FAKKEENYA AMANTII ISAANII HORDOFAA | SAARAA
‘Ati Dubartii Miidhagduu Dha’
SARAAN kutaa manichaa gidduu ijaajjitee asii fi achi ilaalaa jirti. Dubartii Giddu Gala Baha biiftuu iji ishii kuullee taʼee fi waa hubachiisuu dandaʼu yaadaan ilaaluuf yaali. Fuula ishii irraa miirri gaddaa ni mulʼataa? Taanaan, maaliif akka taʼe hubachuun ulfaataa miti. Manni kun seenaa hedduu qaba. Ishiinii fi abbaan mana ishii inni jaallatamaan, Abrahaam asitti yeroo gammachiisaa hedduu dabarsaniiru.a Walii wajjin manicha mana jireenyaa isaanii godhaniiru.
Magaalaa badhaatuu Ur ishii namoota ogummaa harkaa garaagara qabanii fi daldaltootaan guutamte keessa jiraachaa turan. Kanaaf qabeenya horatanii akka turan beekamaa dha. Saaraadhaaf garuu manni ishii lafa qabeenya itti kuufattu qofa hin turre. Manni kun bakka ishiinii fi abbaan manaa ishii yeroo balʼinaas taʼe yeroo rakkinaa keessatti dabarsan ture. Akkasumas bakka yeroo dheeraadhaaf Waaqa isaanii isa jaallatamaa Yihowaatti kadhannaa itti dhiheessan ture. Kanaaf, Saaraan bakka kana jaallachuuf sababii hedduu qabdi turte.
Taʼus, Saaraan wanta barte hunda dhiistee deemuuf tole jettetti. Umuriin ishii gara waggaa 60 taʼus, deebiʼuuf abdii utuu hin qabaatin biyya hin beekne dhaquuf, akkasumas jireenya rakkinaa fi balaadhaan guutame jiraachuuf deemteetti. Wanti jijjiirama guddaa akkasii gochuuf ishii kakaase maali dha? Nuti hoo yeroo harʼaatti amantii ishii irraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?
‘BIYYA KEE KEESSAA BAʼI’
Saaraan kan guddatte Ur keessatti taʼuu dandaʼa. Yeroo harʼaatti, waaʼee magaalaa kanaa wanti beekamu lafa onaa taʼuu ishii qofa dha. Bara Saaraan turtetti garuu, bidiruuwwan daldaltootaa Laga Efraaxiis irra deddeebiʼanii, miʼoota garagaraa gatii guddaa baasan biyya fagoodhaa gara magaalaa badhaatuu kanaa fidu turan. Karaa dhiphoo fi jajalʼaa Ur irra namoonni hedduun wal dhiibaa kan deeman siʼa taʼu, dooniiwwan miʼa garagaraa feʼanis wal dhiibaa bakka feʼumsa isaanii itti buusan deemu turan; miʼoonni sunis gabaa keessa guutu turan. Saaraan magaalaa hoʼaa kana keessatti waan guddatteef, namoota magaalatti maqaadhaan akka beektu tilmaamuun ni dandaʼama. Baayʼee miidhagduu waan turteefis, hedduun isaanii akka ishee hin irraanfanne beekamaa dha. Akkasumas maatii balʼaa qabdi turte.
Kitaaba Qulqulluu keessatti Saaraan dubartii amantii cimaa qabduu taʼuu ishiitiin beekamti. Amantiin ishii kun garuu waaqa jiʼaa warri Ur balʼinaan waaqeffatanii fi masaraan isaa magaalaa kana keessatti ol dheeratee mulʼatu irratti kan hundaaʼe miti. Kana irraa haala adda taʼeen, Saaraan Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼe waaqeffatti turte. Kitaabni Qulqulluun amantii kana kan argattee akkamitti akka taʼe waan ibsu hin qabu. Abbaan ishii yoo xinnaate yeroo tokko nama waaqa tolfamaa waaqeffatu ture. Kanas taʼe sana, Abrahaam isa waggaa 10 ishii caalutti heerumte.b (Uumama 17:17) Innis yeroo booda ‘warra amanan hundumaaf abbaa taʼee’ beekameera. (Roomaa 4:11) Waliin taʼanii gaaʼela gaarii fi cimaa, akkasumas wal kabajuu, qunnamtii gaarii qabuu fi rakkina isaan mudatu waliin taʼanii furuuf isaan dandeessisu qabaachuu dandaʼaniiru. Hunda caalaa garuu, tokkummaan isaanii jaalala Waaqa isaaniif qaban irratti kan hundaaʼe ture.
