergamoonni mana murtii olaanaa Yihudootaatti erga dhihaatanii waggoota sadii booda, Qayyaafaan bulchitoota warra Roomaa biratti fudhatama dhabuusaarrayyuu, angafa lubootaa akka hin taane dhowwameera.
11. Phonxos Philaaxosiifi Yihudootarra maaltu ga’e? Kanarraa barumsa akkamii argatte?
11 Qayyaafaan aangoosaa akka gadhiisu kan ajaje bulchaa biyya Sooriyaa maqaansaa Lukiyas Viteliyas jedhamu ture. Namni kun Philaaxos caalaa aangoo kan qabu waan tureef, dhimma kana ilaalchisee Philaaxos waan tokkoyyuu gochuu hin dandeenye. Kan nama ajaa’ibsiisummoo, waggaa tokko booda Philaaxosiyyuu aangoosaarraa kan buufame yeroo ta’u, yakka guddaa raawwateef deebii akka kennuuf gara Roomaatti waamameera. Yihudoonni amantaasaanii Qeesaarirra kaa’atanis, akkuma isaan sodaatanii turan warri Roomaa ‘iddoosaaniis ta’e sabasaanii fudhataniiru.’ Kunimmoo, Dh.K.B. bara 70tti waraanni warra Roomaa mana qulqullummaafi galma mana murtii olaanaa Yihudootaa dabalatee, magaalaa Yerusaalem guutummaatti yeroo balleessanitti raawwiisaa argateera. Haala kanaa wajjin wal simuun, jechi Faarfatichi akkas jechuudhaan dubbate dhugaa ta’uunsaa mirkanaa’eera: “Amanannaa keessan gurguddoota irra, ilmaan namaa warra gargaarsi bira hin jirre irras hin kaa’atinaa!”—Yohannis 11:48; Faarfannaa 146:3.
12. Wanti Yesus godhe Waaqayyoof abboomamuun sirrii ta’uusaa kan mirkaneesse akkamitti?
12 Haala kanarraa faallaa ta’eenimmoo Waaqayyo, Yesus Kiristos isa du’aa ka’e mana qulqullummaa hafuuraa isa guddaa keessatti Angafa Lubootaa godhee isa muudeera. Namni kamiyyuu muudama kana hambisuu hin danda’u. Dhugumayyuu Yesus, “lubummaa isaa hojii dhaabataa godhee qabeera.” (Ibroota 2:9; 7:17, 24; 9:11) Waaqayyo, Yesus warra jiraniifi warra du’anirratti akka faraduuf aangoo isaaf kenneera. (1 Phexros 4:5) Yesus aangoosaa kanatti fayyadamuudhaan, Phonxos Philaaxosis ta’e Yoseef Qayyaafaan gara fuulduraatti jireenya argachuu akka qabaniifi akka hin qabne murteessa.—Maatewos 23:33; Hojii Ergamootaa 24:15.
Namoota Yeroo Ammaatti Ergaa Mootummichaa Ija Jabinaan Lallaban
13. Bara keenyatti hojii namootaa ta’uunsaa kan mirkanaa’e maalidha? Hojii Waaqayyoo ta’uunsaa kan mirkanaa’ehoo? Kana beekuu kan dandeesse akkamitti?
13 Akkuma jaarraa jalqabaa, bara keenyattis namoonni ‘Waaqayyoon lolan’ jiru. (Hojii Ergamootaa 5:39) Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa biyya Jarmanitti argaman yeroo Adoolf Hiitlariin akka bulchaasaaniitti fudhachuu didanitti, Hiitlar isaan balleessuuf kakatee ture. (Maatewos 23:10) Kaayyoosaa kana galmaan ga’uuf jaarmiyaa humna guddaa qabuun fayyadameera. Warri Naazii, Dhugaa Baatota Yihowaa kumaatamaan lakkaa’aman mana hidhaatti naqaniiru. Warra kaanis ajjeesaniiru. Haata’u malee, Dhugaa Baatonni kun Waaqayyoon qofa akka hin waaqeffanne gochuufi guutummaatti saba Waaqayyoo balleessuu hin dandeenye. Hojiin Kiristiyaanota kanaa kan Waaqayyoo malee kan namaa hin turre. Hojii Waaqayyoo balleessuunimmoo hin danda’amu. Waggoota jaatama booda, namoonni amanamummaasaanii eeganii mana hidhaa Hiitlar keessaa ba’an hanga har’aatti ‘garaasaanii guutuu, jireenyasaanii guutuufi yaadasaanii guutuudhaan’ Yihowaa tajaajilaa jiru. Hiitlariifi paartiin Naazii garuu, lafarraa kan badan yeroo ta’u, hanga har’aattis hojiisaanii isa hamaadhaan yaadatamu.—Maatewos 22:37.