Saaraan abbaa manaa ishii garaadhaa kan jaallatu yoo taʼu, isaanis magaalaa Ur keessa firoottan isaanii gidduu jiraachuu jalqaban. Taʼus utuma baayʼee hin turin, wanti abdii isaan kutachiisu tokko isaan mudate. Kitaabni Qulqulluun, Saaraan “dhabduu turte, mucaas hin godhanne” jedha. (Uumama 11:30) Baraa fi aadaa naannoo sanaa keessatti, haalli Saaraa baayʼee ulfaataa ture. Taʼus, Saaraan Waaqa fi abbaa manaa ishiitiif amanamtuu taatee itti fufteetti. Loox ilmi obboleessa isaanii inni abbaan irraa duʼe akkuma ilma isaanii isaaniif taʼee ture. Hanga guyyaan haalli hundi itti jijjiiramu dhufetti jireenyi isaanii akkuma kanatti itti fufeera.
Abrahaam gammachuudhaan guutamee gara Saaraa dhufe. Wanti yeroo muraasa dura raawwatame amanuu hin dandeenye ture. Waaqni isaan waaqeffatan isatti dubbachuu isaa irra iyyuu, isatti milʼatee ture; kunis kan taʼe karaa maleekaa isaa tokkoo akka taʼe hin shakkisiisu! Yeroo Saaraan ija ishii isa bareedaadhaan abbaa manaa ishii ilaalaa, hafuuraa ciccitaa, akkana jettee gaafattu mee yaadi: “Maaloo natti himi! Waaqayyo maal siin jedhe?” Abrahaam tarii yaada isaa sassaabbachuuf jalqaba gadi taaʼe; achiis akkana jedhuudhaan wanta Yihowaan isaan jedhe ishiitti hime: “Biyya kee fi firoottan kee keessaa baʼiitii gara biyya ani sitti argisiisu dhaqi.” (Hojii Ergamootaa 7:2, 3) Erga naasuun dura itti dhagaʼame irraa caamee booda, hojii Yihowaan isaanitti kenne irratti gadi fageenyaan yaaduu jalqaban. Jireenya tasgabbaaʼaa fi qananii dhiisanii, akka tikfattootaatti asiif achi deemanii jiraachuuf jedhu! Yeroo kana Saaraatti maaltu itti dhagaʼame? Abrahaam qalbeeffatee akka ishii ilaalu beekamaa dha. Yeroo jireenya isaanii keessatti jijjiiramni guddaan akkasii taʼu kanatti fedhiidhaan isa deggertii laataa?
Filannoon Saaraadhaaf dhihaatee ture tarii haaraa nutti taʼuu dandaʼa. Akkana jennee yaanna taʼa: ‘Waaqayyoo anaanis taʼe hiriyaa gaaʼelaa koo wanta akkasii akka goonu gonkumaa nu gaafatee hin beeku!’ Haa taʼu malee harʼaas, hundi keenya filannoo akka Saaraa gochuu hin qabnuu? Addunyaa qabeenyaaf bakka guddaa kennu, jireenya qananii, badhaadhummaa ykn nageenya keenyaaf dursa akka kenninu dhiibbaa nu irratti godhu keessa jiraanna. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun filannoo biraa akka goonu, jechuunis wantoota hafuuraatiif dursa akka kenninuu fi of gammachiisuu mannaa Waaqayyoon akka gammachiisnu nu jajjabeessa. (Maatewos 6:33) Fakkeenya Saaraa irratti yommuu xiinxallu, ‘Jireenya koo keessatti filannoo akkamiin godhaa?’ jenne of gaafanna taʼa.
‘BIYYATTII KEESSAA BAʼAN’
Saaraan adeemsaaf yeroo miʼa ishii walitti qabaachaa turtetti, isa kam akka fudhatuu fi isa kam akka dhiistu itti bitaachaʼee ture. Miʼoota guguddaa harrootaa fi gaalotatti feʼuuf hin mijannee fi akka tikfattootaatti jiraachuuf barbaachisaa hin taane hunda dhiisuu qabdi turte. Qabeenya isaanii hedduu isaa akka gurguranii fi olloota isaaniif akka kennan hin shakkisiisu. Kana malees, jireenya magaalaa wantoota akka qamadii, foon, fuduraa, uffata fi waan barbaaddu hundaa salphaatti keessaa bitachaa turtee fi mijataa taʼe dhiistee deemuuf jetti.
Haa taʼu malee, tarii hunda caalaa wanti ishiitti ulfaate mana ishii dhiistee deemuu taʼuu dandaʼa. Manni ishiis akkuma manneen hedduu Ur arkiʼooloojiistonni qorannaadhaan bira gaʼan yoo taʼe, Saaraan dhugumaan jireenya qananii guddaa dhabdeetti. Manneen kana keessaa muraasni isaanii kutaalee 12 kan qaban, fincaaʼaa kan qabanii fi keessa manaatti bishaan ujummoodhaan darbu kan qaban turan. Manumti xinnoo taʼe illee, baaxii, keenyanii fi balbala jajjaboo bulooniidhaan hidhaman qabu turan. Dunkaanni hattoota irraa eegumsa kana fakkaatu isaanii gochuu ni dandaʼaa? Yookiin bineensota biyyoota bara sanatti Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasaman keessa turan, kanneen akka leencaa, qeerransaa, amaaketaa fi yeeyyii irraa isaan oolchuu dandaʼaa?
Waaʼee maatii ishii hoo, maal jechuutu dandaʼama? Eenyuun dhiistee deemti? Keessumaa ajajni Waaqayyoo “biyya kee fi firoottan kee dhiisii baʼi” jedhu ishiitti ulfaatee taʼuu dandaʼa. Dubartiin firoota ishii baayʼee jaallattu kun, obbolootaa fi obboleettota, ijoollee obbolootaa, adaadaawwan, eessummanii fi wasiilota ishii baayʼee walitti dhihaatan tarii sana booda deebitee isaan hin argitu taʼa. Taʼus, Saaraan gara kuteenyaan dhiistee deemuuf guyyaa guyyaadhaan qophii gochuu ishii itti fufteetti.
Wantoonni rakkisoon jiraatanis, Saaraan guyyaa murteeffame sanatti waan hunda fudhatte deemuuf qophooftetti. Taaraan maatii sanaaf abbaa waan tureef, umuriidhaan jaarraawwan lama kan lakkoofsise taʼus, Abrahaamii fi Saaraa wajjin deemuuf kaʼe. (Uumama 11:31) Saaraan abbaa ishii isa maanguddoo taʼe kana kunuunsuuf waan ishiidhaaf dandaʼame hunda akka gootu beekamaa dha. Looxis ajaja Yihowaan, ‘biyya Kaladootaa keessaa akka baʼan’ isaaniif kenne raawwachuuf yommuu kaʼan isaanii wajjin baʼeera.—Hojii Ergamootaa 7:4.
Imaltoonni kun, jalqaba qarqara laga Efraaxiis qabatanii gara Haaraan ishii gama kaaba lixaa irratti argamtuu fi kiiloo meetira 960 fagaattutti deeman. Maatiin kun yeroo gabaabaadhaaf Haaraan keessa buufatanii turan. Yeroo kanatti Taaraan waan dhukkubsateef taʼuu dandaʼa, adeemsicha itti fufuu hin dandeenye. Kanaaf maatiin kun hanga inni umurii isaa waggaa 205tti duʼaan boqotetti achuma turaniiru. Imala isaanii isa marsaa lammaffaa utuu hin jalqabin dura yeroo taʼe tokkotti, Yihowaan ammas bakka sanaa gadi dhiisanii bakka inni isaanitti argisiisuuf jiru akka deeman Abrahaamitti hime. Yeroo kanatti garuu, Waaqayyo kakuu dinqisiisaa, “Ani saba guddaa sin godha” jedhu dabalee itti himeera. (Uumama 12:2-4) Taʼus, Abrahaamii fi Saaraan yommuu Haaraaniin gadi dhiisanii baʼan inni umuriin isaa 75, ishiin immoo waggaa 65 kan turte siʼa taʼu, ijoollees hin qaban turan. Sabni Abrahaam irraa akkamitti argamuu dandaʼa ree? Haadha manaa gara biraa fuudhaa laata? Yeroo sanatti haadha manaa tokko ol fuudhuun baramaa waan tureef, Saaraan waaʼee kanaa irratti yaadee taʼuu dandaʼa.