14. (a) Mormitoonni maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa hadheessuuf carraaqqii akkamii godhaniiru? Kunimmoo rakkina akkamii geessise? (b) Ari’atamni akkasii kun Dhugaa Baatota Yihowaarratti miidhaa bara baraa geessisuu danda’aa? (Ibroota 13:5, 6)
14 Warri Naazii Dhugaa Baatota Yihowaa balleessuuf yaalii erga godhanii booda, biyyoonni hedduunis carraaqqii wal fakkaatu godhaniyyuu utuu isaaniif hin mijaa’in hafeera. Namoonni amantiifi siyaasaa biyyoota Awurooppaa hedduu keessa jiran, Dhugaa Baatonni Yihowaa ‘tuuta amantii’ balaa geessisan jedhamanii akka waamaman gochuuf carraaqqii gochaa turaniiru. Himanni kunimmoo himata Kiristiyaanota jaarraa jalqabaarratti dhihaatee wajjin kan wal fakkaatudha. (Hojii Ergamootaa 28:22) Ta’us, Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa, Dhugaa Baatonni Yihowaa jaarmiyaa amantiiti malee tuuta amantii balaa geessisan akka hin taane amanee fudhateera. Mormitoonni kun murtoo manni murtii dabarse fudhachuuf dirqamaniiru. Ta’us, ammayyuu, maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa hadheessuuf yaalii cimaa gochuusaanii hin dhaabne. Kanaan kan ka’es, Kiristiyaanonni tokko tokko bakka hojiisaaniitii ari’amaniiru. Mana barumsaatti ijoollee Dhugaa Baatota Yihowaarra miidhaan ga’eera. Namoonni waggoota dheeraadhaaf Dhugaa Baatota Yihowaatiif galma walga’ii kireessaa turan warra kaan sodaachuudhaan isaaniif kireessuu didaniiru. Darbee darbee namoonni aangoo qaban tokko tokkos mirga lammummaa isaan dhowwataniiru; isaan garuu gara duubaatti hin jenne.
15, 16. Dhugaa Baatonni Yihowaa biyya Faransaayitti argaman hojii lallabaasaaniirratti mormii ka’eef deebii akkamii kennan? Lallabuusaanii kan itti fufan maaliif ture?
15 Fakkeenyaaf, Faransaayi keessatti namoonni garri caalaan sababi qabeeyyiifi namoota ilaalcha sirrii qabanidha. Ta’uyyuu, mormitoonni tokko tokko hojii Mootummichaa dhaabsisuu yaaduudhaan seerri tokko tokko akka tumamu godhaniiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyattiitti argaman maal godhanree? Haala kanaan dura argamee hin beekneen hojii lallabaa babal’isuurratti kan hirmaatan yeroo ta’u, bu’aa nama gammachiisus argataniiru. (Yaaqoob 4:7) Kanaan kan ka’es, ji’a ja’a gidduutti lakkoofsi namoota Macaafa Qulqulluu baratanii haala nama dinqisiisuun dhibbeentaa 33 dabaleera. Namoonni garaa qajeelaa qabaniifi biyya Faransaayitti argaman misiraachoo kana fudhachuunsaanii Diiyaabilosiin akka aarsu beekamaadha. (Mul’ata 12:17) Kiristiyaanonni hidhata amantii keenyaa ta’aniifi biyya Faransaayitti argaman jechi raajicha Isaayaas isaanirratti akka raawwatame ni amanu: “Si balleessuudhaaf mi’i waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin danda’u, dubbii warra firdii duratti si hammeessaniis in busheessita.”—Isaayaas 54:17.
16 Dhugaa Baatonni Yihowaa ari’atamuunsaanii isaan hin gammachiisu. Ta’us, abboommii Waaqayyo Kiristiyaanota hundaaf kenneef waan ajajamaniif wanta dhaga’an dubbachuu dhiisuu hin danda’an; hin dhiisanis. Biyya keessa jiraatanitti lammii gaarii ta’uuf carraaqqii godhu. Yeroo seerri namootaafi seerri Waaqayyoo walitti bu’u garuu, Waaqayyoof abboomamuu qabu.
Isaan Hin Sodaatinaa
17. (a) Diinota keenya sodaachuu kan hin qabne maaliifi? (b) Namoota nu ari’ataniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
17 Diinonni keenya Waaqayyoon waan lolaniif haala gadhee keessa jiru. Kanaafuu, namoota sodaachuu mannaa abboommii Yesusii wajjin haala wal simuun warra nu ari’ataniif ni kadhanna. (Maatewos 5:44) Akkuma Phaawulos isa biyya Xarsees eenyuyyuu wallaalummaadhaan Waaqayyoon yoo morme, Yihowaan gaarummaasaatiin dhugaa akka hubatan ijasaanii akka isaaniif banu ni kadhanna. (2 Qorontos 4:4) Saa’ol erga Kiristiyaana ta’ee booda Phaawulos jedhamee kan waamame yeroo ta’u, namoonni aangoo qaban gidiraa guddaa isarraan ga’aniiru. Rakkinni kun hundi isarra ga’us, warri hidhata amantiisaa ta’an: “Harka warra biyya bulchanii fi warra aboo qabanii jala of galchuu, abboomamuu fi hojii gaarii hojjechuufis qophaa’oo ta’uu, . . . maqaa nama tokkoo illee utuu hin balleessin, naga-qaboota, garraamota ta’anii, nama hundumaatti karaa hundumaa gara-laafina” akka argisiisan isaan yaadachiiseera. (Tiitoos 3:1, 2) Dhugaa Baatonni biyya Faransaayittis ta’e bakka hundaatti argaman, gorsa kana hojiirra oolchuuf yaalii godhu.
18. (a) Yihowaan karaawwan kamiin sabasaa oolchuu danda’a? (b) Dhumarratti maaltu akka ta’u shakkii hin qabnu?
18 Waaqayyo Ermiyaas raajichaan: “Ani si oolchuudhaaf sii wajjinan jira’o” jedheenii ture. (Ermiyaas 1:8) Yihowaan ari’atama yeroo ammaatti nurra ga’urraa akkamitti nu oolchuu danda’a? Akkuma Gamaali’el, abbaa firdii ilaalcha sirrii qabu kaasuu danda’a. Yookiin bulchaan sirriitti hin hojjenneefi amantii dhugaa jibbu utuu hin yaadamin nama gaariidhaan akka bakka buufamu gochuu danda’a. Yihowaan darbee darbee ari’atamni sabasaarra ga’u akka itti fufu heyyamuu danda’a. (2 Ximotewos 3:12) Waaqayyo ari’atamni akka nurra ga’u yoo heyyame, ari’atama sana akka moonuuf yeroo hundumaa jabina nuu kenna. (1 Qorontos 10:13) Wanti fedheyyuu akka nurra ga’u Yihowaan yoo heyyame, Namoonni sabasaa lolan akka isa lolaniifi namoonni isa lolanimmoo akka hin moone homaa hin shakkinu.
19. Caqasni waggaa 2006 maal kan jedhudha? Yeroo keenyaaf mijaa’aa kan ta’e maaliifi?
19 Yesus ergamootasaarra rakkinni akka ga’u dubbateera. (Yohannis 16:33) Haala kanarraa ka’uudhaan jechoonni Hojii Ergamootaa 5:29rratti argamaniifi “Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira” jedhan yoomiyyuu caalaatti yeroo keenyaaf mijaa’aadha. Kanaan kan ka’es, jechoonni kun Dhugaa Baatota Yihowaatiif caqasa waggaa bara 2006 akka ta’an filatameera. Ari’atamni akkamiiyyuu yoo nurra ga’e, waggaa dhufuttis ta’e bara baraaf murtoon keenya Waaqayyoof abboomamuu haa ta’u!
[Miiljalee]
a “Qeesaar” inni angafoonni lubootaa deggaran sun, Xiberiyos bulchaa biyya Roomaa isa jibbamaa, isa of hin argineefi isa namoota ajjeesaa turedha. Xiberiyos nama seeraan ala saalqunnamtii raawwachuudhaanis beekamu ture.—Daani’el 11:15, 21.
Deebisuu ni Dandeessaa?
• Ari’atama isaanirra ga’e mo’uu ilaalchisee, ergamoonni fakkeenya nama jajjabeessu akkamii nuu ta’u?
• Yeroo hundumaa namaaf abboomamuurra Waaqayyoof abboomamuu kan qabnu maaliifi?
• Namoonni nu morman eenyuu wajjin wal lolaa jiru?
• Namoonni ari’atama isaanirra ga’u mo’an maal argatu jennee abdachuu dandeenya?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 7rra jiru]
Caqasni waggaa 2006: “Namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira” kan jedhu ta’a.—Hojii Ergamootaa 5:29