Kanas taʼe sana, Haaraaniin gadhiisanii deemsa isaanii itti fufan. Haa taʼu malee, amma namoota isaanii wajjin turan yaadaa. Seenaan isaa, maatiin Abrahaam qabeenya horatan hundaa fi ‘namoota biyya Kaaraanitti kan isaanii godhatan hundumaa’ fudhatanii akka baʼan ibsa. (Uumama 12:5) Haa taʼu malee, Abrahaamii fi Saaraan waaʼee amantii isaanii namoota isaan dhaggeeffachuuf fedha qabaniitti himanii akka turan hin shakkisiisu. Yihudoonni bara durii tokko tokko akka dubbatanitti, namoonni caqasa kana keessatti ibsaman warra gara amantii Yihudiitti geddaramuudhaan, Abrahaamii fi Saaraa wajjin Yihowaa waaqeffatanis kan argisiisu dha. Akkas taanaan, amantii cimaa Saaraan qabdu, yeroo waaʼee Waaqa ishii fi abdii ishii namootatti himtu caalaatti kan nama amansiistu akka ishii taasise beekamaa dha. Fakkeenya Saaraa irratti xiinxaluun keenya, yeroo amma amantiinii fi abdiin namootaa qaqalʼatetti nu gargaara. Ati hoo wanta gaarii taʼe Kitaaba Qulqulluu irraa yeroo barattutti, namoota kaanitti himuu ni dandeessaa?
‘BIYYA GIBXIITTI GAD IN BUʼE’
Dhaloota Kiristoos Dura, bara 1943 Niisaan 14tti taʼuu dandaʼa, Laga Efraaxiisiin erga ceʼanii booda, gara kibbaatti imaluudhaan biyya Yihowaan isaan abdachiisetti qajeelan. (Baʼuu 12:40, 41) Mee Saaraan yommuu asii fi achi ilaaltuu, haala qilleensa, bareedina magariisa biyyichaa ilaaltee gammachuudhaan boojiʼamtu qalbeeffadhu. Yeroo kanatti qilxuuwwan Mooree warra Sheekemitti dhihoo jiranitti Yihowaan ammas Abrahaamitti mulʼatee, “Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna” isaan jedhe. Jechi “sanyii” jedhu kun Abrahaamiif hiika guddaa qaba. Jechi kun raajii Yihowaan bakka dhaaba Eedenitti sanyiin tokko gara fuulduraatti Seexana akka balleessu dubbate akka yaadatu isa godheera. Sabni Abrahaam irraa argamu sun namoonni guutummaa lafaa irra jiran akka eebbifamaniif karaa akka banu Yihowaan dursee isatti himeera.—Uumama 3:15; 12:2, 3, 6, 7.
Maatiin kun rakkoowwan addunyaa kana keessatti nama mudatan irraa walaba hin turre. Biyyi Kanaʼaan beelaan waan rukutamteef, Abrahaam maatii isaa fudhatee kallattii kibbaatiin gara biyya Gibxii dhaquuf murteesse. Haa taʼu malee, naannoo sanatti balaa isaan irra gaʼuu dandaʼu tokko ciicatee ture. Kanaaf, Saaraadhaan akkana jedhe: “Ati dubartii miidhagduu taʼuu kee ani beeka; warri Gibxii yommuu si argan, ‘Kun haadha manaa isaa ti’ jedhanii ana in ajjeesu, si immoo fayyaatti in hambifatu. Egaa waaʼee keetiif anatti akka tolutti, sababii keetiif ani immoo akkan jiraadhutti, ‘Ani obboleettii isaa ti’ jedhi!” (Uumama 12:10-13) Abrahaam gaaffii adda taʼe akkasii kan gaafate maaliifi?
Akka qeeqxonni tokko tokko dubbatanitti, Abrahaam sobduus, sodaattuus hin turre. Saaraan dhugumaan obboleettii isaa turte. Abrahaam of eeggachuuf sababii quubsaa qaba ture. Abrahaamii fi Saaraan wanta hunda caalaa iddoo guddaan kennamuufii qabu kaayyoo Waaqayyoo sanyii addaa fi saba addaa karaa Abrahaam akka fidu dubbate akka taʼe waan beekaniif, nageenyi Abrahaam wanta iddoo guddaan kennamuuf ture. Kana malees, ragaan arkiʼooloojii akka mirkaneessutti, mootonni Gibxii bara sanaa abbootii manaa galaafatanii haadhotii manaa isaanii fudhatu turan. Kanaaf Abrahaam ogummaadhaan tarkaanfii kan fudhate siʼa taʼu, Saaraanis gad of qabuudhaan murtoo isaa deggerteetti.
Utuu baayʼee hin turin, sodaan Abrahaam sababii akka qabu ifatti mulʼateera; umurii ishii kanatti bareedina ishii isa nama naasisuu kana qondaaltonni Faraʼoon tokko tokko hubatanii turan. Haala kanaas Faraʼoonitti kan himan siʼa taʼu, innis dubartii kana gara isatti akka fidan isaan ajaje! Dhiphina Abrahaam keessa gale fi sodaa Saaraatti dhagaʼamee tilmaamuun nama rakkisa. Haa taʼu malee, Saaraan akka nama boojiʼameetti utuu hin taʼiin, akka keessummaa kabajamtuu taatetti waan simatamte fakkaata. Tarii Faraʼoon qabeenya isaatiin ishii hawwachuu fi dinqisiisuudhaan, “obboleessa” ishii amansiisee ishii fuudhuu akka dandaʼu yaadee taʼuu dandaʼa.—Uumama 12:14-16.
Saaraan fooqii masaraa mootii irra ykn karaa foddaa dhaabatte miidhagina teessuma lafaa Gibxii yeroo ishiin daawwatu yaadi. Saaraan deebite mana keenyan, baaxii qabuu fi dhangaan gaggaarii ishiidhaaf dhihaatu keessa utuu jiraatte maaltu itti dhagaʼama? Jireenya qananii fi badhaadhinaa tarii Uritti illee argitee hin beeknen ni gowwoomfamitti laata? Utuu ishiin Abrahaamiin dhiistee Faraʼoonitti heerumte Seexanni hammam akka gammaduu dandaʼu yaadi! Saaraan garuu akkas hin goone. Ishiin abbaa manaa, gaaʼelaa fi Waaqa ishiitiif amanamtuu turte. Biyya lafaa naamusaan mancaʼe kana keessatti warri gaaʼela qaban hundi utuu akka ishii amanamoo taʼanii nama gammachiisa! Ati hoo, hiriyaa gaaʼela keefis taʼe michoota kee wajjin haala wal qabateen amanamummaa Saaraan argisiiste hordofuu ni dandeessaa?
Yihowaan dhaʼicha garaa garaa Faraʼoonii fi maatii isaatti fiduudhaan dubartii jaallatamtuu kanaaf eegumsa godheera. Faraʼoon yeroo ishiin haadha manaa Abrahaam taʼuu ishii baretti, gara abbaa manaa ishiitti kan ishii deebise siʼa taʼu, maatiin isaa hundi biyya Gibxiitii gadhiisanii akka baʼan gaafateera. (Uumama 12:17-20) Abrahaam haadha manaa isaa deebisee yeroo argatutti hammam gammade laata! Jaalalaan “Ati dubartii miidhagduu akka taate beeka” ishiidhaan jechaa akka ture yaadadhu. Haa taʼu malee, wanti inni caalaatti waaʼee Saaraa dinqisiifachaa ture, miidhagina kan biraa, jechuunis miidhagina isa bakkeedhaan mulʼatu irra caalu ture. Saaraan miidhagina dhugaa keessaa, isa Yihowaan bakka guddaa kennuuf qabdi turte. (1 Pheexiros 3:1-5) Miidhaginni kun immoo miidhagina hundi keenya guddifachuu qabnu dha. Nutis qabeenyaaf utuu hin taʼin wantoota hafuuraatiif dursa yoo kennine, beekumsa waaʼee Waaqayyoo qabnu namoota kaanitti himuuf carraaqqii yoo goonee fi yeroo qorumsi nu mudatu seera naamusaa Waaqayyoo amanamummaadhaan yoo eegne, amantii Saaraan qabdu hordofuu dandeenya.
a Jalqaba irratti maqaan isaanii Abraamii fi Saaraayi ture; caalaatti kan beekaman garuu maqaa Yihowaan booda isaaniif moggaaseen ture.—Uumama 17:5, 15.
b Saaraan obboleettii Abrahaam turte. Taaraan laman isaaniitiif abbaa taʼus, haati isaanii garuu adda adda turan. (Uumama 20:12) Yeroo ammaatti gaaʼelli akkanaa fudhatama kan hin qabne taʼus, bara sana haalli isaa akka adda ture hubachuun barbaachisaa dha. Ilmaan namootaa bara sana turan, Addaamii fi Hewwaan warra mudaa hin qabne turanii fi yeroo booda mudaa godhatanitti dhihoo turan. Namoonni kun baayʼee cimoo fi fayyaa guutuu waan qabaniif, ijoolleen firoottan isaanii irra dhalatanis balaa mudaa sanyiidhaan darbu isaan irra gaʼu hin turre. Gara waggoota 400 booda garuu, umuriin namootaa umurii bara keenya jiruu wajjin wal fakkaachaa dhufe. Yeroo sanatti, Seerri Musee saalquunnamtii fira aantee gidduutti godhamaa ture dhorkeera.—Lewwoota 18:6.